cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

CHRISTIANITY CHANAL 💻

Chaanalii kanaa irraa barumsaa haafuraa fi farfannaa ni argattuu. ይህ ቻናል መንፈሳዊ ትምህርቶችን እና መዝሙሮችን ይሰጥዎታል. This channel gives you spiritual lessons and songs Group Kenya.https://t.me/Abdiin_jiraa7

Mostrar más
Publicaciones publicitarias
381
Suscriptores
+424 horas
+107 días
+2830 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Seenaa Ajaa'ibaa kana Dubbissaa!👇👇👇 🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺🔺 Isin Yeroo Rakkinni isinitti jabaatu Abdii kutattanii achii gad bu'aa Adeemtumoo? Akka joobiraa achii ol ka'aa Adeemtu? Mee Imaltoota Xiyyaaraa Imala isaanii keessatti waan isaan mudate dubbisaa irraa baradhaa! ✍️Guyyaa tokko imaltoonni xiyaaraan imalaa osoo jiranii waan isaan hin yaadne tokko isaan mudate. Mudannoon kunis eessaa dhufteen isaa kan hin beekamne bofti summii hamaa qabu tokko utuu isaan olkaiinsa guddaa irra balali'aa jiranii kutaa balalisaa/pilot/ keessatti argame. Bofti kun kallattii balaliisaa kanaatiin hidduuf kan itti deemaa jiru ta'uu isaa yeroo argu balaliisaan sun dhimma kana imaltootaaf ifa godhe. Hunduu kan ta'aa jiru gaafa dhaga'an baayyee na'an. Iyyuu jalqaban. Balaliisaan sunis fala barbaaduu jalqabe. Lafa akka hin qubanne fageenya hedduuurra waan jiraniif utuu isaan lafa hin ga'in bofichi bira ga'ee hidda. Isumaafuu bakka mijataan waan jiru hin fakkaatu. Akka tasaa yaadi tokko itti dhufe. Ogeessota bineensaa waliin bilbilaan mariachuu. Dafee bilbile jara bilbilee fudhatee ogeessa bineensaa/ zoologist/ tiif haala keessa jiru ibseef. Ogeessichis amma olkaiinsa meeqarra jirtu jedhee gaafate. Balaliisaan sunis deebiseef.ogeessichis gad bu'uun furmaata miti. Amma olkaiinsa amma irra jirtu kanaraa ol dabalii. Kanaan booda qilleensi achii bofichaaf waan hin mijanneef si hiidduuf humna dhabaa jedheen. batalumati balalisaan kun waan namichi jadhen raawwate olka'iinsa isaa lafaraa qabuu dabalee gara qilleensa cimaa keessa galee haalli qilleensa sanaa bofichaa gaari hin turre bofichis baay'ee itti ulfaate atimosferin isaa yommus battalumatti humna dhabee suuta suutaan ni du'e Balaliisaan sunis ofiisaaf imaltoota oolche. Firoota koo haala amma isin rakkiseef furmaati gadi bu'uu miti. Olkaiinsa keenya dabaluudha. Kana gochuudhaan rakkinatti karaa cufta! Inni si hiidduuf sitti ariifatu sun si hin danda'u humna dhabaa deema. Waan dubbiftaniif galatoomaa! #Share waliif godhaa! https://t.me/cristian_mezmur https://t.me/cristian_mezmur
Mostrar todo...
CHRISTIANITY CHANAL 💻

Chaanalii kanaa irraa barumsaa haafuraa fi farfannaa ni argattuu. ይህ ቻናል መንፈሳዊ ትምህርቶችን እና መዝሙሮችን ይሰጥዎታል. This channel gives you spiritual lessons and songs Group Kenya.

https://t.me/Abdiin_jiraa7

2
Bagaa Ayyannaa Du'aa Ka'uu Yesuus kiristoosin Isiin Gahee! “Amma garuu Kristos warra du'an keessaa kaafameera, warra obbaafatan keessaas isatu jalqaba ka'e.” — 1Qor. 15:20 Yesuus du'ee hin hafnee du'aa ka'ee!🙏🙏
Mostrar todo...
👍 1👏 1
Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyesuus Kiristoos dursee bartoota isaatiif akkuma dubbatetti awwaalame guyyaa sadaffaatti ni ka’e. ”Dhalli namaa harka cubbamtootaatti dabarfamee akka kennamuu fi sadaffaattis ka’uunsaa dirqamadha, jedhee Galiilaatti akkan isinitti hime yaadadhaa…” jedhe  (Luq. 24:5).   Du’aa ka’uu Kiristoos qarshiidhaan dhoksuuf kan yaalan ni jiru ture,   Bartoota/duuka buutota isaa keessaas ka’uusaa kan shakkan ni jiru ture.    Inni garuu yeroo adda addaatti itti mul’achuudhaan du’aa ka’uusaa dhugoomseera.   Ergamoonni Waaqayyoos dubartoota qulqulloota bakka awwaala Isaatti barbaacha Isaa deemanitti mul’atan dursee akkuma dubbate du’a moo’ee ka’eera jedhanii dhuga ba’aniiru. (Mar. 16:9-14).   Du’aa ka’uun Kiristoos namoota Isatti amananiif hangafa du’aa ka’uu  ta’ee; du’a mo’ee akka ka’e kan barsiisudha.   Q/Phaawuloos, “Kiristoos warra muganiif (du’aniif) hangafa ta’ee du’aa ka’e” akkuma jedhe (1Qor.15:20).   Otoo Kiristoos du’a moo’ee hin kaane ta’eetii nutis abdii hin qabnu turre. Du’aa ka’umsa Kiristoosiin faayidaa argaman keessaa;   Duuti dhala namootaa irratti murtaa’ee kan ture,   Du’aa ka’uu Kiristoosiin moo’ame, kana booda duuti namoota qajeeltoo gara si’oolitti guuruun ni hafe. 1Qor. 15:59.   Abdii jireenya bara baraa kan itti argannedha.   Akkuma horii lafa kanarratti jiraannee kan duunu otoo hin ta’iin lafa kanarratti yeroo jiraannu akka fedha Waaqayyootti yoo jiraanne abdii jireenya bara baraa akka qabnu kan mirkaneesse dha. Tito. 2:13    “Du’aa ka’uu fi jireenyi Ana dha, kan natti amanu yoo du’ellee jiraataa ni ta’a.”     Yoh. 11:25.   Nageenyi itti argameera. “Nagaa isiniif nan hanbisa, nagaa koo isiniifan kenna.;ani akkabiyyi lafaa kennuttan isiniif  kenna miti.”  Yoh. 14:27. Kanaafuu du’aa ka’uu Kiristoosiin nagaan kan addunyaan nuuf kennituun adda kan ta’e nagaan kan Kiristoos nuuf kennameera. Bilisoomeerra. “Bilisaan akka jiraannuuf Kiristoos Bilisa nu baaseera. Egaa cimaa dhaabadhaa, deebitaniis garbummaatti (cubbuutti) hin qabamiinaa!”  Gal. 5:1. Jaalala dhugaa nuuf kenneera. “Lubbuusaa michoota Isaaf keennuurra kan caalu jaalalli biraa hin jiru, Yoh. 15:13.               AYYAANA GAARII!!!!! https://t.me/cristian_mezmur https://t.me/cristian_mezmur
Mostrar todo...
CHRISTIANITY CHANAL 💻

Chaanalii kanaa irraa barumsaa haafuraa fi farfannaa ni argattuu. ይህ ቻናል መንፈሳዊ ትምህርቶችን እና መዝሙሮችን ይሰጥዎታል. This channel gives you spiritual lessons and songs Group Kenya.

https://t.me/Abdiin_jiraa7

WALDAA MASARATA KIRISTOOS NAQAMTEE BOORDII: Baga Ayyaana Du’aa Ka’uu Kiristoos 2016/2024 Isin Gahe! Uma 3:1-13 Kufaatii  Adaam isa jalqabaa Uma 3:21 Waaqayyo uffata itt uffise Uma. 3:9 Baroota heedduudhaaf Dhalli namaa bilisummaa fi nagaa dhabee hacuuccaa diina harka Seexanaa jalatti akka jiraatuuf itti murtaa’eetu ture. Uma 3:17-19 Baroota kana keessattis namoonni gaariis ta’e hamaa hojjetan hundumtuu carraa fayyinaa dhabanii sii’olitti ni guuramu ture.   Raajonnii    Barsiisonni    lubbuu namaa fayyisuuf hin dandeenye Waaqayyo  waaqa  nama uumee   gatu waan hin taaneef Addaam isaa jalqabaaf  abdii fayyinaa  akka argatan waadaa galeef. Faasikaan /du’aa  ka’uun /kiristaanotaaf maali? 1.  Balballi cufame karaa yesuus kiristoos nuuf baname.  Rome 5:18 2.  Jaalalli Waaqayyoo karaa inni ittiin nutti mula’atee dha.  Efe  2:14-18 3.  Sexaanni diinni keenya karaa ittiin mo’amedha. 1Qor 15:56-57   Du’aa ka’uun guyyaa miti du’aa ka’uun yesuusidha.   Du’aa ka’uun yesuus du’aa ka’uu keenya karaa itti mirkaneeffannudha.    Adunyaa kana irra du’aa ka’uun hin jiru kan jedhan heeduudha fakkeenyaaf warri Qoronxoos du’aa ka’uun hin jiru jedhu. Ayyaanni Faasikaa  Isiraa’eeloota biratti  hiika guddaa qaba. Haaluma kanaan Waaqayyo Ilmasaa dhala namaa waanjoo garbummaa seexanaa jalaa baasuuf jecha gara lafaatti erge. Yesuusis Maariyaamirraa dhalate. Yommuu dhalatus dinqiin Waaqummaa Isaa ibsan raawwatamaniiru. Mat. 2:1-2 Akkuma raajiin adda addaa waa’ee dhalachuu Kiristoos dubbataanitti Kiristoos ni dhalate. Mat. 2:5-6. Hanga umuriinsaa waggaa 30 ga’uttis Haadhasaa Maariyaam waliin jiraate. Cubbuu malees akkuma namaatti suuta suuta guddate. Kiristoosis kaayyoo gara lafaatti dhufeefiif, dhala namaa fayyisuu, eegaluuf jecha harka Yohaannisiin cuuphame. (Mat. 3:16). Erga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soomee booda  seexanaan qorame, injifatees of biraa ari’e. (Mat. 4:1-11)  Kiristoos waggoota sadiif ji’a jaha biyya Israa’el keessa naanna’ee erga barsiisee booda kaayyoo gara lafaatti dhufeef keessaa:- Du’a keenya nuuf du’e du’a bara baraa irraa nu baraaruuf jecha   Guyyaa sanbata guddaa ulfinaan yerusaalemitti gale. Mat  21:1-11   Guyyaa wixataa mana qulqulummaa qulleesse.  Mar. 11:15-18   Guyyaa Kibxataa  Dhala namaa barsiisee faakkeenya ta’ee ofitti deebisuuf shittoo dibame.   Guyyaa Roobii   Imata irratti banani   Mat 14:1-12 Mar  6:14_29   Guyyaa  kamisaa irbaata isa dhumaa waliin nyaatanii   sagalee abdii jajjabinaa isaanitti dubbate.  1Qor  11:   Guyyaa Jimaataatti Fannoorratti fannifamee du’e. Akkuma dursee dubbatetti guyyaa sadaffaattis du’a mo’ee ka’e. (Mat. 28:6)   Kiristoos kan du’e fedhasaatiin nama fayyisuuf   Waaqayyo Ilmasaa gara namootaatti kan erge dhalli namaa akka du’a jalaa bahuufidha.                         Yoh. 10:17 yesuus Akka du’us, du’a moo’ee akka ka’us dursee waan beekuuf barattoota isaatti himaa tureera. (Mat. 26:31, Luq.24:5) Raajichi Isaayyaas dursee akkuma dubbatetti, Kiristoos dhala namaa fayyisuuf, garbummaa seexanaa jalaa baasuuf jecha foon namaa uffatee gidiraa hedduutiin akkamiin akka nama fayyisu dubbateetu ture. “Dhugumatti dhukkuba keenya fudhate, dhibee keenyas ni baate, nuti garuu akka rukutame; Waaqayyoonis akka dheekkamame, akka nama rakkateettis isa lakkoofne. …Inni garuu; irra darbaa keenyaaf madaa’e, waa’ee balleessaa keenyaafis bullaa’e (reebamuusaa), dheekkamsi fayyina keenyaas Isarra ni ture, madaa Isaatiinis nuti in fayyine… Kanaafuu, Kiristoos kan du’e hojii fayyina dhala namaaf jecha malee, akkuma keenya nama dhadhabaa waan ta’eef miti. Waan kana ta’eefis duuti Kiristoof fayyina kootiifidha jedhanii amanuun amantii mootummaa Waaqayyoo nama dhaalchisudha.       Du’aa Ka’uu Kiristoos Yeroo yesuus du’aa ka’uu namootaa argan 1.  Maariyaam Magqdellaa 2.  Namoota lamaan karaa warra Emaahus 3.  Bartoota isaa (11)n
Mostrar todo...
1
2
🥰 2
#JECHOOTA_FANNOO_IRRATTI_YESUS_DUBBATE_TORBAN (7) =========================== 1. Waaqa koo Waaqa koo maaliif na dhiista? #Mati:27:46 2. Yaa abbaa waan godhan hin beekani'oo dhiisiif! #Luq:23:34 3. Dhugumaan sitti hima har'a anaa wajjiin jannata keessatti ni argamta. #Luq:23:43 4. Yaa abbaa koo hafuuraa koo harka keetan kennadha. #Luq:23:46 5. Haadha koo ilaa ilma kee. #Yoh:19:26 6. Nan Dheebodhe. #Yoh:19:28 7. Fiixaan ba'eera. #Yoh:19:30 Yesus fiixaan ba'eera jedhee fedha isaatiin lubbuu isaa foon isaarraa yeroo addaan baasu Waaqummaa isaa ibsuuf rajjiiwwaan raawwataman kanneen armaan gadiitti. #WAAQA_IRRATTI Mati:24:29, Mati:27:45 1. Aduun(Biiftuun) ni dukkaanofte 2. Jiinnis dhiigaa uffatte. 3. Urjoonni Waaqa irraa ni harca'anii #LAFA_IRRATTI Mati:27:51-52 1. Golgaan Mana Qulqullummaa Olii hamma gadiitti iddoo lamati tarsa'ee 2. Lafti ni socho'e 3. Awwaalonnis ni banamanii 4. Warri du'an ni kaafamanii 5. Kattawwan ni dadayaa'an. Yesus har'as boriis bara baraanis waaqadha. Ibr:13:8 "Yesus Kiristoos kaleessaa isuma ture har'as bara baraanis isuma sana". Kanaafuu hanga ammatti warri Waaqummaa Yesus hin amanin jirtan utuu guyyaan jiru kotta Waaqummaa Yesusiin Amana. Karaan ittiin jireenyaatti galan isaa qofaadha. Yoh:14:6
Mostrar todo...
5👍 1
2
ለእኔ ነው እንዲ የሆነው🥺ለ እኛ ነው! ስለ በደላችን ደቀቀ 💔 ስለ ኃጢአታችን ቆሰለ 😭 ስለ መተላለፉች ሞት 😢 በመገረፉ ቁስል እኛ ተፈወስን 🥹 የጌታ ፍቅር ግን አይገርማቹም 😱 እኔ ሳስበው እራሱ ይደንቀኛል😧አምላክ ለሰው ልጆች መዳን  ሲል እራሱን አዋርዶ እርቃኑን  በመስቀል ላይ መሞት የፍቅሩን ጥግ
Mostrar todo...