cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Xoofoo Qulqulluu Isxiifaanoos

Ergamni Chaanelii kanaa 👇 Barumsa Hafuurawoo Mana Kiristaanaa Ortoodoksii Tewaahidoo Barsiisuu dha 👉 Toora YouTube keenya 👇 https://youtube.com/@IsxifanostubeOfficialYouTube?si=svMJORSicHSMkgGt Yaada Qabdan immoo @DnGadisa irratti Ergaa !!!

نمایش بیشتر
فنلندة1 264زبان مشخص نشده استدین و مذهبی20 614
پست‌های تبلیغاتی
4 540
مشترکین
+524 ساعت
+807 روز
+64230 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Guyyoota 7'n Du'a Ka'umsa Gooftaa keenyaa Booda Jiran. Wiixata| Maahidoot ✍ Du'aa Ka'umsa Gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos booda wiixatni Akka barumsa Ortoodoksii Tewaahidootti " MAAHIDOOT" Jedhama. ✍ Maahidoot :- jechuun jecha gi'iizii ta'ee Ce'umsa jechuudha. ✍ Guyyaa kana Manni Kiristaanaa lubbuun Boqonnaa dhabde gara Boqonnaa isheetti Dukkana kessaa kan turte gara Ifatti Gadda kessaa gara gammachuutti Si'ool kessaa gara jennatatti akka dhufe Guyyaa itti yaadannuudha. ✍ 1 Qor 5:7 Raacitii moofaa isin kessa jiru garaa Raacitii of kessaa hin qabdan erga tahee isin bultoo haaraa hin taatu Kiristoos hoolaa Faasikaa keenya aarsaa nuf taheera jechuun Phaawuloos ragaa baheera Torbee gaarii nufa tahu Toora social Media kanan na hordofuu dandeessu Akkasumas obboloota kessan bira akka gahuf '#Share gochuu hin Dagatinaa Deacon Gadisa Kasahun page @xoofooqulqulluuisxifaanos Isxifanos Tube Official YouTube Xoofoo qulqulluu isxifaanos ✍ Dn Gadisa k 28-8-2016
نمایش همه...
"Akkuma Dubbate Guyyaa Sadaffaatti Ka'e" (Maat 28:6 +1Qor 15:4) 👏"Ni Ka’e Waaqayyoon akka waan hirribaa dammaquutti Akka nama cimaa machiin wayinii dhiisettis Diinota Isaas rukute duuba isaaniin" (Faar 77/8:65)👏 ✍Barumsa amantaa kiristaanaa manni kiristaana Ortodoksii barsiistu keessaa inni guddaanii fi hundee amantaa ishee ta’e, Ifa du’aa ka’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosidha. Duuti amalamummaa isaa osoo hin taane, jaalala Ilma namaaf qabuuf, jalqabattis akkasumaan dhala namaa waan jaallateef, uumamoota biraa teessoo isaa irra taa’ee yaadaa fi jechaan kan uume yoo ta’u, dhala namaa garuu, bifaa fi fakkeenya Isaatiin yeroo uumuuf jedhetti, teessoo isaa irraa bu’ee gara biyya lafaa dhufuun, biyyoo qabatee harkaan bocee, funyaan isaattis Afuura jireenyaa itti baasuudhaan jiraataa taasise. ✍Yeroo Addaam muka balas nyaatee qullaa turettis, gannata keessa barbaacha dhufee, qullaa ta’uusaa argees wayaa gogaarraa hojjatame itti uffise. Kanarra darbuun dhala namaa fayyisuu kan danda’u akka hin jirre yeroo argetti gara keenya dhufee nu gargaare. ✍Akkuma qulqullichi phaawuloos, “Bifa Waaqayyootiin osoo jiruu, bifa garbicha isaa qabatee gad of qabee, ulfina isaas dhiisee, dhufee hanga du’aatti qaqqabe (Fil 2:6) jedhe, foon namaa waliin tokkummaa’ee dhufee dhalatee rakkoo fi gidiraas simate, dhukkubbii keenya baatee (Isaa 53:4) nuuf du’ee awwaalame. Inni qulqulluun Daawwit, “Waaqayyoon garuu addunyaan durayyuu mootii ture, garaa lafaa jidduus qoricha kaa'e” (Faar 74:12) kan jedhes awwaalamuu Isaan ni raawwate. ✍Waaqayyoon keenyas ni du’e yeroo jennu Waaqummaa fi lubbuu Isaatiin miti. Inni kan du’e foon Isaatiin ta’us, Waaqummaan garuu foonii fi lubbuu isaa irraa adda hin baane (#Qeerloos). Pheexiroosis, Inni yakka tokkollees osoo hin qabaatiin egaa cubbamootaatiif yeroo tokko sababa cubbuutiif du’eera, Innis fooniin du’e malee lubbuu Isaatiin garuu jiraataa ta’e. Isumaanis immoo deemee mana hidhaa (Si’ool) keessa lubbuuwwan jiraniif lallabeef; (1Phex 3:18-19) jechuun dhugoomseera. Lallabni Isaa kunis isa raajonni Waaqayyoo kanneen akka Isaayyaas fa’aa, “Kan isinitti cufame ba’aa; warreen dukkana keessa taa’aniinis mul’adhaa akka jedhuuf kakuu taasisee sabichaaf kenneera, (Isay 49:9), jedhetu raawwate. ✍Addaamis, waggoota kennameef lakkaa'ee waan xumureef, lubbuuwwan isa waliin Si’ool keessa jiraniin, “Waggaan 5500 xumurameeraatii kadhannaaf ka’aa, yommuu jedhutti, lubbuuwwan isa waliin jiranis maaloo nu maarii jedhan. Waaqayyos qaama lubbuutiin argamee nagaan isiniif haa ta’u yeroo jedhutti, akkuma qulqulluun Yaareed, “Akkuma Yohaanniis garaa haadha isaa keessatti si argee gammachuun utaale, lubbuuwwanis ni utaalan,” jedhe lubbuuwwan gammachuu bilisummaa argataniin gammadanii burraaqanii utaalan. Sanaan boodas, isa Isaayyaas dubbate raawwachuudhaaf jecha, ba’aa Gara gannataa galaa jedhe, Isaanis Waaqayyoof galanni haa ta’u, jechaa biyya gammachuu burqisiistutti galan. ✍Barumsa keenya, kana kessattis waa’ee (dhimma) Du’aa ka’umsa Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ilaalla. Waaqayyo keenya, akkuma ergamoonni, Maariyamii ishee Maqdallaa fa’aatiin “Isa jiraataa warreen du’an jidduu maaliif barbaaddu?” Luq 24:5 jedhan, Inni Waaqqyyo jiraataa dha malee kan du’u miti. Inni warreen du’aniyyuu Waaqayyo du’aa kaasuudha. Alaazaar fa’iis guyyaa afuriin booda humna Waaqummaa Isaatiin ka’i jechuun kaase. Dhugumatti, "du’aa ka’umsii fi jireenyi anadha,” Yoh 11:25 jedhee Waaqni barsiise, guyyaa sadaffaatti du’aa ka’eera. ✍Gooftaan keenya osoo xoofoo du’aa hin dhamdhamiiniin dura, Waaqummaa Isaatiin hunda gochuu wanta danda’uuf, waa’ee dhimma du’aa ka’uu ofii isaa barumsa Isaa keessatti barsiisaa tureera. Kanneen keessaas akka fakkeenyaatti yoo fudhannu: 👉"Ilma namaa ni ajjeesu, Inni garuu guyyaa sadaffaatti deebi’ee ni ka’a." (Maat 17:23) 👉"Akkuma Yoonaas garaa qurxummii keessa halkan sadii fi guyyaa sadii bule, Ilmi namaas halkan sadii fi guyyaa sadiif garaa lafaa keessa ni bula." (Maat 12:40)
نمایش همه...
👉"Mana qulqullummaa kana guyyaa sadii keessatti jigsee deebisee nan nan kaasa." (Yoh 2:19) ☝️Jechuudhaan uummatootaa fi duuka bu’oota isaa barsiisaa akkuma ture, du’ee guyyaa sadaffaa isaatti du’a mo’atee ka’eera. Ergamoonni Waaqayyoos, “Akkuma dubbate ka’eera; as hin jiru, bakka Inni ciise koottaa ilaalaa” (Maat 28:6), jechuudhaan Waaqayyoon keenya akkuma barsiisaa ture raawwachuu Isaa dhugaa ba’an. Itti fufa... ♨️#AYYAANA_GAARII♨️
نمایش همه...
Baga Ifa Du'aa Ka'umsa Gooftaa kenyaa Iyyesuus kiristoosiin Nagaan gessan 🙏DU'AA KA'UMSA🙏 (Resurrection) "Kiristoos du'aa ka'e Humnaa fi aangoo guddaan Seexana hidhe Addaamiin bilisa baase Nagaan Kana booda Nagaa fi gammachuun ta'e" ✍Egaa Saaduqoonni warren du’aa Ka’umsatti hin amannee (Maarq 12:18) fi Yihudoonnii fi angafoonni lubootaa, Kiristoos akka waanta du’aa hin kaanee fakkeessuudhaaf yaalii guddaa gochaa turaniiru. Jalqabatti loltoota ciccimoo bakka awwaalcha gooftaa eeganiin, kanfaltii isiniif kennina, Kiristoos du’aa ni ka’e osoo hin taane, duuka bu’oota isaatu reeffa isaa osoo nuti rafnuu dhufanii hatan jedhaa jechuun du’aa ka’umsa gooftaa keenyaa ganan (Maat 28:11-15). ✍Barumsa jal'ootaa fi jarreen hamoo kanaa balleessuudhaaf duuka bu’oonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos sirriitti cimsanii waa’ee du’aa ka’umsa isaa barsiisuutti ka’an. Nutis dhugaa baatota du’aa ka’umsa Isaatiidha; (HDB 1:22) jechuudhaan humna cimaadhaan du’aa ka’umsa isaa ragaa ba’aa turan (HDB 4:33). Qulqulluun Phaawuloosis, Kiristoos warren du’aniif (muganiif) angafa ta’ee ka’eera, jechuudhaan barumsa du’aa ka'umsa Gooftaa fi du’aa Ka’umsa dhala namaa sirriitti barsiiseera (1Qor 15:20-55). Egaa dhugumatti Waaqayyoon keenya yeroo du’aa ka’uttis, lubbuun Isaa Si’oolitti kan hafte osoo hin taane, foon Isaas bosbosuu kan hin argine ta’uu dhugaa ba’uu qabaanna (HDB 2:31). ✍Gooftaan keenyas, du’aa ka’umsa isaa akka nuti hin shakkineef: ➸Qaamaan qaamatti Maariyaam ishee Maqdallaatti mul’ateera ➸Luqaasii fi Qaliyoophaattis (Kara deemtota Eemaawuusitti) of agarsiiseera. ➸Hin shakkiinaa, An ekeraa mitii, ekeraan qama lafee hin qabuu jedhee lukaa fi harkasaa itti agarsiise. Luq. 24:38-40 ➸Toomaasiinis kunoo madaa koo quba kaa’ii ilaali jechuun itti agarsiiseera (Yoh 20:25-29 ✍Egaa waa’een du’aa ka’umsa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bu’uura cimaa kan ta’ee fi kan duuka bu’oonnillee barumsaanis ta’ee qaamaan tuqanii nuuf dhugoomsaniidha. ✍Kanaaf nutis du’a mo’ame Kanaan, “Yaa du’aa mo’ichi kee meerre? Waraantuun kee hoo jechuuf (1Qor 15:55), duuti du’aan du’uu fi du’a ka’umsa Kiristoositti sirriitti amanuu qabaanna. Akkuma hundee amantaa keenya irratti, “Guyyaa sadaffaatti du’a mo’ee ka’e” jennu, duuti karaa dhala namaa waanta dhufeef, du’aa ka’umsi karaa Kiristoosiin ta’eera (1Qor 15:21), jechuu qabaanna. Nutis du’aa ka’umsa lammataa kan amannu du’aa ka’umsa Gooftaa keenyaa yoo amanne qofaadha (Room 6:5). ✍Nuti warreen du’aa ka’umsa Kiristoositti amannu, Kiristoos dhugumatti du’aa ka’eera. Erga du’aa ka’ees guyyoota Afurtamaaf biyya lafaa irra foon waloomfateen deddeebi’eera jenna. ✍Akkuma hayyuun mana kirstaanaa Qulqulluun Atinaatewoos, “Du’aa erga ka’een booda, foon isaatiin kan hin dhukkubsannee fi kan hin duune ta’e jedhe, (Amantii Abbootii 25:24), nutis Waaqummaa isaa foon tokkummeeffateen jiraate jenna. Kanaaf, ergamoonni Seexanaa sobdoonni, Kiristoos hin kaane warreen jedhan waan jiraniif, warreen akkanaa kunniin amala gaarii waan balleessaniif hiriyoota hamoo akkasii irraa of eeggachuu akka qabaannu hubannee, (1Qor 15:32-33), akka ergamoota Waaqayyoo Isaan qulqulluu, Kiristoos akkuma dubbate ka’eera jechuu qabaanna. ✍Erga du’aa ka’ees Kiristoos dadhabaa miti; du’aa ka’umsaan booda akka bara foonummaa akka namaa sanatti ilaaluu hin dandeenyu. Luba irraan kan hafes eenyuu Isa hin tuqu; du’aan booda Waaqa gonkaawaa ta’eeraatii. Waktii foonii (ስጋ ወራት) kan jennu waktii Iyyasuus Kiristoos biyya lafaarra turee hojii foonii raawwachaa turedha (Ibr 5:7). Har'as fooniin jiraatullee garuu foon yeroo biyya lafaa ture mo'atamuyyuu inni har'aa garuu hin mo'atamu. Inni sun du'aa fi dhukkubsataa ta'us garuu har'a akkas miti. ✍Kanaaf hiikti yeroo foonawaa yeroo foon mo'atamaan lafarra ture du'aa ka'umsaan dura jechuudha. Qulqulluun Phaawuloos, ergaa isaa uummata Qoronxoosiif erge keessattis (2Qor 5:16), “Kiristoos fooniin kan barre ta’us ammaan booda garuu akkasitti hin beeknu” jedheera.
نمایش همه...
Itti dabalees, “Kiristoos du’oota keessaa ka’ee, gara fuulduraattis akka hin duune;, duutis gara fuulduraatti akka Isa irratti aangoo hin qabne ni beekna” (Rom 6:9) jedheera. Kanaaf, har’a Kiristoos foon fudhatee ol baheen dadhabbii keessa hin jiru; Foon Kiristoos ittiin du’aa ka’e kan dadhabu, kan ittiin hojii biraa hojjatu osoo hin taane ulfinaan sadan qulqullaa’oo keessaa Inni fooniin tokkicha jiddu galeessa namaa fi foonii ta’ee jiraata. 👉Du’aa ka’uu Isaa garaa kee guutuun yoo amante ni fayyita (Rom 10:9).👈 ❤Ayyaana Gaariii!❤
نمایش همه...
نمایش همه...
" Du'aa ka'uu kee Gooftaa Ni Amanna" Waraabii Hafuuraa M.K.O.T Itiyoophiyaa

Baga Nagaan Gara Channela Isxifanos Tube Official YouTube Nagaan Dhuftaan Channela keenyaf Haaraa kan tatan Subscribe Taasisuudhan miseensa Channela keenyaa ta'aa Waraabii Hafuuraa Mana Amantaa G.B.Qulqulluu Gabri'elii Nekemtte Ayyaana Ifa du'aa Ka'umsa Gooftaa keenyaa Iyyesuus kiristoosii !!! 👇👇👇 #Share #like #subscribe #dn Henok Hayile #eotc #follow 👍👍👍 Gochuu Hin Dagatinaa Channela kana irraa Kanneen Armaan gadii ni argattu barumsa Wangeelaa waraabii Hafuuraa Diraamaa Hafuuraa Faaruu Waltajjii walaloo Hafuuraa Maatii Isxifanos Tube Tahuu hin Dagatinaa 🙏

نمایش همه...
Ha Galateeffannu ||Nisebio

Ha Galateeffannu Ha Galateeffannu waaqa keenya Galateeffamaadha kan Galateeffamee Galateeffamaadha kan Galateeffame baga Gessan Baga Gessan Baga Gessan Channela YouTube Isxifanos Tube dhaaf Warri maatii hin taane Subscribe Taasisuudhan Maatii YouTube keenyaa tahaa nama bira akka gahuuf share taasisuu hin dagatiinaa #subscribe #Share #Mahitote Tube #dn Henok Hayile #EOTC #Comment #Follow

#Xiixoosii #oolmaa Gammojjii Gibxii kessaa #Qaraniyoo_Gubbaa irratti ! " Yaa Gooftaa Mootummaa ke kessatti na yaadadhu " ✍ Jecha kana kan dubbate mirga kiristoositti kan Fannifame #Xiixoosiidha ! Bitaa fi mirga kiristoositti Saamtofni lama akka fannifamaan kitaabni Qulqulluun ifa godhe nuf katabee jira Luq 23 33 Isaaniis Xiixoosii fi Daakriis Saamttoota jedhamaniidha. Jaroonni kun lamaan Fannoo irraatti kiristoos irratti jechoota gargaaraa yeroo isaan dubbatan Argina. Sahaatichi lamaan isaanifiyyuu Sahaatii gaabbii ture garuu kan carroome mirga kiristoositti kan Fannifame Saamticha Xiixosii jedhamu ture. Saamtichi bita kiristoos itti Fannifame akkas jedhe Ati waaqa yo tate ofii ko of olchi nunis nu olchi jedhee Dubbannaa Darbaatiin kiristoos irratti gaafa dubbatu Luq 23:37 Saamtichi Mirga kiristoositti Fannifame Xiixos garuu akkas jedhe Ati firdiidhaan dhiphachaa utuu jirtu waaqayyon illee hin sodaatu Nuyi hojii keenya nyaannee Inni garuu hoomaa hin yakkinee Nuyi yaakamnee yakka keenyaan Fannoo gubbaa oolle Nuf nu taha Fannifamuun Inni garuu badii Tokko malee Fannoo gubbaa irratti ol bahe Yaa Gooftaa Mootummaa keen gaafa dhuftu Na Yaadadhu luq 23:42 jedhee xiixoos saha dhumatti Gaabbii Fannoo irratti gale Kiristoos deebisee dhuguma dhuguma siin jedha harra na waliin jannata kessatti argamtta jedhee kan inni yaade caalaa kiristoos isa Gammachise Dhugumatti jecha baayyee nama ajaa'ibudha Xiixoos Oolmaa Tokko Kiristoosiif oolee ture Innis Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamii Yeroo Ilma ishee qabattee gara biyya Gibxitti godaantu Gammoojjii Misiraa kessatti shiftoonni kun lamaan itti bahanii turanii Shiftoota lamaan kana kessaa Kan garaa lafeef Xiixoos ture Egaa Yeroo dheeraa booda Qaraniyoo Gubbaa irratti walitti dhufanii Oolmaa namaa kan hin daganne Gooftaan keenyi Iyyesuus kiristoos Fannoo gubbaa irratti oolmaa Gammoojjii Gibxii kessaa yeroo Haadhasaa waliin godaansaa ture xiixoos ooleefii Fannoo gubbaa irrati Oolmaa isaa deebiseef Kabjamttoota Maatii waaqayyoo Utuu duhuuf ykn boqochuuf mayikro secondii wayii nuf hafte Saahitiin Gaabbii wayi nuf kennamttee Mee Maal Waaqayyon Kadhanna laata?? Baayyeen keenyi Jecha Daakris kiristoos irratti dubbate hin fakkaannu laata ??? Waaqayyo laphee gaabbii akka Xiixoos hunduma keenya nuhaa gonfachiisu Waaqayyo Guyyaa kanan kan nu gahe ifa duhaa kahumsa isaatiin nu gahee nuhaa Gammachiisu ✍ Dn Gadisa 25:8:2016 Tulluu Qaraniyoo jela Baalee Roobee
نمایش همه...