cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Eebbifamtoota

Hundi Keenya Kaayyoo Tokko Ha Qabaannu ☝️Innis Wangeela 👉Wangeelli Ilma Isaa Yesus Kiristoosidha. #ሀላቺንም አንድ ጉዳይ ይኑረን #እርሱም ወንጌል። Join us @dirree_galataa

نمایش بیشتر
فنلندة2 401زبان مشخص نشده استدین و مذهبی60 427
پست‌های تبلیغاتی
693
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

نمایش همه...
XimotewosBarri hamaan utuu hin dhufin, waggoonni ati, 'Anatti hin tolan' ittiin jettus utuu hin dhi'aatin, bara dargagummaa keetti uumaa kee yaadadhu!”   Macaafa Lallabaa 12:1 Dargagummaan umurii addaati. Umurii keessatti humna qaban, kan waan hunduu keessatti gaarii namatti fakkaatu, karaa tokko bara gaarii, karaa biraas immoo bara gadheedha. Wantoonni nuti dargagummaa keenya keessatti goonu baay'een kan jireenya keenya isa bara booddee murteessanidha. Bara dargagummaa keenya kana Waaqayyos, Seexannis ni barbaadu. Eenyuuf akka kenninu garuu kan murteessu nudha. Macaafni Qulqulluun waa'ee dargagummaa yeroo dubbatu; akka inni umurii ho'aa ta'e, hawwa hamaadhaan kan guute akka ta'e akkasumas hundee jireenya keenya borii akka ta'e nuuf ibsa. Bara Dargagummaa keenya kana akkamitti jiraachuu akka qabnus nu barsiisa. Macaafni Qulqulluun Macaafa lallabaa boqonnaa 12 lakkoofsa 1 irratti "Barri hamaan utuu hin dhufiin, waggoonni ati 'Anatti hin tolan' jettus utuu hin dhiyaatiin bara dargagummaa keetti uumaa kee yaadadhu" nuun jedha. "Uumaa kee yaadadhu" yeroo jedhu sammuu kee keessatti akka inni jiru yaadadhu jechuudhaa? Waawuu akkas jechuu miti. Sababni isaa kutaa kana keessatti namni gorsa kana fudhataa jiru nama Waaqayyoon hin beekne miti. Kutaan kun "Uumaa kee yaadadhu" yeroo jedhu, ''jireenya kee keessaa umurii Barbaachisaa kanatti Waaqayyoon gammachiisi, waan itti tolu hojjedhu Waaqayyo immoo bor yeroo ati dadhabdutti bara dulluma keetti si gargaaraa" jechuudha. Bakka biratti immoo Macaafni Qulqulluu "...kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu irraa baqadhu..."(2 Ximotewos 2:22)jechuudhaan bara dargagummaatti kajeellaan foonii akka hammaatu dubbata. Dargaggoota baay'eetti umuriin dargagummaa kanuma keessatti hafan itti fakkaata. Garuu akkas miti dargagummaan umurii nuti keessatti jireenya keenya isa boriif(Isuma lafarraa jechuudha) itti bu'uura keenyudha. Murtoowwan nuti bara dargagummaa Keessatti miira ho'aadhaan Ariifannee murteessinu hedduun lafa irrattis waaqa irrattis guyyaa tokko gatii nu kaffalchiisuu danda'u. Kanaafuu Obboloota ko umurii rakkisaa akkasii kana Tasgabbiin of to'annee keessa darbuu qabna. Akka fedhaafi jaalala Waaqayyootti jiraachuun yeroo kana baay'ee nuuf barbaachisaa dha. Mee Akka barumsaaf nuuf ta'uuf seenaa Ximotewos haa ilaallu. Macaafa Qulqulluu keessatti Akkas jedhamee ibsamuu haa dhiisuyyuu malee Ximotewos seenaa keessatti "Ergamaa Ximotewos" jedhamee beekama. Ximotewos Tajaajilaa jabaa, kan Phaawuloos fi Silas waliin wangeela lallabaa turedha. Bara Aria'atamni fi hammeenyi Kiristiyaanota irra ga'uu baay'ee cimaa ture keessa Ximotewos Umurii dargagummaa isaatiin Wangeela humna guddaan lallabaa ture. Ximotewos dargaggeessa ta'uu isaan wal qabatees Phaawuloos gorsa umurii isaa kanaaf barbaachisan kennaafii ture. Akka inni Hojjetaa Gooftaa isa cimaa ta'us cimsee isa akeekkachiisaa ture. Phaawuloos fi Ximotewos  Baay'ee walitti dhiyeenya qabu turan. Yeroo umuriin isaa dabalaa deemus, Phaawuloos booddee Soortuu Waldaa Efesoon godhee isa muude.  Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamuu baatus qorattoonni seenaa, Ximotewos jaarsa waggaa 80 ta'ee yeroo turetti sirna waaqeffannaa Waaqayyittii tolfamtuu Diyaanaa Irratti Wangeela lallabuun sirni sun akka addaan citu akka godheefi sababa kanaanis Ormoonni itti aaruun Lafa irra harkisanii dhagaadhaan tumanii akka  ajjeesan ni dubbatu. Egaa Obboloota ko Ximotewos bara dargagummaa isaa irraa eegalee akkamitti akka inni Waaqayyo waliin jiraate seenaa isaa kana irraa xiqqooshee ni hubattu jedheen amana. Nutis egaa har’a bara dargagummaa keenya akkuma Ximotewos Waaqayyoon tajaajiluu fi waan gaarii hojjechuuf oolchuu qabna. Akkas yeroo goonu Bara dulluma keenyaatti, isa booddees mootummaa Waaqayyootti ulfina arganna. Yoo callisnee hojii salphinaa fi hojii biyya lafaa akkasumas kajeellaa dargagummaa isa hamaa sana waliin fiigaa dargagummaa keenyaa balleessine immoo booddee nu gabbisiisa. Kanaaf obboloota ko "Bara Dargagummaa keetti uumaa kee yaadadhu" Luqqisa jedhu kana Yaadatti qabadhaa ittiin jiraadhaa. Eebbifamaa!
نمایش همه...
Ijoollee Ifaa: XimotewosBarri hamaan utuu hin dhufin, waggoonni ati, 'Anatti hin tolan' ittiin jettus utuu hin dhi'aatin, bara dargagummaa keetti uumaa kee yaadadhu!”   Macaafa Lallabaa 12:1 Dargagummaan umurii addaati. Umurii keessatti humna qaban, kan waan hunduu keessatti gaarii namatti fakkaatu, karaa tokko bara gaarii, karaa biraas immoo bara gadheedha. Wantoonni nuti dargagummaa keenya keessatti goonu baay'een kan jireenya keenya isa bara booddee murteessanidha. Bara dargagummaa keenya kana Waaqayyos, Seexannis ni barbaadu. Eenyuuf akka kenninu garuu kan murteessu nudha. Macaafni Qulqulluun waa'ee dargagummaa yeroo dubbatu; akka inni umurii ho'aa ta'e, hawwa hamaadhaan kan guute akka ta'e akkasumas hundee jireenya keenya borii akka ta'e nuuf ibsa. Bara Dargagummaa keenya kana akkamitti jiraachuu akka qabnus nu barsiisa. Macaafni Qulqulluun Macaafa lallabaa boqonnaa 12 lakkoofsa 1 irratti "Barri hamaan utuu hin dhufiin, waggoonni ati 'Anatti hin tolan' jettus utuu hin dhiyaatiin bara dargagummaa keetti uumaa kee yaadadhu" nuun jedha. "Uumaa kee yaadadhu" yeroo jedhu sammuu kee keessatti akka inni jiru yaadadhu jechuudhaa? Waawuu akkas jechuu miti. Sababni isaa kutaa kana keessatti namni gorsa kana fudhataa jiru nama Waaqayyoon hin beekne miti. Kutaan kun "Uumaa kee yaadadhu" yeroo jedhu, ''jireenya kee keessaa umurii Barbaachisaa kanatti Waaqayyoon gammachiisi, waan itti tolu hojjedhu Waaqayyo immoo bor yeroo ati dadhabdutti bara dulluma keetti si gargaaraa" jechuudha. Bakka biratti immoo Macaafni Qulqulluu "...kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu irraa baqadhu..."(2 Ximotewos 2:22)jechuudhaan bara dargagummaatti kajeellaan foonii akka hammaatu dubbata. Dargaggoota baay'eetti umuriin dargagummaa kanuma keessatti hafan itti fakkaata. Garuu akkas miti dargagummaan umurii nuti keessatti jireenya keenya isa boriif(Isuma lafarraa jechuudha) itti bu'uura keenyudha. Murtoowwan nuti bara dargagummaa Keessatti miira ho'aadhaan Ariifannee murteessinu hedduun lafa irrattis waaqa irrattis guyyaa tokko gatii nu kaffalchiisuu danda'u. Kanaafuu Obboloota ko umurii rakkisaa akkasii kana Tasgabbiin of to'annee keessa darbuu qabna. Akka fedhaafi jaalala Waaqayyootti jiraachuun yeroo kana baay'ee nuuf barbaachisaa dha. Mee Akka barumsaaf nuuf ta'uuf seenaa Ximotewos haa ilaallu. Macaafa Qulqulluu keessatti Akkas jedhamee ibsamuu haa dhiisuyyuu malee Ximotewos seenaa keessatti "Ergamaa Ximotewos" jedhamee beekama. Ximotewos Tajaajilaa jabaa, kan Phaawuloos fi Silas waliin wangeela lallabaa turedha. Bara Aria'atamni fi hammeenyi Kiristiyaanota irra ga'uu baay'ee cimaa ture keessa Ximotewos Umurii dargagummaa isaatiin Wangeela humna guddaan lallabaa ture. Ximotewos dargaggeessa ta'uu isaan wal qabatees Phaawuloos gorsa umurii isaa kanaaf barbaachisan kennaafii ture. Akka inni Hojjetaa Gooftaa isa cimaa ta'us cimsee isa akeekkachiisaa ture. Phaawuloos fi Ximotewos  Baay'ee walitti dhiyeenya qabu turan. Yeroo umuriin isaa dabalaa deemus, Phaawuloos booddee Soortuu Waldaa Efesoon godhee isa muude.  Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamuu baatus qorattoonni seenaa, Ximotewos jaarsa waggaa 80 ta'ee yeroo turetti sirna waaqeffannaa Waaqayyittii tolfamtuu Diyaanaa Irratti Wangeela lallabuun sirni sun akka addaan citu akka godheefi sababa kanaanis Ormoonni itti aaruun Lafa irra harkisanii dhagaadhaan tumanii akka  ajjeesan ni dubbatu. Egaa Obboloota ko Ximotewos bara dargagummaa isaa irraa eegalee akkamitti akka inni Waaqayyo waliin jiraate seenaa isaa kana irraa xiqqooshee ni hubattu jedheen amana. Nutis egaa har’a bara dargagummaa keenya akkuma Ximotewos Waaqayyoon tajaajiluu fi waan gaarii hojjechuuf oolchuu qabna. Akkas yeroo goonu Bara dulluma keenyaatti, isa booddees mootummaa Waaqayyootti ulfina arganna. Yoo callisnee hojii salphinaa fi hojii biyya lafaa akkasumas kajeellaa dargagummaa isa hamaa sana waliin fiigaa dargagummaa keenyaa balleessine immoo booddee nu gabbisiisa. Kanaaf obboloota ko "Bara Dargagummaa keetti uumaa kee yaadadhu" Luqqisa jedhu kana Yaadatti qabadhaa ittiin jiraadhaa. Eebbifamaa!
نمایش همه...
#IjoolleeIfaa316
نمایش همه...
"AKKA MALEE NA JAALLATTA"
نمایش همه...
AKKA-MALEE-NA-JAALLATTAA-KEFA-MIDEKSA-KUFA-NEW-AFAAN-OROMOO-.m4a7.46 MB
Dastaa Hinsarmuu -- "Abdiin qaba
نمایش همه...
DASTAA-HINSARMUU-ABDIIN-QABA.m4a5.51 MB
Masfin Guutuu
نمایش همه...
xqtl6lzn2z6v3gg7qhyq.m4a4.58 MB
Moti-Teresa-Galata-Irratti-Galata-Live-Worship-Original-song.m4a7.15 MB
نمایش همه...
Yaadasaa Shirii - Yoom Siif Taana (128).mp36.52 MB
نمایش همه...
Yaadasaa Shirii - Yesuus Gaachana Koo (128).mp34.33 MB
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.