cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

ancient history of oromoo and oromia

YouTube kenya https://youtu.be/eq2eWxR8t-w Facebook kenya https://www.facebook.com/ebisaahusen/

نمایش بیشتر
فنلندة2 340زبان مشخص نشده استحقایق4 461
پست‌های تبلیغاتی
1 612
مشترکین
+224 ساعت
-37 روز
-3030 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Photo unavailableShow in Telegram
Finfinneen bara 1899 ... #ancient_history_of_oromoo https://t.me/etbisahusen
نمایش همه...
👍 4
El- meelbaana!         ----------- Yeroo maqaa meelbaana jedhu kana dhageenyu, wanii nu dura dhufu, maqaa gogeesa gadaa meelbaadha. Haa tahu garuu tulaan meelbaana, tulawwan sagalan booranaa warra umrii bara  kumaatamaa qaban keessaa isa tokkoo.tulaan meelbaana  aanaa miyoo keessatti argama.               Tulawwan sagalan booranaa umrii bara kumaatamaa qabaachuu qofa ossoo hin tahiin seera taligaa bishaanii kan bara kumaatama lakkooysise qabaachaa turan. oromoon booranaa sirna tulawwan sagalan kana itti bulchaniifi seera taligaa bishaanii ( water resources management) Kan bara kumaatama lakkooysise qaban.              " jaarraa shaniif ossoo addaan hin citiin seera taligaa bishaanii kanaan wal taligaa turan. ( the Ancient tula wall system of borana in southern Ethiopia the main permanent water source has been in operation the more than five centuries" ) - j ,  helland- 1980 , Buxton- 1949 #ancient_history_of_oromoo please #like #share https://t.me/etbisahusen
نمایش همه...
ancient history of oromoo and oromia

YouTube kenya

https://youtu.be/eq2eWxR8t-w

Facebook kenya

https://www.facebook.com/ebisaahusen/

👍 3
Photo unavailableShow in Telegram
Iluu Abbaa boor !       ------- Laftti iluu Abbaa boor, lafa qubsuma ilmaan salgan Iluutii. Maqaan Abbaa boor jedhu kun bulchaa dur naannoo kana bulchaa ture, nama maqaan isaa caalii shoonoo ( Abbaa boor- 1820 - 1850 ) jedhamu irraa maqaa fudhatameedha.        Naannoon salgan Iluu kun jaarraa 16ffaa keessa, sirna gadaa keessatti, seera makoo bilii kan arddaa yaayyootiifi achii booda bulchiins Laaftoo guyyee, qilxuu laaftootiifi  shoonoo qilxuu, faadhaan beekamti.    Jaarraa 19ffaa keessa, erga sirni gadaa laafachaa dhufee as   naannoo dhihaa kana keessatti mootootiin oromoo bifa haarayaan mul'achu eegalan. bifa kanaan warri naannoo Iluu salgan bulchaa ture " caalii shoonoo ( Abbaa boor ) - (1820 - 1850 ) , diimaa caalii- (1851- 1872), garisaa diimaa - ( 1872 - 1875 ) Fitansa Iluu- ( 1876- 1886)        Madda= Lameessa waqgarii fi dereje fufa Bid = department of oromo folklore and literature mattuu university.       Fatansa Iluu ( Abbaa Ayyaansoo) bara 1886 G.C keessa iddoo https://t.me/etbisahusen
نمایش همه...
👍 3
Photo unavailableShow in Telegram
Baalee, naannoo Gololchaa bara 1885G.C Photo:Arthur Paulitschke. https://t.me/etbisahusen
نمایش همه...
👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
Ossoo magaalaan harar umar al-Ridaan (sheikh Abaadiirn) hin hundaawiin dura akka oromoon Naannawa magaalaa Harar qubachaa turtee maali ragaan? Ragaan tokko kana:- akka ragaan barreeffama ibsutti ossoo umar al-Rida (sheikh Abaadiir) Bara 1234 gara harar hin dhufiin dura ilmaan oromo namni lama Quraana barachuuf Yaman dhaqan.isaaniis shiekh usman kan gosti isaa jaarsoo fi sheikh Ali kan gosti isaa Alaa Abbaadhoti. Sheekootiin tun yeroo biyyati dacha'aan umar Al-Rida (shiekh Abaadiir) akka Ummata isaanni ilmi barsiisuuf gara biyyaa fiidanii dhufan.achii booda ega biyya Oromo dhufee boodas jarri kun sheekh Abaadrii fi oromoota jiddutti turjumaana tahanii hojjacha turan.achii booda lafa Amma magaalaan harar Irra jirtu tana sheikh Abaadiir akka galma itti jaaratuuf kannameef. Yeroo San gooroo fugugitti gadaan gadaa dagga goobanaa jedhama.magaalaan guddoon bulchinsa Dakkar Goobana jedhamti. #ancient_history_of_oromo
نمایش همه...
👍 3
Photo unavailableShow in Telegram
yaa sabaa anis har'aa tap tap gochuu jamarree !!!!! https://t.me/tapswap_bot?start=r_567113628 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
نمایش همه...
👍 3
Photo unavailableShow in Telegram
Go to the channel page
Seenaa bareddu oromoo Bilillee (mahbubaa) duran dursinee senaan kun dhugaa ta’usaa jalqabarratti isiin beeksisuu barbaanna. Bara 1837 A.L.A sirna bulchiinsa mooti Mohammad Alii keessatti, biyyaa Masriitti gabaa gabroota magaala Kaayirootti gaggeefamaa ture. Bara kana keessa ilma warra mooti lammii Jarman kan ta’e Hermann Von Paklar kan jedhamu dhaawwannaaf biyyaa Masrii deeme ture. Magaala kaayiroo gabaa gabroota keessa utuu imalaa jiru, shamarree bareeddu tokko arge. Bareedina shamarree kana dinqisiifate yeroo dhuma kanatti akka ishee bitu dirqame. Kitaaba maxxansaa 9ffaa yaadannoosa keessatti, Hermann akka barreesutti, “shamarree kana gabroota biroorra adda kan taasise isheen uffata aada biyya naanno itti dhalattee fi faaya adda adda qaamashee irratti arge. Kuniis akka isheen reefu gabaarratti fidan agarsiisa. Gabrootni baayye yeroon isaan gabaa irra oolan uffata naanno isaan ittiin dhufan hin qaban. Gabrootni haara fi gabrootni moofa haala kanaan addan baasani ilaalan.” Shamarreen bareedduu kuniis maqaan gabaa kana keessatti ittiin beekamtu Ajjimee jedhamtuus, kan isheen itti moggaafamte Mahbuuba (ﻣﺤﺒﻮﺑﺔ) jedhamti. Hiiqaan maqaa kana warri gaafatan yoo jiraate, Afaan Oromootin Jaalatamtuu jechuu dha. itti fufaa...
نمایش همه...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Seenaa bareddu oromoo Bilillee (mahbubaa) duran dursinee senaan kun dhugaa ta’usaa jalqabarratti isiin beeksisuu barbaanna. Bara 1837 A.L.A sirna bulchiinsa mooti Mohammad Alii keessatti, biyyaa Masriitti gabaa gabroota magaala Kaayirootti gaggeefamaa ture. Bara kana keessa ilma warra mooti lammii Jarman kan ta’e Hermann Von Paklar kan jedhamu dhaawwannaaf biyyaa Masrii deeme ture. Magaala kaayiroo gabaa gabroota keessa utuu imalaa jiru, shamarree bareeddu tokko arge. Bareedina shamarree kana dinqisiifate yeroo dhuma kanatti akka ishee bitu dirqame. Kitaaba maxxansaa 9ffaa yaadannoosa keessatti, Hermann akka barreesutti, “shamarree kana gabroota biroorra adda kan taasise isheen uffata aada biyya naanno itti dhalattee fi faaya adda adda qaamashee irratti arge. Kuniis akka isheen reefu gabaarratti fidan agarsiisa. Gabrootni baayye yeroon isaan gabaa irra oolan uffata naanno isaan ittiin dhufan hin qaban. Gabrootni haara fi gabrootni moofa haala kanaan addan baasani ilaalan.” Shamarreen bareedduu kuniis maqaan
نمایش همه...
#Waa’ee_Gadaa_wantoota_beekuu_qabdan #2_Baallii_walharkaa_fuuchuu Gadaan waggaa saddeet saddetiin naanna’a. Abbaan Gadaa tokko waggaa saddeet irraa guyyaa tokkollee dabarsuu hin danda’u, aadmalee. Dhaloonni oromoo sirna gadaatiin bulu yeroo hunda gadaa keeessa jira. Gulantaa irra jirurratti mirgaa fi dirqama aangoon gadaa kenneef hojiitti hiika namni hunduu. Baallii walharkaa fuuchuu jechuun egaa gulantaa sirna gadaa tokkorraa kan itti aanuutti ce’uu jechuudha. Haala Kanaan namni raaba doorii keessa ga’umsaan darbe gadaa ta’ee aangoo abbaa gadaarraa fudhata. Oromiyaa bakka garaa garaatti jilli gadaa fardaan ba’ee guyyaadhaan baallii walitti dabarsa. Boorna keessatti sirni kun halkan walakkaa raawwatama. Yeroo jilli gadaa fardeen torbaan baalli fuuchuuf ba’an nama dhiisii simbirruu dura darbuun aadmalee. #3_Ardaa_jilaa Ardaan Jilaa bakka itti walga’uun dhimmi ummataa mari’atamuudha. Iddoo kabajamaa jilli gadaa irra naanna’uun naannoo wayyoomsu ykn kabaja akka qabaatu hojjetu jechuudha. Ardaan Jilaa teessoo gadaatis. Dhimmi jilatamu kamiyyuu ardaa jilaatti raawwatama waan ta’eef. Oromiyaan Ardaalee Jilaa hedduu qabdi. #4_Odaa Odaan galma abbaa Gadaati. Oromiyaa keessa odaawwan hedduutu jiru. Kanneen giddu gala sirna gadaa ta’anii tajaajilaa turanii fi ammas tajaajilaa jiran garuu shan. Isaanis : #Odaa_roobaa_kan_Godina_Baaleetti_argamu #Odaa_bisil_kan_Shawaa_Lixaatti_argamu #Odaa_nabee_kan_shawaa_Bahaatti_aragamu #Odaa_Bultum_kan_Harargee_Bahaatti_argamu #Odaa_Bulluqi_Horo_guduruu #5_Irreecha Shamarranii fi Dhiirri Oromoo wayita Hora Harsadiitti irreeffatan Irreessi duudhaa, amantii fi aadaa oromoo calaqqisiisa. Kaayyoon sirna Gadaa keessaa isa tokko oromoon kan ittiin uumaa fi uumamatti dhiyaatu, galateeffatuu fi kadhatu sirna Irreechaatiin. Irreechi waggaatti si’a lama kabajama. Inni birraa wayita oromoon bacaqii gannaarraa gara booqaa birraatti ce’u kabajama. inni kun Irreecha Malkaa jedhama.Inni arfaasaammoo wayita roobni fuula as deebifatu rooba nagaa kadhachuuf kabajama.inni kunimmoo irreecha tulluu jedhama. #Maddi_BBC_Afaan_oromooti #ancient history of oromo #share #like 
نمایش همه...