fa
Feedback
Diinaa'ol Kumaa

Diinaa'ol Kumaa

رفتن به کانال در Telegram

Rakkina kee rakkisaa keetti hin himiin.

نمایش بیشتر
کشور مشخص نشده استدسته بندی مشخص نشده است
1 384
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
-17 روز
-2030 روز
آرشیو پست ها
Labsii Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa, Lakk. 248/2015

+3
Volume-12 (1).pdf6.07 MB

+9
ቅፅ_27_የፌ_ጠ_ፍ_ቤት_ሠበር_ሰሚ_ችሎት_ውሳኔዎች_1.pdf4.41 MB

+9
Volume-6 (1).pdf1.97 MB

+9
Civil-and-Family-Registration-Proclamation-No.-1370-2025 (1).pdf1.85 MB

+9
Yaadii Duroomi (1).pdf1.49 MB

ፊንፍኔ እና ታሪኳ.pdf1.55 MB

IMG_20260812_045748_249.jpg1.17 KB

Yaadni Furmaataa Marii Biyyoolessaa Irraa Argamu Bu'aa Kallattiidhaan Tumaalee Heera Fooyyessiisuu Ni Qabaa?**^^^^√√√√^^^^^^√√√√√√√^^^^^^^^√√√√√ ✅Labsiin Koomishinii Marii Biyyoolessaa Itoophiyaa Hundeessuuf bahe, Labsiin Lakk.1265/2014 kwt 4(2) jalatti itti waamamni koomishinichaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif ta'uu tuma. ✅Labsichi kwt 6(4) jalatti immoo kaayyoo koomishinichaa keessaa tokko Yaadotni furmaataa maricha irraa argame hojiirra akka ooluuf deeggarsa taasisuun lammilee, akkasumas mootummaafi uummata gidduutti sirni dimokiraasii wal amantaa irratti hundaa'e sadarkaa biyyoolessaatti akka ijaaramu taasisuu ta'uu ibseera. ✅Keewwata 9(10) jalattis, gahee hojiifi itti gaafatamummaawwan koomishinichaa keessaa tokko yaadota gorsaa (furmaataa) marii irraa argamanifi sanada tooftaa ittiin yaadni furmaataa hojiirra oolu ibsu qopheessuun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif, Qaama raawwachiistuudhaafi qaamolee mootummaa ilaallatan kan biroodhaaf kan dhiyeessuufi uummataaf ifa kan godhu ta'uu tumeera. ✅Kana malees, kwt 9(11) jalatti mootummaan yaadota furmaataa marii irraa argaman hojiirra oolchuu akka danda'uuf karoora ifaafi qabatamaa ta'e akka qopheeffatuuf deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta'uu tumeera. ✅Itti fufuun, kwt 21(2) jalatti aangoofi gahee hojii Manni Maree Koomishinichaa qabu tarreessuun isaan keessaa tokko yaadota furmaataa koreewwaniin qophaa'anii dhiyaataniifi marii Uummataatiin argaman tarreeffamaan sakatta'uunifi qindeessuun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif, Qaama Raawwachiistuufi qaama mootummaa ilaallatu biroodhaaf akka dhiyaatuuf murteessuu (mirkaneessuu) akka ta'e tumeera. 👉Tumaalee kanarraa kan hubatamu, koomishinichi To'annoofi Ol'aantummaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa jalatti hojii isaa kan hojjetu ta'uu; yaadota furmaataa marii irraa argamanis qaama kanaaf kan dhiyeessu ta'uu; adeemsa yaadota furmaataa dhiyaatan hojiirra oolchuuf deemamu keessattis deeggarsa kan taasisuufi hojiirra oolmaan isaas karoora ifaafi qabatamaa (adeemsa dabalataa biroo) qabaachuu kan qabu ta'uudha.👌Kanarra darbee, Yaadni Furmaataa dhiyaatu bu'aa Kallattiidhaan tumaalee heeraa fooyyessiisuu akka qabu labsichi hin akeeku. Heerri biyya keenyaa kan fooyya'u akkaataa (adeemsa) heericha kwt 105 jalatti tumameen ta'uun isaas ni beekama.

Labsii_Hundeeffama_Komishinii_Marii_Biyyaalessaa_Lak_1265_2015_Afaan.pdf1.09 KB

Dh/Ijibbaataa MMWF jildii 27ffaa lakk.galmee 213917 taherratti murtii dirqisiisaa hiikkoo seerraa kenneen "namni baduun isaa murtiin labsame(absentee) gaa'illi isaa guyyaa murtiin kun labsamerraa kaasee kan diigamu tahuun tumameera. Garuu namni bade jedhame deebi'ee argamuun gaa'illi diigame deebi'ee jiraachuun akka naaf murtaa'u jedhee seerummaan dhiheeffatu bu'ura seeraa hin qabu. Sababniis gaa'illi fedhii waliin jiraachuuf walfuutonni qaban irratti bu'ureeffama waan taheef"jedheera.

⚖️ QABEENYA BITTEE? MAQAAN ISAA GARA MAQAA KEETTI JIJJIIRAMUUN MAALIIF MURTEESSAADHA? 👇👇👇👇👇 Qabeenya tokko bituun qofti yeroo hunda nama tokko abbaa qabeenyaa guutuu hin taasistu. Seerri qabeenya tokko irratti mirgi abbummaa akka darbuuf adeemsa galmee seeraa akka hordofamu barbaada. 1. ✍️Jijjiirraa Maqaa Qabeenyaa (Transfer of Ownership) Qabeenya hin sochoone (fkn. mana, lafa) ykn qabeenya addaa socho'aa (fkn. konkolaataa) irratti mirgi abbummaa nama tokko irraa gara nama biraatti kan darbu, qaama mootummaa aangoo qabu biratti galmee seeraa keessatti maqaan abbaa qabeenyaa jijjiiramuun mirkanaa'a. 🚗 2. Konkolaataa Bitanii Harkatti Fudhachuun Qofti Abbummaa Hin Dabarsu 👉Konkolaataan qabeenya addaa socho'aa waan ta'eef, akkuma meeshaa socho'aa idilee tokkootti bitanii fudhachuun qofti abbummaa hin dabarsu. ✍️Kanaaf, namni konkolaataa bite tokko abbaa qabeenyaa seera qabeessa ta'uuf, maqaan isaa galmee mootummaa keessatti akka abbaa qabeenyaatti galmaa'uu qaba. 📌 Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa Galmee Lak. 41544, Jildii 8 👇👇👇 🏠 3. Qaamni Mootummaa Jijjiirraa Maqaa Yoo Dide Maal Ta'a? 👇👇👇👇👇 Namni tokko mana bitee, maqaan qabeenyaa (Title Deed) gara maqaa isaatti akka jijjiiramu fi kaartaan qabeenyaa (Title Map) maqaa isaatiin akka qophaa'u yoo gaafate, qaamni mootummaa aangoo qabu dirqama hojii kana raawwachuu qaba. ✍️Qaamni mootummaa kun hojii seeraan itti kenname yoo dide namni bite sun mirga isaa kabachiisuuf qaama mootummaa sana irratti himata dhiyeessuu danda'a. 👇Mana murtiinis qaamni mootummaa sun dirqama isaa akka bahu ajajuu ni danda'a. 📌 Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa Galmee Lakk. 49428, Jildii 11ffaa irratti murtii dirqisiisa kennee jirtaa. ✅ Xumura Seeraa 👉Namni qabeenya bite tokko mirga isaa eeguuf, jijjiirraa maqaa fi galmee seeraa sirnaan raawwachuu qaba.

Qajeelfama haarayaa jijjirraa Barsiisoota lakk 12 2018.pdf3.19 MB

Labsii Lak 128 Bara 1999 (1).pdf6.82 MB

Repost from Ardaa Seeraa
Namni yakkaan himatame kamiyyuu, gocha himatame sana raawwachuu isaa Abbaan Alangaa ragaa "shakkii Dhama qabeessaan olitti" (beyond reasonable doubt) yoo hin mirkaneessine, namni sun yakkamaadha jechuun murtii adabbii irratti kennuun hin danda'amu. Kana malees, osoo sadarkaan ragaa kun hin guutin murtiin balleessummaa fi adabbii kennamun Heera waliin kan wal hin simne ta'uu isaa, fi mirgi "akka nama qulqulluutti tilmaamamuu" Heera mootummaa RFDI Keewwata 20(3) waliin xiinxaluun Manni Maree Federeshinii hiika heeraa dirqisiisaa ta'e kenneera. Dabalataanis, himatamaan ofii isaa yakka hin raawwanne jechuun mirkaneessuun isa irraa hin eegamu. himatamaan kan gochuu qabu, ragaa Abbaan Alangaa dhiyeesse irratti shakkii madaalawaa  (reasonable doubt) uumuu qofa akka ta'e murtaa'eera. Murtii Mana Maree Federeshinii: • Lakkoofsa Galmee: 151 • Guyyaa: Waxabajjii 29, 2018 A.L.I kenname. https://t.me/Ardaaseeraa

Sababoonni hojjataan seeraan ala hojiirraagaggeeffame jechisiisan: 👉👉👉👉👉 A.✍️Hojjataan miseensa waldaa ta'uu ykn waldaa keessatti gochoota seeraa raawwachuuf mirga qaba,heera mootummaa keewwata 42. Sababa hojjataan miseensa waldaa ta'eef yoo hojiirraa gaggeeffame seeraan ala gaggeeffame jechuudha, Labsii Lakk.1156/2011 keewwata 26(2-A). #B✍️.sababa bakka bu'aa hojjattootaa ta'ee filatameef yoo hojiirraa gaggeeffame keewwata 26(2-B) '#C.✍️sababa hojjachiisaa isaa komateef ykn himateef yoo hojiirraa gaggeeffame,keewwata 26(2-C), #D.✍️Sababa sabummaa, amantii, saala,ilaalcha siyaasaa,bifa,fuudhaaf heeruma,ulfa ta'uu,qaama miidhamaa ta'uu ykn sadarkaa hawaasummaa isaatiin yoo hojiirraa gaggeeffame, seeraan ala hojiirraa gaggeeffame/ari'ame jechuudha,Labsicha keewwata 26(2-D). 👇👇👇👇👇👇 👇Hojjataan seeraan ala hojii irraa gaggeeffame akka haala isaatti hojiitti deebi'uu,yoo hojiitti deebi'uu hin barbaanne: ✔1️⃣.✍️Kanfaltii beenyaa akkaataa Labsicha keewwata 43(4)(B),32(1) tiin argachuuf mirga qaba, ✔2️⃣✍️.Kanfaltii hojii irraa gaggeeffamuu bu'uura Labsii Hojjataa fi Hojjachiisaa Lakkoofsa 1156/2011 keewwata 40(1) fi 39(1) tiin argachuu, ✔3️⃣.✍️Hojjataan qabeenya hojjachiisaa deebisee Kiliransii fudhateen booda adabbii sababa hojjachiisaan kanfaltii osoo hin kanfalin guyyaa 7 ol tursiiseef hanga mindaa ji'a 3,bu'uura Labsii keewwata 38 tiin argachuu, ✔4️⃣✍️.Kanfaltii boqonnaa yoo hin fayyadamin jiraate,Labsicha  keewwata 77(4), ✍️5️⃣.Hojii dabalataa hojjateef bu'uura Labsii lakk.1156/2011 keewwata 66 fi 68 tiin kanfaltii qarshii argachuuf mirga qaba, ✍️6️⃣.Bu'uura Labsii lakk.1156/2011 keewwata 12(8) tiin hojjataan ragaa muuxannoo hojii agarsiisu argachuuf mirga qaba,fi 👉7️⃣.Kanfaltii mindaa kan hin kanfalamin hafe argachuuf mirga qaba. suuraa tolchii

MMWF DhIj LG 225449 tahe irratti murtii kenname Durgoo abukaatoo kaffaluuf abbaan dhimmaa/maamilli abukaatoo waliin walii galee fi kan manni murtii durgoo abukaatoo hangana jedhee murteesse yoo kan abukaatoo fi maamilli kanaan dura irratti waliif galaniin gadi ta'e iyyuu, maamilli durgoo abukaatoof kaffaluuf walii gale sana akka hin kaffalle ykn akka gadi buusu kan Isa taasisu miti. Durgoo abukaatoof kaffaluuf walii gale sana maamilli sun ni kaffala kan jedhu qaba murtiin kun!

+1
Qormaata Seensaa MB Addaa Bultii Addaa BBO fi WMO 2014 (1).pdf1.31 MB

Ulaagaafi Qajeeltoo Raawwii Fooyya'e (1).pdf8.30 MB

𝐊𝐚𝐥aa𝐧𝐝𝐚𝐫𝐢𝐢_B𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚_Waliigalaa_B𝐚𝐫𝐚_Barnootaa_𝟐𝟎𝟏𝟗_BBO_Qopheessee.pdf7.74 KB