fa
Feedback

فریب کلاهبرداران را نخورید! تل‌متریو این کانال‌ها را شناسایی و برچسب‌گذاری می‌کند 👉 برای مشاهده برچسب، اشتراک تهیه کنید

RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩

RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩

رفتن به کانال در Telegram

✅️ Al-Isra'a 17:81 በልም «እውነት መጣ ውሸትም ተወገደ፤ እነሆ ውሸት ተወጋጅ ነውና፡፡» And say, "Truth has come, and falsehood has departed. Indeed is falsehood, [by nature], ever bound to depart." Jedhi “Dhugaan dhufe; sobni dhabame, sobni dhabamaa ta’eera”. @Rafiqul_Islaam

نمایش بیشتر
کشور مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
3 439
مشترکین
+124 ساعت
+347 روز
+35530 روز
آرشیو پست ها
𝐆𝐀𝐀𝐅𝐅𝐈𝐈 𝐂𝐎𝐌𝐏𝐀𝐑𝐀𝐓𝐈𝐕𝐄:
Anonymous voting
24 اوت, 12:48
24 اوت, ~12:49

Halqaan Diyaa'ul Islaam Ulamoota 7 Eebbisise Hagaya 17/2018 Rabial Awol 10/1448 Magaalaa Jimmaa Ganda Bachoo Booree Masjiida Sumayyatti kan argamu majlisni Halqaa ilmii Diyaa'ul Islaam guyyaa har'aa istaadiyemi xiqqoo yunivarsitii Jimmaatti darasoota ilmii bu'uuraa hanga sunana sittaa xumuran ulamummaan eebbisiise. Majlisni Halqaa ilmii Diyaa'ul Islaam sheek Naajii Jamaalin kan hundaa'ee fi darasoota sadarkaa addaa addaa irra jiran kan keessummeessa jirudha. Eebbi seena qabeessi kun bakka keessummoni olaanoon biyyaa, keessummoonni majlisa Finfinnee akkasuma Baha oromiyaa irraa sheekni sheekaa irratti argamaniiru. Itti aanaan Majlisa Magaalaa Finfinnee ustaaz inj.Gaalii Abbaboor eebba kana irratti ergawwan jajjaboo akka majlisaatti fi hawaasaatti ta'uu qaba jedhan dabarsaniiru. Keessummoonni argaman marti walduraa duuba sagantaatiin afferamuun ergaa ummataaf dabarsaniiru. Sheekni sheek Naajii Jamaal baha oromiyaa irraa dhufuun eebba darasaa darasaa isaani irratti argamaniiru Sagantaan akkasi kun ulaamaa'otaa fi darasootaf hamilee gaarii kan itti horudhas jedhameea.
23 اوت, 11:12

Halqaan Diyaa'ul Islaam Ulamoota 7 Eebbisise Hagaya 17/2018 Rabial Awol 10/1448 Magaalaa Jimmaa Ganda Bachoo Booree Masjiida Sumayyatti kan argamu majlisni Halqaa ilmii Diyaa'ul Islaam guyyaa har'aa istaadiyemi xiqqoo yunivarsitii Jimmaatti darasoota ilmii bu'uuraa hanga sunana sittaa xumuran ulamummaan eebbisiise. Majlisni Halqaa ilmii Diyaa'ul Islaam sheek Naajii Jamaalin kan hundaa'ee fi darasoota sadarkaa addaa addaa irra jiran kan keessummeessa jirudha. Eebbi seena qabeessi kun bakka keessummoni olaanoon biyyaa, keessummoonni majlisa Finfinnee akkasuma Baha oromiyaa irraa sheekni sheekaa irratti argamaniiru. Itti aanaan Majlisa Magaalaa Finfinnee ustaaz inj.Gaalii Abbaboor eebba kana irratti ergawwan jajjaboo akka majlisaatti fi hawaasaatti ta'uu qaba jedhan dabarsaniiru. Keessummoonni argaman marti walduraa duuba sagantaatiin afferamuun ergaa ummataaf dabarsaniiru. Sheekni sheek Naajii Jamaal baha oromiyaa irraa dhufuun eebba darasaa darasaa isaani irratti argamaniiru Sagantaan akkasi kun ulaamaa'otaa fi darasootaf hamilee gaarii kan itti horudhas jedhameea.
23 اوت, 11:11
23 اوت, ~11:11

photo content
+6
23 اوت, 11:09

photo content
+9
23 اوت, 11:09

Kana Nabiyyiin Keenyaa ﷺ !!
Dhuga-dubatuu (Amiina):
Haasaa, waadaa fi gocha isaaniitiin yeroo mara dhugaa dubbattoota turan. Matumaa soba dubbatanii hin beekan. Ergamummaan dura iyyuu "Muhammad Al-Amiin (Muhammad Isa Amanamaa)" jedhamanii waamamu turan. [Bukharii: 3559]
Kan Amaanaa Kabaju:
Mallaqaa fi kabaja namootaa eeguu keessatti baay'ee amanamaa turan. Amaanaa abbaa isaatiif ni gachisiisu turan; nama tokkollee gowwoomsanii hin beekan. [Bukharii: 3534]
Gara-laafaa (Araaramaa):
Namootaaf, bineensotaaf, akkasumas simbirootaaf qofaatti illee baay'ee kan gaddan fi gara-laafessa turan. Gara-laafina guddaa qabu turan; nama tokkollee hin miidhan turan. [Muslim: 2316] Gadi-of-qabaa (ትሁት): Namoota waliin baay'ee gad-of-qaboo turan. Hiyyeeyyii waliin ni taa'u; ofii isaanii of tajaajilu; nama tokko irraas gargaarsa hin barbaadan turan. [Muslim: 2865]
Haqa-qabeessa:
Murtii isaanii keessatti fi namoota waliin hariiroo qaban keessatti guutummaatti haqa-qabeeyyii turan. Murtichi ofii isaanii ykn maatii isaanii irratti ta'us, dhugaa ni raawwachiisu turan. [Muslim: 1688]
Obsa-qabeessa
Ofii isaaniitiif jedhanii haaloo bahachuu hin barbaadan turan. Araaramaa turan; miidhaa namoota irraa isaan gahu ni dhiisuuf) turan. [Tirmizii: 2434]
Amala Gaariin Kan Midhagan:
Amalaa fi naamusaan namoota hundarra caaloo turan. Arrabni isaanii laafaa ture; namoota durattis yeroo mara fuula gammadaniin mul'atu turan. [Muslim: 746]
Gooftaa Isaaniitiif Guutummaatti Kan Ajajaman
Gooftaa isaaniitiif baay'ee abboomamoo fi gabbaroo turan. Hanga miilli isaanii dhiitahutti halkan guutuu dhaabbatanii salaatu turan. [Bukharii: 1147]
Addunyaa Kan Lagatan (Zuhdii):
Jireenya addunyaa irratti sassatoo hin turre. Qabeenya hin kuusne; faaya addunyaatiinis wal hin dorgomne. [Tirmizii: 2377]
Goota:
Karaa dhugaa irratti baay'ee goota fi jajjaboo turan. Dhimma dhugaa keessatti komii nama tokkoollee hin sodaatan turan. [Ibnu Hishaam: 177] 💥Haati keenya Aa'ishaan waa'ee amala isaanii yeroo gaafatamu akkana jette: «كان خلقه القرآن» "Amalli isaanii Qur'aana ture!!" ✍ Barreeffama Haamduu Quwaanxee Gara Afaan oromootti kan galagalee 🔭 @ifaislaamaa
22 اوت, 04:24

Anbiyoonni (Raajonni) hundi Muslimoota ta'uu, Rabbii tokkicha gabbaruu fi amantiin Isaanii fi kan hordoftoota isaani Islaamummaa ta'uu akka armaan gadii kanatti ragaan mirkaneessina. Rabbiin Nuuh Muslima (nama fedhinnaa  Rabbiif kenne) ta'uu isaa ilaalchese jecha inni ummata isatiin jedhe Qur'aana keessatti yeroo nuuf himu akkas jedhe:"..Mindaan kiyya Rabbi irratti malee hin taane. Ani Muslimtoota irraa ta’uuttiin ajajame.”(Yunus 10:72) Nabi Ibraahiim (Abraaham )Muslima ture Rabbiin Qur'aana keessatti akkas jedha: Ibraahiim yahuudas kiristaanas hin taane Garuu inni Muslima qajeelaa ture. Inni mushrikoota irraas hin taane.(Aal-e-Imran 3:67). Sababni Qur'aanni kun itti bu'eef Yahuudonni Ibraahiim yahuudaadha jedhu, Kiristaanonnis Ibraahiim Kiristaana jedhu, Hundi isaaniyyuu kan ofii taasifachuu barbaadu Garuu Rabbiin waan hunda beeku  akkana jechuun deebiseef  "Ibraahiim Yahuudaas, Kiristaanas miti, Inni Muslima" jedhe. Akka  Mushrikoonni (Waaqefattoonni)nu waliin jira hin jeenneefis dhuma keeyyatichaa irratti inni Mushrikas miti jedhe. Kanaaf keeyyata kana irratti  Ibraahiim Muslima ta'uu hubanna jechuudha. Iimaan Ibraahiimiifi Ilmaan Ya'aquub Muslimoota turan. Rabbiin Qur'aana keessatti akkas jedha: "Ibraahiim ilmaan isaatiif ishee (Islaamummaa) dhaamee ture; Ya’aquubiis (sanuma dhaame); "Yaa ilmaan kiyya! Dhugumatti, Rabbiin amantii isiniif filee jiraa Muslimoota taatanii malee hin du’inaa" (jedhe).(Al-Baqarah 2:132 ) Ammas Rabbiin Qur'aana keessatti yeroo dubbatu akkas jedha: " Ya’aquubitti duuti dhufnaan ilmaan isaatiin "ana booda maal gabbartu?" jedhe..? Isaanis ni jedhan: "Nuti Gooftaa kee, Gooftaa abboota kee Ibraahiim, Ismaa’iiliifi Isihaaq gabbaramaa tokkicha kan ta’e gabbarraNuti Isaaf ajajamtoota (Muslimoota)."(Al-Baqarah 2:133) Kana jechuun Ibraahiim,Ya'aquubii fi ilmaan isaanii Islaamummaa irra turan. Islaamummaa hortee isaaniitiif dhaamanii du'an jechuudha. Kanaafuu ergamtoonni booda isaa ergamanis hundinuu Islaamummaa irraa turan. Amantiin Muusaa Islaama ture Muusaan ummata isaatiin akkana jedhe: Muusaanis ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Yoo kan Rabbitti amantan taatan, Isuma irratti hirkadhaa; yoo Muslimoota taatan.”(Qur'aana 10:84). Amantaan Suleeymaan(Salamoon) Islaama ture. Nabi Suleeymaan Mootittii tokko kan yeroo Nabi Suleymaan Yaman bulchaa turte gara Islaamummaatti waamuuf xalayaa itti ergeen akkana jedhen: Narratti hin booninaa; Muslimtoota ta’aatii natti kottaa [jedha].”(An-Naml 27:31) Nabi Luux amantiin isaa Islaama Rabbiin Qur'aana keessatti waa'ee nabi Luuxii fi ummata isaa ilaalchisee akkana jedhe: Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee keessatti homaa hin argine.(Adh-Dhariyat 51:36) Kana jechuun akka keeyyata biraa keessatti ibsameetti ummanni nabi Luux ergaa isaa fudhachuu dinnaan Rabbiin tarkaanfii isaan irratti fudhateen isaan dhabamsiise. Isaan keessa worra amanan qofa oolchuun kaan balleeffaman. kan Islaamummaa Luux itti waamaa ture fudhannaan oolchame immoo mana tokko malee hin jiru. Kanaaf Mana Muslimtootaa irraa kan ta’e malee ishee (ganda)keessatti homaa hin argine"jedhe. Harraaf asumatti dhaabna. Yeroo itti aanu nabi Iisaa(Yesuus) fi Barattoonni Isaa Muslima ta'uu kan ilaallu ta'a. Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28
21 اوت, 15:02

𝐍𝐀𝐆𝐄𝐄𝐍𝐘𝐀 𝐀𝐌𝐀𝐍𝐓𝐀𝐀 𝐊𝐀𝐌𝐓𝐔 𝐋𝐀𝐁𝐒𝐀𝐀??
𝐊𝐔𝐓𝐀𝐀 1𝐅𝐅𝐀𝐀 by Arabi/አረብ/عرب LUBBUU AJJEESUU FI BALLEESSUU EENYUTUU AJAJA?
{𝐐𝐔𝐑'𝐀𝐍 𝐕𝐒 𝐁𝐈𝐁𝐋𝐄}
@Rafiiqul_Islaam @Rafiiqul_Islaam Maqaa Rabbii akkaan Mararfataa akkaan Raahmata Godhaa ta’eetiin. Hordoftoonni Amantii Kiristiyaanaa Yeroo baay’ee Amantiin islaamaa kan babal’atte Lubbuu namaa Ajjeesuu fi Ballleessuun Babal’ate, Akkasuma Qur’aanni Kabajamaan Lubbuu Ajjeesutti Ajaja Jedhanii Wanta Bu’uuraa Fi Ragaa hin qabne Odeessaa Oolu. Haa ta’uu malee garuu Jecha isaanii kanaaf Ragaa dhiheeffachuu hin dandeenye hin danda’aniis. Nutis gama keenyaan Dhugumatti Amantiin fi Kitaabni Lubbuu Ajjeesuu fii Balleessutti Ajaju Isa kami? Gaafi jedhu Bu’uura Godhachuudhaan Qor’anoo taasifneen Qabxiiwwan Armaan gadii kanneen kitaaboota Amantii lamaanii irraa dhiheessuudhaan Isiniif dhiheessuuf yaalleerra. Madaallii fii Deebii isaas Sammuma keessaniif dhiifneerra. Qabxii Tokkoffaa:- Amantiin Islaamaa Waa’ee Ajeechaa fi Mirga Amantiitiin Wal qabatee Maal Barsiisa Qabxii Jedhu Haa Ilaallu:- Qur’aanni dhugaa jiru haala Armaan Gadii kanaan Lafa Kaa’a:- • Akka Ilaalcha Amantii Islaamaatti Amantitti Nama Dirqisiisuun Hin Jiru, Namani Tokko Waan Fedhetti Amanuu fii Amantii Fedhe hordofuu mirga guutuu qaba. Gooftaan keenya kan Uumaa waan hundaa ta’e dhimma kana Qur’aana Jecha isaa ta’e kabajamaa keessatti Akkana jedha:- . «Amantii keessa dirqisiisuun hin jiru. Dhugumatti, qajeelumni jallina irraa ifa ta’eera. Namni xaaghuutatti kafaree, Rabbitti amane, dhugumatti haada jabaa hin cinne qabateera. Fabbiin dhagayaa beekaa dha.»(Al Baqaraah 2:256) . «Jedhis: “Dhugaan Gooftaa keessan irraayi. Namni fedhe haa amanu; namni fedhes haa kafaru.»(Al Kahfi 18:29) . •Gooftaan keenya Allaah Keewwata Qur’aanaa Biroo keessatti Namni Lubbuu Nagayaa takka Ajjeesuun Cubbuu Guddoo Akka taate nuuf Hima. Akkana jedha:- «Namni Lubbuu takko lubbuu biraatiin yookiin dachii keessa balleessuun alatti ajjeese, akka waan nama hunda ajjeeseti; namni ishee jiraachises akka waan nama hunda jiraachiseeti.»(Al-Maa’idaah 5:32) «Lubbuu Rabbiin (ajjeesuu) haraama godhe haqaan ala hin ajjeesinaa.»(Israa’i 17:33 & Al An’aam 6:151) 👉 Kan Qur’aana Kabajamaa Erga hangana ilaallee, mee amma immoo gara macaafa Qulqulluu Warra firoota keenya Kiristiyaanootaatti Achi Dabarree Haa Ilaalla. 👉 Macaafni Qulqulluun Lubbuu Ajjeesuu fii Balleessuu Ilaalchisee Maal Barsiisa Laata? Hanga Xumuraatti Obsaa fii Tasgabbiin Dubbisaa:- 1• «”Namni nama rukutee ajjeesu, innis immoo haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 21:12) 2• «Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa rukutu haa #ajjeefamu!»(Seera Ba’uu 21:15) 3• «Namni nama hatee yoo gurgure yookiis inni hatame isa harkatti yoo argame haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 21:16) 4• «Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa abaaru haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 21:17) 5• «Qotiyyichi duraan iyyuu amala nama waraanuu qabaachuun isaa beekamee, abbaan isaas akka isa eeggatu gorfamee, garuu isa eeggachuu dhiisee dhiira yookiis dubartii yoo ajjeese, qotiyyichi dhagaadhaan rukutamee haa du’u! Abbaan qotiyyichaas immoo haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 21:29) 6• “Kan Beneeldaa wajjiin Walqunnamtii saalaa raawwatu Haa #Ajjeefamu.”(Seera Ba’uu 22:19) 7• «Guyyaa Sanbataa eegi inni siif qulqullaa’aa dha; namni qulqullinatti isa hin eegne haa ajjeefamu! Namni guyyaa sanatti hojii hojjete hundinuu saba isaa keessaa haa #balleeffamu !»(Seera Ba’uu 31:14) 8• «Guyyoonni ja’a guyyoota hojiin itti hojjetamuu dha, guyyaa inni torbaffaan garuu guyyaa aara-galfannaa ti, guyyaan kun ana Waaqayyoof kan qulqullaa’ee dha; namni guyyaa Sanbataatti hojii hojjete hundinuu haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 31:15) 9• «guyyoonni ja’a, guyyoota hojiin itti hojjetamuu dha, inni torbaffaan garuu Sanbata qulqullaa’aa guyyaa Waaqayyoof itti boqottan isiniif haa ta’u! Namni guyyaa sanatti hojii hojjete hundinuu haa #ajjeefamu !»(Seera Ba’uu 35:2) 𝐈𝐓𝐓𝐈 𝐅𝐔𝐅𝐀𝐀........... https://t.me/Rafiiqul_Islaam/42
19 اوت, 02:53

Kiristaanonni "Waa'ee eenyumma  Yesuus nutu isin Muslimoota caala beeka" jedhan. Tole dhugaan jiru faallaa kanaa ta'us  dubbii gabaabsuuf yaada keessan kanaan yoon walii gale, ✅Waa'ee Yesuus isin caalaa immoo  barattoota Yesuus kan isaa wajjin turantu beeka. Isaan Yesuus Nabiyyiidha jedhan. “Hundumti isaaniis, na'anii, "Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera; Waaqayyo saba isaa ilaaleera" jedhanii Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan.” ⎨Luq. 7:16⎦. ✅ Barattoota isaa caalaa immoo Yesuustu waa'ee ofii beeka. Inni ani Nabiyyiidha jechuun of ibse(mat. 13 :57).  Akkasumas ani  nama jechuun of ibse.  “Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne.”⎝Yoh. 8:40⎭. ✅ Yesuus Caalaa immoo Rabbii isa uumetu Waa'ee isaa beeka.   Rabbiin Garbicha koo isaan jedhe.  “Waaqayyo itti fufee, "Kunoo, garbichi koo inni ani ol ol qabu, inni ani fo'adhe, inni ani jaalladhu isa kana" ⎡Isaayaas . 42:1⎭. Kanaaf Namni Yesuus Waaqa jedhu nama barattoota Yesuus, Yesuusii fi Rabbiin caalaan waa'ee Yesuus beeka jedhuudha. Isin Kiristaanonni Yoo Macaafa keessan kana hin hordofne maal hordofaa jirtu ? Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28 https://t.me/Rafiiqul_Islaam/41
17 اوت, 15:12

✅𝐃𝐡𝐮𝐠𝐮𝐦𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐧𝐢 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐉𝐞𝐜𝐡𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢?✅
Kitaabni tokko jecha waaqaati jedhamuudhaaf ulaagaale inni guttachu qabu hedduutu jira Kannen keessas 1, Jechonni faallaan keessa dhabamuu 2, Jechonni waaqaaf hin malle keessa dhabamuu 3, Jechonni nama keessa dhabamu utuma jecha tokkollee ta'e. 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐧𝐢 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐔𝐥𝐚𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐎𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐈𝐛𝐬𝐚𝐦𝐞 𝐐𝐚𝐛𝐚 [1] Keyyattota Macaafa Qulqullu Keessaa Wal Fallessan “Yabbinni gaanichaas hamma bal'ina harkaa ti; hidhiin isaa inni akka hidhii shiiniitti garagalee hojjetame daraaraa habaaboo in fakkaata; gaanichi liitrii afurtamii afur baata.”   — 1Mot. 7:26 “Yabbinni gaanichaa hamma bal'ina harkaatti, hidhiin isaa inni akka hidhii shiiniitti garagalee hojjetame daraaraa habaaboo fakkaata; gaanichi liitrii kuma jaatamii ja'a nyaata.”   — 2Sen. 4:5 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐢: 𝐋𝐢𝐢𝐭𝐢𝐫𝐢𝐢 𝐀𝐟𝐮𝐫𝐭𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐀𝐟𝐮𝐫𝐢 (44)𝐦𝐨𝐨?  𝐋𝐢𝐢𝐭𝐢𝐫𝐢𝐢 𝐊𝐮𝐦𝐚 𝐉𝐚𝐚𝐭𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐉𝐚'𝐚𝐚 (66,000) [2] “Solomoon gola fardeen warri konkolaattota isaa harkisan itti galan kuma afurtama, abboota fardeenii immoo kuma kudha lama qaba ture.”   — 1Mot. 4:26 Fi “Solomoon kutaawwan manaa fardeen itti galanii fi kutaawwan manaa konkolaattonni keessa kaa'aman kuma afur qaba ture; abboonni fardeenii isaa kuma kudha lama turan; inni isaan kana keessaa gar tokko mandaroota konkolaattonni keessa kaa'aman keessa in kaa'e, gara kaan immoo of bira Yerusaalem mandara mootii keessa in kaa'e.”   — 2Sen. 9:25 Gaaffi Kuma Afurtama (40,000)Moo? Kuma Afuri (4000) [3]  “Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii lamaa ture; inni waggaa tokko Yerusaalem keessa taa'ee mo'e; haati isaa Ataaliyaa intala Ahaab Omrii mootii Israa'el turte.”   — 2Mot. 8:26 “Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii lamaa ture; inni waggaa tokko Yerusaalem keessa taa'ee mo'e; haati isaa Ataaliyaan intala Ahaab Omrii ti.”   — 2Sen. 22:2 Kamtu Sirriidha 42? moo 22? [4] “Toorri hidda dhaloota Yesus Kristos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam isa kana.”   — Mat. 1:1 “Abrahaam Yisihaqin dhalche; Yisihaq Yaaqoobin dhalche; Yaaqoob Yihudaa fi obboloota Yihudaa dhalche.”   — Mat. 1:2 Fi (Luq 3:23-38 “Yesus hojii isaa yommuu jalqabe, dhalatee akka waggaa soddomaa ti; hidda dhaloota isaa yeroo lakkaa'anis ilma Yoseef jedhaniin; Yoseef ilma Elii,”   — Luq. 3:23 • . Keyyattonni kunnin waa'e hidda dhaloota iyesus kiristoos dubbatu garu lamaan isanii𝐬 maqaadhan, lakkofsaanis wal hin fakkatan hiddi dhaloota isa kamiijenne fudhanna? Iyesus yoo waaqa ta'e akkamitti hidda dhaloota qabaate? [5] “Kana irratti mootichi, "Wanta gaarii ta'ee isinitti mul'atu nan godha" isaaniin jedhe; yommus mootichi karra bukkee in dhaabate, loltoonni immoo dhibba dhibbaan, kuma kumaan lolaaf in ba'an.”   — 2Sam. 18:4 FI “Namoonni Sooriyaa warri Damaasqoo keessa jiraatan Hadaad-Ezer mootii Zobaa gargaaruudhaaf in dhufan; Daawit immoo isaan keessaa namoota kuma digdamii lama rukutee in ajjeese.”   — 1Sen. 18:5 Isa kamtu dhugaadha? 700 moo 1700 ✅Join, Share & Like Jzk.🥰🥰🥰 ✅ @Rafiiqul_Islaam ✅
15 اوت, 07:00

𝐆𝐀𝐀𝐅𝐅𝐈𝐈
12 اوت, 14:14

Heera Barreeffamaa ISA jalqabaa Addunyaa kanaa beektuu ?
Har'a addunyaan yeroo waa'ee 'Heera Mootummaa', 'Mirga Namoomaa' fi 'Bilisummaa Amantii' gadi fageenyaan dubbattu, baay'ee keenyaaf gaaffii saaqamaa ta'uutu jira. Innis Heerri barreeffamaa inni jalqabaa yoomii fi eenyuun qophaa'e ? Kan jedhuudha. Isin  Heera barreeffamaa isa jalqabaa addunyaa irraatti eenyuu fi yoom akka qophaa'e  beektuu? Yoo hin beekneef,   Seenaan yeroo dheeraa addunyaa kanaa akka mirkaneessutti, qoraasuma teessuma har'aatiin waggoota 1400 dura, magaalaa Madiinaa keessatti sanadni seenaawaan hundee kanneen qabate tokko dhalatee ture. Sanadni seenaa dhala namaa fi Islaamaa keessatti iddoo guddaa qabu kunis "Sahiifatul Madiinaa" (Heera Madiinaa) jedhamuun beekama. Innis Heera Barreeffamaa Isa Jalqabaa (First Written Constitution) kan walitti dhufeenya, mirga fi dirqama hawaasota adda addaa magaalaa Madiinaa keessa jiraatanii murteessuudha. Sanadni seenaawaan kunis Nabiyyii fi Ergamaa Rabbii, Muhammad (S.A.W)'n bara 622 A.L.I (Bara 1ffaa Hijraa) keessa qophaa'e. Barbaachisummaa Heerichaa Ergamaan Rabbii (S.A.W) yeroo Makkah irraa gara Madiinaatti godaanan, Madiinaan magaalaa hawaasa lakkoofsaan baay'eefi aadaa adda addaa ta'e qabduu fi dhimmoota gurguddoo wanta sanada kana gaafataniin kan guutamte turte. Jalqaba irratti, gosoonni Aarabootaa kan Madiinaa akka Aws fi Khazraj waggoota hedduudhaaf (Woggaa 120 'f) waraana walitti fufiinsa qabu kan "Waraana Bu'aas" jedhamuun dhiiga wal-dhangalaasaa turan. Dabalataanis, Qureeyshonni Makkah Muslimoota balleessuufi Madiinaa weeraruuf sodaa fi yaaddoo alaa uumaa turan. Kanaafuu, hawaasa ilaalcha fi amantiin adda addaa ta'e kana keessatti nageenya fi tasgabbii waaraa uumuuf, gosoota adda addaa gara hawaasa tokkootti fiduuf, Madiinaa diina alaa irraa waloo ta'anii ittisuuf fi mirga amantii hundaaf mirkaneessuuf heerri waloo garmalee barbaachisaa ture. Qaamota Heerichaaf mallatteessan Sanada seena-qabeessaa kana hirmaachisuu fi mallatteessuu keessatti qaamoleen gurguddoon Madiinaa keessa jiraatan hundi qooda fudhaniiru. Isaanis: Muslimoota Makkah irraa godaanan (Muhaajiriina), Muslimoota Madiinaa kan gosa Aws fi Khazraj irraa ta'an (Ansaara), gosoota Yahoodaa gurguddoo akka Banuu Qaynoqaa', Banuu Nadiir, Banuu Qurayzaa fi gosoota xixiqqoo biroo, akkasumas Aaraboota amantii aadaa (mushrikoota) Madiinaa keessa jiraatan hunda hammata ture. Qabiyyee Heerichaa Sanadni kun kaayyowwan gurguddoo kanneen galmaan gahuuf, qabxiilee murteessoo  ta'an shan of keessatti qabatee dhihaate. Jalqaba irratti, heerichi jiraattota Madiinaa hunda amantii fi gosaan osoo addaan hin baasin akka Hawaasa Tokkoatti ("Ummah Tokkoatti") labse. Lammaffaa irratti, Bilisummaa Amantii guutuu mirkaneessuun, "Yahoodonni amantii isaanii, Muslimoonnis amantii isaanii hordofuuf mirga guutuu qabu; namni amantii isaatiin dhiibbaan irra hin gahu" jedhee murteesse. Sadaffaa irratti, Ittisa Waliigalaa uumuudhaan, yoo diinni alaa Madiinaa weerare Muslimootaa fi Yahoodonni walitti dhufanii Madiinaa akka ittisan, baasiin waraanaas waloo akka ta'u qajeelche. Afaaffaa irratti, Haqa fi Seera dhaabuun, yakki hojjetame nama hojjete qofa kan ilaallatu malee gosa sana guutuu irra akka hin geessise, akkasumas sarbamaa fi miidhamaa gargaaruun dirqama hawaasa hundaati. Xumura irratti, yoo gosoota Madiinaa keessa jiran gidduutti wal-dhabdeen uumame, Murtii Dhumataatiif gara Rabbii fi Ergamaa Isaa (Muhammad S.A.W)tti akka deebi'u kaa'e. Walumaagalatti seenaa dhala namaa keessatti Sahiifatul Madiinaa bakka boonsaa fi guddaa qaba. Sanadni kun heera Mootummaa Inggilizi (Magna Carta) isa bara 1215tti barreeffame dura waggoota 600 dura kan dhalate ta'uun isaa, Heera Barreeffamaa Isa Jalqabaa Addunyaa isa taasisa. Dabalataanis, amantiinii fi saboonni adda addaa akkamitti haqa fi wal-kabajaan waliin jiraachuu akka danda'an fakkeenya addunyaati (Model Pluralism). Dhuma irratti, mirga jiraachuu, mirga qabeenyaa fi bilisummaa amantii namoota xiqqaa (minorities) mirkaneessuudhaan, seenaa mirga namoomaa keessatti boqonnaa haaraa fi ifaa ta'ee bara baraaf tura. Barnoota dabalataaf Chanalii 👉 @Saahibuddiin28 👈 join godha. https://t.me/Rafiiqul_Islaam/38
11 اوت, 13:19

✨ 𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐟𝐢 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢: 𝐓𝐨𝐤𝐤𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢/𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 ✨
━━━━━✨━━━━━
1️⃣ 𝐓𝐨𝐤𝐤𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 (𝐎𝐧𝐞𝐧𝐞𝐬𝐬 𝐨𝐟 𝐆𝐨𝐝)
📖 𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢:
Al-Ikhlas 112:1 قُلۡ هُوَ ٱللَّهُ أَحَدٌ Say, "He is Allāh, [who is] One,[1] Jedhi: "Inni Allaah (gabbaramaa dhugaa) tokkicha.[1]
📜 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢:
“Yaa Israa'el dhaga'i! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha!” [Seera Keessa Deebii 6:4] “Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.” — [Maarqoos 12:29] ━━━━━✨━━━━━
2️⃣ 𝐈𝐬𝐚 𝐐𝐨𝐟𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐛𝐚𝐫𝐮𝐮 / 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐮𝐮 (𝐖𝐨𝐫𝐬𝐡𝐢𝐩 𝐆𝐨𝐝 𝐀𝐥𝐨𝐧𝐞)
📖 𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢:
Ṭā Hā 20:14 إِنَّنِيٓ أَنَا ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعۡبُدۡنِي وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ لِذِكۡرِيٓ Indeed, I am Allāh. There is no deity except Me, so worship Me and establish prayer for My remembrance. Ani anumaatu Allaahdha; dhugaan gabbaramaan hin jiru Ana malee! Ana gabbari. Yaadannoo kiyyaaf salaata seeraan salaati.
📜 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢:
“Yommus Yesus immoo, "Seexana nana, argaa koo duraa turi! 'Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!' kan jedhu caafameera" jedheen.” [Maatiwoos 4:10] ━━━━━✨━━━━━
3️⃣ 𝐄𝐞𝐧𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐍𝐚𝐛𝐢𝐢 𝐄𝐞𝐬𝐚𝐚 / 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 (𝐉𝐞𝐬𝐮𝐬 𝐚𝐬 𝐚 𝐏𝐫𝐨𝐩𝐡𝐞𝐭)
📖 𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢:
Maryam 19:30 قَالَ إِنِّي عَبۡدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِيَ ٱلۡكِتَٰبَ وَجَعَلَنِي نَبِيࣰّا  [Jesus] said, "Indeed, I am the servant of Allāh. He has given me the Scripture and made me a prophet. (daa’imichi) ni jedhe: “ ani gabricha Rabbiiti, Inni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira.
📜 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢:
“Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiiiaa ti" jedhee deebise.” [Maatiwoos 21:11] ━━━━━✨━━━━━ Dhugaan amantaa hundee irratti Tokkummaa Uumaa (Rabbii) amanuu fi Isa qofa gabbaruu irratti kan hunda'eedha. 📚 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐂𝐨𝐦𝐩𝐚𝐫𝐚𝐭𝐢𝐯𝐞 𝐟𝐢 𝐊𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐨𝐭𝐚 𝐝𝐚𝐛𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚𝐚𝐟 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐉𝐎𝐈𝐍 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚! 👇 𝐉𝐨𝐢𝐧 𝐇𝐞𝐫𝐞: 👇 🔗 https://t.me/+LjQDHUqKPAYzYjE0 🔗 https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0
06 اوت, 14:07

📢 𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀! 📢 𝑯𝒂𝒍𝒒𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒃𝒃𝒂𝒂 𝑱𝒊𝒇𝒂𝒂𝒓 bifa idileetiin (lafarratti) magaalaa Jimmaa keessatti barattoota kumaatamaan lakkaa'aman fanniiwwan barnoota Islaamaa guutuu barsiisaa jiraachuun isaa ni beekama. 𝑨𝒍𝒉𝒂𝒎𝒅𝒖𝒍𝒊𝒍𝒍𝒂𝒉! Amma immoo barnoota lafarratti baratamaa jiru kana bifa sagaleetiin (Audio) waraabuudhaan darsiiwwan garaa garaa chanalii kana irratti maxxansuu jalqabeera. ✨ 𝑭𝒂𝒏𝒏𝒊𝒊𝒘𝒘𝒂𝒏 (𝑮𝒐𝒔𝒂 𝑩𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂) 𝑫𝒉𝒊𝒉𝒂𝒂𝒕𝒂𝒏: 📖 𝑨𝒒𝒊𝒊𝒅𝒂𝒂 & 𝑻𝒂𝒘𝒉𝒊𝒊𝒅𝒂 ⚖️ 𝑭𝒊𝒒𝒉𝒊𝒊 & 𝑴𝒔𝒖𝒖𝒍𝒖𝒍-𝑭𝒊𝒒𝒉𝒊𝒊 📜 𝑯𝒂𝒅𝒊𝒊𝒔𝒂 & 𝑺𝒆𝒆𝒏𝒂𝒂 (𝑺𝒊𝒊𝒓𝒂𝒂) 🗣️ 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒓𝒂𝒃𝒊𝒇𝒇𝒂𝒂 (Nahwii, Sarfii, Balaagaa, Manxiqaa fi kanneen biroos...) 🎙️ 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏: Sheikh Saddaam Huseen Kanaafuu, obboloonni bakka jirtan irraa barnoota kana hordofuu fi beekumsa keessan gabbifachuu barbaaddan 𝑱𝑶𝑰𝑵 godhuudhaan irraa fayyadamaa! Hiriyoota keessaniifis 𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬 godhaa! 🔗 𝑳𝒊𝒏𝒌𝒊𝒊 𝑪𝒉𝒂𝒏𝒂𝒍𝒊𝒊: https://t.me/+N8Z16msrdWhmYzJk https://t.me/+LjQDHUqKPAYzYjE0 https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0
03 اوت, 14:40

QUR’AANNI JECHA ALLAAHAA TAHUU SABACHISUU.
[At-Taubah 9:6] {وَإِنۡ أَحَدࣱ مِّنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ ٱسۡتَجَارَكَ فَأَجِرۡهُ حَتَّىٰ يَسۡمَعَ كَلَٰمَ ٱللَّهِ ثُمَّ أَبۡلِغۡهُ مَأۡمَنَهُۥۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ قَوۡمࣱ لَّا يَعۡلَمُونَ} {Yoo tokkoon qindeessitoota irraa ta’e nagaya gochuu sirra barbaade,nagaya isaaf godhi hanga inni jecha Rabbii (qur'aana) dhagahutti, Sana booda iddoo nagaya isaatiin isa ga’i, Kun waan isaan ummata hin beekne ta’aniifi.} [Al-Baqarah 2:75] {۞أَفَتَطۡمَعُونَ أَن يُؤۡمِنُواْ لَكُمۡ وَقَدۡ كَانَ فَرِيقࣱ مِّنۡهُمۡ يَسۡمَعُونَ كَلَٰمَ ٱللَّهِ ثُمَّ يُحَرِّفُونَهُۥ مِنۢ بَعۡدِ مَا عَقَلُوهُ وَهُمۡ يَعۡلَمُونَ} {Sila! isiniif amanuu kajeeltuu? kan gareen isaan (Yahuudaa) irraa ta’e haasa’a Rabbii dhaga’anii eega hubatanii booda odoo beekanuu jijjiiran jiranuu.} [Al-Fath 48:15] {يُرِيدُونَ أَن يُبَدِّلُواْ كَلَٰمَ ٱللَّهِۚ قُل لَّن تَتَّبِعُونَا كَذَٰلِكُمۡ قَالَ ٱللَّهُ مِن قَبۡلُۖ فَسَيَقُولُونَ بَلۡ تَحۡسُدُونَنَاۚ بَلۡ كَانُواْ لَا يَفۡقَهُونَ إِلَّا قَلِيلࣰا} {Jecha Rabbii jijjiiruu fedhu. “Nu hin hordoftan! Rabbiin duraanis akkasuma jedhe” jedhiin. “Isin nu waanyitu (hassaddu)” jechuuf jiru. Waa xiqqoo malee hin hubatanu.} [Al-Kahf 18:27] {وَٱتۡلُ مَآ أُوحِيَ إِلَيۡكَ مِن كِتَابِ رَبِّكَۖ لَا مُبَدِّلَ لِكَلِمَٰتِهِۦ وَلَن تَجِدَ مِن دُونِهِۦ مُلۡتَحَدࣰا} {Waan kitaaba Gooftaa keetii (Qur’aana) irraa gara keetti beeksisa godhame dubbisi, Jechoota Isaatii jijjiiraan hin jiru. Isa malee iddoo itti dabdan hin argattu.} [An-Naml 27:76] {إِنَّ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ يَقُصُّ عَلَىٰ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ أَكۡثَرَ ٱلَّذِي هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ} [Dhugumatti, Qur’aanni kun Ilmaan Israa’iil irratti irra hedduu waan isaan isa keessatti wal dhabanii isaaniif odeessa.]
IBSA.
Aayaatoota dabarsine keessatti Qur’aanni jecha Rabbii tahuu hubbanaa. Ahlus-Sunnaan Qur’aanni amma Muslimootni bakka hunda dubbisan kuni jecha Rabbii tahuu amanan. Qur’aanii jecha Rabbiiti, Jibriil Rabbiiraa dhagahee Nabi Muhammad Jibriil irraa dhagaye, Nabi Muhammad Sahaaboota irratti qara’ee isaanis Isarraa dhagayan, haaluma kanaan hanga guyyaa arraatti qara’amaa dhagayamaa jira. Sagaleen namni Qur’aanaan qara’u tan abbaa qara’ee yoo taatu jechi inni dubbisaa jiru kan dhagayamu sun ammoo jecha Rabbii.
QUR’AANA RABBIIN BUUSUU SABACHISUU.
[Al-An'am 6:92] ﴿وَهَٰذَا كِتَابٌ أَنزَلْنَاهُ مُبَارَكٌ﴾ Ragaan jecha Rabbiiti: {kun kitaaba nuti buufne, kan barakaa qabu.} [Al-Hashr 59:21] {لَوۡ أَنزَلۡنَا هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ عَلَىٰ جَبَلࣲ لَّرَأَيۡتَهُۥ خَٰشِعࣰا مُّتَصَدِّعࣰا مِّنۡ خَشۡيَةِ ٱللَّهِۚ } {Odoo Qur'aana kana gaara irratti buufnee, silaa isa nigarta sodaataa dhodhoohaa sodaa Rabbiirraa.} [An-Nahl 16:101 - 103] {وَإِذَا بَدَّلۡنَآ ءَايَةࣰ مَّكَانَ ءَايَةࣲ وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا يُنَزِّلُ قَالُوٓاْ إِنَّمَآ أَنتَ مُفۡتَرِۭۚ بَلۡ أَكۡثَرُهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ  ۝ قُلۡ نَزَّلَهُۥ رُوحُ ٱلۡقُدُسِ مِن رَّبِّكَ بِٱلۡحَقِّ لِيُثَبِّتَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَهُدࣰى وَبُشۡرَىٰ لِلۡمُسۡلِمِينَ  ۝ وَلَقَدۡ نَعۡلَمُ أَنَّهُمۡ يَقُولُونَ إِنَّمَا يُعَلِّمُهُۥ بَشَرࣱۗ لِّسَانُ ٱلَّذِي يُلۡحِدُونَ إِلَيۡهِ أَعۡجَمِيࣱّ وَهَٰذَا لِسَانٌ عَرَبِيࣱّ مُّبِينٌ}  {Yeroo keeyyata tokko bakka keeyyata biraa jijjiirre, Rabbiin waan buusu akkan beekaadha; “Ati (yaa Muhammad!) soba of biraa uumaa malee kan biraa miti” jedhu. Dhugumatti irra baay’een isaanii hin beekanu.} {Jedhi ruuhul qudus (Jibriil) Gooftaa kee irraa dhugaan isa (Qur'aana) buuse, Akka warra amanan (haqa irra) gadi dhaabuuf, Muslimootaaf qajeelumaafi gammachuu ta’ee (buuse).} {Nuti dhugumatti “kan (Qur’aana) isa barsiisu nama malee waan biraa miti” jechuu isaanii ni beekna. Qooqni inni isaan gara isaatti jallisanii ‘Ajamii’dha, (Qur’aanni) kun immoo qooqa Arabiffaa ifa bahaadha.}
IBSA.
Aayaatoota dabarsine keessatti Qur’aana Rabbiin buusuu hubanna. Qur’aanii waan Nabi Muhammad ifiif uumee miti garuu Rabbii irraa karaa Malaayikaa Isaa Jibriiliin Nabi Muhammad irratti buuse. https://t.me/Rafiiqul_Islaam/35
02 اوت, 09:06

Macaafa Qulqulluu keessatti yommuu ibsa waa’ee nabiyyii keenya kabajamoo (Sallallaahu Alayhi Wasallam) haasofnu, warroota kitaabaa wajjin onnee guutuun marii godhuuf ragaa gahaa qabna; sababni isaatis dhugaawwan mirkanaayan muraasonni wanta jiraniif. Yommuu gaafii sadarkaa addunyaa kan jireenya yeroo maraa irraa eegallu nuti akka muslimootaatti isaaniif ragaalee mirkanaayan dhiheessuun beekkumsa gad fagoo isa hubannoo ilaalchaa uumaa ta’ee fayyadamuu qabna. Isa ilaacha warroota kitaabaa kan dogoggoraa san gara sirrii kan jijjiiru ta’e qabatamaan dhiheessuu qabna. Nuti waa’ee nabiyyii keenya kabajamaa (Sallallaahu Alayhi Wasallam) dhugaawwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran qorachuu akka dandeenyu Qur’aana keessa akeekaa kanneen ta’an qabxiilee “Dhugumaan qaama keessa foon bicuun takka ni jirti; yommuu isheen balloofte qaamni guutuun ni ballaaya. Yoo isheen sirroofte qaamni guutuun ni sirraaya; dammaqaa! Isheenillee onnee dha.” Sadarkaa addunyaatti walqunnamtiin amantii jidduu jiru guddachuun isaa carraawwanii fi falmiiwwan heddu uumeera. Sababa kanaan yeroo tokko tokko sammuu qormaataa fi shakkiin tokko kan biro wajjiin waldhabu isa muudata. Waa’ee addunyaa dhugaa hubannoo dogoggoraa qabnu dhabamsiisuuf onnee irratti irkachuun nurra jiraata. Yoo kana goonu, waa’ee nabiyyii islaamaa kan dhugaa tokko taanee ilaalcha addunyaa kan dogoggoraa dhabamsiisuu ni dandeenya. Onnee qulqulluu fi sammuu gad fagoon jireenya kee kan amantaa keessatti dhiibbaa ol’aanaa fiduu ni dandeetta. Adeemsa akkanaatiin bilisummaan sirrii fi dogoggora jiddutti filachuun ni jira. Kana godhuun jireenya daangaa hin qabne argachuu ni dandeetta, dhugaa dha heeyyama Allaahaatiin. Macaafa Qulqulluu keessatti yommuu ibsa waa’ee nabiyyii keenya kabajamoo (Sallallaahu Alayhi Wasallam) haasofnu, warroota kitaabaa wajjin onnee guutuun marii godhuuf ragaa gahaa qabna; sababni isaatis dhugaawwan mirkanaayan muraasonni wanta jiraniif. Yommuu gaafii sadarkaa addunyaa kan jireenya yeroo maraa irraa eegallu nuti akka muslimootaatti isaaniif ragaalee mirkanaayan dhiheessuun beekkumsa gad fagoo isa hubannoo ilaalchaa uumaa ta’ee fayyadamuu qabna. Isa ilaacha warroota kitaabaa kan dogoggoraa san gara sirrii kan jijjiiru ta’e qabatamaan dhiheessuu qabna. Nuti waa’ee nabiyyii keenya kabajamaa (Sallallaahu Alayhi Wasallam) dhugaawwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran qorachuu akka dandeenyu Qur’aana keessa akeekaa kanneen ta’an qabxiilee raggaasisan ni qabna. Kanniin keessaa dhugaa dhaa muraastootni kanneen asi olitti caqasamanii dha. Kanaafuu, asi olitti kanneen tuqamanii fi keewwattoota Qur’aanaa kanneen birootis akkaan qalbeeffachuun nabiyyii keenya kabajamoo (Sallallaahu Alayhi Wasallam) gama ibsitoota Macaafa Qulqulluutiin hiikuun barbaachisummaa bu’uraa qabu. Isaan dhugaa dhoksuuf hanga barbaadan carraaqqii godhuuf yoo yaalanii fi yoo ifaajan, ibsitootni kunniin seenaa, jireenya, akkaataa taa’umsa lafaa, gochootaa fi namummaa/eenyummaa nabiyyii islaamaa kabajamoo (Sallallaahu Alayhi Wasallam) wajjiin kanneen akkaan walsimatanii fi isaaniin alatti seenaa ilmaan namaa keessatti nabiyyoota birootiif kanneen hin mallee dha. Kun kan muldhisu islaamummaan laabooraatoorii Macaafa Qulqulluu keessatti raggaasifamee kan mirkanaayee ta’uu isaa ti. Warri kitaabaa dhugaawwan kanniin kijibsiisuuf yoo uggan, kun kan muldhisu isaan kitaabaa dhuunfaa isaanii akka waan kijibsiisaniiti. Dhugaa dhoksuuf carraaqqiin isaanii ol’aanaan akkuma jirutti ta’ee, Macaafni Qulqulluun ergamaa Allaaha kan sadarkaa addunyaa, isa ilmaan namaa hundaa gara daandii qajeelaa hoogganuu kan danda’u baruumsa islaamummaa wajjiin odeeffannoo sirreessee walitti firoomsa. https://t.me/Rafiiqul_Islaam/32
30 ژوئیه, 15:51

Warri Kitaabaa Dhugaa Dhoksuu Isaanii
Allaahaan (Subhaanahu Wata’aalaa) akkana jedha:
“Yaa Ilmaan Israa’il! Tola kiyya kan Ani isin irratti oole yaadadhaa. Waadaa kiyyas guutaa; Anis waadaa keessan ni guuta. Ana qofas sodaadhaa. Waan (Qur’aana) Ani buuse kan dhugo’oomsaa waan isin bira jiruu (tawraati fi wangeelii) ta’ettis amanaa. Jalqaba mama isatti kafarees hin ta’inaa. Keewwatoota kiyyaanis gatii xiqqoon hin bitatinaa; ammas Ana qofa sodaadha. Haqas kijibaan walitti hin makinaa; odoo beektanis dhugaa hin dhoksinaa.” (Al-Qur’aan 2:40-42)
Dhugaa dhokfame san hubatuuf, yommuu dhimma kana qorannu obsaa fi sammuu keessan kan logii irraa bilisa ta’e kabajaan ni gaafanna; sababni isaatis akka ilmaan isaanii kanneen dhiiraatti osoo beekan ilmaan Israa’eel waa’ee nabi Muhammad (Sallallaahu Alayhi Wasallam) dhugaa beekaa dhoksanii jiru. Allaahaan (Subhaanahu Wata’aalaa) akkana jedha:
“Warreen kitaaba isaanif kennine (yahuudotaa fi kiristaanonni) akka ilmaan isaanii beekanitti isa (nabi Muhammadiin) beeku. Garuu dhugumatti gareewwan isaan irraa ta’an gariin odoo beekan dhugaa dhoksan. Dhugaan (kun) Gooftaa kee irraa dhufe. Kanaaf warreen maman irraa hin ta’in.” (Al-Qur’aan 2:146-147)
Israa’eelonni nabiyyicha kabajamoo irraa fuula isaanii akka garagalchan kan isaan godhe qabxiin duraa fedhiin isaanii kan wantoota duniyaa (material needs) qaban irra caalaa guddachuu isaa yoo ta’u hanga sadarkaa isaanii wanta kana irraa isaan sosochosu hin jirretti adeeman. Kan biroo hafee ajajni Gooftaa ol’aanaa illee isaan hin deebifne. Kanaafuu, fedhii mataa isaaniitiif gabricha ta’uuf gahan. Kana irraa kan ka’e Allaahaan (Subhaanahu Wata’aalaa) akkana jedha:
“Dhugumatti, Nuti Muusaaf kitaaba kenniinee jirra; isa boodas ergamoota walitti aansinee (erguun isatti) hordofsiifnee jirra. Iisaa ilma Maryamiifis mallattoowwan ifa ta’an kenninee jirra; Hafuura Qulqulluunis (Jibriilinis-AS) isa jajjabeessinee jirra. Sila isin yeroo ergamaan tokko waan lubbuun teessan hin feenen isinitti dhufe hunda ni boontuu? Akka kanaanis garii kijibsiiftanii jirtu; gariis ajjeeftanii jirtu.” (Al-Qur’aan 2:87)
“Yaa warra kitaabaa! Ergamaan keenya kan irra hedduu kitaabaa irraa isa isin dhoksaa turtan isiniif ibsuu fi baay’ee isaa immoo dhiifamaan irra isiniif darbu isiniif dhufeera. Dhugumatti, Rabbiin irraa nuura fi kitaaba ifa ta’etu isiniif dhufe. Rabbiin sanaan nama jaalala Isaa hordofe karaalee nagaa (isaan) qajeelcha. (Ammas isaan) dukkannoota irraa gara ifnanaatti hayyama Isaatin isaan baasa. (Isumaan) gara karaa sirrii ta’ees isaan qajeelcha.” (Al-Qur’aan 5:15-16) Hadiisa Nu’imaan Ibnu Bashiir (Radiyallaahu Anhu)⁴ odeessaniin nabi Muhammad (Sallallaahu Alayhi Wasallam) akkana jechuun isaanii gabaafameera: “Dhugumaan qaama keessa foon bicuun takka ni jirti; yommuu isheen balloofte qaamni guutuun ni ballaaya. Yoo isheen sirroofte qaamni guutuun ni sirraaya; dammaqaa! Isheenillee onnee dha.” Sadarkaa addunyaatti walqunnamtiin amantii jidduu jiru guddachuun isaa carraawwanii fi falmiiwwan heddu uumeera. Sababa kanaan yeroo tokko tokko sammuu qormaataa fi shakkiin tokko kan biro wajjiin waldhabu isa muudata. Waa’ee addunyaa dhugaa hubannoo dogoggoraa qabnu dhabamsiisuuf onnee irratti irkachuun nurra jiraata. Yoo kana goonu, waa’ee nabiyyii islaamaa kan dhugaa tokko taanee ilaalcha addunyaa kan dogoggoraa dhabamsiisuu ni dandeenya. Onnee qulqulluu fi sammuu gad fagoon jireenya kee kan amantaa keessatti dhiibbaa ol’aanaa fiduu ni dandeetta. Adeemsa akkanaatiin bilisummaan sirrii fi dogoggora jiddutti filachuun ni jira. Kana godhuun jireenya daangaa hin qabne argachuu ni dandeetta, dhugaa dha heeyyama Allaahaatiin.
Inshaa Allaah Itti fufaa.....
https://t.me/Rafiiqul_Islaam/31
28 ژوئیه, 02:10

𝑨𝒔𝒔𝒂𝒍𝒂𝒂𝒎𝒖 𝑨𝒍𝒆𝒚𝒊𝒌𝒖𝒎 𝑾𝒐𝒓𝒂𝒉𝒎𝒂𝒕𝒖𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉𝒊 𝑾𝒐𝒃𝒂𝒓𝒂𝒌𝒂𝒂𝒕𝒖𝒉𝒖𝒖 الحمد لله رب العالمين 🤲 Gamm
𝑨𝒔𝒔𝒂𝒍𝒂𝒂𝒎𝒖 𝑨𝒍𝒆𝒚𝒊𝒌𝒖𝒎 𝑾𝒐𝒓𝒂𝒉𝒎𝒂𝒕𝒖𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉𝒊 𝑾𝒐𝒃𝒂𝒓𝒂𝒌𝒂𝒂𝒕𝒖𝒉𝒖𝒖 الحمد لله رب العالمين 🤲 Gammachuu guddaadhaan isin beeksisna! 🎉 Tola Rabbiitiin ergasii deeggarsa keessaniin fuulli Telegram keenya hordoftoota 1,000 (1️⃣🔠) ga'eera. Kun milkaa'ina keenya qofa osoo hin taane, milkaa'ina maatii keenya hundaati. Galanni guddaan Rabbii keenyaaf haa ta'u. Itti aansuunis, galata guddaa isin hundaaf dhiyeessina. Jaalalli, deeggarsi, qoodinsi fi jajjabeessi isin nuuf taasistan hojii kana cimsuun akka itti fufu nu taasiseera. Rabbiin (ﷻ) hunda keessan mindaa gaarii haa badhaasu. Hojii gaarii kana ikhlaasa irratti nu haa tikfatu. Beekumsa bu'a qabeessa babal'isuu keessatti nu haa milkeessu. Aamiin. 🤝 Amma illee nu deeggaruu itti fufaa.🍎 Maxxansa keenya qoodaa. 🌐 Hiriyoota keessan nu hordofsiisaa. 🌹 Jazaakumullaahu Khayran Kasiiran. Baarakallaahu fiikum. 🤍 Join godhaa Irraa fayyadamaa!! https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0 https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0
24 ژوئیه, 14:15

𝐍𝐀𝐌𝐎𝐎𝐍𝐍𝐈 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌𝐔𝐌𝐌𝐀𝐀𝐍 𝐀𝐉𝐉𝐄𝐄𝐂𝐇𝐀𝐀𝐓𝐓𝐈 𝐀𝐉𝐀𝐉𝐀 𝐉𝐄𝐓𝐓𝐀𝐍𝐈𝐈𝐅 𝐌𝐄𝐄 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀 𝐐𝐔𝐑'𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀 𝐅𝐈𝐈 𝐌𝐀𝐂𝐀𝐀𝐅𝐀 𝐈𝐑𝐑𝐀𝐀 𝐖𝐎𝐋 𝐁𝐈𝐑𝐀 𝐐𝐀𝐁𝐔𝐔𝐃𝐇𝐀𝐀𝐍 𝐇𝐀𝐀 𝐈𝐋𝐀𝐀𝐋𝐋𝐔𝐔!!
 Join @Rafiiqul_Islaam godhaa!! ﴿مِنْ أَجْلِ ذَٰلِكَ كَتَبْنَا عَلَىٰ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ أَنَّهُۥ مَن قَتَلَ نَفْسًۢا بِغَيْرِ نَفْسٍ أَوْ فَسَادٍۢ فِى ٱلْأَرْضِ فَكَأَنَّمَا قَتَلَ ٱلنَّاسَ جَمِيعًۭا وَمَنْ أَحْيَاهَا فَكَأَنَّمَآ أَحْيَا ٱلنَّاسَ جَمِيعًۭا ۚ وَلَقَدْ جَآءَتْهُمْ رُسُلُنَا بِٱلْبَيِّنَٰتِ ثُمَّ إِنَّ كَثِيرًۭا مِّنْهُم بَعْدَ ذَٰلِكَ فِى ٱلْأَرْضِ لَمُسْرِفُونَ﴾ Sababa kanaan Ilmaan Israa’iil irratti ’’namni lubbuu tokko lubbuu biraatiin yookiin dachii keessa balleessuun alatti ajjeese akka waan nama hunda ajjeeseti; namni ishee jiraachises akka waan nama hunda jiraachiseeti’’ jechuu murteessineDhugumatti, ergamoonni keenya ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhuftee jirtiErgasii irra hedduun isaanii sana booda dachii keessatti daangaa dabroodha. [ المائدة]-(32 : 5) “Iddoo koo isa qulqullaa'aatti jalqabaatii, jaarsa, dubartii, dargaggeessa, durba, ijoollee xixinnoo, ajjeesaa! Haa ta'u iyyuu malee, warra milikkita of irraa qaban keessaa nama tokkotti illee hin dhi'aatinaa!" jedhe; isaanis jaarsolii mana qulqullummaa dura turanitti in jalqaban.”   — His. 9:6 “"Isin kan abbaa isa tokkoo, kan Seexanaa ti; kajeellaa hamaa isa kan abbaa keessaniis gochuu in feetu. Jalqabumaa jalqabee inni sun nama ajjeesaa ture; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne. Inni sobaa dha, abbaa sobaa tis; kanaaf yommuu sobu isa garaa isaa keessa jiru in dubbata.”   — Yoh. 8:44 “Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu, halalummaa fi xuraa'ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa'amus, of keessaa ajjeesaa.”   — Qol. 3:5 “Yoyaadaan lubichi isheen mana qulqullummaa keessatti akka ajjeefamtu waan hin barbaanneef, "Tarree keessan gidduudhaa gad ishee baasaa! Nama ishee duukaa bu'uu barbaadus billaadhaan ajjeesaa!" jedhee, angafoota dhibbaa in abboome.”   — 2Mot. 11:15 “Ahaaziyaan mootiin Yihudaa wanta ta'e kana yommuu arge, karaa Bet-Haagan irra ol in baqate; Yehuun garuu sagalee guddaadhaan, "Isas immoo ajjeesaa!" jechaa, isa in ari'e; ol ba'a Guuritti mandara Yible'aam bukkeetti konkolaataa isaa keessatti isa in madeessan; inni garuu Megidootti baqatee achitti in du'e.”   — 2Mot. 9:27 “Namoota wayyi irraa hin bunne, 'Utuu inni Waaqayyoo fi mootii arrabsuu dhageenyeerra' jedhanii sobaan dhugaa irratti ba'an lama qopheessaatii fuullee isaa teessisaatii isa irratti dhugaa baasisaa! Kana booddees mandarattii keessaa gad baasaatii dhagaadhaan dha'aatii isa ajjeesaa!" kan jedhu ture.”   — 1Mot. 21:10 “Iizaabel yeroo raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti, Obaadiyaan immoo raajota dhibba tokko jalaa fuudhee, shantama shantamaan holqa dhagaa keessa isaan dhoksee, achitti buddeenaa fi bishaan in kennisiisaaf ture.”   — 1Mot. 18:4 “Saa'ol kana irratti, "Daawitin ajjeesaa!" jedhee, ilma isaa Yonaataanitti, hojjetoota isaa hundumaattis in hime; Yonaataan garuu Daawitin baay'isee waan jaallatuuf,”   — 1Sam. 19:1 “Warra mandara sana keessa jiraatan hundumaa billaadhaan ajjeesaa! Saba sanaa fi horii isaanii hundumaa qara billaatiin raawwadhaa balleessaa!”   — Kes. 13:15 “Museen kana irratti abboota firdii warra Israa'eliin, "Isin tokkon tokkon keessan nama keessan keessaa Ba'aal isa Phe'or nama waaqeffatu ajjeesaa!" jedhe.”   — Lak. 25:5 𝐐oph𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚𝐧: 𝚁𝙰𝙵𝙸𝙸𝚀𝚄𝙻 𝙸𝚂𝙻𝙰𝙰𝙼 https://t.me/Rafiiqul_Islaam/29
23 ژوئیه, 07:02

Rabbiin keenya tokkicha malee kan biraa hin jiru. #Roomaa:- 3:30 "ወይስ እግዚአብሔር የአይሁድ ብቻ አምላክ ነውን? የአሕዛብስ ደግሞ አምላክ አይደለምን? አዎን፥ የተገረዘን ስለ እምነት ያልተገረዘንም በእምነት የሚያጸድቅ አምላክ አንድ ስለ ሆነ የአሕዛብ ደግሞ አምላክ ነው። "Waaqayyo tokkicha erga ta’ee, saba yahuudotaa warra dhagna qabatan amantii isaaniitiin, saba warra kaan warra dhagna hin qabatinis amantiidhuma isaaniitiin qajeelota isaan ni godhata". #Phawuloos; ummata roomaa jiraniif, akka itti Waaqayyoo qajeela nama godhu yeennaa barreessu, #Waaqayyo_tokko” jedhe. waaqayyo tokkichi kunis, waaqa isa saba hunda abboomu ta’uu ibse. Saba yihuudaas saba kaanis hundumaaf waaqa akka ta’es ni ibse. 🛑 Macaafa keessaa bakka baay’eetti; Yesuus, “yaa Israa’eel” jechuun lallabaa akka ture beekamaadha. Maaliif ummata Israa’eel qofa maqaa dhahee waamuu filate? Bakka biraatti immoo, “Ani hoolota mana Israa’eelii bada qofaafan ergame” maaliif jedhe? Kun; Yesuus, ummata hunda abboomuu akka hin dandeenye nu hubachiisa. #Sirriidhas. Yesuus, barsiisaadha waan ta’eef, barsiisaan tokko biyya hunda barsiisuu hin danda’u. Waaqni garuu, waan hunda danda’aa waan ta’eef, saba hunda akka humna isaatti abboomuu fi qajeelchuu ni danda’a. 🔴 Phaawus, akka kanatti barsiise. Ummatni Roomaas akka kanatti fudhatani. Warri ammaa, waan macaafa keessa hin jirre fidanii, dogongoratti maaliif seenani? قُلۡ أَغَيۡرَ ٱللَّهِ أَبۡغِي رَبࣰّا وَهُوَ رَبُّ كُلِّ شَيۡءࣲۚ وَلَا تَكۡسِبُ كُلُّ نَفۡسٍ إِلَّا عَلَيۡهَاۚ Jedhi: "Sila ani Rabbiin ala Gooftaa biraa barbaadaa odoo Inni Gooftaa waan hundaa ta’ee jiru? Lubbuun hundi isheedhuma irratti malee (badii) hin hojjattu. [An'am 6:164] https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa
17 ژوئیه, 11:15