cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Raajii wallaansaa

Raajii wallaansaa barreeffama gaggabaaboon isiniif dhiheesina share join godhaa walbiraan gehaa

نمایش بیشتر
کشور مشخص نشده استزبان مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
پست‌های تبلیغاتی
568
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

AnimatedSticker.tgs0.09 KB
01:13
Video unavailableShow in Telegram
2.60 MB
Mallatooleen kunniin turtii yeroo dheeraa keessatti jabaataa dhufuu ykn haala dhibee irratti hunda'uun yeroo gabaduu keessatti mul'achuu danda'u. * Hafuurri nama hanqatuu * Boraatii malee yoo ciisan hafurri nama hanqatuu ykn nama hargansiisu * Halkan erga rafanii booda qilleensi nama hanqate ykn ukkamsee hirriba ka'uufi qilleensa argachuuf gara foddaa deemuu ykn foddaa banachuu * Nama dadhabsiisuu * Lukni/lutti keenya i'ita'uu ykn fuffuruu * Dhahannaan onnee keenya ol ka'u fi tartibaan dhahachuu dhabuu * Yoo dalagnu/hojii irratti dafne dadhabu. * Qufa'u keessattuu galgala galagala. Yeroo tokko tokko aakeen qufaa wojjiin bahu dhiiga makachuu. * Garaan iita'uu/iita garaa. * Dhangala'on qaamoota keenya irratti waan kuufamaniif ulfaatinnan dabalu. * Fedhiin nyaataa gadi bu'uu * Dhahannaan onnee/yoo onneen dhahattu namatti beeksisuu. * Dhukkubbiin naannoo onneefi qoma gara bitaafi ceekuu bitatti namatti dhagahamuu. - Mallatoolen kun hundi yeroo tokkotti mul'achuu dhabuu danda'u. Namni mallatoolee kunniin irratti mul'ate hundi dadhabinna onnee qaba jechuullee miti. --- --- Maal haa goonu? * Mallatoolee armaan olitti eeraman keessaa hedduu isaanii yoo of irratti agarre mana yaalaa demnee qorannolee barbaachiso kan Doktorri keenya nuuf ajaju dalagsiisuu. ************** Akkuma wolii galaatti fayyummaa onnee keenyaaf: ¶- Tamboo ykn sigaaraa aarsuu dhabuu. ¶- Sochii qaamaa ( deemsa ariifanna, daakkaa, daansii, fiigiicha, fi kkf) guyya guyyaan daqiiqaa soddomaafi achi oliif yoo xiqaate torbaanitti guyyoota shaniif  hojjachuu- Yoo dhukkubbiin hamaa ta'e naannoo qomaa fi ceekuu bitaatti nutti dhagahamaa jiraate sochii qaamaa addaan kutuu qabna. ¶- Ulfaatinna qaamaa hojjaa/dheerinna keenyaan wol hin madaalle yoo qabaanne ta'e ulfaatinna san hirdhisuu.  ¶- Nyaata sirrii ta'e filachuu; jechuun fuduraaf kuduraa nyaachuu. Soqida nyaataf dhugaatii keessattis xiqqeessanii fayyadamuu. Nyaata akka foon diimaa, cooma, killeefi dhadhaa daran xiqqeessuu. ¶- Dhukkuba dhiibbaa dhiigaatiif dhukkuba sukkaaraa yoo qabaanne haalaan to'achu. Yaalaa isaani haalaan hordofuu. ¶- Dhukkuba dadhabuu onnee qabaachuun keenya mirkanaaye qoricha fudhanna taanaan qoricha nuuf ajajame san haala Doktorri keenya nuuf ajajeen fudhachuu. Hordoffii yaalaafi qorichaa addaan kutuu dhabuu. ---- Ulfaadhaa! Horaa, bulaa, deebanaa! Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa! ---- ©Dr. Nuredin Luke https://t.me/fayyaanfaaya
نمایش همه...
Fayyaan Faaya👨‍⚕️

Fayyaan teenya jiruu teenya!!!

DADHABUU ONNEE - Heart Failure ******** Onneen qaama(orgaanii) dhiiga hidda dhiigaa keessaan qaamota keenya garagaraatiif  raabsuuf tajaajiltu dha. Dhiigni ammoo Oksijiiniifi wontoota biroo kan dalagaa qaama keenyaatiif barbaachisoo ta'an of keessatti qabatee deema; wontoota qaama keenyaaf hin barbaachifnes qaamota irraa fuudhee deebi'a. Onneen dalagaa ishee kana hojjachuuf cinaa(side) lamatti fi kutaa(chamber) afuritti qoodamti. Cinaan mirgaa dhiiga deebi'uu fudhachuu fi sombaaf dabarsuu irratti dalaga. Cinaan bitaa ammoo dhiiga sombi oksijiinii itti goote fudhatee qamoota keenya hundaaf raabsa. Kutaan arfan jenne ammoo lama cinaa mirgaatiin lamaan ammoo cinaa bitaatin argamu. Isaan cinaa gara tokkoon argaman waan xiqqoo akka arrabaa jirtu tan cufamtuufi banamtu tan 'Valve' jedhamtuun adda bahu. Akkuma qaamota keenya kan biroo dalagaa ishee dalaguuf Onneenis dhiiga karaa hidda dhiiga onneetiin (coronary artery jedhamuun) dhiiga maashaa onnetiif raabsiti. Kanaaf dadhabuun onnee rakkinnoota/dhukkuboota akkasumas uumamaan sirrii ta'uu dhabuu qaamota onnee kanniin armaan olitti eeraman (Maashaa onnee, Valvii/'valve' onnee, hidda dhiigaa onnee/'coronary artery' fi kkf ) keessaa tokko irraa ta'uu danda'a. --- --- Mee dadhabuu onneetiif maaltu sababa ta'a? * Dhukkuba dhiphachuu hidda dhiiga onnee (coronary artery disease). Inni kun yeroo dheeraa (woggoota) keessatti coomni/kolestirooliin/ hidda dhiigaa keessatti kuufamaa deemu dhiphachaa deemuu hidda dhiigaa onnee yeroo fidu irrayi. Kuufama koolestrolli San irrayis fottoquun hiddi dhiigaa kun tasa cufamuu danda'a. Yeroo kana dhukkubbiin hamaan lubbuu namaa tasa du'aaf saaxiluu danda'u nama mudachuu danda'a. Dhiigni ititees hidda kanniin cufuudhaan dhukkubii hamaa san (Dhukkuba onnee akka tasaa- heart attack) namatti fiduu danda'a. --- * Dhiibbaa dhiigaa (Hypertension): yoo dhiibbaa dhiigaa qabaanne onneen teenya dhiibbaa hiddoota dhiigaa keessa jiran irra aantee dhiiga qaamota keenyaaf raabsuuf dalaga guddaa hojjachutu irraa eegama. Turtii yeroo woghootaa booda maashaan onnee yabbachuufi dhawaata dhawaataan kutaan onnee cinaa bitaa jiru akka bal'atu gochuudhaan onneen teenya dalagaa ishee akka dadhabdu godha. Dhiibbaa dhiigaa keenya to'achuun ykn yaala isaa hordofuun carraa kana haalaan xiqqeessa. --- * Rakkinna Valvii onnee: Valviin onnee cufamaa fi banamaa kallattii sirrii/barbaachisaa ta'een dhiigni onnee keenya keessa deemuun akka qaamota biraatiif  tamsa'u tajaajilti. Rakkinni ykn dhukkubni valvii kana miidhan valviin kun akka dhippatu ykn guutuun guututti akka barbaadamutti cufamee akka hin banamne gochuun onneen dalagaa ishee haalaan akka hin dalagne godhu. Kunis dhawaataan dadhabinna onnee fida. --- * Rakkinna/dhukkuboota maashaa onnee (cardiomyopathy): maashaan onnee infeekshiinii garagaraatiin, alkoolii baay'isanii dhuguunifi dawaa  garagaraa fudhachuudhaan miidhamuu danda'a. Uumamni maashaan kun namoota tokko tokko irratti qabu rakkinnota kanaf yoo saxilaman salphaan akka miidhaman gochuu danda'a. --- * Uumamaan sirrii ta'uu dhabuu qaamoota onnee (Congenital Heart Disease); uumamni qaamota onne (vaalvi, hiddi dhiigaa fi kkf) umaamni isaanii sirrii ta'uu dhabuun onneen dalagaa ishee haalaan akka hin dalagneefi dadhabdu gochu danda'a. Hallii uumamaan sirri ta'uu dhabuu onne (Congenital Heart Disease) gosaa garagaraa kan qabuufi miidhan isaan dalaga onneefi qaamaa irratti qaban akkasuma garagarummaa guddaa qaba. --- * Dhukkuboota biroo kan akka Dhukkuba Sukkaraa, dhukkuba baay'achuu hormoonii Xannacha Tayirooyidiitiin omishaman, dhiigni itite hidda dhigaa onnee irraa gara sombaa deemu cufuun fi Hanqinna dhiigaa baay'ee gadi bu'aa ta'e isaan dadhabuu onnee fidan keessaa ijoo kan ta'aniidha. --- --- Mallatooleen yeroo onneen dadhabdu mul'atan:
نمایش همه...
DHUKKUBBII DUGDAA - Back Pain *** Dhukkubbiin Dugdaa sababa ijoo namoonni gara dhaabbilee fayyaa woldhaansaaf dhufan keessaa isa tokko. Innis umrii kam irrattuu muldhachuu kan danda'uufii sababa namoonnii guyyaa hojiifi barnoota isaanii irraa hafan keessaa tokko. Dhukkubbiin dugdaa yeroo hedduu sababa sasalphaaf ta'uu malullee, darbee darbee dhukkuboota hammatoo kan biroo irraas ta'uu mala. --- --- Sababoota Dhukkubbii Dugdaa: * Haala dhaabbii, taa'umsaa, ka'umsaa, ciisissaa, fi ba'aa ulfaatu haala dugda irratti dhiibbaa fiduun olfuudhuu irraa miidhaa maashaafi moorgaya dugdaa irratti gahu. * Rakkoo Diiskii dugdaa. Diiskiin waan happii jidduu lafeelee dugdaatti argamu dha. Mucucaachuun ykn jidduu lafeelee kana as sigigachuu diskii (disk prolapse) akka narviileen hucuuccaman gochuun dhukkubbii salphaa hanga hamaa dugdaa fi mudhii gara gaditti akka namatti dhagahamu godha. * Umrii wojjiin haphachuu lafee dugdaa irraa bo'oon duguguruu dugdaa kan Ispaayinaal Koordiin keessa deemu dhiphachuun dhiibbaa narvilee Ispaayinal Koordii irraa bahanatti dhufuun dhukkubbiin dhugdaa fi hanga miila gaditti namatti dhagahama. * Cabnanni ykn baqaqni Lafee dugdaa irratti balaa tasaa ykn miidhaa ykn rukuttaa ykn kufaatii hamaa irraa nama mudate jirachuun * Kulkulfannaa garagaraa kan Lafee dugdaafi buusewwan lafee dugdaa jiddutti argamanii * Haala hojii- jiruu tokkoo tokko: Yeroo dheeraaf deeski irra taa'an irratti dugdaan gad jedhanii dabarsuu, deddebiidhan waan ulfaatu olkaasu, furdinna garmalee guddaa ta'e qabaachuu, sochii qaamaa gochuu dhabuu, sigaaraa aarsuu, kophee hiilii dheeraa qabu dirachuun. * Yeroo marsaa xurii laguu, fi akkasumas yeroo dahumsaaf dhihatanitti * Garmalee cinqamuu, dhiphachuu fi dhukkuba muukuu ykn dhiphinnaa qabachuun. * Sababa dhukkuba Kansaroota tokko tokkoon dhukkubbiin dugdaa hamaa ta'e namatti dhagahama. * Dhukkuba TB lafee dugdaa (Pott's Disease). Inni kun dabalataan mallattoolee akka huqqachuu/ulfaatinni qaamaa hirdhachuu, fedha nyaataa dhabuu, ho'aa fi garmalee galgala nama dafqisiisuu qabaata. * Infeekishinootni qamaa tokko tokko yeroo gababaf dhukkubbii dugdaa qabaachuu malu. * Yeroo tokko tokko sababa addaan hin baaneef dhukkubbii dugdaa qabachuu malla --- --- Maal haa goonu? * Dhukkubbii dugdaa yeroo gara yerootti cimaa dhufe yoo ta'e yeroon hospitaala deemanii qorannoo barbaachisu godachuun sababa isaa addaan baafachu (Doktorri keessan haala barbaachisumaa isaa irratti hunda'uu qorannoo dhiigaa, Raajii, CT- Scan, MRI isinii ajajuu mala). * Akkasumas dhukkubbii dugdaa fincaaniif bobbaa to'achuu dadhaabuu woliin dhufe, sarbaaf luka keessa gara gadii dhukkubbilee garagaraa qabu, qama gara gadii humna dhowwachuun dadhabsiisu (laamshessu ykn paralyze) godhuu fi ho'aaf mallattolee biraa muldhisuuf yeroo otoo hin kenniin dhaabbilee fayyaa deemanii ilaalamuu. * Dhukkubbii dugdaa asii olitti ibsamaniifi yoo garmalee hamaa ta'uu baate: sochii qaamaa gochuu, iddoo dhukkubbii sanitti waan ho'aa woyaan tuqanii ykn cabbii itti qabuu, fi qorichoota dhukkubbii woyyeessan fayyadamuun nama irraa woyyachuu danda'a. Sababa dhukkubbii dugdaatiif sochii dhiisanii ciisaa ooluu irra hanga dhukkubbii san obsuu danda'anitti sosochii gochuun irra filatamaadha. Garuu sochii san wojji dhukkubbiin yoo kan hammaatu ta'e dhaabuun barbaachisaadha. * Ulfaatinna garmalee guddaa ta'e (kan hojjaa keenyaan wol hin madaalle hirdhisuu), nyaata keenya sirreessuu (fuduraaf kuduraa nyaachuu), sigaaraa aarsuu dhabuu/dhaabuu. * Gosni ispoortii Yoga jedhamuu dhukkubbii dugdaa tokko tokko woyyessuuf ni gargara. * Akkuma woliigalaatti dhukkubbii dugdaa torbaanotaaf itti fuufiinsaan yoo qabaanne fi dhukkubbii dugdaa yeroo gara yerootti hammaataa dhufe yoo jiraate mana yaalaa deemuun ogeessa marisisanii qorannoof yaala barbaachisu argachuu qabna. --- --- Ulfaadhaa! Horaa, bulaa, deebana! Fayyaa ta'aa, fayyaa daha! --- Dr. Nuredin Luke https://t.me/fayyaanfaaya
نمایش همه...
Fayyaan Faaya👨‍⚕️

Fayyaan teenya jiruu teenya!!!

FAAYDAA AANNANI QURUNFUDII/QURUNFULII WALIIN 1). Dadhabuu onneetif. 2). Dadhabbina sammuutii fi waa hubachuu 3). Dhukubba Asmiif 4). Dhukkubbi Ilkanitif 5). Finniisaa Ballessuuf 6). Nyaanni akka Dakaamuuf 7). Dhibee Utaalloo/ qufaatif 8). Dhiiguu foon ilkaanii nurraa qolata. 9). Hanga cholesterol qaama keenyaa ni to’ata. 10). Dhukkuubbii jilbaa fi Lafee 11). Foolii Aaanii gaarii akka qabaannuuf 12). Dhukkubbi yeroo marsaa laguutif 13). Dhibee garaachaaf 14). Dhukkubbi Tiruuf 15). Dhukkubbii ilkaaniif. 16). Dadhabbina ijaatiif 17). Kaansarii nurra ittisuuf 18). Bareeduma Gogaa kenyaaf 19). Dhibee Sukkaarafi 20. Hir'inna Dhiigaaf 21). Dhukkubbi Toonsilitif 22). Gogiinsa Garaatif 23). Rakko Dhala Dhabuun walqabatef 24). Dhibba Dhiigatif 25). Bareeduma Rifeensatif 26). Infekishiini Qaama saalatif 27). Feedhi Nyaata Dabaluufi Akkamitti fayyadamna yoo jettan ✍️ Qurunfudin ka Dakamee tahu qaba ✍.Qurunfudi Maanka/Fal'aana tokko Aannani kubbayya tokko wajjin dhugii/dhugaa ✍ Torbanitti yeroo 2-3 ✍Ganama Ganamaa osoo Ciree hin nyaatin sa'aa 1 duraa #Hub_Namoonni alarjiiki qabdan hin fayyadaminaa. ©Dr.Mahmud Kedir https://t.me/fayyaanfaaya
نمایش همه...
Fayyaan Faaya👨‍⚕️

Fayyaan teenya jiruu teenya!!!

Rakkoo balaqqamsiisaa yeroo imalaa(Motion sickness) Namoonni tokko tokko yeroo geejjibaan imalan baay'ee rakkatu. Sochiin konkolaataa baay'ee isaan jeeqa. Yeroo baay'ee miira lolloojuu, balaqqamsiisuu, mataa bowwoo, dafqisiisuu, dhiphachuu isaan irraan gahuu danda'a.Sammuun keenya waa'ee sochii qaama keenyaa qaamota haala sochii hordofan kan akka ija, gurra, maashaa fi buusaa keenyaa irraa argata. Yeroo imala irra jiru qaamonni kun ergaa garagaraa yoo ergan sammuun keenya dhaabbannee ykn deemaa jiraachuu keenya adda baasuu waan dadhabuuf 'confuse' ta'a.sababa kanaaf, mallattoolee ibsaman kana arguu jalqabna. Maal gochuu qabna:- ✅️1 Iddoo filannee taa'uu. Teessoo gara fulduraa jiran hamma tokko sochiin waan xiqqaatuf filatamoodha. ✅️2 Ija keenyaan wanta socha'aa hin jirre irratti xiyyeefachuu.Yeroo foddaadhaan gara alaa ilaallu lafti fi wantoonni garagaraa socha'aa waan jiran nutti fakkaatuf nu jeequu danda'a. ✅️3 Dubbisuu dhiisuu,bilbila ykn meeshaalee eleektironikii biroo fayyadamuu dhiisuu. ✅️4 Bishaan qorraa ykn dhugaatii lallaafaa xixiqqeesanii habuqqachaa deemuu. ✅️5 Gingibiila alanshuu ✅️6 Kana dura nu qunnamee beeka yoo ta'e, waa'ee isaa yaadaa deemuu dhiisuu. ✅️7 Imala dura nyaata xiqqeesanii nyaachuu ✅️8Yeroo baay'ee nu rakkisa yoo ta'e qoricha dhimma kanaaf qophaa'an (antihistamine) diqiiqaa 30 hanga sa'aa tokkoo dursanii fudhachuu. # Yeroo baay'ee namoota imala heddu taasisan turtii keessa sochiidhaan walbaraa waan deemaniif isaan dhiisuu danda'a. @Dr. Shaaroo Dallalany https://t.me/fayyaanfaaya https://t.me/fayyaanfaaya
نمایش همه...
Faayyaan Faaya👨‍⚕️

Fayyaan teenya jiruu teenya!!!

Fayyummaa paaphiyaa 1. Daakamuu soorataaf 2. Ulfaatina qaamaa gar malee nurraa ittisa 3. Laguun fayya qabeessa akka ta'u ni gargaara 4. Infeekshiniif 5. Sooratni kun qabiyyee farra kaanserii of keessaa qaba . 6. Fayyaa gogaa keenyaaf 7. Dhibeen akka hin qabamne dandeettii qaama keenyaaf dabala . 8. Dhukkubbii ilkaaniif 9. Kolestiroolii qaama keenya keessaa ni hir'isa. 10. Dhibee asmiif 11. Fayyaa lafee keenyaaf 12. Fayyaa rifeensa keenyaaf 13. Finnisa nurraa ni hir'isa. 14. Dhibee onneef ni gargaara! 15. Raammoo minnii ittisuuf . 16. Bokoka garaa hiikuuf. 17. Bareedina gogaa keenyaaf Galatooma Dr Jirenya S Maddi: WHO healthiest food guidlines and summary researches. https://t.me/fayyaanfaaya https://t.me/fayyaanfaaya
نمایش همه...
Faayidaa kamzaraa/khumzaraa (CELERY) ....................... ♧HUB : [Naannoo keessanitti maal akka jadhamee waamamu, nuuf eeraa] 1. Kaansaroota gara garaa ittisuuf bu'aa ol'aanaa qaba. 2. Dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf gahee qaba. 3. Kulkulfannaa qaama keessaa (Inflammation) ni hir'isa. 4. Jabeenya (strength) lafee ni dabala. 5. Bullaa'ina nyaataa ni saffisiisa. Akkasumaas, bokokuu ykn afuufamuu garaa ni fooyyeessa. 6. Hamma choolestiroolii badaa qaamaa ni hir'isa. 7. Finniinsi akka dafee baduuf ni gargaara. 8. Vaaytaminootaa fi mineraaloota baayyee of keessaa qaba. 9. Ulfaatina qaamaa garmalee hir'isuuf ni gargaara. ♧ Dhugaa dubaachuuf, Faayidaan isaa bayyeedha. Ani garii qofaan irraa maqaa isiniif dhawe. - khumzaraa nyaachuus tahee, Juusiin isaa haalaan bu'aa qabeessadha. WALIIF QOODAA (#Share) GALATOOMAA FAYYAA ARKADHAA !! ©️ Dr. Rajab Sheikh Abdulkarim baalla https://t.me/fayyaanfaaya https://t.me/fayyaanfaaya
نمایش همه...
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.