cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

Traditional medicine

Mostrar más
Finlandia1 804El idioma no está especificadoMedicina6 733
Publicaciones publicitarias
2 936
Suscriptores
+424 horas
+637 días
+29330 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

5. Daadhibbinna qunnamtii saalaa dhabsisuuf ykn fedhii dafee namarraa dhangala'u akka turu taasisuuf: 🔹Hidda isaa guutumatti(usuu hin kutin) buqqisanii sirritti erga dhiqanii booda aannaniin danfisanii dammaafi daakuu fujuul itti dabalnii hirriba duraa guyyaa 21 fudhachuu 6. Dhukkuba Riihiitiif. Dhukkubni kun bakka lafeen namaa wolitti hidhatu nama qaba. Dhuka nama jigsa: hidda isaa seeraan dhiqanii zanjabiilaa fi qullubbii adii wajjiin danfisaa dhimbiibanii dhuguu. 7. Kintaarotii alatti gadi bahee fi kan garaa keessaatti argamu nama irraa balleessuuf: 🔹Baala ejersaa, baala alaangallee fi baala hidda shaarbee wolitti tumanii damma maankaa tokkoo fi sooqidda xiqqoo itti dabaluun dibachuu, kan garaa keessaaf akka goommanaatti affeelanii nyaachuu 9. Dhullaa fi shufuroo qaama namaa iitessuuf: 🔹Hidda isaa ibidda laafaa irratti hoo'isanii baala isaatiin maranii bakka dhullaan bahetti hidhanii bulchuu Hubachiisa: Akkaataan fayyadamaa biqiltuu shaarbee akaakuu dhukkubaatiin gara gara waan ta'eef kophatti itti deebinee badhinnasn isiniif ibsinaa! Odeeffannoon fayyaa dabalataa argachuuf fuula Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #Follow godhaa Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #Follow_Share_Like #WhatsAppNo 092 879 5750 #telegramchannel
Mostrar todo...
Faayidaa Biqiltuu Shaarbee
Kana dura Baala shaarbee akka aramaatti buqqiftanii gataa akka turtan mamii hin qabu. Sababni isaa anis maatiin kiyyas haawaasni naannoo ani itti dhaladhee guddudhees akkasuma godhaa turan waan ta'eef.

Garuu  biqilli kun icciitii rakkoo fayyaa namaa furuu danda'u qabaachuu isaa gaafa baramu akka ijaatti waan barbaadamu ta'uu isaa hubattu. Buqqiftnii darbachuu dhiiftanii dhabdanii kunuunsitu. 

Faayidaa biqilli shaarbee gama qoricha aadaatiin kennu isiniif himuu keenya dura mee saayinsiin fayyaa waa'ee biqila kanaa ilaalchisee qabxiilee inni qoratee tarreesse isiniif dhiheessina.
 
Qabiyyee Faayidaa Fayya biqila Shaarbee
`````````````````````````````````````````````````````
1. Baay’ina Antioxidant: Baalli shaabbee vitamin C fi A kan qabu yoo ta’u, qabiyyeen kun adeemsa jijjiirama keemikaalaa kan dhukkuba uuman(free radicals) seelii qaama keenyaa akka hin miineef kan lolu yoo ta’u, carraa dhukkuboota yeroo dheeraa(chronic diseases) ni hir’isa, fayyummaa gogaa keenyas ni eega. 2. Albuudaan Badhaadha: Albuuda akka kaalsiyeemii, ayirenii fi maagniziyeemiin badhaadha. Baalli Shaabbee kun lafee ni cimsa, marsaa dhiigaa fayya qabeessa taasisa, dhukkuba lafee(osteoporosis) jedhamu ittisuuf gargaaru. 3. Farra Xooxooti(anti inflammatory): Dandeettiin farra xooxoo isaanii haalawwan xooxeffannaa qaamaa yeroo dheeraa wajjin walqabatan kan akka dhukkuba Riihii(arthritis) salphisuu fi carraa dhukkuba onneen qabamuu gadi buusu danda'a. 4. Farra Baakteeriyaa: Baalli Shaabbee amaloota farra baakteeriyaa kan qaban yoo ta’u, lubbu-qabeeyyii ijaan hin mudhanne, miidhaa geessisan kan lolu yoo ta’u, dandeettii ittisa qaamaa infekshinii adda addaa irraa kan guddisudha. 5. Fayyummaa bullaa'insa nyaataaf: Fiiber baala keessa jiru bullaa'insa nyaataaf gargaara, baalli kun garaachi fayya qabeessa akka ta'uufi sochii garaachaa yeroo hunda tartiibaan akka hojjetan jajjabeessa. 6. Dhiibbaa Dhiigaa: Baalli shaabbee pootaasiyeemiin kan badhaadhe waan ta'eef dhiibbaa dhiigaa nama qabu akka ol-hinkaane to'achuuf kan gargaaran akkasumas, dhiibbaa dhiigaaf akka hin saaxilamne dursee ni ittisa. 7.Sirna ittisa qaamaa guddisuu(immune system boost): vitaamin C dabaltee qabiyyee soorataa hedduu waan qabuuf, sirna ittisaa qaamaa cimsuun qaamni keenya akka qorraa fi utaalloo ofirraa ittisuuf qopheessa. 8 .Summii qaama keessaa balleessuu: Baalli shaarbee hojii kalee deeggaruun qaamni keenya uumamaan summii adda addaa akka dhabamsiisu taasisuu danda’a. 9. Sirna Hargansuu Fooyyessa: Kompaawundootni Shaarbee keessa jiran saayinasii qulqulleessuu fi haala sirna hargansuu fooyyessuu danda’u. 10. Ulfaatina qaamaa to’achuu: Kaalorii xiqqaa kan qaban yoo ta’u faayibara baay’ee qabu. Kunis carraaqqii ulfaatina qaamaa hir’isuuf godhamu haalaan gargaara. 11. Fayyaa Gogaa: Vitamin A fi C, antioxidants waliin ta'uun gogaa fayya qabressa gochuu, gogaa coluluqsuu, fi gogaan mallattoo dulloomuu akka hin agarsiifne ittisuuf gumaacha guddaa qaba. Gama Qoricha Aadaatin Shaarbeen dhukkuboota Asii Gadii Yaaluuf Oola ``````````````````````````````````````````````` 1. Dhukkuba gogaa namaa miidhan kqn akka baccarroo, cirtii, robbii, maadiyaatii fi cocaa/sibijjii: 🔹Baala 7 funaananii erga cafaqanii booda, ibidda laafaa irratti hoo'isanii dibachuu. Guyyaa 7—14 fayyadamaa 2. Garaa nama muru ykn ciniinnaa garatiif,bokoka graatiif: 🔹firii isaa daakanii damma maankaa tokkoon wolitti laaffisanii ganama garaa duwwatti liqimsuu. Guyyoota 7 itti fuufuu. 3. Idda ykn ciniinnaa Raammoleen adda addaa kan akka qaajjibbuu, bofa fi daarabaaftuu/sharariitiif: 🔹Hidda shaarbee alanfatanii bakka ciniinnamanitti dibuu fi garattis liqimsuu 4. Fincaan dafee nama irraa bahuu dideef akka dafee fincaa'u taasisa: 🔹Hidda isaa aannaniin danfisanii damma maankaa tokko itti dabalanii dhuguu
Mostrar todo...
👍 1
👍 10
Nama MAAGAA Argetu bofa Baqata? ``¯``¯``¯``¯``¯``¯````¯``¯``¯````¯``¯``¯`` Raammoo Maagaa ykn Wosfaatii "Rammoon Maagaa raammoo dheerina hanga 40cm qabaatuu danda'u ta'ee, kan inni wal-horu marrumaan xiqqaa keessatti dha." Raammoon Maagaa Maal Irraa Nama Qaba? "Rammoon Maagaa bishaanii fi nyaata qulqullina hin qabamne irraa nama qabuu danda'a. Namni raammoon wasfat garaa isaa keessa jiru fuulaan daalachata, hidhiin isaa ni goggoga,funyaan isaa ni ququnca'a. Lolloojjii itti uuma, garaa kaasaa itti fiduu danda'a. Daa'imman Raammoo Maagaa garaa keessaa qaban garaan ciniinuu, garaan bokokuu fi albaasuus danda'a. Kanaraa ka'anii daa'imman dhukkuba kanaan qabaman yeeroo hedduu miira aarii ykn of-loluu, booyuu fi ilkaan woliin riguun sagalee dhageessisu. Raammoon maagaa dhalaafi kormaa waan qabuuf marrumaan qadhaa keessatti wal-horuu danda'a. Garaa keessatti yemmuu baayyate sagaraa wajjiin ykn darbe darbee afaaniinii fi funyaaniin bahuu danda'a. Daa'imman Baay'een Raammoo Kanaan Maliif Saaxilamu? " Maagaan dhaltuun yeroo tokkotti hanqaaquu hedduu buusuu dandeetti. Hanqaaquun maagaa ammoo sagaraa wajjiin alatti baati. Daa'imman yemmuu biyyee hanqaaquu raammoo maagaatiin faalame harkaan tuqan harka daa’immanii irratti maxxantee qeensha quba isaanii keessa lixxi. Daa'imman Harka osoo hin dhiqatin yemmuu nyaatan ykn afaanifu funyaan isaanii tuttuqan garaa keessa seenuun ammas wal-horuu jalqabdi. Furmaanni Maali? Mala1 ▰ Sanaafica sinii tokko ibidda laafaa irratti hoo'isuun bulleessitanii daaktu. Aannan baaduu ykn areera kubbaayya tokko waliin bulbultanii halkan guutuu bulchitu. Mala kana guyya 2 qofa fayyadamtu. Mala 2 ▰ Baala makkonniisaa fi jirma mokkonniisaa irraa quuncee isaa fuutanii erga goggogsitanii booda sirritti daaktu. Daakuu sana irraa maankaa shoorbaa 2 fuutanii aannan baaduu/areera wajjiin bulbultanii bulchuudhaan ganama garaa duwwatti dhugdu. Mala kana Guyyaa tokko qofa fayyadamtu. Mala 3. ▰ Harma Guusa(Ajuga remota) baala isaa ganaa tokko ykn cumm'aa tokko qopheessitu. Xalataam/sunkurtaa/xeenaddaam/ceeraddaam ganaa tokko ykn cum'oo tokko qopheessitu. Shunkurtii adii/Qullubii hidda giddu galeessa tokko qopheessitu. Waan kanneen sadan(Harma guusa, xalataama fi qullubbii) bishaan burcuqqoo tokkootti danfistu. Waan danfe kana irraa sinii tokko fuudhanii dhadhaa hin baqfamin maankaa tokko itti dabaltu. Ganama garaa duwwatti dhugdu. Hubachiisa: Malleen olitti isiniif eerre kun daa'imman: - Garaan ciniinu - Garaan iyyu/wacu - Garaan bokoku - Garaan albaasu - Garaan ajaayu fi - Huqqina daa'immaniif haalan fayyada. Nama irraa fayyadama jettanii yoo yaaddan #Share Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #Follow godhaa #WhatsAppNo 092 879 5750 #telegramchannel https://t.me/hikmaherbal
Mostrar todo...
Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

Traditional medicine

👍 8
Photo unavailableShow in Telegram
Mallattoolee Budaa ykn Summii ijaa fi waanyoo ykn hisdii Gurguddoo fi Furmaata Isaa Kutaa 1ffaa. الحسد،والحقد،والعين, وعلاجه ▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰ 1. Dhiphina: Sababa tokko malee naasisuu, boochisuufi dhiphinna gar-malee 2. Sammuun Doomu: Sammutti waa qabatuu ykn qayyabatuu dadhabuu, qo'achuu dadhabuu, waa dagachuu baayyisu 3. Of-gatuu: Dantaa ofiif dhabuu, qandhafuu jibbisiisuu, uffata tolfachuu dhiisuu, dabbasaa sirreeffachuu jibbuu fi qaama dhiqachuu ceem'uu. 4. Hirribni Jeeqamuu: Halkan hirriba dhabuu, ganama hirribaa ka'uu dadhabuu, gugurtaayuu, yeeroo lafi bariitu gammachuu dhabuu. 5. Hamoommii itti baayyisuu, imimmaan ijaa yaa'uu, ijji gubachuu. 6. Madaan xixiqqoon qaama irratti mudhachuu, finniisni badaa deddeebi'u qaama irratti uumamuu. 7. Nyaara ol-qabachuu dadhabuu, mataafi ceekuutti nama ulfaachuu. 8. Woyanna, aaduu, kurruufuufi qaamni sababuma malee namatti ulfaatuu 9.Obsa dhabuu, abdii kutachuu, ofitti amanamummaa dhabuu. 10. Daldalli sababa malee kasaaraaf saaxilamuu, bultiin namaa (jaarsaaf jaartiin) diigamuu. 11. Idooteen dhabamuu(intalti heeruma dhabuu, dhiirri fuudha dhabuu) 12. Of-jibbuu, qaamni kee foolii hin beekne sitti dhahuu. Fooliin afaanii fi qaamaa jijjiiramuu. Qaamni haala dura hin turreen dafqisiisuufi qaamni foolii hin baramne fiduu. 13. Qaamni kee usuma nyaattu huqqachuu. 14. Fuulli kee daaraa dhaluu/bifa si balleesse si daalacheessuu 15. Gogaan qaama keetii quunca'uu, keessumattuu naannofni bobaa harka keetii fi teessuma kee irratti luqqa'uu. Akkasumas madaan xixiqqaan, finniisnii fi dhullaan sitti babbahuu. 16. Ofitti amanamummaa dhabuu, waa sodaachuu, nama biratti dubbachuu sodaachuu. 17. Namaan woliif galuu dadhabuu. Nama shakkuu Waan hojjattan irratti nama biraa galata dhabuu. Namni akkuma wol bartaniin waan isin jibbu isinitti fakkaachuu. 18. Dallansuu, aarii gar-malee qabaachuu. Waanuma nama hin aarsinetti aaruu. 19. Dhahannaan onneen tasuma ol ka'aa gadi bu'uu. Dhikksni onnee al-tokko tokko saffisaan dhikkisuu, yeeroo biraa dadhabuun hafuura baafachuu rakkisuu. 20. Hoo'i qaamaa tasuma ol ka'uufi gadi bu'uu. Yookaan ammuma sitti hoo'ee ammuma sitti qorruu 21. Arraabaafi hidhii ofii irra deddeebiin of ciniinuu. 22. Ijji diddiimachuu fi ija keessa gubuu. Nyaara/gaara irratti ulfaatuu fkk. Yaala Dhukkuba Budaa/Ijaa akka sunnaatti. Falli kun namoota qara'uudanda'anii fi Muslimaaf ta'a. Namoota qara'uu hin dandeenyee fi worroota amantaa biroo hordoftaniif ammoo yaala biqilootaa fi alboodota dhukkuba budaa balleessan yeeroo biraa isiniif dhiheessina. ➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨ 1.Namni budaa/summii ijaa qabu sun yoo beekkame: Namni summii ijaa qabu sun harkaafi fuula isaa akka dhiqatu ajajama. Bishaan inni ittiin dhiqate sanaan qaama nama dhukkibsataa sanii dhiqu. Bishaan namni ijaa waa qabu dhiqate sana, dhukkubsataa gara duubaatiin mataa irraa hanga miilaatti yoo itti buusan fedha Rabbiitiin ni fayya. Namni ija irraa waa qabu akkaataa dhiqannaa isaa irratti haasaan waan jiruuf badhinnaan itti isiniif deebina. 2. Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee: "باسم الله أرقيك, من كل شيء يؤذيك، من شر كل نفس، أو عين حاسد، الله يشفيك باسم الله أرقيك" Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu. 3. Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee: "باسم الله يبريك، ومن كل داء يشفيك -ومن شر حاسدإذا حسد، ومن شر كل ذى عين" Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu. 4.Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee: "اللهم رب الناس، أذهب البأس، وشف أنت الشافي، لا شفاء الا شفاءك شفاء لا يغادر سقما" Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu. 5.Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee: الإخلاص ولفلق والناس Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu. 6. Dhukkubsataan mataan isaa ykn ogeessi, maloota 2—5 jiran bakko tokkotti bishaan irratti yeeroo 3 qara'uun dhukkubsataaf kenna. Dhukkubsataan garattis ni dhuga qaamaanis ni dhiqata. Fedha Rabbii Guddaatiin Ni Fayya. Malli yaala biqilootaan godhamuu badhinnaan isiniif qabannee dhufna.
Mostrar todo...
👍 12
Obboleewwan keessaniif #share godhaa. 092 879 5750 Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #Follow_Share_Like
Mostrar todo...
👍 3
Sababoota nyaanni garaacha keessatti akka hin bulloofne/akka hin daakamne godhan keessaa muraasa! ```````````` 1. Dheebuu malee bishaan dhuguu: Kunis ho’a uumamaa (abidda) qaama keenya keessa jiru gara qorratti jijjiira; Akkasumas yeroo malee akka bullaa'uu fi nyaanni garaacha keessaa akka bahu taasisa. Haalli kun yeeroo hedduu haakimoota biyya keenyaatiin "namni tokko fayyaa guutuu argachuuf bishaan L3-4 guyyatti dhuguu qabu" jedhamee waan gorfamuuf namoonni rakkoo kanaaf saaxilamaa jiru. 2.Walqunnamtii saalaa baayyisuu: Sochii qaamaa kan yeeroo wolqunnamtii saalaa godhamu keemikaalota bullaa'ina soorataa (pancreatic enzymes, including chymotrypsin and trypsin) waan saffisiisaniif nyaanni qaama keessa hamma turtii isaatii gaditti dafee akka baafamu taasisa. Ammas akkuma nyaatanii ka'aniin saal qunnamtii gochuun sooranni garaacha keessatti akka hin tasgabboofne gochuun jeequmsa garaachaa uuma. 3.Alkoolii dhuguu: Alkooliin asiidii garaachaa fi maashaalee naannoo garaachaa irratti dhiibbaa qaba _ Sochii keessatti gufuu uuma. 4. Akkuma nyaataniin buna dhuguu : Qorannoon tokko tokko akka agarsiisanitti bunni garaacha irratti dhiibbaa adda addaa gochuu akka danda’u, bullaa'inni soorataa akka jeeqamu mudhisu. Kunis sochii garaacha keessatti kakaasuun, sooranni bulbulamee bifa baasaatiin alatti yaa'uu danda'a 5. Yeeroo nyaannu gar-malee quufuu: • Garmalee nyaachuun garaan keenya hamma idilee isaa ol akka babal’atu taasisa, nyaata baay’ee wajjin akka walmadaalu taasisa. Garaan bal’ate qaamolee biroo irratti dhiiba, miira akka hin qabne si taasisa. kunis garaachi qilleensaa fi eddoo/space bullaa'ina soorataaf barbaachisu dhabuun akka cinqamu taasisa. 6.Yeroo hunda nyaata wal fakkaatu nyaachuu: Yeroo hunda nyaata walfakkaataa nyaachuun anniisaa gadi aanaa, awwaara sammuu fi rakkoo bullaa'insa nyaataa fiduu danda'a. 7. Sigaaraa/Tamboo xuuxuu: Tamboo xuuxuun sirna bullaa'insa nyaataa keessan karaa hedduudhaan miidhuu danda'a. Namoonni tamboo xuuxan namoota tamboo hin xuuxne caalaa yeroo baay’ee garaa kaasaa fi madaa garaachaa qabaachuu danda’u. Tamboo xuuxuun carraa dhukkuba madaayuu garaacbaa fi udhagaa garaachaa dabaluu danda'a. Follow, share, like gochuu hin dagatinaa. #WhatsAppNo Telegraamaatiin nuuf ergaa.
Mostrar todo...
👍 7
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.