cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Fayyaan Faaya👨‍⚕️

Fayyaan teenya jiruu teenya!!!

نمایش بیشتر
فنلندةزبان مشخص نشده استسبک زندگی سالم
پست‌های تبلیغاتی
2 666
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

DHUKKUBA NERVII Dhukkubni narvii gosoota hedduu fi bal'aa of keessa qaba. Kana keessaa garuu kan yeroo baay'ee nama dhibuu fi kanan har'a kaasuu barbaade dhukkuba narvii kan gara alaa (peripheral neuropathy) kan jedhamudha. Dhukkubni kun erga nama qabatee mallattoo akkamii argisiisaa? ✍Qaama keenya keessumaa miilaa fi harka keenya gubuu ✍Miira gara garaa kan akka dhukkubbii qaamni keenya dabarsuu dadhabuu ykn hadooduu. ✍Dhukkubbiin akka waraansa miila fi harka keessaa nama dhukkubuu ✍Qaamni keenya keessumaa miilaa fi harki keenya humna guutuun socho'uu dadhabuu ykn nuuf abboomamuu diduu. ✍Dhukkuboota kana yeroo hedduu maaltu nutti fidaa? ✍Dhukkuboota biroo keesumaa dhukkuba sukkaaraa ✍Hir'ina nyaataa keessumaa vitaaminoota B1 B6 B12 ✍Sanyiidhaan ykn genetics ✍Alkoolii hedduu dhuguu ✍Miidhama qaamaa kanneen akka kufaatii, caba fi kkf kan narvii qaama keessaa kutuu cafaquu fi miidhuu danda'an. ✍Cafaqamuu (compression) narvii qaama keessaa kan sababa gara garaa akka dhukkuba dhiitaa qaama keessaa fi miidhama alaan nurra ga'urraa dhufu ✍Qorichoota dhukkuba biraaf fudhataman kan akka kaanserii; HIV fi kanneen biroo Akkamiin ofirraa ittisuu ykn gargaaruu dandeenyaa 🙏Boqonnaa ga'aa fi sochii qaamaa ga'aa walitti fufaa ta'e gochuudhaan 🙏Nyaata madaalamaa ta'e haga dandeenye keessumaa kuduraaf muduraa nyaachuu qabna. 🙏Alkoolii kan dhugnu yoo ta'e xiqqeessuu ykn dhaabuu -🙏Dhukkubsataa/ttuu sukkaaraa yoo taane qoricha nuuf kennamu seeraan fudhachuun giluukoosii qaama keenya keessaa bakka barbaadametti eeguu 🙏Dhangala'aa ga'aa dhuguudhaan hirriba ga'aa rafuu 🙏Yoo kana hundaan nutti fooyya'uu baate gara mana yaalaa deemuun qoricha fudhachuu qabna.
نمایش همه...
FAAYIDAA FAYYUMMAA SHANKOORA 0. Ufuura badaa fi ilkaan akka hin mancaane ni ittisa 1. Bullaa'insa nyaataaf gargaara 2. Kalee fayya qabeessa taasisa 3. Rakkoo onnee ni ittisa 4. Ulfaatina qaamaa hir'isuuf gargaara 5. Kaansarii ni ittisaa 6. Fayyaa gogaa ni jajjabeessa 6. Dhukkuba garaachaa ni fayyisa 7. Fayyaa afaanii ni eega 8. Finniisa ni fayyisa 9. Summii dhabamsiisa 10. Humna ni kenna 11. Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu ni guddisa 12. Fayyaa lafee fooyyessa 13. Qubni akka jabaatu taasisa 14. Fayyaa maashaalee ni fooyyessa 15. Fayyumma Tiruu ni dabaala 16. Gogiinsa garaa ni ittisa 17. Amaloota farra dulloomuu 18. Ilkaan ni jabeessa 19. Ulfa nageenya qabu mirkaneessa 20. Namoota dhukkuba sukkaaraatiin rakkatan ni gargaara 21. Dhala fi humna dhiiraa dabaluu 22. Dhangala'aa dhiigaa haaromsuu fi summii balleessuu 23. Dhukkubbii qoonqoo fi infuleenzaa ni fayyisa 24. Dhiphina ni ittisa 25. Vitaaminii fi albuuda akka foosfarasii, pootaasiyeemii, kaalsiyeemii, sibiilaa, maagniziyeemiin kan badhaadhe yoo ta’u, kunis fayyaa kee kan eegudha . 26. Ho'a qaamaa ni hir'isa
نمایش همه...
┃• ABDII QABDA •┃ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ๛ Har'a hiyyeessa yoo taate bor ni sooromta! ๛ Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo ta'e bor irraa hafaa qabaatta! ๛ Har'a miilla qullaa deemta yoo ta'e bor kophee jijjiirtee keewwattaam. ๛ Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta! ๛ Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta! ๛ Har'a nama si jaallatu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta! ๛ Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta! ๛ Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata. Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi! Moo'ichi nama abdii kutee taa'u bira utuu hin taane nama wal'aansoo qabu bira jira. Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama. Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa gonfachuun daawwaa milkoomina keetiiti. ABDII HIN KUTATIN! ➦ Gαℓαтσσмαα!!!          Υєʀσσ Gααʀιι 📩 ᴊᴏɪɴ📩    sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​    https://t.me/fayyaanfaaya https://t.me/fayyaanfaaya             🔺ᴊᴏɪɴ🔺 sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​https://t.me/fayyaanfaaya           🔺ᴊᴏɪɴ🔺
نمایش همه...
Fayyaan Faaya👨‍⚕️

Fayyaan teenya jiruu teenya!!!

Akeektuu Ogummaa ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Kophaa yommuu jirtu, √ Yaada kee hubadhu! ➋. Hiriyaa waliin yommuu jirtu, √ Arraba kee eeggadhu! ➌. Yommuu aartu, √ Miira kee to'adhu! ➍. Gareedhaan yommuu jirtu, √ Amala kee ilaalladhu! ➎. Yommuu danqamtu, √ Ilaalcha kee madaali! ➏. Uumaan yommuu si eebbisu, √ Durii kee yaadadhu! #Share taasisaa!!! 📩 ᴊᴏɪɴ📩    sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​                🔺ᴊᴏɪɴ🔺 sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​              🔺ᴊᴏɪɴ🔺
نمایش همه...
Gammachuun kee si wajjin jirti. Nama gammaduu barbaadeef gammachuun yoomiyyuu isa waliin jirti.gammachuu ofirraa achi butanii ilaaluun sirrii miti.gammachuun keessoo kee si waliin jirti. Yeroo kamuu haala kamuu keessa teessee gammaduu ni dandeessa.gammachuun haalonni hundi erga nuuf mijatee booda kan argannu osoo hin taane,haalonni akka nuuf mijatuuf qabsoo goonu keessatti argama. Namni tokko gammaduu kan qabu sababa waan yaade argateef qofa osoo hin taane waan yaade argachuuf dadhabuu isaattillee gammaduu qaba. Kanaafuu jaaloo koo jiruu keetti gammadi.rakkoo kamuu keessa jiraattulle gammadaa ta'i.seekoondiin tokko gammachuu malee ala akka sijalaa darbu hin eeyyamiiniif.yeroo kamuu,eesssayyuu teessee gammaduu ni dandeessaa hubadhu.
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Faayidaa Vaaseline ni beektu? 1- Jiidhina qaama guutuuf: Gogaa lallaafaa bareedaa argachuuf erga dhiqattee booda qaama kee guutuu irratti faayadami⚱ 🌷 2- Naannoo ijaa: 👀 Kutaa gogaa naannoo ija keessanii kan miira namaa kakaasu suuta fi saffisaan qulqulleessuuf Vaseline fayyadamuu. 🌷3- nyaara Ija dheeraadhaaf.🤷 ♀️ Halkan Vaasiliiniin xiqqoo rifeensa ija keessan irratti argamu lallaafaa fi fiixeen akka hin gargar baane taasisa. 🌷4- Umrii urgooftuu dheeressuu: 🌷 Urgooftuu jaallattu dibachuu kee dura Vaseline haphii dibadhu, umrii urgooftuu keetii dheeressuuf akkasumas gogaan kee akka hin gogne eeguuf. 🌷 5- hidhii bareechuf/ibsu: 👄 Vaasiliiniin ifa addaa itti kenna. 🌷 6- Miilaaf: 👡👠👞👣 Vaazeliin miila keessaa jilbaa fi bakka goggogaa dibachuuf gargaara. < Miilli kee sirritti deema👣 🌷 7- Meeshaa miidhaginaa/ make up balleessuuf itti fayyadamuu.👸 🌷 8-Vaseline fayyadamuun harka lallaafachuuf 🌷9- Danfiin fuula namaa dhiqachuu: 💆‍♀️💆 In .. Fuula keessan Vaseline dhaan xuuxaa sana booda fuula keessan madaa irra kaa'aa
نمایش همه...
FAAYIDAA HARGIISA 1). Amaloota isaa keessaa seelii gogaa jiidhina, oksijiinii fi cimsuun barbaachisaa dha. 2). Elastiiksii gogaa fooyyessuu fi akka hin mul'anne gogaa ittisuu danda'a. 3). Dhukkuboota sirna ittisa qaamaa ni cimsa, ni ittisa. 4). Fayyaaf amaloota antioxidant fi antibacterial humna guddaa qaban of keessaa qaba. 5). Dhiibbaa dhiigaa to’achuu fi tiraayigiliisaayidii tasgabbeessuufis ni gargaara. 6). Hamma sukkaara dhiigaa hir'isa. 7). Rakkoolee bullaa’insa nyaataa hedduu kanneen akka Gogiinsa gaara, Mar'imaani, gubaa garaachaa... 8). Dhukkuboota gogaa, kan akka gubaa, madaa fi madaa’aniif akka wal’aansa bal’inaan fayyadamuun addunyaa guutuutti beekama. 9). Marsaa dhiigaa ni fooyyessa 10). Dhukkuboota onnee fi ujummoolee dhiigaa ittisuuf gargaara. 11). Infeekshinii keessaa fi alaa hir’isuu ykn guutummaatti dhabamsiisuu danda’a. 12). Fayyuu madaan ni saffisiisa. ... 13). Ilkaan irratti citaa ni hir'isa. ... 14).Madaa kaansarii yaaluuf gargaara. ... 15). Hamma sukkaara dhiigaa gadi buusa. 16). Cirraacha kalee ni ittisa 17). Dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa ITTI FAYYADAMAA Fayyadama qaama keessaaf: Amaloota isaa argachuuf karaan hundarra gaariin baala haaraa fayyadamuudha. Budaa aloe vera, tonics ykn juices baala isaa keessaa itti naquu danda'a. Fayyadama qaama alaaf: Fayyadama alaa ajaa’ibaa qaba; yeroo baayyee kiriimii fi jeelota dhangala'aa isaa irraa hojjetaman keessatti gogaa gubaa, madaa, ciccituu irraa boqochiisuu fi eeguuf... OF EEGGANNOO · Fayyadamni aloe vera gogaa gosa tokko tokko irratti aarii, gubaa ykn ququnca’uu danda’a. · Madaa gadi fagoo ykn gubaa cimaa irratti gorsa fayyaa duraan hin kennine irratti hin dibatinaa. · Yeroo ulfaa ykn harma hoosisuu keessatti fayyadamni · Namni dhukkuba sukkaaraa qabu tokko yeroo afaaniin fudhatamu of eeggannoo gochuu qaba.
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
GURRAA FI DHUKKUBA GURRAA Gurri keenya dhagahuuf qofa osoo hin taane, madaala qaama keenyaa eeguun rakkoo tokko malee akka deemnu kan nu gargaarudha. Gurri caasaalee akka dibbee gurraa akka salphaatti miidhamuu danda'an fa'a qaba. Kanaaf fayyummaa gurra keenyaa sirriitti eeggachuu qabna. Miidhaan gurra keenya irra gahu dhagahuu dadhabuu qofa osoo hin taane, jireenya keenya kan biroo irrattis dhiibbaa guddaa qabaata. KUTAALEE GURRAA Gurri kutaalee gurguddoo sadi qaba. Isaanis:- 1. Kutaa gurraa gara alaa (External Ear) 2. Kutaa gurraa gidduu (Middle Ear) 3. Kutaa gurraa keessoo ( Inner Ear) Kutaaleen gurraa kunneen sadeen caasaalee garagaraa fi dalagaa garagaraa kan qabanii fi dhagahuu fi madaala qaama keenyaa eeguuf kan gargaaraniidha. Gurri keenya dalagaa isaa sirnaan dalaguuf kutaa alaa kaasee hanga keessoo isaatti fayyaa ta'uu qaba. Guuriin gurraa(earwax) faayidaa guddaa qaba; innis wantoonni akka dhukkee, ilbiisaa fi kan biroos akka gara gurraa keenyaa hin seenne taasisa. Kanaf guurii gurraa balleessuf yaalun hin barbaachisu. Yoo guurin gurraa kan guddatu/baay'atu ta'e fi dandeettii dhageettii keenyaa kan hir'ise ta'e wantoota lallaafoo gurra keenya hin miineen suuta jennee yeroo yeroodhaan qulqulleeffachuu qabna. Akkasumas, ogeessa fayyaa bira deemuu qabna. MAALTU GURRA KEENYA MIIDHUU DANDA'A? 1. Sagalee baayyee guddaa ta'e, kunis akka tasaa yoo ta'e fknf dhukaasa qawwee, Sagalee xurumbaa, konkolaataa fi kkf, akkasumas Iddoo sagalee guddaan jiru yeroo dheeraaf turuu; fknf konsartii ykn mana ragadaa, warshaa garagaraa keessa, ykn 'earphone' sagalee olkaasanii dhaggeeffachuu ykn boqonnaa malee walitti fufiinsan yeroo dheeraaf dhaggeeffachuu. 2. Infekshiinii kutaalee gurraa; keessattuu infekshiinii keessoo gurraa (otitis media) beekamaa fi yeroo dheeraaf yoo kan turu ta'e miidhaaf nu saxiluu danda'a. 3. Miidhaa gurraa yeroo balaa tasaa ykn rukkuttaa mataa ykn morma irra gahuun ,yeroo ispoortii, ykn Kufaan 4. Bishaan ykn dhangala'aa garagaraa gara ala gurraa seenun infeekshiinii gurraaf saxila. 5. Wantoota garagaraan keessattuu kan qara qabaniin gurra keessaa guurii baasuf yaalu ykn yeroo gurri nu hooksisu ittin hooqu. 6. Ilbisoonni ykn firii midhaanii garagaraa ykn wanti biroo yoo gurra keenya seenan ofiif baasuf yaalu . MALLATTOOLEE Mallattooleen miidhamuu gurra keenyaa agarsiisan; *Sagalee guddaan xiqqaatee nutti dhagahamuu * Sagalee adda baafachuu dadhabuu *Sagalee sirrii osoo hin taane sagalee waca makate nutti dhagahamuu * Sagalee tokkoyyuu dhagahuu dadhabuu *Madaala keenyaa eeggachuu dadhabuu *Lafti namaan maruu *Dhukkubbii gurraa *Hoo'i qaamaa dabaluu *Dhangala'aa (malaan) ykn dhiigni gurra keessan gadi bahuu *Dhukkubbii mataa AKKAMITTI FAYYUMMA GURRA KEENYAA EEGGANNA? 1. Namoonni hojiif yookin sababa biroof iddoo sagalee guddaan itti baay'atu fknf warshaa garagaraa, iddoo konsertiin muusiqaa fi kkf jiran; yeroo kana wantoota sagalee guddaa xiqqeessuu danda'an (earplug) fayyadamuu qabu. 2. Yommuu muuziqaa dhaggeeffannu; dhageesiftuu gurraa (earphone) ykn akkanumaatti yoo dhaggeeffannu sagalee olkaasnee ta'uu hin qabu. Akkasumas,yeroo dheeraaf fayyadamuu hin qabnu. 3. Yeroo bishaan daaknu fi qaama dhiqannu akka bishaan gurra keenya hin seenne, wanta bishaan akka gurra nu hin seenne godhan, kan 'ear band' jedhamu fayyadamuu 4. Guurii gurraa wantoota jajjaboo ta'aniin balleessuuf yaaluu dhiisuu fi bishaanin qulqulleessuf yaaluu dhiisuu. Kutaa gurra gara alaa jiru uffata qulqulluun yoo bishaan qabaate gogsuu fi qulqulleessuu fi yoo guurin garmalee baayyata ta'e ogeessa fayyaa bira deemuu. 5. Wantoota qara qabaniin gurra keenya xuxxuquu dhiisuu 6. Gurra keenya qofa osoo hin taane fayyaa keenya hundumaafuu; tamboo aarsuu dhiisuuu , sosochii qaamaa gochuu fi kkf. 👀Kulkuluu keessoo gurraa (otitis media). Daa'imman hanga waggaa 7 gahanitti deddeebi'ee isaan muudachuu danda'a. Yeroo kana mallattoon agarsiisan
نمایش همه...
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.