cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Gadaa Post

Facebook: facebook.com/gadaapostcom Website: https://www.gadaapost.com Twitter: www.twitter.com/GadaaPost App: https://play.google.com/store/apps/details?id=com.ot.gadaapost Contact: @gadaapostbot Beeksisaaf(Ads): @Gadaapostbot

نمایش بیشتر
فنلندة51زبان مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
پست‌های تبلیغاتی
48 441
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

✅Taphoota jaalatamoo Piriimeer liigii Inglaand kallattiin afaan Oromoon kara @BurqaaIspoortii hordofa❤️ @BurqaaIspoortii @BurqaaIspoortii
نمایش همه...
Raayyaan Ittisaa Magaalota Naannoo Tigraay to’achuu itti fufe  Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haalaa yeroo ilaalchisee ibsa baaseera. Tajaajilichi ibsa baaseen Raayyaan Ittisa Biyyaa Magaalota Naannoo Tigiraay to’chuu itti fufuu eereera. Raayyichis magaalotatti waraanaa utuu hingaggeessiin tooftaa humnoota garee shororkeessaa ABUT dadhabsiisuu fayyadamuu ibseera. Mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee deeggarsa namoomaa waliin qindoomuun naannawaa to’annoo jala oolchetti deeggarsi namoomaa akka qaqqabu hojjechaa jiraachuu ibsameera. Hawaasa naannawichaa waliin mari’achuun, caasaan bulchiinsa ummataa akka gurmaa’uuf daandii mijeessaa jiraachuu ibseera. Kun utuu kanaan jiruus Gamtaa Afrikaatiin mariin nageenyaa Afriikaa Kibbaatti gaggeeffamurratti kan hirmaatu ta’uu ibseera. Jilli Ityoophiyaa marii nageenyaarratti hirmaatus har’a ganama gara Afrika Kibbaatti qajeeluu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.
نمایش همه...
Marii nagaa Kaaba Itoophiyaaf bakka buutonni Afrikaa Kibbaa galan Waraana Kaaba Itoophiyaa karaa nagaa xumuruuf marii nagaa isa jalqabaa Gamataan Afrikaa qopheesserratti hirmaachuuf bakka buutonni TPLF Afrikaa Kibbaa galuun gabaafame. Miseensi koree giddugaleessaa TPLF Piroofeesar Kindiyyaa G/Hiyoot bakka buutonni TPLF Afrikaa Kibbaa galuu isaanii tiwiitara isaanii gubbaatti maxxansan. Mariin mootummaa Itoophiyaa fi aanga'oota TPLF gidduutti jaarsummaa Gamtaa Afrikaan gaggeefamu amma dura guyyaan murameefii osoo hin milkaahiin sababii rakkina loojistikii jedhuun hafunsaa ni yaadatama. Mariin jalqabaa waraana waggaa lamatti dhiyaate booda gaggeefamu har'a kan adeemsifamu yeroo ta'u, Mootummaan Itoophiyaas irratti hirmaachuuf murannoo akka qabu beeksisee ture. Bakka buutonni mootummaa Itoophiyaa marii kanaaf Afrikaa Kibbaa galuufi dhiisuu isaanii ilaalchisee garuu ammatti wanti ifatti gabaafame hin jiru. Mariin jalqabaa kun kan gaggeefamuuf jedhu humnoota mootummaafi hidhattoota Tigraay gidduutti waraanni jabaan adeemaa jiraachuun wayita dhagaahamaa jirutti. Obbo Getaachew Raddaafii hogganaan waraana Itoophiyaa duraanii Janaraal Tsaadiqaan Gabratinsaa'ee Tigraayiin bakka bu'anii warra marii nagaarratti kan hirmaatan ta'uu TPLF amma dura beeksisee ture. @Gadaapost @Gadaapost
نمایش همه...
Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiipiing yeroo 3ffaaf filannoo Pireezidaantummaa biyyattiin filatamaniiru. Yeroo 3ffaaf irra deebiin filatamuu isaanii hordofee kaabinee isaanii haaraa gurmeessuu Reewutars gabaaseera. Sosochiin Zeroo Koroonaafi milkaa’inoonni dameewwan garaagaraarratti galmeessisan bilchina hoggansa isaanii kan argisiise ta’uu ibsameera.
نمایش همه...
Afaan Oromoo Ameerikaa, Yuunivarsiitii Istaanfoorditti barsiifamu eegaluu isaa ibsameera. Afaan Oromoo Afaanota Afrikaa fi Baha Giddu Galeessaa Yuunivarsiiticha keessaatti kennaman keessaa isa tokko ta’uu yunivarsiitichi beeksiseera. Yuunivarsitichi iyyata barattoonni maqaan isaanii Saaron Saamu’eel fi Ebaa Ibsaa jedhaman Yuunivarsitichaaf dhiyeessan fudhachuun Afan Afaan Oromoo akka barsiisu murteesse eeranii jiru.
نمایش همه...
Oduun Artisti Alii Birraa Boqateera jechuun Sooshaal miidiyaa irra deemaaru oduu sobaati.
نمایش همه...
Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa milkaa’inaan xumurameera Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara  2014 milkaa’inaan xumuramuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise. Guddinniifi badhaadhinni biyyattii kan mirkanaa’u humna namaa naamusa gaariifi beekumsa qabuun ta’uu eeruun, biyyattiin imaammataafi hojimata bifa kanaan bocuu ibseera. Jalqabbiin kun karoora barnootaa gadi fageenyaan qoratameen hojiirra oolee mul’achuu eerameera. sirna barnootaa haaraa qopheessuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsuun, hoggantoonni barnootaa, barsiisonniifi maatiin qindoomina olaanaan hojjechaa jiraachuu kaaseera. Qaama hojii jijjiiramaa kanaa kan ta’e hojiin barattootaa haqa qabeessummaaniifi karaa saayinsawaa ta’e madaaluu jijjiirama guddaa agarsiisuu ibseera.
نمایش همه...
Magaalaan Shiree humna waraanaa Itoophiyaan to'atamuun gabaafame Humni waraanaa Itoophiyaa magalota gurguddoo naannoo Tigraay keessaa tokko kan taate Shiree to'achuun gabaafame. Rooytars maddeen dipplomaatiifi dhaabbilee deeggarsa namoomaa waabeefachuun akka gabaaseetti, waraanni mootummaa Itoophiyaafi humnoonni isa tumsan Onkolooleessa 17, 2022 magaala Shiree to’atan. Humnootiin Tigraay ibsa Onkolooleessaa 17, 2022 baasaniin, Magaalli Shiree "hunmoota waloo Itoophiyaafi Eritraa" galuu mirkaneesseera. Dabalataan humnoonni TPLF mootumaan Itoophiyaafi Ertiraa waliin ta'uun 'namoota nagaa ajjeesaa jiru' jechuun erga himateen booda, jiraattonni naannichaa jiraachuudhaaf jecha waraana akka itti fufaniif waamicha taasiseer. Dhimma magaalli Shiree to'atamuu ilaalchisee mootummaa Itoophiyaa irraas ta’e gama mootummaa Ertiraa irraa kan jedhame hin jiru. Mootummaan Itoophiyaa ibsa Onkoloolessa 17, 2022 baaseen, haleellaa bal'aa humnoonni TPLF gaggeessaa jiran, qaamolee diinaa alaatiin deeggarama jechuun walabummaa biyyaatiif tarkaanfiin kaaba biyyattiitti fudhatamu itti fufe jedheera. Kanaaf ammoo buufataalee xiyyaaraafi dhaabbilee federaalaa naannoo Tigraay keessatti argaman atattamaan to’achu akka barabaadu ibseera. Humnoonni mootummaa Federaalaa magaalaa Shiree to'achuun kan dhaga'ame wayita biyyoonniifi dhaabbileen idil-addunyaa waraanni atattamaan dhaabbatee gare marii nagaatti akka deebii’amuuf gaafataa jiranitti.
نمایش همه...
Muusaa Faaqii Mahaameet, mootummaan fi TPLF marii nageenyaa Afrikaa Kibbaatti waamame irratti akka dhufan waamicha dhiyeessaniiru. Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa obbo Muusaa Faaqii Mahaameet waraana kaaba Itiyoophiyaa keessatti bifa haaraan eegale ilaalchisee kaleessa ibsa kennaniiru. Dura taa'aan kun ibsa kennaniin waraana kaaba Itiyoophiyaa keessatti haaromfame hordofaa akka jiran fi baay'ee yaaddoo akka qaban ibsaniiru. Akkasumas, mootummaa fi TPLF marii nageenyaa Afrikaa Kibbaatti waamame, bakka bu’aa olaanaa gaanfa Afrikaatiin durfamuu fi hawaasa addunyaatiin deeggaramuun gaggeeffamu irratti akka dhufanis waamicha dhiyeessaniiru.
نمایش همه...