cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

FBC Afanoromo

This is FBC Afan Oromo official Telegram channel. For more updates please visit www.fanabc.com/afanoromo

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
49 687
مشترکین
+4824 ساعت
+1927 روز
+73830 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Photo unavailableShow in Telegram
Misoomaa fi guddina waaraa fiduuf daraggoonni yeroo sirnaan fayyadamuu qaba-Dooktar Ergoggee Tasfaaye Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC)- Misoomaa fi guddina waaraa mirkaneessuuf dargaggoonni yeroo isaanii sirnaan fayyadamuu qabu jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayeen. Koonfiraansiin dargaggootaa Oromiyaa mata duree Dargaggummaa humna jijjiiramaa, utubaa biyyaa fi abdii boriiti” jedhuun Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Konfiraansicharratti, Dooktar Ergoggee Tasfaayeen biyyattiitti, jijjiiramoota dameewwan diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/misoomaa-fi-guddina-waaraa-fiduuf-daraggoonni-yeroo-sirnaan-fayyadamuu-qaba-dooktar-ergoggee-tasfaaye/
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Hariiroon loltummaa Itiyoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa cimee itti fufa-Inj. Ayishaa Mahaammad Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC)- Hariiroon loltummaa Itiyoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa cimee kan itti fufu ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad ibsan. Injiinar Ayishaan, Itiyoophiyaa, Jibuutii fi Sishalsitti Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa fi Bakka Bu’aa Dhaabbii Gamtaa Afrikaa biyyattii Kongi Juungi waliin mari’ataniiru. Marii isaaniin hariiroo seena qabeessa kan qaban biyyoonni lameen, hariiroo… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/hariiroon-loltummaa-itiyoophiyaa-fi-kooriyaa-kibbaa-cimee-itti-fufa-inj-ayishaa-mahaammad/
نمایش همه...
👍 4 1
Photo unavailableShow in Telegram
Naannoo Amaaraatti Sagantaan Eegalchiisa Ashaaraa magariisaa gaggeeffame Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC) –Naannoo Amaaraatti sagantaan eegalchiisa Ashaaraa magariisaa Boqonnaa 2ffaa Marsaa 2ffaa Magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffame. Saganticharratti Pireezidaantii Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa dabalatee qondaaltoonni olaanoo naannichaa biroon argamaniiru. Naannichatti sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan gosa garaagaraa biiliyoona 1.7 dhaabuuf karoorfamuun ibsameera. Waggoottan shanan darban biqiltuun biiliyoonni 5 ol dhaabamuun eerameera.… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/naannoo-amaaraatti-sagantaan-eegalchiisa-ashaaraa-magariisaa-gaggeeffame/
نمایش همه...
👍 3
Photo unavailableShow in Telegram
Jilli Loltummaa Taanzaaniyaa koolleejjii Istaafii fi Ajajummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa daawwate Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC)- Jilli Loltummaa Ittigaafatamaa Leenjii fi Duula Loltummaa Taanzaaniyaa Meejar Jeneral Ibiraahiim Mikaa’elii fi Ajaajaa Humna Qilleensaa Biyyattii Meejar Jeneraal Shabaanii Baaraangaashiin durfamu Koolleejjii Istaafii fi Ajajummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa daawwateera. Daawwanichaan, adeemsa baruu fi barsiisuu koolleejjichaa fi galmoota hojii waggoottan dhufanii irratti Ajaajaa Koolleejjichaa Birgaadar Jeneraal Mulugeetaa Ambaachootiin ibsi bal’aan… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/jilli-loltummaa-taanzaaniyaa-koolleejjii-istaafii-fi-ajajummaa-raayyaa-ittisa-biyyaa-daawwate/
نمایش همه...
2
Photo unavailableShow in Telegram
Tajaajilaa lammummaa baranaarratti dargaggoota miiliyoona 8 ol hirmaachisuuf karoorfamuun ibsame Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC)- Sirni baniinsa tajaajila lammummaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Moojootti gaggeeffameera. Sagantcharratti dhiiga arjoomuu, haaromsa manneen harka qalleeyyii, Ashaaraa Magariisaa fi qulqullina Magaalaa gaggeessuun jalqabsiisan. Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Moojoo Obbo Gazaalii Ashuu, hojiin tajaajila lammummaa aadaa Oromoon itti fayyadamaa ture bakkatti deebisuun hawaasa fayyadaa jira jedhan. Hogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/tajaajilaa-lammummaa-baranaarratti-dargaggoota-miiliyoona-8-ol-hirmaachisuuf-karoorfamuun-ibsame/
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa daandii biyyoota lamaan walquunnamsiisuu Kiiloo meetira 220 ijaaruufi Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa daandii biyyoota lamaan walqunnamsiisuu Kiiloo meetira 220 ijaaruuf ta’uu ibsameera. Waliigaltee Faayinaansii Doolaara miiliyoona 738 Bara Faranjootaa Caamsaa 2023 biyyoota lamaan gidduutti mallattaa’e hordofee daandiin biyyoota lamaan walquunnamsiisu kiiloo meetirri 220 ijaaramuuf ta’uu ibsameera. Manni Maree Seera Baasaa Ce’umsa Biyyaalessaa Sudaan Kibbaa waliigaltee faayinaansii daandii… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/itiyoophiyaa-fi-sudaan-kibbaa-daandii-biyyoota-lamaan-walquunnamsiisuu-kiiloo-meetira-220-ijaaruufi/
نمایش همه...
👍 2 1
Photo unavailableShow in Telegram
Hawaasni odeeffannoo sobaarraa of eegachuu qaba – Waajjira Ministira Muummee Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) – Sanada Waliigaltee Somaaleelaandi ilaalchisee odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasummaan tatamsa’aa jirurraa hawaasni akka of qusatu Waajjirri Ministira Muummee FDRI hubachiise. Dhimmoonni naannawaa fi idil addunyaa ilaallatan toora miidiyaa diijitaalaa Waajjira Ministira Muummee qofaan kan tamsa’an ta’uus Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera. Odeeffannoon qaamoleen tokko tokko Loogoo waajirichaa seeraan ala fayyadamuun tamsaasaa… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/hawaasni-odeeffannoo-sobaarraa-of-eegachuu-qaba-waajjira-ministira-muummee/
نمایش همه...
👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
Jilli Obbo Adam Faaraahiin durfamu Jibuutii gale Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC) – Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin durfamu guyyaa bilisummaa Jibuutii waggaa 47ffaarratti hirmaachuuf Jibutii galeera. Jilli Pireezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee fi Itaamaajoorii Waliigalaa Humna Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa of keessatti hammate kabaja guyyaa bilisummaa Jibuutii waggaa… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/jilli-obbo-adam-faaraahiin-durfamu-jibuutii-gale/
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Afriikaa 23ffaa meedaaliyaa 10 argachuun xumurte Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Afriikaa 23ffaa Kaameeruunitti gaggeeffaamaa ture meedaaliyaa 10 argachuun xumurte Shaampiyoonaa atileetonni kumni 2f 500 biyyoota 27 irraa walitti babba’an irratti hirmaataana kana Itiyoophiyaan meedaaliyaa warqee 5, Meetii 4 fi Naasii 1 argachuun xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa. Iityoophiyaan Atileetoota 36n akaakuuwwan Atileetiksii 19n… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/itiyoophiyaan-shaampiyoonaa-atileetiksii-afriikaa-23ffaa-meedaaliyaa-10-argachuun-xumurte/
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Joorjiyaa fi Turki tapha moo’atanii darbuuf gahan Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) – Waancaa biyyoota Awurooppaa 17ffaa galgala kana taphatameen Joorjiyaa fi Turki tapha moo’atanii darbuuf gahaniiru. Tapha ramaddii marsaa xumuraa har’a taphatameen Joorjiyaan galchii 2 fi 0n Poorchugaal yoo injifattu,Turki galchii 2 fi 1n Cheek injifachuun marsaa itti aanuuf darbaniiru. Poorchugaalii fi Turki qabxii 6 walqixaan 1ffaa fi 2ffaa ta’uun yoo… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/joorjiyaa-fi-turki-tapha-mooatanii-darbuuf-gahan/
نمایش همه...
👍 11
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.