ABDII SABAA
رفتن به کانال در Telegram
@yaadaafqeeqabot SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
نمایش بیشتر2 452
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-37 روز
+230 روز
آرشیو پست ها
2 452
#Mormii
Dabalamuu waggaa tokkoofi barattoonni akka barsiisanii murteessuu ministeera barnootaan wal qabachuun ganama harraa Yuunivarsitii Wallaggaatti hirriirri nagaa taasifameera.
Hiriira kana irratti barattoonni mormii jabaa dhageessisaniiru.
Dabalataan Yuunivarsitii madda Walaabuutti taate walfakkaataan mudateera.
Viidiyoon daawwadhaa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2 452
Sababoonni darbiinsa qormaata kutaa 12ffaa gadi aanaa ta’eef qoratamuu qabu-Koree Dhaabbii
Sababni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa dhibbeentaa 50 ol gadi aanaa ta’eef qoratamuu qaba jedhe Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Qabeenna Namaa, Hojii fi Teeknooloojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa.
Koreen Dhaabbii kun raawwii karoora kurmaana 2018 Ministeerri Barnootaa gamaaggamee jira.
Waggoota shanan darban keessatti haaromsi sirna barnootaa irratti taasifame qulqullina barnootaa eeguu fi ilaalcha jijjiiruu irratti milkaa’aa ta’us, ammallee sirni barnootaa dhibbeentaa 100 rakkoo irraa bilisa miti jedhameera.
Waggoota darbanii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu lakkoofsi barattoota Qormaata Kutaa 12ffaa bara 2017 darban dabaleera, garuu baay'ina barattoota qormaata kanaaf taa'aniin wal bira qabamee yoo ilaalamu gadi aanaa ture.
Akkasumas lakkoofsi barattoota Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa taa'anii waggaa waggaadhaan hir'ataa dhufuu isaa eerameera.
Waggoota afran darbanitti sirna barnootaa keessatti cabiinsa ture suphuudhaaf riifoormiin bal’aan hojiirra ooluu isaa kan beeysise yoo ta’u, amma sababoota rakkoolee sirna barnootaa keessatti mul’ataniif adda baasanii beekuun kan eegamu ta'uu kaaseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SAABAA 📡
2 452
"Tuttuqqii cimaa Eertiraan taasisaa jirtu obsinee waraanatti galuu dhiisne haa ta'u malee obsi kunis daangaa qaba"Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos.
Itoophiyaan “Eertiraan daangaa koo sarbite, garee hidhattootaa deeggarti, waraanatti akka hingalleef obsa guddaa agarsiisaa jirra garuu bara baraan hin obsinu” jette
Itoophiyaan Eertiraan garee hidhattootaa daangaa koo keessa socho’an deeggaraa jirti, birmadummaa koos sarbaa jirti jechuun komachuun, buufanni doonii Asab xiyyeeffannoo duraa Itoophiyaa ta’uun akka itti fufu mirkaneessite.
Haasaa Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos Fooramii Horni Riviwuufi Yuunivarsiitii Finfinneetiin qophaa’uun Sadaasa 13 yuunivarsiitichatti taa’ame irratti taasiseen, hidda muddama Itoophiyaafi Eertiraa gidduutti uumamee irratti ibsa bal’aa kennuun, yaada furmaata jedhe dhiyeesse.
Dabaluunis, tuttuqqii cimaa Eertiraan taasisaa jirtu obsinee waraanatti galuu dhiisne jechuun, obsi kunis daangaa akka qabu akeekkachiise.
Kana malees, waraanni Eertiraa bakkeewwan kaaba Itoophiyaa hedduu too’ateera jechuun, bakkeewwan kunneen lafa Itoophiyaati jedhe. Eertiraan humnoota hidhatanii biyyattii keessa socho’an deeggaruun dhimma keessoo Itoophiyaa keessa galte jechuun himate.
Haqawwan kunneen Itoophiyaaf mirga of ittisuu ni kennu jechuun, Itoophiyaan garuu obsa filachuun lolli naannawaa duraanuu cabe keessatti lolli hamaan akka hinkaane goote jechuun, obsi kun garuu akka daangaa hin qabneetti ilaalamuu hin qabu jechuun akeekkachiise.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2 452
Biiroon Dhimma Dargaggoota Tigraay Baqattoonni Itiyoophiyaa Yaman keessa jiraatan hatattamaan akka eegamu fi gara biyyaatti akka deebifaman gaafate.
Biiroon Dhimma Dargaggoota Bulchiinsa Yeroo Tigraay Dhaabbata Godaantota Addunyaa (IOM) fi Waldaa Fannoo Diimaa Itiyoophiyaatti waamicha hatattamaa dhiyeessee, baqattoonni Itiyoophiyaa Yaman keessa jiran “rakkoo namoomaa hamaa fi hammaataa dhufe” keessa akka jiran ibseera.
Biiroon kun xalayaa dhaabbilee lamaan kanaaf barreesseen dargaggoonni Tigraay hedduu dabalatee baqattoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman haala lubbuu namaa balaarra buusu keessa akka jiran ibsuun, xalayaa kana kan barreesse “ariifachiisaa fi yaaddoo guddaa irraa kan ka’e” ta’uu ibseera.
Baqattoonni kun harki caalaan isaanii carraa fooyya’aa barbaaduuf imala balaa irra kan turan yoo ta’u, amma “balaa guddaa” keessa akka galan xalayaan kun ibseera.
Baqattoonni Yaman keessa jiran humnaan gara biyyaatti akka deebi’an, doorsisni jeequmsaa, hidhaa fi “adabbii bifa balaafamaa” mirga namoomaa isaanii sarbuu fi mirga namoomaa bu’uuraa isaanii sarbuun akka raawwatamaa jiru waajjirichi ibseera.
Xalayaan kun keessumaa shamarranii fi daa’imman faayidaa fi jeequmsaaf saaxilamoo ta’uu ibseera.
Dhaabbanni Godaantota Idil Addunyaa fi Fannoo Diimaan Itiyoophiyaa tarkaanfii hatattamaa fudhachuun nageenna qaamaa baqattootaa mirkaneessuu fi kabajaan gara biyya isaaniitti akka deebi’aniif haala mijeessuu akka qaban waajjirichi dhaamaniiru.
Bulchiinsi yeroo Tigraay namoota gara Itiyoophiyaa galan deebi’an simachuuf akkasumas deebisanii dhaabuu isaanii deeggaruuf michoota qarqaarsa namoomaa waliin walitti dhiyeennaan hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessee jira.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2 452
"Filannoo gaggeessuuf eyyama eenyuuyyuu nu hinbarbaachisu, humna gahaa qabna”MM Dr Abiy Ahimad.
MM Doktar Abiyyi Ahmad, walga’ii Idilee 2ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Kibxata darbe adeemsifamerratti gaaffiilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif wayita deebiifi ibsa kennan, “Filannoo gaggeessuuf eyyama eenyuuyyuu nu hinbarbaachisu, humna gahaa qabna” jedhaniiru.
Paartiileen siyaasaa qophii gahaa hintaasifne filannichi nidabarfama jedhanii yaaduurra hunduu amummaa kaasanii qophii gochuu akka qaban himanii, filannoon baranaa dimokraatawaa qofa osoo hintaane filannoo sagaleewwan garagaraa ittidhagahamu akka ta’us ibsaniiru.
Dhimma filannoo marsaa torbaffaa kanaan walqabatee Dura Ta’aa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)fi Gorsaan Dhimma Ispoortiifi Dargaggootaa Ministira Muummee Obbo Qajeelaa Mardaasaa gaafdeebii miidiyaa Irratti taasisaniin akka jedhanitti, yaaadni Ministirri Muummee filannoon walqabatee kaasan sirriidha; filannoon yeroosaa eeggatee gaggeeffamuu qaba. Heerris filannoo biyya keenyaa waggaa shan shaniin akka gaggeeffamu dirqisiisa.
Bu’uura heeraatiin yoo filannoon hinadeemsifamne mootummaan hinjiraatu; paarlaamaan ni bittinnaa’a jedhanii, kanaafuu filannoon gaggeeffamee mootummaan itti aanu hundeeffamuu akka qabu himu.
Filannoof qophaa’uu ilaalchisee paartilee hunda bira rakkoon ni jiraachuufi akka paartiisaaniittis ammoo rakkoon addaa jiraachuu eeranii, sababa waldhibdee hoggantoota dhaabaa jidduu jiruun ammas filannoorratti hirmaachuuf shakkii qabaachuu dubbatu.
Waldhibdee kana furuuf dhimmicha gara mana murtiitti geessuun ilaalamaa jiraachuufi manni murtii dhimmicharratti dafee murtii kan kennu taanaan filannoorratti hirmaachuu akka danda’an ibsu.
Paartii kan biraarra yaada kan nuuf kennan Dura Teessuun Paartii Sooshaal Dimokraatiik Doktar Raaheel Baafee gamasaaniin paartiinsaanii bu’uura heera mootummaatiin filannoon yeroosaa eeggatee akka gaggeeffamu kan barbaaduufi kan hojjetuu ta’uu eeranii, paartiinsaanii miseensotaafi deggartootasaa guutummaatti waliin gahuu baatus hanga danda’ametti bira gahee mariisisee, haasofsiisee akkasumas waajjiraaleen jiran seeraan hojjechaa jiraachuu mirkaneessuu barbaachisa jedhan.
Filannoon hunda hammataafi hirmaachisaa akka ta’u irratti hojjatamuu qaba ejjannoo jedhu kan qaban ta’uu kaasanii, yeroon jiru gabaabaa ta’uus yeroo jiruutti fayyadamaniii gara filannootti galuunis sirrii ta’uu kaasu.
Rakkoo nageenyaa salphisanii ilaaluu osoo hintaane mootummaan akka mootummaatti gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamanii, haalonni yoo mijatan filannoon dirqama barbaachisaa ta’uu ibsu.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SAABA 📡
2 452
Filannoo Taanzaaniyaa 'dhibbaatami ajjeefaman' irratti Saamiyaan mo'atan
Daataa qusachuuf barreeffama qofa dubbisi
Pirezidant Saamiyaa Suluhuu pirezidantiin duraanii erga du'an booda bara 2021 gara aangoo dhufan
Reuters
Pirezidant Saamiyaa Suluhuu Hasan filannoo pirezidantii torban kana taasifame 97.66'n injifachuu Komishiniin Filannoo Tanzaaniyaa beeksise.
Filannoo Tanzaaniyaa kana irratti mormiifi hookkarri ka'ee namoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuu paartiin mormituu ijoo biyyattii beeksiseera.
Hammi namoota du'an jedhaman garaagara ta'uufi intarneetiin akka guutuu biyyaatti baduun waan kana adda baasuuf rakkisaa taasiseera.
Maddi dippilomaatikiii Tanzaaniyaatii BBC'n dubbisemmoo yoo xiqqaate namoonni 500 ajjeefamuu ragaan amanamaa jira jedhaniiru.
Mootummaan biyyattii garuu miidhaa hookkarri dhaqqabsiise gad buusanii ibsaa jiru.
Hookkara kana to'achuuf aangawoonni dhorkaa sochii dheeressaniiru.
Kanneen hiriira bahan gara caalu dargaggoota yoo ta'an filannoon gaggeeffame haqa jedhanii warra hin amannedha.
Mootummaan hoggantoota paartii mormituu hacuuce sirna dimookiraasii gad qabe jechuun himattu.
Hogganaan paartii mormituu tokko hidhaa keessa jiru, kaanimmoo sababa teeknikaan dorgommii keessaa baafamaniiru.
Dhimma mormii kanaa BBC'n kan gaafataman Ministirri Dhimma Alaa Tanzaaniyaa Maahmud Komboo Taabit hookkarri kuni bakkee muraasa qofa akka jiru ibsan.
''Gabaasota qabeenyi saamaman jedhu nu bira gahaa jira,'' jedhan.
Intarneetiin kan balleessamees saamichaa to'achuufi lubbuu baraaruuf akka ta'e dubbatani.
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
EZEMAn Paartiin Badhaadhinaa hojjattoota mootummaa dirqamsiisee miseensa godhataa jira jechuun komate.
Paartiin Lammiileen Itiyoophiyaa Walqixxummaa Hawaasaatiif (Ezema) paartiin biyya bulchaa jiru, Paartii Badhaadhinaa, hojjattoonni mootummaa fedhii isaanii miseensa dhaabichaa gochuuf dhiibbaa irraan geessisaa jira jechuun ibsa Onkoloolessa 28/2025 baaseen komateera.
Gochi kun heera biyyattii kan cabsuufi dimokiraasii kan dadhabsiisudha kan jedhan paartiin kun, aanga'oonni yoo miseensa ta’uu baatan akka guddina hin dhabne yookan hojiiraa akka hin gaggeeffamne sodaa keessa jiru jedhan.
Gochaan akkanaa kun bara 2013 kaasee akka jiru eeruun, dararri akkanaa mirgoota namoomaa kanneen akka mirga walga’uu, mirga of ibsuufi walqixxummaa akka cabsu ibsan.
Itti dabaluunis, dirqama Itiyoophiyaan waliigalteewwan idil-addunyaafi naannawaa kabajuu qabdu yaaddoo keessa galcha jedhan.
Komishinii Mirgootaa Namoomaa, Dhaabbata Abbagaarifi Dhaabbileen Hawaasa Siivilii gidduu galuun darara kana akka dhaaban waamicha dhiyeesse.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SAABA 📡
2 452
"Uummata Ertiraa waliin fedhii waraanaa gonkumaa hin qabnuu"MM Dr Abiy Ahimad.
MM Dr Abiy Ahimad "Dhimma Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu waan hin oollee"jedhan.
Walgahii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummata 6ffaa kaleessa gaggeeffamerratti gaaffilee miseensonni mana marichaa kaasaniif Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad deebiifi ibsa kennaniiru.
Ibsasa kennaniinis, dhimmi Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu waan hinoolle jedhaniiru.
Dhimmicharratti biyyoota hedduu waliin mariin taasifameera kan jedhan Ministirri Muummee, dhimmicharratti nagaafi mariid dursi waan kennamuuf mariidhaan furmaanni akka dhufu gaafataniiru.
Ummanni Ertiraa ammallee ummata obbolaadha; ummata biyyasaa dhiisee godaanaa jirudha; ummata kana waliin hojjechuun fedhii keenya; fedhii waraanaa gonkumaa hinqabnu jedhaniiru.
Dhimmi Galaana Diimaa kan ka'e dhimma keessoo haguuguufi, kunis sirrii akka hintaane, dhimmi keessoo haguugamu akka hinjirre, kan jiru misooma ta'uu eeraniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SAABA 📡
2 452
Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad “Namni karaa nagaan dhufee seeraa fi sirna kabaju yoo jiraate araara qofa osoo hin taane waliin hojjechuuf qophiidha” jedhan.
MM Dr Abiy Ahimad qaamni karaa nagaa dhufee seeraa fi sirna kabaju yoo jiraate araara qofa osoo hin taane waliin hojjechuuf qophiidha jechuun, “warreen nu faana araaramuuf jedhan akka hin araaramne qaamni godhanis jiraachuu” eeran.
Ministirri Muummee ibsa kana kan kennan walgahii idilee lammaffaa bara hojii 5ffaa, guyyaa kaleessaa, gaggeeffame irratti gaaffii fi ibsa miseensota mana maree bakka bu’oota ummatootaa irraa ka’aniif yeroo deebii kennanidha.
Ibsa isaanitiin, “ biyyoonni Itoophiyaan dadhabduu taatee akka jiraattu, miila lamaan akka hindhaabanne barbaadaniifi irratti hojjachaachaa jiran yeroo jiranitti lammiileen Itoophiyaa kana adda baasanii beekuu yoo hin dandeenye, galtee siyaasaaf qofa fedhiifi gaafii diinaa dabarsanii yoo kennan nageenya guutuu fiduun rakkisaadha” jedhan.
“Biyyoonni Itoophiyaan miila lamaan akka hindhaabanne barbaadan lolaan akka nu injifachuu hin dandeenye ni beeku, humna Itoophiyaa inni [ergamtoota] ergaa jiru ni beeka, ergamtoonni garuu adaduma itti himamu utaalee as dhufuu waan danda’u itti fakkaatee gojomaa’a” jechuun ibsan.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
2 452
qarqara Keeniyaatti Xiyyaarri namoota 12 qabatee deemaa ture kufee caccabuun ibsame.
Xiyyaarri namoota 12 qabatee balali'aa ture Kaawontii Kiwaalee kan qarqara Keeniyaatti argamtutti kufee caccabuu, Abbaan Taayitaa Aveeshinii biyyattii beeksise.
Xiyyaarri kun magaalaa qarqara galaanaa Keeniyaa Diyaanii jedhamturraa gara rizoortii paarkii taphaatti akka sa'aatii naannoo sanaatti 05:30 (02:30 GMT) osoo balali'aa jiruu kufee caccabuu Abbaan Taayitaa Sivil aveeshinii Keeniyaa (KCAA) himeera.
Xiyyaaricha keessa kan ture turistoota ta'uu Maddi oduu tokko tokko kan himan yoo ta'u Miidiyaaleen Keeniyaa bakka xiyyaarri kun itti kufeetti caccabaa xiyyaarichaafi gubataa jiraachuus agarsiisaniiru.
ejensiiwwan mootummaa bakka xiyyaarri kun itti kufee caccabe dhaqqabanii balaa kanaaf sababiin maal akka ta'eefi miidhaa dhaqqabe qorataa jiraachuu KCAAn hime.
Haaluma kaanan Reuters fi CNN dabalatee miidiyaaleen kaan lubbuun namoota 11 darbuu gabaasaniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2 452
+2
Oduu Gaddaa:
Muftii Haaji Umer Idriis addunyaa kanarraa du’aan boqatan.
Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa duraanii Kabajamoo Dr. Muftii Haaji Umer Idriis du'aan addunyaa kanarraa boqotan.
Abbaan amantaa guddichi Muftii Haaji Umer Idriis dhukkuba isaan mudateen wal'aansa fayyaa osoo fudhatanii guyyaa har'aa addunyaa kanarraa du’aan boqotan.
Miidiyaan @Abdii_Sabaa maatii Haaji Umer Idriisii fi hordoftoota amantaa Islaamaa hundaaf jajjabina hawwa.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2 452
pireezidaantin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "Israa’el jecha tokko yoo naaf kennite waraanni Gaazaa itti fufa" jedhan .
Pireezidaantichi “Israa’el waraana akka itti fuftu gochuu nan danda’a,”jedhan.
Tiraamp kana kan dubbatan Israa’el booji’amtoonni du’an Hamaas naaf deebisan lammiilee Israa’el akka hin taane erga dubbattee booda.
Pireezidaantichi itti dabaluudhaan, Hamaas waliigaltee nagaa hordofuu yoo baate, muummicha ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuun waraana kana akka itti fufuuf hayyama ni kenna jedhan.
Israa’el gama isheetiin, tarkaanfii Hamaas hordofuun gargaarsa dabalataa fi daangaa qaxxaamuraa gara Gaazaatti banuuf karoorfame akka harkiftu ibsiteetti.
Oduu biraatiin ammoo Hamaas lammiileen Israa’el du’an lama dabalataan akka deebi’an ibseera; booji’amtoota du’an hafan deebisuuf yeroo barbaachisa jedheera.
Gareen kun ibsa kenneen waliigaltee nagaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuu isaa ibsuun, reenfa hanga ammaatti deebisee deebisuu fi reeffa hafe barbaaduu fi deebisuuf yeroo akka isa barbaachisu ibseera.
Waliigalteen nagaa kunis marsaa jalqabaa keessatti booji’amtoonni guutummaan guutuutti akka deebi’an kan gaafatu ta’uu ibsameera. Hamaas kana gochuuf hojjetaa jiraachuu ibseera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SAABA 📡
2 452
Israa'el waraana dhaabuuf mallatteessuu beeksiste
Israa’el wixinee jalqabaa Gaazatti waraana dhaabuu mallatteessuu beeksiste.
Qaamoleen dhimmichi ilaallatu marti wixinee xumuraa waliigaltee marsaa tokkoffaa har’a ganama mallatteessuu isaanii dubbi himtuun mootummaa Israa’el mirkaneessaniiru
Kunis kan ta'e erga marii bal’aa Hamaasii fi Israa’el Masrii keessatti taasifameen booda akka ta'es himame.
Dubbi himtuun mootummaa Israa’el Shosh Bedrosiyaan akka jedhanitti'' walgahiin kaabinee erga xumuramee sa’aatii 24 keessatti Gaazaatti dhukaasa dhaabuun ni jalqaba”. Jettee jirti.
Dabalataanis Humni Ittisaa Israa’el sarara waraanni naannoo Gaazaa tilmaamaan 53% to’achuu fi qabachuu danda’utti akka ba'us eerteetti.
Kana hordofuun Hamaas namoota butamanii hafan gara Israa’elitti akka deebisu yeroon sa’aatii 72 keessatti ni eegama jechuun dubbataniiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SAABA 📡
2 452
Itiyoophiyaan xiyyaarota waraanaa Su-35 ja'a Raashiyaa irraa fudhachuuf waliigaluu sanadoonni miliqanii ba'an nii agarsiisu.
Itiyoophiyaan xiyyaarota waraanaa sadarkaa olaanaa qilleensa fi lafarratti qolachuu danda’u Su-35 ja’a Raashiyaa irraa fudhachuuf waliigaltee mallatteessuu sanadoonni garee buttootaa Bilaak Miirariin ba’ee Onkololeessa 03 fuula intarneetaa irratti maxxanse ni agarsiisa.
Sanadni miliqee ba’e kun, faayiloota keessoo dhaabbata waraanaa Raashiyaa Roostek, dhaabbata meeshaalee waraanaa oomishuu fi alatti ergu, 300 ol qabaachufi odeeffannoowwan dabalataa kanneen akka gatii meeshaalee waraanaa fi yoom alatti ergamuuf akka karoorfaman ibsu ofirraa qabaachuun ibsame.
Biyyoonni xiyyaaraa waraanaa Raashiyaa irraa fudhatan lakkoofsi addaa akka kennamuuf kan ibse sanadichi, kanaanis “231” jechuun Itoophiyaa, “364” fi “012” duraa duuban Iraan fi Aljeeriyaa ta’uu eere.
Iraan xiyyaarota waraanaa Su-35 afurtamii saddeet ajajachuu kan eere sanadichi, Aljeeriyaan gama isheen Su-57 kudha lama ajajachuu eere.
Waliigalteen kun hariiroon tumsa waraanaa Itoophiyaafi Raashiyaa cimaa dhufuu akka agarsiisu himame.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SAABAA 📡
2 452
Ministirri Muummee Abiy Ahimad, warshaa zayita boba'aa qulqulleessuufi warshaa xaa'oo yuuriyaa naannoo Somaalee keessatti ijaaramuf dhaka abu'uuraa kaa'uu beeksisan.
''Har'a Itoophiyaa guutuuf guyyaa seenaa qabeessa addaati'' jedhan MM Abiy dubbii dubbataniin.
Ijaarsi Warshaa Xaa'oo Yuuriyaa tumsa Warshaa Daangotee fi Itoophiyaan Invastimanti Giruup jedhamuun hojjetama.
Warshaan zayita boba'aa qulqulleessu Godee waggaatti toonii miliyoona 3.5 ol omishuu akka qabu ibsaniiru.
Warshichi boba'aa dirree boba'aa Hilaalaa irratti akak ijaaramu himaniiru.
Warshaan kun kaampaanii Chaayinaa 'Golden Concord Group Limited' jedhamuun ijaarama.
Omshni warshaa xaa'oo ijaaramuuf jedhu ammoo waggaatti xaa'oo toonii miliyoona sadii ol omishuu akka qabu himan.
Omishni xaa'oo Yuuriyaa kan hundaa'u gaazii irratti yoo tahu, km 108 tahu irraa karaa ujummoo akka dhiyaatuuf himan.
Akkasumas MM Abiy, Piroojektii Gaazii Uumamaa Dhangala'aa Ogaadeen marsaa jalqabaa waggaatti liitira miliyoona 111 omishuu danda'u eebbisaniiru.
Yeromaa kanatti marsaa lammaffaasaa kan waggaatti liitira biliyoona 1.33 omishuu danda'u jalqabsiisaniiru.
Qabeenyi kun omisha gaazii uumamaa dhangala'aa cinattis damee humna maddisiisuutiin meegaa waatii 1000 maddisiisuudhaan gumaacha olaanaa ni qabaata.
Waan hundaa ol piroojektichi kan omisha gaazii qofaa miti. Omisha xaa'ootiif galtee murteessaa ta'e dhiyeessuudhaan tattaffii biyyattiin birmadummaa nyaataatiif dhagaa golee ta'ee ni tajaajila jedhan MM Abiy ergaa fuula miidiyaa hawaasaasaaniirratti barreessaniin.
"Hojiiwwan humna maddisiisuufi kiriptoo maayiniingii keenyaaf qabeenyawwan barbaachisaa ta'an nuuf argamsiisa. Piroojektoonni gurguddoo har'a Naannoo Somaaleetti eegalsiifne ijaarsa misooma bu'uraa walqabataa ta'an waliin walumaagalatti gara Doolaara Ameerikaa biliyoona 10 kan gahan yoo ta'u, hordoffii barbaachisuun xumurarra ni gahu."
'Hojii misooma koriidarii keenya qeequun hin ta'u...'
MM Abiy Ahimed hojii misooma kooridarii magaala Finfinnee fi magaalota kaan keessatti hojjetamaa jiru ''biyyootaa fi gareewwan busheessan'' jedhan qeeqan.
MM Abiy ''hojii keessan hojjedhaa, kan keenya nuuf dhiisaa'' jedhan.
MM Abiy har'a naannoo Somaalee magaala Jigjigaatti yeroo misooma kooridarii daawwatanii ergaa dabarsan qaamota misooma kooridarii busheessuu barbaadan balaaleffatan.
Garuu eenyufaa akka tahan maqaa hin dhoofne.
Tibbana mootummaan Ameerikaa ''sababa miisooma kooridariin jiraattonni kumaatamaan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru,'' gabaasa jedhu baasee ture.
Gabaasni haala mijataa invastimantii qoratuu fi waajjira dhimma alaa Ameerikaan dhiyaatu, misoomni kooridarii eegumsa mirga qabeenyaa irratti dhiibbaa gochuu isaa akeekeera.
Magaala Finfiinnee dabalatee magaalota biroo 40 tahan keessatti misoomni kooridarii kun gaggeeffamaa jira.
Sababa misooma koolidarii kanaan manneen jireenyaa fi daldalaa kan lammiilee alaa tahan ''qawween itti qabamuun akka buqqa'an godhameera'' jedhe.
Bakkeewan daldalaa osoo hin ka'iin hafan ammoo daandiin isaan irra bahuu isaa irraa kan ka'e, sadarkaa of hin dandeenye irra waan gahaniif hojii keessaa bahaa jiru'' jedhe.
Sababa hojii misooma koolidarii kanaan ''namoota bakkaa kaasuun'' abbootiin qabeenyaa Itoophiyaa keessatti akka invasti hin gooneef ''fedhii isaanii daangesseera'' jedha gabaasichi.
Erga gabaasni kun bahee gara naannoo Somaaleetti kan imalan MM Abiy hojiilee misooma koolidarii magaalichaa daawwachuu ibsaniiru.
Magaalichatti ijaarsa manneen jireenyaa gaggeeffamaa jiranis jajaniiru.
Magaalichatti daandiin km60 tahuu fi daandiin lafoo deemtotaa fi biskiliitiif oolu gara km10 hojjetamuus ibsaniiru.
Dabalataan hojiin misooma kooridarii kun carraa hojii uumuudhaanis bu'aa olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Misooma kooli
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
Manni Mareen ajjeechaa gara jabinaa raawwatame balaaleffate.
Manni Maree Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa Ajjeechaa gara Jabinaa Abbootii Amantaa fi tajaajiltoota Masjiida Nuur Magaalaa Mekane Selaam keessatti raawwate balaaleffate
Manni Maree Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa Naannoo Amaaraa Godina Addaa Oromiyaa Zoonii Wolloo Kibbaa magaalaa Mekaane Selaamitti Masjiida Nuur keessatti ajjeechaa gara jabinaa Abbootii amantaa fi tajaajiltoota amantaa irratti raawwatame Ibsa gaddaa baaseen cimsee balaaleffatee jira.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
2 452
#Beeksisa
Namooni afaan #ingilliffaa kara online barachuu yeroo galme #6-10 itti
Carraa gaari
🙏🙏
Link armaan gadi cuuqasuni galmayu dandessu
@abdiabde2
2 452
Liiverpuul qoricha warra kaaniif qotaa turetu isaaf qotame. Chelsiin baranas Liiverpuuliif garaa laafuu dideera.
Tapha Sambata galgala dirree Chelsiirratti tureen Liiverpuul 2 fi 1n mo'amee sadarkaa tokkoffaarraa sigigaatee bakkasaa Arsenaaliif gadhiisuuf dirqameera.
Shaampiyoonaa Piriimer Liigii bara darbee kan ta'e Liiverpuul taphoota Liigichaa torba bara kana taphatame keessaa shan mo'atee lamaan ammoo mo'ameera.
Taphoota bara kana mo'achaa ture harka caalu daqiiqaa dhumaarratti lakkoofsisuun hedduu qalbii daawwattootaa rarraasaa kan ture Liiverpuul, kan Chelsii dabalatee taphoota mo'amerrattis gooliin daqiiqaa dhumaarratti itti lakkaa'amuun ta'uun isaa ajaa'iba.
Gurbaa ol adeemaa lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 18 ta'e Estaavaa'ootu daqiiqaa 75 irratti jijjiiramee galee, daqiiqaan dabalataallee dhumuuf yeroo jedhu 95ffaa irratti Liiverpuul dugda kute.
Taphni jalqabamee daqiiqaa 14 irratti gooliin taphataan sarara gidduu Chelsii, Kaasiyeedoon lakkoofsise akka malee Liiverpuul naasisteetti. Gooliin kun akka ajaa'ibaa bareeda, fageenyarraa humna addaan kofa karra Liiverpuuliin galuun guddoo isaan raaste.
Boqonnaa booda daqiiqaa 63 irratti garuu taphataan qaalii Liiverpuul bara kana mallatteesse Isaak kubbaa mijeessee Gaakpoof kennee goolii Chelsii waliin wal isaan qixxeessitu argatan.
Liiverpuul akkuma duraan bare daqiiqaa dhumaarratti lakkoofsisee mo'atee gala jedhee kan eegaa ture hedduudha. Garuu maal godharee, Chelsiinis akkuma Kiristaal Palaas torban darbe isa godhe 'hoo'u isa boossu' jedhee manii keessa buusee Istaamfoord Biriij miila tokkoo dhaabe.
Edii Nikeetaa warra Kiristaal Palaas akkuma kana daqiiqaa 97ffaa irratti ture kan Liiverpuulirratti lakkoofsise.
Getty Images
Arsenaal fi Tootenhaam mo'ataniiru
Dirreesaa Emireetis irratti kan taphate Arsenaal tapha Piriimer Liigii torban torbaffaa kilaba Landan biraa West Haam 2 fi 0n mo'achuun dursummaa Liigichaa qabateera.
Taphataan Arsenaal Dekilaan Raayis daqiiqaa 38ffaa irratti kilaba isaa duraanii West Haam irratti lakkoofsiseera.
Goolii lamaffaa ammoo faawolii Timber irratti raawwatame hordofee penaaliitii argame Bukaayoo Saakaa daqiiqaa 67ffaa irratti lakkoofsiseera.
Amballiin Arsenaal Maartiin Odegaard garuu miidhamaan daqiiqaa 30 qofa taphatee baheera. Akkuma kanas Raayis gara dhumaarra miidhamaan dirree keessaa baheera. Kun ammoo ammallee yaaddoo miidhama taphattoota Arsenaalirraa fagaachuu dide ta'eera.
Taphattoonni kaleessa miidhaman kunneen fayyaanii debeiyuuf hangam turu kan jedhu ammatti akka adda hin baafatiin jiran Mikeel Arteettaan dubbateera.
Kilabiin Landan kaleessa milkaa'an Arsenaal fi Chelsii qofa hin turre; Tootenhaamis Liidis Yunaayitidiin 2 fi 1n mo'atee qabxii 14n sadarkaa sadaffaa qabachuu danda'eera.
Bara West Haamirraa Tootenhaam kan deeme Mahaammad Kuduus ajaa'iba ture. Goolii lamaan Tootenhaam ittiin mo'ate keessaa harka qaba. Kan jalqaba M. Teel daqiiqaa 23 irratti lakkoofsise isati mijeessee kenne. Kana qofa miti, taphataan lammii Gaanaa kubbaa kommokuun addatti beekamu Mahaammad Kuduus daqiiqaa 57 irratti ammoo ofiisaa lakkoofsisuu danda'eera.
Getty Images
Maanchester Yunaayitid mo'ateera
Dhiibbaa jala kan jiru leenjisaan Maanchester Yunaayitid Ruuban Amoorim erga gara kilabichaa dhufee tapha 50 isaa taasiserratti Sanderlaandiin dirreesaa Oold Tiraafoord irratti 2 fi 0n ma'ateera.
Maason Maawont kubbaa Imbeemoon mijeessee kenneef daqiiqaa 8ffaa irratti lakkoofiseera.
Daqiiqaa 31ffaa irratti ammoo kubbaa Maason Maawont mijeessee kenneef fayyadamuun jifataa Maanchester Yunaayitid barana fudhate Benjaamiin Seeshkoon lakkoofsiseera.
Kaleessa deeggartoota Maanchester Yunaayitd kan gammachiise tokko gahumsa karra eegaa isaan barana fidatanidha.
Lammii Beeljiyeem umuriin isaa waggaa 23 ta'e Seenee Laameens tapha guyyaa jalqabaa hiriireen ga'uma ajaa'ibaa agarsiise.
Piriimer Liigii Ingliziin Arsenaal qabxii 16ffaa tokkoffaa, Liiverpuul ammoo qabxii 15 qabatee lamaffaarra jira.
Tootenhaamiifi Barnimaawoz ammoo qabxii 14 qabatanii garaa garummaa gooliin duraafi duubaan 3ffaa fi 4ffaa irratti argamu.
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12 irratti qabxii olaanaa fiduun akka ulaagaa tokkootti ta'ee calallii hedduu keessa dabarsineeti kan simannu.
Hanga ammaa barattoota 106 calallee warra darban affeerraa taasifneefii jirra. Barana qofa osoo hin taane fuula durattis barataa 300 caalaa waan simannu miti.
Karoorri keenya barataa baayyee fudhannee waliin rakkachuu osoo hin taane baratoota qaxalee muraasa fudhannee qabeenya hedduu irratti baasnee akka isaan warra kalaqaa ta'anii ofis biyyas gargaaran tumsuudha.
BBC- Barattoonni manneen barnoota bultii addaa fi Ifa Boruu addatti fayyadamoo ta'uu?
Dr. Hayiluu- Ijoolleen manneen barnoota bultii addaa kunneen baayyinaan fayyadamtoota carraa kanaati. Sababni isaas qabxiin isaan fidanis olaanaadha, fedhiin saayinsii fi teeknolojii irratti qabanis olaanaadha.
Haata'uutii, barataan fedhii barnoota saayinsii fi teeknolojii qabu hundi carraa kana akka dhagahan ta'ee ji'a Adoolessaa keessa galmeen kan xumurame. Ergasii calallii keessa darbaa turan.
Qorumsa biyyoolessaa keessatti warri qabxii olaanaa galmeessan hedduun isaanii garuu nu bira seenaniiru. Akka dhufanis nuuf mirkaneessaniiru. Hedduun isaani manneenuna barnootaa bultii addaa irraa warra dhufani.
BBC- Inistituutiin Teeknolojii Shaggar kun eessatti kan barsiisu?
Dr. Hayiluu- Kaampaasiin keenya kan inni jiru Koyyee Facceedha. Lafa bal'aa naannoo hektaara 50 irratti qubannee jirra.
BBC- Gosti barnootaa isin barsiistan maal faa'i?
Dr. Hayiluu- Dippaartimentiin keenya inni jalqabaa saayinsii hawaati. Inni lammataa hubannoo namtolchee (AI), baayooteeknolojii, elektrikaalii fi baayoo injinariingii, saayinsii makaanikaalii fi maateeriyaalii kan biraan ammoo nukilaar fiiziksiidha.
Bartatoonni nuti filannee barsiisnus warra gosa barnootaa kanarratti fedhii qabanii fi fuula durattis ogummaa kanarratti hojjechuu barbaadani.
Kaarikulamiin barnootaa keenya kaarikulamii idil-addunyaati. Kaarikulamiin barnootaa keenya kaarikulamii yunvarsiitiiwwan addunyaa beekamoo akka MIT, Harvaard fa'a fakkaata.
Dr. Hayiluu- Pirojektii kana kan ijaarsisaa ture mootummaa naannoo Oromiyaati. Bajatni waliigalaa dhaabbata barnootaa kana hundeessuuf bahe dhumarratti kan beekamu ta'a.
Ammayyuu ijaarsawwan adda addaarra jirra, bu'uuraalee misoomaa guddaatu diriirfamaa jira. Garuu tilmaaman hanga ammaatti birriin Biliyoona torba ta'u hojii kanaaf baheera.
Instituutiin keenya yeroo guutummatti xumuramu laaboraatooriiwwan 130 ta'an qabaata. Laaboraatooriin 130 kun investimantii guddaadha. Laaboraatooriin tokko yoo xiqqaate doolaara Miliyoona shan fixa.
Ijaarsi Insitituutii Shaggar fageessanii dhalootaa fi egereef yaaduu qabatmaan kan mul'ise waan ta'eef mootummaan naannoo Oromiyaa kaka'umsa kana fiduun dhaabbata akkanaa waan hundeesseef galateeffamuu qaba jedheen yaada.
https://t.me/ABDII_SAABA
2 452
Oromiyaatti dhaabbata barnootaa barattootni qaxaleen qofti saayinsii hawaa, nukilaraa, AI fi kaan itti barachuuf jedhan kana beektuu?
October 5, 2025
Maqaan isaa Instituutii Teeknolojii Shaggar jedhamuun waamama. Dhaabbata barnootaa mootummaan naannoo Oromiyaa bajata Birii Biliyoona hedduun bu'uuressedha.
Dhaabbata barnoota olaanaa kanatti barattoota qaxalee qofatu calallii ulaagaa hedduu qabu keessa darbuun itti barata.
Istituutiin mootummaan naannoo Oromiyaa magaala Shaggar kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti lafa hektaara 50 irratti ijaaraa jiru kun maali?
Pirezedaantii Instituutii Teeknolojii haaraa hundaa'e kanaa kan ta'an Dr. Hayiluu Dhufeeraa BBC waliin turtii taasisaniiru.
Gaaffiifi deebiin isaan waliin taasifne akka isaan dubbatanitti isiniif dhiheessineerra, itti dhihaadhaa.
BBC- Inistituutiin Teeknolojii Shaggar kun yoom hundaa'e? Kaayyoon isaahoo?
Dr Hayiluu- Insitituutiin Teeknolojii Shaggar saayinsii fi teeknolojiirratti barsiisuu fi qorachuuf kan hundaa'edha. Waggoota lamaan darban bu'uuraalee misoomaa nu barbaachisan ijaarurra turre.
Itoophiyaa keessattis ta'e akka Afrikaatti saayinsii fi teeknolojiirratti ergama guddaa qabanneeti kan kaane. Barattootaaf carraa uumuufidha. Barnoota akka saayinsii hawaa, injinariingii nukilaraa irratti carraa uumuuf jedhameetidha.
Dr. Hayiluu- Dhaabbilee barnoota olaanoo biyya keessa jiranii fi saayinsii fi teeknolojiirratti barsiisan irraa wanti adda nu godhu nuti harka caalaa barnoota gochaan deeggarame goona.
Yunvarsiitiiwwan baayyeen barnootuma idilee barsiisu malee qabatamaa gochuu irratti investimantin isaa itti hin yaadamne.
Nuti namoota biyya isaanii jaallatan hedduu qabanneeti kan hundoofne. Industirii barnoota saayinsii keessa warra jiran. Kanaaf, industirii fi akkaadaamii walqabsiisnee lamaanuu walfaana deemsiisna.
Muuxannoo biyyoota biraa yoo ilaalle yunvarsiitiiwwan dhaabbilee hojii isaan barsiisan hojjetan waliin hariiroodhaan hojjetu. Fakkeenyaaf, teeknooloojiin kee Baayooteeknolojii yoo ta'e Faarmaa waliin hariiroo uumu.
Yoo barnootni ati barsiistu saayinsii hawaati ta'e NASA waliin hariiroon hojjetu. Gosa kaaniinis akkasuma. Kanaaf, barataan oggaa barattu eessa akka deemaa jiru, ofdura maal akka hojjetu wan beekuuf bu'a qabeessa ta'a.
Gama kaaniin akka yunvarsiitiiwwan biyya keessa jiran biroo dhaabbata guddaa barattoota hedduu simatu ta'uuf fedhii hin qabnu. Fedhiin keenya xiqqaa ta'ee dhaabbata milkaa'aa ta'uudha. Barataa baayyee hin fudhannu. Calalliidhaan barattoota cicimoo fudhanna.
Ijoollee muraasa fudhannee barsiisnu kana garuu baayyee milkaa'oo akka isaan ta'an irratti hojjenna.
BBC- Barnoota barsiisuuf jirtan saayinsii hawaa, saayinsii nukilaraa, hubannoo namtolchee (AI) fi kaan barsiisuuf waan isin barbaachisu hammam guuttattan?
Dr. Hayiluu- barataa simannee barsiisuu jalqabuudhaaf ammatti bu'uura misoomaa gahaa ta'e qopheeffanneerra. Garuu gara laaboraatooriitiin gamoowwan isaanii ijaarreerra meeshaalee barbaachisan guutuutu nu hafa.
Carraan nuti qabnu barataa ji'a kanarraa kaanee ni fudhanna. Amma barnoota kan jalqaban waa'ee saayinsii bu'uuraa barachuudhaani. Kurmaana tokkoffaa booda yeroo isaan laaboraatoorii barbaadanitti nutis waan barbaachisu guunnee xumurra jenneerra.
Ammatti garuu wantoota bu'uuraa barbaachisoo ta'an hunda qophoofneerra. Bu'uuraaleen misoomaa barattoota keenyaaf qopheessinu sadarkaa olaanaa kan qabudha.
BBC- Barattoota meeqa fudhattu? Bakki irraa fudhattanii barsiistanhoo?
Dr. Hayiluu- Dhaabbanni keenya mana barumsaa idil-addunyaati. Barattoonni nuti simannu biyya keessaa kutaa kamirraayyuu ni fudhanna. Barataan ulaagaa keenya guutee jiruuf iskoolaarshiippiidhaan barata.
Barattoonni kaffalanii hin baratan; waan hunduu bilisa. Kanaaf, nu bira seenuun dorgommii cimaa keessa darbuu gaafata. Bara kana barataa 300 fudhachuu karoorfanne. Isaa gadis hanga 280 ta'uu mala.
