cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Qubaqabduu

نمایش بیشتر
کشور مشخص نشده استزبان مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
پست‌های تبلیغاتی
984
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-27 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Fudhachuuf Qophaa'an Hundaaf Ni Fayyada! ----------------------- #Qajeelfama_Naamusa_Qormaataa_Dhaabbilee_Barnootaa_Olaanoo_Ministeerri_Barnootaa_Bsaseen Hogganamuun Barattoota Keenya Bu'a Qabeessa Taasisa. Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa qajeelfama naamusa qormaata biyyoolessaa dhaabbilee barnootaa olaanoo ittiin bulchu kan qabu yoo ta'u, kaayyoon walii galaatis barattoota marsariitiirratti(online) qoraman adeemsa qormaataa keessatti seera kabajanii akka qoraman guchuun sirna haqa qabeessa, amanamaafi walsimaa ta'e diriirsuudha. Qajeelfama kana keessatti barattoota naamusa qormaataa cabsaniifi tarkaanfii fudhatamuu qaban #keewwata35 ta'an tarreffamaniiru. #Keewwata1- Barataan dhugaatii alkoolii dhugee machaa'e gara mooraa qormaataa galuu hin danda'u. Qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoramu. #Keewwata2- Barataan ykn barattootni barsiisaa dirqama isaa bahaa jiru sodaachise/sodaachisan qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoraman. #Keewwata3- Wiirtuu qormaataaf hin heyyamane, meeshaa qormaataaf hin heyyamamne keessa galanii argamuun dhoorkaadha. #Keewwata4- Barataan waraqaa eenyummaa gate hin qoramu, #Keewwata5- Barattootni qaama qormaata kennuufi bulchuun yeroo gaafataman waraqaa eenyummaa isaanii ibsu agarsiisuu, sakattaa'amuun dirqama ta'a. #Keewwata6- Dubartiin uffata fuulaatiin fuulli isaanii hin mul'anne yoo ta'e, dubartii/dhiirri qormaata kennitu/kennu, dubartiin/dhiirri balbal irratti sakattaatu/ttaa'u fuula irraa fudhattee akka agarsiiftuufi eenyummaa adda baafachuu dirqama. Barattuun ajaja kana hin kabajne, gara qormaataa hin seentu, qaama nageenyaa achi jiruun to'annaa jala ooltee dhimmi ishee qoratama. #Keewwata7- Yeroo qormaataa kabajuun barbaachisaadha. Garuu, qormaatni kennamuu erga jalqabee daqiiqaa 20 booda baratan dhufe qormaata si'a sanii qoramuu hin danda'u. #Keewwata8- Qormaata kennamaa jiru daqiiqaa 30 dursanii bahuun dhoorkaadha. Barataan didee bahu yoo jiraate qormaatni isaa/ishee ni haqama. #Keewwata9- Barataan mataa isaa uffataan, dhahannaa dabbasaatiin, maaskii fuulaatiifi bifa namoota biroo goyyomsuufi rifachiisuun of dhoksuu yaale qormaata hin fudhatu. #Keewwata10-Barataan qormaata erga dubbisee booda waan dhukbsate fakkaatee kutaa qormaataatii bahe/baate qormaata hin fudhatu/ttu. Qaama nageenya achi jiruun to'annaa jala oolee/ttee dhimmi qoratama. #Keewwata11- Barataan ta'e jedhee, qormaatni hatame jechuun barattoota jeequu yaale qormaata hin fudhatu, ni dhoorkama. #Keewwata12- Barataan qormaata fudhatu tokko kutaa itti ramadameen ala qoramuu hin danda'u. Kan yaalu yoo jiraate to'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata13- Yeroon qormaataaf kenname erga xumuramee booda barreessuun dhoorkaadha. Barreessuu yoo dhaabuu baate immoo, barsiisaan qormaata kennu of eeggannoo afaanii kennuu qaba. kanaanis yoo dhaabuu baate, waraqaa deebii irratti mallattoo addaa gochuu ni danda'a. #Keewwata14- Gara kutaa qormaataa galamu sakattaa'amuu kan dide qormaata hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata15 - Barataan barsiisaa qormaata kennuufi hojjattoota haala mijeessan arrabse, sodaachiseefi abaare qormaata si'a sanii hin fudhatu. Dhimmi isaas ni qoratama. #Keewwata16 - Bilbila qabatanii galuun dhoorkaadha. Kan qabatee argame qormaata irraa ari'ama. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #Keewwata17- Waraqaa eenyummaa barataa biraa qabachuun, bakka bu'anii qoratamuuf yaalun dhoorkadha. Kan yaalee argame qormaata sadi walitti aansee jiru hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama. #keewwata18- Qormaatni qisaasame jechuun odeeffannoo dogoggoraa barataan kenne of eeggannoo afaaniittu kennamaaf. #Keewwata19- .Yeroo dhimmi yakkaa qoratamu yaadannoo qabachuun, kaalkuleetara, bilbila harkaa, meedhaalee sagalee waraabaniifi suuraa kaasan qabachuun dhoorkadha. @qubaqabaadhu @qubaqabaadhu @qubaqabaadhu
نمایش همه...
​​Ragaa Barnootaa Sobaa Balleessuuf Deeggarsi Hawaasaa Barbaachisaadha jedhame. --------------------- BBO- Waxabajjii 20/2016 Seektarri Barnootaa ragaa sobaa haawasa keessa babal'ataa jiru dhabamsiisuuf adda dureen hojjachaa jira. Ragaan sobaa barnootaa dhabamsiisuun kan danda'amu hirmaannaa hawaasaa ol guddisuun mootummaa waliin qindoominaa yoo hojjatameedha. Ragaan sobaa dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa biyya tokkoo irratti balaan inni fidu guddaa ta'uu ummata hubachiisuun tooftaa ittiin dhabamsiisuun danda'amu irratti walii galuun barbaachisaadha. Kanuma bu'uura gochuun Godina Arsiitti Waajjirri Barnootaa Godina Arsiifi Bul. Magaalaa Asallaa Kaawunsilii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa damee Arsii waliin bakka I/A hoggantuu Komishiiniifi Biiroo Barnootaa Oromiyaatti, Daayirektarri Daayirektoreetii Deeggarsaafi Hordoffii Dhimma Naamusaafi Farra Malaammaltummaa obbo Tashoomaa Abbabaa argamanitti mata duree "Qorannoo Ragaa Barnootaa Sobaa Miidhaa Dhaloota Egeree Irra Geessisu" jedhu Irratti tibbana hawaasa mariisisaniiru. Ragaa Barnootaa Sobaa balaan geessisu hedduudha. - Dhaloota barataa jiru irratti, Manneen barnootaa keessatti, - Fayyaa hawaasa keenyaa irratti mana yaalaa keessatti, - Hoggansa, tajaajila kennuu irratti, kkf irratti otuu hin baratin/hin leenji'in ragaa sobaatiin kan barsiisaa ta'u, kan hakimii ta'u, kan hogganaa hawaasaa ta'u, hogganaa waajjiraa, aanaa konkolaachisaa ta'u hundi balaan isaan geessisan guddina hawaasaatiif gufuu guddaa waan ta'aniif irratti duuluun dhabamsiisuu akka qaban yada kennitootni tokko tokko himaniiru. Ragaan Barnootaa Sobaa dhaloota egeree kan naaffisu waan ta'eef hawaasni keenya hadheeffatee irratti qabsaa'u qaba kan jedhan obbo Tashoomaan, haaluma walfakkaatuun waajjira barnootaa godinaalee, magaalotaafi aanotaa hanga Manneen Barnootaatti gadi bu'uun dhaloota ragaa sobaa balaaleffatu qarree baasuu irratti hojjachuu qabna jedhaniiru. Karaa biraatiin hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru hundi dhimma adda addaatiif namoota yoo galmeessinu gadi fageenyaafi qulqullinaan galmeessuun xiyyeeffannoon itti kennamuu qaba jedhameera. Tola Berisso 💠 Share share @qubaqabaadhu @qubaqabaadhu @qubaqabaadhu
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
#Result #ExitExam Bu'aan qormaata ba'iinsa(#ExitExam) bara 2016 dhaabbilee barnoota olaanootti ergameera. Bu’aan barattoota guyya har'aa dhaabbileef ergamuu isaa Tikvah Yunivarsitii hooggansa olaanaa Ministeera Barnootaa irraa mirkaneessee jira. Kanaafu dhaabbileen barnoota olaanoo har'a irraa eegalee bu'aa qormaata ba'iinsa barattoota isaanii ni ifoomsu jedhamee eegama. Qormaanni ba’iinsaa baranaa barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaa 57 fi dhuunfaa 124 sagantaa digirii jalqabaa 244 irratti akka kenname ni beekama. @qubaqabaadhu @qubaqabaadhu
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Beeksisa kolleejjii barnoota Barsiisotaa hundaaf bahe @jimmaateachercollege @jimmaateachercollege
نمایش همه...
Photo unavailableShow in Telegram
Beeksisa kolleejjii barnoota Barsiisotaa hundaaf bahe @jimmaateachercollege @jimmaateachercollege
نمایش همه...
Bifa haaradhaan Deebineerra hordoftoota channel keenya jirra jirtuu❤ @qubaqabaadhu @qubaqabaadhu
نمایش همه...
Jirra jirtuu
نمایش همه...
Hacaaluu_Hundeessaa_Boonsaa #Kutaa_1ffaa Hacaaluu Hundeessaa Bara 1978 Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa lixaa magaalaa #Ambootti dhalate. Magaalaan Amboo olmaa guddaa Hacaaluuf qaba. Hacaaluu Hundeessaa ilma oromoo qabsoof dhalateedha.Goota ija barbadaa,gadameessi haadha oromoo Oromoo fi Oromiyaa badhaafte. Hacaaluu Hundeessaa imala qabso Oromoo keessatti goota seenaa eenyuyyuu bakka hin buune gumaacheedha.Artiistii Dararaa fi dhiibbaan ummata oromoo irra dhufaa darbaa gahaa ture isa teessissu hin dandeenyedha. Aarsaa fi wareegama kamuu kaffaluuf goota of qopheessuun qabsoo oromoo finiinseedha. #Goota_Gaafa_Xiiqii. Kan qabsoo oromoof of duuba hin jenne. Onneen gootummaa isaa gaachana qabsoo oromoo isa taasise. Hacaaluu Hundeessaa agartuu qabsoo oromoo ijoollummaan qabsoo jalqabe.Yeroo kutaa 11ffaa baratus qabsoo oromoof jecha qabamee hidhamuun waggaa Shaniif mana hidhaatti dararama ture. H-Hundeessaa haa hidhan malee mana adabaatti qabsoo itti fufee mul'ataa fi egeree oromoo giddu galeessa godhachuun ogummaa aartiin mana adabaa ta'ee hojii qabsoo itti fufe.Aartii qabsoo oromoo utubuuf. Walaloo sirboota isaa Albeemii jalqabaa 9 mana adabaa taa'ee barreesse. Hacaaluu Hundeessaa sirboota isaa mana hidhaa taa'uun barreesse akkuma mana adabaatii baheen ogummaa aartii fi jechoota filatamoon qindeessee ummata isaa jaallatu biraan gahe. Jaallatammummaa fi kabaja waliin ummata oromoottis bahuu danda'e. Hacaaluu Hundeessaa sirboota qabsoo isaa yoomuu Seenaa qabsoo fi laphee ummata oromoo keessaa haqamuu hin dandeenyeen qabsoo ummata oromoo utubuu jalqabe. Sirboonni qabsoo isaas oromoo dangaa hanga daangaatti dammaqse. #Tokkummaa_Oromoo itichuu jalqabe. Kana irratti hundaa'uunis #Waa_hin_yaadneen waggaa 27 ummata dhiitee bulche isa callisiisuuf yaalii hedduu godhaa ture.Haa ta'u malee Haceen miidhamni Lammii isaa isa teessisuu hin dandeenye. #Waa_hin_yaanneen isa qabuun Mana hidhaa Ma'akalawwiitti hidhuun dararee gadhiise. Qabsoon Oromoo cimaa,finiinaa akka deemuuf Artistoonni oromoo gumaacha guddaa oromoof godhaa turan. Artistoonni oromoo qabsoon oromoo akka hin mugne sagalee qabsoo oromoo ta'uun wareegamaaf, aarsaa hunda kaffalaniidha. Aarsaa lubbuu,dararaa fi hanga biyyaa baqatannitti qabsoo oromoof kan of kennanidha. Bara midiyaaleen qabsoo oromoo ta'an hin jirretti oromoof kan gummaachan. Hacaaluu Hundeessaas artistii jaallatamaa,kabajamaa fi onnee oromoo hunda keessa kan jiruu fi gara fuula duraattis jiraatudha. Kutaa 2ffaan itti fufa... Share godhaa hiriyoota keessaniif! 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 share share @Qubaqabduu @Qubaqbduu
نمایش همه...
👆 Seenaan ha yaadatuu hangafaa qabsoo duraa😭 ~~ ``~~~~~~~`` ~~~~~~~ Jarraa Abbaa Gadaa hangafaa duraa Gaafa manaa bahu jalqabuma duraa Haadhaa fi abbaa obboleeyyan mara Ollaa fi ganda ahliidhaa fi fira Osoo hin jaalatin sosssobachaa garaa Dirqamuma ta’eef ka’ee bu’e karaa. Amna jalqabuuf galaa sinqeeffatee Manguddoof jaarsooliin eebba eebbifatee Ijoollee biyyaa fi-qabuun hammatee “Abshiir jajjabaadhaan” dhaamsa dabarsatee Osoo ijji boochuu imimmaan haqatee Takka tarkaanfatuun if duuba mil’atee Harka hafarsuun nagaya dhaammate. Ifumaan dubbachuun if keessat-guungumee Kaayyoo manaa baheef ifiin ifitti himee Galmaan akka gahu fuuldurat-tilmaamee Firii argamsiisuuf amna dheeraa deeme. Akka bakkaan gahu abdiin jala muree Laggeenii fi gaarreen tulluudhaa fi raaree Hunda qaxxaamuruun hallayyaa fi qarree Qorraa-aduun janne ganamaa fi waaree Dukkana cillimiin obsuun dhagaaf qoree Bineeyyii hahhamoo miliqee irraa goree Rakkoo beelaaf dheebuu ciniinnachaa sabree Irra hin kaayyanne yoo lubbulleen dabre;😭 Kaayyoo kaayyeeffateet arguu saba furee. Bu’aa ba’ii meeqaan oliif gad meeratee Mukkeen adda addaa kan arge sooratee Yoo dhabellee dhiisee obsuun ciniinnatee Bineensa bosonaa hiriyaa godhatee Qorra hamadayaan baala haguuggatee Abdii osoo hin kutin daranuu onnatee Qananii jireenyaa achuma godhate. Qabeenya horatee jiraachuu hin dadhabne, Bultii ijaarratee ilmaan horuu hin yaanne, Sodaa diinaatiif mataa gad hin qabne, Rakkoo itti galteef harka hin kannine, Bu’aa ifii laalee lammii isaa hin ganne, Roorroo adawwiitiif sabarraa hin baqanne Lubbuu isaa takkittii isaaniif if kanne. Inni suni goota goota Oromootii Kan saba dammeeysee qabsaawe dhugatti Kan lubbuu isaa dhabe daandii haqaarratti Wareegamni isaanii wareega seenaatii; Kanumaaf yaadanna baraa fi baratti. Sirna gita bittaa fonqolchuuf muratee Bilisummaa arguuf hawwiidhaan tashatee Galii osoo hin argin kan lubbuunsaa baate😭 Dhugaaf manaa bahuun dhugarratti kutee Arra Oromoonnis isaanumaan boontee Kanumaaf bara-baraan wal gahuun yaadatte. Daandii haqaa saaquun nutti garsiisanii Addaan hin baanuun gurmuun tokkoomanii Waliin wal qabachuun walumaan dhumanii Dhaloota ammaatiif fakkeenya tahani. Tasa hin hifanne hin sodaanne diina Tirachaati ture qabsoo teenya tanaa Gootoota qaqqaalii kanneen nuuf gaachanaa Wabii bilisummaati isaanumaan boonnaa Dagatamuun-tahan barayyuu yaadanna. Dagatamuun-tahan barayyuu yaadanna. #shareshare join👇 @Qubaqabduu @Qubaqabduu
نمایش همه...
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.