Oromic Mindset đ§
Ir al canal en Telegram
Ilaalchakee jijjiiruun jireenyakee jijjiiruu ni dandeessa. Ilaalchi waan hundumaati. Carraa business fi leenjii ijaarsa namoomaa argachuufđ @keba41 Phone: 0912645484 0941787814 t.me/keba41 Gatii kee jiraatta! gatii ofiif laadhu!
Mostrar mĂĄs664
Suscriptores
+324 horas
+77 dĂas
+2830 dĂas
Archivo de publicaciones
Kophee, Uffataaf of miidhaksuuf qarshii kumaatama ni baasta. Leenjii ittiin sammuukee ijaartuuf garuu gatiin isaa qaaliidha jetta!
Waan kana sihaa hubachiisu!
Kophee, uffata, meeshaaleen of miidhagsuun bareeda ta'us kuni baasii jalatti ramadama. Sammuu ofii milkaa'ina borii ofiif leenjiidhaan ijaaruuf qarshii baasuun immoo investimentiidha. Investimentiin boru deebi'ee bu'aa siif kenna. Kuni galiidha. Baasii baay'isuumoo galii baay'isuutu siif furmaata?
Dhugumatti galii akka ati jettu nan amana. Kanaaf leenjii galii naaf argamsiisu fudhachuuf qophiidha yoo jette Comment irratti qophiidha jedhii barreess!
telegram: t.me/keba41
WhatsApp: 0912645484
Bilbila: 0912645484
đ„ Humna Kee Wanta Dandeessu Irratti Oolchi! đ„
Namoonni baayâeen yeroo isaanii wanta jijjiiruu hin dandeenye irratti gubu. Garuu milkaaâinni kan dhufu wanta toâachuu dandeessu irratti hojjechuudhaan.
â
Xiyyeeffannaa kee jijjiiri
â
Hojii xiqqoo har'a jalqabi
â
Sodaa kee hojii irratti moâi
Yaadadhu:
"Wanta jijjiiruu hin dandeenye irratti hin yaadda'iin; wanta jijjiiruu dandeessu irratti garuu humna kee guutuu fayyadami!" đȘ
đ Abdii hin kutin! Har'a jalqabi, boru ni mo'atta!
đ Komentii keessatti akkas jechuun barreessi:
"Humna koon jalqabeera, nan mo'a! đŻđ„"
Mee herrega kana haa hojjennu!
Nama mana barumsaa galu:
Gara mana barnootaa deema. Yoo xiqqaate Waggoota 13f barnootaan dabarsa. Ni qacarama. Gidduu galeessaan miindaa ji'aa 12,000 qacarama. Waggaatti 120,000 ni argata! Baasii jiru(Mana kiraa, asbeezaa, uffata, qulqullina, fayyaaf, transportf,) baasee kan irraa hafu hangam qusachuu danda'a? haa jennuuti waggaatti qarshii qarshii 40,000 haa qusatu. Waggaa 10tti qarshii 400,000 qusata. Kanayyuu baasii hamaan qala'iinsi jireenyaa gidduutti dhufee daaraa botoroo gochuu danda'a mitiiree? jenneema kanuma haa qusatu.
Namni kuni mana bitachuu yookaan ijaarrachuu barbaada. Mana tokko bituufis ta'e ijaaruuf yoo xiqqaate qarshii miiliyoona tokko isa gaafata. Salphisneetudha. Waggaa 10tti 400,000 yoo qusate milliona tokko qusachuuf waggaa 25 itti ni fudhata. Waggaa digdamii shanan kana qarshii milliona tokkoon manni ni jiraawoo? Tole haa jiraatus yerichatti keessatti awwaalamuuf moo keessa jiraachuuf ijaarrataa? Wanti gidduutti daganne namni kun gaa'ela dhaabbatee yookaan dhaabbattee maatii horataniiru. Mana barumsaa galchuu, ijoollee guddisuun jira!
Kanaafuu maal wayyaree? Namni tokko guyyaatti sa'atii 24 qabu keessaa 8 hojjetee 16 lafa kaa'ee of jijjiiruun hin danda'amu. Tarii Gaggeessaa, NGO galuu jedhanii yaadu ta'a. Kuni harka 100 keessaa nama 5 qofaadha kan kanaan milkaa'u!
Sa'atii dabalataa hojjechuu, madda galii yoo xiqqaate 2 qabaachuu qabu. Warri madda galii 1 qofaa qabdan 2ffaa ni barbaadduu? warri madda galii hin qabnehoo? warri madda galii 2, 3 qabdanihoo waan barbaaddan argataa jirtuu?
Dubbii jabduu dhangaa qabdu kana irratti waliin haa mari'annu waliin haa furru. Mariin maraatan qabu!
t.me/keba4
"Akkuma namni yaada garaa isaa keessaa qabu taÊŒe, inni akkuma sana." (Fakkeenya 23:7)
Waaqayyo hafuura sodaa utuu hin taane, hafuura humnaa, jaalalaa fi of-qabuu siif kenneera.
Gaaffiin kun yeroo baayâee namoota biratti kaâa:
âMaalif sooressoonni sooresa taâan?â
âMaalif hiyyeeyyiin hiyyeeyyii taâan?â
Namoonni hedduun deebii isaa alaan barbaadu â
carraa, maatii, mootummaa ykn haala jireenyaa komatu.
Garuu dhugaan isaa gadi fageenya qaba; keessaa maddu dha.
Soorummaan ofiin dhugaa miti.
Hiyyummaanis ofiin dhugaa miti.
Lamaan isaanii iyyuu yaada nuti amannee fudhanne gara jireenyaatti dhufe qofa.
Mee fakkeenya haa ilaallu.
Namoonni lama maatii tokko keessatti dhalatan.
Magaalaa tokko, mana barumsaa tokko fi haala wal fakkaataa keessatti guddatani.
Tokko sooressa taâe.
Tokko hiyyeessa taâe.
Garaagarummaan isaanii maal ture?
Garaagarummaan isaanii waaâee soorummaa, waaâee ofii isaanii fi waaâee jireenyaa maal akka amanan ture.
Tokkoon, âAniis sooressa taâuu nan dandaâaâ jedhee amane.
Kan biraan, âNuti gonkumaa sooressa hin taanuâ jedhee amane.
Lamaan isaanii iyyuu akka amantii isaanii taâeef.
95% jireenyi keenya eessaa dhufa?
Qorannoon saayinsii dhugaa ajaaâibaa tokko mirkaneesseera; sammuun namaa keessaa 5% qofa beekumsa guutuun hojii irra oola.
95% garuu osoo hin beekin, osoo hin yaadin, sammuu keessaa (subconscious mind) keessatti waan kuufame irraa maddu.
Harâa waan si mudatu,
soorummaa ykn hanqina ati qabdu,
jaalala ykn kophaa taâuu ati keessa jirtu,
fayyaa ykn dhukkuba ati qabdu â
kun hundi baayâinaan sammuu kee keessaa keessatti waan amantii taâee kuufame irraa maddu.
đ Oduu gammachiisaan garuu kana:
Hireen namaa harka isaa keessa jira.
Jireenya kee jijjiiruuf haala alaa jijjiiruun dirqama miti.
Yaadaa fi amantii kee sirreessuun qofti gaâa.
Hanqinniis taâe badhaadhinni dhugaa kee miti; amantii kee dha.
Namni âMaallaqa hin qabuâ jedhu baayâee yeroo maallaqa dhabuu isaa qofaaf miti.
Rakkoon isaa:
âYeroo hunda na jalaa bada,â
âAnaaf hin taâu,â
âSoorummaan kan namoota biraatiâ
jedhee amanuu isaa ti.
Amantiin kun sammuu isaa keessa guuteera.
Sammuun keessaa immoo waan amane hojii irra oolcha.
Badhaadhinni nama badhaadhina amanuuf haala uumamaa taâa.
Maaliif?
âSoorummaan anaaf uumamaa dhaâ jedhee amana.
Yoo yeroo muraasaaf dhabes, âDeebiâee ni dhufaâ jedhee amana.
Waan amanuuf ni taâaaf.
Jaalallis taâe jibbi,
namoota biroo irraa qofa hin dhufu.
Baayâeen keenya jaalala alaan barbaanna â
nama biraa irraa, haala irraa ykn carraa irraa.
Garuu dhugaan isaa,
jaalalli keessaa burqa.
Jibbis keessaa burqa.
â
Addunyaan akka daawwitii dha; waan keessa kee jiru siif agarsiisti.
Iyyesuus Kiristoos waggoota 2,000 dura jechuun:
âWanti nama keessa galu nama hin xureessu; wanti nama keessaa baâu isa xureessa.â
â Maarqoos 7:15
Wanti hundi keessaa baâa.
âKanaaf isinitti nan hima; waan kadhattan hundumaa akka argattanitti amanaa, isinis ni argattu.â
â Maarqoos 11:24
Utuu hin taane dura akka taâeetti amanaa.
Kun jechuun âAssumptionâ dha â
waan barbaadde akka siif raawwatameetti guutummaatti yaaduu.
âAmantiin kee si fayyiseera.â
â Luqaas 17:19
Yesuus,
âDinagdeen si fayyiseeraâ hin jenne.
âKadhannaan si fayyiseeraâ hin jenne.
âAmantiin kee si fayyiseeraâ jedhe.
Sababni isaa amantiin bakka wanti hundi irraa jalqabu dha.
Kanaaf jireenya kee jijjiiruuf furtuun:
đ
Ganama yeroo dammaqxu:
âHarâa yaada akkamii nan filadha?â jedhii of gaafadhu.
Sammuun kee akka lafa qonnaa ti;
waan itti facaafte siif biqilcha.
đ Deddeebisii dubbadhu.
Waan amantu taâutti hamma geessu dubbadhu.
Jechi sun yeroo dheeraaf sammuu kee keessaa keessa seenee qubata.
Yeroo sammuun keessaa fudhatu, jireenyi kee jijjiirama.
đ Utuu hin rafin dura:
Kun yeroo murteessaa dha.
Yeroo hirribni si qabutti sammuun kee keessatti yaadni salphaatti fudhatama.
Yeroo sana waan barbaaddu akka argatteetti yaadi.
Galateeffadhu. Rafi.
Halkan guutuu sammuun kee yaada sana irratti hojjetti.
Haala jiru jijjiiruu eeguu irra,
amantii kee waaâee haala sanaa jijjiiri.
Sababni isaa:
Yaadni kee yoo jijjiirame,
addunyaan kees ni jijjiiramti.
Torban kana maaliin dabarsuuf?
Galii hangamii argachuuf?
Socila media fayyadamtanii bu'aa buusuuf maal karoorfattan?
Qaamaan hojjettanii galii akkamii argachuuf jirtu?
Bilbilaan galii akkamii hojjechuuf jirtu?
Iddoo kamiyyuu teessanii kan hojjechuun danda'amu argachuu ni dandeessu!
Kutannoo cimaa nama qabuuf nama 4f carraa kana nan kenna!
Bilbila: 0912645484
Telegram: t.me/keba41
Maaliif Wiixata Sodaatta? đ§
Baayâeen keenya yeroo boqonnaa keessa jirru kanatti yeroo boruu yaadnu, miira dhiphinaa tokko nutti dhagaâama. âBor Wiixata dhaâ jennee yeroo yaadnu, ol'aantummaan keenya gadi ni buâa; dhiphinni keenya ni dabala.
Garuu yeroo tokko dhaabbattee of gaafatteettaa?
Kan ati sodaattu Wiixata mataa isaa moo jireenya Wiixata keessa jiraattu sana?
Dhugaan isaa kana:
Wiixata kan ati jibbitu hojii baayâee waan qabduuf miti; fedhiin keessaa kee (passion) fi hojiin ati hojjechaa jirtu waan wal hin simneefi. Yoo bakka sanaaf hin uumamne taâe, hojiin sun hojii osoo hin taane âmana hidhaaâ siif taâa.
1ïžâŁ Dogoggorri guddaan âmindaaâ qofa hordofuu dha
Yoo sammuun kee waan itti gammadu hin hojjenne, maallaqni dhuma torbee ykn jiâa irratti argattu duwwaa kee guutuu hin dandaâu.
Namoonni milkaaâan Wiixata kan hawwan, guyyaan sun guyyaa abjuu isaanii itti mulâatan waan taâeef. Garuu siif Wiixanni mallattoo dhiphinaa yoo taâe, yeroon karaa kee irra deebitee ilaaltu amma dha. đĄ
2ïžâŁ Wiixanni diina kee miti
Wiixanni namoota moâataniif carraa haaraa dha; namoota moâamaniif ammoo sababaa haaraa dha.
Yoo wantoonni akka jijjiiraman barbaadde, Wiixanni akka jijjiiramu hin eegin; ilaalcha Wiixata irratti qabdu jijjiiri.
Kophee siif hin taane kaawwattee fiigicha hin jalqabin; hojii sammuun kee jaallatu filadhu. Yeroo san torbeen guutuun akka Dilbataatti siif taâa.
3ïžâŁ Boruu hafuura haaraan simadhu
Ati waan guddaadhaaf uumamte.
Bor yeroo Wiixanni taâu, âMaaliif dhufte?â hin jedhin; âMaal irratti hojjedhee fayyadamu?â jedhii kaâi.
Jijjiiramni murtee irraa jalqaba.
Harâa galgala Dilbataa ofii keetiif waadaa gali.
Hin sodaatin, hin baqatiin... isa qunnami, itti fufi! âš
Ati hoo?
Bor Wiixata akkamitti eegda?
A. Gammachuudhaan (hojii ani jaalladhu waan hojjedhuuf)
B. Dhiphinaan (hojiin natti ulfaata waan taâeef)
C. Dirqamaan (mindaa qofaaf waan hojjedhuuf)
Yaada keessan nuuf qoodaa. đ
đ Yaadachiisa: Hiriyoota jijjiirama barbaadaniif qoodaa (share godhaa).
Wal jajjabeessinee hawaasa keenya abdii fi kakaâumsaatiin haa guunnu.
t.me/keba41
Waliin hojjennee waliin haa jijjiiramnu!
Barri bara hojiiti!
Ka'i!đȘ
Guyyaakee injifadhuđđĄ
Har'aa fi murtee waggaa 5 duraan murteesse yoon ilaalu gammachuu guddaadha. Utuu yeroo sana kanan kiisaa qabu qarshii 5 qofa. Kan akkaawontii koo irraa immoo qarshii 1 fi saantima 33 ture ilaalee osoon ofirra dabarseera ta'ee har'a nama of ijaaree kaayyoo fi mul'ata isaaf cichee hojjetu hin ta'un ture!
Garuu hojiin waaqayyoo dinqiidha!
Tasuma tasa si barsiifata malee sin miidhu. Amma wanta inni na uumeef argachuukoo caalaa maaltu na gammachiisa. Argadhees ittiin jiraachuu! Namni namaaf akka uumame hubadheera! Namni nama keessaan akka jiraatu!
Waaqni tasuma hiyyummaaf dhabisa carraa godhee namaaf hin laanne. Sammuu ittiin hiyyeessas sooressas ta'uu dandeenyu nuuf kenne malee! Inumaayyuu Qabeessa malee dhabaa akka taanu hin barbaadu! Akkuma abbaan ijoolleesaaf yaadu Uumaan ofii gaaruma namaaf yaada!
Gaarummaa Waaqayyoo arguuf immoo Ija keenya banuun nurra jiraata. Ija jijjiiramaa, Ija guddinaa, Ija Obsaa, Ija kutannoo, Ija murteessuu!
Nama godhee nu uumeetu Akka nama taanummoo Daawwitiin nu gorse. Daawwit akka irraan kaanneef akka yaadannu nutti hime. Yaa mucaakoo nama ta'i= Isa uumamteef, Gatii sirra jiru jiraadhuudha!
Guduunfa:
Madda jijjiiramaaf ta'an hedduutu nu marsee jira. Luka keenya haa sochoosnu itti haa deemnu. Jijjiiramatti deemu malee jijjiiramni namatti hin deemu! Waaqni harka jijjiiramaaf luka jijjiiramaati kan nuuf kenne! Sammuu hojjetu erga nuuf kennee ittiin haa hojjennu!
Isinis ni dandeessu! Murteessuu qofa!
t.me/keba41
0912645484
âOgummaa of haaromsuu!â â
Ilaalcha Sammuu kee durii caccabsi đ§ âš
Namoonni baayâeen, âAni akkanuma amala dhaabbataan qaba; jijjiiramuu hin dandaâuâ jechuun of amansiisu. Garuu saayinsichi yaada kana soba taâuu isaa mirkaneesseera!
Niuroopilaastiisitiin (Neuroplasticity) jedhamu, amala dinqisiisaa sammuu keetiiti; sammuu kee akkuma âlaastikaaâ ykn âdhoqqeeâ taâee jijjiiramuu akka dandaâu nutti hima.
đĄ Iccitii âkaraa sammuu keeâ:
Sammuu kee keessatti niuroonoota kan jedhaman, biliyoonaan lakkaaâaman, walitti hidhamanii jiru.
Waan tokko irra deddeebitee yoo goote (fkn: of tuffachuu, sodaachuu, yookaan gaddaan jiraachuu), karaan sun akka daandii asfaaltii taâee cimaa deema.
Waan haaraa yoo eegalte immoo, karaan sun jalqaba akka bosona cufaa fakkaata; yeroo irra deemtutti garuu suuta suuta qulqullaaâee daandii taâa.
Amala durii jijjiiruuf tarkaanfii 3n kana fudhadhu:
1. Waan si hin mijanne keessatti hojiitti seeni:
Sammuun kee yeroo hunda tasgabbii fi mijannaa barbaada. Ati garuu yaada taâee qormaata haaraa yoo kenniteef, karaa niuroonoota haaraa ijaaruu ni jalqaba.
(Fkn: ganama barii kaâuu)
2. Guyyaa 21 obsii ceâi:
Amala haaraa (habit) tokko ijaaruuf sammuu keetiin yoo xiqqaate guyyaa 21 ni barbaachisa. Yeroo kana keessatti sagalee âhin dandaâuâ jedhu ni dhagaâama; sun eenyummaa durii keeti. Hin dhaggeeffatiin!
3. Sammuu kee nyaachisi:
Viidiyoon ati ilaaltu, kitaabni ati dubbistu, haasawni ati dhagaâu hundi ijaarsa sammuu keetiif meeshaa dha.
Qurxummii yoo galchite, mana qurxummii ni ijaarta; milkaaâina yoo galchite immoo milkaaâina ni ijaarta.
Gabaabumatti:
Amalli kee qooda kee (carraa kee) miti. Ati injineera sammuu keeti. Harâa irraa eegalii daandii durii caccabsi; daandii haaraa kan milkaaâinaa qopheessi!
đĄ Harâa irraa kaaseen, amala badaa tokko âjijjiiruu barbaadaâ jettu maalidha?
Yaada kee komentiirra barreessi; harâuma karaa jijjiiramaa jalqabi! đ
âYaada Sammuu kee duraanii yoo hin jijjiirne, jireenyi kee hin jijjiiramu!â đđ„
đ§ Yaadaa jirtaa... Moo yaada keessatti cuuphamtee jirtaa?
Namoonni hedduun yaadni sammuu isaanii keessa deddeebiâu waan jiruuf âyaadaa jirraâ jedhu. Garuu lamaan isaanii tokko miti.
đč Yaaduu
â Dammaqinaan taâa
â Kaayyoo qaba
â Furmaata rakkoo argamsiisa
đč Yaada keessatti cuuphamuu (overthinking)
â Yeroo hunda yaaddaâuu
â Waan darbe irra deddeebiin yaaduu
â Waan hin uumamne yaaduu
â Of komachuu
â Namoota biro irratti murteessuu
Sammuun yeroo hunda ni hojjetti... garuu yaaduun dhugaa taâe yeroo hunda hin jiraatu.
đ Akkuma konkolaataa mootorri isaa ibsamee guyyaa guutuu hojjetu garuu iddoo isaa irraa hin sochoonee dha.
âââââââââââââââ
Namoonni hedduun kan dadhaban:
â Baayâee waan yaadaniif miti
â
Yaadota hedduu hin barbaachisne waan isaan harkisaniifidha!
âââââââââââââââ
ÂĄYa disponible! InvestigaciĂłn de Telegram 2025 â los principales insights del año 
