cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

FAYYAAN KEENYA QABEENYA

Gorsa fayyaa💊💊💉,💊💊💉Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoofi Barsiisoo garaagaraafi kkf yoo feetan👇

Mostrar más
Finlandia3 537El idioma no está especificadoMedicina20 992
Publicaciones publicitarias
287
Suscriptores
Sin datos24 horas
+17 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

KAANSARII - Kaansariin maaliidha? ******** Kaansariin dhukkuba seelonni qaamaa tokko tokko to’annaa malee itti baay’ataniidha. To’annaa malee baay’achuu fi guddachuun isaanii kun tishuuwwan ollaa isaanii jiran akka weeraran kan godhu yoo ta’u, akkasumas seelonni kaansarii kan to’annaa malee baay’atan kun dandeetti gara kutaalee qaamaa birootti faca’uu qabu. Kaansariin qaama namaa kamiinuu irraa ykn qaama namaa iddoo kamittuu mudatuu danda’a. — — Seelonni qaamaa yommuu dullooman ykn miidhaman ni duʼu, seelota haaraaniis bakka buufamu. Seelonni adeemsa qoqqoodiinsa seelii (cell division) jedhamuun qoqqodamuun seelii haaraa uumu. Yeroo tokko tokko adeemsi qoqqodiinsa seelii kun jeeqamuun, seelonni miidhaman ykn hin baramne haalaa fi yeroo ta’uu hin qabnetti qoqqodamaa baay’atu. — — Seelonni haalaa fi yeroo hin barbaadamnetti, karaa sirrii hin taaneeni fi saffisaan qoqqoodda (cell division) godhaa deeman kun, baay’achuunii fi guddachuun kuufamaa deemu. Kuufamni seelota kanaas waan akka kurusuu ykn dhiita’aa (tumor) uuma. Dhiitoofni gurmuu seelota sirrii hin taaneen uumamu kunis kaansarii ykn dhiita’a kaansarii hin taane uumuu danda’u. — — Dhiitofni kaansarii (malignant or cancerous tumor) adaduma guddataa deemuun gara tishuu ollaa isa cinaa jirutti babal’atuun kan weeraruu fi akkasumas qaama keessatti bakka fagootti imaluun qoqqodda gochuun bay’achuunii fi guddachuun kan iddoo imale sanittis kurusuu (ykn dhiita’a) uumuu danda’udha. Adeemsi seeliin kaansarii qaama itti jalqabe irraa gara qaama biraa deemuun bay’aatu ykn weeraaruu kun faca’uu kaansarii (cancer metastasis) jedhama. Kaansaroonni hedduun kurusuu (dhiita’a) jabaatu kan uuman ta’ullee, kaansaroonni dhiigaa hedduun garuu kurusuu ykn dhiita’a hin uuman. — — Dhiitofni tishuu isa cinaa jiruttii hin babaldhannee fi qaama keessa faca’uu hin dandeenye dhiita’a kaansarii hintane (benign tumor) jedhamanii waamamu. Isaan kaansarii hintaane (benign) kun yoo baqaqsani waldhanuudhan muranii baafaman yeroo hedduu deebi’anii kan hin guddanne yoo ta’an, dhiitofni kaansarii (malignant tumor) garuu yeroo heddu deebi’ee guddachuu danda’a. — — Dhiitofni kaansarii hintaane (benayin) yeroo hedduu hammaan xiqqaa fi rakkoo fayyaa cimaa kan hin hordofsiifnee yoo ta’an, garuu darbee darbee hammaan baay’ee guddachuu fi mallatoole ciccimoo fiduu, akkasumas hanga lubbuu namaa dabarsuus gahuu danda’u, fkn dhiita’aaleen kaansarii hintaane kan sammuu keessatti bahan mallattoo fi rakkoo fayyaa cimaa fiduu danda’u. *** Qoqqodamiinsa Seelii (cell division) fi Uumamu Kaansarii Qaamni namaa seelota xixiqqoo gara tiriliyoona dhibbaa (100,000,000,000,000) ta’an irraa ijaarama. Seeliin immoo caasaa xiqqaa qaamaati. Akkuma yeroo mana tokko ijaaran bilookkeetti wolirra ka’uun ijaaramu san, qaama namaas seelota xixiqqoo ijaan hin muldhannetu wolitti dhufuun ijaara. Seelonni walitti gurmaa’anii tishuuwwanii fi orgaanota qaamaa uumu. Seelonni gosa adda addaa qabu. Seelota gosa adda addaa 200 ol ta’antu qaama keessa jira. Seelonni kunis hojii adda addaa qabu. Adeemsi seeliin baay’achuu fi guddachuuf qoqqodamu, akkasumas seelota miidhaman bakka buusuuf qoqqodamu, qoqqodamiinsa seelii (cell division) jedhama. Seeliin tokko lamatti qoodamuudhaan seelota lama ta’a. Seelonni lama afur ta’u, afur ammo qoodamuun saddeet ta’u, akkasitti itti fuufa. Yeroo qoqqooddaan seelii (cell division) godhamu, seelonni qoqqodiinsaan uumamaa jiran seelii irraa qoodaman san waan hundaan fakkachuu isaanii sirritti to’achuun erga mirkaneessan booda seelin haaraan tokko uumama. Tokkoon tokkoon seelii haraa kun kooppii jiiniiwwan chromosomes (qaccee sanyii) seelii isaan irraa dhufanii guutuun guututti fakkaatu qabaatu.
Mostrar todo...
FAYYAAN KEENYA QABEENYA

Gorsa fayyaa💊💊💉,💊💊💉Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoofi Barsiisoo garaagaraafi kkf yoo feetan👇

👍 1
Adeemsa kana keessatti wanti hundi sirritti fi qajeellotti waraabamuu (koppii) ta’uu isaa mirkaneessuuf sakatta'iinsonni qaamaan godhaman ni jiru. Garuu yeroo tokko tokko dogongorri ni uumama, dogongorri yeroo kana uumamu kunis seeliin adda ta’e akka uumamu gochuun, seeliin adda ta’ee uumame kun ammoo to’annoo malee ofqoqqooda baay’aachuun gara kaansariitti nama geessuu danda'a. Yeroo hedduu wontoonni dogongora kanaaf sababa ta’an ifa ta’uu dhiisuu malu. Garuu wontonnii carraa kaansariitiin qabamuu dabalan kan adda bahanii beekaman ni jiru. Seeliin dogongora kanaan uumame seelii qaamaa irraa qaccee sanyii (DNA) adda ta’e qabaata. Seeliin adda ta’ee uumame kun ammoo sagantaa fi fedha qaamaa otoo hin hordofin akka fedhetti garmalee yoo kan of baay’isu ta’e seelii kaansarii jedhama. Rakkoon fayyaa baay’achuu seelii kaansarii kanaan dhufu ammoo kaansarii jedhama. Seelonni kaansarii, seelota fayyaa (idile) irraa garaagarummaa adda addaa qabu. Garagarummaan qaban kunis dhukkuba cimaa (kaansarii) akka fidan kan isaan godhuudha. —- —- Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa! Horaa, bulaa, deebanaa! --- https://t.me/FAYYAAHINDHABINAA
Mostrar todo...
FAYYAAN KEENYA QABEENYA

Gorsa fayyaa💊💊💉,💊💊💉Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoofi Barsiisoo garaagaraafi kkf yoo feetan👇

👍 3
Photo unavailableShow in Telegram
Dhukkuba Toonsilii ! ■Toonsiliin Xannachoota kutaa qaama afaan keenyaa gama duubatiin naannawaa laagaa ykn qoonqoo kessatti argamanidha. ■ Fayidaan isaas dhukkuba Baakteeriyaa kan nyaata ykn qilleensa keessan gara qaamaa seenuun dhibee fidan ittisuu dha. ■Dhukubni kun kan nama qabu yaroo Xannachii tonsilii baakteeriyaa fi vaayraasiile gara garaan hubamuudha. ■Dhukubni kun nama umrii kamuu irratti argamu qabuu danda'a: haa tahuu malee yeroo hedduu namoota waggaa 5-15 jiran baay'inaan huba. ■ Dhukubni laagaa kan baakteeriyaan namatti dhufu isa cimaa fi qoricha farra baakteeriyaa( antibiotics)kan barbaduudha. ■ Obboleewwan fi daa'imman waliin baraataan haala salphaan walitti dadabarsuu ykn tatamsaasuu danda'uu. Malattoowwan: ■ Dhukkubbii laagaa fi dabaluu ho'aa qamaa. ■ Mataa bowwuu, Dhukkubbi garaa qabaachu fi haqqisiisu ■ Xannachooti mormaa dhiita'uu ■ Foolin afaani ajaa'uu Rakkoo tonsiliin wal qabatee dhufuu danda'aan ■ Dhukkubii Gurraa fi Saayinasii fiduu ■ Malaa laagaa Kessatti kuufachuu. ■ Dhukubaa onnee (Rheumatic Heart Disease) ■Dhukkuba kalee (APSGN) ■ Dhukubaa mogolee ykn buusaa ■ Rakkoo sammuu fiduu danda'a ■ Kana malees irraa deddeebi'anii yoo kaan dhukkubsataan ta'an daa'iman quncaruu danda'u. 💥xaxawwan dhibee kanaan walqabatanii dhufan hir'isuuf namni dhibee kanaan qabame yeroo yaala gahaa akka argatu gorfama! Nagaa hin dhabiinaa! #share gochuun waliin gahaa!
Mostrar todo...
👍 6
Dhukkuba Toonsilii
Mostrar todo...
Heeppataayitas B (Hepatitis B) ✍Heeppataayitas B'n dhukkuba tiruu vaayirasii tiruu B (HBV) dhufuudha ◈ Vaayirasii tiruu gosota 5tu jira,isaanis A, B, C, D fi E dha ◈ Heeppatayitas B'n dhibee miidhaa guddaa geessisaa jiru keessaa isa tokko ◈Addunyaarra namoonni biliyoona 2 ta'an vaayirasii kana kan qaban yoo ta'u namoonni miliyoona 300 ta'an dhukkuba tiruu vaayirasii kanan dhufu qabu ◈ Akka biyya keenyatti uummanni 6% dhukkuba heeppataayitas B qabu ◈Kaansariin tiruu harko 70 ol vaayirasii kanaan dhufa 🔹Karaa ittiin daddarbu 👉Vaayirasiin kun salphaan namarratti namatti daddarba 👉Vaayirasiin kun dhangala'aa qaama keessatti argama,karaan ittiin daddarbus; ◉Wal Qunnamtii saalaa nama dhukkuba kana qabu waliin taasisuun(wal quunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne) ◉Dhiigni nama vaayirasii kana qabu kara madaa yookaan kara kamiyyuu dhiiga keenya wayita seenu. ◉Lilmee fi waan qara qaban waliin fayyadamuu ◉Dhiiga vaayirasii kanaan faalame fudhachuun ◉Haadharraa gara ilmootti 🔹Namoota Saxilamoo ta'an Namoonni dhibee kanaaf irra caalaa saxilamoo ta'an : ◉Namoota biyyoota dhukkubni kun keessatti argamu keessatti guddatan ◉Daa'imman haadholii dhibe kana qaban irraa dhalatan ◉Namoota qoricha sammuu hadoochu lilmeen (IV injection) fudhatan ◉Qunnamtii saalaa of-eeggannoo hin qabne warra raawwatan ◉Namoota nama dhibee kana yeroo dheeraaf qabuu waliin jiraatan (miseensa maatii ykn waliin jiraachuun) ◉Ogeessa fayyaa ◉nama HIV/AIDS qabu 🔹Mallattoolee isaa ◉ Dadhabbii qaamaa ◉Dhukkubbii qaamaa waligalaa fi buusaawwanii ◉ Dhukubbii garaa karaa mirgaa gara oliin ◉Fayyummaan namatti dhagahamuu dhiisuu ◉Fedhii nyaataa dhabuu ◉Waraansaa fi garaa kaasaa ◉Ijaafi gogaan nama bifa keelloo qabaachuu ◉Gurraacha'u fincaaniifi daalachaa ykn addaachuu bakkee(bobbaa) ◉Ulfaatinni qaamaa hir'achuu ◉Qaama nama nyaachuu(hooqsisuu) ◉ qaamni dhiita'uu-dhiiton kun garaa irraa calqabee gara miilaa fi fuulatti babal'ata 🔹Qorannoo Barbaachisu ❶.Qorannoo dhiigaa 👉Vaayirasiin kun qaama keessa jiraachuu adda baasuf 👉Qorannoo fayyummaa tiruu agarsiisu(LFT) 👉Baay'ina vaayirasii(viral load ❷.Altiraasawondii ❸.CT scan fi MRI ❹.Saamuda tiruu (biopsy) 🔹Wal'aansa ●Qoricha farra vaayirasii kanaa-Qorichi kun namoota vaayirasii kana qaban hundaaf hin kennamu,qorannoowwan godhaman irratti hundaa'ee ogeessan ajajama ●Tiruu buqqisanii dhabuu(liver transplant)-sadarkaa dhumas irra yoo gahe 🔹Mala Ittisaa 👉Talaallii(vaccine) fudhachuu-keessattuu namoota saaxilamoo ta'aniif 👉Namni walfuudhuun dura lamaanuu dhukkuba kanarraa bilisa ta'uu qoratamanii mirkaneessuu 👉 walqunnamtii saala dangaa hin qabne irraa of tiksuu 👉Dhiiga fudhachuun dura qulqullummaa isaa adda baasuu 👉Meeshaalee qara tokkoof tokkoon fayyadamuu 🔹Rakkoowwan vaayirasiin kun fidu ◉ Dhukkuba tiruu yeroo dheeraa (CLD) ◉ Siiroosisi (cirrhosis) ◉ Kaansarii Tiruu By .Dr.Chala
Mostrar todo...
👍 5
Photo unavailableShow in Telegram
Dhibee vaayirasii Tiruu
Mostrar todo...
Mostrar todo...
Fayyaan Faaya!! ( Dr. Mo'ii )

Carraa ULFAA'UU akkamiin dabaluu dandeenyaa? * 1. Hanqaaquun ovaarii shamarranii irraa kan gadi lakkifamu, guyyaa jalqabaa marsaan laguu inni darbe itti dhufee kaasee guyyaa 14ffaa irratti. Naannoo kanatti walqunnamtii saalaa haalaan raawwachuudha. Asirratti waan hubatamuu qabu, sanyiin kormaa erga dhangala'ee booda qaama walhormaataa shamarranii keessa HANGA GUYYAA SHANII lubbuun jiraatee obsaan eeguu danda'a. Sanyiin shamarranii garuu qophaa'ee GUYYAA TOKKO qofaaf sanyii kormaa eega. 2. Haati/shamarri umuriin ishee waggaa 35 osoo hin ga'iin yoo da'uu yaalte gaarii ta'a. Isaa olitti carraa ulfaa'uu xiqqaachaa deema. 3. Haati manaa fi abbaan manaa walbira jiraachuu. Walqunnamtii saalaa yoo xiqqaate torbanitti si'a sadii fi isaa ol rawwachuu. 4. Carraaqqi kana keessatti lamman isaanii; haraada adda addaa irraa of qusachuu (alkoolii, tamboo kkf) garmalee ulfaatina hir'isuuf dabaluu fi of dhiphisuu irraa of qusachuudha. ** Dr Gurmessaa Fayyaan Faaya @drmoii

DHIBEE ISTIROOKII 1. Istirookii jechuun yeroo akkuma tasaatti qaamonni sammuu keenyaan toataman hojii isaanii hojjechuu dhaaban fknf kan akka walakkaan qaama tokkoo sochouu dhabuu, Arrabni cufamuu fi kkfn nama mudatanii fi namni kun saa 24 keessatti dhibee kanarraa yoo bayyanachuu baatedha. Akkasumas Istirookii jechuuf dhibeewwan biroon mallattoo istirookii agarsiisan adda bahanii jiraachuu dhabuun isaanii mirkanaauu qaba! 2. Istirookiin kan uumamu yeroo seelonni sammuu keenyaa sababa dhiigni gara sammuutti deemu hirateef /cufameef oksijinii fi gulukoosii sammuuf barbaachisu dhabuun duan kan uumamudha. 3. Istirookiin gosoota lama qaba. Isaanis :- Inni 1ffaan isa hiddi dhiigaa sammuu keenyatti dhiiga rabsu sababa adda addaan yoo cufame fknf dhiigni kantare yoo hidda dhiigaa kan dhiiga sammuutti tamsaasu yoo cufe (Ischemic stroke) kan uumamudha. Inni 2ffaan yommuu hiddi dhiigaa sammuu keenyaa citee ykn dhohee dhiigni sammuu keenya keessatti yoo dhangalae kan uumamudha. 4. Bara 2010 keessa duwwaa namoonni miliyoona 17tti lakkaaaman dhibee kanaan akka hubaman qorannoon tokko ni mulisa. 5. Mallattoowwan dhibee kanaa keessaa muraasni :- Gartokkoon qaamaa sochouu dhabuu ykn hadooduu, dubbachuu dadhabuu ykn waan namni dubbatu huubachuu dhabuu, yeroo baayee iji karaa tokkoo arguu dhabuu, gatantaruu, fincaan qabachuu dadhabuu, mallattoowwan akka gaggabdoo agarsiisuu fi kkf dha. 6. Wantoonni dhibee kanaaf nu saaxiluu dandahan :- dhukkuba dhiibbaa dhiigaa qabaachuu, furdina garmalee, tamboo xuuxuu, dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee, umurii waggaa 50 fi isaa olii, namoota dhibee kana irraa fayyanii bayyanataniI fi kkf dha. 7. Mala ittisaa keessaa muraasni:- furdina garmalee hirisuu, namoonni dhukkoota akka dhiibbaa dhiiga, sukkaaraa fi onnee qaban qoricha ogeessi fayyaa ajajeefiitti sirnaan fayyadamuu, sigaaraa xuuxuurraa of qusachuu fi kkf dha. Namoota mallattoowwan istirookii armaan olitti eeraman qaban yoo argitan ariitiin Mana yaalaa geessaa! Thank you!! Fayyaa hin dhabinaa https://t.me/FAYYAAHINDHABINAA
Mostrar todo...
FAYYAAN KEENYA QABEENYA

Gorsa fayyaa💊💊💉,💊💊💉Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoofi Barsiisoo garaagaraafi kkf yoo feetan👇

👍 4
Dhibeen stroke dhibee akkamitii?
Mostrar todo...
👍 1
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.