cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

JAARRAA ABBAA GADAA

Goota falmuu dhiifnee Qeerroon Galee ciifnee Oromiyaa Dachii Goota Gantuu fi Yartuu Akkam Goggootaa !!! YAADAF👉 @JAARRAABOT Channel youtube keenya Argachuuf 👇👇 https://youtu.be/p51FnhhOuDY https://youtu.be/p51FnhhOuDY

نمایش بیشتر
فنلندة2 089زبان مشخص نشده استسیاست15 416
پست‌های تبلیغاتی
1 964
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
-530 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Repost from JAARRAA ABBAA GADAA
Repost from JECHOOTA HAYYOOTA
𝐀𝐛𝐝𝐢𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐤𝐮𝐭𝐚𝐭𝐢𝐧𝐚𝐚! 𝐴𝑘𝑘𝑎 𝑛𝑢𝑡𝑖 𝐴𝑏𝑑𝑖𝑖 ℎ𝑖𝑛 𝑘𝑢𝑡𝑎𝑛𝑛𝑒𝑒𝑓, 𝑛𝑎𝑚𝑜𝑜𝑡𝑎 𝑎𝑏𝑑𝑖𝑖 𝑛𝑢𝑡𝑡𝑖 ℎ𝑜𝑟𝑢𝑢𝑛 𝑓𝑎𝑘𝑘𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎 𝑛𝑢𝑢𝑓 𝑡𝑎'𝑎𝑛 𝑙𝑎𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑘𝑎𝑛𝑎 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑏𝑎𝑟𝑎𝑑ℎ𝑎𝑎! 1, 𝑨𝒃𝒊𝒓𝒂𝒉𝒂𝒎 𝑳𝒊𝒊𝒏𝒌𝒂𝒂𝒏. dhalatee waggaa 21ffaa isaatti daldala eegalee kisaaran isa mudate. 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉 Dhalatee waggaa 22ffaa isaatti immoo mana maree seera murtuuf hirmaatee hin milkoofne 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉 Dhalatee waggaa 26ffaa isaatti jaalalleen isaa biraa boqotte 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhalatee waggaa 27ffaa isaatti dhukkuba narviitiin qabamee baayyee dhukkubsatee ture 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒚𝒚𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhalatee waggaa 34ffaa isaatti immoo Koongireesii Ameerikaaf dorgomee utuu hin milkaa'in hafe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhalatee, waggaa 45ffaa isaatti akkasuma mana maree bakka bu'oota uummataa bakka bu'ee dorgomee kufe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhalatee, waggaa 47ffaa isaatti itti aanaa pireezidantii Ameerikaa dorgomee kufe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhalatee, waggaa 49 isaatti mana maree bakka bu'oota Uummataa dorgomee kufe 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒔 𝒂𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhalatee, waggaa 52ffaa isaatti 𝐏𝐢𝐫𝐞𝐞𝐳𝐢𝐝𝐚𝐧𝐭𝐢𝐢 𝐀𝐦𝐞𝐞𝐫𝐢𝐤𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐞𝐞 𝐦𝐮𝐮𝐝𝐚𝐦𝐞. ᵃᵇᵈⁱⁱ ᵏᵘᵗᵃⁿⁿᵃᵃˢ ᵃᵇᵈⁱⁱ ᵏᵘᵗᵃᶜʰⁱⁱˢᵉ! 2, 𝐌𝐚𝐚 𝐲𝐮𝐮𝐧 𝐀. 𝐊. 𝐀 𝐉𝐚𝐜𝐤 𝐌𝐚𝐚 dureessi biyya chaayinaa kun yeroo heedduu kufaati keessummeessun nama beekamu kan tureedha. 👉Barumsa sadarkaa 1ffaa yeroo baratu al-lama kufe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Barumsa sadarkaa 2ffaatti yeroo sadii kufe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Seensa Yuunivarsiitii Hangizyuu tiif qoramee yeroo sadii kufe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Yuunivarsiitii Harvardiitti barachuuf yeroo kudhan (10)n iyyate kurnanuu jalaa kuffisan 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Erga Barnoota xumuree booda yeroo soddoma qacaramuu dhaqee, hunduu fudhatama dhabe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Dhaabbanni KFC jedhamu namoota 24 dorgomsisee yommuu turetti, namoonni 23 darbanii inni qofti kufe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆! 👉Humna waraanaa keessa seenanii hojjechuuf namoota shan (5) ta'anii iyyatanii turan; garuu afur (4) darbanii inni qofti kufe 𝑲𝒖𝒏𝒊𝒔 𝒂𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒄𝒉𝒊𝒊𝒔𝒏𝒆. 𝔾𝕒𝕣𝕦𝕦 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑎𝑚𝑚𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛𝑎𝑡𝑡𝑖 𝑨𝒃𝒃𝒂𝒂 𝑸𝒂𝒃𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝑩𝒊𝒚𝒚𝒂 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒚𝒊𝒏𝒂𝒂𝒇𝒊 𝑯𝒖𝒏𝒅𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝒅𝒉𝒂𝒂𝒃𝒃𝒂𝒕𝒂 🇦 🇱 🇮 🇧 🇦 🇧 🇦 𝒕𝒊 👇 𝙰𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚗𝚗𝚊𝚊𝚗 𝚔𝚊𝚗 𝚑𝚒𝚒𝚔𝚊 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚝𝚞 𝚢𝚘𝚘 𝚗𝚞𝚝𝚒 𝙰𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚗𝚗𝚎𝚎𝚍𝚑𝚊 𝚖𝚊𝚕𝚎𝚎, 𝚊𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚢𝚘𝚘 𝚑𝚒𝚗 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚞𝚖𝚖𝚎𝚎𝚜𝚜𝚒𝚗𝚞 𝚝𝚊'𝚎𝚎, 𝙰𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚗𝚗𝚊𝚊 𝐻𝑖𝑖𝑘𝑎 𝑑ℎ𝑎𝑏𝑠𝑖𝑖𝑠𝑢𝑢 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎! Galatoomaa! Join for more: @JECHOOTAHAYYOOTA YAADAF👉 @besilent12
نمایش همه...
Repost from JECHOOTA HAYYOOTA
Gorsɑ Jireenyɑ keenyɑ keessɑtti nu fɑyyɑdu. 1 Gorsɑ lɑkkoofsɑ 5 irrɑ ilɑɑli 2 Dhiifɑmɑ dogoggoreeti lɑkkoofsɑ 11 irrɑ illɑɑli 3 Mee ɑl tokko hin dheekkɑmin lɑkkoofsɑ 15 irrɑ ilɑɑli 4 Tɑsgɑbbɑɑ'i Lɑkkoofsɑ 13 irrɑ isiniif jirɑɑ 5 Durɑɑn dursee lɑkkoofsɑ 2 ilɑɑlɑɑ 6 Mɑɑltu si ɑɑrsɑ lɑkkoofsɑ 12 irrɑ ilɑɑli 7 Dubbisuun guutuu nɑmɑ godhɑ!. 8 Gorsin jechuuf bɑrbɑɑde lɑkkoofsɑ 14 irrɑ jirɑ 9 Obsɑɑn lɑkkoofsɑ 4 irrɑ ilɑɑlɑɑ 10 Isɑ dhumɑɑ lɑkkoofsɑ 16 irrɑ ilɑɑlɑɑ 11 Dhiifɑmɑ guddɑɑ lɑkkoofsɑ 6 ilɑɑlɑɑ mɑɑl jedhɑ? 12 Mɑɑloo lɑkkoofsɑ 8 irrɑ ilɑɑlɑɑ 13 ɑbdii hin kutinɑɑ lɑkkoofsɑ 10 irrɑ isiniif jirɑ 14 ɑkkɑm ɑkkɑn isiniin jedhu hin beeku cɑllisɑɑtii lɑkkoofsɑ 3 irrɑ bɑrbɑɑdɑɑ 15 ɑkkɑ dheekkɑmtɑn nɑɑf gɑlɑ gɑruu lɑkkoofsɑ 9 irrɑɑ ɑrgɑttu 16 Obsɑ keessɑniif heddun isin gɑlɑteeffɑdhɑ Gorsichi lɑkkoofsɑ 7 irrɑ isiniif jirɑ!. Shɑre ᎽᎬᏒᎾᎾ ᎶᎪᎪᏒᎥᎥ @JECHOOTAHAYYOOTA
نمایش همه...
Repost from JECHOOTA HAYYOOTA
Milkaa'inaa fi Kufaatii ❍ Nama kamiifuu guyyaan borii  haaraadha. Kanaaf sochii hojjedhu. Hojii kee keessatii dogoggorri uumamu danda'a. 💪 Kufaatiin illee akkasuma. Wanti fedhe yoo ta'e dogoggora hin sodaatiin. Yoo dogoggorte malee barachuu hin dandeessu. Kufaatii hin sodaatiin. 👉👉👉 Bu'aa jireenyatu akkasi; jireenyumatu akkasitti injifatama. Kufaatiin filannoo biraadha. Yoo abdii kutatte kufaatii filachuu keetii. Yoo abdii qabaatte garuu kufaatiin mudannoo keeti. Mudannoo irraa muuxannootu dhufa. Muuxannoo yoo qabaatte hojii kamillee milkaa'inaan xumuruu dandeessa. ❍ Kufuun kee gaariidha; sababni isaa kufaatiin irree si jabeessudha. Jireenyi akka muuziqaati. Muuziqaan meeloodiin isaa takka ol ka'a, takka gadi bu'a akkasumas giddu galeessaan yeedaleeffamuun muuziqaa miidhagaa fi hawwataa ta'a. Jireenyi dhala namaas akkasumaan tola. Waa'ee maallaqaa hin yaadda'in, Yoo mul'ata qabaatte wanti hundinuu yeroo isaa eeggatee si dhaqaba. ❍ Jechoota jijjiiramaaf si qopheessu baay'inaan argachuuf channeli kana join godhi! Ittiin of jijjiirii! Akkasumas namoota kanneen biroof share godhi! Halkaan gaarii @Jechootahayyoota yaada kessaan comment jalatti nuf kennuu hin dagatina🙏❤️
نمایش همه...
Repost from JECHOOTA HAYYOOTA
Kitaaba "The Power of Regret" (Humna Gaabbii) jedhu kan Daniel H. Pink, Gisela Chipe, et al.: 1. Gaabbiin kan hundaati. Namuu gaabbii qaba. Isaanis kutaa muuxannoo dhala namaa isa idilee ti. 2. Gaabbiin yakka ykn salphina tokko miti. Gaabbiin waa’ee waan darbee yoo ta’u, yakki fi salphinni garuu waa’ee yeroo ammaa ti. Gaabbii jechuun miira gadda ykn gaabbii waan ta’eef yoo ta’u, yakka jechuun miira waan ta’eef itti gaafatamummaa fudhachuu yoo ta’u, salphinni immoo miira salphinaa ykn salphina. 3. Gaabbiin kaka’umsa cimaa ta’uu danda’a. Gaabbiin jireenya keenya irratti jijjiirama akka goonu nu kakaasuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, daandii hojii murtaaʼe tokko hordofuu dhiisuu keenyatti yoo gaabbinu, abjuu sana dhugoomsuuf tarkaanfii fudhachuuf carraan keenya guddaa taʼuu dandaʼa. 4. Gaabbiinis madda ogummaa ta’uu danda’a. Gaabbiin dogoggora keenya irraa barannee gara fuulduraatti murtoo fooyya’aa akka goonu nu gargaaruu danda’a. 5. Namoonni baay’een gaabbii ijoo afur qabu. Gaabbiiwwan kunniin: • The "Boldness Regret"—Balaa fudhachuu fi jireenya guutummaatti jiraachuu dhiisuu keenyatti ni gaabbina. • "Gaabbii Walitti Hidhamiinsaa"—Hariiroo namoota biroo wajjin qabnu irratti yeroo fi humna gahaa invast gochuu dhabuu keenyatti ni gaabbina. • The "Integrity Regret"—Murtoo faallaa gatii keenyaa ta'e murteessuu keenyatti ni gaabbina. • The "Provision Regret"—Fayyaa qaamaa fi maallaqaa keenya kunuunsuu dhabuu keenyatti ni gaabbina. 6. Gaabbii keenya gara humna gaariitti jijjiiruu dandeenya. Kana gochuu kan dandeenyu: • Gaabbii keenya adda baasuu. • Hundee gaabbii keenyaa hubachuu. • Gaabbii keenyaaf dhiifama ofiif gochuu. • Gaabbii keenya irraa barachuu. • Jireenya keenya irratti jijjiirama gochuun gaabbii keenya irra deebi’uu irraa of qusachuu. 7. Jireenya keenya keessaa gaabbii dhabamsiisuuf yaaluu hin qabnu. Gaabbiin madda odeeffannoo fi kaka’umsa gatii guddaa qabu ta’uu danda’a. 8. Kanaa mannaa gaabbii keenya to’achuu irratti xiyyeeffachuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu ofitti mararfachuu, dhiifama gochuu fi galateeffachuu shaakaluudhaani. 9. Gara fuulduraattis murtoo fooyya’aa gochuuf gaabbiitti fayyadamuu dandeenya. Gaabbii keenya hubachuudhaan, gatiiwwan keenyaa fi wanta dursa kenninu adda baasuu dandeenya. 10. Gaabbiin mallattoo dadhabbii miti. Mallattoo ciminaa fi of beekuu ti. 11. Gaabbii nutti dhagaʼamuu sodaachuu hin qabnu. Miira fayya qabeessaa fi idilee ta'eedha. 12. Gaabbiin jireenya keenya akka to’atu gochuu hin qabnu. Inumaayyuu akka meeshaa guddinaa fi jijjiiramaatti itti fayyadamuu qabna. 13. Gaabbiin jireenya caalaatti hiika qabu jiraachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Gaabbii keenya hubachuudhaan, filannoowwan gatii keenyaa wajjin walsimu gochuu dandeenya. 14. Gaabbii keenyaaf galateeffachuu qabna. Isaan barachuu fi guddachuuf nu gargaaruu dandaʼu. 15. Gaabbiin humna gaarummaaf humna guddaa qabuudha. Jireenya keenya irratti jijjiirama akka fiduufi addunyaa irratti dhiibbaa gaarii akka geessisnu nu kakaasuu danda’a. Barumsawwan kana hordofuudhaan gaabbii keenya to’achuu barachuu fi jireenya caalaatti hiika qabuu fi gammachuu qabu jiraachuuf itti fayyadamuu dandeenya. @Jechootahayyoota @Jechootahayyoota
نمایش همه...
Repost from JECHOOTA HAYYOOTA
Yeroo tokko tokko wanni nuti barbaannu bakka nuti yaanne saniin ala waan jiru nutti hin fakkaatu. garuu bakka baayyee bakka ati hin yaanneen milkaayinni hedduutu jira. Waan tokkoon hin milkoofne jechuun; wanni hundi achirratti dhaabbate jechuu miti. Yeroo asiin cufamte achiin banaa tahuu  hubachuu qabna. @Jechootahayyoota
نمایش همه...
Repost from JECHOOTA HAYYOOTA
Yeroo callistu yaaduu dandeessa. Yeroo callistu dhaggeeffachuu dandeessa. Yeroo callistu yaadachuu dandeessa. Yeroo callistu miiraa kee mo'achuu dandeessa. Yeroo callistu of argachuu dandeessa. Argitee jireenya keenya keessatti wantoonni hedduu barbaachisoon callisuu keessa jiru. @Jechootahayyoota @Jechootahayyoota
نمایش همه...
نمایش همه...
Eastern Ethiopian Research and statistical Software analysis Groups 🧬💰🩺💊 🌍👨‍👩‍👧

Statistical data and research analysis team

Karaalee ittiin yaada sammuu keenyaa cimsannu. 1. Sammuun kee waanuma tokkottiyyuu akka hin dhiphanneef of eeggadhu! Kan sitti himan caalaatti yaada keessa kee jiru itti yaaddee, maddisiiftee, barreessitee, karoorsitee utuu ittiin hojjattee yaada kee gabbifatta. Namoonni tokko tokko yaada bareedduu utuma ofharkaa qabanii yaada nama kan biraatiin liqimfamanii hafu. Yookiin immoo ani dandeettii hin qabu, namni kan biraa kan ana irra caalu jira jedhanii yaada isaanii ukkaamsu! 2. Namoota yaada keetti si jajjabeessanii fi yaada kee miidhan adda baafadhu! Beekumsaa fi dandeettii uumamaa kan addaa qabda. Beekumsi nama hundumaa immoo walitti dhufee hojii gurguddaa hojjata. 3. Yaada gaarii maddisiisuu! Yeroo hundumaa yaada gaarii maddisiisuuf of kakaasi! Yaada gaarii yaaduun sammuu namaa boqochiisa. Yaada gaarii maddisiisuun jireenya dhuunfaa irra darbee biyya ijaara! Yaadni namootaa garaagara. Yaada nama kan biraatiin liqimfamuu irra ati hoo maal yaadda? Namni kamiyyuu yaada dhuunfaa mataa isaa qaba. Yaada namoota hundumaa walitti fiduun yaada moo'ataa fi hojiif nama kakaasu ijaaruun ni danda'ama. @Jechootahayyoota @Jechootahayyoota
نمایش همه...
Maallaqaan guddachuu barbaaddaa? Addunyaa kanarraa namni fedha maallaqaa dhabe hin jiru. Namni kamuu gama maallaqaan guddachuu ni barbaada, garuu hojjechuu hin barbaadu. Wantan hojjedhun dhabe akka jettu beeka, animmoo maaltu hojjetamen siin jedha. Namoonni hedduun waan xiqqoon eegaleen iddoo guddaa ga'a jechuu irra tokkichumaanan iddoo guddaa gahuu qaba jedhanii yaadu. Dandaa'amnaan gaariidha. Wanta hin dandaamneef garuu yeroo balleessuu irraa waan qabaniin eegaluun bilchina. Fedhiin tokkichaan maallaqaan guddachuu gurgurtaan lootariin akka baballatu taasiseera. Kanaaf namoonni hedduun hojii hojjechuu irra lootarii kutuu filataniiru. Akkuman duratti kaase namni maallaqaan guddachuu fedhu hedduudha. Garuu dhugummaan fedha guddinaa hin qaban! Utuu qabaatanii harka maratanii carraa lootarii hin eegan. Hojiin hin jiru jettee teessa taanaan bara baraan teessa malee yeroo hojiin siif argamu hin dhufu. Maaliifan wanti hojjetame hin jiru siin jedhe beektaa? Wanta biyyoota guddatanitti hojjetame keessaa hammamtu ykn maaltu biyya keenyatti hojjetame? Beeka haalli keessa jirru rakkoodha, garuu rakkoodhuma keessa teenye rakkoon ol tahuuf hojjechuu qabna. Maaltu magaalaan keessa ykn baadiyyaan keessa jirutti hin hojjetamne jedhii of gaafadhu. Hojii jechuun rakkoo furuu jechuudha? Bakka ati jiraattutti uummati maal bitee fayyadamuu barbaada, akkasuma maal immoo hedduminaan argachaa hin jiru? Of gaafadhu gaafa deebii argatte rakkoo sana furuuf hojjedhu. Kan biroo kennuudha. Business jechuun kennuu jechuudha. Nama kennuuf immoo dachaan kennamaaf. Uummataaf hamma dhiyeessitu argatta, caalattis argatta. Kana jechuun ati product dhiyeessita hawaasni product kee fudhachuuf maallaqa siif dhangalaasa. Amma argitee rakkoo furte jechuudha. Yaadi hojjedhuu carraan hojii keessa jiraa. Taa'umsa keessa carraa hin eegin! Dhuma irratti, fedhii qofti gahaa miti fedhiin amantii fi hojiin dabaalamuu qaban siin jedha. Sana booda jijjiramaa fi guddina jedhame fida. Kanaaf yaadi, amani, hojjedhu guddina barbaadde sana gonfadhu. @DEDRORO
نمایش همه...