cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Focus Education Ethiopia University

نمایش بیشتر
فنلندة2 321زبان مشخص نشده استآموزش75 978
پست‌های تبلیغاتی
228
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

#Dabalataan Barattoonni %50 gadi fidan yuunivarsiitii kan hin seenne ta’uu fi dandeettii simachuu yuuniivarsiitiiwwanii ilaalcha keessa galchuun bu’uura qabxii isaaniin barattoota dabalataa simachuun haala waggaa itti aanutti yuuniivarsiitii seenuu isaan dandeessisu akka argataniif ni hojjetama jedhaniiru. Gosa Barnoota isaan dadhaban irratti yuuniversitii seenani barnoota erga baratanii booda qormaata fudhatanii yoo darban gara wagga 1ffaatti akka darban himameera. @Qarooacademy
نمایش همه...
Ministirri Barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa ibsa kennaniin dhimmoota akkamii kaasan? - Bara barnootaa 2014tti walumaa galatti barattoonni kutaa 12ffaa qormaata kanaaf galmaa’an kuma 985 fi 354 yoo ta’an, barattoonni kuma 908 fi 256 (%92.2) qormaata kanaaf dhiyaataniiru.  barattoonni kuma 77 fi 98 qormaaticha hin fudhanne jechuun ibsaniiru. - Barattoonni kuma 50 fi 170 sababa seera cabsuu, walirraa guutuu barbaaduu fi sababoota birootiin osoo hin qormaatamin hafaniiru. - Bara barnootaa 2014tti barattoonni kuma 899 fi 520 qoratamaniiru. - Saala irratti hundaa’uun qabxiin giddu galeessaa dhiirotaa %30.2 fi dubartoonni %28.09 galmeessaniiru. - Gama barnootaatiin barattoonni saayinsii uumamaa saayinsii hawaasaa caalaa qabxii gaarii kan galmeessan yoo ta’u, saayinsii uumamaatiin qabxii % 31.63 fi saayinsii hawaasaatiin qabxii % 27.79 galmeessaniiru. - Sadarkaa naannootti garaagarummaan bu'aa hin jiru, Bulchiinsi magaalaa Finfinnee, Hararii fi Dirredawaa bu'aa fooyya'aa galmeessisaniiru. - Qabxiin Olaanaan Barattoota saayinsii uumamaa dhiiraan 700 irraa Qabxii 666 fi  dubaraa irraa 650 galmeessaniiru. - Saayinsii Hawaasummaatiin 600 keessaa qabxii 524 galmeeffameera. - Barattoota qabxii olaanaa qabaniif Ministeera Barnootaatiin beekamtii fi badhaasni ni kennamaaf. @Qarooacademy
نمایش همه...
Qabxiiwwan Olaanoo hanga Yoonaa #666 Dasee #658 Finfinnee #652 ODA #650 ADM(F) #641 ODA #639 ODA #644 ODA #635 ODA Bu'aa Qormaata! Bu'aan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ifoome barattoonni fi maatiin barattootaa bu'aa qormaataa ilaalaa jiru. Qabxiin kutaa 12ffaa seensa yuunivarsiitii hanga ammaatti kan hin beeksifamne yoo ta'u, odeeffannoon akka waan qabxiin darbiinsa labsameetti miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti naanna'aa jiru soba. @qarooacademy @
نمایش همه...
#Update Bu'aan Qormaata kutaa 12ffaa halkan walakkaa irraa eegalee online irratti gadhiifama. Haaluma kanaan halkan sa'aati 5:30 irraa eegalanii ilaalun ni danda'ama. • Websitee https://eaes.edu.et/ ወይም • Ergaa Gabaabadhaa 👉6284 አጭር Registration Number isaani erguun • Telegiraamidhaan 👉 https://t.me/eaesbot ilaaluun ni danda'ama. Hubachiisa፡- • Barattoonni komii qaban Qaaman dhufuun osoo hin barbaachisin weebsitidhaan hanga gaafa Ammajjii 26/2015 qofa 👉 https://eaes.edu.et/ 'Compliant' Kan jedhu tuquun iyyachu ni danda'u. @Wu_News @Wu_News
نمایش همه...
#kutaa_12ffaa Firiin qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa karaa kamiin ilaalama? Ministeerri barnootaa karaawwan firiin qormaataa kutaa 12ffaa ittiin ilaalamu qopheessaa jira. Odeeffannoo nu qaqqabeenis firiin qormaataa sa'a ammaa kana #database irratti fe'amaa kan jiru yommuu ta'u akkuma goolabameen kan gadhiifamu ta'a. hanga yoonattis firiin barattootaa kun hin gadhiifamne. Yeroo gadhiifamus ifaan ifatti miidiyaa garaa garaa fayyadamuun ni ifooma. Barattoonni yeroo qabxiin keessan ifoomu filannoowwan armaan gadii fayyadamuun ilaaluu ni dandeessu. 1. eaes.edu.et 2. eaes.gov.et 3. eaes.et 4. result.neaea.gov.et 5. Telegram 👉 @EAESbot 6. SMS 8046 SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡MIIDIYAA📡 @ABDII_SABAA 🌐MARSAARIITII🌐 WWW.ABDIISABAA.COM
نمایش همه...
#Odeeffannoo "Yeroo gabaabaa keessatti bu'aa qormaataa ni beeksifna" - Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnootaa Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa qormaata kutaa 12ffaa marsaa 2ffaa milkiin xumuramuu beeksise. Qormaatni kun milkaa’inaan akka xumuramuuf qaamota gumaacha gaarii taasisan galateeffachuun qormaatamtootaaf bu’aa gaarii hawwaniiru. "Yeroo gabaabaa keessatti bu'aa qormaataa ni beeksifna" Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnootaa; Barattoonniis obsaan akka eeggatan ergaa dabarseera. @Qarooacademy
نمایش همه...
Ergaa barattoota keenyaa kabajamoof @Milka'aanaaf bu'aa barnoota keessaniin akka hin miidhamneef of-eeggannoo taasisuun barbaachisaadha! Rakkoo nageenyaa naannoo keenya irra bubbuluu isaa waliin walqabatee miidhamni akka waliigalaati ummata kenya irra ga'aa jiraachuu isaaf rakkoon kunis hatattamaan akka furam'ee nagaan waaraa mirkana'u qabu qaama addaa addaa irraa gaaffiin mootummaaf dhiyaatee mootummaanis xiyyeeffannoo olaanaa dhimma kanaaf kennee hojjetaa jiraachuun beekamaadha. Gabaabumaatti, mootummaan naannoos ta'e biyyoolessaa dhimmicha ilaalchisee hubannoo guutuu kan qabu ta'u isaa sirriti hubachuun gaarii ta'a. Dhimma kana haala kanaan hubattanii, barattooni keenya, keesummaa ammoo, yeroo ammaati kan barnoota yunivarsiitii barataa jirtan, guyyaa tokkoof barumsi isin darbuun, milka'iina tokkoon tokkon keessan, qormaata biyyooleessa xummura turtii yunivarsiitii irrati isiniif kennamu (exit exam, liscense share exam kkf) ilaalchisee, haala adda ta'een isin miidha waan ta'eef, osoo yeroo barnoota keessan hinqisaastan ta'ee baayyee gaarii ta'a. Booda barattoota yunivarsiitota biroo waraa barnoota isaanii sirnaan yeroo isaanii fayyadamanii barataa jiran waliin yerooma tokkotti qormaatoota biyyoolessaa kanaaf teesu waan ta'eef, kanaafuu ammumaan damaqtanii gara barnoota keessaniti hatattamaan xiyeefachuuti isiniinis, maatii keessanis, haawaasa keenyas fayyadda waan ta'eef barattoon keenya hundi keessan yeroo barnoota keessan sirriti fayyadamuuf caraaqii taasisaa jenna.. Dr Hasan Yusuf (President at Wollega University) @wu_news @wu_news
نمایش همه...
#OB #Horroo_Guduruu M/b Sad.2ffaa Shaambuu SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡MIIDIYAA📡 @ABDII_SABAA 🌐MARSAARIITII🌐 WWW.ABDIISABAA.COM 📹YOUTUBE📹 https://www.youtube.com/c/Abdii_Sabaa 📩Yaada📩 @YaadaafQeeqabot
نمایش همه...
#OB #Najjoo M/b Sad.2ffaa Alaltuu Najjoo SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡MIIDIYAA📡 @ABDII_SABAA 🌐MARSAARIITII🌐 WWW.ABDIISABAA.COM 📹YOUTUBE📹 https://www.youtube.com/c/Abdii_Sabaa 📩Yaada📩 @YaadaafQeeqabot
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
• Qormaanni bahiinsaa yeroo walfakkaatutti ji’a Waxabajjii dhufutti kennama. • Barattoonni 200,000 qormaata kana ni fudhatu. Qormaatn Bahiinsa Yunivarsitii hundaa keessatti yeroo tokkotti akka keennamu ibsameera. Qormaanni jalqabaa baatii Waxabajjii keessa erga kennamee booda qormaanni itti aanu baatii 6 booda akka kennamu ibsameera. Gama birootiin, Qormaatichi barattoota yunivarsiitii mootummaa fi dhuunfaa 200,000 ta’aniif qophaa’aa jira jedhame. "Qormaatichis 'Online' dhaan akka kennamu himameera." Ministeerri Barnootaa barattooni qormaataman sagantichaan qophaa’u qaban hubachiiseera. (Ministeera Barnootaa) @wu_news @wu_news
نمایش همه...