cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

MEDIA HAQAA

BAGA NAGAAN GARA CHANNEL @mediahaqaa NAGAAN DHUFTAN CHANNEL KUN ODEEFFANNOO WAYITAAWWAA KAN ISIN BIRAAN GAHUDHA 💬NU QUNNAMUUF💬 @MediaHaqaaDm 📚Odeeffannoo Barnootaaf📚 @MEDIA_HAQAA 💬BAKKA MARIIF💬 @BAKKA_MARII_MEDIA_HAQAA

Mostrar más
Finlandia627El idioma no está especificadoNoticias y medios13 017
Publicaciones publicitarias
11 383
Suscriptores
+624 horas
+167 días
+17430 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Waa'ee taatee Jimaata galgala Godina Jimmaatti naasuu uume Jimaata galgala naannoo sa'aatii lamaaf walakkaatti, wanti sagalee guddaa qabu samii keessaa dhaga'amuun namoota naasuu keessa galchee ture. Wanti sagaleensaa samii keessaa dhaga’ame kun ammoo waan dhagaa fakkaatu hawaa irraa lafarratti bu’een kan uumame jechuun suuraafi viidiyoon garaa garaa miidiyaa hawaasummaarratti qoodamaa turaniiru. Aanaalee Godina Jimmaa kan akka Maannaa fi Maanchootti ammoo wanti samiirraa bu’e jedhame fuudhamee qorannoof waajjira Poolisiitti argama. Kanumaan walqabatee #EthiopiaCheck Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospeeshiyaam keessatti qorataa olaanaa astrophysics Dr. Solomoon Balaay dubbiseera. Dr solomoon "Suuraawwan arge irraa hubachuu akka danda'etti gara lafaatti wanti kufe jedhame kun ciccitaa meetirooyitiiti" jechuun ibsaniiru. Yuunivarsiitii Jimmaa kutaa Fiiziksii waliin haasa'anii deebii wal fakkaatu argachuu isaanii ibsaniiru. Wanti kufe kun gara Yuunivarsiitii Jimmaatti geeffamee akka qoratamus himaniiru. Mitiyooraayitoonni, meetoori,  meetirooyidii fi asteroyidiin maal fa’a? #Astirooyidiin haftee lubbu qabeeyyii sirna aduu keenya keessatti uumamee fi akka pilaaneetota aduutti naanna'aniidha. Sirna hawaa keenya keessa asteroyidoonni hedduun jiru. #Meetirooyidii (Meteoroids) qabiyyee dhagaa ykn sibiilaa yoo ta'u wantoota hawaa keessa jiran irraa caccabee kan argamu dha. Meeshaan kunis sibiila ykn dhagaa yoo ta'u, darbee darbee makaa lamaanii kan ta'uudha. Meetirooyidoonni koomeetota, asteroyidii fi gariin Ji'aa fi pilaaneetota biroo irraa dho'iinsaa fi sababoota birootiin caccabuu danda'a jedhameera. #Meetoor (Meteors) kan nuti yeroo baay'ee 'ji'a darbamtuu'' jennee waamnu yoo ta'u, ciccitaan isaa qilleensa lafa marsu keessa seenuu danda'us, osoo lafa hin ga'iin qilleensa keessa faca'e bada. #Mitiyoraayitii (Meteorites) kan jedhaman caccabni isaa qilleensa lafaa keessa seenee osoo guutummaan guutuutti hin badin  lafa irratti kan hafuudha. Mitiyooraayitoonni yeroo baay’ee dhagaa kan ta’an, qabiyyee sibiilaa tokko tokko kan qaban yoo ta’u, lamaan isaanii walitti makamuu danda’udha. Irra caalaan isaanii #astirooyidii irraa kan maddan yoo ta'u, ji'aa fi pilaaneetii Maarsii irraa gara lafaatti kufuu danda'u. Kanarraa kan ka’e saffisa isaanii irraa kan ka’e sagalee guddaa uumu. Suuraa: Miidiyaa hawaasaa irraa #EthiopiaCheck #NASA @mediahaaaa
Mostrar todo...
👍 1
Guyyaa har'aa konkolaataan Finfinnee irraa imalaa ture tokko aanaa Waanaagoo Zoonii Gedeoo keessatti sigigaate kufee sarara humna ibsaa waliin wal qunnamee konkolaataan ibiddaan gubate. Namoonni konkolaataa kana keessa turan miidhaan irra hin geenye. Lakkoofsi gabatee eeyyama konkolaataa inni biraa '#ORO 27555' ta'e karaa irraa Maqee garagalee balaa mudateen namoonni sadi madaa'anii Hospitaala Dillaatti yaalamaa jiru. Poolisiin balaan kun sababa roobaatiin kan ka’e sigigaate ta’uu eeruun, yeroo qorraa waan ta’eef konkolaachiftoonni of eeggannoo akka godhan waamicha dhiyeesse. #Kominikeeshinii Zoonii Gedeo @MEDIA_HAQAA
Mostrar todo...
👍 7
00:13
Video unavailableShow in Telegram
#Viidiyoo : Yeroo yaaliin ajjeechaa Doonaald Tiraamp irratti taasifamu isnaayiparoonni "Secret Service" jedhaman iddoo duula filannoon itti gaaggeffama jiru mana gubbaa bahuun nama yaalii ajjeechaa kana raawwateef deebii yeroo kennan mul'ataniiru. Namichi yaalii ajjeechaa erga raawwatee sekondii muraasa keessatti isnaayiparoota kanaan rasaasaan rukutamee ajjeefame. Yaalii ajjeechaa kana eenyutu raawwate? - FBI yakka ajjeechaa kana kan raawwate nama dhuunfaa ganna 20 Toomaas Maatewoos jedhamu ta'uu adda baaseera. - Manni jireenyaa isaa bakka duulli filannoo fi yaalii ajjeechaa itti raawwatame irraa konkolaataan sa'aatii tokkoo deemsisa. - Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Beeteel Park irraa bara 2022 eebbifame. - Dargaggeessi kun Inishiyeetiivii Herregaa fi Saayinsii Biyyaalessaatiinis badhaafameera. - Deeggaraa Rippabilikaanota akk tures ibsameera (paartii Donald Trump jechuudha). - FBI maaliif akkas gochuu akka barbaade qorachaa jira. @mediahaqaa
Mostrar todo...
5.62 KB
👍 2 1
Photo unavailableShow in Telegram
#Amaaraa #Intarneetii Ji'oota hedduu booda naannoo Amaaraatti tajaajilli intarneetii deebi'ee jira. Naannoo Amaaraa magaalota hedduutti qunnamtiin intarneetii ji'oota hedduudhaaf addaan citee turee, har'a tajaajilli intarneetii naannichatti deebi'ee eegalameera. Hanga ammaatti magaalota 14 keessatti tajaajilli intarneetii deebi'ee eegalameera. Intarneetii addaan kutuun walitti bu’iinsa ittisuu fi nagaa itti fufiinsa qabuuf kan hin mijoofne ta’uu fi uggurri kun akka kaafamu irra deddeebiin waamichi godhamaa turuun ni yaadatama. @mediahaqaa
Mostrar todo...
Walgahiin Idilee Marsaa 3ffaa Koree Jiddugalaa KFO Magaala Finfinnetti Gaggeefamaa Jira. Walgahiin idilee  Koree Jiddugalaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo marsaa 3ffaa Adoolessa 6-7 2016 ALI, guyyoota lamaaf gaggeefamu kaleessa magaalaa Finfinnee waajjira muummee dhaabaa keessatti eegalee jira. Walgahii kana irratti dhimmoota ijoo biyyaa fi dhaaba ilaallatan irratti baldhinaan mari'achaa kan jiru yoo ta'u, leenjiin gahumsa hooggansaa mataduree adda addaa irrattis hirmaattotaaf ni kennama. Xumura walgahii irratti ijjannoo miseensota Koree Jiddugalaa KFO Ibsa pireesii miidiyaaleef ni kenna jedhamee eeggamaa jira. @mediahaqaa
Mostrar todo...
👍 2
𝗗oonaa𝗹𝗱 𝗧𝗶𝗿𝗮𝗮𝗺𝗽𝗶 irratti y𝗮𝗮𝗹𝗶𝗶𝗻 a𝗷𝗷𝗲𝗲𝗰𝗵𝗮𝗮 𝗥𝗮𝗮𝘄𝘄𝗮𝘁𝗮𝗺e Pireezidaantiin duraanii Doonaald Tiraampi duula na filadhaa kutaa Peenisilveeniyaa , Kaawuntii  Baatileer keessaatti waltajjiirraa haasaa osoo gaggeessaa jiranu itti dhukaafameetu jedhama. Sadaasa keessa Paartii Rippabilikaan bakka bu’uun pirezidaantummaaf kan dorgoman Donaald Tiraamp madaa’anii gara hospitaalaatti geeffamuu isaa gabaafameera. Gareen duula filannoo gama isaatin, Tiraamp miidhaan salphaan irra gahuu fi amma nagaa ta'uu beeksiseera. Pirezidaanti Joo Baayiden yaalii ajjeechaa pirezdaantii duraanii Doonaald Tiraamp irratti raawwatame jedhamee shakkame ''namni hundi balaaleffachuu qaba'' jechuun, morkataa isaanii bara 2024 kana dubbisuuf akka karoorfatan ibsan. (VOA) @mediahaqaa
Mostrar todo...
👍 2
#NEWS ✅Guyyaa 5/11/2016 halkan sa’a 2:30 tti wanta sagalee dhukaasaafi kakawweessa guddaa qabu Godinaalee Jimmaa guutuu , Beddellee, Iluu Abbaaboor, Naqamtee, Gimbii, Dodolaafi bakkeewwan garaa garaatti Samii irraa iyyaa lafa uree seenuun akkasumas rifaasuu guddaa akka uume miidiyaan @mediahaqaa odeeffate. Taateen kun maal akka ta’e kan hin qoratamne yommuu ta’u suuraaleen hanga yoonaatti arganne kana fakkaata. Suuraan Godina Jimmaa Aanaa Maannaa Ganda Hundaa Qananii iddoo addaa Abaaloo jedhamu irraa. @mediahaqaa
Mostrar todo...
👍 16 3
#SagaleeItoophiyaanotaa "Nuti Itiyoophiyaanota Sudaan keessa jiraatudha. Kunoo Sudaan keessatti gidiraa argaa jirra." Itiyoophiyaanonni magaalota adda addaa irraa walitti qabamuun akka hidhamanii fi dirreetti darbataman ta'eera. Biyya waggootaaf keessa jiraannee, haala nuti homaa hin beekne keessatti waliti qabani nu hidhaniiru. Warri waggaa 30 fi 40 ol jiraatan illee hidhamaniiru. Sababa yeroo gaafannu 'Ajajni gubbaadhaa' nuun jedhu. Namoonni kun kan Lt. Gen. Alburhanii ti. Namoonni Jeneraalota akka odeessanitti 'RSF'f odeeffannoo kennitu' waan jedhan dubbatu. Hanga ammaatti lakkoofsi namoota hidhaman 600 ol ta’u.  Daa'immanii fi dubartoota, dubartoonni ulfaa, maanguddootaa fi  dhukkubsattoota hedduutu jira. Bakka mijataa hin taane, dirretti baanee jirra. Ho'a itti dabalamee gidiraa hedduu argaa jirra.  Dubartoonni of wallaalanii turanis jiru. Wal'aansaaf jedhanii erga fudhatamanii eessa akka geessan hin beekkamu. 'Asi jiraachuu hin dandeessan' yoo jedhan qabeenya keenyaa fudhannee gara biyya keenyatti nu haa deebisan. Mootummaan Itoophiyaa, Ministeerri Dhimma Alaa iyya keenya dhaga'ee gidiraa kana jalaa nu haa baasu." Itophiyaanota Suudaan jiraatan @mediahaqa
Mostrar todo...
👍 7
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.