cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Jechoota gaggaarii

Gorsa beektotaa,og_barruu,jechoota gaggaarii fi barruulee nama bohaarsaa barsiisan!

نمایش بیشتر
کشور مشخص نشده استزبان مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
پست‌های تبلیغاتی
387
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

نمایش همه...
Earn coins while browsing the web

Earn bitcoins while watching videos, chatting, or playing online. It has never been so easy to increase your income! Tell your friends about CryptoTab Browser, invite them to join, and earn more together. Grow your network—get more profit!

نمایش همه...
Earn coins while browsing the web

Earn bitcoins while watching videos, chatting, or playing online. It has never been so easy to increase your income! Tell your friends about CryptoTab Browser, invite them to join, and earn more together. Grow your network—get more profit!

Kutaa 15 barii lafaa yeroo simbirroonni yaa'anii uumaa isaanitiin nagaan nu bulchitee nagaan nu oolchi jedhan, yeroo dukkannii fi ifti nagaa walitti dhaammatanii iddoo wal jijjiiran, yeroo qarri biiftuu mataa tulluu raas _dajan waraantu, yeroo borofni gaarren baalee kattaa keessaa ba'ee caama ganamaa abdiin eeggatu, ani jaambon dugdaan ciisen addunyaa abjuu keessatti iskiriinii abbaa inchii afurtamii tokkootin qophii faana jaalalaa daawwadha. Bara rakkoo bishaantu muka namatti yaabaa, bara gaarii bishaantu mukarraa namaaf bu'aan sun dhugaadhaa, tibbana addunyaan abjuus filmii jaalalaa na dawwachiisa. Iddoon isaa iddoo namoonni jannata lafarraa jedhanii waaman natti fakkaata. miidhaginni bosonaa fi fincaa'an gaararraa fincaa'u bareedinni isaa afuura namaa fuudhee godaana. iddoon akkas miidhagu, kan lubbuu namaatif boqonnaa kennu kun maali? mukkeen ija gaarii nyaataf oolan naqatan hundi akkamitti asitti argamuu danda'an? mukkeen qoraattii qaban hoo maalif asii dhabaman? Bakki kun osoo iddoo jireenya dhala namaa ta'ee akkam gaaridha. jedhee osoon iddoo lalisaa kana dinqisiifadhuu, bifa dubartii mootii fakkaattu, kan rifeensi mataa ishee shaashii gurraacha callaa nuugii fakkaatun aguugame dugdarra ciisu. kan calleen aadda ishee irraa rarra'u akka urjii tarree galee ifa miidhaginaa kennu. kan lootin gurra ishee lamaanirraa calaqqisuu fi amartiin morma isheetti naanna'e siimboo ishii mul'isu, faaya kaabbaa mootin uffatu fakkaatu qoma isheerran kawwaattee, harka mirgaan siiqqee, harka bitaan caaccuu qabattee, uffata gadi dheeraa lafa ga'u harkisaa, marga jiidhaa keessa yeroo suuta tarkaanfattu kan qalbiin namaa duukaa tarkaanfatu tokko bosona keessaa gara urufa wal qixxaatatti osoo as baatun arge. takka turee ammas dargaggeessi dhaabbina bareedu kan maraa mataatti maratee, bullukkoo uffatee bokkuu saggoorratti baatu tokko duukaa as ba'e. yeroo seeqaa wal bukkee(cinaa) deeman qalbii namaa hatu.yeroo qilleensi foolii isaanii fuudhee bakkee keessa facaasu waan naannoo sanatti urgooftun aaraa jiru namatti fakkaata. ija keessa wal ilaalaa, kolfaa gara odaa baala bal'atu kan gaaddisni isaa urufa uwwisu jala dhaqanii taa'an. Yeroo isheen fuula isaa gurraacha akka buqqee dhadhaa baqu kana ilaalaa kofaltu, addeenyi ilkaan ishee ilkaan daraartuu kitaaba afaan oromoo kutaa 2ffaarra jirtuun wal natti fakkaate. wal irraa siqanii taa'ani ija keessa wal ilaalaa kolfu malee, akka dhaloota si'aayinaa waa biraa keessa hin galan. Isaan kun dhaloota jaarraa meeqaffaati laata? kan safuu fi dudhaan ganamaa isaanirraa mul'atu? jedhee otoon gaffii of gaafadhuu ammas durbaa fi dhiira biraa, isheen kofoo gabaabduu tafa irratti haftu fi shurraba haphii qaama isheetti maxxantee handhuura ishee muldhistu uffattee, yeroo isheen morma dargaggeessichaatti rarraatu argeen kan duraan miira si'aayinaan ta'ii isaa dawwachaa ture, amma ilaaluu jibbeen irriiba keessa otoon garagaluun dammaqe. http://t.me/Jechootaagaggaarii
نمایش همه...
Jechoota gaggaarii

Gorsa beektotaa,og_barruu,jechoota gaggaarii fi barruulee nama bohaarsaa barsiisan!

Kutaa 14 Jaambon barataa cimaa nama barnoota isaa jaalatuudha. kana biratti amalli isaa hawaasa keessa jiraatu keessatti beekkamtii gaarii qaba. namni yoo gaarummaadhan ta'e malee hamaadhan maqaa jaamboo kaasu hin jiru. gaarummaa isaa malees amalli jaamboo kan namoota baay'etti hibboo ta'e, 'shaashoo' waliin hariiroo addaa qabaachuu isaati. shaashon maraatuu baay'ee hamaa iddoon jireenya isaa awwaala gidduu ta'e, kan hawaasa jaambon keessa jiraatu keessatti beekkamtii addaa qabuudha. namni shaashoo karaarratti argee hin baqanne hin jiru. namoonni akka jaambotti shaashoo waliin hariiroo uumna jedhanii shaashoo dubbisuuf yaalii godhan buruqanii hafaniiru. shaashoon akka maraatuu kaanii nyaatas nama harkaa fuudhee hin nyaatu. kana irraa kan ka'e, namni shaashoo karaarratti argee hin baqanne hin jiru. faallaa kanaa garuu jaambon, shaashoo waliin akka hiriyaa garaati. namoonni haala jaamboo kana ilaalanii dinqisiifatan jaamboo akka qaallutti ilaalu. Shaashoon yeroo nama reebu, tasa yoo jaamboo arge namarraa deebi'uun isaa namoota baay'ett hibboo hiika hin qabne ta'ee afeera. haalli jaamboo kun akka inni sababa tokko malee hawaasa keessa jiraatu keessatti jaalalaa fi kabaja argatu isa taasiseera. icciitii jaamboo kana kan beektu garuu haadha jaambo qofa turte. yeroo abban jaamboo wareegamu jaambon mucaa umuriin isaa waggaa ja'aa ture. jaambon yeroo umurii waggaa ja'aa jalqabee haadha isaa jalaa badee iddoo awwaalcha abbaa isaa dhaquun, boolla awwaalcha abbaa isaa kana biraa argama ture. Iddoon awwaalcha abbaa jaamboo naannoo bosonni itti baay'atu waan ta'eef iddoo baay'ee sodaachisaadha. shaashoon yeroo jaambon umurii ja'aa maraatuu namni itti dhihaachuu hin dandeenye naannoo awwaala kanaa jiraachaa tureedha. akkaatan wal baruu isaanii akkas ture: jaambon erga haati isaa guyyaa jalqabaa fuutee iddoo awwaalaa kana dhaqxee booddee guyyaa biraa jalaa badee dhaquu jalqabe. sa'aatin isaa guyyaa saafaa yeroo namni mana baa'uu sodaatudha. bosona sodaachisaa waan ta'eef sagaleen namaa naannoo sanatti dhaga'amu hin turre. shaashoon akka amala isaa dhagaa fi ulee guurratee, akkuma namoota biroo ari'utti, jaamboo ari'ee rukutuuf itti fiigee ture. jaambon daa'imummaa isaarraa kan ka'e, otoo jalaa hin dheesin dhaabbate eege. Jaambon umurii ijoollummaatti jaalala abbaa isaatin xiinsammuun isaa waan miidhameef amalli sodaa irra hin mul'atu ture. Shaashonis jaambon mucaa daa'imaa ta'uu isaa erga baree booddee iddoo jireenya isaatti fudhate galee ture. haati jaamboo guyyaa jalqabaa erga gargaarsa namootatiin mucaa ishee fudhatee boodas jaambon badee dhaquu hin dhiisne. Inumaa jaalalli inni maraatuu kanaaf qabu dabalaa dhufuun maatii ta'anii afan. Shaashonis seenaa gaddisiisan maraatuu isa taasise daa'ima isaa dhabuu waan ta'eef, jaamboo akka mucaa isaatti ilaala ture. hanga har'aatti waa'en jaamboo fi maraatuu kanaa icciitii ta'ee jaambo fi haadha isaa gidduutti hafe. http://t.me/Jechootaagaggaarii
نمایش همه...
Jechoota gaggaarii

Gorsa beektotaa,og_barruu,jechoota gaggaarii fi barruulee nama bohaarsaa barsiisan!

Kutaa 13 dhihaana kana jaalalli jaambo fi yootan gidduu jiru waan ijaaramee humna godhate fakkaata. lafti dhihee bari'u osoo walin argin oolun akka namni araada qabu araada isaa malee ooluti. oduun haala yeroo mandarichaa dhimmaa jaambo fi Yootan ta'uu isaarra darbee, jambo fi yootaniif zaaraa innaa chandiraa moggaasun garuu waan nama ajaa'ibu ta'eera. hawaasni keenya kun hawaasa ajaa'ibaati. si amachuu gaafa barbaadu dursee maqaa si moggaasa.namni safuu hawaasaa cabsee argame muka udaanii ta'a. kanaaf biyya keenyatti namni seera waaqaa caala safuu cabsuu sodaata. Waaqni maal naan jedhaarra namni maal naan jedhaa sodaata. Jaambo fi Yootan garuu namni maal naan jedhaa kana irranfatan fakkaataa, lafti bariinan wal arguuf muddamu. gaafa dhihu immo dukkana dahoo godhachuun isaanitti bareera. haalli jaamboo si'aayinaa yeroo inni yootan waliin dukkana lafaa karaa caccabaa irra deemu, haala dargaggeessa magaalaa jimmaa dukkana lafaa jaalallee isaa harka qabatee"akkam godheen sirraa citaa si fudheen doloolloo lixaa" jedhuun wal fakkaata.(doloollon hoteela magaalaa jimmaati.) jaambon durii, akka dargaggeessa kaanii diimtuu birbirsa gooroo argee qalbiin hin rifanne, miilana afuura Yootan malee dhihee bari'uufi hin danda'u. wanti jaambotti yaaddoo ta'aa jiru garuu yootan dhiisee barnoota deemun, akka qaala'iinsa jireenyaa bara kana dhukkubbii mataa itti ta'uu isaati. gorsa fi ajaja haadha isaa tokkitti irraa kaatee hin beekne tibba kana fundura dhaabbachuu jalqabera. guyyaa boruu mooraa Yuuniversiititti deebi'uf qophii irra jira. barii lafaan ka'ee, balbala mana jireenya isaanii fuldura, dhakaa irra taa'ee guddate gubbaa taa'ee osoo galaana yaaddoo daakuu, obbo diiman itti dhufan. obbo diimaan: "maali jaamboo maal taatee mataa buuste?" jaambon:"ayi obbo diimaa! bara kana keesssa wanti mataa hin buusin maaltu jira jettaniiti yoo muka ija bunaa baatu ta'e malee! obbo diiman: "ayii yaa ilma koo! dhugaa siyaa dubbisu waaqni! abbaan keetis yeroo lubbuudhan jiru akkuma kee kana dubbiin isaa ogummaa, haasaan isaa qoosaa of keesaa hin dhabu ture! ayii ayi dachee!" jedhanii obbo diiman yaada jaamboo galaana yaadarra gara galaana yaadatti ceesisanii bira darban. http://t.me/Jechootaagaggaarii
نمایش همه...
Jechoota gaggaarii

Gorsa beektotaa,og_barruu,jechoota gaggaarii fi barruulee nama bohaarsaa barsiisan!

kutaa 12 Yeroo gaaga'amni siyaas diinagdee biyyattii waggaa digdamii torbaa dagaage gaanfa baase, yeroo obsii fi saggoon uummataa roorroo ba'aa dadhabee finciluu filate, yeroo abbaan hirree humna qabuun ijibbaata falmate, yeroo uummanni diishii lama fannisee OMN daawwate, yeroo daa'imni dhalate gaaffii mirgaan afaansaa hiikkate, yeroo warraaqsi FXG guutuu biyyattitti bal'ate, yeroo harki harkaan harka nyaate, yeroo abbaan ilmoorra xiqqaate, yeroo hayyuun ofitti saalfate, yeroo jaallee lammaa magarsaa itti dhalate, yeroo gadaammessi haadhaa goguu filate, yeroo jabaan humna dhabee abdii kute, yeroo abbaan mul'ataa mul'ata isaa gate, yeroo dukkanni ifa moo'ate, yeroo yartuun abbaa biyyaa taate, yeroo raachi naacha nutti fakkaate, ayii yeroo! yeroo kana keessa jaambon maal abdate laata? Wanti ilaalaniif wanti argamu hunduu abdii nama kutachiisa. har'a yoo dhiichisan boru immoo boochisa, yeroon kun yeroo itti jaalatan otoon hin taane ofiyyuu yeroo itti jibbaniidha. yeroo kana namni hundinuu waa'ee nageenya biyyatti dhiphata malee namni waa'ee jaalalaaf hirriiba malee bulu jira nama hin jechisiisu. namni haala jamboo ilaalee taajjabus yeroo inni ba'ee galu gaaffii siyaasatu ayyaana irraa fuudhe se'a malee, jaalalatu akkas daalacheesse jedhee hin yaadu. namni amala jaamboo durii beeku har'a gaafa haasa'u, "bara dhumaatti namni gaaridha jedhan hamaa ta'a jedha macaafni" jedheetu waan caafames waan hin caafaminis waliin maka malee, waan jaambon ta'e hubachuu hin danda'u. namni akka durii se'ee hi jaamboo jedhee nagaa gaafatus, "ollaan akkam bultee beekaa akka itti bule abbaatu beeka" deebii jedhu waan argatu fakkaata. bara hamaa namni oduu cabsaa akkaa waan aaga dhaga'uutti si'aayinaan eeggatutti, yoo waa kosh jedhe 'jaambon maal ta'e?' kan jedhu yoona hin dhabamum na jechisiisa haala isaatu. sababa namoonni baay'en "maal taate jaamboo?" jedhanii amma amma na gaafataniifi moo? maalif akka waan namoonni naan jedhan yeede of dhiphisutu na dhiba naan. seexanni immoo yoona maal naan jedha laata? hhhhhh isa namoonni akkas siin jedhu ofiin jettu kanayyuu seexanatu siin jedhe. ofiin jedhee yeroon kolfun halkan rafee yaadan ofitti haasa'aa irriiba dhabaa jiraachuu koo yaadadhe. yaandoo yaadaa kan addaan hin cinne kanaan, erga hirribni har'aa miila bakar waaree taate amma halkan keessaa sa'aatii saddet ta'eera. isa warrii saayinsii "daqiiqaa kudha shaniif osoo hin socho'iin yoo ciiste hirriibni si qaba" jedhan tokko yaadadheen, daqiiqaa kudha shanif osoo hin socho'iin ciisee of dhaggeefadhee dadhabe. ana duruu humni saayinsii narratti hin hojjatu humna uumamaa malee jedheen humna saayinsii abaruu jalqabe. http://t.me/Jechootaagaggaarii
نمایش همه...
Jechoota gaggaarii

Gorsa beektotaa,og_barruu,jechoota gaggaarii fi barruulee nama bohaarsaa barsiisan!

Chaayinaalii barnoota afuuraa waa bareedaa join godhaa hordofaa http://t.me/naolbekelekaba
نمایش همه...
Kiristoosiin Fakkaachuu

Barumsootni hafuuraa gaggabaaboon chaaneelii kanaan gad-dhiifamu.

n jiru nama jechisiisa. guyyaan har'aa garuu akka guyyoota kaanii sa'aatii 12 kan hin qabne fakkaattee daftee dhihuun ishee waan ajaa'ibaati. kan ganama sa'aatii sadi'iin wal agarre galgala erga lafti digingisaa'ee addaan galle. http://t.me/Jechootaagaggaarii
نمایش همه...
Jechoota gaggaarii

Gorsa beektotaa,og_barruu,jechoota gaggaarii fi barruulee nama bohaarsaa barsiisan!

11 Turtiin guyyoota sadeenii turtii dhufaatii gooftatiin yoo wal natti fakkaataniyyuu, kunoo har'a oolee, dhihee, bari'ee, sanbata duraa sana ga'eera. akka nama ambaasaddara waliin miitingii qabuutti, irraaf jala koo miidhagfadhee, kaalsii haaraa bitadhee uffachuun haamilee ofitti- amanamummaa koo waan akka naaf dabalutti fudheen , manaa bahe. ergan dhaladhee akka har'aatti gammadee in beeku. maaltu akka na gammachiisu naaf galuu baatus, imimmaan gammachuu kolfan makate , kan akka humna dhoohinsa voolkaanoo handhuura lafaa dhoosu, yeroo inni humnan garaa koo keessa ol danfu natti dhaga'ama. waan akka guyyaa har'aa guyyoota kaan irraa adda godhee uumetti, waaqa guyyaa har'aa kana uume garaa kootti galateeffachaa, beellama har'aa kana akka guyyaa seena qabessatti galmee sammuu kotti barreessee, yootan bira ga'uuf muddama addaa keessa galeera. karaa iddoo itti yootanin wal beellamne geessu qabadhee, akka nama sa'aatin hojii itti seenu jalaa darbee ija dheekkamsa alaqaa isaa sodaaf jecha fiiguu, fiigan jira. Namoonni tasa dhabbatanii haala koo laalalan "mucaan haadha shibirree immoo barana gadhiisuf deema" naan jechuun isaanii hin hafu. silaa namni biyyaa keenyaa waan namaan jedhan hin dhabanii. samoona kana immoo oduun safaraa waa'edhuma kooti, kuun "mucaan kun nama nagaa ture mootummaan maalif daraara" kuun immoo "erga universitii san deemee sammuun isaa sirrii miti; tarii ciminuma isaa kana ilaalanii qoricha itti godhanii laata jedhu. amma immoo eessaa dhaquuf kalablaabbee isaa raasa laata. ayii namni eessa ga'a jedhanii eegan kunoo barnoota dhiisee dhufee asii wasallata. ecci "sareen leencaf leenjisan adurree dheessiti kan jedhan sun kana" maaloo silaa baratee haadha isaa takkittii tanaaf dabarsa jennaan maaf kashalabbee ta'e? muu akkatti rakkattee isa guddifte otoo beeke har'a akkana hin ta'u ture" jedhu warri hammeenya namaa haasa'uun itti tolu. Jedheen garaatti waan namoonni naan jedhan yaadee deemsa koo sirreefachuuf yaale. Namoonni guyyaa tokko ol sibaasu guyyaa tokko immoo gadi si buusu. gaaf tokko harka sii reebu gaaf tokko immoo harka sitti reebu. kan yeroo hundumaa siif lapheen ishee rarra'u garuu haadha kee qofa. humm, yaadan ofitti haasa'aa miira gammachuu yootan waliin ooluu yaadee dhamdhamaa iddoo itti wal arguuf beellamanne yeroon ga'u sa'aatin itti wal arguuf bellamanne daqiiqaa kudhan qofa hir'ata. Iddoon isaa iddoo mandara namaa irraa fagoo iddoo bosonni itti baay'atuudha. amma yootan dhuftutti gamaa gamana lafaa laalen midhagina isaa dinqisiifadha. nannoon duraan beeku har'a maalif akka natti bareede naaf hin galu. lafa xiqqoo ol ka'aa iddoo teessumaaf mijatu taa'en, nannoo callisaa sagaleen sinbiraa qofti itti dhaga'amu kan qilleensi isaa qulqulluun lubbuu namaaf boqonnaa kennuun machaa'ee, afaan haaraa simbirroonni haasa'an akka waan hiika qabutti natti dhaga'amanii, miira "uumama dachee kanaa eebbisi! eebbisi!" naan jedhu tokkoon guuttameen eebbisuu jalqabe : Harki si uume yaa eebbifamu! Kan si mancaasu haa abaarramu Jiidhinni kee sirraa hin gogiin! Abaaramaan sirra hin buliin! Biqilli kee haa lalisu! Maddoonni kee haa mirgisu! Barri hamaan sitti hin dhufiin! Hongee cimaan sin rukutiin! Magariisuma ta'ii mul'adhu! Lalisii dagaagii jiraadhu! Jedhee eebba natti guute otoo afaanii hin fixatiin gaaddidduun ganamaa miila duuba kooti qaxxisuu fuldura kootti darbe. yoon ofiirra garagaluu carariin ganamaa madda biiftuu irraa kiilomeetirii miiliyoona kuma dhibba tokkoof afurtamii sagalii fi kuma dhibba jahaa ol qaxxaamuree natti calaqqisu caalaa carariin fuula Yootan irraa natti ifu naannoo koo waan ibsaa jiru natte fakkaate. dafee lafaa ka'een simadhe. fagagtaan fuula isheerraa mul'atu miidhagina ishee keessa darbee gara laafummaa ishee namatti mul'isa. dhala namaa ta'ee kan lafa kanarratti dhalate dhiisii seexanni iyyuu waan Yootan jibbu natti hin fakkaatu. amma kan na booji'aa jiru miidhagina ishii qofa osoo hin taane gara laafummaa ishee dabalateeti. waliin kolfuun, taphachuun, gaffii wal gaafachuun, waanta biiftuu gadjallaatti gaari ta'e keessaa wanti akka kanaa nama gammachiisu takkaa hi
نمایش همه...
Hayyee deebineerraa amma baduun hin taatuu na faana turaa http://t.me/Jechootaagaggaarii
نمایش همه...
Jechoota gaggaarii

Gorsa beektotaa,og_barruu,jechoota gaggaarii fi barruulee nama bohaarsaa barsiisan!