cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Fayyisaa Addunyaa/መድኃኔዓለም/

Channel kan keessatti barumsaa Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo barana. Doogmaa,Qannoonaa fi darba mana Amantaa sirritti haa beeknu!Gatii biyya lafaaf osoo hin taane ishee samiif haa fiignu. መንፈሳዊ ንግግሮች እንዲሁም ልዩ ልዩ ሐይማኖታዊ ትምህርቶችና መልዕክቶች ይተላለፉበታል፡፡

نمایش بیشتر
فنلندة1 055زبان مشخص نشده استدین و مذهبی16 498
پست‌های تبلیغاتی
5 685
مشترکین
+324 ساعت
+1337 روز
+81430 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

GUYYAAN KIBXATAA-TOOMAAS ✍Kibxatni ayyaana du'aa ka'uu boodaa yaadannoo duukaa bu'aan Toomaas waaqayyoon argee gooftaa koo waaqa koo jedhee dhugaa ba'e akka ta'uuf moggaafame. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos du'aa ka'ee mana cufaa keessatti duukaa bu'ootatti mul'atee nagaan isiniif haa ta'u yeroo jedhetti duukaa bu'aan kun isaan waliin hin turre.Yemmuu duukaa bu'oonni du'aa ka'uu gooftaa keenyaa itti himanis hangan ijaan argutti hin amanu jedhee ture.Kanaaf torbee isaatti gooftaan keenya bakka qulqulluun Toomaas jirutti duukaa bu'ootatti lammaffaa mul'atee nagaan isiniif haa ta'u jedhe. Qulqulluu Toomaasiinis"Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i" jedhe. Toomaasis harkasaa ilaalee, qubasaas madaa cinachasaa keessa kaa'ee  baruun gooftaakoo waaqa koo jedhee amane(Yoh20:21-30). Kanas abbooliin yemmuu hiikan Qaamasaa tuttuquusaan gooftaa koo jedhe, madaan cinaachasaa akka abiddaa isa gubnaan immoo waaqa koo jedhee amane jedhanii barsiisu. Ayyaana gaarii.❤️❤️❤️
نمایش همه...
3
Guyyaa du'aa ka'umsaa booda, Yommuu soomanii fi sagadni dhaabbatu, kadhannani dagatame, Gaafa ati kaatee du'uu jalqabne የትንሣኤ ማግሥት ጾም ስግደቱ ሲቆም ጸሎቱም ተረሳ እኛ መሞት ጀመርን አንተ ስትነሣ ዲ/ን ሄኖክ ኃይሌ
نمایش همه...
👏 6🙏 2
ቅዱስ ጎርጎርዮስ ዘኑሲስ እና ዮሐንስ ዘደማስቆ ሐዋርያው ጴጥሮስ ጌታ በዐረገ በዓመቱ (34 ዓ.ም.) ቅዱሱን እሳት በመቃብሩ ስፍራ ማየቱን ጽፈዋል። ይህ ተአምር አሁን እስካለንበት ዘመን የቀጠለ ሲሆን፣ ሁል ጊዜም በትንሣኤ በዓል ዋዜማ ቅዳሜ ቀን ይታያል። ስለዚህ የሚያስደንቅ ተአምር ብዙ የማያምኑ ሰዎች በራሳቸው መንገድ ለማጣራት ሞክረዋል። እስኪ ከእነዚህ ውስጥ አንዱን ታሪክ ላጫውታችሁ። በአንድ ወቅት እንዲህ ሆነ… ዕለቱ ቅዳሜ ጠዋት 4 ሰዓት የትንሣኤ ዋዜማ ነው። የእስራኤል አይሁድ ፖሊሶች እና የከተማዋ ከንቲባ  ይህ እሳት ይፈልቅበታል የተባለውን የጌታን መቃብር እውነትነት ማረጋገጥ ስለ ፈለጉ በውስጡ ለእሳቱ መነሣት ምክንያት የሚሆኑ ተቀጣጣይ ነገሮች ካሉ በሚል ለሁለት ሰዓታት ያህል ሦስት ጊዜ ጥብቅ ፍተሻ አደረጉ። ግን ምንም ሊያገኙ አልቻሉም። ቀጥሎም ሁለት መቃብሩን የሚጠብቁ ሙስሊሞችን በማምጣት ልክ የቀድሞዎቹ አይሁድ የጌታን መቃብር እንዳተሙ እነርሱም መቃብሩን ዘግተው በሰም እንዲያትሙት አደረጉ። ይህንም ተከትሎ በቦታው የነበሩ አረብ ክርስቲያኖች ቱርክ እስራኤልን በተቆጣጠረችበት በ13ኛው ክፍለ ዘመን ከቤተ ክርስቲያን ውጭ በየትኛውም ቦታ ቢሆን እንዳይዘምሩ የተከለከሉትን ቆየት ያለ ዝማሬ በኅብረት ከፍ ባለ ድምፅ መዘመር ጀመሩ። መዝሙሩም:- “እኛ ክርስቲያኖች ነን። ለብዙ መቶ ክፍለ ዘመናትም ክርስቲያኖች ነበርን። እስከ ዘላለምም እንዲሁ እንሆናለን፣ አሜን!” የሚል ነበር። እኩለ ቀንም ሲሆን የግሪኩና የአርሜንያው ፓትርያርክ፣ የግብፁ ሜትሮፖሊታንት እንዲሁም  ቀሳውስት እና ዲያቆናት ወደ ታተመው የክርስቶስ መቃብር መጡ። ከብዙ ጸሎት እና ምስጋናም በኋላ የታተመው የክርስቶስ መቃብር እንዲከፈት አደረጉ። ፓትርያርኩም ሞጣህቱን ብቻ አስቀርተው ከላይ የለበሱትን ልብሰ ተክህኖ በማውለቅ በክርስቶስ የዕድሜ ቁጥር ልክ ሦስት 33 ያልበሩ ሻማዎችን ይዘው ጨለማ ወደ ነበረው መቃብር ገቡ። ምእመናኑም ከውጭ ሆነው በአንድ ድምፅ ኪርዬሌይሶን (አቤቱ ይቅር በለን) እያሉ በመዘመር ይጠባበቁ ጀመር። ወደ ቅዱሱ መቃብር ገብተው የነበሩትም የግሪኩ ፓትርያርክ ያን በሰው ያልተቀጣጠለ እና የክርሰ‍ቶስን የትንሣኤ ብርሃን የሚያበሥረውን አምላካዊ እሳት ይዘው ብቅ አሉ። ይህን ጊዜ ጎልጎታ በእልልታ ተሞላች የቤተ ክርስቲያኑም ደወል በሐሴት ይደወል ጀመር። ትንሣኤከ ለእለ አመነ ብርሃነከ ፈኑ ዲቤነ እንኳን አደረሰን!!! https://youtu.be/OGyzCFZO0VY?si=2ptLkHV_WD5rYRvY ዲያቆን አቤል ካሳሁን
نمایش همه...
5
نمایش همه...
TikTok · Andualem Leta

Check out Andualem Leta’s video.

3
Gaaffii kanneen mee haa ilaallu! 1. Namoonni mirgaa fi bitaa Gooftaatti fannifaman maqaan isaanii eenyu eenyu jedhamu? ►#Deebii: Maqaa isaanii ilaalchisee barreeffamoonni garaagaraa jiru. Inni jalqabaa fi yeroo baay'ee mana kiristaanaa keenya keessatti beekamaa ta'e fi seenaa godaansa haadha keenyaa waliin wal qabatee kitaaba Raajii Maariyaam irratti barreeffameeru, inni mirgaa "Xiixoos" fi inni bitaa "Daakiriis" jedhamu. Inni biraan warri Gibtsi (Coptic) isa mirgaa "Deemaas" jedhu. Kitaaba Dhukkubbiiwwan irrattis immoo inni mirgaa "Deemaas" inni bitaa immoo "Qusxaas" akka jedhaman barreeffameera.  Walumaagalatti akkuma waliigalaatti maqaa ilaalchisee yeroo baay'ee garaagarummaawwan akkasii hedduun arguu dandeenya, kunimmoo nu aja'ibuu fi akka safartuu amantaatti fudhatamees mata duree shakkii fi falmiis ta'uu hin qabu. Sababni isaa maqaan kan nu bira gahu seenaadhaan waan ta'eef sana keessatti immoo afaan irraa gara afaaniitti hiikamuun isaa, namni tokkko maqaa garaagaraan waamamuun isaa, madda sirrii fi dhugaa ta'e fayyadamuu dhabuu fi sababoonni kana fakkaatan garaagarummaaa uumuu danda'u! Kaayyoon gaaffii kanaas yaada kanarratti hubannoo kennuuf malee namoonni kun maqaa isaanii osoo hin taane seenaa isaan waliin wal qabatutu jireenya keenyaaf faayidaa qaba.  2. Kiristoos Waaqayyodha. Waaqni immoo hin du'u, kanaaf akkamitti du'e jenna? ►#Deebii:-Kiristoos Waaqayyodha. Waaqayyo qofaas miti namadhas. Garuu Waaqayyoo fi namadha jechuu hin dandeenyu. Sababni isaa Waaqummaa fi namummaan walooman malee walitti hin makamne. Dhimmi kun bal'aa ta'us ammaaf deebii keenya qofarratti xiyyeeffanna. Kiristoos kan du'e namummaa isaatiinidha, du'uun namaaf malee Waaqayyoof hin dubbatamu waan ta'eef. Akkas yeroo jennu garuu adda baasnee namummaa isaatu du'e hin jennu, namummaa isaan du'a kan isaa taasifate jenna malee inni yoomi illee Waaqadhas namadhas. Sababni isaa Tewaahidoo booda adda bahinsi waan hin jireef. Kanaaf Waaqummaan amalummaa isaatiin hin duune foon waliin waan waloomeef du'a foonii sanas kan isaa taasifate jechuudha. Du'a kana qofa osoo hin taane gidiraawwan fannoo kami illee akkasitti hubatamuu qabu, sababni isaa namoonni tokko tokko gaafa nuti fannoorratti foon isaan gidirfame gaafa jennu, akka Waaqummaan irraa adda bahetti kan yaadan jiru. Amalli gidirfamuu kan foonii haa ta'us malee qabeenyummaan (abbummaan) isaa garuu kan lamaan isaaniiti, lamaanuu waloomaniiru waan ta'eef!  ➥Amantaa keessatti barsiisa bu'uura amantaa ta'an akkasii beekuun hunda dursuu qaba. Kana irra dabarree waan baay'ee beekuuf rakkachuun ofii kiyyoo keessa of galchuudha; akka mana hundee malee dhaabuuf yaaluutis!  3. Gannatni cufamtee Addaam erga keessaa bahee booda, yeroo gannatni deebitee fannifamuu Kiristoosiin banamtu kan dursee seene eenyu? ►#Deebii: Saamtuu isa mirgatti fannifame sanadha! (amma garuu inni tarree qulqullootaatti lakkaawama). Gannata abboonni qajeeltonni akka Abeel, Abrahaam, Nooyi, Looox, Musee fikkf umurii isaanii guutuu hawwaa turan saamtuun tokko galgala keessa dhufee isaan dursuun isaa "Ilaalchi Waaqayyoo Ilaacha keenya irraa hammam akka fagaatu namatti mul'isa". Namichi kun umuriin isaa inni Waaqayyootti amanee dabarse daqiiqaadhaan kan lakkaawamtu taatus amantiin laphee isaa garuu ajaa'iba ture. Inni kan amane bara nagaa, lallabameefii, akka raajotaas Waaqayyo waliin dubbatee, raajiiwwan inni taasisaa tures argee miti. Inni kan Gooftaatti amane yeroo itti Yihuudonni inni Waaqa miti jedhanii fannisanii fi baay'ina gidiraa irraa kan ka'e yeroo bifti isaa badee ture sanattidha. Laphee akkamiiti kun! Laphee akkasii kanaaf dhuguma Gannatni hin maluuree!? Amantii jabaa qabaachuu caalaas maaltu Waaqayyoon gammachiisa? Waa'een keenya hoo kana biratti akkamitti ilaalama laata? Warri umurii keenya guutuu barannee, garuu amatiidhaan daa'ima taane!   4. Maatiiwwan Gooftaa keenyaa keessaa yeroo inni fannoorra ture warri fannoo jala turan namoota meeqa? Eenyu eenyu isaan? ►#Deebii: Jaha (6) [Yoh 19:25; Maat. 27:56; Maarq. 15:39]
نمایش همه...
👍 2
1.Q.Yohaannis (Abbaa wangeelaa) 2. Maariyaam Haadha Gooftaa 3. Maariyaam Haadha manaa Qaloophaa 4. Maariyaam ishee Maqdallaa 5. Haadha Ilmaan Zebdiyoos [Maariyaam Baawufiliyaa] 6. Obboleettii haadha isaa [Seloomee]- Dubroo Maaryaam waliin ijoollee obbolaa lamaaniiti.  ➥Dhimma kana hunda barreessitoonni wangeelaa sadan caqasaniiru. Garuu akka kanaatti bakka tokkotti guutuu isaanii kan kaa'e hin jiru. Hunduu karaa garaagaraa ibsaniiru. Kunimmoo kan nu hubachiisu kitaaba qulqulluu gaafa dubbisnu hiika waliigalaa isaa (Universal meaning) hubachuudhaan akka ta'uu fi yaadota darbanii darbanii kan wal falleessan fakkaatan kanas immoo wal simsiisuudhaan ta'uu qaba. Kanaafidha nutis yeroo hundaa kitaaba qulqulluu akkaataa manni kiristaanaa isheen kitaabichuma nuuf kennite dubbistuu fi hiiktutti haa fayyadamnu malee yaada mataa keenyaan akka hin gaggeeffamne kan jennuuf! 5. Gooftaan gaafa fooniif lubbuun isaa adda bahu kabajamaa foon isaa awwaalan. Kabajamtuu lubbuun Isaa hoo garam deemte? Waaqummaan isaa akkam ta'e, lubbuu waliin moo foon waliin ture? ►#Deebii: Fannoo irratti sa'atii sagalitti Gooftaan eeyyamuma isaatiin foonii fi lubbuun isaa adda baheera. Qaama lubbuutiin gara Si'ool deeme, qaama Fooniin immoo awwaalame. Yeroo kana Waaqummaan isaa akkam ta'e kan jedhuuf Waaqummaan kan hiramuu fi bakki isa daangessu waan hin taaneef Lubbuu isaa waliinis Foon isaa waliinis ni ture. Lubbuu Isaan humna waaqummaa isaatiin hidhaa si'oolirraa lubbuuwwan hiike, Foon isaan humna Waaqummaa isaatiin guyyaa sadaffaatti du'e mo'ee ka'e! Waaqummaan kan hin awwaalamne ta'us foon waan uffateeruuf awwaalamuu qabeenya isaa godhate. Fakkeenya abbootiin ittin barsiisan tokko siniif kaasa; fakkeenyaaf, muka ifti aduu irratti bahu tokko yoo qottoodhaan qirixne mukichi lamatti baha. Ifni aduu sun garuu lamatti hin hiramu. Mukichi fakkeenya Fooniif lubbuuti, ifni aduu sun immoo fakkeenya Waaqummaati.  6. Namichi cinaacha Gooftaa waraane eenyu ture? Osoo inni lubbuun jiruu moo erga Inni du'ee waraane? ►#Deebii: Akkuma Yohaannis, "Gara Iyyesuus dhufanii, kanaan dura du'uu isaa yommuu argan garuu miilla isaa hin cabsine.Haa ta'u iyyuu malee, warra loltuu keessaa inni tokko eeboodhaan cinaacha isaa waraannaan, yommusuma dhiignii fi bishaan keessaa lola'e. (Yoh.19: 34) jedhu maqaa loltuu kanaa hiikni kitaaba qulqulluu "Leenginoos" jedha. Nuyis har'a bishaan cinaachaa kanaan cuuphamnee mucummaa arganna, dhiiga isaa kanas dhugnee haqama cubbuu fi humna afuurummaa itti arganna.  Obboloonni deebii deebisuun hirmaannaa taasistan Waaqayyo isin haa eebbisu. Deebii kanarraa akka waa barattan abdii qabna!  "Waaqayyo isa yeroo hundumaa karaa Kiristoos akka warra mo'ee duulaa galuutti nu adeemsisuuf, Kiristoosin beekuus akka foolii urgaa'uutti harka keenyaan iddoo hundumaan isa ga'uuf galanni haa ta'u." (2 Qor. 2: 14)!
نمایش همه...
10👍 1
❤️Ortodoksii Tewaahidoon deebii qabdi yoo jennu afaan guutnee dubbannaa!Ortodoksii Tewaahidoon jireenyaa bara baraaf nu qopheessitti!Ayyaana Gaarii!!!
نمایش همه...
GUYYAA SADAFFAA❓ ✍Kiristoos guyyaa sadii fi halkan sadii booda ka'e jedhamee yammuu barsiifamu hedduu keenyaaf ifa hin ta'u! Guyyyaa sadii booda ka'uun isaa duruma iyyuu raajotaan dubbatameera. Akkasumma gooftaanillee ofuma isaa dubbateera! Amma kan nama gaafachiisu akkamitti guyyaa sadi guuta kan jedhu malee gooftaan gooftaan kan ka'e guyyaa sadaffaattidha ykn miti kan jedhu miti. Kanas abbooliin karaa sadii akka lakkaa'mu ni barsiisu! #1.Gooftaan kan awwaalame Jimaata sa'atii 11:00 ttidha. Guyyaan halkan waliin akkasuma halkan guyyaa waliin lakkaa'ama akkuma jedhu,saa'atiin tokko kan jimaataa (11-12) tti jiru sun sa'atii 23n darban waliin lakkaa'ama. Haala kanaanis 👉Kamisa galgala kan jimaatatti barii'u- halkan 1ffaa 👉Jimaata guyyaa -guyyaa 1ffaa 👉Jimaata galgala kan Qidaameetti barii'u-halkan 2ffaa 👉Qidaamee guyyaa-guyyaa 2ffaa 👉Sanbata galgala-halkan 3ffaa 👉Sanbata guyyaa-guyyaa 3ffaa /halkan guyyaa waliin waan lakkaa'amuuf/ #2. Garaa duukaa bu'ootaa akka awwaalchaatti lakkaa'uun:- kunis gooftaan guyyaa kamisaa galgala duukaa bu'oota isaatiin "kunoo foon koo isa dhugaa, ......dhiiga koo isa dhugaa..../ jechuun Qurbaana kakuu haaraa hundeessuun Qulqulluu foonsaa fi kabajamaa dhiigasaa isaaniif kenneera. Kanaafuu kamisa galgalaa kaasee hanga sanbata guyyaatti haaluma 1ffaarratti ibsameen lakkaa'ma. #3. Jimaatni guyyaan halkanii fi guyyaa ta'ee ooleera. Kunis: 👉Yammuu gooftaan fannoorra turetti jechuunis 6:00-9:00tti guyyaan dukkanaa'ee ture. Kunis akka halkan 1ffaatti 👉Jimaata 9:00-12:00tti guyyaa 1ffaa 👉Kana booda Qidaamee fi sanbatni halkanii fi guyyaatiin lakkaa'amu. ✍#Walumaagalatti karaa adda addaan haa lakkaa'amu iyyuu malee hunduu guyyaa sadii fi halkan sadii dhufu. Kunis #Jimaata, #Qidaamee fi #Sanbata Halkanii fi guyyaan isaanii lakkaa'amnii jechuudha.
نمایش همه...
👍 2👎 1
CE'UU (MAA'IDOOT) ማዕዶት ✍Maa'idoot jechuun jechi isaa jecha Gi'iizii yoo ta'u hiikni isaa immoo "ce'e, ce'uu, ce'umsa" jechuu dha. Bu'uura madda kana irratti hundaa'uudhaan "Ce'e(መሻገር) bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.Akkuma beekamu gaafa ayyaana faasikaa kan yaadatamuu qaban baay'ee isaaniitu jiru. Haa ta'u malee gaafa guyyaa faasikaa waa'ee tokkoo tokkoo isaanii dubbachudhaaf waa'ee isaanii keessattis immoo Iyyasuus Kiristoos isa fannifame lallabuudhaaf akkuma Qulqullichi Phaawuloos “...Waa'ee Gidewoon, Baaraaq, Siimson, Yiftaa, Daawit, Saamu'el akkasumas waa'ee raajotaa isinitti odeessuuf immoo yeroon ana hin ga'u’’. (Ibro11፡32) jedhee dubbate sana guyyaa tokkittii keessatti waan kana hundumaa ibsuudhaf yeroon hin ga'u. Kanaafuu manni amantaa keenya seenaan kun hundumtuu akka ukkaamamee hin hafneef jecha seenaa kana hundumaa keessattis ammoo Kiristoosiin lallabuudhaaf guyyoota faasikaadhaa booda jiran hundumaa maqaa itti moggaaftee nu barsiifti. MAA'IDOOT = Wiixata TOOMAAS = Kibxata ALAAZAAR = Roobii ADDAAM = Kamisa Qulqulleetti Mana Kiristaanaa = Jimaata KIDDUSAATAANIST= Dubartootaa Qulqulluu = Sanbataa DAAGMAAY TINSAA'EE(Du'aa ka'uu 2ffaa) = Dilbata jechuudhaan hojii Gooftaa ittiin ibsiti. Kanaafuu guyyaan faasikaatti aanee kan jiru Wiixatni MAA'IDOOT jedhama. ✍MAA'IDOOT jechuun akkuma armaan oliitti ibsuuf yaalle CE'UU jechuudha. Guyyaan kunis ayyaanni faasikaa kabajamee oolee erga buleen booda gaafa guyyaa wixataa kan yaadatamee ooludha. ✔️Kutaa inni jalqabaa ce'umsa fakkeenyawaa (ምሳሌያዊ መሻገር) ce'uumsa yeroo kan jedhuu ta'a. Kunis uummanni Israa'eel garbummaa biyya Gibxii jalatti waggaa 430 erga turanii booda Waaqayyo raajaa musee kaasee, dhiphuu, gidiraa fi gabrummaa lafa Gibxii jalaa isaan baasuuf akka ajajee fi innis ajaja sana fudhatee fedha waaqayyoon walabummaa isaanii kan of keessatti qabatuu dha. Waaqni abbaa dhiphuu fi gidiraa uummata Israa'eel irra ga'u jalaa akka ba'aanif Musee gargaaree yeroo isaan aduun miidhaman duumessa gaddisiisee, yeroo isaan dheebotan kattaa keessaa bishaan burqisiisuun obaasee, yeroo galaanni itti guute ulee Museedhan raajii hojjete bishaan akka gimbiitti dhaabee isaan ceesisuu isaa yaadachuun ce'uumsa jedhamee moggaafame. ✔️Kutaan inni 2ffaa immoo guyyaa fayyisaan keenya, qoricha keenya kan ta'e Iyyasuus Kiristoos 👉 Dukkana keessaa gara ifatti 👉 Du'a irraa gara jireenyaatti 👉Si'ool irraa gara Jannataatti 👉Abaarsa irraa gara eebbaatti 👉Salphina irraa gara ulfinaatti 👉Garbummaa irraa gara bilisummaatti 👉Gadda irraa gara gammachuutti.. Ce'uu keenya yaadachaa Waaqa oolmaa kana hundumaa nuuf oole kan ittiin lallabnuudha.Inni rakkina keenyaf furmaatadha.Inni dadhabbii keenyaf humnadha.Inni dhukkubbii keenyaf qorichadha. Inni gaaffii keenyaf deebiidha.Inni jireenya keenyaaf bu'uuradha.Inni eenyummaa keenyaf miidhaginadha. Kanaafuu isaatiin du'a irraa gara jireenyaatti ce'uu keenya waan beeknuuf guyyaa kana MAA'IDOOT jennee guyyaa ce'uumsa keenyaa sana ittiin yaadachaa Waaqa nu ceesise kanas (HADDAAFEE NEFS ) jennee gochaa(hojii) isaa ittiin dhugaa baana. 1Yoh 3፡14 “HADDAAFEE NEFS’’ jechuun CEESISAA LUBBUU jechuudha. Ceesisaan lubbuu keenyaa kunis fayyisaa keenya, qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos dha. Egaa amantaan keenya Ortodoksii Tawaahidoon tokkummaa namoota ce'aniiti. Kanaafuu namni du'a irraa gara jireenyatti ce'e hin sodaatu waan ta'eef bara jireenya keessan keessanitti sodaatiinaa!. Namni raafama du'a jala ce'e hin raafamu hin raafamiinaa!. Namni yaaddoo du'aa jala ce'e hin yaada'u hin yaadda'iinaa!. 1Tas 5:25.
نمایش همه...
👍 5 4💯 3
Barreeffamaa gadii isini lakkiisu?Namoonni barbaadaani mallattoo👍 xuqaa!
نمایش همه...
👍 23 5🥰 2