es
Feedback
https://t.me/Ijooseera

 https://t.me/Ijooseera

Ir al canal en Telegram
460
Suscriptores
Sin datos24 horas
-27 días
Sin datos30 días
Archivo de publicaciones
Bu'aa Diiggaa gaa'elaa (Effect of divorce) ✅Abbaan warraa fi haati warraa ergaa wal fuudhan gargar hin bahan jechuu mitii sababaa garagaraatiin gaa'ela isaani karaalee sadeen yeroo darbee isiinif ibseen isaaniis 1.Du'a ykn badiinsa(walfuutota keessaa tokko yoo du'e ykn Mana Murtiitiin murteen badiinsaa yoo kenname) ykn 2.Hir'ina ulaagaa bu'uuraa(fuudhaa fi heeruma raawwachuudhaaf haalaawwan barbaachisaa ta'an keessaa tokko sababa hin kabajamneef gaa'elli Mana Murtiitiin yoo diigame) ykn 3.Hiikkaa(murtii diiggaa gaa'elaa Mana Murtiitiin yoo kenname) dhaan diigaamu danda'aa,garu yeroo diigameeti bu'aale hordoofsisu qaba walii galattii ✅Diiggaan gaa'ela bu'aalee lama hordoofsisa 1.Bu'aa qabeenya(pecuniary effect)  fi 2.Bu'aa dhunfaa (personal effect) 1.Bu'aa Qabeenya(pecuniary effect) Bu'aa qabeenya jechuun:- qabeenya walfuutotni gaa'elaan duraafi booda horatan irraatti bu'aa gamaa dhunfaa ykn waliini hordofamuu jechuudha. Kanaaf gaa'ela kessaatti fi ergaa diigamee boodas bu'aa gamaa kanaan dhufuu iddoo lamatti qoodamee ilaalama ✅Qabeenyaa dhunfaa fi ✅Qabeenya walinii jedhamee 1-Bu'aa Qabeenyaa Dhunfaa ✅Seera Maatii Oromiyaa keewwata 74(2) Wal fuutotni guyyaa gaa'elaa isaani irratti kennaan dhunfaan kennamuuf yookiin erga wal fuudhan booda bifaa dhaamsan argataan akkaa qabeenya dhunfaatti fudhatamaa. ✅Ergaa wal fuudhan boodas bu'aan qabeenya dhunfaa saniin argamee fi qabeenyi dhunfaa san yoo gurgurames qabeenyuma dhunfaati jedhamaa.kunii raawwatiinsa kan qabaatu qabeenyii gurgurtaan argamee saan akkaa dhunfaa kootti haa anaaf lakkawamuu jedhee mana murtitti iyyatee yoo mirkana'eef qofadha kan san irraa hafee hundii qabeenya waliniiti taaha kana jechuun xaarii dhunfaa isaanitin yookiin waliitin galiin argamuu hundii jechuudha. ✅Haatii warraa fi Abbaan warraa waligaltee gaa'elaa isaani kessaatti qabeenya dhunfaa fi qabeenya walinii jechuun murteefachuu ni danda'aan. yeroo diiggaan gaa'elaa godhamuu mana murtiif qabeenya dhunfaa isaani akkaa ta'ee ibsuudhan deebisani fudhachuu ni danda'uu. #Qabeenyaa_Waliinii_Abbaa_Warraa_fi_Haadha_Warraa_Gaa 'ila_Keessatti: ✅"Qabeenya waliinii" jechuun qabeenya bu'aa fi galii qabeenya dhuunfaa fi waliinii irraa argamu,galii carraaqqii dhuunfaa irraa argamu;gaa'ila keessatti horatame,qabeenya dhuunfaa bu'uura Seera Maatii Oromiyaa keewwata 74(2) tiin argame yoo kan dhuunfaa jedhamee galmaa'een ala,qabeenyi kennaan ykn dhaamsaan argame haala addaatiin yoo kan dhuunfaa ta'uun hin ibsamin fi kan kana fakkaatan jechuudha. ✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Federaalaa Jildii 17ffaa Lakkoofsa Galmee 95680 ta'een "qabeenyi tokko gaaffii garee tokkoon kan dhuunfaati jedhamee akka mirkanaa'uuf gaafatamee Mana Murtiitiin yoo raggaasifame(galmaa'ee mirkanaa'e) malee qabeenya isaan itti bulaa fayyadamaa turan qabeenya waliinii abbaa warraaf haadha warraati jechuun Seera Maatii Oromiyaa keewwata 74(1)(2) waliin wal qabsiisuun murteessee ture. ✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 8ffaa Lakk.Galmee 37275 ta'een"qabeenyi Manaa gaa'elaan dura horatame tokko gurguramee maallaqa gurgurtaa irraa argameen Manni biroon gaa'ila keessatti yoo bitame Manni haaraa bitame kan dhuunfaa jedhamee hanga Mana Murtiitiin hin mirkanoofnetti qabeenya waliinii ta'a,kan dhuunfaa ta'ee itti fufuuf ykn mirkanaa'uu ykn bifa jijjiirachuu dhabuudha"jechuun hiikoo kennee ture. ✅#Dhaddachi_Ijibbaataa Federaalaa jildii 11ffaa Lakk.Galmee 50489 ta'een "qabeenyi abbaa manaa fi haadha manaa keessaa carraaqqii isa tokkootiin argamus qabeenya kan waliinii ta'a" jechuun murteessee ture. ✅#Qabeenyi /qarshiin gaa'ila keessatti deeggarsaan argamu qabeenya waliinii abbaa manaa fi haadha manaati jechuun #Dhaddachi Ijibbaataa Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 31430 ta'een fuula 237 irratti murteessee ture. ✅"Bulchiinsa qabeenya abbaa manaa fi haadha manaa" jechuun qabeenya isaan waliin qaban eeguu,kunuunsuu,galii sassaabuu, gurguruu fi kan kana fakkaatan kan dabalatuudha. ✅Abbaa warraa fi haati warraa qabeenya waliinii kunuunsuu,eeguu,galii sassaabuu fi gurguruuf mirga walqixa qabu.WFtd

Mana Gandaa/ Mootummaa. Adabbii labsii lakk.231/2013 kana dubbisa ❗ Bulchiinsa Manneen Mootummaa Ilaalchisee Gochoota Dhorkamaniin fi Adabbiiwwan Isaanii Gochoonni armaan gadii argaman Labsii Lakk. 231/2013, dambii lakk. 246/2016 fi qajeelfama Lakk. 28/2016 jalatti kan dhorkamaniin fi adabbii yakkaa kan hordofsiisanidha. A. Mana Mootummaa Seeraan ala qabachuu 👉 Namni seeraan ala mana mootummaa qabatee argame ykn Bulchiinsa magaalaatiin akka gadi lakkisu gaafatamee gadi lakkisuu dide kamiyyuu adabbii Hidhaa salphaa waggaa 1 gadi hin taanee fi waggaa 3 hin caallee fi adabbii mallaqaa qarshii 5000-20000tiin kan adabamu ta'a(labsii kewt. 86(2) B. Mana Mootummaa qaama sadaffaaf dabarsuu C. Mana Mootummaa gara maqaa nama dhuunfaatti jijjiiruu, ragaa Mana Mootummaa Haquu, dhoksuu fi balleessuu 👉 Namni kamiyyuu karaa seeraan ala ta'een ragaalee Manneen Mootummaa labsicha kewt 39(1)(a-h) jalatti ibsame keessaa tokko ykn tokkoo ol kan balleesse, akka hin dubbifamee kan taasise, dhoksee, kaartaa itti baasuun gara maqaa ofii ykn maqaa nama biraatti jijjiiire, haala mijeesse, kan mirkaneesse ykn osoo beekuu itti fayyadamee argame tumaa seera Yakkaa Malaammaltummaa(881/2007) jalatti kan itti gaafatamu ta'a(labsii Lakk. 231/2013)). D. Hayyama Malee Suphaa Mana Mootummaa raawwachuu ykn akkaataa, bocaa fi dizaayinii hayyamameen ala suphaa raawwachuu 👉  Namni kamiyyuu akkaataa hayyama kennameefii alatti ykn hayyama malee suphaa mana mootummaa kamiyyuu dizaayinii fi sadarkaa ykn Boca jijjiiree kan argame seera yakkaatiin caalmaan kan adabsiisu yoo ta'e malee adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 2 hanga waggaa 6 fi qarshii 10,000-50,000 gahuun kan adabamu ta'a(labsicha kewt 86(4)) E  Lafa Duwwaa Mana waliin Dhaalame Irratti ijaarsa raawwachuu 👉 Namni kamiyyuu lafa Manni Mootummaa Irraa diigame irratti ykn lafa Duwwaa manni mootummaa waliin Dhaalame irratti ykn mooraa mana mootummaa keessatti hayyama mootummaatiin alatti ijaarsa dhuunfaa kan raawwate seera yakkaatiin caalmaan kan adabsiisu yoo ta'e malee.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk

Leenjii SDFHH(kutaa 2ffaa) Leenjii HD Marsaa Addaa 2ffaatiif kenname. Bara 2017 By Elias kasa(Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa)

#Seera_Deemsa_Falmii_Yakkaa_Keessatti_Mirga_Ragaa_Abbaa_Alangaa_Ofirraa_Mormachuu_Himatamaa #Ragaa_Sanadaa_Abbaa_Alangaan_Dhiyaatu_Himatamaan_Yoom_Ofirraa_Mormuu_Qaba_? Namni yakkaan himatame tokko mirgoota bu’uuraa qabu keessaa mirgi dhagahamuu fi falmachuu isa bu’uuraa yemmuu ta’u kunis mirga waan ittiin himatame yookiin yakka irratti dhiyaate beekuu, ogeessaan gargaaramee deebii kennachuu, ragaa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (the right to challenge prosecution evidence) fi falmii fi ragaa ittisaa dhiyeeffachuu kan haammatuudha. Mirgoonni kunis akka bu’uuraatti Heera Mootummaa Rippaablika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 20 jalatti beekamtii fi eegumsi ifa ta’e taasifameefii argama. Akkasumas Seera Deemsa Falmii Yakkaa (SDFY) keewwata 124 - 127(1) (dhiyeessa himannaa fi ragaa), keewwata 129 – 132 (dhagaha falmii duraa), keewwata 136 – 141(dhagaha ragaa abbaa alangaa) fi akkasumas seericha keewwata 142 – 143 (dhagaha falmii fi ragaa ittisaa yookiin himatamaa) fi kkf diriirfamuun tumamee jira. Kana malees, waliigalteewwan mirga namoomaa Idil-Adunyaa biyyi keenya mallatteesite kanneen akka Waadaa Mirga Namoomaa Idil-Addunyaa (Universal Declaration of Human Rights), Kovanantii Mirgoota Siyaasaa fi Dhuunfaa Idil-Addunyaa (ICCPRs) fi kkf keessattis mirgoonni nama yakkaan himatamee kun bal’inaan beekamtii fi eegumsa kan argatan ta’uunis beekamaadha. Mirga falmii fi ragaa ilaalchisee himatamaadhaaf heerichaan eegamuu fi seerichaan ifatti tumaman kanneen keessaa mirgi himannaa fi ragaa isa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (challenging the charge and evidence against him) dirqama ragaa dhiyeessuu fi himannicha hubachiisuu Abbaa Alangaa waliin kan walqabatu yemmuu ta’u adeemsa falmii mirga kana haala haqa qabeessa ta’een kabajeen Abbaan Alangaa akkaataa himannaatti himatamaan gochaa yakkaa ittiin himatame raawwachuu isaa haala gahaa fi ifa ta’een yoo agarsiise qofa himatamaan ofirraa ittisi jedhamuu akka qabu tumaalee SDFY keewwata 141 fi 142 hiikkoo Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Jiildii 26ffaa galmee lak. 208644 ta’erratti kenne walitti dubbisuun hubachuun ni danda’ama. Kanaan walqabatee akka adeemsa seeraan tumameetti himatamaan ragaalee Abbaa Alangaa kan namaa fi kan sanadaa akkasumas kan biroos yoo jiraatan beekee ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraan ifatti eega kennameef booda falmii fi ragaan A/Alangaa madaalamuun himatamaan ofirraa haa ittisu yookiin hin ittisiin jedhamuu kan qabu akka ta’e seericha irraa kan hubatamuudha. Gama kanaan ragaa namaa yookiin ijaa ilaalchisee guyyaa dhagaha guutuu akkaataa SDFY keewwata 136 – 139tti gaggeeffamu irratti himatamaan dhiyaatee ragaa Abbaa Alangaa kan ijaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuun ofirraa kan mormu akka ta’e seerichas ta’e qabatamni hoji-maataa jiru kan agarsiisu ta’uun beekamaadha. Haata’u malee, ragaalee sanadaa fi kan agarsiisaa (exhibit) Abbaan Alangaa dhiyeeffatu ilaalchisee mirgi ofirraa mormachuu himatamaadhaa yoom eegamuufii akka qabu, seeraa fi hoj-maata qabatamaa gidduu garaagarummaan kan jiru ta’uun alattis qabatamni jiruyyuu garaagarummaa qaba. Kunis, himatamaan ragaalee sanadaa irratti dhiyaatan gaafa jecha amantaa ykn waakkii kennu beekee ofirraa mormuu qaba moo, gaafa ragaan ijaa dhagahamu moo eega ofirraa ittisi jedhame boodadha, qabxii jedhu irratti hanqini hubannoo bal’aan kan jiru yemmuu ta’u qabatamni hoji-maataa irra caalu eega ragaan ijaa dhagahamee himatamaan ofirraa akka ittisu jedhame booda akka qaama falmii ittisaa yookiin mirga ittifachuu himatamaatti kan ilaaludha. Bu’ura hoj-maata olitti ibsameen himatamaan ragaa Abbaa Alangaan isa irratti dhiyaate hunda irratti mirgi dursee beekuun ofirraa mormachuu Heericha keewwata 20(4) fi SDFY keewwata 136(3) jalatti tumamee jiru otuu hin eegaminiif ragaa himatamaan ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraa hin arganneen akkaataa SDFY keewwata 141tiin akka ofirraa ittisu jedhamuun mirga heeraan himatamaaf eegame kan sarbe ta’uun alattis Seera Deemsa Falmii Yakkaa kan hordofee miti.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk

𝐆𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐢 𝐌𝐢𝐫𝐠𝐚 𝐖𝐚𝐛𝐢𝐢  𝐅𝐢 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐒𝐡𝐨𝐨𝐫𝐚𝐫𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 🔴Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa galmee lakk. 437085 ta’e irratti dhaddacha gaafa 02/04/2016 ooleen sirna gaaffiin mirga wabii yakka shororkeessummaa itti keessummaa’uu qabu ilaalchisee murtii tokko kenneera. ♦️Haaluma kanaan namni yakka shorkeessummaan shakkamuun to’atame gaaffii mirga wabii mana murtii sadarkaa kamittuu dhiyeeffachuu kan danda’u ta’uu akkasumas Manneen Murtii Aanaa fi Manneen Murtii Ol’aanaa dhimma akkasii ofitti fuunee hin keessummeessinu kan jedhan bu’uura seeraa hin qabu xinxaala jedhu kenneera. ♦️Dhaddachachi murtichaaf ka’uumsa kan godhate Seerri Deemsa Falmii Yakkaa keewwati 64 (3) gaaffiin mirga wabii Mana Murtii kamittuu dhiyaachuu kan danda’u ta’uu fi labsiin yakka shororkeessummaa ittisuuf bahe lakk. 1176/2012 keewwata 39 jalatti aangoon Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa fi Mana Murtii Waliigalaa Naannoof addatti kenname keessatti gaaffii mirga wabii dhiyaatu keessummeessuun kan hin hammatamne ta’uun isaa aangoon dhimmicha keessummeessuu kan mana murtii sadarkaa kamiituu agarsiisa kan jedhuu dha. ♦️Dabalataanis qabiinsa nama yakka shororkeessummaan to’atamee jiruu eegsisuu keessatti shoorri Manneen Murtii taphachuu qaban labsicha keewwata 39 (3) jalatti tumamuunis kanuma cimsa ejjannoo jedhu qabateera dhaddachichi ijibaataa.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk

Beeksisa Waamicha  Qormaata Barreeffamaa ------------------ (Sadaasa 3,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Dorgomtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa Kallattii irratti dorgoman irratti calalliin gaggeeffamaa turee booda baay'ina dorgomtootaa tilmaama keesa galchuun  namoota dorgommiif dhiyaatan daangessuun barbaachisaa ta'ee waan argameef Dhi-(CGPA 3.2fi isaa ol),Dubartoota (CGPA 2.0fi isaa ol fi Qaama Miidhamtoota 2.5 fi isaa ol) qormaata barreeffamaaf akka dhiyaatan murtaa'eera. Waan ta'eefis dorgomtoonni maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame Sadaasa 6,2017 ganama keessaa sa'aatii 3:00 irratti magaalaa Adaamaa Galma Aanaa Angaatuu (Karaa Hararitti geessu irra 'Amadee' bakka jedhamutti bu'uun 'Alem Hotel' cinaan harka bitaa gara kolleejjii geessu irra  meetira 200 ol seenuun) akka argamtan ni beeksifna. Hub-1-Kutaa qormaataa seerota kamuu (hard cooy) qabatanii seenuun kan danda'amu yammuu ta'u, barreeffamoota seerotaan alaa garuu kan hin hayyamamne ta'uu  fi  waraqaa eenyummaa qabatanii seenuun  dirqama ta'uu ni hubachiifna. 2-Dorgomtoonni manneen murtii Oromiyaa keessa hojjataa jiraniifi xiinxalli naamusaa isaanii 'D' ta'e fi mana murtii keessatti muudama gara garaa irratti muudanii waggaa lama kan hin guunne fi dorgommii Gargaaraa Abbaa Seeraa Leenjii ILQSn boodaa irratti kanneen galmaa'anii turan  dorgommii  kana keessaa kan baafaman ta'uu ni hubachiifna.

photo content
+1

Beeksisa ------------- (Sadaasa 3,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)- Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa dorgomtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa Leenjii ILQSOn boodaa irratti dorgomanii qabxii waliigalaan caalamanii eeggataa ta'anii fi isaanitti aananii jiran kan maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffame  fedhii isaanii jiddu gala godhchuun gitoota banaa gara garaa irratti muudee hojjachiisuu barbaada.Waan ta'eefis dorgomtoonni maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame sadaasa 5, 2017 ganama sa'aatii 3:00 irratti Magaalaa Finfinnee,Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Caffee Araaraatti argamutti akka argamtan  ni  https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk.

S.Y.K.86tiin yaada adabbii salphisu shan qabachuun gulantaa 33ffaa jalatti dhaddacha gaafa guyyaa 26/2/2017 ooleen adabbii isaa fi fakkaattota isaa barsiisuu danda'u hiidhaa ciimaa waggaa 14(kudha afurii) fi adabbii maallaqaa qarshii 20,000n (kuma diigdamiin) adabee jira. Qindeessaa Garee Kenna tajaajila Abbaa Seerummaa Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa kan ta'an kabajamoo Obbo Ashannaafii Isheetuu dhimmichaan walqabatee yaada kennaniin akka jedhanitti hawaasni keenya gochi gowwoomsaan akkanaa daa'imman miidhaa ulfaataaf kan saaxilu malee faayidaan isaaniif argamsiisu akka hin jirre hubachuun bakka argatti gochoota akkanaa qaama mootummaa isaanitti dhiyoo jirannitti eeruu kennuun saaxiluu fi balaaleeffachuu akka qaban dhaamanii jiru. Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk

𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐰𝐚 Manni Murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa namni
+8
𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐰𝐚 Manni Murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa namni tokko dhaalaa ta'uu isaa yeroo seerri kaa'e keessatti mirkaneeffatullee dhaalli akka qulqullaawu yoo hin gaafanne xalayaa ragaa dhaaltummaa darbiinsa yerootiin kan addaan citu dha jechuun dhaddacha gaafa 6/2/2017 ooleen murteessee jira. አንድ ሰው ወራሽ ስለመሆኑ ህጉ በሚፈቅደው ጊዜ ቢያረጋግጥም ውርስ እንዲጣራ  ካልጠየቀ በይርጋ የሚታገድ ስለመሆኑ እና የወራሽነት ማረጋገጫ የምስክር ወረቀት በጊዜ መያዝ ይርጋን እንደማያቋርጥ የሰበር ውሳኔን በመሻር በሰባት ዳኞች የተሰጠ ውሳኔ ነው።       ✍ @musalawyer

✳️Yeroo baayyee qabiyyee mana fi lafa magaalaa akkasumaas akkaataa ragaan abbaa qabiyyummaa qabiyyee kana irratti abbaa qabiyyeetiif Itti kennamu waliin walqabatee waldhabdeen walxaxaa ta'e mudachaa waan ooluuf haqni nama akka hin dabnee fi mirgi nama akka hin sarbamneef kana irratti barreefamni qopheessine kun rakkoo kana hanga tokko ni fura jannee waan yaanneef qaamni ragaa abbaa qabiyyummaa qabiyyee lafa fi mana magaalaa irratti abbootii qabiyyeetiif kennuuf aangoo qabu waajjirri bulchiinsa magaalaa barreefama kana dubbisuun hubannoo irraa argatanii akkaataa seeraatin qofa ragaa abbaa qabiyyummaa (kaartaa) qabiyyee lafa fi mana magaalaa irratti abbootii qabiyyeetiif kennun haqaa fi mirga ummata keenyaa akka mirkaneessan isaaniif dhaama. ✍ Qopheessaan:@musalawyer 🔰𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐲𝐲𝐮𝐮 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐮𝐟𝐢𝐧𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐭𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐭𝐞𝐥𝐞𝐠𝐢𝐫𝐚𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐣𝐨𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐜𝐡𝐮𝐧 𝐧𝐮 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐚𝐟𝐚𝐚. 👉https://t.me/musalawyer 📌𝐏𝐞𝐞𝐣𝐢𝐢 𝐅𝐚𝐜𝐞𝐛𝐨𝐨𝐤 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐲𝐲𝐮𝐮 𝐛𝐢𝐥𝐢𝐬𝐚𝐧 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐥𝐢𝐢𝐧𝐤𝐢𝐢 𝐚𝐫𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐝𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐜𝐮𝐪𝐚𝐚𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐣𝐨𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐬𝐮𝐦𝐚𝐚𝐬 𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨𝐭𝐢𝐟 𝐪𝐨𝐨𝐝𝐚𝐚 𝐡𝐮𝐛𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐚𝐲𝐲𝐞𝐞 𝐢𝐬𝐢𝐧 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐮 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚 https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk

✅Bal’ina qabiyyichaa sanada fudhatama argate irra jiruu, qabiyyicha safaruun kan argamee fi ragaalee lameen gidduu garaagarummaan yoo jiraate adda baasuun galmeessuu. ✅Tajaajila qabiyyichi kennaa jiruu fi gosa tajaajilaa pilaanii itti fayyadama lafaatiin jiru waliin ilaalamee  adda baasuun ragaa isaa qabiyyee lafaa tokko tokkoon gurmeessuu fi qabachuun murteef qopheessuu dha 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐣𝐞𝐞𝐥𝐟𝐚𝐦𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐁𝐮'𝐮𝐫𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚 12 (4) 𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞 𝐃𝐮𝐫𝐢𝐢 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 (𝐤𝐚𝐚𝐫𝐭𝐚𝐚) 𝐇𝐢𝐧 𝐐𝐚𝐛𝐧𝐞𝐞𝐟 𝐖𝐚𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐮𝐮𝐧 𝐃𝐮𝐫𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐱𝐢𝐢𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐁𝐮'𝐮𝐫𝐚𝐚 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐐𝐚𝐛𝐚𝐧. ✅Qabiyyicha keessa manni labsii lakk.47/67’n dhaalame kan hin jirre ta’uun mirkannaa’uu qaba. ✅Abbaan qabiyyichaa ifaan ulaagaa qajeelfama kana keessatti tumameen ragaan mirkanaa’ee beekamuu qaba ✅Mirga dhaalaan yookiin bittaan argame yoo ta’e ragaa qabatamaatiin mirkanaa’uu qaba. ✅Daangaa fi tajaajjilli qabiyyichaa ifaan beekamuu qaba. ✅Walitti bu’iinsa daangaa, gaaffii naaf malaa fi dhoorkii kamiyyuu gandatti yookiin ejensiitti kan hin dhihaanne ta’uun isaa mirkanaa’uu qaba. 🔴Qabiyyeewwan Lafa Magaalaa Amala Addaa Qabanii fi Faayidaa Waliitiif Qabamanii Tajaajila Kennaa  Jiraniif Ragaa Abbaa Qabiyyummaa Kennuu f Ulaagaan Guutamu Qabu Kanneen Armaan Gadii Kana. ✅Qabiyyee lafaa Dambiin lakk. 155/2005 ragga’uun dura qabamanii tajaajila kennuu kan jalqaban yoo ta’an. ✅Qaamni qabiyyee kana bulchuuf aangoo seeraa qabu yookiin qaama seerummaa qabu yoo jiraate. ✅Qabiyyee lafa magaalaa qabeenyi dhaabbataan irra jiruu fi tajaajila kennaa jiru ta’uun yoo mirkanaa’ee dha. 𝐐𝐚𝐣𝐞𝐞𝐥𝐟𝐚𝐦𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐁𝐮'𝐮𝐫𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚 20 𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐧 𝐋𝐚𝐟𝐚 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐣𝐚𝐭𝐚 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐁𝐮𝐥𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐖𝐚𝐫𝐚𝐪𝐚𝐚𝐧 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 (𝐤𝐚𝐚𝐫𝐭𝐚𝐚𝐧) 𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐮. ✅Qabiyyichii fi manni yookiin qabeenyi dhaabbataan qabiyyicha irra jiru kan mana hojii kana ta’uu ragaa barreeffamaatiin mirkanaa'uu qaba. ✅Waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa maqaa mana hojichaatiin kan qophaa’u maqaa isaatiin qabeenya hin sochoone horachuuf mirgi seeraan kan kennameef ta’uu isaa ragaa  barreeffamaan yookiin seera hundeeffama mana hojichaa ragga’e dhiyeessuun yoo mirkanaa’e kana ta’uu baannaan maqaa qaama mootummaa dhimmi ilaaluun kan kennamu ta’a. ✅Bal’inni lafaa mana hojii kanaan qabamee jiru bal’inaa fi amala tajaajila manni hojichaa kennaa jiru waliin madaalamee kan murtaa’u ta’ee, bal’inni qabiyyee kanaa qisaasama lafa magaalaa kan qabu yoo ta’e,bulchiinsi magaalichaa irraa hir’isuun misooma biroof bu’uura pilaanii magaalichaan oolchuu ni danda’ama. 𝗔𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗪𝗮𝗿𝗮𝗾𝗮𝗮𝗻 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝘄𝘄𝗮𝗻 𝗟𝗮𝗳𝗮 𝗠𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗠𝗮𝗻𝗻𝗲𝗲𝗻 𝗚𝗮𝗻𝗱𝗮𝗮 𝗬𝗼𝗸𝗶𝗶𝗻 𝗠𝗼𝗼𝘁𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶𝗳 𝗜𝘁𝘁𝗶 𝗞𝗲𝗻𝗻𝗮𝗺𝘂. ✅Qaamni mana mootummaa kana bulchuuf aangoon kennameef tarreeffama ragaa manneen kanaa teessoo guutuu(ganda keessatti argamu, lakkoofsa manaa) waliin  xalayaan dhiyeessuu qaba. ✅Manneen kana bulchaa jiraachuu fi kan nama dhuunfaa ta’uu dhabuu isaaf waliigaltee qaama manicha kireeffatee jiruun waliin taasifame yookiin ragaa biroo fudhatama qabu qaamni manaa fi qabiyyee kana bulchuuf aangoon  kennameef dhiyeeffachuu qaba. ✅Waraqaan ragaa abbaa qabiyyummaa maqaa qaama manneen kana bulchuuf aangoon seeraan kennameef kan kennamu ta’a. ✅Bal’ina lafaa ragaan kennamuuf kan qabamee jiruu fi safaramee argamu ta’ee, qabiyyee mirgi nama biroo keessatti argamu yoo ta’e akkaataa qajeelfama kana keewwata 14 Keewwata  xiqqaa (4) yookiin (5) jalatti tumameen kan murtaa’u https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk.

bulchiinsi ganda magaalichaa manaa fi qabiyyicha  nama abbaa mirgaa ta’e ulaagaa qajeelfama kanaan taa’een adda baasee mirkaneessee kennuu. ✅Waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa durii kan labsii lakk. 47/1967 dura kennameefi qabiyyichi yookiin manichi guutummaatti kan  mootummaadhaan hin dhaalamne ta’uun yoo mirkanaa’e ✅Qabiyyichi Labsii lakk. 47/1967 dura qabamuu isaa ragaa barreeffamaa faayila mana galmee keessatti argamu. ✅Ragaan qaama aangoo qabuun kenname qabiyyeen lafaa kun seera yeroo saniitiin eeyyamamuu isaa agarsiisu galmee kuusaa isaa keessatti kan argamu yoo ta’e. ✅Ganda qonnaan bulaa gara magaalaatti dhufe yookiin ganda baadiyyaa beekumtii magaalummaa  kennameef yoo ta’e, nagahee kaffaltii gibira itti fayyadama lafa baadiyyaa osoo magaalaatti hin daangeffamiin dura yoo xiqqaate kan waggoota 3 bara adda addaatti cite yoo qabaatee fi dhiyeeffachuu danda’e. ✅Xalayaa yookiin iyyannoo mirriitii lafaa qaama aangoo qabuun qajeelfame yookiin hafteen nagahee  mirriitii lafaa faayila mana galmee keessatti yoo argame ✅Murtii Mana Murtiitiin qabiyyee yookiin mana kana ilaalchisee kenname yoo qabaatee fi faayila mana galmee keessa yoo jiraate ✅Waraqaa ragaa itti fayyadama lafa baadiyyaa akkaataa seera itti fayyadama lafa baadiyyaatiin  kennameefi seera qabeessummaan isaa mirkanaa’e . ✅Ragaaleen dhiyeessii bu’uraalee misoomaa (Biilii bishaan dhugaatii, kan ibsaa, kan bilbilaa) yookiin  qabiyyee lafa magaalaa tajaajila invastimantiif kiraan hayyamaman yoo ta’an ragaalee saayit pilaanii fi hayyama ijaarsaa maqaa abbaa  qabiyyichaan kennaman akka madda ragaa dabalataatti fudhachuun ni danda’ama. 👉Ragaaleen kun mana galmee keessatti kan hin argamnee fi harka abbaa qabiyyee kan jiru yoo ta'e abbaan qabiyyee ragaalee kana dhiyeefachuu qaba. 👉Ragaalee dhiyaatu kana irratti hundaa'uun murtii yokiin waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa (kaartaa) osoo hin kennin dura seeraa qabeessummaan ragaalee kana qaama aangoo qabuun mirkanaa'uu qaba. 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗸𝗮𝗻𝗻𝗲𝗲𝗻 𝗾𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝗹𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗺𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗸𝗲𝗻𝗻𝘂𝘂𝗳 𝗮𝗱𝗲𝗲𝗺𝘀𝗮 𝗿𝗮𝗮𝘄𝘄𝗶𝗶 𝗾𝘂𝗹𝗾𝘂𝗹𝗹𝗲𝗲𝘀𝘀𝘂𝘂 𝗵𝗼𝗿𝗱𝗮𝗳𝗮𝗺𝘂𝘂 𝗾𝗮𝗯𝘂. ✅Faayila abbaa qabiyyee durii waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa hin qabne mana galmee ejensii  magaalaa yookiin gandaa keessa jiraachuu barbaaduun yoo argame, haala qabiyyicha itti  argamee (bittaan, kennaan, dhaalaan, mirriitiin  yookiin kan biroon) fi qabiyyichi yookiin manichi guutummaan yookiin gartokkeen dhaalamuu dhabuu isaa adda baasuun galmeessuu fi ragaa gurmeessuu. ✅Ragaalee qabiyyee ganda qonnaan bulaa magaalati guddaten walqabatee ragaan dhugummaa isaa mirkaneessu (ragaa walharkaa fuudhinsa gandichaa yookiin ragaa magaalichi qaama seerummaa argachuu argisiisu) walqabatee kan dhiyaate ta’ee manni kun yeroo sanatti ijaaramee tajaajila kennaa jiraachuu yookiin kennuu jalqabuun bulchiinsa gandaa yookiin magaalichaan ragga’ee akka dhiyaatu gochuu. ✅Waraqaa ragaa itti fayyadama lafa baadiyyaa waliin walqabatee dhiyaatu qulqulleessuuf seera kenniinsa ragaa itti fayyadama lafa baadiyyaaf bahe hordofee kan kenname ta’uu isaa qaama ragaa kana kenne irraa ragaan mirkaneessu barreeffamaan akka dhiyaatu gochuu fi manni qabiyyicha irratti ijaaramee tajaajila kennaa ture yookiin kennuu jalqabe yeroo ragichi  kennametti jiraachuun akkaataa qajeelfamichaatiin qaama aangoo qabuun ragga’ee dhiyaachuun mirkanaawuu qaba. ✅Ragaalee nagahee waliin walqabatee nagaheen kafaltii gibira manaa fi kiraa lafa magaalaa maqaa abbaa mirgaa qabiyyichaan bara  adda addaa bara 2001 dura kenname yoo xiqqaate kan bara 3(sadii) yoo dhiyaate ✅Ragaalee maqaa abbaa mirgaan mana qabiyyicha irra jiruuf bu’uurri misoomaa(kanneen akka bishaan, ibsaa, bilbila sararaa) itti hayyamame yookiin biilii (nagahee) bara 2001 dura bara adda addaa yoo xiqqaate kan bara 3 kafaltiin itti raawwatame.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk

𝗔𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲 𝗟𝗮𝗳𝗮𝗮 𝗙𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗠𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗜𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗪𝗮𝗿𝗮𝗾𝗮𝗮𝗻 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 (𝗞𝗮𝗮𝗿𝘁𝗮𝗮𝗻) 𝗔𝗯𝗯𝗼𝗼𝘁𝘁𝗶𝗶 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝘁𝗶𝗶𝗳 𝗜𝘁𝘁𝗶 𝗞𝗲𝗻𝗻𝗮𝗺𝘂𝘂 𝗳𝗶 𝗞𝗮𝗻𝗮 𝗜𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗗𝗵𝗶𝘆𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗻 𝗜𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗦𝗲𝗲𝗿𝗿𝗶𝗶 𝗙𝗶 𝗗𝗵𝗮𝗱𝗱𝗮𝗰𝗵𝗶 𝗜𝗷𝗶𝗯𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗠𝗮𝗮𝗹 𝗝𝗲𝗱𝗵𝗮𝗻? 🔴Qabiyyee falmii kaase keessa manni mootummaan bulchu jiraachuu fi jiraachuu dhabuu yoo jiraate akkaataa qajeelfama bulchiinsa magaalaatiin qabiyyeen iyyattoonni ragaa itti argachuu qaban hangam akka ta'e akkasumaas iyyattoonni kaareemetira meeqa irratti kartaa argachuu akka qaban manni murtii ragaa rogummaa qabuun osoo hin qulqulleessin sababoota fudhatama hin qabne bu'ura godhachuun murtiin kanne dogongora bu'ura seeraa kan qabuudha jechuun manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa dhaddacha gaafa 8/2/2016 ooleen murtii dirqisiisaa kannee jira. 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞 𝐋𝐚𝐟𝐚 𝐌𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐖𝐚𝐫𝐚𝐪𝐚𝐚𝐧 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐛𝐛𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 (𝐊𝐚𝐚𝐫𝐭𝐚𝐚𝐧) 𝐀𝐛𝐛𝐨𝐨𝐭𝐢𝐢 𝐐𝐚𝐛𝐢𝐲𝐲𝐞𝐞𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢𝐧 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐚? 🔰Akkaataa qabiyyee lafaa fi mana nagaalaa ilaalchisee waraqaan ragaa abbaa qabiyummaa yokiin kaartaan abbootii qabiyyeetiif itti kennamuu qabu ilaalchisee qajeelfama keessummeessa qabiyyee lafa magaalaa ragaa hin qabnee fi ijaarsa seeraan alaa sirna qabsiisuuf bahe qajeelfama lakk 5/2008 jalati bal'inaan tumamee jira. 𝗔𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗷𝗲𝗲𝗹𝗳𝗮𝗺𝗮 𝗸𝗮𝗻𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘄𝘄𝗮𝘁𝗮 11 𝗷𝗮𝗹𝗮𝘁𝗶 𝘁𝘂𝗺𝗮𝗺𝗲𝗲 𝗷𝗶𝗿𝘂𝘂𝗻 𝗯𝘂'𝘂𝗿𝗮 𝗹𝗮𝗯𝘀𝗶𝗶 𝗳𝗶 𝗹𝗶𝗶𝘇𝗶𝗶𝘁𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝗻 𝗹𝗮𝗳𝗮 𝗺𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗱𝗮𝗮𝗻𝗴𝗮𝗮 𝗺𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗾𝗮𝗮𝗺𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗾𝗮𝗯𝗮𝗺𝗮𝗻𝗶𝗶 𝘁𝗮𝗷𝗮𝗮𝗷𝗶𝗹𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮 𝗮𝗱𝗱𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶𝗳 𝗼𝗼𝗹𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗻 𝗯𝗲𝗲𝗸𝗸𝗮𝗺𝘁𝗶𝗶𝗻 𝘀𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗻𝗻𝗮𝗺𝗲𝗲𝗳𝗶𝗶 𝘄𝗮𝗿𝗮𝗾𝗮𝗮 𝗿𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗮𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗾𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 (𝗸𝗮𝗮𝗿𝘁𝗮𝗮) 𝗮𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝘂𝗹𝗮𝗮𝗴𝗮𝗮𝗻 𝗴𝘂𝘂𝘁𝗮𝗺𝘂 𝗾𝗮𝗯𝘂. ✅Ulaagaa gosa tajaajilcha qabiyyichaaf dambii fi qajeelfama  kanaan tumaman guutee argamuu ✅Abbaan mirgaa qabiyyichaa ifatti kan beekamuu fi akkaataa dambii fi qajeelfama kanaatiin kan mirkanaa’e  ta’uu. ✅Qabiyyeen ragaan itti gaafatame kun akkaataa dambichaa fi qajeelfama kanaan tumameen manni tajaajila kennaa jiru kan irra jiru ta’uu ✅Qabiyyichi lafa tajaajila qonnaaf  qabame yoo ta’e oomisha qonnaaf kan oolaa jiru ta’uu. ✅Abbootiin qabiyyee naqaa isaaniitin qabeenya dhaabbataa horachuuf mirgi seeraan kan hin daangefamne ta'uu ✅Hangi bal’ina qabiyyee lafaa fi baay’ina gosa qabeenya dhaabbataa nama yookiin maatii tokkoof seeraan  hayyamame ta’uun mirkanaa’uu qaba. ✅Qabiyyeen lafaa ragaan irratti gaafatame mirga seeraa nama biraa kan hin daangessine yookiin kan hin  faalleessine ta’uu qaba 𝗠𝗮𝗱𝗱𝗶 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲 𝗗𝘂𝗿𝗶𝗶 𝗪𝗮𝗿𝗮𝗾𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗴𝗮𝗮 𝗔𝗯𝗯𝗮𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗶𝘆𝘆𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗛𝗶𝗻 𝗤𝗮𝗯𝗻𝗲 𝗔𝗱𝗱𝗮𝗮𝗻 𝗕𝗮𝗮𝘀𝘂𝘂𝗳 𝗙𝘂𝗱𝗵𝗮𝘁𝗮𝗺𝗮 𝗤𝗮𝗯𝘂 𝗸𝗮𝗻𝗻𝗲𝗲𝗻 𝗔𝗿𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗚𝗮𝗱𝗶𝗶 𝗞𝗮𝗻𝗮. ✅Maqaa abbaa qabiyyichaan yookiin qabiyyichi ragaa mana galmee bulchiinsa magaalaa yookiin  gandichaa keessa yookiin bakka lameenuu keessaa qabaachuu sakatta’uun yoo qabaate madda ragaa bu’uuraa ta’ee fudhatama ni qabaata. ✅Faayila ragaan itti fayyadama lafa baadiyyaa(Green Card) itti kenname ✅Ragaa walharkaa fuudhinsa ganda baadiyyaa magaalaatti makame agarsiisu ✅Ragaa qaama aangoo qabuun magaalichi qaama seerummaa argachuun itti mirkanaa’e. ✅Ragaalee mannii fi qabiyyichi akkaataa itti argame agarsiisu kanneen akka waliigaltee daddabarsa manaa. ✅Murtee mana murtii kan dhaaltummaa ✅Ragaa hayyama haaromsa ijaarsaa ✅Ragaa bu’uuraa abbaa mirgaa qabiyyichaa ta’uu nama tokkoo murteessuuf fudhatama qabu ragaahttps://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk