fa
Feedback
Gali Ababor Official

Gali Ababor Official

رفتن به کانال در Telegram

Hubannoo sirrii uumuuf

نمایش بیشتر

📈 تحلیل کانال تلگرام Gali Ababor Official

کانال Gali Ababor Official (@glababor) بازیگری فعال است. در حال حاضر جامعه شامل 10 207 مشترک است و جایگاه 8 910 را در دسته دین و مذهبی و رتبه 415 را در منطقه فنلندة دارد.

📊 شاخص‌های مخاطب و پویایی

از زمان ایجاد در невідомо، پروژه رشد سریعی داشته و 10 207 مشترک جذب کرده است.

بر اساس آخرین داده‌ها در تاریخ 10 سپتامبر, 2026، کانال فعالیت پایداری دارد. در ۳۰ روز گذشته تغییر اعضا برابر 53 و در ۲۴ ساعت گذشته برابر 6 بوده و همچنان دسترسی گسترده‌ای حفظ شده است.

  • وضعیت تأیید: تأیید نشده
  • نرخ تعامل (ER): میانگین تعامل مخاطب 25.38% است و در ۲۴ ساعت نخست پس از انتشار، محتوا معمولاً 6.13% واکنش نسبت به کل مشترکان کسب می‌کند.
  • دسترسی پست‌ها: هر پست به طور میانگین 0 بازدید دریافت می‌کند. در اولین روز معمولاً 626 بازدید جمع‌آوری می‌شود.
  • واکنش‌ها و تعامل: مخاطبان به‌طور فعال حمایت می‌کنند؛ میانگین واکنش به هر پست 0 است.

📝 توضیح و سیاست محتوایی

نویسنده این فضا را محل بیان دیدگاه‌های شخصی توصیف می‌کند:
Hubannoo sirrii uumuuf

به لطف به‌روزرسانی‌های پرتکرار (آخرین داده در تاریخ 11 سپتامبر, 2026)، کانال همواره به‌روز و دارای دسترسی بالاست. تحلیل‌ها نشان می‌دهد مخاطبان به‌طور فعال با محتوا تعامل دارند و آن را به نقطه اثرگذاری مهم در دسته دین و مذهبی تبدیل کرده‌اند.

10 207
مشترکین
+624 ساعت
+127 روز
+5330 روز
آرشیو پست ها
Jum'aa har'aa galgala yoo Rabbiin jedhe, sa'aa 2:30 irratti Sheekha keenyatti haa birmannu. https://s.imoim.net/JC2PM @@@@@@@@@@ Sheekhni dhukkuba ulfaataa dhukkubsatanii hospitaala hedduutti ilaalamanii amma Finfinnee Lancet Hospital keessatti operation godhamanii jiru. Waan muramee keessaa ba'e asitti gadhiisuu mitii ofiifuu ilaaluu nin sodaadhe. Miidhama guddaatu irra ga'e. Nama waggaa 23 ol kitaabolee akka Sahiiha Bukhaarii, Muslim, Abuu Daawud, Nasaa'ii, Tirmizii, Ibn Maajaah qaraasisaa turan. Darasoota kumaatamatu bira turan. Ummata ballaas ijaaranii diinii barsiisaa turan. Amma lubbuu isaanii hambisuun dirqama keenya. Kanaafuu Liinkii kanaan seenaatii galgala bakka sheekholeen akka Sheik Alii Jimmaa, Sheik Nasir Abdurrahmaan, Sheyk Awwal Abbaaboor,.... jiranitti du'aa'ii godhaa gargaarsa haa goonuuf.

MUNSHID NAASIR K BO MSTR FULL.mp383.97 MB

As wr wb *** Galmeen Dippiloomaa Tafsiiraa Qur'aanaa Roobii borii xumurama Inshaa Allaah. Galmaa'uuf Liinkii kana seenaa: https://t.me/markazibnabbas Ykn bilbila 0952418212 teleg ta'us ibsa gaafadhaa.

As wr wb *:** Guyyaa borii/Dilbata irraa kaafnee hanga darsii dippiloomaa tafsiiraa isa idilee jalqabnutti Tafsiira Suurat Alkahf kan qaraanee xumurru ta'a Inshaa Allaah. Warri hin galmaa'in Liinkii armaan gadii seenaatii odeeffannoo guutuu argadhaa galmaa'aa. https://t.me/markazibnabbas/894

Barnoota Dippiloomaa Tafsiira Qur'aanaa galmooftaniittuu? Guyyaa 5 qofatu hafe. **** https://t.me/markazibnabbas/815 Ibn Abbaas Akkaadiimiin online irratti sagantaa barumsa Dippiloomaa Tafsiiraa semisteera tokkoof barsiisee xumureera. Ammas Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa online Afaan Oromootiin marsaa Lammaffaaf barsiisuuf galmee eegalee jira. Barumsi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Shawwaal 23 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa. Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadiiti: **** 1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu, 2. Aqiidaa, 3. Usuul Attafsiir, 4. Fiqhii, 5. Hadiisa, 6. Tarbiyaa, 7. Siiraa fi 8. Lughaa hammata. Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a. Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman: ** . Qur’aanaa Ilaalchaan qara’anii xumuruu, . Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu, . Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu, . Sagantaa barnootaa irratti argamuu danda’uu. Wantoota galmeef barbaachisan **** 1. Email mataa keessanii banachuu 2. Foormii guutuu 3. Kafaltii dhaabbatichaaf barbaachisu kafaluu. Liinkii Unka Galmee (IAA) marsaa 2ffaa https://forms.gle/UoEhFHPBxnNy8CsF8 Odeeffannoo dabalataatiif https://t.me/markazibnabbas/815 seenaa. Ykn lak. +251913819109, 0952418212 dubbisaa.

السلام عليكم ورحمة الله Darsii Usuul Attafsiir kan Ibn Useymiin Kibxata ganama jalqabna Inshaa Allaah. Ganama sa'aa 12:00 qophaa'aa. https://t.me/markazibnabbas/819

Yeroo jireenya namaa kijibaan barbadeessite hidaan isaa dachaadhaan siif kafalamaa eeggadhu jedhan.

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته Beeksisa Galmee Dippiloomaa Tafsiira Qur'aanaa **** https://t.me/markazibnabbas/815 Ibn Abbaas Akkaadiimiin online irratti sagantaa barumsa Dippiloomaa Tafsiiraa semisteera tokkoof barsiisee xumureera. Ammas Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa online Afaan Oromootiin marsaa Lammaffaaf barsiisuuf galmee eegalee jira. Barumsi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Shawwaal 23 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa. Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadiiti: **** 1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu, 2. Aqiidaa, 3. Usuul Attafsiir, 4. Fiqhii, 5. Hadiisa, 6. Tarbiyaa, 7. Siiraa fi 8. Lughaa hammata. Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a. Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman: ** . Qur’aanaa Ilaalchaan qara’anii xumuruu, . Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu, . Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu, . Sagantaa barnootaa irratti argamuu danda’uu. Wantoota galmeef barbaachisan **** 1. Email mataa keessanii banachuu 2. Foormii guutuu 3. Kafaltii dhaabbatichaaf barbaachisu kafaluu. Liinkii Unka Galmee (IAA) marsaa 2ffaa https://forms.gle/UoEhFHPBxnNy8CsF8 Odeeffannoo dabalataatiif https://t.me/markazibnabbas/815 seenaa. Ykn lak. +251913819109, 0952418212 dubbisaa.

Erga waggaa shan achi turanii bara 1892 Geeraatti deebifamanii Abbaa Magaal xinnaa jedhamanii mootii godhamanii bulchan. Abbaan Magaal lammaffaa kun osoo baay’ee hin bulchin umrii isaanii waggaa soddomatti du’an. Sana booda ilma isaanii A/Bogiboo A/Magaaltu bakka bu’an. Isaanis xaaliyaaniin baatee ji’a lama ykn sadii keessa du’an. Sana booda obboleessa isaanii A/Boor A/Magaaltu aangoo qabate. Yeroo Xaaliyaaniin seentu lolli cimaan Arbanyaafi ummata Geeraa jidduutti geggeeffameera. Seenaan isaa kan armaan gadiiti: Bara 1936 yeroo Xaaliyaaniin biyya kana seentu fincilli adda addaa naannoo irraa Abbaa Joobir Guumaatti ka’ee ture. Yeroo kana Abbaan Joobir gara Naqamtee deemanii xaaliyanii fuudhanii wajjin Jimmaan dhufan. Raas Immiruun kan Iluu Abbaa Boor bulchaa ture baqatee loltoota isaa fudhatee gara Finfinnee deemaa ture. Raas Immiruun ogga Abbaan Joobir Xaaliyaanii wajjin Jimmaan dhufuu dhaga’u isa sila Toobbaan darbee kallattii Aggaarootiin deemaaru ol deebi’ee Bashaashaa mana Giraazmaach A/Saambii bule. Abbaan Joobir immoo isa hordofuu dhufanii Aggaaroo bulan. Boromtonuu Immiruun Geeraa dhaqqabee bule. Abbaan Joobir immoo Bashaashaa mana Dajjaazmaach A/Saambii dhaqqabanii bulan. Yeroo sanatti lolli guddaan waraana Immiruu irratti baname. Geeraaniifi Abbaan Joobir Guumaa waliin ta’anii loltoota Immiruu rukutan. Innis bara 1936 ture. Loltoonni Immiruu baay’een ajjeefamanii warri hafan gabroota godhamanii gurguraman. Immiruunis lolicha irratti ajjeefame. A/Dikoo Maleykaa kan jedhamu goota yeroo sana weerartoota Naf*xanyaa baay’ee galaafateedha. Qubni harkaa sadan isa irraas murumee ture. Masaraan mootolee Geeraa kan hundaatuu bakka “Caallaa Guddaa” jedhamu ture. Bakkichi yeroo ammaa aanaa Geeraa ganda Ganjii Caallaa jedhamu keessatti argama. Akka manguddoonni natti himanitti yeroo ammaa bosonni irra garagalee argama. Damma, Buna, Bosona Geeraafi Xabala isaa ilaalaa, dammaafi buna isaa immoo suuraa naaf ergaa.

Carraa eebba haafizoota Aanaa Geeraatiin wal qabsiifnee seenaa Geeraa irraa wal hayaadachiifnu Mootummaan Geeraa mootummoota Shanan Gibee Keessaa isa tokko. ******* Mootoleen dabareedhaan Geeraa bulchaa turan kanneen armaan gadiiti: Gunjii (....-1835) Tulluu Gunjii [1835-1838] A/Boosoo Tulluu [1838 keessa qofa] A/Raagoo Tulluu [1838-1848] A/Magaal A/Raagoo [1848-1866] A/Raagoo A/Magaal [1866-1875] Gennee Dagooyyee (Guumayittii)[1875-1887] A/Magaal Lammaffaa bara 1892 booda ture. Manguddoonni ani dubbise hunduu bu’uura mootummaa Geeraa kan kaa’e nama Gunjii jedhamu akka ta’e natti himan. Gunjiin mootii Geeraa jalqabaa ture. Akka Muhammad Hasan ibsetti inni hogganaa cimaa, kan ummata isaa to’ateefi diinarraa tikseedha. Garuu dafee bara 1835tti du’ee ilmi isaa Tulluu Gunjii jedhamu bakka isaa bu’e. Akka odeeffannoo afaaniitti Tulluun nama cimaa, siyaasa danda’u, lolaan beekamuufi bulchiinsa danda’u ture. Tulluun ummata Geeraatiin walii galtee gaarii qaba ture. Akkasumas naannoo Gibee keessatti beekamaadha. Ummata isaatiin walii galuun ollaatti akka baballatu isa deeggaree ture. Akka jedhamutti Kafaa, Gommaafi Guumaatti duulee ture. Keessumaa hariiroon inni mootii Guumaa Oonchoo Jiilchaatiin qabu hamaa ture. Wal dhabbiin isaanii cimuu irraa kan ka’e Oonchoon nama biraa taayitaa irra kaa’uu fedha ture. Akka Obbo Fariid jedhanitti Tulluun mootii Guumayiin wal dhabbii cimaa qaba ture. Mootiin Guumaa mana isaatti qabee akka ajjeese dubbatan. Erga Tulluun ajjeefamee ilma isaa Abbaa Boosootu mootii ta’e. Garuu Abbaan Boosoo ummata Geeraatiin walii galtee hin qabu ture. Yeroo gabaabaa qofa turee naannoo bara 1838 obboleessi isaa Abbaan Raagoo bakka bu’ee inni gara Jimmaatti ari’ame. Abbaan Raagoo guddaan naannoo bara 1848 du’anii ilmi isaanii Abbaa Magaal guddaan bakka bu’an. ★ Abbaan Magaal seenaa mootummaa Geeraa keessatti jijjiirama guddaa fidan. Namni Geeraa keessa bosona dhaabsise Abbaa Magaal ture. Isaaniin dura Geeraa bosona hin qabu ture. Akkasumas mootiin amantii Islaamaa amantii mootii Geeraa godhe Abbaa Magaal tokkoffaa ture. Daldala irrattis baay’ee hojjataa turan. Daldala karaa dheeraa irratti shittoo, ixaana, ilka arbaafi kkf akka daldalamu godhaa turan. Daldala karaa dheeraa Boongaa ka’ee giddu gala bahaa ga’u irratti hirmaachisaa turan. Abbaan Magaal Islaamummaa irratti baay’ee cimaa turan. Abbaa Bogiboo Limmuutiin wal gargaaranii amanticha babal'isaa turan. Akka manguddoon naan jedhanitti Abbaan Magaal mootii Guumaa Abbaa Duulaa xinnaanis walii galanii Islaama babal’isuuf qabsaa’aa turan. Mootittiin Geeraa [haati manaa Abbaa Magaal gosti Dagooyyee] Qur’aana dhibbaatama bittee namootaaf qooduudhaan beekamti ture. Gennee Guumayittiin kun ofii isiitiifis Qur’aana qaraateetti. Erga Abbaan Magaal du’anii ilma isaanii A/Raagoo xinnaatu bakka bu’e. Isaanis waanuma Abbaan hojjataa turan itti fufsiisan. Itti fufanii bosona sirriitti kunuunsan. Islaamummaas ni jabeessan. Abbaa Duulaa Guumaa wajjin ta’anii Islaamummaa babal’isuuf baay’ee qabsaa’an. Daldallis jabaatee itti fufe. Abbaan Raagoo xinnaan osoo haala kanaan bulchanii du’an. Yeroo isaan du’an ilmi isaanii daa’ima waan ta’aniif haadha Abbaa Raagootu aangoo fudhatan jedhama. Haati Abbaa Raagoo kun ilma Abbaa Raagoo daa’ima ture guddisaa aangoo baadhatan. Haati Abbaa Raagoo Gennee Dagooyyittii ykn Gennee Guumayittii jedhamu. Isaan kanatu Qur’aana bitanii ummataaf qoodaa turan. Osoo Genneen bulchaa jiranii bara 1887 waraanni Minilik kallatti Gommaa irraan seenee Geeraa weerare. Waraana Minilik kan hogganee dhufe Bashaa Abbooyyee ture. Bakka Andaraacha jedhamutti waraanni guddaan jidduu Geeraafi waraana Minilikitti geggeeffame. Yeroo jalqabaaf ummanni Geeraa waraana Minilik injifatee deebise. Marsaa lammaffaa irratti injifataman. Lolicha keessatti kallattii lamaan irraayyuu namni baay’een ajjeefameera. Waraanni Minilik erga biyyattii qabatee Gennee qabee hidhe. Genneen osoo mana hidhaa jiranii akka du’an himama. Naf*xanyoonni ilma A/Raagoo daa’ima ture fuudhanii Naqamteen geessan.

photo content
+4

Alhamdu Lillaah.

الحمد لله أولا وآخرا Faaruun kan Rabbii jalqabnee nu xumursiseeti.
+1
الحمد لله أولا وآخرا Faaruun kan Rabbii jalqabnee nu xumursiseeti.

Barbaachisummaa seenaa Nabiyyii (saw) ****** 1. Seenaan Nabiyyii (saw) jireenya Muslimaatiif madaala jiruufi jireenyaa guddaadha. Hojiin adeemsa isaaniitiin wal gale sirriidha Rabbiin biratti qeebaltiis argata. Hojiin adeemsa isaanii faallesse dogoggora; qeebaltiis Rabbiin biraa hin argatu. 2. Seenaan Nabiyyii (saw) modeela bareedaa, fakkeenyummaa filatamaa fuuldura kee dhaaba. Modeelli hunda caalu Nabi Muhammadi (saw). Kanaafuu Rabbiin isaan hordofuutti ajaje. Rabbiin ni jedhe: "Dhugumatti, nama Rabbiifi guyyaa aakhiraa kajeeluufi Rabbiin baay'inaan yaadateef ergamaa Rabbii keessatti hidhannoo gaariitu jiraaf." (Ahzaab: 21) 3. Seenaa Nabiyyii (saw) qorachuudhaan jaalalli isaanii siif dabala. Kunis kan ta'u aarsaa isaan haqaaf kafalan yeroo bartu, jaalala isaan siif qaban, gaarummaa isaanii ogga agartu jaalala guddaa dabalattaaf. 4. Seenaa Ergamaa Rabbii (saw) qorachuudhaan Qur'aana Rabbii sirriitti hubachuufi ittiin hojjachuu dandeessa. Sababnis amalli isaanii Qur'aana ture. Jireenyi isaanii guutuun Qur'aana hojiin agarsiisuu ture. 5. Sammuun keenya oduu hin barbaachifne, sheekkoofi mammaaksaan guutamuu irra seenaa Nabiyyiitiin (saw) guutamuun bu'aa guddaa qaba. Keessumaa daa'imman akka seenaan Nabiyyii (saw) sammuu isaanii keessatti bakka qabatu gochuun kallattii guddaa itti agarsiisa. 6. Walumaa galatti seenaa Nabiyyii (saw) hubachuu keessa Amantii Islaamaa guutummaan hubachuutu jira. Aqiidaan, ibaadaan, fiqhiin isa keessa jira. Kanaafuu baranne itti haa fayyadamnu. Yaa rabbi nama sunnaa isaanii hordofu, seenaa isaanii baratee barsiisu nu godhi.

Obboleessi keenya Nabaanii Shaafii Barreessaan Kitaaba "Seenaa Gootota Shanan Gibee" Kitaaba haaraa "Dhaamsa Dhaamolee" jedhu
Obboleessi keenya Nabaanii Shaafii Barreessaan Kitaaba "Seenaa Gootota Shanan Gibee" Kitaaba haaraa "Dhaamsa Dhaamolee" jedhu qabatee dhufeera. Kitaabni "Dhaamsa Dhaamolee" akkuma maqaa isaa "Dhaamsa Qabsaa'ota Oromooti". Seenaa Qabsaa'ota kaleessaa bu'uura godhachuudhaan rakkoo yeroo ammaa dhaloota qoraa jiru dhibee Gandummaa (Racism) kaansarii dhalootaa akka ta'e baldhinaan kaasaa furmaatas kaa'a. Dhaloonni gaaddisa seenaa Gootota ofii jalatti ijaaramuu akka qabu dhaama. Muldhata gaarii akka qabaannu nu akeeka. Qabsoo goonu mara keessatti seenaa gootota kaleessaa fakkeenya godhachuu akka qabnu nuuf dhaama. Kitaabni kun dubbisuuf kana nama hin nuffisiifne fuula 95 qofa, Mata duree 15 garaagaraa qaba. Kitaabichi biyya keessatti: Finfinnee Awutobistaraa ~Mana Kitaabaa Elellee 0912365502 ~Mana Kitaabaa Shawaa 0922490450 Finfinnee Jamoo 1ffaa ~Mana Kitaabaa Iluu 0910819409 Finfinnee Meeksikoo ~Mana Kitaabaa Jaafar 091112 5324 Jimmaa ~Mana Kitaabaa Gaalii 0936149292 ~Mana Kitaabaa Haafiz 0944473834

Warra Ibsa Barbaaddaniif Yeroo ammaa baay'inaan dubartoota hijaaba uffatan, dhiira masjiidatti deddeebi'u, kan mallattoon Islaamaa irraa mul'atuun "sobduudha, nama gowwoomsuuf akkas godhatu, hijaaba keessa dhokatanii waa heddu balleessuuf..." kan jedhu ogga dhageessu, faallaa kanaa immoo warra salaata hin jabeessine, kan mallattooleen Islaamaa irraa hin mul'anne, dubartii ajaja Rabbii ifatti faallessituun "qalbiin jaraa qulqulluudha, nama dhugaati..." kan jedhu dhageessa. Kun miizaanni haqaa gara galuudha. Nuti gubbaa namootaa ilaalla; keessa Rabbitu beeka. Nama gubbaa tolfate gaariitti yaadna. Nama gubbaan isaa ajaja Rabbii faallesse yakkamaatti fudhanna. Namni ajaja Rabbii tokko guute kallattii sanaan warra ajaja Rabbii hin guutin ni caala, namni ajaja Rabbii tokko faallesse kallattii isii faallessee sanaan yakkamaadha. Keessoon kiyya gaarii waan ta'eefin badii kana hojjadhe jechuun gonkuma sirrii miti. Nuti Keessoo namaa Rabbiif dhiifna; gubbaa malee keessa qorachuun ga'ee keenyaa miti. Ws wr wb

Hadiisa Shayxaanaa 2ffaa Dhiira salaata hin eegganne, kan jamaa'aa hin jabeessine, areeda soqatee deemu, surrii koronyoo irra gadhiifatu... iimaana qaba, keessi isaa warra kaan irra qulqulluudha. Isinis itti dabalaa 3. 4...

Hadiisa Shayxaanaa kan biraa Warri areeda dheeressee masjiidatti deddeebi'u hedduun munaafiqoota, hattoota, sobdoota. Dhaqxee isaanii wajjin hin dhaabbatin. *** Yaa obboleesso Salaata Jamaa'aa dhiiftee Taqwaan qaba jettee of hin gowwoomsin.

Hijaaba hin uffattu, qullaa ta'uutti dhihaattee deemti. Garuu qalbiin isii kan ishee hijaaba uffattuu irra qulqulluudha. Kun hadiisa shayxaanni qalbii namoota gariitti himuudha.

photo content