cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

WAAREE WALALOO

#Creator @Ameeafrica . . ✅walaloo babbareeda ✅kitaabota adda addaa ☑️Qoosaa adda addaa ☑️Xiinsammuu Asirra argadhu dandessa ➡join our chanel ➡ @waareekoo . Kabajamtoota hordoftoota Maatii channeli keenyaa . . Yaada qabdaniif @ameeafrica

نمایش بیشتر
کشور مشخص نشده استزبان مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
پست‌های تبلیغاتی
990
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Biyyoo natti facaasaniin Biqiltuu seenaan dhaaba Funyoo ittiin na hidhuuf yaadan Qabadheen tulluu yaaba! Kobota utuu eeganii Warqeen natti mogga'a Adurree ta'ee kufeen Leenca ta'ee ol ka'a… Dhamaan itittuu hin jedhu Buquriidhaanis baaduu Wanti haadhoo koof hin taane Naaf ta'a jedhee hin yaadu! Kallattiin deemsa kootii Haalaan hin madaalamu Fuulduran tarkaanfadha Utuman takaalamuu! Jaalala Oromummaa malee Hin kudhaammanne jibba Adda baafadheen beeka Hiika ciqileefi jilbaa… Yaadannoo Baroon dubbisa Huccuu Taaddeen uffadha Hangan lubbuun jirutti Dhugaa Oromoon dubbadha! #share ✍️waloo_Leta @waareekoo join
نمایش همه...
Gaafa jiraataaf jiruun Huuruu sitti dhaabu Boojjitoo arrabasaan Gaafa mataa si yaabu ~ Dhiphinaan hubamuunkee Gaafa aantiikeetti tolu Dhugaaf waan ko'oomteef Gaafa firri siin lolu! ~ Duubakee itti gattee Gurra cufattee dhiista Utuu sitti mammaakuu Of qanaasistee ciista ~ Itti dhiistee haasaa namaa Balfa caalaa ajeeffatta Lafa homtuu hin jirre teessee Uumama raajeffatta ❗️ ✍️ Waadaa #share @Waareekoo
نمایش همه...
Nun himatiin maaloo Garaa kan kee gaddee Daandii irraa jallatus Burqaan sirraa maddee Bakka kaayyoo isaa Bu'aan dabarfamee Waan hin barbaachifne Hedduudhan marfamee ~ Garaasa guuttachuuf Dhugaake awwaalaa Gatii dhiiga keetii Yoo dibes awwaaraa Si kulkulfachuudhan Yoo qabaattes madaa Nun abaariin maaloo Borii keenya badaa.....! ~ By #AmenaTeferi #share @Waareekoo
نمایش همه...
SHAGGEE RUWAANDAA Namootee keessa koo Jaalalaan marsitee Kankee na godhatte Nama hunda dursitee Silaalee fuula kee Garaa koo na kaasaa Waa'ee kee utuun yaadu Imimmaan harcaasaa Miironni koo hundi Si'iin hoogganamuu Kan addaan nu baasu Baqee haa dhabamuu Golgaa anaaf laattee Eenyummaa koo eegaa Hundumaan dagadhe Quufas ta'e deegaa Siidaa onnee koorratti Jaalalaan ijaartee Lubbuu koof boqonnaa Aara-galfii laattee Suma filannoon koo Oolmaa narraa qabdaa Gurraachi kan keeti Yaa shaggee Ruwaandaa ~~ Shamil N Mohammed @waareewalaloo Join gochuun maatii tahaa!
نمایش همه...
Haadha beelli ajjeese Daa'imaa harma hootuu Argaa darbuun cubbuudha Yoo dhabdes wanta gootu Miidhama qaama keenyaa Callifnaan waliin cabna Sagalee dhageessifnee Waliif birmachuu qabna Lammii keetii beela'uu Ofiif quuftee yoo nyaattu Deeqqifattee hafaakee Beeyilada keef yoo laattu Mee nattimi namakoo Gammachuu siif qabaaree? Sabni osoo si qabuu Beelaan lubbuu dhabaaree? Lakki kuni cubbuudha Waaqaaf lafatu jibbaa Bahaaf lixatu fura Beela kaabaafi kibbaa Garaatu na raafame Eela sabakoo laalee Maaliif birmannaa dhaba? Boorana, Gujiif Baale Jijjiirama qilleensaan Hongeen daangaa darbitee Beelli jumlaan yoo fixxu Mirga lubbuu sarbitee Waanan gumaachu dhabus Giiphii kootii hiixadhee Iyyeen iyya dabarsa Ulfa lammii miixadhee “Kaleessa gaafa tolaa Nuun jettanii “sabakoo” Har'a akkamiin calliftu Argaa jirtu dhabakoo Gurmuun naaf birmadhaatii Naaf dhidhiibaa cabakoo” Jedhanii osoo iyyanii Argaa diduun cubbuudhaa Haa birmannuuf lammiikoo Beekaa dhimma lubbuudhaa Miidhamni Gujiif Baalee Cabni Booranaaf Jimmaa Arsiif Shawaa okkolcha Wallaggaaf Iluuf dhimmaa Oromoon keessaaf alaa Ka'aatii wal kakaasaa Lammii beelaan dhumaaru Birmadhaa rakkoo baasaa Gaafa gaddaaf gadadoo Wal tumsinu maleessa Dabareen cabuu malla Har'as akka kaleessaa Lafti namaan bareeda Lammii ofiitu biyyaa Hunduu akka gargaaruuf Haa dhageessifnu iyya! ✍️... Riyaad Raayyaa @waareewalaloo Maatii keenya ta'aa
نمایش همه...
Bifti wal fakkaatullee Daakuufi daaraan firaaree? Kan bakka jedhetti hafu Waaqa malee jiraaree? Okkoteen cabe jedhee Gingilchaan bishaan baataa? Gidiraan yoo dheerate Abdii kutuun furmaataa? Dubbii akkasii na dhiisaa Fagootti narraa butaa Namni Oromoo qabu kan Oromiyaa qabu Akkamiin abdii kutaa? #share ✍️Waloo_Leta @waareekoo join & share
نمایش همه...
Erga wal fuudhanii booda. Isa:- lubbuuko rakkoo tokkotu na quunname... Ishee:- erga wal fuunee rakkoo koo wanti jedhamu hin jiru rakkoo keenya jedhama. Isa:- eeyyee kitaabni amantaas akkas jedha. Ishee:- tole maalidharee rakkoon nu quunname? Isa:- Egaa hojjettuu manaa keenya ulfeessineerra!😂😂 ✍️qirqiddaaentertainment 👇👇👇👇👇👇 @waareekoo join
نمایش همه...
Kaleessaf dheengadda dheengaddaraan achi Torbeef ji'a darbe tureera yerichi Addunyaa dhokadhee lagannaan yoon maqu Yaada isa keessa suurri koon warraaqu Egaa Turee gaafa guyyaa yoon addunyaaf ifu Isa kan biraa miti Faana koo kan suufu Namni akka kanaa sila maqaa qofa Irri saanii hoolaa keessi saanii bofa #share ✍️HaadhaWalaloo @waareekoo
نمایش همه...
Kolfi kolfi naan jedha kolfimmoo na dida Kolfa Onneerraa madde Eessa abbaa koon fida? - Irraa jalli gubaa ramaxaan marfamee Mee natti himaa jamaa akkamiinan kolfamee? - #share ✍️haadhawalaloo @waareekoo join
نمایش همه...
Morman cita Kophaatti si baasee, Waca namaan alatti siin haasofsiifadha, urjiiwwan samii jalatti Isa yeroon dhaanamtee, yeroodhaan fayyite. Isa godaannisa balleeffattee, Ija keen argite; Isa aariif dhiphuu kee, Gaarominaan jaamsite. Isa dhukkubbii kee, Seequudhaan dhaamsite. Isa dubbachuu itti dhiistee, Isa awwaaltee irra ciistee, Sitti roorrisee siin guggubaa, Hin gammachiisu orma Siif seeqeen siif dhukkuba, siif nan cita morma! Amiin waaree tiin @waareekoo #Share 👆👆👆👆👆
نمایش همه...
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.