cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Peace 4 all

Join for fast and more info...follow and share For any suggestion (yaada qabdaniif) 👉 @Motikan7

نمایش بیشتر
فنلندة1 928زبان مشخص نشده استآموزش53 662
پست‌های تبلیغاتی
673
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-37 روز
-3330 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Pirofesar Gabbisaa Ijjataa badhaasa meedaaliyaa saayinsii biyyaalessaa fudhatan Qorataa hangaftichi Pirofesar Gabbisaa Ijjataa badhaasa meedaaliyaa saayinsii biyyaalessaa Ameerikaa Pirezidaanti Joo Baayidan harkaa fudhataniiru. Pirofesar Gabbisaan qorattoota Ameerikaa 21 Joo Baayidaniin badhaasa kabajaa badhaafaman keessaa tokko. Qorataan Saayinsii Biqilootaa Pirofesar Gabbisaa Ijjetaa badhaasa meedaaliyaa biyyaalessaa Amerikaa damee Saayinsiiti (National Medal Of Science) kan badhaafaman. Barsiisaafi qorataan Yunivaarsitii Purduu Pirofesar Gabbisaan mala jiinii biqilootaa diqaalomsuutiin sanyii misingaa qilleensa gammoojjiifi ilbiisa dandamatu uumuun badhaasa kanaaf dhaqqabuu waltajjicharratti ibsameera. Argannoonsaanii kunis wabii midhaan nyaataa miliyoonotaaf mirkaneessuun himameera. Pirezidaantiin Joo Baayidan, looreetonni 21 kunniin, waantota hundarratti hubannoo gadi fagoo akka qabaannu nu taasisaniiru jedhan. Pirofesar Gabbisaan bara 2009tti Badhaasa Nyaata Addunyaa (World Food Prize) badhaafamuunsaanii ni yaadatama. #EPA @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
نمایش همه...
#Update Qabxiin seensa qormaata digirii lammaffaa (#GAT) ifoome. "Warri gaaffii 62 fi isaa ol deebisan / parsantii 80 argatan inistiitiyuutii barbaadan kamiyyuu seenanii barachuu danda'u." Ministeerri Barnootaa xalayaa yunivarsitiiwwan mootummaa hundaafi dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa hundaaf barreesseen qormaata seensa Digirii (National GAT) irratti qabxii seensaa beeksise. Haaluma kanaan, Dorgomtoonni gaaffilee 62 (%50) fi isaa ol deebisan ykn gaaffilee waliigalaa keessaa parsantii 80 argatan dhaabbata barachuu barbaadan kamittuu barachuu akka danda’an  ibsee jira. Iyyattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo yeroo iyyachuuf dhufan bu'aa isaanii dhiyeessuu kan qabaniifi, akkasumas Yuunivarsiitii Finfinneetti https://portal.aau.edu.et/Web/ApplyForAdmission/TestingStatus seenuun maqaa iyyattootaafi lakkoofsa iccitii isaa gutuun kan mirkaneeffamu ta'uun ibsame. Akka imaammata barnootaa haaraatti, Iyyattoonni sagantaalee Digirii lammaffaa hunda keessatti dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaa fi dhuunfaa keessatti barachuu barbaadan hundi qormaata Seensa Digirii Lammaffaa Biyyaalessaa (NGAT) darbuu akka qaban murtaa’eera. ABDIISABAA.ORG http://nebsefte.net/4/6246757 Odeeffannoo Barnootaaf 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/+YmiidH_1UV9kNGU0 https://t.me/+YmiidH_1UV9kNGU0 📡MIIDIYAA📡 @ABDII_SABAA
نمایش همه...
#Remediyaalii2015 "Dhaabbata barnoota olaanoo dhuunfaa irraa gara dhaabbata barnoota olaanoo mootummaatti jijjiiranii barachuun #hin_danda'amu" :- Ministeera Barnootaa Barattoonni bara 2015 yunivarsiitiiwwan mootummaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaatti barnoota sirreeffama baratanii qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol galmeessan barnoota #Freshman barachuu akka qaban yaadachiiseera. Haaluma kanaan barattoonni: -Dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaa irraa gara dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaatti jijjiiruun akka danda'amu ibseera. - Dhaabbata barnoota olaanoo dhuunfaa tokko irraa gara dhaabbata barnoota olaanoo dhuunfaa kan biraatti jijjiiruunis akka danda'amu beeksiseera. - Garuu Dhaabbata barnoota olaanoo dhuunfaa irraa gara dhaabbata barnoota olaanoo mootummaatti jijjiiruun barachuu akka #hin_danda'amne Ministeerri Barnootaa ibseera. Qabxiilee sadiin gubbatti eerameen barattoonni dhaabbata tokko irraa gara dhaabbata biraatti jijjiirrachuun barachuu yoo barbaadan, odeeffannoon isaanii sirnaan akka qindaa’u qabu himeera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
نمایش همه...
Repost from TIKVAH AFAAN OROMOO
Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaata komii barattoota kutaa 12ffaatiif deebii kennaa akka jiru ibseera. Barattoonni qaamaan komii dhiyeessan, bilbilaan ykn ergaa barreeffamaa gabaabaan deebii kennameefii jira. ammas kennamaa akka jiru himaniiru. Barattoonni komii isaanii toora interneetii irratti dhiyeessaniif, deebiinis toora interneetii irratti kan kenname ta’uu ibseera. Barattoonni akkuma kanaan dura bu'aa isaanii ilaalanin komii isaanis marsariitii eaes.et irratti senuun ilaaluu akka danda'an himeera. Komiin hedduun deebii argachaa waan jiruuf barattoonni obsaan akka eegatan gaafateera. @tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
نمایش همه...
Kana beektu laata? Namni tokko Viidiyoo Yuutuubiirra jiran hunda ilaalee fixuuf waggaa 400 itii fudhata. Dubartooni dhiira caalaa dandeetii suufuu (fuunfachuu)qaban. Jechi jalqaba ji’a irratti dubbatame jecha “Tolee” ture. Namni furdaan addunyaa kanaa lammii USA JON BROWER yoo ta'u 635kg ulfaata. Qaamni kenyaa albuda akka Copper,Zink,Cobalt,Calcium,Manganese,Phosphates,Nickel fii Silicon of keessaa qaba. Kampaaniin Coca-Cola hojii isaa jalqabee waggaa tokkoffaa isaatti coca cola firee 25 qofa gurgure garuu hojii isaa hindhaabne."harka hinkenina.("Never give up.") Osoo ijji ilma namaa diijitaal kaamera tahe,megapixel 576 qabdi . @forpeacelife @foreacelife
نمایش همه...
Ispoortii Gulaallii waancaa addunyaa waggaa 20 gadii dubartootaan Itoophiyaan Ikuwaatoriyaal Giinii 4-1n injifatte. Tapha gulaallii marsaa 2ffaa  har'a istaadiyemii Abbabaa Biqilaatti adeemsifameen gareen Itoophiyaa gitasaa 4-1n (firii waliigalaa 5-2n) mo'ateera. Itoophiyaan marsaa ittaanuun mo'ataaAljeeriyaafi Maalii wajjin taphatti. Join👇👇 @forpeacelife @forpeacelife
نمایش همه...
Gabaasa kallattii keessaa Waraanni Israa’el gaggeessaa Hamaas haleellaa mandara tokkoo qindeesse ajjeesuu ibse ** Waraanni Israa’el ganama har’aa haleellaa raawwateen Bilaal Al Kedra, ajajaa humnoota Nukba magaalaa Kibba Gaazaa Kaan Yunis keessatti ajjeesu ibsite. Akka Israa’el jettutti ajjeechaa jumla Sambata darbe hidhattoonni Hamaas tasa Israa’el seenan, Kibba Israa’el ollaa (kibbutz) Nirim jedhamutti qaqqabsiisan Bilaal Al Kedra qindeesse jedhu. 👉@forpeacelife @forpeacelife
نمایش همه...