cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Galeso Faji Garbabo

✦Humni Jabaan Addunyaa kana raasu. Kan Gabromfata jalaa bilisa si baasu, Tokkummaadha Lafa jirtutti ijaaramii, Wal ijaari! ✦ᴏʀᴏᴍɪʏᴀᴀɴ ᴡᴀʀᴇᴇɢᴀᴍᴀ ɪʟᴍᴀᴀɴ ɪsʜᴇᴇᴛɪɪɴ ɴɪ Wolabᴏᴏᴍᴛɪ! ᴏʀᴏᴍᴜᴍᴍᴀᴀɴ ᴅʜɪɪɢᴀ!! ❤️💚❤️

نمایش بیشتر
فنلندة2 607زبان مشخص نشده استسیاست17 585
پست‌های تبلیغاتی
1 388
مشترکین
+224 ساعت
+327 روز
+17330 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Dhangaan Torbanii ammaan booda karaa kanaan waan darbuuf,fb account kana add follow gochuun hordofaa. Galatoomaa! https://www.facebook.com/share/cKYMHAtZWAkFKhtx/?mibextid=LQQJ4d
نمایش همه...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

👍 3
Zuwaay Dugdaa Kaabineef Kaadiren Lojigstiki Diinati Jettee Hidhatti wal-Guura jirti😄 Sichi wal nyaattu 👋
نمایش همه...
👍 2
Durii kaasee hanga harraatti Mootummoota biyyattii itiyoopiyaa jedhamtu kana kan bulchan hunda Kan mootii isaan taasise dhiiga OROMOOTI. namootuma oromoon Akka namaatti lakkaawaatu,namuma oromoon beekaaf Hayyuun kooti hooggana kooti jedhutu injifannoosaa,barcuma aangoosaa dabarsee diinatti gurguree garbummaa dachaa jalatti sabicha kiffise. duuti irraa hin dhaabbatu ykn waan du'uuf hin argatu kanaaf Kan isa saaxile ilmaan isaaf qabsaa'aniif ilmaan isatti qabsaa'aan qalbeeffachuu dhabuusaati.ammas dhaloota harra ittiin Abdii horate kana waranasaa WBO Jabeeffatee dhiphinaaf gidiraasatti xumura taasisuutu isaaf fala. IFNI JIRA OROMIAAN NI BILISOOMTI INJIFANNOON KAN SABA BAL'AATI Surraa Gindaabaa
نمایش همه...
Roorroo jibbitee kan falmattuuf mirga kee sarbame kabachiifachuuf akka ta'edha. Falmachuu keessa jibbi sanyummaa hin jiraatu, falmachuu keessa jibbi namummaa hin jiraatu. Akkasuma oftuulummaanis hin jiraatu. Gaafa falmattu akka seerrii addunyaa eeyyamutti falmadhu. Kan falmattu biyyaafidha. Gulantaa qabsoo keetii gadi buuftee hin rakasiisiin!
نمایش همه...
👍 1
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti diina du'aa fi madoon adabuu beeksise. ONM-ABO Waxabajjii 27,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO'n Zoonii Kaabaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan waraana weerartuu Abiy Ahimed mooraa  ishee fi magaalaa keessa ari'uun akka baala mukaatti rasaasaan harcaasaa jira. Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee bakka addaa Dareessaa jedhamutti  Roobii kaleessaa Waxabajjii 26 ganama sa'a 1:00 irraa eegaluun lola jajjabeen WBO ergamtoota murna bilxiginnaa waliin hanga sa'a 8:00tti taasiseen loltoota maafi'aa PP du'a seenaa hin qabnee fi maaliif akka duutullee  hin beekne 17 ajjeesuun 26 madoo dandammii hin qabneen adabeera. Tarkaanfii akkaan boonsaa korommiiwwan Kaabaa WBO'n waraana faashistii PP irratti fudhate kanaanis madoo ishee Oraalii tokkoon hospitaala Adaamaatti fe'achuun, tika bilxiginnaa namni maqaan isaa Ahimed Hasuu jedhamu dhalootaan ganda Baxxee  kan ta'ee fi itti gaafatamaan milishaa aanaa Harxummaa Fursee Umar Imaam kan jedhaman dabalatee madoo cimaan kanneen adabaman  keessatti kan argaman ta'uu fi yeroo ammaas du'aa fi jireenya gidduutti argamuu isaaniin   mooraa sirnichaa keessatti gaddi guddaan uumameera. #Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa❗ Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
نمایش همه...
👍 2
KAN SI HAFE UTUU HUBATTEE; KAN AGGAAMTE BIRA GAHUUF HUMNI SI DHAABU HIN JIRU! Barnoonni yaad qalbii ilma namootaa gabbisee milkii jireenyaa soroorsa. Akkuma deemsi gaariin tarkaanfii tokko irraa eegalu galmi kaayyoo hubannaa galma kaayyichaa irraa eegala. Waan galmaan gahuuf karoorsite irratti dursa hubannoo gadi fageenyaa qabaachuuti qabda. Utuu hin hubatiin qubaa hin gubatiin akka jedhamu, waan hin hubanne keessa seentee utuu hin hubatiin galma kaayyichaa balaa keessatti hin kuffisiin. Oromoon waggaa hedduu tolchee qabsaa'eera. Garuu sababa wallaaltonni fi galtoonni hedduun moona qabsichaa keessa ruuqamanii turaniif danqamaa as gaheera ammas itti jira. Riphee lo-laan icciita seera riphee lo-laa addunyaalessaa hordofee qabsoo saba isaa geggeeffachuuti qaba. Qabsoon riphee lo-laa addunyaalessaa kan waraa-naa fi kan siyaasaati. Lo-ltummaa keessatti riphee lo-laan hanga gaafa mootummaa ta'uutti of agarsiisuuti hin qabu, jireenyi isaa hundi icciitawaa ta'uuti  qaba. Tarkaanfiilee isa morkatan irratti fudhatu illee lakkoofsaan ibsuuti hin qabu, yoo barbaachisee argame qofa tarkaanfii fudhachee ibsuu danda'a. Miseensonni isaa suuraa fi viidiyoo haalaa fi bakka isaanii ibsu gonkumaa fuula miidiyaa haawwasaa irrattis ta'e af-dubbiin mirkaneessuuti hin qaban. Akka seera riphee lo-latti miseensi fuula miidiyaa hawwaasaa irratti of mul'ise akka waan dii-natti harka kennatee yookan icciita miseensotaa baaseetti adabbii cimaa keessummeeffata. Midiyaatti bahuun yoo barbaachisa ta'e hooggana akka dubbi himaa yookan dantaa siyaasaatu bahee haala yeroo irratti ibsa kennuu danda'a. Kuniyyuu kan ta'u sagalee qofaanidha. Isayyuu of eeggannoodhan godhama. Sababni isaa tikni suura yookan maqaa qofaan qabsaa'aa hin hordofu, tikni sagalee qabsaa'otaatiin qabsaa'ota nii hordofa. Yoo hooggansi tokko miidiyaa irratti bahee dubbatu sagaleen kun isa moo isa miti jechuun xiinxala geggeessuun adda nii baafata. Akka fakkeenyaatti namni tokko bilbila dhuunfaa isaatiin namni biroo yakka ajjee-chaa nama biroo irratti yoo qindeesse, sagalee isaatiin ilaalamee abbaa bilbilaati moo nama birooti jedhamee adda nii baha. Akkasumas hooggansi haasaa'aa godhu sagalee isaatiin ilaalamee adda bahuuti danda'a. Yoo hooggansi sun suurri isaa miidiyaa irratti argame immoo tikni isa dhabamsiisuuf hanga ganda dhalootaa isaatti deemuun qorannoo gadi fageenyaa geggeessiti. Fakkeenyaaf namni kun daa'imummaa isaatti amala akkamii qaba? Barnootatti akkami? Cimaadha moo laafaa ture?  Hawwaasa naannoo wajjiin akkami hariiroo gaarii qabaa? Hawwiin isaa yeroo ijoollummaa maal ture? Erga guddatee hoo? Jechuun odeessa walitti qabatti. Kun hundi qabsaa'icha dhabamsiisuuf malee ati goota jechuun dhadhaa isa dibuuf miti. Dirqama qabsoo qabsoo keessatti waliif qoodan kun abbaa cibraati, kun abbaa birgeediiti, kun abbaa muraasaati, fikkkf hundi yoo hojii tikaa morkataa ofiif salphisuu taate malee akka kiyyatti hin barbaachisu. Miseensi fi dhaabni qofti beeknan gahadha. Naamusi qabsoo akkasitti deemsifamus hin jirtu. Qabsoo keessatti qabsaa'aan afuura isaa dhokfatee qabsoo isaa geggeeffata, qabsichi immoo afaan baasee of himaa adeema. Qabsoo bara Fidaal Kaastiroo faa wabeeffachuu dhiifnee isuma as dhiyoo kan warra Afgaanistaanfaa wabeeffachuu dandeenya. Waggaa 20 guutuu qabsoo hadhaawaa geggeessanii injifannoon xumuratan, icciitiin injifannoo isaanii icciita riphee lo-ltummaa isaanii eeggatanii jala bu'anii hanga Kaabulitti fulla'an. Qabsaa'aan qabsoo irra jiru tokko galma qabsoo wallaaluun egeree qabsaa'ichaafis ta'e miiltoowwan isaatiif balaa guddaadha. Dhuguma milkaa'uu barbaadda taanan gad of deebisiiti hojii kee hojjedhu. Bilbilatu kan keeti malee wantoota ati bilbila keessa keessee itti fayyadamtu kan kee miti. Suuraa fi viidiyoo keetiin bilisummaa argamu homaa hin jiru.   Bilisummaa fi walabummaan gadi of deebisanii of abboomanii heeraa fi seeraaf bitamanii gatii baasuun argama. Akkan isinitti balleesse anuu beeka, egaa maalan godha kan bade kana caala! Booji'aa Caalii
نمایش همه...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
⭕️LABSII  fokkisa dha kuni! Walloo, Aanaa Arxummaa Furseetti, bulchaan aanichaa kan Ahmad Abbaa Afuroo jedhamu,  "ummanni magaalaa guddoo aanichaan ala jiraatu (95%), WBO'n isaan keessa waan socho'uuf, siruma akka magaalaa guddoo aanichaa (Caffaa Roobii)  natti hin seenne" jedhee, labsii baase. Ummata baadiyaa aanicha  keessa jiraatu irratti labsii takkaa dhagahamee hin beekamne kana baase. Namni dhukkubsatullee magaalaa san yaala argachuuf ykn qoricha bitachuuf seenuu hin danda'u jechuudha. Amma ummanni mufate kuni "magaama keenya akkamiin seenuu nu dhorka ?" jedhanii magaalaa sanitti marsanii lola irratti bananiiru. Quufni hangana hammaatu maali jarana ?Akkamiin "ummanni magaalama natti akka hin seenne" jedhamee labsiin akkanaa labsama ? Magaalaa san manuma dhuunfaa isaa kan yeroo barbaade balbala cufatuu fi banatu itti fakkaate moo akkami  ?Bulchaan godinaa isheen Faannoon suniis labsii kana akka labsisiisuu keessatti qooda olaanaa qabdi. Abadan ummata injifachuu hin dandeessan. Dhumni keessaniis salphina.
نمایش همه...
👍 2
Cuunfaa!!! Caamsaa 28,2024 barii lafaa keessa abidda takkaa immiyyeen argiteen beekne kan itti qabsiise gootichi woraana bilisummaa Oromoo,kutaa woraanaa hedduu keessatti kasaaraa hamaa sirnattiitti fiduun garii kutaa woraanaa daaressee jira. Zooniilee 8 Oromiyaa keessatti argamu keessaa kutaan waraana bilxiginnaa kanin haleelamin tokkon jiru. duula labsii bobbaa irbuu shinniggaatiin qiyyaafannoon taasifame tarsiimoo lolaa bifa haaraan bakka murteessaa keessatti diina kiyyeessuun haleeluun danda'amee jira. olaantummaa Waraanaa guddaa gonfachuun keessoo ishii unkuteessee rifaatuu guddaa kan itti buuse yoo ta'u,dhalattoonni Oromoo sirnattii ganuun ajajoota waraana bilxiginnaa itti garagalanii galaafatan hedduudha. miseensonni raayyaa bilxiginnaa qawwee sirnichaa diinatti deebisuun jeneraalota dabalatee ajajoota hedduu balleessuun gara qabsootti dabalamanii jiru,ammas itti fufee jira. bakka lolaatiin alatti ilmaan Oromoo qawwee diinaa baatan wal gurmeessuun badanii goototatti dabalamaa jiru. duula irbuu shinniggaatiin ol'aantummaa waraanaa kan argate gootichi WBO cinaatti sagalee gaarii horachuun jabaatee dippiloomaasiis gonfataa jira. abdii Oromoofi Oromiyaa Walabaa ta'uun ilmaan Oromoo tokkummaan kaayyoo irbuu shinniggaa jelatti qarriffaa diinaa buqqaasuu danda'anii jiru. duula irbuu shinniggaatiin kan gammade Ummanni Oromoo biyya keessaa ba'ee hanga WBO waliin diina woraanuutti itti ciccee jira. biyya alaa keessattis tokkummaan Oromoo jabaatee gumaachi gama hundaa itti fufee jira. injifannoo ummata cunqurfamoo hundaaf. Gadaan Gadaa bilisummaati! Cuunfee kan nuu dhiheessa Gadaa Oromoo
نمایش همه...
00:31
Video unavailableShow in Telegram
#Booji'amtoota #Booji'amtoota Warra milkaahee rasaasa #jajjabee_WBO Irraa hafe.
نمایش همه...
2.67 MB
Photo unavailableShow in Telegram
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.