es
Feedback
Maftuu lawyer @Gola seeraa🙏️

Maftuu lawyer @Gola seeraa🙏️

Ir al canal en Telegram

Beekumsi seeraa mirga keessan kabachiisee, dirqama keessan issin hubachiisa!

Mostrar más
El país no está especificadoLey2 432
2 526
Suscriptores
+324 horas
+47 días
+1630 días
Archivo de publicaciones
Manneen Murtii Seerummaan ifaan gaafatame tokko ragaadhaan hin mirkanoofne yoo ta’e, kanuma kanuma agarsiisuun murtii irratti kennuu qabu malee callisaan darbuun isaanii Seera Adeemsa falmii kan hin hordofnedha.

Qajeelfama Qabeenya Manneen Hojii Mootummaa Kuufama Buusii Sooramaa Hin Kaffalinii Qabuu fi Gurguruuf Bahe Lakk.1038/2017 T.me/maftulawyer

𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐂𝐢𝐦𝐚𝐚 𝐕𝐬 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡.𝐈𝐣.𝐌.𝐌.𝐖.𝐅. ===================== 𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐜𝐢𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐒𝐘 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐢𝐤𝐤𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐧𝐧𝐞,𝐡𝐚𝐚𝐭𝐚'𝐮 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐊𝐞𝐰 555 𝐛𝐮'𝐚𝐚 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐜𝐢𝐦𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐪𝐪𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮 𝐭𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮 𝐲𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞𝐫𝐚. ⭕𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮 𝐭𝐚'𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚 ⭕𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐝𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐢𝐬𝐮𝐮:- ✔𝐋𝐮𝐛𝐛𝐮𝐮 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐦𝐚𝐚𝐟 ⭕𝐌𝐮𝐝𝐚𝐚 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐦𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢𝐝𝐮𝐮 ✔𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚 𝐲𝐤𝐧 𝐬𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐦𝐚𝐚𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 ⭕𝐇𝐢𝐫'𝐢𝐬𝐮𝐮 ✔𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 ✔𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 ✔𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚 𝐦𝐢𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐢𝐬𝐨𝐨 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 ⭕𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐭𝐚𝐣𝐚𝐚𝐣𝐢𝐥𝐥𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐭𝐚𝐚𝐬𝐢𝐬𝐞 ✔𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 ✔𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 ✔𝐐𝐚𝐚𝐦𝐚 𝐦𝐢𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐜𝐡𝐢𝐬𝐨𝐨 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 ⭕𝐁𝐢𝐟𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐛𝐚𝐥𝐥𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮 ✔𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐬𝐮𝐤𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧 ✔𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐢𝐟𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐮𝐥'𝐚𝐭𝐮𝐮𝐧 ⭕𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢𝐧𝐢𝐲𝐲𝐮 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 ✔𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐜𝐢𝐦𝐚𝐚 ✔𝐃𝐡𝐮𝐤𝐤𝐮𝐛𝐚 𝐜𝐢𝐦𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐪𝐪𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐭𝐚𝐡𝐞 𝐢𝐟𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚. 𝐃𝐡𝐈𝐌𝐌𝐖𝐅 𝐋𝐚𝐤𝐤 𝐆 219862 𝐭𝐚'𝐞 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐋𝐚𝐤𝐤 𝐆 156521 𝐭𝐚'𝐞 𝐜𝐚𝐪𝐚𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧,𝐧𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐬𝐚𝐛𝐚𝐛𝐚 𝐫𝐞𝐞𝐛𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐭𝐞𝐞𝐟 𝐥𝐚𝐟𝐞𝐞𝐧 𝐜𝐚𝐛𝐮𝐮𝐧 𝐦𝐢𝐫𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚'𝐞𝐞,𝐛𝐨𝐨𝐝𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐥𝐚𝐟𝐞𝐞𝐧 𝐬𝐮𝐧 𝐤𝐚𝐧 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐞 𝐲𝐨𝐨 𝐭𝐚'𝐞 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐬𝐚𝐥𝐩𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐚.𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐜𝐢𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮𝐮𝐟 𝐛𝐮'𝐚𝐚 𝐦𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚 𝐝𝐡𝐮𝐦𝐚𝐚 i𝐥𝐚𝐚𝐥𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐚. https://t.me/maftulawyer

Dhimma Yakkaa Keessatti Mirga Ofirraa Ittisuu Himatamaa Ilaalchisee MM  Ittigaafatamummaa Akkamii Qaba? Ofirraa Akka Ittisu Akkamitti Ajajamuu Qaba?  Leenjisaa Ilqso Obbo Jamaal Qumbiitiin https://t.me/maftulawyer

Komii Jal-Murtii himannaa HH tokko mormii sadarkaa duraan kufaa ta’e irraa dhiyaatu irratti Manni Murtii Ol’iyyannoo dhagahuu aangoo akkamii qaba? SDFHH kwt 244(2), 320, 341 fi #DhIjMMWF LGMM 163166 ta’erratti (Jld 24) kenname waliin kan ilaalame. Himannaan hariiroo hawaasaa kallattiin Mana Murtii Aaangoo sadarkaa jalqabaan ykn kallattiin fuudhee ilaaluu qabutti dhiyaatu tokko osoo falmii ijoo dubbii dhimmachaatti hin seenamiin sababoota seera garaagaraan kufaa ta’uu ni danda’a. Sababoota sana keessaa inni bu’uraa fi hedduu beekamaan qabxiilee mormii sadarkaa duraa jedhamanii SDFHH kwt 244(2) jalatti tarreeffaman yemmuu ta’an isaanis: #Manni murtii himannaan kallattiin itti dhiyaate dhimmicha ilaaluuf aangoo kan hinqabne ta’uu, #Darbiinsa yeroon kan daangeffame ykn #Kanaan dura murtii dhumaa kan argate ykn araaraan kan xumuramee fi kkf dha. Qabxiilee kana akkuma haala isaaniitti himatamaan deebii isaatiin kaasuu muraasa isaanii immoo Manni Murtii ofumaa isaa kaasuun (fkn aangoo kan hin qabne ta’uu) himannaa dhiyaate jal-murtiidhaan kufaa gochuu ni danda’a. Haata’u malee himataan mormii sadarkaa duraan himannichi kufaa ta’uun dogongora jedhee jal-murticha irraa Mana Murtii Ol’iyyata dhagahutti komii dhiyeeffachuu akka danda’u SDFHH kwt 320 jalatti tumamee waan jiruuf Manni Murtii Ol’iyyannoo komii itti dhiyaate dhimmicha ilaaluun himannaan himataa mormii sadarkaa duraan kufaa ta’uun digongora yoo jedhe jal-murticha diiguun akkuma haala isaatti ijoo dubbii matti seenee murteessuu akka danda’uu fi ykn Manni Murtii jalaa ijoo dubbiitti seenee dhagahee akka murtii kennu qajeelfamaan dhimmicha itti deebisuu akka danda’u SDFHH kwt 341 jalatti tumameera. Tumaa SDFHH kwt 341 kana ilaalchisee Manni Murtii Ol’iyyannoo dhimmicha ijoo dubbiitti seenee ofii isaa murteessuun sababoota gurguddoo lamaaf dogongora akka ta’e ogeessonni hedduun yeroo dheeraaf qeeqaa kan turan yemmuu ta’u #DhIjMMWF sababootuma kana ibsuun galmee Lkk 163165 (Jld 24) irratti hiikkoo dirqisiisaa kennee jira. Sababoonni kunis: 1) Aangoon mana murtii ol’iyyannoo dhagahuu bu’uratti garagalcha glmee mana murtii jalaa ilaaluun dogongora mana Murtii jalatti raawwatame sirreessuudha malee dhimma ijoo dubbii manni murtii jalaa ilaaluuf carraa hin argatiin ykn hin ilaalle darbee ofii isaa keessa seenuun (deciding on the issue that the trail court has no chance to see or has not seen at all) ilaalee murteessuun faallaa eegama fi yaadama sirna seera falmii ol’iyyannootidha. 2) Dhimma ijoo dubbii manni murtii jalaa ilaalee hin murteessinee fi komiin irratti hin dhiyaanne akka mana murtii jalqaba dhimmichi kallattiin ilaaleetti Manni Murtii Ol’iyyannoo ilaalee murteessuun isaa mirga ol’iyyachuu garee falmiitis kan dhiphisu waan ta’eef Manni Murtii Ol’iyyannoo dhagahu himannaan mormii sadarkaa duraan kufuu hin qabu yoo jedhe jal-murtii himannaan kufaa ittiin ta’e qofa diigee ijoo dubbiitti seenee dhimkicha dhagahee akka murteessu dhimmicha Mana Murtii jalatti qajeelfamaan akkaataa SDFHH kwt 341(1)n gadi-deebisuu qaba jechuun Dhaddachi Ijbt hiikkoo dirqisiisaa glmee Lkk olitti caqafame irratti kennee jira.

Beeksisa Jijjiiraa Abbootii Seeraa Mana Murtii Aanaa Maddi:-https://www.facebook.com/share/p/1Bmq3hUdxf/ https://t.me/Hubanno
Beeksisa Jijjiiraa Abbootii Seeraa Mana Murtii Aanaa Maddi:-https://www.facebook.com/share/p/1Bmq3hUdxf/ https://t.me/Hubannoo_Seeraa

Qabeenyaa gamtaa garee bitaaf mirgaati jedhamee qabeenyaa murtii argate tokko irratti, gareen tokko Murtiin Abbaa Mirgaa , gareen biraa Murtiin Abbaa idaa kan jedhaman osoo hin taane, lameenuu mirga murtiin mirkanaa’e waan qabaniif gahee gahee isaanii irratti abbootii mirgaati.Qaamni mirga murtiin mirkanaa’e qabu ammoo bu’uura SDFHH keewwata 378 tiiin akkaataa murtiitti akka raawwatamuuf gaafachuu danda’a.Qabeenyaan kun harka garee tokkoo jiraachuun, gareen sun akkaataa murtiitti akka raawwatamuuf gaafachuuf seerri isa dhorku hin jiru

𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐡𝐚𝐫𝐢𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐡𝐚𝐰𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚 2472 𝐣𝐚𝐥𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐭𝐮𝐦𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐣𝐢𝐫𝐮𝐭𝐢 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐠𝐚𝐥𝐭𝐞𝐞𝐧 𝐥𝐢𝐪𝐢𝐢 𝐦𝐚𝐚𝐥𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐫𝐬𝐡𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐛𝐚 𝐬𝐡𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐨𝐥𝐢𝐢 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐦𝐢𝐫𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚'𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐮, 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢? ❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 2472 jalatti jiraachuun waliigaltee liqii maalaqaa qarshii dhibba shanii olii kan mirkanaa’u ragaa barreefamaa. gaafa dhagaha duraa himatamaan yoo amanee fi jecha kakuu himatamaan kennu qofan kan mirkanaa’u tahuu isaa tumamee jira. ❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 2472 jalatti waliigalteen liqii maalaqa qarshii dhibba shanii olii ragaa barreefamaatiin mirkanaa’a jechuun tumamee malee waliigaltichi mataan isaa barreemaan tahu akka qabu kan tumamee jiru waan hin tahiniif ragaa barreefamaatin mirkanaa’a kan jedhu kun ragaa barreefamaa formaalitin isaa waliigaltee barreefaman tahu qabuf seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727 hanga 1730 jalatti tumamee kan gareewwaan waliigaltee fi ragoonnis irratti mallatessaaniin mirkanaa’a jechuudha moo ragaa barreefamaa isa kami kan jedhu adda baasuun barbaachisaadha. ❇️Seera hariiroo hawaasaa keewwata 1719 jalatti seeraan yoo haala addaatiin formiin addaa waliigalteen itti raawwatamuu qabu tumamee jiraate malee gareewwaan waliigaltee akkaataa barbaadaniin waliigaltee isaanii raawwachuu akka danda’an tumamee jira. ❇️Waliigaltee liqii maalaqaa ilaalchisee seeraan kan tumamee jiru waliigalteen liqii maalaqa qarshii dhibba shanii ol ragaa barreefamaatin mirkanaa’a kan jedhu malee foormiin addatti waliigaltee liqii maalaqaa raawwachuuf yokiin waliigaltichi barreefamaan akka ta’uuf seeraan dirqisiisaa ta’e tumame kan hin jirree fi ragaa barreefamaatiin mirkanaa’a jechuun ragaa barreefamaa formaalitin isaa waliigaltee barreefaman tahu qabuf seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727 hanga 1730 jalatti tumamee jira. @Ardaaseeraa

Mee xalayaa tana buufadhaa itti fayyadamaa waa'e bakka bu'insa Manneen Hojii Mootummaaf kename waan taheef itti fayyadamaa!!!

Qajeelfamni sirna dhaddachaa Manneen Murtii Oromiyaa haaraan kenna tajaajila abbaa seerummaa halaalaa fa'a haala giddugaleessa godhateen fooyya’ee qophaa’e hojiirra ooleeraa ilaalaa ittiin tajaajilamaa jenna. Qajeelfama lakk. 3/2018 @Ardaaseeraa

Repost from CHALA LAWYER🤞
Dhimma Maatii Keessatti Daantaa Daa’immaniif Dursa Kennuu fi Haala Dirqamni Qallabaa Itti Raawwatamu Ilaalchisee tumaalee Seeraa fi Murtii Dirqisiisaa Dhaddacha Ijibbaataa ========================================== Heera Mootummaa kwt 36(2), Konveenshiinii Mirga Daa’immanii Idil-Adunyaa kwt 9(1-3), SMO kwt 105(4) fi 222(2) fi, Murtii Dh Ijbta glme Lkk, 23632 Jld 5ffaa, glme Lkk 45819 Jld 10ffaa fi glme Lkk 237498 kan hinmaxxanfamne ================================== Falmiis ta’ee hariiroo kamuu daa’imman keessatti argaman ykn ilaalu kamiiyyuu keessatti mirgii fi eegumsi dantaa daa’immanii dursaa fi xiyyeeffannoo addaa argachuu akka qabuu fi murtiin kennamuus ta’ee tarkaanfiin fudhatamu kamuu dantaa daa’imaa haala daraan ol’aanaa ta’een (the best interest of the child) kan mirkanesse ta’uu akka qabu Konveenshiiniin Mirga Daa’immanii Idil Adunyaa bara 1989 bahe kwt, 3(1-3) jalatti ifaan tumamee jira. Biyya Itiyoophiyaatis miseensa waliigaltee sanada kanaan ta’uu caalaayyuu Heera Mootummaa Federaalaa kwt, 36(2) jalatti kanuma tumuun mirkaneessitee jirti. Kanuma bu’ura gochuun Dhaddachi Ijibbaataa MMWF dhimma maatii keessatti yeroo kamiiyyuu mirgii fi dantaan daa’immanii xiyyeeffannaa dursaa argachuu akka qabu heera Mootummaa kwt, 9 fi 36(1) akkasumas konveenshiinii mirga daa’immanii olitti caqafame kwt, 3 xiinxaluun galmee lkk, 23632 ta’erratti hiikkoo dirqisiisaa kennuun murtiin laate Jld 5ffaa keessatti maxxanfamee jira. Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa kwt 36(2) fi SMO kwt222(2) jalattis mirgii fi dantaan daa’imaa dursa argachuun mirkanaa’uu akka qabu tumamee haaluma walfakkaatuun kan tumame ta’uunis nihubatama. Akkaataa raawwii kanfaltii qallaba daa’imaa ilaalchiseetis namni dirqama qallaba daa’ima kennuu itti murtii dirqama isaa ji’a ji’aan ykn yeroo murtaa’aa Mana Murtiin ajajametti kanfaluun akka raawwatu gochuun kan baratamee fi beekamaa ta’uun isaa ifa yoo ta’u kunis amala isaatiin qallabni otuu hinkuufamne bifaan ykn mallaqaan hanga yeroon ykn sababiin dirqama qallaba kennuu hafaa taasisu gahuutti yeroo yeroon kanfalamuun dantaa qallaba fudhataaf irra caalaa filatamaadha jedhamee waan amanamuufidha. Haata’u malee qallaba kennaan yeroo jedhame eegee ji’a ji’aan kan hinkanfalle ykn gara fuulduraa ittifufee kanfaluuf galii kan hinqabne/eeyyamamaa hintaane yoo ta’e ykn haala biroo kamiinuu hinkanfalu jedhamee yoo amaname haalli raawwii dantaa daa’imaa caalatti mirkaneessuu danda’u kan biroo Manni Murtii murteessuuf dirqama akka qabu Dhaddachi Ijibbaataa yeroo adda addaatti hiikkoo kennaa turee jira. Haaluma kanaan yeroo haalli olitti ibsame mudate ykn argame Manni Murtii qabeenya socho’aa ykn hinsochoone ammatti qallaba kennaan qabu dhoorkuun gurguruudhaan ykn gahee qooda qabeenyaa isa gahu irraa hanga qallaba daa’imichi waggaa 18 guutuutti barbaachisuu shakagamuun hangi walmadaalu qabamee ykn block accountn kaahamee ji’a ji’aan ajaja Mana Murtiin daa’imaaf akka oolu murteessuu akka qabu glme Lkk 45819 ta’e Jld 10ffaa keessatti maxxanfamee argamuu fi akkasumas glme Lkk 237498 ta’erratti gaafa 05/02/2016 (kan hinmaxxanfamne) irratti Dhaddachi Ijbt MMWF murtii kennee jira. Akkasumas hiikkoon murtiilee kana keessatti kennames Dhaddacha Ijibbaataa mataa isaa dabalatee Manneen Murtii hunda irratti dirqisiisaa akka ta’es beekamaadha.

Mana bitattanii kaartaa gara maqaa keessanitti jijjiiruuf gara kutaa magaalaatti yeroo deemtan baasiin isin dura jiru Hammam akka ta’e beektuu? Bittaan manaa hedduun walii galtee bittaa fi gurgurtaa erga mallatteessanii booda, maqaa kaartaa gara maqaa isaaniitti jijjiiruuf gara waajjira bulchiinsa lafaa yeroo deemanii, yoo dursee hin qophaa’in baasiin kun baajata maallaqaa isaanii jeequu danda’a. Kaffaltii mootummaa maqaa jijjiirraa (Ashuuraa) fi kaffaltiiwwan dabalataa jalqabumaa irraa kaasee tilmaama keessa galchuu dhabuun immoo kasaaraa maallaqaa fi rakkoo sochii keessa nama galchuu danda’a. Magaalaa Finfinneetti, bitataan manaa kamiyyuu mana erga bitee booda %6.5 kaffaltii mootummaa maqaa jijjiirraa kaffaluu qaba. Haa ta’u malee, akkuma namoonni baay’een yaadan,%6.5 kun gatii mana irratti walii galtee keessatti barreeffame qofa irraa hin shallagamu. Inumaayyuu, gatii lafa meetira iskuweerii tokkoof kutaan magaalichaa kaa’e kan seeraan eeyyamame fi gatii walii galtee keessanii keessaa isa ol’aanaa ta’e irratti hundaa’a. Kaffaltiin %6.5kun: • %4 kaffaltii Ashuuraa ykn maqaa jijjiirraa, • %2 gibira chaappaa (Stamp Duty), • %0.5 kaffaltiiwwan fandii yeroo balaa fi wabii of keessatti qaba. Fakkeenyaaf, yoo namni tokko mana qarshii miliyoona 10ni bite, maqaa kaartaa gara maqaa isaatti jijjiiruuf qofa qarshii 650,000 kaffaltii mootummaa dabalataa qabaachuu qaba. Kanaaf, yeroo invastimantii riil isteetii kamiyyuu karoorfattan, gatii gurguraa qofa irratti hundaa’uu qofaa ottoo hin ta'iin, baasiiwwan jijjiirraa fi kaffaltiiwwan xumuraa jalqabuma irraatti waliin shallaguun murtoo gaarii dha. Kan magaalota Biroos qorannee isiniif maxxansina haga sanitti nu hordofaa, follow share🙏 TikTok 👉 www.tiktok.com/@sudeysikedir Telegram👉 https://t.me/sudeysi_K_Free_Legal_Awareness

#Seera_Beekuun_Mirga;Kabachiisuun Immoo Dirqama!🫵🏼 ​Kabaajamtootaa fi jaallatamtoota hordoftoota koom, akkaam jirtu?🙌🏼🤌🏼 ​Yeroo baay’ee "Seera mana murtii fi ogeeyyii seeraa qofa fayyada" jennee yaaduudhaan darbuuf yaalla. Garuu dhugaan jiru kanaa miti! Seerri #amala, jireenya, mirgaa fi dirqama keenya guyyaa guyyaa kan to’atu fi ittiin geggeeffamnu dha. #Seera_Beekuun_Maaliif Barbaachisaa? 1. #Mirga Keessan Isin Dhandhamsiisa: 👉🏼Mirga keessan yoo hin beektan ta’e, namni biraa akka isin sarbu karaa banta. Seera beekuun mirga keessan kabachiisuuf meeshaa isa duraati. 2.#Hidhaa fi Baasii Hin Barbaachisne irra si oolchaa. 👉🏼Dogoggora seera beekuu dhabuutiin Yakka ati gootu Mirga socho'u kee sarbuun hidhaa ykn qarshii guddaa isin kaffalchiisa. 3.#Nagaa fi Tasgabbii Hawaasaa Uuma: Hawaasni seera kabaju fi beeku kaayyoo tokkoon waliin jiraata; yakka irraa of qusata, mariidhaan dubbii fixa. #Waan_ta’eef nuufis uummata keenyaafis hubannoo seeraa gahaa ta’e uumuun dirqama keenya ta’a. Kanaafuu, fuula kana irratti mata dureewwan seeraa kan jireenya keenya guyyaa guyyaa yeroo baay'ee nu qunnaman bu'uura seeraatiin maalummaa isaanii afaan uummata keenyaan barruulee fi viidiyoolee gaggabaabaadhaan isiniif dhiheessan jira.

+1
⚖ Hiikoo murtiilee dirqisiisoo mana murtii waliigala federaalaa dhaddacha ijibbaataatiin murteeyfaman jildii 25ffaa gara Afaan Oromoo tti hiikamee kan dhiyaatee dha

Maanuwaalii ittisa ragaa sobaa https://t.me/maftulawyer

Murtiilee Dirqisiisoo fi Murtiilee Barsiisoo -------------------------------------- Ogeeyyii seeraa lakkoofsi isaanii xiqqaadha hin jedhamne biratti doggoggorri hubannaa garaagarummaa murtiiwwaan barsiisoo fi murtiiwwaan dirqisiisoo gama Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Dhaddacha Ijjibbaataatiin kennaman irratti jiraachuu isaa kan hubatamudha. Kana irraa ka'uudhaadhan murtiilee lamaan wal jala dabarsuun yeroo akka wabiitti fayyadamanii ittiin falmaniifi darbee darbee yeroo ittiin murteessan jiraachuu isaa adda baafachuun danda'amee jira. Akka Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti, hanga ammaatti murtiiwwan barsiisoo walitti qabuun hanga jildii 12ffaatti kan maxxanfaman yoo ta'u , murtiiwwaan dirqisiisaa immoo dhimmoota ykn galmeedhan 3 irratti kennamee jira. Murtiin dirqisiisoon inni jalqaba, dhimmaa galmee lakk. 303547 irratti gaafa guyyaa 11/02/2012 murtaa'e yoo ta'u, seera yakkaa baasuun angoo mootummaa federaalaa ta'uu ibsuun, labsiin bosona Nannoo Oromiyaa lakk. 72/1995 bahe kwt 15 /1/, dhimma seeraa yakkaa motumaa federaalatiin ifatti haguuggii argatee seerri irratti bahe waan ta'eef, Naannoleen seera mootummaa federaalatiin haguuggii argatee ifatti baye irra deebiin seera baafachuu hin danda'an jechuun, dhimma yakka bosonaa wajjiin walqabatee, labsii bosona Federalaa malee, keewwatni labsii Oromiyaa armaan olittii caqafame raawwatiinsa kan hin qabne dha jechuun murtii kennamedha.Dhimmi 2ffaan murtii galmee lakk. 453487 ta'e irratti gaafa guyyaa 11/10/2016 kenname irratti dhimmi mana murtii aadaatii gara mana murtii idilee anaatti yoo ol iyyatame, kallattiin gara MMWO dhaddacha ijjibbaataa malee Manneen murtii olaanaafi Waliigalaatti oliyyatamuu akka hin qabne kan murtaa'edha.Dhimmi 3ffaan murtii lakk. Galmee 466000 ta'e irratti gaafa guyyaa 16/07/2017 kenname ta'ee,dhimmi maatii amala addaa kan qabu waan taeef, seerummaan gaafatame Qr. 300,000 olis yoo ta'e, abbaa seeraa tokkoon moggaafamee hojjatamuu akka danda'u kan murteeffame dha. Garaagarummaan murtiilee Barsiisoo fi Murtii Dirqisiisoo gabaabumatti yoo ibsamu, lachanuu kaayyoo/ ergama Mana Murtii Waliigala Oromiyaa labsiin 216/2011 keessatti tumame, walfakkeenyummaa murtii guddisuu isa jedhu utubuuf murtiiwwan MMWO Dhaddacha Ijjibbaataatiin kennaman ta'uun isaanii akkuma eeggametti ta'ee, murtiileen barsiisoon abbootii seeraa 5/shaniin/ kan kennamnaniifii amala isaaniitiin dirqisiisummaa kan hin qabnedha. Murtiiwwan Dirqisiisoon immoo, murtii dhaddacha ijjibbaataataa abbootii seeraa fi Pireezdaantii fi Itti Aanaa Prezidaantii dabalatee namoota 7/torbaan/ kenaaman ta'ee, akkaataa lakk. Lakki 216/2011 kwt.29 /1/ tiin, manneen murtii jalaa jiran murticha kenname hordofuun murteessuuf kan dirqaman ta'uu isaa hubatamuu kan qabudha jenna.

#Magaalaa_baabbilee_fi_naannawa_ishee_hundatti_Namni_tajaajila_Abukaatummaa_barbaaddan_hundi_qunnamaa. ☎️ 0936053429 07175514
+2
#Magaalaa_baabbilee_fi_naannawa_ishee_hundatti_Namni_tajaajila_Abukaatummaa_barbaaddan_hundi_qunnamaa. ☎️ 0936053429 0717551411 Hordoftootni Channel kanaa hundi👏 #SHARE GODHA🙏🙏

#Ummata_magaalaa_baabbilee_fi_naannawaa_ishiitiif Obboleessi keenya #Ahimad_Adam kan jedhamu ogummaa seeraatiin Abbaa Alangaa ta'uun bara 2011- 2018tti ummata isaa tajaajilaa kan ture yoo tahu amma garuu kan duraanii caalaa ummataa isaa tajaajiluuf bara 22-12-2018 irraa eegalee Godina Harargee bahaa aanaa baabbilee fii naannawa isheetti boqonnaa haarawa tajaajila abukaattuummaa fii gorsaa seeraa tahuun tajaajila jalqabee jira. #Maarree hawaasni magaala baabbilee fi naannawa ishee tajaajjila abukaattummaa yoo barbaaddan qunnamuu ni dandeessan maal kana qofa namootni harka qalleeyyii ta'aniif bilisaan dhaabbachuuf qophiidha. #TAJAAJILOOTA_SEERAA_armaan_gadii_BIRAA_ni_ARGATTAN❗️👇👇 ⚖️ 1) Tajaajila Abukaatummaa (ATTORNEY SERVICE) : ⚖️ 2) Tajaajila Gorsa Seeraa (LEGAL CONSULTANT SERVICE): ⚖️ 3) Himata Hundeessuu fi Deebii Barreessuu (PREPARING STATEMENT OF CLAIM AND STATEMENT OF DEFENSE): ⚖️ 4) Ol'iyyannoo fi Komii Ijibbaataa Barreessuu (PREPARING MEMORANDUM OF APPEAL AND CASSATION): ⚖️ 5) Iyyata fi Komii Garaagaraa (DIFFERENT APPLICATION AND COMPLAINT): . ⚖️ 6) Bakka Bu'ummaa Barreessuu (AGENCY AGREEMENT): ⚖️ 7) Waliigaltee Waltaasisuu fi Wixinee Waliigaltee Qopheessuu (FACILITATING NEGOTIATION AND PREPARING DRAFT OF CONTRACT):  ⚖️ 8) Barreeffama Hundeeffama Waldaalee fi Dambii Ittiin Bulmaataa Qopheessuu (MEMORANDUM OF ASSOCIATION AND ARTICLE OF ASSOCIATION):  Fi tajaajiloota biroo seeraan wal qabatan argachuu ni dandeessu.  Namni tajaajila abukaattummaa barbaaddaan hundinuu gama         Bilbila 1. 0936053429 2. 0717551411 E-mail:Sonaamiidiiyaa@gmail.com Irratti yeroo barbaaddan na argachuu dandeessuu. #Teessoo :- goodina harargee bahaa A/baabbilee fi naannawa ishee hunda akkasumaas manneen murtii kamuu deemuun isin tajaajiluuf qophiidha.

#Magaalaa_baabbilee_fi_naannawa_ishee_hundatti_Namni_tajaajila_Abukaatummaa_barbaaddan_hundi_qunnamaa. ☎️ 0936053429 07175514
+2
#Magaalaa_baabbilee_fi_naannawa_ishee_hundatti_Namni_tajaajila_Abukaatummaa_barbaaddan_hundi_qunnamaa. ☎️ 0936053429 0717551411 Hordoftootni Channel kanaa hundi👏 #SHARE GODHA🙏🙏