WALDHAANSOO
رفتن به کانال در Telegram
Dhugaan hadhooftuu akka eebichaa, garuummoo qoricha. Liqimsanii fayyu. Abukaattoo namaa ta'uurra abukaattoo haqaa ta'uutu dansa. ~ Walaloo ~ Barreeffamoot gaggabaaboofi barsiisoo ta'an argattu Yaada keessaniif karaa https://t.me/Lammiis na quunnamaa!
نمایش بیشتر330
مشترکین
+124 ساعت
-17 روز
+330 روز
آرشیو پست ها
330
Waan dhaga'uufi dubbisuu qabnu dhaga'uufi dubbisuudhaan sammuu keenya irratti jijjiirama fiduu ni dandeenya!
We can make a difference in our minds by hearing and reading what we have to hear and read.
330
Dur dur ...! 👇
Barrisaa bara duriiti. Waraabessa, Uummoofi gogorriitu waliigalteen harree tokko bitate. Isaan keessaa uummoon osuma shakkii qabuu waliigaltee kanatti seene. Dhumarra erga harreen bitamee sadansaaniiyyuu akkaataa ittiin harricha tiksan carraa buufatan. Gaafa jalqabaa abbaan dabaree eegumsa harrichaa gogorrii ta'e. Gogorriin maasaa keessa midhaan harca'e buhachuu waan jaalattuuf, harree ishees garuma maasaatti geessitee achi oolchuun galgala fudhattee galte.
Gaafa guyyaa lammaffaas abbaan dabaree uummoo waan tureef, ganama obboroodhaan mana gogorrii dhaqee harreesaa fudhatee bakkuma ofiif ooluu jaalatu tabba jala, fura keessa wajjin naanna'aa oolee aduun dhiinaan fudhatee gale.
Gaafa guyyaa sadaffaa akka waliigaltee jaraatti abbaan dabaree waraabessa. Waruunis bari'emoo hin bariine jechaa barii obboroodhaan ka'ee gara mana uummoo deeme. Harreesaas fudhatee bakkuma ofiif ooluu jaalatu, bosona keessatti fudhatee deeme. Achumatti waan eegu fakkaatee firootasaa waliin akka malaa godhe.
Dabareen eegumsa marsaa lammaffaa gogorrii qaqqabnaan ganama kaatee yeroo mana waraabessaa dhaqxu harreen hin jirtu. Aarii kana waan jettu dhabdee gara mana uummoo deemuun harree jaraa akka waraabessi nyaate itti himte. Uummoonis durayyuu shakkii waan qabuuf waan jedhu wallaalee "Muu! Muu! Gaddeebituu, Waraabessa wajjin harree bituu? " jechaa biraa qajeele jedhama.
330
Waan dhaloota fayyaduuf dadhabi. Gatiis itti baasi. Dhalootichi yeroof si hubachuu baatullee, bulee si iyyaafachuun waan hin oolle!
330
Ni hafas jedhee hin yaadu
Kan dhalate du'uunsaa
Dheerachuun guyyaa dabduu
Waan hin oolle dhi'uunsaa
Heera uumaatu hin dabuu
Ifa iddootti hafuunsaa!
Hundumtuu darbuuf jira
Waqtii waqtiinsaa geesse
Kan carroome arguuf jira
Rakkisaa rakkoon deegse!
**
Garuu,...
Dhiphuu keessa dhaabannee
Mijuu biroo eeggachuuf,
Jira! jechuu dadhabnee
Guyyaan waliif nugalchu.
Gaafa gaarii nuuf taatee
Ardaa eebbisaa oollaa
Yeroo obsuun ulfaatee
Ofiif qotanna boolla
Lafa dhoksaa iddoo badii
Of-ajjeesuuf seenna gadii
Wanta darbuuf jiru uursaa
Sodaan mar'imaan nu buusa
Wanta sodaannus hin beekne
Jalaa siquutti itti fiignaa
Akka mucaa harma guu'aa
Namaan darbu gaafti du'aa
*
Ilaa...,👇
Yandoo gannaa caamsannee
Aduu bonaas qaammachaa
Humna qabnus kuufannee
Deeggarsaaf wal waammachaa
Cimaa deemna jabaannee
Taatee guyyuus hubachaa
Ka'uumsaan iddoo tokkoo
Bakki aggaammii keenyaas
Maaliif hanqanna makkoo?
Harka walqabuu mannaa
Maaliif faarsinaa rakkoo?
Galma yaadne ni geenyaa
Cichaa! Cichuun waan tokkoo 👊
Galatoomaa 🙏
Lachiisaa Miidhaksaa ti.
330
"Abbaa warraatu jaartii isaatiin "diidan deema jedhee manaa bahe. Yeroo kana jaartiin namoota lama, tokkoon sa'aatii duraa, tokkoon sa'aatii booda " koottaa" jettee beellamte.
Inni ganamatti beellamni qabameef dhufee osoo xiqqoo hin turin abbaan warraa dhufe. Haati warraas, "yaa namana abbaan warraa dhufee akkam taana?" Jetteen.
Namichis rifatee "yaaboo! Akkaman ta'a?" jedhee yoo ol ka'u, "dooniyaa kana keessa seeni " jetteen.
Inni keessa seennaan afaan hiitee utubaa jala keesse. Abbaan manaas ol seenee taa'e. Yeroon geenyaan namichi inni lammataas dhufee "ijoolle" jennaan abbaan manaa owwaate.
Namichis rifatee deebi'uun dhibnaan ol seene. Amma jaartiinis rifattee jirti. "yaaboo! Naguma dhuftee ?" Jettee namichuma ofii beellamte gaafatte.
Namichis "waanuma sanaafin dhufekaa!" Jedheen!
Jaartiinis " wanni sun kunoo utubaa jala jiraa fudhadhu" jetteen. Akkanatti namichi lammataa namicha dura dhufe dooniyaa keessa seene gateettiirra kaayatee bahe." Jedhan!
Akkanatti salphina of oolchuun!
Durduriidha. Kitaabichi bohaarsaadha!💗
330
Maddoonni gammachuu yaratanis miira gammadu ofirraa fageessuun garii miti. Mana gammachuu hin qabne aariifi gaddatu seena. Mana gaddi seene abdii kutannaatu baay'ata. Abdii kutannaan jireenyatti daangaa tolcha. Umurii malee nama balleessas.
Yeroo hunda gammaduu, akka nama abdii qabuutti jiraachuu maaltu fakkaata! 😍
Guyyaan Dilbata
Oolmaan dilbii 🥰
330
Dogoggora namaa namoota gidduutti itti himuun haamilee namichaa buusa malee dogoggora isaa hin sirreessu. Ceephoon kaka'uumsaafi ofitti amanamummaa namaa hir'isuun waliigaltee namaa waan jeequuf nama ceepha'uun immoo gaarii miti.
330
Wantoota asii gadii kanneen ni raawwatta taanaan, ati nama ofis namas kabajuudha.
- Maatii keetiif maallaqa hin liqeessin, Kenniif malee
- Gonkumaa teessoorra teessee harka nama hin fuudhin (ol ka’ii simadhu)
- Namatti waan beekuu qabu caalaa itti odeessuu dhiisi.
- Nama kofalchiisuuf jettee haala kabaja isaa gadi buusuun hiriyaa keetti qoostee hin miidhin.
- Bakka keessummummaa deemtetti waan sii kennan gammachuun nyaadhuu dhugi malee hin tuffatin.
- Dallaa namaa jalatti fincaan hin fincaa’in!🙄😀 (Akka safuutti haa eeggannu!)
- Yeroo nama waliin haasoftu bilbila hin kaasin. Kaasuun dirqama yoo sitti ta'e, dhiifama gaafachuun kaasi!
- Hojii ofii kee hin hojjennetti gonkumaa galataa fi beekamtii hin fudhatin.
- Nama waliin yoo haasoftu sirnaan onnee kee irraa dhaggeeffadhu, mataa kee raasii dhageeffachaa jiraachuu kee mirkaneessiif, hunda caalaa ija namtichaa keessa ilaalaa haasa’i.
- Hiriyaa kee ijoollee(maatii) isaa fuulduratti jechoota hamilee isa buusaniin itti hin qoosin.
- Miirri kee gonkumaa akka si moo'u hin godhin.
- Gonkumaa hariiroo nama waliin uumuuf hin kadhatin (Hariiroon kamiyyuu fedhii gama lachiituu gaafata waan ta'eef)
- Nama milkaa'inni dugda itti galee kufaatiif gufuun itti deddeebi'utti hin qoosin. Yoo siif danda'ame jajjabeessii onnachiisi.
Kan dubbiserraa walitti isiniif suphe!🥰🙏
© Isaa Huseen
330
DURAMMAA
Kitaaba haala addaatiin qophaa'ee dhufaa jirudha.
“Omaa abdadhees itti hinseenne; abdataa namaa dhabeefis, ilma harka kennu miti!
Kan biraa gaafa biraa dubbanna!”
Falmataa Taarraqany
330
Yaadaafi galma gidduu maaltu jira?
“Yaadotakee eeggannoon ilaali, jechootakee ta'u waan ta'eef. Jechootakee to'adhu, ilaalis; hojiikee ta'u waan ta'eef. Hojiiwwankee qalbeeffadhu, murteessis; amalakee ta'u waan ta'eef. Amalootakee jajadhu, ilaalis; gatiikee ta'u waan ta'eef. Gatiiwwankee hubadhu, qalbifadhus; galmakee ta'u waan ta'eef.”
Yaada ➡️ Jecha ➡️ Hojii ➡️ Amala ➡️ Gatii ➡️ Galma!
330
SADI SADEENIIN.
(Galmee haddaarsa kiyya keessaa kan fudhatame.)
👍 Waa sadi lubbuu qabdii sadiin lubbuu dhabdi:-
1. Seenaan lubbu qabdi, gowwatti himan lubbu dhabdi.
2. Miyoon (gudeedni kormaa) lubbu qaba, masheenatti goru lubbu dhaba.
3. Qabeenyi lubbu qaba, doynatti/doqnatti goru lubbu dhaba.
👍 Dhiirti waa sadi dandeessee, sadi dadhabde:-
1. Bilaaluu (dhagaa gurguddaa) keessa deemuu dandeessee, cirracha xiqqaa kophee seene dadhabde.
2. Jiirkaa (rooba guddaa) dandeesee, dhim'uu manaa dadhabde.
3. Haajaa (dhimma) guddoo dandeessee, xiqqoo dadhabde.
👍 Eeybi jaarsa / manguddoo Oromoo sadi:-
1. Qoree dhoqqee keessaa si haa baraaru.
2. Abaarsaa jaarsaa du’a gahee si haa baraaru,
3. Jecha niitii/jaartii obboleeysaaa si haa baraaru.
👍 Abaarsi jaaroolee Oromoo sadi:-
1. Itillee dhabi.
2. Soora/nyaata dhabi
3. Dhugaa dhabi.
Maddi Odeeffannoo: Manguddoota Oromoo irraa
© Saaphaloo Kadir
330
“Foon foonirraa cinnaan
soora allaattii ta'uun
battala- Ee battalaa
Eegeef gaabbiin silaa duuba jirtii gaabbuun keenya hin
oolu galgala- Ee galgalaa....
Uuuu... maaliif diigdaa godoo
jaalalaa waliin ijaarranne?
Ooo... maa dagattaa waadaa waliif seenne?
Yaa jarana gurrii abbaa duubaa
gurri abbaarra seetee
Maal naa dhaamta garaa na dhokfattee narraa gargar
ba'uu feetee
Itti hin bartu atis nibeektaa
Hubadhumee
Itti hin baruu anis nibeektaa
Hubadhumee
Har'a garaa wal dhokfannaan bor nama gaabbii taana
Hidda malee xannachi hin dhiigu
Mee waan ofii maaltu caalaa?...”
#Gaabbitaalaa? 😰
330
Rakkoo maallaqaa qabda taanaan maallaqa sitti argisiisee gara fedhetti si hoofa. Rakkoo nyaataa qabda taanaan sinyaachisee akka fedhetti si ergata. ... Garuu, rakkookee bu'uura irraa kaasee kan siif furu hin jiru. Rakkookee bu'uura irraa furachuuf carraa argattetti fayyadami. Jabaadhuu hojjadhu. Aadaa hojii cimaa qofatu rakkoo xiqqeessuu danda'a.
Torban hojii gaarii!
330
Allaattii ykn Daakkiyyeen kun afaan Ingiliziitiin Pelican Bird jedhamti. Allaattii kun allaattii yeroo beelofte waan afaanshee seensisuu hin dandeenyellee liqimsuu yaaltudha. Kanaafis allaattii albaadhessa jedhamuun beekamti. Kuni ta'ee garuu bara hamtuufi bara beelaa gaafa ilmaan ofii waan nyaachistu dhabde ilkaan ofiitiin laphee ofii dhiigsitee ilmaan ishee dhiigashee sooratanii akka lubbuun turan gooti. Madaa kanaanis duuti. Allaattiin albaadhettii jedhamtee beekamtu kun dhala ofiif kana mara garaa laafti. Haadhummaafi gara laafummaa gita hin qabne 🥰 Ilmi namaa gaafa gaafa osoo bineensarraa baratee gaarii ture.
Dilbata dilbii qabaadhaa...🙏
© Falmii Seenaa
330
“Namoonni hedduun, keessumaa wallaalonni dhugaa dubbachuu keef, sirrii ta'uukeef, ofta'uu keefis si adabuu barbaadu. Sirrii ta'uukee yoomuu keessa hin deebi'iin. Sirrii yoo taateefi sana yoo beekte waan keessakee jiru dubbadhu. Garee sideeggaru bal'aa yoo dhabdellee dhugaan yoomuu dhugaadha.”
Dubbii hayyuuti. 🥰
330
Kunoo ammas ani fuula kanarratti waan natti dhaga'amu barreessuuttan jira. Atis dubbisuukee addaan hin kutiin. Tarii waan haaraa yoo ta'uu baates waanuma ati beektu siyaadachiisuu malaa. Tole jettee? 😍
Maal ta'e seete! Bakka feetes jiraadhu. Addunyaa irras addunyaa keessas. Qofaa miti namuma waliin jiraatta mitii? Anis akkasuma. Waan atiyyuu argitee beektu, ragaas naaf taatu, yeroo baay'ee namoonni sababoota garaagaraa funaanuun waljibbu. Asiqiifi achiqiin lafa namni jiru mara jira. Namni gaafa duute qofa waliif mul'atti. Gaafa sana itti yaaddee seenessaa boochee waliif mankaraarti. Gaafa fooniifi afuurrishee wal keessa jiru akka duutee wal gadhiiftu hin yaadattu. Kanaaf hanga du'aatti dhagaa walitti guurti.
Tarii haalli kun siinis simudatee beeka ta'a. Mee tuuta keessaa namoonni sijibban jiruu? Yoo jiraatan namoonni kun maaliif na jibbuu jettee itti yaaddee beektaa? Atoo namoota jibbitu qabdaa? Yoo qabaatte maaliif namoota sana jibbitaa? Sababoota dhiyaatan kana ta'aa laata?👇Mee dubbisi!
👉 Bakka jirtutti namoota waliin jiraatturra karaa adda addaatiin caaltee waan argamteef si jibbuu? Atoo waan sicaalaniif ni jibbitaa?
👉 Dorgommii gara fuulduraaf na caala/ caalti jedhanii waan shakkaniif si jibbuu? Atoo shakkii kanaaf ni jibbitaa?
👉 Amala badaafi namootaan waliif hingalle waan qabduuf si jibbuu? Atoo amala akkasiitiif nama ni jibbitaa?
👉 Isaan waliin yaadaafi ilaalcha garaagaraa waan qabduuf si jibbuu? Atoo garaagarummaa yaadaaf nama jibbitaa?
👉 Isaan waliin amantaa garaagaraa waan hordoftuuf si jibbuu? Atoo garaagarummaa amantaatiif nama ni jibbitaa?
👉Isaan waliin ajandaa siyaasaa adda addaa waan qabduuf si jibbuu? Atoo garaagarummaa ilaalcha siyaasaatiif nama ni jibbitaa?
👉 Isaan waliin hojii walfakkaataa waan dalagduuf si jibbuu? Atoo nama hojiin keessan wal fakkaatu ni jibbitaa?
*Mee koottaa jibba dhiifnee wal jaalannaa! Jaalala keessatti wanti deebii dhabe hin jiruu, Jibbi waayyuu hintolchu, jaalalli homaayyuu hin balleessu! Guyyuma guyyaatti jireenya jaalala qabu jiraachuu haa shaakallu!
Fayyaa ta'aabboo 💔
Siinan JAALADHA 😍
330
Qoreettiin dhaqa namaaf keesse, gala suma miidha. Boolli dhaqa namaaf qottes gala suma nyaata. Hojiikee dagattus ashaaraankee hin dagatamu waan ta'eef karaa qaxxaamurte hundarra waan gaarii qofa buusii darbi. 🙏
© Lachiisaa
330
Hanga bilisummaan nama fayyaduu olitti garbummaan nama miidha. Yaadaafi ilaalcha nu garboomse jalaa bilisa of haabaasnu!
330
“Injifachuuf taphachuufi akka hin injifatamneef taphachuu gidduu garaagarummaa guddaatu jira....”
#KaraaKarraa
Injifachuuf taphachuun cichoomina, si'aayina, kutannoofi aarsaa barbaachisu kaffaluun gara fuula duraatti adeemuudha. Akka hin injifatamneef taphachuun garuu, roga dadhabbii ofii hubachuun isarra dhaabbatanii kufaatii dhufuu malu ittisuudha.
Injifachuuf taphachaa jirtamoo akka hin injifatamneef taphachaa jirta?
330
✍️ Namni kitaaba dubbisu akka nama albuuda baasuuti. Dubbisa baay'ee booda waan jireenyasaa jijjiirutti bahuu danda'a.
