cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Media show

ODEEFFANNOO BARNOOTAA FI ODDEEFFAANNOO WAYITAWWAA MEDIA SHOW MEDIA KEESSAN! NUU QUNNAAMUUF @milkibn 🎯MARIIF @bakkamarii

Mostrar más
Finlandia1 284El idioma no está especificadoEducación28 926
Publicaciones publicitarias
4 727
Suscriptores
-724 horas
+1 6327 días
+2 36130 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Photo unavailableShow in Telegram
Waraanni Sudaan erga jalqabee ji’oonni 14 darbaniiru. Lammiileen biyyattii miliyoonatti tilmaamamus biyya keessaa fi gara biyyoota ollaatti baqataniiru. Waraanni garee humna biyyattii bulchaa jiruu kan Jeneraal Mohaammad Al Burhaaniin hogganamuu fi Humnoota Deeggarsa Saffiisa (RSF) kan Janaraal Mohaammad Hamdaa Dagaalootiinn hoganamujidduutti erga wal jalqabanii kaasee, lammiileen biyya alaa Sudaan turanii fi dippilomaatonni biyyoota garaa garaa biyyicha gadhiisanii bahaniiru. @Mediashow43
Mostrar todo...
👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
Baga geessan Hordoftoota Amantii Islaama marti baga ayyaana Arafaan isin ga’e. EID MUBAARAK
Mostrar todo...
👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
#Remedial_Exam Bara 2016tti Barattoota Sagantaa fooyya'iinsaa(#Remedial) Natural Science Qormaata isaanii Guyyaa Boruu Itti fufiinsaan Kennama
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Balaa Abiddaa Biyya Bahrain 🇧🇭magaalaa manamaa keessatti mudateen lubbuun namoota hedduu darbe. Namoota lubbuun darban keessaa ijoolleen Oromoo akka jiran odeeffanneerra. Yeroo ammaa kanas ijoollee kanniin gara biyya isaanii deebisuuf tattaaffiin taassifamaa kan jiru yommuu ta’u kanneen miidhaman yaalamaa jiru. Miidiyaan Abdii Sabaa gaddaa itti dhaga’ame ibsaa hundaaf jajjabina hawwa. Namoonni biyyattii jirtanis kan biyya keessa jirtanis reeffa ijoollee kana deebisuu irratti carraaqqii akka gootan kabajaan isin gaafanna. Nagaan boqodhaa. @Mediashow43
Mostrar todo...
👍 2
#Kabaja Ayyaana Iid Al Adaha waggaa 1445ffaa sababeeffachuun daandiiwwan tajaajila geejjibaaf cufaa ta'an poolisiin bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ifoomse. Sababa kanaan boru barii sa'aatii 11:00 eegalee sirni Salaataa Addabaabayii Masqalaa fi daandiiwwan gurguddoo naannawaa isaatti argamanitti geggeefamee hanga xumuramutti daandiiwwan armaan gadii cufaa ta'uu poolisiin magaalaa Finfinnee ibsee jira. Daandiiwwan cufaman kanneen akka; • Daandii Piyaassaa Baaroo Kormaan gara Laga Harree fudhatu Addabaabayii Teediroositti, • Maqa Gootaraa gara Istaadiyeemii fudhatu, Agoonaa Siinimaatti, • Meeksiikoo gara Laga Harree gara Addabaabayii Meeksikootti, • Masaraa mootummaa biyyaalessaa gara Addabaabayii Masqaalaatti kan fudhatu, Ibsaa Paarlaamaatti, • Olompiyaa gara Addabaabayii Masqaalaatti kan fudhatu, Addabaabayii Olompiyaatti, • Magganaanyaa gara karaa Uraa'eeliin gara Addabaabayii Masqaalaatti kan fudhatu, • Xiqur Ambaassaa gara Laga Harree fudhatu, Xiqur Ambassaatti kan cufamu ta'uu himeera.
Mostrar todo...
👍 1
#namooni exit exam dubbisuu fi gaaffii isaa hojjeechuu barbaadaan link kanaa gadii xuquun argaachuu danddeessuu. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/horainformation ☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️
Mostrar todo...
Hora official channel

Best Information

Photo unavailableShow in Telegram
Walitti bu'iinsi meeshaa waraanaan deeggaramee daangaa naannolee Affaariifi Somaaleetti gaggeeffamu yaachisaa ta'uu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksise. Daangaa naannolee lamaaniitti jiraattota akkasumas qamoolee nageenyaa naannolee lamaanii gidduutti walitti bu'iinsi irra deddeebiin ka'u lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaa guddaa geessisaa ture. Ji'oota dura rakkoo kana karaa nagaa furuunis danda'amee ture.
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Godina shawaa Lixaa aanaa Noonnoo ganda Qondaala jedhamee beekamutti finxaaleyyiin Amaara hidhatanii jiran halkan edaa jechuunis gaafa guyyaa 7/10/2016 jiraattoota gandichaa sabaan Oromoo ta’an irratti haleellaa sukkanneessaa raawwataniin lubbuun namoota hedduu darbeera. Haleella kana kan rawwatan meeshaalee waraana jajjabaa fayyadamuun yeroo ta’u, mana cidhaa(aruuzaa) irratti dhukkasa banuun namoonni tilmaaman 20 ol ta'an mana keessatti gubachuufi namoonni 4 rasaasan rukutamuun lubbuun isaanii darbuu maatiin himaan.
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Bara 2016tti Barattoonni Sagantaa Fooyya'iinsaan(#Remedial) Barachuuf Yuunivarsiitii Bahaardaaritti Kan Ramadamtan Guyyaan Galmee #Adooleessa 22 fi 23/2016 Akka Ta'e Yuunivarsiitichi Beeksise. Baratttoota Saayinsii Uumamaa(#Natural_Science) ➧   Kampaasii Paalii ➧   Barattoota Saayinsii Hawaasaa(#Social_Science) Kampaasii Bagiish Abbaay Galmeef yeroo deemtan:- ➧  Waraqaa Ragaa Kutaa 12 Orjinaalaaf Koppii ➧ Uffata Qorraa :Ansoolaa ,uffata Boraatii,Hidhannoo Sport ➧  Suura Gabaabaa 4
Mostrar todo...
👍 2
Bara 2016tti Barattoonni Sagantaa Fooyya'iinsaan(#Remedial) Barachuuf Yuunivarsiitii Bahaardaaritti Kan Ramadamtan Guyyaan Galmee #Adooleessa 22 fi 23/2016 Akka Ta'e Yuunivarsiitichi Beeksise. Baratttoota Saayinsii Uumamaa(#Natural_Science) ➧   Kampaasii Paalii ➧   Barattoota Saayinsii Hawaasaa(#Social_Science) Kampaasii Bagiish Abbaay Galmeef yeroo deemtan:- ➧  Waraqaa Ragaa Kutaa 12 Orjinaalaaf Koppii ➧ Uffata Qorraa :Ansoolaa ,uffata Boraatii,Hidhannoo Sport ➧  Suura Gabaabaa 4
Mostrar todo...
photo_2024-06-15_07-03-35.jpg0.62 KB