cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Baankii Daldala Itiyoophiyaa

Seenaan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa (CBE) bara 1942 hundeeffama Baankii Mootummaa Itiyoophiyaa irraa eegaleeti. CBEn bara 1963tti akka dhaabbata aksiyoonaa tokkootti seeraan hundeeffame. Ergasii as guddina biyyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa dhufee

Mostrar más
Etiopía10 562El idioma no está especificadoEducación84 208
Publicaciones publicitarias
712
Suscriptores
+224 horas
+67 días
+1230 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Pireezidaantiin baankii daldalaa Itoophiyaa Abbee Saanoo gumaacha Baankiin Daldalaa Itoophiyaa Hidha Haaromsaa Guddichaaf taasisaa jiru ilaalchisee ibsa kennaniiru: • Faayinaansii birrii biiliyoona 136.7 ol kan kenne yoo ta’u, kunis baasii waliigalaa pirojektichaa keessaa harka 95% ta’a; • Hidhicha dhala gadi aanaa (harka 9%)n faayinaansii gochuun waggaa waggaan hir’ina birrii biiliyoona 15 taasiseera; • Sharafa alaa ni kenna; • Gumaacha hojjattoota baankichaa dabalatee birrii miiliyoona 319.7 ol arjoome; • Gurgurtaa kuupponii boondii Hidhichaaf birrii biiliyoona 9.6 ol ta'u raawwate; • Naannawaa Hidhichaa keessatti damee baankii tokkicha banuun tajaajila kennaa jira.
Mostrar todo...
‘Itsmydam’ Fayyadamuun Gumaachaa! =========== Baankiin Daldalaa Itoophiyaa Appilikeeshinii ‘itsmydam’ jedhamu kan lammiileen Itoophiyaa fi dhalootaan Itoophiyaa ta’an, hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf ittiin gumaachuu danda’an hojiirra Oolche. • Arjoomtonni appilikeeshinii ‘EthioDirect’ seenuun filannoo ‘itsmydam’ filatanii ‘MasterCard ykn Visa card’ isaanii fayyadamuun $5 hanga $1000 arjoomuu ni danda’u. • Karaa marsariitii itsmydam.com jedhamu namoonni dhuunfaa duula gaggeessuun kallattiin deeggaruun ni danda’ama. • Arjoomtonni karaa teessoo imeelii isaaniitiin ragaa ni argatu. Appii mobaayilaa ‘EthioDirect Play Store ykn App Store’ irraa buufachuu dandeessu. • Bilbiloota Andirooyidiitiif • Bilbiloota Appiliif Hojii seena qabeessa kana irratti hirmaadhaa!
Mostrar todo...
1
Appilikeeshiniin Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaaf deeggarsi ittiin taasifamu 'itsmydam'  haaromfamee hojii eegale.
Mostrar todo...
1
Bilisa/tolaan maallaqa maatii fi Aantee keessaniif gara biyyaatti ergaa! Eessayyuu osoo hin deemin bakkuma jirtanii bilbila harkaa fayyadamuu! #saffisaa #amansiisaa #cashgo
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Tajaajila Moobaayil baankii 'QR' fayyadamuun akkamitti kaffaltii raawwachuu ykn fudhachuu dandeessu? ========== 1. Yeroo namni birrii erguufi fudhatu waliin hin jirre • Namni maallaqa fudhatu mallattoo koodii 'QR' jedhu kan appilikeeshinii moobaayilaa irratti argamu tuquu/cuqaasa; • Maallaqa fudhachuu 'Receive Money' kan jedhu filachuu; • Hanga fi Sababa ‘Amount and Reason’ kan jedhu filadhuu; • Maallaqaa fi sababa galchuudhaan 'Continue' tuquu. • 'Share' kan jedhu tuquu /cuqaasaa; • 'Share as a link' kan jedhu cuqaasuun 'Ok' filadhaa. • Ergaa gabaabaa, Telegiraamii fi mala biroo fayyadamuun liinkii gara nama fudhatuutti erguu; • Namni maallaqa ergu liinkii ergameef banuun, hanga maallaqaa fi sababa isaa mirkaneessuun birrii dabarsuu ni danda’u. 2. Yoo namni maallaqa erguu fi fudhatu bakka tokkotti argaman immoo • Namni maallaqni ergamuuf mallattoo koodii 'QR' jedhu kan appilikeeshinii moobaayilaa irratti argamu tuquu/cuqaasuu; • Maallaqa fudhachuuf 'Receive Money' filachuu; • Hanga maallaqaa fi sababa galchitanii Itti fufi ‘Continue’ jedhu tuquu; • Koodii QR ykn fakkii sitti dhufu qopheessuu fi eeguu; • Namni maallaqa ergu mallattoo koodii 'QR' kan appilikeeshinii moobaayil baankii irratti argamu cuqaasa; • Namni ergu 'Scan QR' filadhu; • Bilbila nama maallaqa erguu irratti ‘QR code scan’ gochuu; • Ergamuuf Adeemsa kana hordofuun salphumatti ‘QR’ fayyadamuun maallaqa walii dabarsuun ykn fudhachuun ni danda’ama. Baankii Daldalaa Itoophiyaa Baankii Yoomiyyuu itti of Abdatan!
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Filannoo hedduu kan qabu Appilikeeshiniin isaa saffisaa; CBE Birr bakka isin jirtan hunda jira! App #CBEBirr buufachuuf liinkii armaan gadii fayyadamaa Bilbiloota Andirooyidiif:- https://play.google.com/store/apps/details?id=prod.cbe.birr • Bilbiloota Appiliif፡- https://apps.apple.com/us/app/cbebirr/id1600841787
Mostrar todo...
👍 1