cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

IJOOLLEE SALAALEE

An educated person will change the world

Mostrar más
Finlandia3 431El idioma no está especificadoEducación102 318
Publicaciones publicitarias
334
Suscriptores
+224 horas
+47 días
+1330 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Photo unavailableShow in Telegram
#cybersecurity INSA’n Sagantaa Qormaata Dandeettii Saayibarii Biyyaalessaa eegaluu beeksise. Dargaggoonni Itiyoophiyaa kutaa biyyattii kamittuu dandeettii fi fedhii addaa nageenya saayibarii fi dameewwan kanaan walqabatan irratti qaban hundi qormaata kana irratti hirmaachuu akka danda’an ibsameera. Gosoota Dandeettii: - Cyber Security - Cyber Development - Embedded Systems - Aerospace Leenjichi ji'a tokkoof Yunivarsiitii Finfinnee Inistiitiyuutii Teeknooloojiitti kan kennamu ta'a. Iyyattoonni har’a irraa eegalee hanga Caamsaa 30, 2016tti marsariitii https://talent.Insa.gov.et irratti galmaa’uu akka danda’an ibsameera. Odeeffannoo dabalataaf +251910974317 ykn +251904311837 bilbiluu dandeessu. IJOOLLEE SALAALEE
Mostrar todo...
👍 1
Mostrar todo...
tapswap community

For cooperation apply the form

https://forms.gle/Zsy6qF3uLNexopzp6

Turn your endless taps into a financial tool. Join the best Solana swap. Join @tapswap_bot

#KUTAA_12FFAA Sagantaa guyyaa qormaata kutaa 12ffaa Kan bara 2016 fudhatan:- ➭ Qoramtoonni saayinsii hawaasaa Roobii (03/11/2016)       Ganama :- Afaan Ingiliffaa       Guyyaa  :- Herregaa Kamisa:- (04/11/2016)       Ganama :- Aptituudii       Guyyaa  :- Ji'oograafii Jimaata:- (05/11/2016)       Ganama :- History       Guyyaa  :- Economics  ➭ Qoramtoonni saayinsii uumamaa Adoolessa 9-11/2016 fudhatu. Kibxata:- (09/11/2016)       Ganama :- Afaan Ingiliffaa       Guyyaa  :- Maths Roobii (10/11/2016)       Ganama :- Aptituudii       Guyyaa  :- Physics Kamisa:- (11/11/2016)       Ganama :- Chemistry       Guyyaa  :- Biology ➭Qoramaanni Bara 2016 magaalota filatamoo ta'an keessatti barattoonni filataman toora interneetii kan fudhatan yoo ta'u, barattoonni kan hafan Yunivarsitiiwwan keessatti waraqaan ni fudhatu jedhameera. ➭ Magaalota filatamoo 25 qormaanni kutaa 12ffaa toora interneetiin itti kennamu fuulduratti ifa ni ta'a.   Share Gochuu Hin Dagatinaa! IJOOLLEE SALAALEE
Mostrar todo...
👍 2👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
“Lubbuu keenyaaf sodaachaa jirra” barattoota Oromoo Yuunivarsitii Gaambeellaa! Walitti bu’iinsa barattoota Gaambeella Nuweeriifi barattoota oromoo giduutti yeroo yeroon uumamu haala yaaddessaa irra jira. Guyyaa harraas yuunivarsitii Gaambeellaatti barattoonni nuweer barattoota Oromoo irratti lola banuun baayyinaan namoonni kunniin mooraa alaa ol seenuun barattoota doorsisuufi rukutuun miidhaa dhaqqabsiisaa jiru. Suuraan armaan olitti mullatu Yuunivarsitii gaambeellaatti barsiisaa biqilaa Margaa jedhama. Barattoonni miidiyaan @Abdii_Sabaa moorichaa irraa dubbise “yaaddoo guddaa keessa jirra nu qaqqabaa “ jedhaniiru. IJOOLLEE SALAALEE
Mostrar todo...
👍 3🤔 1
#DV2025 Injifattoonni Viizaa Diversity 2025 har'a ni ifooma. Iyyattoonni iyyata DV (Diversity Visa) 2025 bu’aa isaanii ykn mo’achuu fi dhiisuu isaanii lakkoofsa mirkaneessaa isaanii dvprogram.state.gov/ESC/ qofa irratti galchuun ilaaluu ni danda’u. NB. Lakkoofsi mirkaneessaa yeroo iyyanni guutamu kan kennameedha. Lakkoofsi kun kan jala bade Forgot Confirmation number jechuun odeeffannoo barbaachisu guutuun lakkoofsa Mirkaneessaa haaraa karaa email argachuu ni danda'a. Bu'aan Dv galgala sa'aatii 1:00tti kan ifoomu ta'a. Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets "Lottery DV injifatteetta, Imbaasii Ameerikaa irraan bilbilaa jira / Imeelii kana / barreeffama kana kan ergaa jirru" jechuun qaamotni #sobaa waan jiraniif iyyattoonni of eeggannoo akka godhan dhaamaniiru. Hubadhaa, iyyataan tokko DV 2025 argachuu fi dhiisuu isaa karaa marsariitii armaan olitti ibsame qofaan beekuu danda’a. Waggaa waggaan Ameerikaan Afrikaa irraa (Itoophiyaa dabalatee), Eeshiyaa, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa, Ameerikaa Kibbaa fi Awustiraaliyaa irraa namoota kuma 55 karaa lootarii DV gara biyya isheetti fiddi.
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
Qabsaa'aafi weellisaa #Oromoo #Ebbisaa_Addunyaatiif iddoon awwaalchaa haareffame, siidaan ijaarame Weellisaa Eebbisaa Addunyaa waggoota 28 dura wareegamee ture. Iddoon awwakcha isaa tibbana haareffameera. Bakka awwaalcha isaatti siidaan dhaabameeraaf. Artsitii beekamaa kanaaf siidaan yaadannoo akka dhaabbatu waggootaaf gaafatamaa ture. Eebbisaan nama lubbuusaa qaalii falmaa mirga namoomaarratti wareegeedha jechuun beekamtiin akka maluuf artistoonni gameeyyiin waahillan isaa himaniiru. Eeebbisaa geerarsaan ergaa dabarfachuu, qabsoo jajjabeessuu fi ummata mirgasaaf akka falmatu kakaasuu keessatti ga'een inni qabu yoomuu hin dagatamu jedha Artist Hirphaa Gaanfuree. IJOOLLEE SALAALEE
Mostrar todo...
Oromiyaatti Ayyaana Sooma Hiika sabaabeeffachuun lammiilee kuma 300 oliif deeggarsi ni taasifama Naannoo Oromiyaatti Ayyaana Sooma Hiika sababeeffachuun lammiilee harka qalleyyii kuma 300 oliif deeggarsa taasiisuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa naannicha ibseera. Deeggarsa Akaakuu Birrii miiliyoona 450tti tilmaamamu taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibse
Mostrar todo...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
#Kutaa_12ffaa Guyyaan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa ifoomeera. Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa Adoolessa 3 hanga 5tti barattoota saayinsii hawaasaa; Adoolessaa 9 hanga 11/2016tti barattoota saayinsii uumamaaf toora interneetii fi waraqaan Yuunivarsitii keessatti akka kennamu ibsame. Barattoonni saayinsii hawaasaa waraqaa irratti qoraman waxabajjii 30 hanga Adoolessa 01, 2016tti, Barattoonni saayinsii uumamaa ammoo Adoolessa 6 hanga 7, 2016tti mooraa ni seenu. IJOOLLEE SALAALEE
Mostrar todo...
👍 2🥰 1
Photo unavailableShow in Telegram
Qormaanni barattoota sagantaa sirreeffamaa bara 2016 jalqaba ji'a Waxabajjii keessa kennama. - Ministeera Barnootaa Qormaanni barattoota sirreeffamaa jalqaba ji'a Waxabajjii keessa guyyoota 15f Yuunivarsiitii mootummaa qofa keessatti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksiseera. Rakkoo bara darbe mudate irra aanuuf qormaanni sirreeffamaa yunivarsiitiiwwan mootummaa qofa keessatti kennamuuf akka jiru himameera. Akkasumas qormaata kana keessaatti dhibbeentaan 70 jalqaba baatii Waxabajjii keessa guyyoota 15 f karaa toora interneetii fi waraqaatiin  too'annaa cimaa waliin akka qophaa’u ibsameera. Bara kana barattoonni kuma 78 ol ta'an yuunivarsiitii mootummaa keessatti barnoota sirreeffamaa fudhachaa akka jiran ibsameera. Barumsi sirreeffamaa Muddee irraa eegalee hanga dhuma baatii Waxabajjii 2016tti kennamaa kan jiru yoo ta’u, bu’aan isaanii %30 adeemsa barnoota yunivarsiitiiwwanii irratti hundaa’ee fi %70 ammoo qormaata giddugalichi qopheesse irratti hundaa’uun akka ta’e ibsaniiru. https://t.me/Salaale
Mostrar todo...
👍 1
#ExitExam Qormaanni ba’umsaa yoom kennama? Xalayaa Ministeerri Barnootaa dhaabbilee barnoota olaanoof Ebla 9/2016 barreesse keessatti; Qormaanni ba’uumsaa waxabajjii 14 hanga 21/2016tti akka kennamu ibsameera. https://t.me/Salaaleko
Mostrar todo...
IJOOLLEE SALAALEE

An educated person will change the world