Al-risala-tube
رفتن به کانال در Telegram
..........╔╦╦═╦═╦═╗.....… Al-risala-tube - Gaarommina qalbii Inshaa'allaah🎙Da'awaalee fi ergaawwan miidiyaalee Islaamaa argattu. Alrisalatube.blogspot.com 📩 @qilqil_bot
نمایش بیشتر4 164
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-117 روز
-6830 روز
آرشیو پست ها
4 164
#Fazzakir - 5/Ramadan :
Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan.
Rabbiif jedhanii masjiidota ijaaruu: Namni masjiida ijaare, odoo akka mannee amallee ta’ee, Rabbiin jannata keessatti mana isaaf ijaara.
Arjoomuu: “Guyyaa gabrichi bariisifatu hunda keessa maleeykonni lama bu’anii tokko ‘yaa Allaah! Nama arjoomeef bakka buusi’ jedha. Inni tokkommoo ‘yaa Allaah! Nama dhorgate jalaa balleessi’ jedha.
Sadaqaa: “Sadaqaan qabeenya irraa hin hirdhistu; Rabbiinis gabrichaaf dhiifama gochuu isaatiinjabina malee homaa hin dabalu. Namni tokko Rabbiif gadi yoo uf qabe, Rabbiin ol isa kaasu malee hin hafu.»
4 164
#Fazzakir - 4/Ramadan :
Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan.
1 - Qaanfii : Saalfiin kheeyrii malee hin fidu.” “Saalfiin iimaana irraayi.” “Waa afur sunnaawwan ergamtootaa keessatti ramadamu. Isaanis: saalfii, shittoo dibachuu, ilkaan rigachuu fi nikaaha hidhachuudha."2- Nagaan jalqabuu : “Namni tokko gara nabiyyii(s.a.w) dhufee ‘assalaamu aleeykum’ jedhe. Nabiyyiin(s.a.w)‘kudhan’ jedhan. Ergasii kan biraa dhufee ‘assalaamu aleeykum warahmatullaah’ jedhe. Nabiyyiin (s.a.w) ‘digdama’ jedhan. Achii booda kan biraa dhufee ‘assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuhuu’ jedhe. Nabiyyiinis(s.a.w)‘soddoma’ jedhan. Kana jechuun ‘toltuu hangas argata’ jechuudha.
3- Yeroo wal argan harka wal fuudhuu : “Muslimoonni lama wal arganii yoo harka wal fuudhan addaan ba’uu isaanii dura araara argatan malee hin hafan.”
4 164
#Fazzakir - 3/Ramadan :
Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan.
Wal Caalmaa Dalagaalee፡ Qur’aana qara’uu, zikrii gochuu fi du’aa’ii fi kadhaa keessaa kamtu caala?
#Walumaa galatti qur’aana qara’uun hojii caalmaa qabu. Ergasii zikrii fi faaruu Rabbiitu itti aana. Ergasii du’aa’ii fi kadhaa Rabbiitu itti aana. Kun akka walii galaatti.Garuu yeroo tokko tokko inni gadi aanu isa caalu irra yeroo barbaachisaa ta’utu jira. Fakkeenyaf guyyaa Arafaa qur’aana qara’uu irra du’aa’ii gochutu caala. sagada waajibaa booda zikriiwwan isaaf godhaman gochuutu qur’aana qara’uu irra caalmaa qaba.
4 164
#Fazzakir - ¹/Ramadan
#Hadiisarraa jechootaa fi dalagaalee mindaa guddaa qaban.
1 - Namni guyyaa keessatti yeroo dhibba : 'Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu, lahul mulku, walahul hamdu wahuwa alaa kulli sheey'in qadiir ' jedhe.Akka nama gabra kudhan bilisoomseeti, hasanaa dhibba tokkotu isaaf katabama, dilii dhibba tokkotu irraa haqama, guyyaa sana hanga galgalaatti Shayxaana iraa haguugduu isaaf taati ; nama isarra heddummeesse jedhe malee eenyullee isa caaluu hin danda'u.
2 - Halkan mi'iraajaa yeroon gara samii ol baasifame Ibraahiimin arge, akkana naan jedhe: 'yaa Muhammad! ummata keetti nagaa koo naa himi, jannanni biyyeen isii gaarii, bishaan isii mi'aawaa, ashaakiltiin isii Subhaanallaah, walhamdu lillaah, walaa ilaaha illallaah, wallaahu akbar akka ta'e itti himi.
4 164
#Fazzakir - ¹/Ramadan
#Hadiisarraa jechootaa fi dalagaalee mindaa guddaa qaban.
1 - Namni guyyaa keessatti yeroo dhibba : 'Laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lahuu, lahul mulku, walahul hamdu wahuwa alaa kulli sheey'in qadiir ' jedhe.Akka nama gabra kudhan bilisoomseeti, hasanaa dhibba tokkotu isaaf katabama, dilii dhibba tokkotu irraa haqama, guyyaa sana hanga galgalaatti Shayxaana iraa haguugduu isaaf taati ; nama isarra heddummeesse jedhe malee eenyullee isa caaluu hin danda'u.
2 - Halkan mi'iraajaa yeroon gara samii ol baasifame Ibraahiimin arge, akkana naan jedhe: 'yaa Muhammad! ummata keetti nagaa koo naa himi, jannanni biyyeen isii gaarii, bishaan isii mi'aawaa, ashaakiltiin isii Subhaanallaah, walhamdu lillaah, walaa ilaaha illallaah, wallaahu akbar akka ta'e itti himi.
4 164
Repost from Al-risala-tube
#Soomanarraa kan beekuu qabnu.
Barruun gabaabduun dhimma soomanaa ibsitu tuni kennaa obboleeysi iimaanaa isiniif kenne.
Ramadaana hubannoon beekkumsarratti, iimaanaa fii taqwaan soomannee akka
milkiin galluuf qopheeyse.
💳 Jafar Bayan
4 164
#Soomanni Dilii irraa akkamitti nama ittisa?
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ كُتِبَ عَلَيۡكُمُ ٱلصِّيَامُYaa warra rabbitti amane, soomanuun isinirra kaayamee, yookaa wajjabe, Akka ummata isin dura dabrerrattis wajjabe, akka diliirraa dhoowwamuu barattaniif takkaa sodaa Rabbii barattaniif. #Soomanni hawwii waan hamtuu hunda namarraa deemsise balleessa. #Namni hoggaa soomanu nyaatafi, dhugaati, dubartitti ida'amuu, nama hamatuu, nama arrabsuu kana hundarraa fagaata.
#Duuba namni rabbiif jecha bishaan qabbanaayaa ifii qabu akkasuma jaarti ifirraa lubbuu ifii dhoowwuu bare, haqa namaa, waan haraam godhame dhoowwame kan lubbuun hawwitu hundarraa if dhoowwun isan dhibu.#Akkanatti soomanni lubbuu si harkatti deebisee, ati isii ajajuu malee, akka isiin sin ajajne godha, tanaaf nabi muhammad isaa dardara gorsu (yaa dardaroota yoo dandeessan fuudhaa, yoo dadhabdan soomanatti jabaadhaa soomanni lubbuu teessan hamturraa deebisaa} je'e.
4 164
#Gubbaa fi Keessaan Rabbiif gadi jechuun akkami?
قَدۡ أَفۡلَحَ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ الَّذِينَ هُمْ فِي صَلَتِهِمْ خَاشِعُونَ#Warri milkaaye, warra salaata isaani keessatti Rabbiif gad je'u, keessafii gubba'alle'een. • Salaata keessatti, qaamaan, takaayuu gubbaadhan Rabbiif gad je'uun: Adaba salaataa eeggatuu, mimil'atuu dhabuu, akka malee dhaabbatanii,akka malee taa'uu dhabuu. • Ammoo garaadhan ,takkaa keessan salaata keessatti Rabbiif gad je'uun hoggaa salaatan,qalbiidhan guddina Rabbii yaaduu, waan qara'an hunda, ma'anaa isaa gadi qabanii laalu, qalbii yaada addunya'arraa muru, salaata nama addunya'arraa dhaammatee godaanuu salaatuu. #Salaanni utuba diini, namni isii gadi dhaabe diin dhaabe, namni isii dhiise, diin diige, salaanni waan Rabbiifii gabricha isaa walitti hidhu, kan mu'mintootallee walitti hidhu.
4 164
#Breaking🚨
Bulchiinsi Bashiir Al-Asaad iffatti kufuun labsame.
Pireezidaantii Suuriyaa biyyaa baqatuufi, bulchiinsi isaanii ifatti kufuun gabaafame.Hidhattoonnii Suuriyaa Torban darbe irraa eegalee bulchiinsa Asaada kuffisuuf qindoominaan waraana gaggeessaa turuun isaani ni yaadatama. Al-risala || @risalatube #News #Syria
4 164
#Hamdii_Shukrii! Alhamdulillaah Rabbil Aalamiin."Alhamdu" jechuun arrabaan galata galchuu dha; "Shukriin" garuu arrabaan, onneeni fi qaaman galata galchuu dha. Shukriin qananii argataniif deebii kennuuf oola; hamdiin garuu odoo qananii argachuu baatanillee guddina Rabbii ibsuuf jecha qofa galanni galuufii qaba. Rabbiin (subhaanahu wa ta'aalaa) hamdii fi shukrilleen kan Isaa ti. "Rabbil aalamiin" jechuun; Arabiffaan "Rabbi" maqoota Gooftaa waan hunda uumee keessaa isa tokko. Yoo waan biraatti maxxanee dhufe malee uumamaaf ooluu hin danda'u. "Al-aalamiin" - maqaa baay'innaa kan aalam yoo ta'u, wantoota Rabbiin ala jiran hunda walitti qabata. "Aalam" kan jedhu uumamoota sammuu qaban afur jechuu ta'uu danda'a. Isaanis: ilma namaa, jinnoota, maleeykaa fi sheeyxaana.
4 164
Faatihaa : Ummul-Kitaab.
Suuraan tun "Faatihatal Kitaab" jedhamtee kan moggaafamte waan qur'aanni isiin banameefi. Isiin jalqaba waan namni qur'aana katabu kamillee barreessuuti. Jalqaba waan namni kitaaba Rabbii qara'uu fedhe tokko ittiin jalqabuu ti.
Qur'aana irraa jalqaba kan bu'e isii miti.
Maqoota heddu qabdi: "Faatihatal Kitaab, Ummul Kitaab, Sab'ul Masaanii, Suuratul Hamd, Suuratus Salaat, Alwaaqiyaa.."Suuraa Hijrii : 87 وَلَقَدْ آتَيْنَاكَ سَبْعًا مِنَ الْمَثَانِي وَالْقُرْآنَ الْعَظِيمَ Sadarkaa isii ka ilaalchisee hadiisonni heddu odeeffamanii jiru. wa Isaan gidduu:
عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيِّ، قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم: "الْحَمْدُ لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ، هِيَ السَّبْعُ الْمَثَانِي وَالْقُرْآنُ الْعَظِيمُ الَّذِي أُوتِيتُهُ" (رواه البخاري وأحمد) Ergamaan Rabbii (s.a.w) akkana jedhu:- "Faarun hundi kan Rabbiiti isiin sab'ul masaanii (torbaa lamatti qoodamtuu) fi qur'aana guddaa (Rabbiin biraa) naaf kenname." (Bukhaari fi Ahmad).
4 164
Bu’aa hojii keessanii fudhadhaa-rakkoon bu’uura; wanta danda’an erga hojjatanii booda bu’aa xumuraatti dhiphachuudha.
Dhiphinni daangaa darbe tawakkula balleessa, tasgabbii fi nageenya diiga. Dirqamni nurra jiru wanta hojjachuu dandeenyu haala hundarra gaarii ta’een hojjachudha. Kan gaddinu yoo taane immoo, dirqama nurratti kufee waan hin hojjanneef gadduu qabna. Bu’aa xumuraatti dhiphachuutti osoo hin ta’in hojii hojjachuu qabnutti xiyyeeffachu qabna.
Nama dargaggeessa fi mararfataa ta’e tokkoon wal baradhe. Kaansarii dhiigaa akka qabu inni hin beeku ture. Yaalamuuf gara hospitaala Hajetepe dhufe. Waqfi (fowundeshinii) keenya keessatti keessummaa ta’e. Barsiisummaa erga jalqabee waggaa tokko hin guunne. Mindaa waggoota baay’eef itti ifaaje argachu osoo hedu gara Aakhiraatti waan waamame fakkaata. Gaafa tokko dhiigni hatamtamaan ni barbaadama ture, anis gara hospitaalaa fiige. Guyyaa lamaan booda namni kuni akka du’e yommuu beeku guyyoota baay’eef gaddaan liqimfame. Ergasii akkana jechuun of gaafadhe: wanta hundaa akkuma jirutti dhiisee biraa akka godaanu fi imala kanaaf guyyaa hundaa qophii ta’uu akka na barbaachisuu maaliif dagadhaa? Waan kasaartaniif ykn dhabdaniif hin rifatinaa.
Guyyaa tokko wanta hundaa akkuma jirutti dhiistanii biraa hin deemtanii? Mana barnoota irraa ari’amuun garmalee isin hin gaddisiisin. Balaan ibidda tokko bakka hojii keessan gubuun yoo isin kasaarse maal gochuu dandeessuu? Addunyaan bu’aa bayii argachuu fi dhabuu keessa jiraatti. Ee gammachuu nama Aakhiratti milkaa’e! Kabaja isaa eeggachuuf daabboo isa gahu namni argachuu danda’e, kallacha isaa addeessee fi mataa isaa olqabe deemu qaba.
Waqtii badheessaa keessa osoo ganda kiyya keessatti raasaa (ooyru) boqqoolloo keessatti hojjadhu, ollaa kiyya tokkoon wal qunname. Torbaan baay’eef waan hin roobneef biqilli boqqoolloo hin guddanne. Ollaan kiyya gara samii fi gaarreeni ni ilaale. Ni dallane, jechoota babbadoo dubbate, raasaa ni haleele. Anaa sodaate dhaabbatu fuunduratti boqqollo ni ciccire, ni caccabse, raasaa ni balleesse. “Homtu yoo hin biqilin maal jedhetan carraaqaa.” jechuun iyye. Torbaan tokkoon booda roobni ni jalqabe. Boqolloonis lamu ni biqilee.
📕 : Yaadaa fi milkaa’ina
4 164
Si warra amanee, waan gaarii dalagu, Akka warra kafaree dachii balleessuti goonaa? hin goonu wal hin qixxeessinu.Nama waan gaarii dalage galata isaa kennuu, nama waan hamtuu dalage yakka itti murree qixaaxuu hin oollu. Duuba nama waan gaarii dalage, kan galata waan sanii odoon argatin du'eetu jiraa, ammas nama waan hamtuu dalage, kan odoo hin qixaaxamin du'eetu jiraa, aqliin jarri lamaan haa wal qixxaatuu jettii? Tanaaf jecha Rabbin bakka jarri lamaan itti adda bayu godhe . Sad 38:28
أَمْ نَجْعَلُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ كَٱلْمُفْسِدِينَ فِى ٱلْأَرْضِ أَمْ نَجْعَلُ ٱلْمُتَّقِينَ كَٱلْفُجَّارِSi nama Rabbii isa uume sodaatufi, kan Rabbitti kafare akka tokko goonaa? wal qixxeessinaa? wal hin qixxeessuu guyyaan namuu isa keessa jazaa waan addunya'arratti dalagee argatee hama'aafii gaarin adda fooyamu dhufuun oolu jechu. Wanni aayanni dabarte tun buutef kuffaara Makkaatu Orma Mu'minaatin nuti aakhiraatti waan isin argattan arganna jedhe hoggaa san Rabbiin wal hin qixxeessinu je'e.
4 164
Wantoota Du’aa’ii Fudhatama Dhoorgan:
Yeroo tokko tokko ilmi namaa Rabbiin kadhatee deebii dhaba; ykn deebiin isaa jalaa tura. sababaalee keessaa gariin:Waan Rabbiin malee jiru Isaa wajjin kadhachuu. Du’aa’ii keessatti addaan fooyuu: Osoo ibidda irraa qofa maganfachuun ga’aa ta’ee jiru hoo’a, dhiphinnaa fi dukkana isii irraa addaan babbaasanii Rabbitti maganfachuu Du’aa’ii muslimni karaan ala lubbuu ofii ykn nama biraa irratti kadhatu Cubbuutti ykn firummaa kutuurratti kadhachuu; Du’aa’ii fedha irratti rarraasuu: kun akka “yaa Allaah! Yoo feete naaf araarami” jechuuti Deebii daddaffii eeguu: “Rabbiin kadhee ture garuu naaf hin awwaanne” akka jechuu. Du’aa’i irraa hifachuu: kun hifatanii du’aa’ii gochuu dhiisu dha. Onnee gaflaa keessa jiruun du’aa’ii gochuu Rabbiin duratti adaba dhabuu: Waan dhumate irratti Rabbiin kadhachuu: akka duniyaa keessa yeroo hunda jiraachuu kadhachuu; Walaloon kadhachuu irratti uf dirqisiisuu. Du’aa’ii keessatti sagalee garmalee ol kaasuu.
اللهم صلي وسلم وبارك على سيدنا محمد
4 164
🌿 Eid Mubark
Baga idul adhaan isin gahe.
Kan baranaa kan bara hedduu nu haa godhu.
4 164
“• Guyyaan fuudhe(heerume) irra guyyaan caalu hin jiru.
• Guyyaan barnoota fixee eebbifame irra guyyaan caalu hin jiru
• Guyyaa ilmi naaf dhalate irra guyyaan caalu hin jiru
• Guyyaan aangoo/qabeenya argadhe irra guyyaan caalu hin jiru” jechuu dandeessa. Namuu guyyaa keessatti gammade guyyoota kaan irra caalchifata.
Ammoo addunyaan osoo afaan qabaattee dubbattee waan jattu beytuu? Guyyoota Kurnan ZulHijjaa kana guyyoota kaan irra caalchifatti. Kurnan ZulHijjaa, keessattuu guyyaa Arafaa guyyaan caalu hin jiru.
“Irra caalaan guyyoota addunyaa Kurnan ZulHijjaa kana” ja’e ergamaan Rabbii Nabi Muhammadﷺ.
Guyyoota kanniin Kheyriin dabarsi.
4 164
Baatiin Zulhijjaa Mul'attee jirti
Baatiin Zulhijjaa guyyaa harraa waan mul'atteef bor Jum'aa Zulhijjaa 1 ta'a. Haaluma kanaan harri xumura baatii Zul Qa'adaati.
Gama biraatiin Ayyaanni Iid al Adahaa kan bara kanaa gaafa zulhijjaa 10 ykn ammoo Alhadaa waxabajjii 9 bara 2016 irra oola
4 164
Repost from Al-risala-tube
🔘 Gaafiif deebii waa'ee soomana bulii 6(jahan), kan ji'a shawwaal.
――――――――――――――――――
① Hukmiin isaa maali? sunnaa jaalatamaadha.
② buliin jahan kun murtaa'aadhaa? Lakkii buliin kunniin baati shawwaal 29/30 keessaa kan inni hin soomanamne gaafa tokko jedhu sana qofa jechuunis gaafa guyyaa iidaa sana qofa malee buliiwwan hafan kaanniin keessaa jechuunis shawwaal gaafa bulii lamaffa irraa kaasee guyyaa jaha walitti aansees addaan babaasees soomuu ni danda'a. Ammoo osoo booduma iidaatii bulii jahan walitti aanan osoo somane gaariidha.
③ Namni qadaan soomana waajibaa irra jiru ajrii kana saamachuuf yoo dursa buliwwan shawwaal tana soome ni tahaa? Hin ta'u maaf jennaan jechuma rasuulaa (s.a.w) irraayyu hogga kaanu" Namni ramadana soomee ergasii shawwaal hordofsiise..." jedhan. Lammaffaa deeynii kaffaluun dirqama soomanni ramadaan deeynii rabbiiti dursa deeynii kaffalaniit sunnaa itti aansan.
④ Qadaa Soomana dirqamaatiifi soomana shawwaal guyyama tokkotti walitti qabee yoo niyyate ni ta'aa? Hin ta'u niyyaa qadaa'aa fi niyyaa sunnaa walitti qabuun.
⑤ Namni tokko erga fajriin bahee soomana shawwaal kana nan soomana jedhee yoo niyyatte akkami? Soomana sunnaa keessatti yoo namni sun waa hin nyaatin takkaa waan soomana jalaa balleessu hin raawwatin erga biiftuun baate boodas nan soomana jedhee yoo niyyatee soome rakkoo hin qabu. soomana waajibaaf ammoo niyyaan fajrii dura.
⑥Ajriin soomana bulii jahan baatii shawwaala maali? Ajrii gurguddaa qaba, isaan keessaa kan rasuulli s.a.w hadiisaan nuuf ibsan,
~kan abbaan ayyuub al ansaariin nuuf dabarseen"Ergamaan Rabbii (s.a.w) ni jedhan: "Namni Ramadaana soomee ergasii Shawwaal irraa guyyaa jaha isa hordofsiise akka waan waggaa guutuu soomee ta'a. Muslimtu gabaase.
~bakka hanqinni waajibaa keessatti jiru siif guutti: guyyaa qiyaamaa rabbiin (s.w) wanti jalqaba gabarroottan isaa hisaabuu salaata yoo salaanni wajibaa miizaana hin guutiniif malaa'ikaa isaa ajaja akka sunnaawwan isaa ilaalani bakka hanqina waajibaa sana guuttuuf.
※ mallattoo keeyriin kan kee itti fufiinsa qabaachuu fi soomanni kan kee darbees Yoo rabbiin fedhe sirraa jaalatamuu siif taati.
"Walumaa galatti soomanni bulii jahan ji'a shawwaal kan sadarkaa hedduu fi ajrii guddaa qabu waan ta'eef dhiiras ta'e dubartii namni soomanuu dandenyu haa soomannun dhaamsa keenya".
※Yaa rabbi soomanuu nuuf laaffisi, kan soomnes nurraa qeebali. Aamiin.
∴maddoota website islama kanniin daawwadha: ¹ https://mawdoo3.com/فضل_صيام_6_أيام_من_شوال
² https://binbaz.org.sa/fatwas/12637/لا-يشترط-التتابع-في-صيام-ست-شوال
4 164
Dhaamsa Iidaa Shk Amin Ibro
🍿 TvIslaamaa | YouTube link
https://youtu.be/HMnqViUZSbk
#iida Ramadaan dabrsine nu jalaa balleessu osoo hin taanee, iida sunnaa rasuulaa hordofe gaggeeffachuuf.
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
⏳ Hammi 6.9 MB
🎙 Daqiiqaa 51:47
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
