cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Poet beenyaa...✍✍

Walaleessaa

نمایش بیشتر
فنلندة2 986زبان مشخص نشده استکتب
پست‌های تبلیغاتی
205
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-27 روز
-1030 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Photo unavailableShow in Telegram
❇️ BAGA GARA SAAFARIKOOM NAGAAN DHUFTAN❇️ Bootii saafarikoom fayyadamuudhan yemmuu miseensa taatan qarshii 1000 badhaafamtu. 🎁 Dabalataan nama tokko yemmuu affeertan kafaltii qarshii 100 argattu! Namoonni affeertaan 25 yeroo gahan, qarshii 3500 baasii gochuu dandeessu. Liinkin affeerraa kesssani ⬇️ https://t.me/Safaricom_Afan_Oromo_bot?start=r07739496930 Join | SAFARICOM - AFAAN OROMO
نمایش همه...
Seenun start godhaa badhaafamaa
نمایش همه...
maal jaalatta?Anonymous voting
  • a. walaloo
  • b. gorsa garaagaraa
  • c. asoosama
0 votes
XUMURANII JALQABUU Guyyoonni keenya fi hojiileen keenya hundi jalqabuun isaanii salphaadha garuu xumurri isaanii ni ulfaata. Kanaaf ammoo furmaanni xumuranii jalqabuudha. Xumuranii jalqabuu jechuun , guyyoota keenya ganama bariidhan kaanee hanga galgalaatti maal gochuu akka qabnu adda baafachuudha . Innis guyyaa keenya sa'aatitti qoqqoodun karoorsudha. Guyyaa keenya osoo hin eegalin karooran xumuruudha. Guyyaa keenya karooran xumurre taanan wanta hojjechuu qabnu waan beeknuf yeroo keenya iddoo hin malletti hin balleessinu. Guyyaan keenya hojiidhan eegalamee isaan xumurama malee iddoo hin taane hin oollu. Kanaaf guyyaakee Xumuruun eegali. !! Guyyaa gaarii !!🙏 Hojii milkii ❤️🙏 @poetbeenyaa dha Galatoomaa 💪
نمایش همه...
5👍 1
🙄🤞🤞
نمایش همه...
ISA CAALUTU BARFATA !! Dargaggeessa tasgabbaa'adha, Beela'eera, Nyaata nyaachuf dandirraa hoteela tokkotti gore. Nyaannisaa akka ariifatuuf keessummeessatti himatee taa'ee nyaata eega. Osuma inni taa'uu dargaggoonni hedduun kolfaa gara manichaa seenun nyaata ajajatan . Osuma inni taa'uu hunda isaaniif nyaanni ba'e. Kan dura ajajateef garuu hin baane ture. Sana booda aarin eeguu eegale ammas hin finneef. Dargaggoonni sun ammoo ilaalanii itti kolfu ture. Aaridhaan ka'ee kessumeessituu arrabsuun gara alatti ariitin imale. Kessummeessanis na'ee itti figuun dhiifama gaafatee, "tasgabbaa'i abbaan hoteela kanaa yeroo ati ol seentu foddaarran si argeetu inni kun hiriyaa kiyya yeroo ijoollummaati kanaaf nyaata addaa (special) hojjeedhaa jedhee ajajee nyaannikee bifa addaan hojjetamaa jira obsi" jechuun deebisee teessise. Yeroo xinnoo booda nyaanni ajaa'ibaa namoota lamaan dhiibamaa, Abbaa hoteelichaan durfamuun kutaa sana keessaa gadi ba'e. Namoonni sila dargaggeessa sanatti kolfan sun amma ajaa'iba itti ta'e ni na'an "inni waan eenyu ta'eef jechuun hinaafan". Utuu isaan ilaalanii abbaan hoteelichaa dargageessichatti maramee hammachuun nagaa ho'aa gaafate. Bishaan achumatti fidaniifi dhugaatiin dabalamee affeerraa ajaa'ibaa ta'e. Dhaamsa.. Hiriyootakoo warri yeroo kana jireenyi bitaa isin galee hojii dhabdummaan isinitti dhagahamu. Maaltu beeka keessanis special ta'ee dhufaa jira ta'a. Tarii waaqayyo abbaan keessan fi hiriyaan keessan yeroo maraa Kan caalu isiniif qopheesse ta'a. Maaltu beeka warri isin booda dhufee isin dura argatan kun, warri isinitti qoosan kun bor isinitti hinaafuf jiru, bor eessaa dhufeef jedhanii gungumuu eegalu. Kolfaa fi waca isaanii har'aaf jettanii ariitin bakka keessanii hin socho'inaa. Waan addaa (Special ) tu isiniif kaa'ame. Abshir ni bariiti. Isinan jaalladha bakka jirtanitti nagaa naaf ta'aa ❤️❤️ @poetbeenyaa (begna ) keessan.
نمایش همه...
👍 8 5
KITAABA "ALKEEMISTICHA" KEESSAA "...Gurbaan gara isa seera uumamaa fi jireenya addunyaa katabeetti garagale. Ennasuma, addunyaan cal jechuu ishii hubatee achiin dubbachuu itti dhiise. Jaalalli onneesaa keessaa burqee yaa'e, akkuma bishaan lagaa, achiin gurbaan sagaduu jalqabe. Sagada sana dura jedhee hin beekne -sagada(kadhaa) osoo sagalee hin baasin. Sagannisaa hoolotasaaf goodaa haaraatti margi jiidhan waan argameef miti; cululuqqee danuu gurguruuf gargaarsa Kan ittiin gaafates miti; akkasuma intalli inni jaalate hamma inni deemee deebi'utti akka isa eegdufis miti. Callisa sana keessa gurbaadhaf gale; gammoojjin, bubbeen, biiftun, hundisaanii seerri uumamaa katabame akka galuufif carraaqaa akka jiran, karaa irra deeman akka barbaadan, achiin seerri 'emerald'ii tokkittii irratti haqooqame akka galuuf barbaadu. Milkiin ardii addunyaa kanaarra facaatee bakka hundaa akka jirtu arge, asitti ykn achitti mul'achuu ishiitif bakka guddaa kennuu hin barbaachisu; gammoojjin, bubbeen, biiftun, namoonni, wantoonni kun hundi akka itti uumaman hin beekan. Inni uume garuu maalif akka isaan uume ni beeka. Isa uume qofatu waan raajii fiduu ykn galaana gara gammoojjitti geeddaruu ..... Ykn nama gara bubbeetti. Sababnisaa, harka hojjetetu akka itti hojjete beeka. Karoora guddaa ardii addunyaa kana isa guyyaa ja'atti uume , suutan gaafa hojjaa guddaa taasise. Gurbaan lubbuu addunyaa seenee bira ga'e. Achiin lubbuun inni jedhu kun lubbuudhuma isaa ta'uu arge. Achiin innumtuu gurbaan tokko raajii ajaa'ibaa hojjechuu akka qabu bare... " Jedheetu itti fufa. !! Kitaabichi kitaaba jaalatamuudha, afaanota addunyaa 80 olitti akka hikametu dubbatama. Anis kitaaba kana barbaadaa turus dhiyeenyan argadhee dubbise. Dhangaa mi'aansaa ofitti nama hawwatudha. Kitaaba ajaa'ibaati. Barbaadaa dubbisaan dhaamsa kooti. Barbaaddanii dubbisuun gahee keessani. !! Galatoomaa !! Dubbisa gaarii !! @poetbeenyaa...✍️✍️ (Begna Hunde) ti.
نمایش همه...
👍 8 5
Sooree jedhee lafaa ka'een Si'iif jooree siif naanna'een Natti qorreen hurgufamaa ,.. Si'iif jedheen malkaa ce'een Nama hundaa suma se'een Qalbiinkoo siin gurguramaa ,.. ~ At hin beektu rakkinakoo Hin hubattu hanqinakoo Xiiqeffaattee nan barbaaddu,... At hin beektu hubamuukoo Yaada keetin gubamuukoo Dhiphinakoos tasan yaaddu ,... ~ Achi narraa hiixuu teessee Iyyan siif iyyu dhageessee Fageenyarraa na mil'atta ,... Orma gootee na ilaaltee Atis orma natti caaltee Deebii jibbaan na simatta ,... ~ Jiraachuukee na dhoksitee Ciniinnattee na obsitee Akka orma natti taata, ... Ani garuu ciniinnadheen Caba kiyya dhidhiibbadheen Sin barabaada hijibbaataa,.. ~ yoon qaxxisu gaara keessa ~yoon si waamu ni dhageessa ~hin owwaattu ni callista ~madaa onneekoo ballista ~ Ammas kunoo deddeebi'ee Sin barbaada mankaraaree Nan callisa obsan baadha Abdiin kutu yoonan aare ~ Na fayyisi jira jedhii Bakka jirtuu naaf owwaadhu Namummaadhaf bakka kenni Rakkoo koof furmaata laadhu ~ Osoon turuu osoon obsuu Siif imimmaan osoon cobsuu Akkan sin dhabneefan hooree ,... Mallattoodhan na beeksisii Ilkaan kankoos naaf seeqsisii Asan jira jedhi #sooree, ... @poetbeenyaa...✍️✍️
نمایش همه...
2
Debi'eera 🙏
نمایش همه...
آرشیو پست ها