Click Computer(Afaan)
رفتن به کانال در Telegram
Click-Computer Odeeffannoo Airdro fi Computer Teknooloojii, Saayinsawaa fi Barnoota Saayinsii Kompitaraa,Bilbilaa, Smartphone fi Barumsa Social Media,Saayikolojii dabalataan beeksisa addaa addaa fayyadamuuf Channel Keenya hordofaa.
نمایش بیشتر1 060
مشترکین
-224 ساعت
-57 روز
-630 روز
آرشیو پست ها
Beekumsa Nam-tolchee (#AI) fi Jireenya Keenya:
Beekumsi Nam-tolcheen (AI) yeroo ammaa kana yaada saayinsii qofaa miti; meeshaa jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti jijjiirama bu’uraa fidaa jiruudha. Bilbila harkaa keenya keessaa jalqabee hanga hojiiwwan gurguddoo dhaabbilee keessatti raawwatamaniitti, AI’n dandeettii namaa guddisaa jira.
Dhiibbaa fi Faayidaa AI Jireenya Guyyaa Guyyaa Keessatti:
Saffisa Hojii fi Qusannaa Yeroo: Hojiiwwan yeroo dheeraa fudhatan kan akka barreeffama qopheessuu, ragaa (data) xiinxaluu fi pirojektoota adda addaa, AI’n daqiiqaa muraasa keessatti nuuf xumura.
Barumsaa fi Qorannoo: Barattootaa fi qorattootaaf, odeeffannoo bal’aa bifa salphaan argachuufi qooqa adda addaa gara afaan barbaadanitti hiikuuf (Translation) dandeettii ajaa’ibaa qaba.
Kalaqa Teeknoolojii: Keessumaa ogeeyyii software hojjetaniif, koodii barreessuu, dogoggora qulqulleessuu fi kalaqa haaraa fiduu keessatti akka "harka mirgaatti" tajaajilaa jira.
Tajaajila Maamilaa: Dhaabbileen tajaajila saffisaa fi gahaa ta'e maamiltoota isaaniif akka kennan dandeessisa.
Goolaba
Teeknoolojiin kun dandeettii namaa bakka bu’uuf osoo hin taane, dandeettii keenya guddisee fi saffisiisee akka nuti bu’aa guddaa buusnu nu gargaaruuf kan dhufeedha. Addunyaa ariitiin jijjiiramaa jiru kana waliin deemuf, AI beekuu fi itti fayyadamuu barachuun filannoo osoo hin taane dirqama ta’aa jira. 🚀
I’ve played 1 games and found 0 words playing Word of the Day on Binance! https://www.binance.com/activity/word-of-the-day/predictionmarkets?ref=CPA_007ZZH1T8S&utm_medium=app_share_link_telegram
I’ve played 1 games and found 1 words playing Word of the Day on Binance! https://www.binance.com/activity/word-of-the-day/preipoassets?ref=CPA_007ZZH1T8S&utm_medium=app_share_link_telegram
I’ve played 1 games and found 0 words playing Word of the Day on Binance! https://www.binance.com/activity/word-of-the-day/preipoassets?ref=CPA_007ZZH1T8S&utm_medium=app_share_link_telegram
I’ve played 1 games and found 1 words playing Word of the Day on Binance! https://www.binance.com/activity/word-of-the-day/preipoassets?ref=CPA_007ZZH1T8S&utm_medium=app_share_link_telegram
Complete April's Challenge to Unlock Your Share of 100,000 USDC! https://www.binance.com/activity/chance/aprchallenge26?ref=1236587644&utm_medium=app_share_link_telegram
Garaagarummaan #Email fi #Gmail gidduu jiru haalaan salphaa haa ta'u malee, yeroo baay'ee namoota ni burjaajessa. Ibsa bal'aa isaa kunooti
1. Email (Electronic Mail)?
Maalummaa isaa: Email jechuun gabaabumatti "Ergaa Elektooronikaa" jechuudha. Inni teeknooloojii ykn sirna barreeffama, suuraa, viidiyoo, fi faayiloota adda addaa karaa intarneetii ittiin walii erganii fi fudhataniidha.
Akkamitti hojjetaa?
Akka sirna xalayaa ykn postaa aadaatti yaaduu dandeessa. Xalayaa barreessitee, teessoo nama sanaa irratti barreessitee akka ergitu sana, Email'n karaa dijitaalaa hojii sanuma raawwata.
2. Gmail (Google Mail) Maali?
#Maalummaa isaa: Gmail immoo tajaajila ergaa elektooronikaa (Email) dhaabbata Google tiin tola kennamuudha.
Akkamitti hojjeta?Inni platfoormii ykn waajjira postaa ergaa kee (Email kee) siif dabarsu fi bakka biraa irraa immoo siif simatuudha.
Garaagarummaa Ijoo Fakkeenyaan
Haala baay'ee salphaa ta'een hubachuuf fakkeenyota kana fayyadamuu dandeessa:
#Fakkeenya 1: Geejjiba
#Email: Akka waliigalaatti *Konkolaataa* jechuudha (yaada waliigalaa geejjibaa).
#Gmail: Gosa konkolaataa sanaati, fakkeenyaaf Toyota ykn Ford.
#Fakkeenya 2: Postaa
#Email: Xalayaa barreeffamee invelooppii keessa gale sana mataa isaati.
#Gmail: Waajjira postaa xalayaa sana fuudhee bakka barbaadame geessuudha.
Dhaabbilee Tajaajila Email Biroo Akka addunyatti tajaajila Email kan kennu Gmail qofaa miti. Dhaabbileen biroo hedduun tajaajila walfakkaatu ni kennu. Isaan keessaa beekkamoon:
#Yahoo Mail: Dhaabbata Yahoo tiin kan kennamu.
#Outlook: Dhaabbata Microsoft tiin kan kennamu.
#iCloud Mail: Dhaabbata Apple tiin kan kennamu.
Walumaagalatti, ati Email (ergaa) erguuf ykn simachuuf, dirqama platfoormii tajaajila kana siif kennu kan akka Gmail, Yahoo, ykn Outlook fayyadamuu si barbaachisa. Kanaafuu, Gmail tajaajiloota Email addunyaa irra jiran keessaa is tokko fi isa beekkamaa dha jechuudha.
Galatoomaa
Gurmessa Milki
Telegram Channel :- https://t.me/Click0nComputer
💻 Furmaata Rakkoo "Alert! System battery voltage is low"
✅ Mallattoon kun yeroo kompiutarri keessan ka’u (boot ta’u) kan mul’atu yoo ta’e, yeroo baay’ee baatiirii CMOS (system battery) dhumachuu isaa ykn rakkoon akka jiru agarsiisa.
Baatiirii CMOS jechuun maali?
✅ Inni baatiirii xiqqoo geengoo (yeroo baay’ee CR2032 kan jedhamu) "motherboard" irratti kan argamu yoo ta’u, kompiutarri yeroo cufamullee odeeffannoo sirnaa kanneen akka Guyyaa (Date), Sa’aatii (Time) fi qindaa’ina BIOS/UEFI akka hin irraanfanne kan gargaarudha.
✅ Baatiiriin kun yoo dadhabe, kompiutarri odeeffannoo kana dagachuu jalqaba, kanaan wal qabatee ergaa akeekkachiisaa kana argisiisa.
✅ Furmaatawwan Ijoo
⏺ 1. Baatiirii CMOS Jijjiiruu (Furmaata Guddaa)
Kompiutara keessan dhaamsaa, maddaa annisaa (power outlet) irraas buqqisaa.
Qola (Case) kompiutaraa banaa. (Kun kompiutara "Desktop" irratti salphaadha; "Laptop" irratti garuu ulfaataa ta’uu waan danda’uuf ogeessa gorsisuun gaariidha.)
Baatiirii CMOS xiqqoo geengoo (CR2032) "motherboard" irratti argamu addaan baafadhaa.
Of-eeggannoodhaan baatiirii moofaa baasuun baatiirii haaraa CR2032 ta’een bakka buusaa.
Qola (Case) isaa deebisaa cufaa, sana booda kompiutara keessan ibsaa.
Yoo rakkoon sun furame, gara qindaa'ina BIOS/UEFI seenuun Guyyaa fi Sa’aatii sirrii sirreessuun isin barbaachisuu danda’a.
⏺ 2. Qindaa’ina BIOS Mirkaneessuu
Altokko altokko baatiirii jijjiirtanii boodas ergaan sun mul’achuu itti fufuu danda’a. Yeroo kanatti kompiutarri yeroo ka’u furtuu gaafatame (yeroo baay’ee F2, Del, ykn F1) cuqaasuun gara Setup/BIOS/UEFI seenaa.
Qindaa’ina sana keessatti yoo CMOS/System Event Log jiraate "Clear" godhaa.
Jijjiirama gootan "Save" gochuun keessaa ba’aa.
⏺ 3. Marsaa Annisaa (Power Cycle) Yaaluu
Kompiutara dhaamsaa.
Madda annisaa (power source) irraa guutummaatti buqqisaa.
Baatiirii CMOS keessaa baasaa.
Furtuu "Power" (kan ittiin ibsan) sekondii 10-15f gadi qabaa. (Kun annisaa haftee "motherboard" irratti jiru balleessa).
Baatiirii haaraa galchaa.
Keebuloota deebisaa galchuun kompiutara ibsaa.
✅ ⚠️ Hubachiisa Murteessaa
✅ Baatiirii CMOS yeroo jijjiirtan, humni "Static Electricity" akka kompiutara hin miineef, kompiutara guutummaatti madda ibsaa irraa buqqisuu fi annisaa qaama keessan irra jiru wanta sibiilaa tuquun dhabamsiisuun baay’ee barbaachisaadha.
✅ "Laptop" fayyadamaa yoo taatan, baatiirii CMOS jijjiiruuf yaaluun "Warranty" (waadaa) keessan jalaa balleessuu ykn kompiutara miidhuu waan danda’uuf, gargaarsa ogeessaa argachuun filatamaadha.
#Barnoota_Digitaalaa Telegram Join godhaa
Click Computer
https://t.me/Click0nComputer
💳 Akkamitti Payoneer Mastercard Baafachuu Dandeenya? 💳
Payoneer Mastercard qabaachuun kaffaltii adda addaa online irratti raawwachuuf baay'ee murteessaadha.
Akkaataa itti galmooftanii fi keessattuu dhimma Address Verification akkamitti akka fixattan armaan gadiitti ilaalaa:
1️⃣ Galmee Jalqabaa (Sign Up)
Fuula payoneer.com irratti ykn App isaanii buufachuun galmaa'aa.
National ID ykn Passport: Galmaa'uuf dirqama isin barbaachisa.
Address: Bakka amma qabatamaan jirtan galchaa.
2️⃣ Mirkaneessa Teessoo (Address Verification)
Galli kun isa baay’ee ulfaataadha. Karaalee sadiin verify gochuu dandeessu:
✅ Bank Statement: Kan biyya keenyaa address waan hin qabneef yeroo baay’ee fudhatama hin qabu.
✅ Utility Bill: Kaffaltii bishaanii fi ibsaa biyya keenyaa irratti address waan hin barreeffamneef isiniin hin gorsu.
✅ Rental Agreement (Walii-galtee Kiraa): Inni kun filannoo hundarra gaariidha.
3️⃣ Walii-galtee Kiraa (Rental Agreement) Akkamitti Qopheessina?
Payoneer akka isiniif fudhatuuf ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba:
📅 Yeroo: Sanadichi ji'a 3 caaluu hin qabu.
✍️ Odeeffannoo: Maqaa kee (kireeffataa), maqaa kireessaa, iddoo argama manichaa, mallattoo kee fi kan kireessaa ofirraa qabaachuu qaba.
⏳ Turtii: Walii-galtichi hangam akka turu (period) fi yeroo hangamitti akka haaromfamu ibsuu qaba.
💰 Kaffaltii: Qarshii ji'aan kaffaltu fi bal'ina manichaa (kutaalee meeqa) qabaachuu isaa ibsuu qaba.
⚠️ Hubachiisa: * Dirqama mana kireeffachuun isinirra hin jiraatu. Teessoo keessan kanaan wal simsiiftanii sanada (document) qopheessitanii ittiin galmoofachuu dandeessu.
Template (unka) isiniif qopheessine irratti bakka mallattoo diimaan dibame keessatti odeeffannoo keessan Edit gochuun galchaa.
Join our channel for more! 🚀Barnoota Dabalataaf
[Linkii Telegrama] https://t.me/CClick0nComputer
🖥️ HDMI vs 🔷 VGA 📖
✅ Garaagarummaa fi faayidaa wal-qunnamsiistota #HDMI (High-Definition Multimedia Interface) fi #VGA (Video Graphics Array) gidduu jiru bal’inaan fi akka armaan gadiitti isiniif ibsina.
🖥️ HDMI (High-Definition Multimedia Interface)
HDMI-n gosa keebilii ammayyaa fi baay'ee barbaadamu dha.
1. Amaloota Teeknikaa
Gosa Siiginaalii: Siiginaalii Dijitaalaa (Digital Signal) fayyadama. Odeeffannoon bifa zeeroo fi tokkoon (0s fi 1s) darba. Kunis qulqullinni siiginaalii osoo hin hir’atin maddaa (fakkeenyaaf laaptooppii) irraa gara agarsiiftuutti (fakkeenyaaf TV) akka gahu taasisa.
Deeggarsa Qulqullinaa (Resolution): Qulqullina baay’ee ol’aanaa ni deeggara: Full HD (1080p), 4K, darbees qulqullina 8K rakkoo malee dabarsa.
Deeggarsa Sagalee fi Fakkii: Keebilii tokkoon sagalee fi fakkii (Audio and Video) walitti dabarsuu danda'a. Kunis TV-wwan fi sirna siinii-maatiif filatamaa isa taasisa.
Eegumsa Mirga Dijitaalaa (DRM): Teeknoolojii HDCP fayyadamuun qabiyyeewwan mirgi waraabbii isaanii eegame (fakkeenyaaf fiilmiwwan) akka hin baay’ifamne ittisa.
2. Bakkeewwan Itti Fayyadamaa
Agarsiiftota TV ammayyaa (Smart TVs)
Moonaataroota koompiyuutaraa (Monitors)
Laaptooppota fi koompiyuutarota teeskitooppii
Meeshaalee taphaa (PlayStation, Xbox)
Meeshaalee DVD/Blu-ray taphachiisan
🔷 VGA (Video Graphics Array)
VGA-n gosa keebilii baay'ee dulloomaa fi suuta suutaan bakka bu'amaa jiru dha.
1. Amaloota Teeknikaa
Gosa Siiginaalii: Siiginaalii Anaaloogii (Analog Signal) fayyadama: Odeeffannoon dambalii elektiriikii walitti fufiinsaan jijjiiramuun darba.
Rakkina Isaa: Adeemsa kana keessatti siiginaaliin dhiibbaa alaan (interference) salphaatti waan miidhamuufi fageenyi yoo dabalu qulqullinni isaa waan hir'atuuf, fakkichi dambali'uu ykn xaxamuu danda'a.
Deeggarsa Qulqullinaa (Resolution): Qulqullina ol’aanaa hin deeggaru. Yeroo baay'ee hanga 1080p (Full HD) deeggarus, qulqullinni isaa HDMI waliin yoo dorgomu gadi bu'aa dha.
Deeggarsa Sagalee fi Fakkii: Fakkii qofa dabarsa. Sagalee dabarsuuf keebilii sagalee (audio cable) addaa barbaachisa.
Keebilii: Fiixeen keebiliichaa yeroo baay'ee quba (pin) 15 kan qabu fi halluu cuquliisa dha.
2. Bakkeewwan Itti Fayyadamaa
Koompiyuutarota fi laaptooppota dullooman
Piroojektoota (Projectors) dullooman tokko tokko
Moonaataroota (Monitors) baay'ee dullooman kan Wal qunnamsiisuu dha.
Barnoota Kompitaraa argachuuf Telegram join godhaa
https://t.me/Click0nComputer
Artificial Intelligence/ Hubannoo Namtolchee duuba maaltu jira?
Kabajamtoota Maatii Keenya, mee har'a barnoota teeknolojii kenninu keessaa Python Programming maal akka tahe gabaabsinee waliin haa ilaallu.
Python Programming afaan moompitaraa fi nama walii galchuudha. Akkuma JavaScript, Java, C++, C# fi kanneen biroo afaan sooftiweeriiwwan adda addaa develop gochuuf dhimma itti bahamuudha. Inni kunis koodingiidhaan yoo tahu Python kan adda isa godhu ammoo Data Science fi Artificial Intelligence keessatti gahee leencaa taphata. Artificial intelligence yeroo ammaa addunyaa dhuunfatanii jiran kanneen Akka ChatGPT, Gemini, Deep seek fi kanneen biroos afaan koompitaraa ittiin qajeelfama itti kennan afaan Python Programming kanaan hojjataman. Karaa biraatiin Python Programming gaheen isaa guddaan akkaataa siistamni tokko duuba irratti itti hojjatu, yookiin loojikii fi hojimaata siistama tokkoo kan handle godhu yoo tahu siistamoota baankii fi maashinoota adda addaa hojjatuufis faayidaa qaba.
Akkamitti Telegram account keessan hatamuu isaa (hacked) adda baafattu? Furmaanni isaa hoo maali?
Telegram Account keessan yoo hatamee jiraate mallattoolee armaan gadii kana arguu dandeessu.
1) Login hin beekne arguu: Telegram keessatti “Active Sessions” yoo ilaaltan, meeshaa (device) ykn biyya (location) hin beekne irraa login ta’e yoo argitan.
2) Ergaa (Message) isin hin ergin nama dhuunfaa irrattis tahu garee keessatti telegram account keessaniin yoo ergame account keessan sun qaama biroo harka jira jechuudha.
3) Verification Code osoo isin hin gaafatin dhufuu: Telegram irraa verification code yeroo login godhan ittiin seenan kan garuu isin hin gaafatinii fi ittiin login hin godhin yoo dhufe.
4) Account keessan keessaa baafamuu (logged out): tasa app irratti account keessan keessaa yoo isin baase account keessan hatamee jiraachuu dandaha.
5) Setting ykn profile jijjiiramuu: Maqaa, suuraa, bio keessan osoo isin hin jijjiirin jijjiiramee yoo argitan.
Yoo akka account keessan hatamuu isaa mirkaneeffattan Saffisaan Active Sessions ilaalaa. Kana gochuufis tartiiba kana hordofaa:
Telegram → Settings → Devices
Device fi location isin hin beekne yoo jiraate “Terminate” godhaa, session hunda cufaa (log out all devices).
Sirritti of eeggachuuf:
→ 2 Step Verification fayyadamaa : Nageenyi account keessanii sirritti amansiisaa akka tahuuf Two-Step Verification fayyadamuu qabdu. Kana gochuufis tartiiba kana hordofaa:
Settings → Privacy & Security → Two-Step Verification
→ Password dabalataa kan yeroo application Telegram seentan hunda isin gaafatu fayyadamaa.
→ Verification Code Telegram irraa isiniif ergamu nama biraatiif hin kenninaa.
→ Telegram original (Play Store irraa) buufadhaa fayyadamaa.
Odeeffannoo teekinooloojii garagaraa argachuuf hordofaa
Barnootilee teekinooloojii
Madda Oduu Media
Oduu fi Odeeffannoo Dhugaa Madda Isaa Irraa!"
Dhimmoota hawaasummaa, dinagdee fi aadaa irratti odeeffannoo amansiisaa argachuuf madda Oduu Media filannoo keessan isa jalqabaati.
Join godhaa👇
https://t.me/maddaoduumedia
اکنون در دسترس! پژوهش تلگرام ۲۰۲۵ — مهمترین بینشهای سال 
