cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Mi'eessituu Jaalala❤

*Baga nagaan gara channel keenyatti dhuftan ❤Walaloowwan Mimmiidhagoo 💚Ergaawwan Jaalalaa ❤Xalaayaafi Asoosamoota adda addaa ni argattu

نمایش بیشتر
کشور مشخص نشده استزبان مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
پست‌های تبلیغاتی
177
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Mo'uumoo mo'amuu? ~~~~ Namni lolaaf manaa bahe tokko waan lama yaaduu danda'a. Yaadees tokkoosaa ofitti aanfatee hiriyyoomfata. Yaada mo'uufi mo'atamuu! Bakka kanatti, akka mo'amu yaada keessaa qabaachuun, mo'amuu nama kanaa keessatti gahee hammana hinjedhamne qaba. "Nan mo'a....hinmo'u!" jedhee manaa bahuun, mo'uufi mo'amuu nama kanaaf hangana gahee qaba edda ta'ee, 'nan mo'a' jechuu maaltu jalaa dhokse? Isa kana dubbichi! Tokkoosaa ofitti aanfachuun egaa, filannoo abbaati. Mo'uufi mo'amuun immoo, bu'aa filannichaati. Filannoo gaariitti ifaajni dabalamnaan, wanti hintaaneefii hinjiru. Filadhu; filannoon kan abbaati! Mo'icha filadhu malees, harka hinkennin! @hiriyaakoo @hiriyaakoo
نمایش همه...
Asoosama Gabaaba #Waqaakoo hunda dura kutaa 1fi 2ffaa dubbisuu kee mirkaneefadhu profile Hir Koo jala deema dubbisaa akka dafee isiin bira gahuu immoo Follow godha.yeroo dubbisaa gaarii! kutaa 3ffaa Egaa wan keessa darbitaan hin dhabinaa jechaa haala kana hunda keessa darbee umuriin koo waggaa 6 gaafa guutu gara dirree waraana mana barumsaa jedhamuttan geffame ykn deeme rasaasa koo qalamaan ykn 'biiriidhan' Diina koo isa jalqabaa dofummaa jedhamu waraanuun jalqabe .yoona siif hin gallem barnoota koo kutaa 1ffaan jalqabee siin jechuufani. Abeet tapha yeroo sanaa life'n bar elementary ykn barnoota sadarka tokkoffaa keessatti hafe man, ofumaa university jedhuf malee. Wal aariinee harcummeen wal cagadaa; wal kuffisnee awwaaraan wal dhiqaa.... Isa kam sinitti himee kamiin dhiisu laata walumaa galatti heddudha. Yeroo sana Akka mana barumsaa keenyatti yeroo hiriirree alaabaa yaabsifnu fuuldura kan dhaabatu anadha. xiqqoon anaa gadii mana barnootaa sana keessa hin jiru wan ta'ef malee wan biraaf immo miti. maalan sitti hima atuu ni beektaati ilmi baadiyyaa tokko silaa kan inni kutaa tokko galu eega 'waanta san biqilcheeti😋' ....muu yaa si'ii kanaa yoona waa biraatti yaddeetta ta'aga atoo maalitti yaaddemmo laata? An garuu isa ati yaadde sana jechuu barbaadeen miti isuman yaadee sanan jedhe malee 😉 Ani garuu dhaladhee waggaa 6 tti waanan mana barnootaa galeef isaan keessa hin jiru. dhugaa hasa'uuf warri Daree ykn kutaa barnootaan na caalan "harma guusaaf as si fidanii?" Jedhanii natti qoosu; isan haa qoosaan iyyu malee dhugaama ni fakkaatas.itti fufa. https://t.me/hiriyaakoo https://t.me/hiriyaakoo
نمایش همه...
Hiriyaa

Ati anaaf maal? kaayyoon garee kan dhimma siyaasaa ni taphataa . dhimma saayinsii ni dubbata. dhimma eenyummaa keessa kee jiru beekuuf gahe guddaa taphataa So join godha hiriyaa keessan afeeraa ! ✈✈hiriyaa 🏇🏇 Yaada qabdanif @Qalbii_kiya qunnamaa

utuu hin jalqabin dura kutaa 1ffaa dubbisuu kee mirkaneeffadhu!profile koo jala deemetti. yeroo dubbisaa gaarii! kutaa 2ffaa asoosama gabaaba #WAQAA_KOO! ...... Macaafa Qulqulluu isaa qabatee gara mana amantaattii arifachaa mana kennaafa biraan daandii aspaaltii qaxxamuree uuma isaa wajjin wal arguuf gara church deeme.Mee giddumatti naf ofkolchaa jechaa ka’een seenaa hirkoo waan xiqqoo isiintin hima✍️tole nutti himi osoo naan jettanii natti dhaga'ama jiraMaqamaa isarra ka'en isin ibsuu yaalaMaqaan ko hirkoo jedhama. (Qalbii_kiyyaa)kan jedhu ofiidhuma koon ofiif moggaase.) Godina Wallaggaa baha aanaa Gudayyaa biilaa ganda qotee bulaa Caalii jimma jedhamtu tokko keessattan dhaladhee guddadhe.Ani mucaa baadiyyati dhugaa dubbachuuf of jajje nan hin jedhiina malee muudiin koo kan ijoollee magaalaati olidha (friend mal of jajja naan jechuu dandeessu an garuu yoon irra hir'ise hin beekuu malee itti dabalee akka isinittin himne nan beeka Yoo hin liqimfamu ta'es bishaanumaan liqimsi jechaan hasaa koo itti fufa☺)Ani maatii koof mucaa jahaffaadha Maatiin koo hedduu na jaallatu. ta'us jireenya mucaan baadiyyaa tokko dabarsu dabarseera, Oyiruu deemee Horii tiksee...laga bu'ee bishaan waraabee..Yeroo harmeen Gabaa deemtu buna danfisee eege...Goodaa deemee qoraan funaaneera (by z way.... gaafan qoraan funaanee galu waanan argadhu ana qofatu beeka '#ongocha' 👈 jecha kana kan beekutu beeka. namni hundi hin beeku. [maalumaafuu sinittan hima ongochaa jechuun kan yeroo buddeen tolchuuf jedhan dursa tolchanidha, achuman akka eeleen ho'e ittiin ilaaluf jalqaba "ongolcha"irra ka'amun inni kaan itti ansa eega ani isumanan kana fakkadhee deeman jira.....itti fufaa share gochuun hordofa. Comment gochuun immoo na jajjabeessaa! https://t.me/hiriyaakoo
نمایش همه...
Hiriyaa

Ati anaaf maal? kaayyoon garee kan dhimma siyaasaa ni taphataa . dhimma saayinsii ni dubbata. dhimma eenyummaa keessa kee jiru beekuuf gahe guddaa taphataa So join godha hiriyaa keessan afeeraa ! ✈✈hiriyaa 🏇🏇 Yaada qabdanif @Qalbii_kiya qunnamaa

Murteessuun dura haalicha hubadhu ~~~~~~~~~ Sareen ishee baay'ee amanamaa waan ta'eef dubartaa tokkotu mucaa ishee biratti dhiisuun manaa deddeemti. Yeroo hundumaa yommuu manatti deebitu mucaa hirribaan of gate saricha waliin argiti. Guyyaa tokko waan gaddisiisaatu (tragic) ta'e. Akkuma baratame, mucaa ishee harka saree amanamaa kanatti dhiisuun gara suuqii (dukkaana) deemti. Yeroo deebitu waan baayee sodaachisaa (horrible) fi waliin dhahame (mess) tokko mil'atti. Mucaanis siree isaarra ( his crib) hin jiru, uffannisaa dhiigaan laaqamee, fi dhiignis siree sanarra kan uffifamedha. Dubartiin naasuu cimaa keessa jirtu kun hurgufamaa mucaa barbaachatti kaate. Sareen amanamaan kun dhiigaan haguugamuun, akka waan nyaata mi'aawaa(delicious) nyaatee fixee tokkootti afaan arraabaa siree jalaa osoo bahuu tasa argiti. Dubartaan kun, sareen akka mucaashee nyaateetti of amansiiste. Baay'een osoo itti yaaduu hin dhaqiin, saree sana uleen reebuun ajjeeste. Kanaan boodas yoo xiqqaate irraa hafaa qaamuma mucaashee arguuf barbaachatti kaate. Barbaacha xiqqoon booda, mucicha bocnisaa eegame qullaasaa duuba sireettifi rifeensa( fun) saree irraa harca'ee jiru afaa (carpet) irratti argiti. Siree jalammoo bofa ciccirame argite. Lola hamaatu sareefi bofa gidduu ture. Sarichi bofa baay'ee beela'e ( ravenous snake) mucaarraa ittisee lubbuu mucaa kanaa olchee ture. Ta'us osoo hin hubatiin du'atti dabarsite. Waan ta'e sirreessuun barfateera; sababni isaas, aarii(angry)fi obsa dhabuu (impatience) ishee keessaan saree ishee baayee amanamaa ajjeestee jirti waan ta'eef. Haala waan tokko bira gahuuf yeroo osoon qabaatiin, yeroo meeqaa kan nuyi jechaa ulfaatan namatti faradnuufi dubbii sobaa waa'ee isaanii faffacaafnu? ~ *Mooralii (seexaa):- Waan goonu miiraan deeggaramuun ceephoo keessa gallluufi murtee obsa dhabuun deeggarame irraa of haa eegnu. Rabbi nu haa gargaaru! 👉Horaa bulaa!👏 © Abdiisaa Ejjetaa U Bantii, 2020 ( @AbdiisaaE ) @hiriyaakoo @hiriyaakoo
نمایش همه...
Bareedduu koo ergaan sii argee amma kuno yeroon 2 ta'ee jira ani sii malee jiraachuun gonkumaa hin danda'u jireenyii keessaa hin jire hundumtuu anaaf guutudha yoon su dhabee ani dhukkuba koo irraan fayya ati anaaf ABIY lammaffaa tate jirta yoomillee siin jaalladha shagaxe koo bareedduukoo siin jaalladha...... qilleensa irraa naaf olchaa....jedhee tokkommoo 🙆
نمایش همه...
Duguuggaa Sanyii Magaalaa Naqamteetti waraanni guyyaa har’aa onkoloolessa 23/2020 bakka tokkotti dargaggoota afur rashanuun hedduu nama sukkaneessa. [onkoloolessa 23/2020] Dargaggoota abdii boruu fi egeree biyyaaf abdatamtu waraanni shiftaan sirna nafxanyaa leellisuun beekamu koloneel Abiyyiin hogganamanii bobbaafaman dargaggoota Magaalaa Naqamtee ganda 05 mana barumsaa Qassoo jedhamee waamamu duratti dargaggoota 5 yoo ajjeesanii bakka tokkotti dargaggoota 4 bakkuma tokkotti rashananii dargaggoo tokko immoo mooraa mana jireenyaa jalatti ajjeesanii reeffa akka ummatni hin kaasne dhorkaman. Dargaggoota guyyaa har’aa yakka sukkaneessaan ajjeefaman ummata Oromoo addatti immoo jiraattota magaalaa Naqamtee biratti kabajaa fi jaalala kan qabanii fi akkasumas isaanis kan ummata kabajanii yeroo rakkoo fi gammachuu hawaasa magaalaa Naqamtee waliin qooddatan titan. Dargaggoota kana barnoota isaanii irraa ariyatamanii gargaarsa maatii fi hojii guyyaa hojjetatanii kan of jiraachisan yoo tahan qaamni qaroo dargaggoota Oromoo dhiiga dhangalaasuu bare koloneel Abiyyiin bobbaafamuun Dargaggoota maqaan isaanii: 1.Raagu'el Haayiluu 2.Henook 3.Falmataa 4.Araarsoo 5.Abbittii kan jedhaman yoo tahu isaan keessaa namni lama erga rasaasaan ajjeefamanii fuula isaanii cuubeen qalamuun adda baasuun hanga rakkisutti ummata magaalaa Naqamtee hedduu kan rifaasisedha. Ummatni Oromoo bakka jiruu taa’ee isaatti sirna afaan qawween isa ajjeesu of irraa qolachuuf warraaqsa maayii sirna nafxanyaa hundeen buqqisuuf qabsoo isaa gaggeessuu qabaan dhaamsa keenya. Wareegamtoota yakka sukkaneessaan ajjeefamaniif dhaloota warra gumaa keessan baasu nu has taasisu jechaa maatii fi jaallan qabsoo isaanii akkasumas deeggartoota qabsoo Oromoo maraaf jajabina hawwina. garuu keenya kun amma yoomiittii??? DU'A LAKKAA'UN! ✈✈hiriyaa 🏇🏇 @hiriyaakoo @hiriyaakoo
نمایش همه...
Jaalatanii Dhabuu ~ Ifa jiruu kootii Isheen ittiin jedhe Jireenya koo boriif Kanan an filadhe ~ Jaallee koo bareeddun Isheen hunda caaltu Biiftuu barii caala Dachaadhan kan iftu ~ Rabsituu dhiiga koo Onnee koorra teessee Deemte gaafa jedhan Laphee koo madeesse ~ Osoon ishee fedhuu Osoon ishee jedhuu ~ Saalfii tokko malee Seente onnee biraa Yaadni ishee yoomiyyuu Na keessa kirkiraa ~ Ajaa'iba rabbii Guyyaa yoo naa fidu Inni bira dhaqxe "Tutuxuqee" diduu! ~ Lafa seentu dhabnan Dhuftekaa na bira Gochaanshee kaleessaa Ana keessa jira ~ Waa tokkon dubbadheen Osoo na gugguubuu "Kanan arge argi Jaalatanii Dhabuu" Kana namaa mitii Hin jaalatu rabbuu ✍️✍️✍️✍️✍️✍️
نمایش همه...
Hi adimn Kan post naaf godhi Jaalalli ija hin qabukoo yeroo jedhaan ani baay'een kolfa ture Jaalalli na qabu kan jedhee ufii koo goota uf godhee Waaggaa dheeraaf utuu jaalallee hin qabatanii jiraacha ture garuu kan baay'ee nama aja'ibsiisuu yeroo ijoollee shammarri jaalalaaf na gaaftani baay’ee itti kolfa yookaan nan aarbsa ani dhalachuu koof iyyuu naam umma koo abaaruu dha yeroo hundumaa maaf ummanee gaafii koo turee eenyummaa koof iddo guddaa hin qabuu waa'ee koo yoon siinf ibsi yeroon nuuf uummamte kunu nun gessu kanafuu yoon dhiise gaarii dhaa .garuu Waaqayyo nama uumme kan bare bara fenun akka lafa irratti uummamte dhaa ..... ittii fufa
نمایش همه...
xalayaa jaalala keessan wari karaa keessaa ergaa jirtaan isiinif nan maxxansaa ammayyuu namoonni ergaadha Karaa @Qalbii_kiya jedhuu ergachuu dandesu namoota jaallatan biraan isiiniif nan gaha.
نمایش همه...
xalayaa jaalala keessan wari karaa keessaa ergaa jirtaan isiinif nan maxxansaa ammayyuu namoonni ergaadha Karaa @Qalbii_kiya jedhuu ergachuu dandesu namoota jaallatan biraan isiiniif nan gaha.
نمایش همه...
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.