cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Oduu Ammee 24

Odeeffannoo wayitaawaa guyyaa guyyaan darbu kan biyya keessaa fi biyya alaa hordofuuf Chaanalii kanaan join gochuun Maatii keenya ta'aa yaadaaf @oduuammee_bot nu quunnamaa

Mostrar más
Finlandia3 390El idioma no está especificadoNoticias y medios51 480
Publicaciones publicitarias
437
Suscriptores
Sin datos24 horas
+47 días
+4730 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Photo unavailableShow in Telegram
✔️Barsiisotaaf🙏 === Ministeerri Barnootaa, Barsiisota Barnoota Gannaa fudhachaa turanii sababa adda Addaan adda citee ture Bara 2016 kaasee Akka itti fufu dhaamsa dabarse.
Mostrar todo...
👍 2
Shawaa_Kaabaa Aanaa Darraatti “haleellaa hidhattoonni Faannoo raawwataniin” lubbuun namoota 4 darbe‼️ Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti haleellaa torban darbe raawwatameen yoo xiqqaate lubbuun namoota afur darbe. Jiraattota fi aanga’oonni haleellaa kana “hidhattoota Faannoo” raawwachuu himan. Jiraataan ganda Jirruu Dadaa maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko akka himetti, haleellaa kanaan namoonni afur; Taaddasaa Jobir, Tasfaayee Damissee, Tammee Abarraa, fi Tashooma Kibrat jedhaman ajjeefamaniiru. @oromiyanews @oromiyanews
Mostrar todo...
Hojjettoonni mootummaa kiraa manaa kaffaluu dadhabanii dhokatanii biiroo keessa akka bulaniifi Kanneen jireenyi isaan rakkise sa'aatii laaqanaa mana amantaatti akka dabarsan ibsame ‼️ Mindaan hojjettoota mootummaaf kaffalamu gadi aanaa ta'uufi jireenyaaf kan hin geenye ta’uu bira darbee dhaabbileen mootummaa naannolee Itiyoophiyaa hedduu keessatti argaman mindaa kaffaluu dadhabuudhaan hojjettoonni ji’ootaaf kaffaltii malee ji'ootaaf hojjetaa akka jiran gabaafamaa tureera. Naannoleen tokko tokkommoo bajata bara dhufuu irraa liqeeffatanii hojjetootaaf miindaa kaffalaa akka jiranis himameera. Biiroo Pablik Sarviisii ​​fi Misooma Qabeenya Namaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Itti Gaafatamaan Garee Deeggarsa fi Hordoffii Bulchiinsa Humna Namaa Abrahaam Degfee bulchiinsa magaalichaa keessaa dhaabbilee mootummaa gara 70 ta'an irratti hordoffii taasisanii jireenyi hojjetoota mootummaa haala rakkisaa keessa jiraachuu eeran. Obbo Abrahaam, tibbana labsii hojjetoota mootummaa Federaalaa irratti mari'atamaa yommuu jirutti, waltajjii sana irratti argamuudhaan dubbii taasisaniin, waajjira tokko keessatti ogeessi olaanaan miindaan isaaf kaffalamu qarshii 9,056 ta'uu eeruudhaan, ogeessi kun gibirri irraa citee kan harkasaa ga'u hirmaattonni akka tilmaaman gaafatanii, qarshii kanaan qarqara magaalaatti yoo ba'ellee kiraa manaa argachuu akka hin dandeenye hubachiisan. Haala kana keessatti tajaajila hawaasummaa fooyya'aa ta'e kennuun akka hin danda'amneefi rakkoon kunis furmaata bu'uuraa fiduudhaan malee miindaa hojjetootaa dabaluudhaan furuun akka hin danda'amne akeekan. "Hojjettoonni mootummaa yeroo tokko tokko biiroo keenya dhufanii nutti boo'u; waan laaqana ittiin nyaannu hin qabnu' jedhanii nutti boo'u" jechuudhaan dubbatan. Hojjettoonni kun sa'aatii laaqanaatti mana amantaatti akka dabarsan kan himan obbo Abrahaam Degfeen, "hojjetoonni mootummaa kaffaltoota gibiraa amanamoo ta'anillee jireenya isaanii jijjiiruu irratti tarkaanfiin fudhatamaa hin jiru" jedhanii, utuu jireenya hojjetootaa jijjiiruuf tarkaanfii qabatamaa tokko hin fudhatiin tajaajilli si'ataan hawaasaaf kennamuu akka hin dandeenye himan. Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Abbaa taayitaa eegumsa seeraaf daarekteera kan ta'an obbo Solomoon Yilmaa akka jedhanitti, Hojjetaan mootummaa abdii kutee jireenya rakkisaa keessatti kufee jira. Hojjetaan qulqullinaa tokko ji'atti miindaan 1,624 kan kaffalamuuf ta'uu eeruudhaan, dhaabbileen dhuunfaa hojjetaa qulqullinaa tokkoof miindaa 5000 akka kaffalu ibsan. Kun waajjiraalee mootummaa keessatti hojjetaa qacaruun ulfaataa akka taasise obbo Solomoon himaniiru. Magaalaa Finfinnee keessa qindeessitoota eegumsa seeraa 6500 ol jiran keessaa waggoota 10 oliif miindaan isaaniif kaffalamaa tureefi 3934 qofa akka ta'e kan eeran obbo Solomoon, sababa kanaatiin haalli jireenyaa itti cimuudhaan kiraa manaa kaffalachuu dadhabanii biiroo keessa dhokatanii kan bulan akka jiran himan. Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Daarektarri Humna Namaa Obbo Kasayee Agegaa akka ibsanitti, hojjettoonni yeroo adda addaatti hojii waan gadhiisaniif yeroo yerootti qacarrii hojjetaa akka oolan himan. "Yeroo hojjetaan mana nama dhuunfaa tokko miindaansaa 2500 caale kanatti hojjetaa qulqullinaa waajjira mootummaa tokkoof qarshii 1300 kaffaluun mirga namoomaa sarbuudha" kan jedhan daarekteerri kun, hojjetoota sadarkaa gadiirra jiran irratti xiyyeefatamee jireenya isaanii fooyyessuurratti hojjetamuu akka qabu hubachiisan. Naannolee Kibba Itoophiyaa kanneen dhiyoo kana hundeeffaman keessatti miindaan hojjetootaa kaffalamuu waan dhaabeef hojjetoonni yeroo adda addaatti hiriira ba'uudhaan gaaffii mirgaa gaafataa turuun ni yaadatama. @oromiyanews @oromiyanews
Mostrar todo...
👍 1🤔 1
Pireezidaantiin Itti-aanaa #Maalaawii balaa xiyyaaraan du’uu isaanii mirkanaa’e Pireezidantii Itti aanaa Maalaawii Saawulos Chilimaa fi namoota biroo sagal balaa xiyyaaraa isaan mudateen lubbuun isaanii darbuu Pireezidaantiin Maalaawii Laazaaruus Chaakwelaa beeksisaniiru. Xiyyaarri Saawulos Chilimaa, haati warraa isaanii Meerii fi aanga’oota paartii UTM dabalatee namoota 10 fe’ee ture Wiixata kaleessaa achi buuteen dhabamuu waajjirri pireezidantii biyyattii beeksisee ture. Xiyyaarri abbummaan isaa kan Raayyaa Ittisaa Maalaawii ta’ee erga magaalaa guddoo biyyattii Lilonguwee baheen booda raadaarii jalaa miliqee ture Duula barbaachaa fi lubbuu baraaruu gaggeeffamaa tureen bu’aa argame ilaalchisee har’a ibsa kan laatan pireezidaantiin biyyattii, caccabaan xiyyaarichaa argamuu ibsaniiru. ''Duula barbaachaa fi lubbuu baraarsaa xiyyaaricha irratti gaggeeffamaa ture xumurameera. Caccabaan xiyyaarichaa argameera. Namoonni keessa turan hunda du’u isaanii yeroo beeksisu gadda guddaadhaani,” jedhan @oromiyanews
Mostrar todo...
👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
Bidiruun gara caalu godaantota #Itoophiyaa feete dhidhimtee 38 du'an Bidiruun baay’inaan godaantota Itoophiyaa feete qarqara #Yamanitti dhidhimtee yoo xiqqaate namoonni 38 du’uu isaanii aanagawoonni himan. Kanneen balaa kanarraa hafan lubbuu baraartotatti akka dubbatanitti bidiruun kuni namoota 250 ta’an feetee turte. Kan garagaltees bubbee hamaarraa kan ka’e ta’uu BBC’n gabaaseera. Kan du’aniin ala godaantonni 100 achi buuteen isaanii waan dhabameef barbaachi itti fufeera. Aangawoonni magaalaa Rudam kan baha magaalaa guddoo Yamanitti argamtu akka jedhanitti bidiruu kana kanneen yaabbatan keessaa garri caalu lammiilee Itoophiyaadha. ''Kanneen qurxummii kiyyeessaniifi jiraattonni lubbuu namoota 78 bidiruurra turaniifi 100 ol kan ta’an achi buutee dhabamuu dubbatan baraaraniiru,'' jechuun aangawaan kun dubbataniiru. ''Barbaachi itti fufeera, waa’ee taatee mudate Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti gabaafameera,'' jedhan. @oromiyanews @oromiyanews
Mostrar todo...
1
Faawundeeshiniin Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa Waxabajjii 16 bara 2016 iftooma‼️ Faawundeeshiniin Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa Waxabajjii 16 bara 2016 Finfinnee, Hoteela Iskaayilaayititti kan iftoomu ta'uu Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa beeksise. Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Daraaraa Katamaa iftoomina Faawundeeshinichaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, faawundeeshinichi erga biyya keessaafi alatti hundaa'ee bubbulus Waxabajjii 16 bara 2016 iftooma jedhan. Artisti Alii Birraa dhimmoota aadaa, siyaasaa, barnootaafi kanneen biroo bifa sirbaan ummataasaa biraan gahaa turuu himanii, faawundeeshinichi leegaasiisaa ittifufsiisuuf hundaa'uusaatiin biirichi milkaa'inasaaf deeggarsa barbaachisu akka taasisu himaniiru. Daarektarri faawundeeshinichaa Obbo Asaad Faahim gamasaaniin,  kaayyoon hundeeffama faawundeeshinichaa hojiifi mul'ata Artisti Alii Birraa ittifufsiisuun dhalootaaf dabarsuu jedhaniiru. Faawundeeshinichi aartii dagaagsuuf, barnoota qulqullina qabu diriirsuuf, tajaajila fayyaa hundagaleessa mirkaneessuuf, tola ooltummaa hojjechuuf kayyoosaa adda duree ta'uus dubbataniiru. @oromiyanews @oromiyanews
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Pirezidantiin itti-aanaa Maalaawii achi buuteen isaanii dhabame. Pireezdantiin kun ministeera duraanii mootummaa guyyoota sadii dura du’an irratti mootummaa bakka bu’anii argamuuf ture kan imalan. Buufatni xiyyaaraa itti qubatu jedhamee eegamaa ture lafa owwaalchi raawwatutti dhihoo akka ta’e Obbo Kunkuyuun himaniiru. Erga balaan dhaqqabuu dhagahan booda Pirezidantiin Maalaawii Laazaaras Chaakweraa imala gara Bahaamaas taasisuuf turan haqaniiru. Waa’ee barbaacha namootaas ummatni yeroo yeroon akka dhagahu taasifama jedheera ibsi waajjira pirezidantii baase. Sababi xiyyaari itti bade hanga yoonaa hin beekamu jechuun Ajajaan Waraana Maalaawii Janaraal Vaalentinoo Phirii dubbataniiru. Ministeerri Odeeffannoo Maalaawii Moosas Kunkuyuu BBC’n dubbise yaaliin barbaacha xiyyaaraa ‘’cimee’’ gaggeeffamaa jira jedhan. @oromiyanews @oromiyanews
Mostrar todo...
👍 1 1
Photo unavailableShow in Telegram
Eertiraan tajaajila interneetii 1G lammiilee isheef kennuu eegaluuf akka jirtu himame Tajaajilli kun Doolaara 100 ykn Naqiif 1500 akka baastus himame. Tajaajilli interneetii 512 kbps kun galgala sa'aatii 4 hanga ganama sa'aatii 12 qofa tajaajilaaf banaa akka ta'us beekameera 😃 East African Insider EAI @oromiyanews @oromiyanews
Mostrar todo...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Naannoo Oromiyaatti Qormaanni Kutaa #8ffaa guyyaa boru Waxabajjii 4/2016 kennamuu eegala. Qormaaticha barattoonni kuma 672 fi 500 ni fudhatu. CARRAA GAARII @Oromiyanews @Oromiyanews
Mostrar todo...
👍 1 1
Photo unavailableShow in Telegram
Manni Maree Ministirootaa bara dhufuuf wixinee baajata birrii Tiriiliyoona 1'tti dhiyaatu raggaase Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 34ffaa har’a gaggeesseen bara baajataa 2017’f wixinee baajata mootummaa federaalaa birrii tiriiliyoona tokkotti dhiyaatu raggaaseera. Baajatni kun baasii idilee mootummaa federaalaa, baasii kaappitaalaa, deeggarsa naannoleef kennamu, deeggarsaa galmoota misooma waaraa raawwachiisuu fi baasii eeggachiisaa kan dabalatu ta’uu ibsameera. Baajatni haaraan kun baajata mootummaa bara xumuramaa jiru kanaaf ragga’e ture birrii biiliyoona 801 irraa caalmaa dhibbeentaa 20 ol agarsiiseera. Manni Maree Ministirootaa wixinee baajataa dhiyaate irratti erga mari’atee booda sagalee guutuun raggaasuun gara Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti qajeelcheera. AS
Mostrar todo...
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.