cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

OROMIA TODAY

Walaboomee Ripaablika Oromiyaa Mataasaa dhaabuu.

نمایش بیشتر
پست‌های تبلیغاتی
8 294
مشترکین
+224 ساعت
+717 روز
+14630 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Photo unavailableShow in Telegram
“The OLF is the pillar of freedom, equality and lasting peace for all peoples.” J Dawud Ibsa, OLF chairman
نمایش همه...
👍 3
Photo unavailableShow in Telegram
🙏 3 2
Hello, our group. We have good news. Our social media platform of the second version is ready for installing now.                                                                     For Android Phones: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.waliin&pcampaignid=web_share                                            iPhones and Apple Devices: https://apps.apple.com/us/app/waliin-app/id6450835243                                                                                           Website: www.waliin.com
نمایش همه...
Waliin - Apps on Google Play

Waliin connects friends by calling, chatting, posting, & more.

3👍 1
نمایش همه...
Chali Ensermu 430 on TikTok

@uskforkush6 944 Followers, 139 Following, 143 Likes - Watch awesome short videos created by Chali Ensermu 430

👍 6
03:13
Video unavailableShow in Telegram
Haqaadha
نمایش همه...
IMG_2137.MP416.84 MB
Galma kaayyoo ABO fi Waraana W3O ni beeknaa wanti Daandii gubbatti si hambisu hin jiru.‼️ ABO'n Haa Laalisu! W3O'n Haa Waaru!
نمایش همه...
10👍 1👎 1
Gantuu jechuun kan sagantaa siyaasaa, heera fi kaayyoo naamusaa ABO faalleessee fi cabseedha.
نمایش همه...
👍 11👎 5😁 2
Maqaa Waraana kanaan qarshii kadhataa Waraana kana irratti kireeffamtoota bitee duulchisaa jira Jireenyaa Guddataa. Baatii tokko dura dubartiin Duuniyaa (Ft Oroi)jedhamtu Qabsaa’ota dirree Kibbaa kan akka Jaal Galmoofaa irratti holola oomishuun itti duulaa turuu cufa keessantu quba qaba. Ammammoo Dubartii Jamiilaa Duubee (Zaharaa Lolaa) jedhamtuu fi Ganticha dirree qabsoorraa Qabeenya dhaabaaf Uummataa saamee bade Beenyaa Galataa jedhamutti gargaaramuun Jireenyaan hunda Qabsaa’ootaa maqaa xureessuutti jira. Uummati Oromoo diinummaa nama Zalaalem jedhamuu kana tolchee hubachuu qaba. Namni kun maqaa Waraanaan kadhataa Waraanuma irratti ammoo olola oofsisa. Shira inni Oromoof qabsoo Oromoo irratti dalagaa jiru numa katabna.
نمایش همه...
👎 6
Qaamni Alaabaa ABO, Alaabaa Oromoo, Alaabaa Oromiyaa Kabaja Dhoowwatuun Miillaan Akka Irra Deemuu fi Akka Balaaleffatu Dirqu Diina Innikkaa Ummata Oromoo ti. Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Alaabaan ABO, Alaabaan Oromoo, Alaabaan Lammiilee Oromiyaa waraana Biltsiginnaa Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) Ministeera waraanaan hoogganamu jalatti, Itoophiyaa biyya Ministera Nageenyaa fi Ministera Haqaa qaba jettu keessatti kabajaan irraa mulqamuun addababayiitti miillaan irra akka deemamuu fi balaaleffatamu dirqu Alaabaa ABOn Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatti ittiin galmaawe Alaabaa seerawaa dha. Hundaan olitti, Alaabaan ABO, Alaabaan Ummata Oromoo, Alaabaan Lammiilee Oromiyaa, Alaabaan Oromiyaa, Alaabaa Dhiigaa fi Lafee Gootota Wareegamtoota ilmaan Oromootiin wixinamee, wareegama ulfaataa qaamaa qalbiitiin tikfamee as gahe, Faajjii Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) ti. Faajjiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo mallattoo waraqaa fi huccuu irratti qalamaan tolfame osoo hin taane, eenyummaa ummata Oromoo/Lammiilee Biyyaa kan dhiigaa fi lafee goototaatiin ijaarame riqicha Bilisummaa fi Walabummaa ti. Alaabaan tun, Alaabaa Magariisni Dacheen Oromiyaa keessaan hanga’u, Alabaa Bakkalchi Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa keessaan ifu, Alaabaa Dhiigaa fi Lafee gootota wareegamtootaan taraaramtee mirmirfamte, eenyummaa Oromoo/lammiilee Oromiyaa ti. Alaabaan kun faajjii QBO dukkana gabrummaa keessaa ifa Bilisimmaatti bahuuf wareegamni hedduun itti bahaa as gahee fi ammas itti bahaa jiruu dha. Kanaafis Faaruu Alaabaa faarfatamuun, Alaabaa Oromoo ibsituu dukkanaa, Guyyaa si dhaabbanne Gabrummaa irraa baana Kum-kumni illee du’u kan hafeen si dhaabnaa Falmaarraa hin deebinuu tarreerra dhaabbannaa…jechuun ummata bal’aan faarfatamaa jira. Alaabaan tuni saba Oromootiif, lammiilee Oromiyaa fi firoottan QBO cufaaf mallattoo Bilisummaa ti. Gootota ilmaan biyyaa kumaa-kitilatu Alaabaa tana jala hiriiree Bilisummaaf lubbuu isaanii wereegan, ammas wareegaa jiru. Alaabaa Diimaa Magariisa Diimaa wareegama qaalii ilmaan isaan argate ummanni Faajjii koo, mallattoo eenyummaa koo jedhee akka lubbuu isaatti jaallatuu fi kunuunfatu qaamni miillaan irra deemsisuu fi balaaleffachiisu diina innikkaa ummata Oromoo ti. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n aggaammii gosa kamiituu diinaa fi lukkeelee diinaan ummata Oromoo irratti taasifamu ni balaaleffata, duras dhaabbata. Gochaa suukanneessaa fi qaanfachiisaa waraanni Biltsiginnaa itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) zigaal hin beekne addababayiitti raawwateen, yeroo itti suur-sagaleen nama waraabanii Alaabaa dhiigaa fi Lafee goototaan as gahe itti balaaleffachiisanii fi miillaan irra deemsisan media hawaasaa irratti faca’e Addi Bilisummaa Oromoo argee mirkaneeffateera. Sagalee balaaleffannaa Alaabaa dhagahamaa tureenis “Alaabaan kun Alaabaa Seeyxanaa ti, Na hin baasu ammaan booda, Biyya hin fayyadu, Biyya hin bilisoomsu, Biyya ficcisiisa, Alaabaan kun kan eenyuu akka tahe hin beeku, Eenyuun akka fayyadu hin beeku, Eenyuun akka bilisoomsu hin beeku, Ilmaan keenya wal ficcisiisaa jira, Itti hin deebinu, Irraa baana, Nu hin fayyadu Alaabaan kun, Alaabaa kana irra ni ejjadha” jedhi jechuun yeroo itti afaan Qawween doorsisanii yakka raawwatan dhagahamaa fi argamaa tureera. Jechaa fi gochaan fokkisaa fi abaaramaan yeroodhaa yerootti eenyummaa ummata Oromootti bu’uun tuttuqan waan lakkaawamee dhumu miti. Kanaan duras Qubee Afaan Oromoo “Qubeen kun Qubee Seexanaa ti”jechaa turanii booda qabsoo ummataan akeekni abaaramaan isaanii liqinfamuun ni yaadatama. Biltsiginnaan rakkoo siyaasaa afaan qawween dhalchan karaa nagahaan furuu dadhabuun, gochaalee caalmaatti ummata keenya gaaga’an raawwachisiisuun isaanii seenaa darbe irraa baruu dadhabuun, egeree ummatoota biyyattii kanaa tilmaamuu hanqachuun biyyattii irraan gadee sigigaatte qabatanii qilee seenaa jiru.
نمایش همه...
👍 8
Rakkinnoota Alaabaa keennaan wal qabatanii bakka bakkatti mul’ataa jiraniin, erguma ABOn biyya kanatti seeraan galmaawee sochii karaa nagaa itti fufee as warra Alaabaa tana bakka fannifamtee buusee ciru, gubu, dhabamsiisuu fi sababa isiitiin lammiilee nagaatti roorrisuun bakka hedduutti taheera. Alaabaa tana tuquun har’a heera barreeffamaan lafa jiru hojiitti hiikamuu dadhabe, heera “Mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Ripaablika Itoophiyaa/Federal Dimociratic Republic of Ethiopia” keessatti osoo ol’aantummaan seeraa jiraatee adaba guddoo nama adabsiisa. Mootummaa Federaala Dimokiraatawaa Itoophiyaa keessatti Alaabaa tana gubuun/ciruun/bakka fannifamtee sirnaan ala humnaan gadi buusuun, miillaan irra deemuun, itti qoosuun, Alaabaan nama doorsisuun, sanumaa ammoo qaamota mootummaa tahaniin kana gochuun mallattoo wallaalummaa, siyaasaadhaan kufuu, mo’atamuu, sirna-dhablummaa fi miira ummata bal’aa dubbisuu fi hubachuu dadhabuun gadi bu’uu fi gadi aantii tahuu mirkaneessa. Biltsiginnaan tahe jedhanii, “Madaa Ummataa Irratti Ashaboo Firfirsuun” waan ummanni akka qarayyoo isaatti jaallatuu fi kunuunfatu tuttuquun ummata miira keessa seensisanii ibidda takka boba’ee dhaamuuf hin deemne qabsiisuutti jiru; kun ammoo gaafatama seeraa fi seenaa jalaa isaan hin baasu. Faajjii isaa ummanni Oromoo dhimma itti bahuuf mirga qaba. Hayyama eenyuunuu hin gaafatu, wareegama qaamaa qalbii itti gabbaraa as gahe, ammas itti gabbaraa jira waan taheef. Alaabaan kun alaabaa dhaabaa fi saba bira dabree Alaabaa lammiilee biyyaa, lammiilee Oromiyaa waan ta’eef, Alaabaa kana jibbiinsaa fi bakka na hin bu’uun dhiibbaa fi dhiittaa gosa kamuu irra gahu irraa qolachuuf lammiileen Oromiyaa dirqama qabu; Alaabichatu dhiigaa fi lafee goototaatiin dhufe waan ta’eef. Waan taheef, Ummatni Oromoo, Lammiileen Oromiyaa fi jaalattoonni biroos mirga qabsoo isaan seerri biyya kanaa isaaf kenne beekee akka fedhetti sodaa fi bir’aa tokko malee itti fayyadamuuf mirga guutuu qaba. Haala hamaa fi hammaataa cabsee itti dhufu ummanni keenya gama dandahu hundaan of irraa qolachuun, Faajjii eenyummaa isaa Calaqqisiisu kabajisiifachuuf mirga guutuu qaba. Gochaa qaanfachiisaa waraanni Biltsiginnaa itti gaafatamummaan itti hin dhagahamne raawwate, Alaabaa ABO/Oromoo/lammiilee Oromiyaa, Alaabaa Oromiyaa miillaan irra deemsisiisuu fi balaaleffachiisuun akka badii tahe ifatti hubachuun yakka waraanaa, Raayyaan Ittisa Biyyaa raawwate Ministeerri Waraanaa ofitti fudhachuun itti gaafatamaa tahuus hubachiifna. Maayii irratti, qaamoleen biyyattii tanaa dhimmi nageenyaa isaan yaaddessuu fi dirqama nagaa buusuu qaban, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa, Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, Ministeerri Nageenyaa Itoophiyaa, Ministeerri Haqaa Itoophiyaa rokkoo lakkuu waraanni murna Biltsiginnaa raawwataa jirutti akka xumura godhan hubachiifna. Injifannoo Ummata Bal’aaf! Adda Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 20, 2024 Finfinnee
نمایش همه...
👍 21
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.