cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Mana Barumsaa Addaa Geeraa

Baradhu!! Barachuu fi hubachuun nama guutuu si godhaa!!👬Nama guutuun Nama karaa hundaan guddateedha!!

نمایش بیشتر
فنلندة3 261زبان مشخص نشده استآموزش93 748
پست‌های تبلیغاتی
472
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
+117 روز
+2030 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

QAJEELFAMOOTA YEROO (PRINCIPLE OF TIME) ➊. Yeroon ni darba: ❍ Yeroo har’aaf siif kenname deebitee boru argachuu hin dandeessu. Boru waan haaraa baatee dhufa. ➋. Yeroon akeekaaf namaaf kennama: ❍ Karooraan yoo itti fayyadamne waan haaraa hojjachuu dandeessisa. ➌. Yeroon siif gaddee dhaabatee si hin eegu: ❍ Wanti har’a utuu hin xumuramin hafe, yeroo itti aanutti darba. Wanta har’a hojjachuu dandeessu har’uma xumuri malee boriif hin olkaa’in! ❏ Moo'attoonni hojii boru hojjetan har'a hojjetu! ❏ Giddu-galeessonni hojii har'a hojjetan har'uma hojjetu! ❏ Namoonni kufan hojii kaleessaa har'a hojjetu! ➲ Kanaafuu, yeroo hundumaa MOO'ATAA ta'i! ➍. Yerootti fayyadamuuf ogummaa cimaa gaafata. ❍ Uumamni xixiqqoon kan akka mixii yoo ilaalle halkanii fi guyyaa; wanta guddaa hojjatu. "Until you value yourself, you won't value your time! Until you value your time, you will not fit anything with it"       (M. Scott Pek) ⁃ "Hanga bu'aa jireenyaa kee hubattutti bu'aa yeroo hin hubattu, hanga bu'aa yeroo hubattutti waan tokkollee hojjechuu hin dandeessu" jedha. ❍ Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa. Yeroo qusachuun nama hundatti ulfaachuu ni danda'a. Garuu ammoo hamma danda'ameen yeroo qusachuun gaariidha. Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha. Yeroo qusachuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha. Ammas yeroo qusachuun jireenya keenya gaggeessuuf murtoo jalqabaati.
نمایش همه...
Yeroon qabeenya qabeenyaan oliiti! Namni yeroo isaaf kennametti fayyadamu nama hubataadha. ❍ Yerootti fayyadamuun dandeettii xiyyeeffannoo namaa guddisa. ❍ Xiyyeeffannoon fiixaan bahuumsa karoora keenyaaf  humna jalqabaati. Namoonni GATII YEROO (times value) beekan yommuu dubbatan: ❍ "Yakki guddaan akka yeroo balleessuu, addunyaa kana irra hin jiru." jedhu. "Yeroon kan akeekaati, akeeknis kan yerooti." ❍ Ogeeyyiin fayyaa maaliif "time is life" yookiin yeroon jireenya jedhu beektaa?? Sababni isaa lubbuu namaa darbuuf daqiiqaa muraasni hafe du’a oolchu waan ta’eef. ❍ Atileetiin yookiin warri fiigan "Time is gold" yookiin yeroon warqiidha maaliif jedhu itti yaaddee jirtaa? Sababni isaa yeroo isaaniif kenname sana keessatti fiiganii maayikiroo sekondiidhaan dursanii mo'achuun warqii argatu waan ta’eef.
نمایش همه...
Dhumarratti, qonnaan bulaan tokko ba'aa baatee itti dhufe. Akkuma itti dhiyaateenis, ba'aa isaa lafa godhee dhagaa guddaa kana karaarraa kaasuuf dhiibuu eegale. Inuma dhiiba; dhiibee dhiibees, dadhabbii guddaan booda ni milkaa'e. Akkuma dhagaa kana kaasee daandii cina godheen, baattuu xinnoo bifa reektaangilii qabdu tokko, iddoo dhagaan sun ture jalaa arge. Yeroo banee ilaalu, waan lama ofkeessa qaba. Kunneenis warqee  gatii jabeessaafi ergaa barreeffamee jiru tokkodha. Ergaan sinis akkana jedha; "Warqeen kun, kan nama dhagicha karaarraa kaaseeti!" Ergaa mootichaati! Qonnaan bulaan kunis, waan namoonni kaan hin hubanne baratee darbe. Bu'aa dadhabbii isaas argatee deemsa isaa itti fufe. Akkas malee! - Ba'aa keessa bu'aatu jira! Watonni gufuu nutti fakkaanii isaan dheessinu baay'een, anniisaa deemsa keenya fuulduraa nuuf ta'uu malu. Wanta anniisaa namaaf ta'ummoo, baqachuu osoo hintaane baachuutu nama baasa. Baachuu keessa dadhabuun ni jira; garuu dadhabbiin sun, gonfoo dadhabuun keenya nuuf qopheessuun yoo wal bira qabamu, ofumaati. Eeyyeen, baachuu keessa nyaachuutu jira; ba'aa keessaas bu'aa hedduutu argama. Waan kamuus badhaasa mataa isaa niqabaata. Gatii har'aa baafnu keessaan badhaasa keenya boruuf haalatu mijata. Ifaaja keenya ammaa keessaanis fuuldura keenya mil'anna. Dhugaadha! Biqiltuu har'a dhaabuuf dadhabnu bor gaaddisa yeroo dadhabbii nuuf ta'u. Yoo kun hinjirres sun hinjiru,....hindagatiin! - Gufuun har'a irra darbamu borus achuma! Rakkoon har'a hinfuramne rakkooma ta'ee tura. Dhagaa sana karaa irraa kaasuu dhabuu isaaniif waan dhaban qabaachuu qofaa miti, kan jarri sun miidhaman. Dhagaan isaan irraa goranii darban yoomuu isaaniif gufuudha. Hamma isaan hinkaafnetti achuma jira; yeroo bahanis ta'e galan achuma taa'ee isaan eega. Deemsa isaan dhorka, karaa itti dhiphisa, rukutees isaan miidhuu danda'a, dhagichi. Rakkoon har'a hinfuramne borus rakkoodha, yookaan bifa jijjiirratee dhufa. Kanaafuu, furmaanni hundeen bakkaa kaasuudha. Yoos rakkootu bakkaa ka'a,...nirakkatas! Akkas kunoo! -  Wanti nama hinmiine ittuu nama jabeessa! Nama dhagaa guddaa sana dhiibee kaasetti, ba'aan isaa duraa akka itti salphatu nama hinshakkisiisu. Gara fuulduraattis, leenjii jabaa ta'aafi. Hammam jabaa akka ta'es nihubachiisa. Meeshaalee suphee irraa hojjetaman yoo fudhanne, isaan osoo tajaajila hinkenniin dura ibiddaan siila'uu qabu. Yoo akkana hintaane, bishaan of keessatti qabachuu hindanda'ani. Kanaafuu, dursa ibiddaan siila'uu qabu.  Argitee? Hamma hinballeessinetti gubuunuu furmaata. Meeshaaleen kunis, osoo hingubatiinirra yoo gubatan irra jabaatu. Jabinni dhala namaas leenjii garagaraa keessaani. Yaaduu, yaaluu, kufuu, ka'uu, baachuu, dadhabuu,.....! Kanaafuu, jabina keenya waan nu jabeessuu danda'u qofaa keessatti haa eeggannu! - Kaayyoof jecha gad jechuun ol jechuu fida! Namichi qofaa isaa dhagaa dhiibu sun, namoota biroo biratti akka maraatuutti ilaalamuu hinhafu. Baay'eenis dhaabatanii itti kolfu ta'a. Dhageettiin gurra isaafi agartuun ija isaa garuu, kaayyoo isaa qofaa irra ture. Gufuu of jalaa kaasuufi deemsa itti fufuudha, mul'anni isaa. Namootatti gowwaa fakkaatus inni kaayyoo isaaf gamna yeroo isaati. Nutis, kaayyoo keenyaaf gad jechuu haabarru. Kan kaayyoof gad-jedhetu, olkaafama!
نمایش همه...
Gufuu Daandii Kee Irraa Kaasi! Bara durii ture! Mootii tokkotu dhagaa guddaa tokko daandii namoonni irra deeman irra keessise. Akkuma kun ta'eenis, bakka ta'e dhokatee namni dhagaa kana karaa irraa kaasu yoo jiraateef daawwachuu eegale. Namoonni baay'een arganiima irraa goranii darbuu turani. Gariin immoo, maaliif akka mootichi karaa qulqullinatti eegsisuu dhiise wal harkaa fuudhanii ceepha'u. Garuu, isaan keessaa yaada dhagaa kana karaarraa kaasuu kan qabu tokkoyyuu hin turre. Mootichi hamma kana ilaaleema ajaa'ibsiifata. Ajaa'ibas!
نمایش همه...
QORMATA BARA 2016 Caamsaa 26-30/2016 Kutaa 6ffaa fi Waxabajjii 3-7/2016 Kutaa 8ffaaf ni kennama. ------------------- 1 Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u, Gosootni Barnootaas; 1.Afaan Oromoo/Amaariffa 2. Afaan Ingilizii 3.Herrega 4.Saayinsii Naannoo 5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50% . 2 Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u, Gosootni Barnootaas; 1-Afaan Oromoo/Amaariffa 2-Afaan Ingilizii 3- Herrega 4- Saayinsii Hawaasaa 5- Saayinsii Waliigalaa 6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50%  ta'a #BBO
نمایش همه...
1
🌻🌻💐💐💐🌻🌻🌻🌻🌺 🌻🌺   🅱🅰🅶🅰   🌺🌻🌺 🌻🌹🅶🅴🅴🆂🆂🅰🅽🌹🌻 🌻🌻🌾🌾🌾🌻🌻🌺🌺🌺
نمایش همه...
  3.  RAKKOO FURUU: Amalli kun qormaata irratti yaada of eeggannoofi furmaata irratti xiyyeeffateen dhiyaata.  Gufuu akka daandii cufuutti osoo hin taane akka carraa guddinaafi barachuutti ilaalu.  Namni rakkoo furu mala rakkoolee irra aanuu danda’u barbaaduu irratti qabeenya, madaqsuufi kalaqa qabu.  Dhimma gadhee irratti xiyyeeffachuu ykn haala jiru komachuu mannaa furmaata qabatamaa barbaaduufi tarkaanfii fudhachuu irratti xiyyeeffatu. 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐚 𝐆𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐚𝐝𝐡𝐮!!
نمایش همه...
👍 2 1
Amaloota Namoota Yaada Gaarii Qabanii Sadan:- 1. ABDII GAARII QABAACHUU: Haala kamiyyuu keessatti bu’aan gaariin jiraachuu akka danda’u ni amanu.  Isaan amala uumamaa meetii barbaaduufi dandeettii guddinaafi milkaa’ina irratti xiyyeeffachuu qabu.  Namni abdii qabu yeroo baayyee haala qormaataa keessattillee gammadaa, abdiifi cimaa dha.   2. NI AMANU: Amalli kun dandeettii isaanii fi humna yaada gaarii irratti amantaa hin raafamne qabu.  Yaadnifi ilaalchi isaanii dhugaa isaanii bocuufi fedhii isaanii mul’isuu akka danda’u cimsanii amanu.  Amanaan kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf ofitti amanamummaa, kutannoofi cimina kan qaban yoo ta’u, yeroo baay’ee yaada gaarii isaanii cimsuuf mirkaneessuu, mul’achuufi tooftaalee biroo fayyadamu.
نمایش همه...
نمایش همه...
Real cash app and make maney app with your mobile - Siifan Tech

With this real cash app, you may start your own mini-job, earn awards, and make money. Earn Money Using Paid Surveys, Rewards, and the Real