cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

TIKVAH AFAAN OROMOO

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
29 486
مشترکین
+324 ساعت
+757 روز
+32630 روز
توزیع زمان ارسال

در حال بارگیری داده...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
تجزیه و تحلیل انتشار
پست هابازدید ها
به اشتراک گذاشته شده
ديناميک بازديد ها
01
Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa kaffaltii tajaajilaa fooyyessee jira Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Adoolessa 19 irraa eegalee tajaajila isaa tokko tokko irratti kaffaltii tajaajilaa fooyyessuu beeksiseera. Tajaajiloonni baankichi herrega itti dabale kam fa'adha? - Baankichi tajaajila kanaan dura Birrii kuma 10,001 - kuma 50 akkaawuntii irraa gara herregaatti karaa baankii moobaayilaatiin dabarsuudhaaf bilisaan kennamaa ture amma #Birrii_3 akka kaffalamu beeksiseera. - Karaa baankii moobaayilaatiin Birrii kuma 10 ol gara Teeleebirrii fi Waaletii birootti dabarsuudhaaf Birrii 10 ittiin kaffalaa ture irratti birrii shan dabaluudhaan birrii #15 akka kaffalamu beeksiseera. Kana malees baankichi kaffaltii tajaajilaa duraan herrega kuufama Wadi'ah damee irraa maallaqa baasuuf kaffalama ture #bilisaa ni godheera. #CBE @tikvahethafaanoromoo
1 1871Loading...
02
Qormaanni ba'uumsa muummee faarmaasii kaleessa kenname haqamuun irra deebiin kennama jedhameera. Ministeerri Barnootaa qormaanni kun ''rakkoo teeknikaa'' akka isa muudate ibseera. Gama biraatiin barattoonni qormaanni kun hatamee bahuun waraqaa irratti akka raabsama ture akeekaniiru. Haa ta'u malee, Ministeerri Barnootaa akka jedhetti qormaanni kun "rakkina teeknikaa" waan qabuuf, qormaanni kun irra deebiin  Sanbata, Waxabajjii 22, 2016, ganama sa'aatii 3:00 irraa eegalee akkasumas, waaree booda sa'aatii 8:00 irraa eegalee ni kennama jedhameera. Rakkoo teeknikaa akkamii akka ture wanti bal'innaan ibsame hin jiru. Barattoonni muummee faarmaasii qormaata kanaaf taa'an yeroodhaan wiirtuu qormaataatti argamuun qormaata irra deebi'anii akka fudhatan yaadachiifni darbeera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
2 92413Loading...
03
Dorgommiin waancaa Awuroppaa 17ffaan gaggeeffama jira. Dorgommiin kun Kilaboota 24 giddutti gaggeeffama kan ture yoo ta'u, biyyoonni 16 rammaddii darbuun adda baafamanii jiru. Taphoonni moo’atanii darbuu boqonnaa guyyoota lamaa booda Sanbata hanga kibxataa kan taphatamu ta'a. Taphoonni moo'atanii darbuu:- Sanbata  👉 Xaaliyaanii Vs Siwiizarlaand (1:00) 👉 Jarman Vs Deenmaark (4:00)  Dilbata   👉 Ispeen Vs Joorjiyaa (1:00)    👉 Ingilaandi Vs Slovaakiyaa(4:00)   Wiixata 👉 Poorchugaal Vs Islooveeniya(1:00) 👉 Faransaay Vs Beeljiyeem (4:00)   Kibxata 👉 Rumaaniyaa Vs Nezerlaand (1:00)  👉 Oostiriyaan Vs Turkii (4:00) waliin ni taphatu. Tapha moo'atanii darbuu kanaan taphni Faransaayii fi Beeljiyeem waliin taasiisan tapha cimaa marsaa kanaa jedhameera. Beeljiyeemii fi Ingilaandi dorgomicharratti ga’umsa eegamee gadi agarsiisaan jedhamuun biyyoota qeeqamaa jiraniidha. Taphoota 36 taphatameen galchiiwwan 82 galaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
2 6840Loading...
04
#Ethiopia #SouthSudan Itoophiyaa fi Sudaan_Kibbaa daandii km 220 biyyoota lamaan walqunnamsiisu ijaaruufi Manni Maree Sudaan Kibbaa daandii kiiloo meetira 220 Sudaan Kibbaa fi Itoophiyaa walqunnamsiisu ijaaruuf Caamsaa 2023 keessa waliigaltee irra gahame raggaasuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksise. Ijaarsa daandii kanaafis biyyooni lamaan waliigaltee faayinaansii Doolaara miiliyoona 738 mallatteessaniiru. Pirojektichi tumsa fi walitti dhufeenya Itoophiyaa fi Sudaan Kibbaa gidduu jiru guddachaa dhufuu kan agarsiisu ta’uu ministeerri dhimma alaa ibseera. #AS @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
3 2693Loading...
05
#Finfinnee Hanqinni boba’aa Finfinneetti mudate guyyoota itti aanan keessatti akka furamu Dhaabbanni Dhiyeessitoota Boba’aa Itiyoophiyaa beeksise. Dhaabbatichi hanqinni boba'aa magaalattii keessatti akka mudate ibsuun "Hanqinni kun kan uumame sababa ayyaana Iid Al-Adihaa(Arafaa) irraa kan ka'e boba'aan Jibuutii irraa Dilbata Waxabajjii 9, fi guyyaa itti aanu Waxabajjii 10, 2016 fe'amuu dhabuu irraa kan ka'edha" Jedhe. Adeemsi geejjibaa boba’aa guyyoota shanii hanga jahaa kan fudhatuu waan ta'eef, hanqinni amma mudate guyyoota itti aanan keessatti akka furamu beeksisaniiru. Akkasumas, beenzilli kuufama Sulultaa irraa, naafxaan kuufama Awaash irraa akka geejjibsiifamaa akka jiru eeruun, rakkoon boba'aa guyyoota 2 booda furmaata ni argata jedhaniiru. @tikvahethafaanoromoo
3 4870Loading...
06
#Update Poolisiin Magaalaa Finfinnee Waxabajjii 17/2016 dubartii ganna 24 Manna Kabbadaa jedhamtu hanna konkolaataatiin shakkamtee to'annaa jala oolcheera. Poolisiin Shakkamtuu tanas konkolaataa waliin suuraa ishee kaasuudhaan raabseera. Kanaan wal qabatee namoonni miidiyaa hawaasaa irratti ishee ni beekna jedhan, Konkolaataa fudhachuu fi dhiisuu ishee ifatti ibsuu baatanis, intala dureessa akka taatee, dogongorri akka raawwatamee fi yakka irraa bilisa ta'uun mana isheetti akka deebite barreessaniiru. Akka odeeffannoon har'a poolisiin Finfinnee baasee mul'isutti hanna konkolaataatiin kan shakkamte Mannaa Kabbadaa himannaan irratti banamee jira. Guyyaa har'aa mana murtiitti dhiyaachuu ishees ibseera. Komishiniin Poolisii Finfinnee namni dhuunfaa kun konkolaataa kana hatuu isheetiin poolisiin qorannoo xumuruun galmee abbaa alangaaf erguun himannaa ishee irratti akka bane ibseera. "Miidiyaalee hawaasaa tokko tokko irratti odeeffannoon mucaayyoon 'gad-dhiifamtee jirti', ' Yakkicha osoo hin beekin raawwatte' jedhu tamsa'aa jiraachuu kan ibsee poolisiin, miidhamaan dhuunfaa konkolaataan isaa hatamuu poolisiif dhiyeessu fi Shakkamtuunis yeroo dheeraaf konkolaataa qabattee baduun ishee, gochi ishees qaamaan waan mirkanaa'eef Abbaan Alangaa himannaa banuu beeksiseera. @tikvahethafaanoromoo
3 3800Loading...
07
Media files
3 0860Loading...
08
"Guutummaatti Odeeffannoo sobaati, of eeggadhaa" - Waajjira Ministira Muummee Miidiyaalee hawaasaa adda addaa irratti akka waan mootummaan Itiyoophiyaa waliigaltee #Somaaleelaandii waliin taasise haqe fakkeessuun odeeffannoon tamsa'aa jiru sobaa dha. Ibsa Waajjirri Ministeera Muummee baasee fakkeessuun xalayaan Asxaa waajjiricha qabu bal'inaan tamsa'aa jira. Ibsi kun akkana jedha:- - Itiyoophiyaan waliigaltee biyya Somaaliyaa irraa adda baate #Somaliland waliin mallatteessite akka haqte, - Itoophiyaan UK, G7 fi biyyoota biroo waliin mari'attee ragaa abbaa biyyummaa Somaliland ittiin deeggartu akka hin arganne, - Mootummaan Itiyoophiyaa amma booda waliigaltee seeraan alaa Somaliland waliin akka hin goone, - Itoophiyaan, Dhimmi Somaliland kan Somaaliyaa waan ta'eef, rakkoon siyaasaa isaanii qaama biyya tokkoo jalatti akka hiikamuuf akka dhiistu......kan ibsuudha. Garuu kun guutummaatti soba ta'uu waajjirri muummee ministeera ibseera. Waajjirri muummicha ministeeraa maal jedhe? Waajjira Muummee Ministeera, Odeeffannoon waa’ee Waliigaltee Somaaliland waliin taasifame guutummaatti sobaa fi qabiyyee sobaa waan ta’eef, Hawaasni odeeffannoon naanna’aa fi toora interneetii irratti naanna’aa jiru irraa akka of eeggatu gorsaniiru. Dhimmoonni naannoofi addunyaa ilaallatan toora miidiyaa diijitaalaa Waajjira Ministira Muummee qofaan kan tamsa'an ta'uus waajjirichi beeksiseera. Hawaasni qaamolee loogoo waajjirichaa seeraan ala fayyadamuun odeeffannoo sobaa tamsaasanirraa of eeguu akka qabus hubachiiseera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
3 4790Loading...
09
Media files
3 3840Loading...
10
#ExitExam Qormaanni ba'uumsa Yunivarsitii guyyoota jahan darbaniif guutuu biyyattiitti gaggeeffamaa ture xumuramee jira. Dhaabbileen barnoota olaanoo mootummaa 57 fi kan dhuunfaa 124 barattoota isaanii akka qormaatan ragaan Ministeera Barnootaa ni mul'isa. Barattoonni qormaata ba'uumsaa ilaalchisee komii qaban Tikvah Itoophiyaa'f ibsaniiru. Dippartimantii komii nuuf dhiyesaan keessaa qormaatichaa fi #Blueprint (qabiyyee qormaata) dursee qophaa’ee wajjin kan wal hin simne ta’uu namoota komattoonni ibsaniitu Muummee barnoota komii dhiyeessan:- - Manaajimantii - Markeeting Manaajimantii - Haayidirooliksii fi Water - Saayinsii fayyaa beeyladaa - Barattoonni informatiksii fayyaati. Kana malees, "yeroon nuuf kenname gahaa miti. Qormaata yeroon booda jalqabuu fi qormaataaf yeroo gahaa ramaduu dhabuu mudateera" jechuun komatanii jiru. Qormaanni Elektirikaal Injinariingiis irra deebiin kennameera. Tikvah Itiyoophiyaan komii dhiyaatee qabachuun hoggansa olaanaa Ministeera Barnootaa dubbiseera. Hooggansi olaanaa; "Qormaanni ba'uumsa bara 2016 Muummee 220 ol keessatti rakkoo tokko malee haala salphaan kennameera," jedhan. "Qormaata kanaan walqabatee dhimmi nu mudate hin jiru," jedhan qondaalli kun. "Komiin tokkollee Ministeera Barnootaa bira hin geenye" ​​jedhan. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 4705Loading...
11
Media files
4 0390Loading...
12
#Update Pireezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon karoora falmisiisaa "haaromsa gibiraa" isaanii akka haqan lammiilee Keeniyaa hundaaf beeksisaniiru. Uummata hoogganuuf filatame, yoo ummanni na morme dhaggeeffachuun qaba. ''Ani mo'ameera. ''Murtee koo haqeera,'' jedheera. Pireezidaantichi dabalataanis akkana jedhaniiru:- Malaammaltummaa nan falma, Baasii mootummaa hin barbaachifne nan hir'isa, sagantaan hin barbaachifne ni hambisa, Imala biyya alaa nan hir'isa, akkasumas dargaggoota waliin akka mari’atan waadaa galaniiru. #EthioFM @tikvahethafaanoromoo
4 5672Loading...
13
Dubartiin konkolaataa hattee miliqxee sa’aatii muraasa gidduutti to’annoo jala oolfamte. Shakkamtuun kun yakka hannaa kana kan raawwatte Waxabajjii 17, 2016 Finfinnee kutaa bulchiinsa Kolfee Qaraaniyoo bakka addaa "Bicaa Fooq" jedhamuun beekamuttidha. Tilmaamaan ganama sa’aatii 12:30tti namni konkolaataan jalaa hatame konkolaataasaa gabatee 3-B32912 A A ta’e mana jireenyaasaa fuuldura dhaabee motora kaasuun ho’ifataa kan ture yoo ta’u, gara hojii deemuuf jecha manatti ol seenee jakkeettii uffatee yeroo deebi'u akka dhabe poolisiif gabaasa godhe. Qajeelfamni poolisii Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo sa’aatii iyyanni kun isa qaqqabee barbaacha cimaa guyyaa walakkaa fudhateen shakkamtuu kana konkolaataasheen hatte waliin to’annoo jala oolcheera. Shakkamtuun kunis guyyaa sa’aatii 9 irratti Kutaa Bulchiinsa Lammii Kuraa bakka addaa aanaa 9 jedhamutti to’atamuu poolisiin Magaalaa Finfinnee ibseera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 5466Loading...
14
"Waamicha walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa karaa nagaan furuuf Raayyan Ittisa Biyyaa murteesse ciminaan ilaalamuu qaba. " Jawaar Hayyuun siyaasaa Jawaar Mohaammad waamicha marii nageenyaa hooggantoonni raayya ittisa biyyaa walitti bu'iinsa naannoo Amhaaraa furuuf taasisan, hooggansi #Faannoo fi aktivistoonni Amaaraa akka tarkaanfii gaariitti ilaalanii walitti bu'iinsa kana xumuruuf, waamicha kanaaf deebii osoo kennanii nageenyaaf filannoo ni ta'a jechuun Miidiyaa hawaasa irratti ibseera. Raayyaan Ittisa biyyaa walitti bu’iinsa biyyattii keessatti uumame karaa nagaan hiikuuf dhaabbata mootummaa kutannoo cimaa qabu ta’uu ibseera. Rakkoolee mudachaa jiran raayyaan ittisaa dhiyeenyaan waan beekuuf namoota siyaasaa dursee waamicha taasisuun isaa jajjabeeffamuu qaba jedhe. Dabalataanis, yeroo namoonni siyaasaa yaada kennuu irraa garmalee of eeggannoo godhanitti ajajoota humnoota Tigraayi waliin yeroo jalqabaaf fuula fuulatti wal arguun, gara Seychelles balali'uun kan mari'atee fi  ABO-WBO (OLA) waliiniis nagaa buusuuf yeroo lama kan mari'ate raayyaa ittisaa akka ta'e dubbateera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 1851Loading...
15
Media files
3 7990Loading...
16
"Baqattoota Itoophiyaatti qubatan miliyoona 1 keessaa dhibbeentaan 80 dubartootaa fi daa'immaniidha" gabaasa. Baqattoota Ityoophiyaatti qubatan miiliyoona 1 ol ta’an keessaa %80 dubartootaa fi daa’imman akka ta’e gabaasni Komishinii Ol’aanaa Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) gabaaseera. Gabaasa kana keessatti maaltu ibsame? -Itiyoophiyaan baqattoota 1,051,918 keessummeessuudhaan Afrikaa irraa 2ffaa dhaa. -Baqattoonni 423,077 Suudaan Kibbaa irraa, 347,103 Somaaliyaa irraa, 179,177 Eertiraa irraa, 93,329 Suudaan irraa, 4035 Keeniyaa irraa fi baqattoonni 252 Yaman irraa keessummeessitee jirti. -Baqattoota waliigalaa keessaa %77 (810,856) kaampii baqattootaa biyya keessaattii kan argamuu fi baay’inaan naannoo Gaambeellaa(387,420) kan jiraatan ta’uu ibsameera. - Magaalota Finfinnee fi Maqalee keessatti baqattoonni %8 (80,361) yoo ta'u, - Baqattoonni %15 (160,856) kaampii fi buufata baqattootaa Alam-waach, Mirqaan, Awulaallaa fi Kumar keessa akka jiran himameera. @tikvahethafaanoromoo
3 9791Loading...
17
Dhaabbilee fayyaa keessatti qorichoota barbaadan hunda argachuun rakkisaa ta’eera. Dameen dhiyeessii qorichaa Itoophiyaa waggaa waggaan haaromsi taasifamaa jiraaf jedhamus ammas qormaatni adda addaa isa muudata jira. Dhiyeessitoota idil-addunyaa fi biyya keessaa irraa caalbaasiidhaan qoricha kan bittu Itoophiyaanis oomishtoota biyya keessaa jabeessuudhaan rakkoo dhiyeessii damee kana furuuf akka hojjettu jedhameera. Waggoota dheeraaf hanqinni sharafa maallaqa alaa sirna #dhiyeessii_qoricha keessatti rakkoo guddaa ta'ee itti fufeera. Kunis qorichoota biyya alaa irraa bitaman dabalatee oomisha qoricha biyya keessaatiif qormaata guddaa akka ta'e himamaa tureera. Akka madaallii waggoota shanan darbanitti taasifameen oomishni qoricha biyya keessaa dhibbeentaa 24 akka ture ibsameera. #ShegerFM @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
3 9320Loading...
18
Itoophiyatti dhaabbileen mootummaa odiitii keessoo gaggeessan keessaa hojii isaanii sirnaan kan hojjatan muraasa qofaadha. Dhaabbileen dhuunfaa hojjettoota isaaniif dhaabbilee mootummaa caalaa kaffaltii olaanaa kan kaffalan ta’uu fi ogeeyyiin dhaabbilee dhuunfaa irratti xiyyeeffachuu isaanii ammoo odiitiin keessoo akka barbaachisummaa isaatti bu’a qabeessa akka hin taaneef sababa ta’uu himameera.  Dhaabbilee odiitii keessootiin caalmaa qaban keessaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa, Baankii Daldalaa Itoophiyaa fi Baankiin Biyyaalessaa akka ta’an ibsameera.  Itiyoophiyatti damee odiitii keessoo irratti hojiin guddaan akka eegamu eerameera. Qeeqni yeroo adda addaatti dhaabbilee irratti dhufu, rakkoon hooggansa gaarii fi rakkooleen biroo dhaabbaticha mudatan ogummaa odiitii keessootiif gumaacha taasifamuu dhabuu irraa kan ka’eedha. Dhaabbileen odiitii keessoo sirnaan akka hojjetan kan gargaaru Inistiitiyuutiin Odiitii Keessaa Itiyoophiyaa Waldaa Odiitaroota Keessoo Idil Addunyaa waliin ta’uun akka hojjatu dubbatama jira. Inistiitiyuutiin kun odiitii keessoo inistiitiyuutonni hojjetaniif mirkaneessa kan kennu yoo ta’u, hojii hojjetan keessattis rakkoon ni mudata jechuun Pireezdaantiin inistiitiyuutichaa Aadde Gannat Haagos dubbataniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 0653Loading...
19
#Keeniyaa Raayyaan Ittisaa Keeniyaa nagaa fi seeraa biyyattii akka eegsisu ajajame. Mootummaan biyyattii mormii labsii faayinaansii irratti guyyoota dheeraaf tureen walqabatee nageenya ummataa, nagaa fi olaantummaa seeraa eegsisuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa Keeniyaa bobbaasee jira. Gama biraatiin, Pireezidaantiin Keeniyaa ibsa laataniiru. Ibsa isaanii keessatti gocha kaleessaa kana mormuun kun akka "gantummaa biyyaatti" akka ilaalamu ibsaniiru. Nageenya lammiilee Keeniyaa mirkaneessuuf humnoota nageenyaaf qajeelfama kenneera jedhan. Taatee mormitoonni Paarlamaa Keeniyaa cabsanii seenan irratti qorannoon akka gaggeeffamus akeekaniiru. Gochoonni yakkaa fi yakkamtoonni mirga heera mootummaa isaaniitti fayyadamuun mormii dhageessisan irraa adda bahuu akka qaban ibsaniiru. @tikvahethafaanoromoo
4 3972Loading...
20
#SaafarikoomItoophiyaa Itiyoophiyaatti dhaabbanni tajaajila telekoomii 2ffaa kan ta’e Saafarikoom Itoophiyaa odeeffannoo maamiltoota isaa mootummaaf akka hin kennine ibseera. Marii toora interneetii irratti taasise irra ka'uun ibsa baaseen dhaabbatichi seera eegumsa daataa biyyattii irratti hundaa’uun bilisummaa maamiltoota isaa akka kabajuu beeksiseera. Kanaaf, odeeffannoo maamiltoota isaa kamiyyuu qaama biraatiif yoo mana murtiin ajajame malee dabarsee akka hin kennine eereera. Akkasumas hanga ammaatti ajajni mana murtii irraa odeeffannoo maamiltootaa mootummaaf akka kennu gaafatu akka hin dhufne ibseera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
1 2730Loading...
21
#manamurtiiaadaa #oromoculture Manneen Murtii Aadaa jalqabaa fi oldabarfataa Godina Harargee Bahaatti humna waloon ijaaraman baay'ee keessaa muraasa fi eebbaaf qophaa'an suuraadhaan. Akka Godina Harargee Bahaatti Manneen Murtii Aadaa 557 ijaaramanii jiru. Suuraa:- Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 8671Loading...
22
Viidiyoo: Mormitoonni dargaggootaa aarii guddaa qaban Keeniyaa keessatti gamoo paarlaamaa seenuun gola Seenetii weeraraniiru. Keessa seenuun uffata baasanii uffatanii deeman. Mootummaan biyyattii ibsa kaleessa kenneen hanga nagaa ta'etti hiriirri ni hayyamama, mormitoonni garuu gara masaraa mootummaas ta'e naannoo paarlaamaa deemuu irraa akka hin uggine akeekkachiiseera. @tikvahethafaanoromoo
4 5474Loading...
23
#Update Mormii Keeniyaa irratti namoonni ajjeefaman. Lammiileen Keeniyaa labsii gibiraa haaraa mootummaan preezdaantii Wiliyaam Ruutoon wixineesse mormuun paarlaamaa biyyattii cabsaniiru. Poolisiin dargaggoota heddumminaan hiriira mormii bahan bittinneessuuf rasaasaa fi gaazii imimmaan nama boochisu dhukaaseera.  Hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 5 rasaasaan kan rukutaman yoo ta'u, 2 lubbuun isaanii darbeera. Sa'aatii muraasa dura miseensonni paarlaamaa biyyattii mormii cimaan kan mudatee ture wixinee labsii oomishaalee fi tajaajiloota adda addaa irratti gibira dabalataa kaa'u raggaasisaniiru. "Seerri gibiraa haaraan kun jireenya keenya ni qaalessa" jechuun dargaggoonni Keeniyaa paarlaamaa biyyattii fuulduratti mormii isaanii dhageessisuuf baay'inaan bahaniiru. Mormitoonni to’annaa poolisii ol ta’an dargaggoonni hedduun balbala paarlaamaa cabsanii seenaniiru. Miseensonni paarlaamaa dhibbaan lakkaa'amanis mana marichaa lafa jalatti dhokachuufis yero fiigan mul'ataniiru. @tikvahethafaanoromoo
4 1261Loading...
24
"Abbaan Alangaafii namoonnisaa abukaatoowwankoo doorsisaa jiru” Obbo Taayyee Danda'aa Deetaa Ministeera Nagaa duraaniifi miseensa Caffee Oromiyaa Taayyee Danda'aa dhaddacha har’a Waxabajjii 25, 2024 oolerratti abukaatoowwan isaanirratti doorsisni gahaa jiraachuu kophaa isaani mana murtiitti dhiyaachuun iyyataniiru. Har’a Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti kan dhiyaatan Obbo Taayyeen, abukaatoowwan shan kan qaban yoo ta'u, doorsifni cimaan irratti qaqqabaa jiraachuufi akka irraa dhaabbatu mana murtii gaafataniiru. “Abbaan Alangaafii namoonnisaa abukaatoowwankoo doorsisaa jiru” kan jedhan Obbo Taayyen, abukaatoowwan isaanii bilbila lakkoofsisaa hin mul’anneen itti bilbilamee doorsifamuu himan. Abukaatoowwansaanii shan keessaa lama namoota “waajjira tikaatii bilbilla” jedhaniin doorsifamuusaanii akka itti himan kan dubbatan Obbo Taayyeen, doorsifni kun abukaatoowwan hafan sadeen irratti qaqqabuusaa garuu akka hinbeekne himan. #BBC @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
3 7780Loading...
25
Labsiin qabiyyee lafaa gadi lakkisiisuu, kaffaltii beenyaa fi kaafamtoota deebisanii dandamachiisuu ilaallatu ragga’e. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 34ffaa har’a gaggeesseen wixinee labsii “faayidaa ummataaf jecha” qabiyyee lafaa gadi lakkisiisuu, kaffaltii beenyaa fi kaafamtoota deebisanii dandamachiisuu murteessuuf fooyyeffamee ba’e raggaaseera. Wixinee labsii fooyyeffame kanaan sadarkaa federaalaatti pirojektiiwwan gaggeeffamaniin tilmaama kaffaltii beenyaa akkasumas kaafamtoota deebisanii dandamachiisuuf qaama aangoo fi itti gaafatama qabu ifatti adda baasuun murteessuuf sirni dandeessisu diriirfamuun eerameera. Pirojektoonni qulqullinaan akka gaggeeffaman, gumaacha misooma biyyaalessaaf qabu dabaluuf labsichaan raggaasifamuun ibsameera. #AS @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
4 3745Loading...
26
#Tigraay Pireezidaantii fi Itti aanaan Pireezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa Tigraay xalayaa aangoo gadhiisuu waliin galchaniiru. Xalayaa aangoo gadhiisuu kan galchaniif, "Kallattiiwwan sirna haqaa fi seera irratti jijjiirama fiduuf karoorfannee fi kaawwanne karaa itti galmaan geenyu waan argachuu hin dandeenyeefi" ​​jedhaniiru. Xalayaan aangoo gadhiisuu wixata, Waxabajjii 17, 2016 galfame kana marsariitii hawaasummaa hedduu irratti bal’inaan tamsa’aa jira. Tikvah Itoophiyaas karaa miseensa maatii isaa Maqaleetti argamuun sirrii ta'uu mirkaneeffatee jira. Xalayaa aangoo gadhiisuu Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa, Tsaggaayi Birhaane G/Taklee (Dr.) fi itti aanaan isaanii Gabra Amlaaki Ya'abyoo Galchan hanga ammatti deebi hin arganne. @tikvahethafaanoromoo
4 1941Loading...
27
#Keeniyaa Naayiroobii fi Mombaasaa dabalatee magaalota Keeniyaa adda addaa keessatti hiriirri eegalameera. Hiriira dargaggootaan durfamu kana keessatti mootummaan gibira dabalataa kaa’uuf wixinee faayinaansii wixineesse guutummaatti akka dhiisu gaafatamaa jira. Mootummaan wixinee kana irratti fooyya'iinsa tokko tokko akka godhu yoo dubbatullee, mormitoonni ejjennoo "Maaliif tokko tokko qofa? Wixinee guutuu dhiisaa" jedhu akka bahan dhaga'ama jira. Mormii guyyaa har'aa guutuu biyyaatti geggeeffamaa jiruun wal qabatee hiriirri magaalaa Naayinoobitti gaggeeffama jiru gaarii akka hin taane fi hiriirtoonni poolisii waliin walitti bu'uun namni tokko madaa'eera. Angawoonni mormii kana diiguuf naannoo Gamoo Invastimantii Daandii Keeniyaattaatti gaazii imimmaan nama boochisu dhukaasuun, Humnoonni bittinneessaa ulee fi gaazii imimmaan nama boochisu fayyadamuun mormitoota ari’aa akka turan himameera. @tikvahethafaanoromoo
3 9663Loading...
Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa kaffaltii tajaajilaa fooyyessee jira Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Adoolessa 19 irraa eegalee tajaajila isaa tokko tokko irratti kaffaltii tajaajilaa fooyyessuu beeksiseera. Tajaajiloonni baankichi herrega itti dabale kam fa'adha? - Baankichi tajaajila kanaan dura Birrii kuma 10,001 - kuma 50 akkaawuntii irraa gara herregaatti karaa baankii moobaayilaatiin dabarsuudhaaf bilisaan kennamaa ture amma #Birrii_3 akka kaffalamu beeksiseera. - Karaa baankii moobaayilaatiin Birrii kuma 10 ol gara Teeleebirrii fi Waaletii birootti dabarsuudhaaf Birrii 10 ittiin kaffalaa ture irratti birrii shan dabaluudhaan birrii #15 akka kaffalamu beeksiseera. Kana malees baankichi kaffaltii tajaajilaa duraan herrega kuufama Wadi'ah damee irraa maallaqa baasuuf kaffalama ture #bilisaa ni godheera. #CBE @tikvahethafaanoromoo
نمایش همه...
👎 26👍 7 4
Qormaanni ba'uumsa muummee faarmaasii kaleessa kenname haqamuun irra deebiin kennama jedhameera. Ministeerri Barnootaa qormaanni kun ''rakkoo teeknikaa'' akka isa muudate ibseera. Gama biraatiin barattoonni qormaanni kun hatamee bahuun waraqaa irratti akka raabsama ture akeekaniiru. Haa ta'u malee, Ministeerri Barnootaa akka jedhetti qormaanni kun "rakkina teeknikaa" waan qabuuf, qormaanni kun irra deebiin  Sanbata, Waxabajjii 22, 2016, ganama sa'aatii 3:00 irraa eegalee akkasumas, waaree booda sa'aatii 8:00 irraa eegalee ni kennama jedhameera. Rakkoo teeknikaa akkamii akka ture wanti bal'innaan ibsame hin jiru. Barattoonni muummee faarmaasii qormaata kanaaf taa'an yeroodhaan wiirtuu qormaataatti argamuun qormaata irra deebi'anii akka fudhatan yaadachiifni darbeera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
نمایش همه...
👍 14 3🥰 3
Photo unavailableShow in Telegram
Dorgommiin waancaa Awuroppaa 17ffaan gaggeeffama jira. Dorgommiin kun Kilaboota 24 giddutti gaggeeffama kan ture yoo ta'u, biyyoonni 16 rammaddii darbuun adda baafamanii jiru. Taphoonni moo’atanii darbuu boqonnaa guyyoota lamaa booda Sanbata hanga kibxataa kan taphatamu ta'a. Taphoonni moo'atanii darbuu:- Sanbata  👉 Xaaliyaanii Vs Siwiizarlaand (1:00) 👉 Jarman Vs Deenmaark (4:00)  Dilbata   👉 Ispeen Vs Joorjiyaa (1:00)    👉 Ingilaandi Vs Slovaakiyaa(4:00)   Wiixata 👉 Poorchugaal Vs Islooveeniya(1:00) 👉 Faransaay Vs Beeljiyeem (4:00)   Kibxata 👉 Rumaaniyaa Vs Nezerlaand (1:00)  👉 Oostiriyaan Vs Turkii (4:00) waliin ni taphatu. Tapha moo'atanii darbuu kanaan taphni Faransaayii fi Beeljiyeem waliin taasiisan tapha cimaa marsaa kanaa jedhameera. Beeljiyeemii fi Ingilaandi dorgomicharratti ga’umsa eegamee gadi agarsiisaan jedhamuun biyyoota qeeqamaa jiraniidha. Taphoota 36 taphatameen galchiiwwan 82 galaniiru. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
نمایش همه...
👍 7🥰 1👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
#Ethiopia #SouthSudan Itoophiyaa fi Sudaan_Kibbaa daandii km 220 biyyoota lamaan walqunnamsiisu ijaaruufi Manni Maree Sudaan Kibbaa daandii kiiloo meetira 220 Sudaan Kibbaa fi Itoophiyaa walqunnamsiisu ijaaruuf Caamsaa 2023 keessa waliigaltee irra gahame raggaasuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksise. Ijaarsa daandii kanaafis biyyooni lamaan waliigaltee faayinaansii Doolaara miiliyoona 738 mallatteessaniiru. Pirojektichi tumsa fi walitti dhufeenya Itoophiyaa fi Sudaan Kibbaa gidduu jiru guddachaa dhufuu kan agarsiisu ta’uu ministeerri dhimma alaa ibseera. #AS @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
نمایش همه...
👍 19 1
Photo unavailableShow in Telegram
#Finfinnee Hanqinni boba’aa Finfinneetti mudate guyyoota itti aanan keessatti akka furamu Dhaabbanni Dhiyeessitoota Boba’aa Itiyoophiyaa beeksise. Dhaabbatichi hanqinni boba'aa magaalattii keessatti akka mudate ibsuun "Hanqinni kun kan uumame sababa ayyaana Iid Al-Adihaa(Arafaa) irraa kan ka'e boba'aan Jibuutii irraa Dilbata Waxabajjii 9, fi guyyaa itti aanu Waxabajjii 10, 2016 fe'amuu dhabuu irraa kan ka'edha" Jedhe. Adeemsi geejjibaa boba’aa guyyoota shanii hanga jahaa kan fudhatuu waan ta'eef, hanqinni amma mudate guyyoota itti aanan keessatti akka furamu beeksisaniiru. Akkasumas, beenzilli kuufama Sulultaa irraa, naafxaan kuufama Awaash irraa akka geejjibsiifamaa akka jiru eeruun, rakkoon boba'aa guyyoota 2 booda furmaata ni argata jedhaniiru. @tikvahethafaanoromoo
نمایش همه...
👍 10 3
#Update Poolisiin Magaalaa Finfinnee Waxabajjii 17/2016 dubartii ganna 24 Manna Kabbadaa jedhamtu hanna konkolaataatiin shakkamtee to'annaa jala oolcheera. Poolisiin Shakkamtuu tanas konkolaataa waliin suuraa ishee kaasuudhaan raabseera. Kanaan wal qabatee namoonni miidiyaa hawaasaa irratti ishee ni beekna jedhan, Konkolaataa fudhachuu fi dhiisuu ishee ifatti ibsuu baatanis, intala dureessa akka taatee, dogongorri akka raawwatamee fi yakka irraa bilisa ta'uun mana isheetti akka deebite barreessaniiru. Akka odeeffannoon har'a poolisiin Finfinnee baasee mul'isutti hanna konkolaataatiin kan shakkamte Mannaa Kabbadaa himannaan irratti banamee jira. Guyyaa har'aa mana murtiitti dhiyaachuu ishees ibseera. Komishiniin Poolisii Finfinnee namni dhuunfaa kun konkolaataa kana hatuu isheetiin poolisiin qorannoo xumuruun galmee abbaa alangaaf erguun himannaa ishee irratti akka bane ibseera. "Miidiyaalee hawaasaa tokko tokko irratti odeeffannoon mucaayyoon 'gad-dhiifamtee jirti', ' Yakkicha osoo hin beekin raawwatte' jedhu tamsa'aa jiraachuu kan ibsee poolisiin, miidhamaan dhuunfaa konkolaataan isaa hatamuu poolisiif dhiyeessu fi Shakkamtuunis yeroo dheeraaf konkolaataa qabattee baduun ishee, gochi ishees qaamaan waan mirkanaa'eef Abbaan Alangaa himannaa banuu beeksiseera. @tikvahethafaanoromoo
نمایش همه...
👍 17 1
Photo unavailableShow in Telegram
"Guutummaatti Odeeffannoo sobaati, of eeggadhaa" - Waajjira Ministira Muummee Miidiyaalee hawaasaa adda addaa irratti akka waan mootummaan Itiyoophiyaa waliigaltee #Somaaleelaandii waliin taasise haqe fakkeessuun odeeffannoon tamsa'aa jiru sobaa dha. Ibsa Waajjirri Ministeera Muummee baasee fakkeessuun xalayaan Asxaa waajjiricha qabu bal'inaan tamsa'aa jira. Ibsi kun akkana jedha:- - Itiyoophiyaan waliigaltee biyya Somaaliyaa irraa adda baate #Somaliland waliin mallatteessite akka haqte, - Itoophiyaan UK, G7 fi biyyoota biroo waliin mari'attee ragaa abbaa biyyummaa Somaliland ittiin deeggartu akka hin arganne, - Mootummaan Itiyoophiyaa amma booda waliigaltee seeraan alaa Somaliland waliin akka hin goone, - Itoophiyaan, Dhimmi Somaliland kan Somaaliyaa waan ta'eef, rakkoon siyaasaa isaanii qaama biyya tokkoo jalatti akka hiikamuuf akka dhiistu......kan ibsuudha. Garuu kun guutummaatti soba ta'uu waajjirri muummee ministeera ibseera. Waajjirri muummicha ministeeraa maal jedhe? Waajjira Muummee Ministeera, Odeeffannoon waa’ee Waliigaltee Somaaliland waliin taasifame guutummaatti sobaa fi qabiyyee sobaa waan ta’eef, Hawaasni odeeffannoon naanna’aa fi toora interneetii irratti naanna’aa jiru irraa akka of eeggatu gorsaniiru. Dhimmoonni naannoofi addunyaa ilaallatan toora miidiyaa diijitaalaa Waajjira Ministira Muummee qofaan kan tamsa'an ta'uus waajjirichi beeksiseera. Hawaasni qaamolee loogoo waajjirichaa seeraan ala fayyadamuun odeeffannoo sobaa tamsaasanirraa of eeguu akka qabus hubachiiseera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
نمایش همه...
👍 11
👍 2 1
#ExitExam Qormaanni ba'uumsa Yunivarsitii guyyoota jahan darbaniif guutuu biyyattiitti gaggeeffamaa ture xumuramee jira. Dhaabbileen barnoota olaanoo mootummaa 57 fi kan dhuunfaa 124 barattoota isaanii akka qormaatan ragaan Ministeera Barnootaa ni mul'isa. Barattoonni qormaata ba'uumsaa ilaalchisee komii qaban Tikvah Itoophiyaa'f ibsaniiru. Dippartimantii komii nuuf dhiyesaan keessaa qormaatichaa fi #Blueprint (qabiyyee qormaata) dursee qophaa’ee wajjin kan wal hin simne ta’uu namoota komattoonni ibsaniitu Muummee barnoota komii dhiyeessan:- - Manaajimantii - Markeeting Manaajimantii - Haayidirooliksii fi Water - Saayinsii fayyaa beeyladaa - Barattoonni informatiksii fayyaati. Kana malees, "yeroon nuuf kenname gahaa miti. Qormaata yeroon booda jalqabuu fi qormaataaf yeroo gahaa ramaduu dhabuu mudateera" jechuun komatanii jiru. Qormaanni Elektirikaal Injinariingiis irra deebiin kennameera. Tikvah Itiyoophiyaan komii dhiyaatee qabachuun hoggansa olaanaa Ministeera Barnootaa dubbiseera. Hooggansi olaanaa; "Qormaanni ba'uumsa bara 2016 Muummee 220 ol keessatti rakkoo tokko malee haala salphaan kennameera," jedhan. "Qormaata kanaan walqabatee dhimmi nu mudate hin jiru," jedhan qondaalli kun. "Komiin tokkollee Ministeera Barnootaa bira hin geenye" ​​jedhan. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
نمایش همه...
👍 31👎 13 4👏 1
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.