cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Morkataa ilmaa goota Oromoo Baalee

Mostrar más
Finlandia3 336El idioma no está especificadoMedicina
Publicaciones publicitarias
210
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
Sin datos30 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Repost from Dr. Gurmeessaa
Photo unavailableShow in Telegram
Wantoota wayita ulfaa fi da'umsa booda dhorkaman. *** 1. Nyaataa hin bilchaannee fi foon dheedhii nyaachuu. 2. Dhugaatii alkoolii dhuguu fi tamboo xuuxuu. 3. Hojjii humnaa olii hojjechuu. 4. Nyaata altakkaattti baay'isanii nyaachuu. 5. Nyaaataa booda gadi jedhanii hojii hojjachhuu. 6. Yeroo ulfaa torban 24 (ji'a 6) booda dugdaan ciisuu. 7. Kophee koomeen isaa ol-ka'aa godhachuu. 8. Wayita ulfaa erga bishaan gubbee fi dhigni dhangala'ee quunnamtii saalaa raawwachuu. 9. Hordoffii wayita ulfaa addaan kutuu, gorsaa fi yaala ogeessi fayyaa wayita ulfaa, da'umsaa fi da'umsa booda isaani kenu fudhachuu dhiisuu. 10. Da'umsaa booda yeroo dheeraaf sireerra ciisanii turuu. ** Fayyaan Faaya ✅ Dr. Gurmessa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://youtube.com/@Dr_Gurmessaa?si=dnDAugLjY-SdQ8Tl 🖕🖕🖕🖕🖕🖕❤❤❤❤
Mostrar todo...
Repost from Dr Gurmeessaa
Photo unavailableShow in Telegram
Waantoota Qunca'uu Gogaa Harkaa Fiduu Malan: 1. Harka yeroo garmalee ammaa amma deddeebinee saaamunaadhaan dhiqannu, harka keenya irraa dibata uumamaa inni qabu gogsuudhaan akka gogaan kun caccabuuf qunca'u taasisa. 2. Haala qilleensaa baay'ee ho'aa (gubaa) ta'e keessas yoo jiraannu haaluma armaan olitti ibsameen gogaa keenyaa gogsee quncisuu mala. 3. Guba aduu (Sunburn) - kunis yoo xiyyi ifa aduu ultraviolet gigaa keenyaa miidhu yoo ta'u yeroo hedduu gogaan keenya qunca'uun dura diimatee, kulkulee, dhukkubuu mala. 4. Quba hodhuu (Funger suckling) keessumaa kun daa'imman irratti kan mul'atu yoo ta'u, darbee darbee namoota gurguddaa irratti illee ni mul'ata 5. Keemikaalota qaama (gogaa) keenya miidhan kan akka saamunaa, keemikaalota qonnaaf oolan, warshaalee gargara keessatti argamanii fi kkf sababa hojiin deddeebi'anii yoo gogaa keenyatti bu'an illee gogaan harka keenyaa qunca'uu mala. 6. Dhukkuboota gogaa garagaraa akka: Hand eczema, psoriasis, allergic contacts dermatitis fi kanneen biroo...
Mostrar todo...
Repost from Dr Gurmeessaa
Photo unavailableShow in Telegram
FAYYAA SOMBA KEESSANIIF: ** 1. Sochii qaamaa hargansuu sombaa sirritti hojjachiisan akka: daddafanii deemuu (brisk walking), baayisaayikilii (bicycle) oofuu fi baay’ee daddaffii (hariitiidhaan) mana qulqulleessuu illee dabalatee taasisuu. Sochiiwwan kana guyyaatti daqiiqaa 30 gochuu qabna. 2. Waantoota qilleensa naannoo keenyaa faalan, kanneen to'achuu dandeenyu akka aara mana keessaa kan cilee irraa maddu, of irraa fageessuu. 3. Diina sombaa isa hangafa kan ta'e, tamboo aarsuu fi naannoo namoota tamboo aarsanii jiraachuu irraa of qusachuu!!! 4. Dhugaatii alkoolii garmalee baay’isanii dhuguu irraa of qusachuu. *** Fayyaan Faaya @drgurmeessaa @drgurmeessaa
Mostrar todo...
Repost from Dr Gurmeessaa
BISHAAN fi FAYYAA ****** ● Bishaan nama tokkoof guyyaatti barbaachisu haga kana jechuun rakkisaadha. Sababni isaas, haala qilleensaa (ho'aa fi qorraa), haala hojii (hojii cimaa nama dafqisiisu fi hojii salphaa) fi kkf irratti hundaa'ee wal caala waan ta'eef. Haa ta'u malee namni ga'eessi tokko guyyaatti bishaan litira 2 haga 3 akka dhugu ni gorfama. ● Bishaan kan dhuguu qabnu osoo qaamni keenya "dheebodhe" jedhee nutti hin himiin ta'u qaba. Kana gochuun ammoo faayidaalee armaan gadii kana qaba! ***** 1. Goguu mar’umaanii (constipation) ittisuu keessatti gahee qaba. 2. Dhukkuba kalee kan kidney stone jedhamu kan waanti akka cirrachaa kalee keessatti walitti kuufamuun hedduu nama dhukkubsitu dandeettii akka hin uumamneef gargaaruu qaba. Kana malees kaleen hojii xuraawaa qaama baasuu akka sirriitti hojjatu taasisa. 3. Hojii keenya guyyaa guyyaa keessumattuu warren hojii humnaa hojjatan hojii isaanii irratti akka hin dadhabne gargaara. 4. Mataa dhukkubbii ykn mataa bowwuu dandeettii nurraa ittisuu qaba. 5. Dandeettii waa yaadachuu fi yaaduu irratti sammuun keenya bishaan sirriitti argachuun baayyee barbaachisaadha. 6. Ulfaatina qaamaa humnaa ol ta’e hir’isuu irratti ni gargaara. 7. Namoota alkoolii dhuganiif miira nama jibbisiisu kan erga alkoolii dhuganii booda namatti dhufu (hangover) ni ittisa. *** Fayyaan faaya @drgurmeessaa @drgurmeessaa
Mostrar todo...
Repost from Dr Gurmeessaa
Photo unavailableShow in Telegram
FAAYIDAA DAMMAA 1. Madaan qaamaa salphaatti akka fayyu taasisa 2. Keemikaalota antioxidant jedhaman qaama keenyaaf barbaachisan qaba 3. Dhiibbaa dhiigaa gadi buusa 4. Madda annisaa isa guddaadha 5. Sukkaarri damma keessaa kan biroo irra qaamaaf gaariidha 6. Fayyummaa onneef gahee guddaa qabata 7. Hirriba gaarii akka rafnu gargaara 8. Coomni qaama keessa akka hin baay'anne taasisa 9.Qufaan akka nurraa dhaabbatu taasisa 10. Namoota alerjii qabaniif gargaarsa guddaa godha. @drgurmeessaa @drgurmeessaa
Mostrar todo...
Repost from Dr Gurmeessaa
Namoota DHUKKUBA MADAA'UU GAARAACHAA qabdaniif: **** NB: Dhukkuba madaa'uu garaachaa fiduudhaan ga'ee ol aanaa kan qaban wantoota lama (2) 1. QORICHOOTA DHUKKUBBII ITTISUUF GARGAARAN (Ibuprofen, diclofenac, endomethacin fi qorichoota gosaan NSAID jalatti ramadaman kan biroo) 2. BAAKTEERIYAA GARAACHAA H.PYLORI jedhamu dha. Walumaa galatti namoonni dhibee madaa'uu garaachaa kana qabdan fayyummaa gaaracha Keessaniif: 1. Waantoota dhukkuba garaachaa fidan akka: alkoolii baay’isuu, tamboo xuuxuu, qorichoota ajaja ogeessa fayyaa malee kennaman (keessumaa kan dhukkubbii hir'isuuf oolan akka ibuprofen fi kkf) fayyadamuu fi of dhiphisuu irraa fagaachuu. 2. Nyaata dhukkuba garaachaa nutti cimsan irraa fagaachuu: nyaata kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo kan nyaatnaan nutti cimsu beekne nyaata sanarra fagaachuu qabna. Walumaa galatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna, nyaatotaaf dhugaatii erga hojjetamanii turanii afaaniitti hadhaa’an (fkn farsoo ba’ee ture) namatti kaachisu. 3. Nyaata dhukkuba garaachaa irraa fayyuuf nu gargaaran nyaachuu: isaan keessa dammi isa hangafa fi fayyuu garaacha madaa’eef kan gargaarudha. Qullubbiin adiin (garlic) baakteriyaa H. pylori jedhamu sanaaf akka haalli hin mijanne taasisa, kuduraa fi muduraaleen ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa. 4. Gara mana yaalaa deemuun yoo baakteriyaan H. pylori jiraate qoricha isaa fudhachuu qabna. *** Fayyaan faaya @drgurmeessaa @drgurmeessaa
Mostrar todo...
Repost from Dr Gurmeessaa
Photo unavailableShow in Telegram
Maangoo fi Fayyaa Maangoon addatti faayidaa maal dhala namaaf kennuu danda'a? 1. Madda gaarii vaayitaamin "A", Vaayitaamin "C", fooleetii, elemntii potaasiyemii fi magniiziyeemii ti. 2. Madda anniisaa gaariidha (maangoon giddu galeessi tokko kaalorii 200 kennuu danda'a). 3. Gogiinsa garaa ni fooyyeessa (compound amylase fi fiber ol'aanaa waan ofkeessaa qabuuf). 4. Keemikaalota antioxidant jedhaman qaama keenyaaf barbaachisan (kulkula qaamaa fi dhukkuboota tokko tokko ittisan) of keessaa qaba. Fayyaan Faaya @drgurmeessaa @drgurmeessaa
Mostrar todo...
Repost from Dr Gurmeessaa
Photo unavailableShow in Telegram
MUUZII HAA NYAANNU!! -Elementii potassium, olaanaa nuuf kenna -Sochii mar'umaaniif gargaarsa ta'a -Dhukkuba garaachaa warra qabaniif fayyisuuf warra hin qabamiin irraa immoo ittisuuf gahee guddaa taphata. -Sukkaara qaama keessa akka olhin kaanee fi gadi hin buune eeguu keessatti gahee guddaa taphata. -Keemikaala sammuu dhiphisu qaama keessaa hir'isuu danda'a -Dhiibbaa dhiiga keenyaa bakka sirriitti eeguufi dhukkuboota sirna dhiigaa fi onnee tokko tokko ni ittisa. -lafee jabaataa fi fayya qabeessa ijaaruu keessatti gahee olaanaa taphata. -Hir'ina dhiigaa ittisuu fi ulfaatina hir'isuuf ni gargaara. "Fayyaan faaya" Dr. Gurmeessaa https://t.me/drgurmeessaa https://t.me/drgurmeessaa
Mostrar todo...
Repost from Dr Gurmeessaa
Photo unavailableShow in Telegram
Faayidaa Appilii 1. Yoo nyaannu ilkaan keenya akka fayyaa qabaatuufi addaatu hedduu gargaara 2.Cholesterol qaama keessaa akka ol hin kaane eegumsa guddaa taasisa 3. Dhukkuba cirracha hadhooftuu (gallstone) jedhamu carraa nu qabachuu isaa ni hirisa. 4.Gogiinsa garaa nurraa eega teessisaas nurraa ittisa 5.Ulfaatina qaamaa bakka sirriitti eeguuf ni gargaara 6.Tiruun keenya summii qaama keessa sirriitti akka dhabamsiisu taasisa 7.Dhukkuba kintaarootii nurraa eeguuf gargaarsa guddaa godha. 8.Sirna dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaa dandeettii isaa olkaasa Galatoomaa @drgurmeessaa @drgurmeessaa
Mostrar todo...