cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Dn Mr Demalesh Eshetu

Kaayyoo Ijoon Chaanaalii Kanaa Barsiisa M/K/Q/O/ Tawaahidootiin, Wangeela Gooftaa Keenya Fayyisaa Keenya Iyyasuus Kiristoos Labsuudha. “Wanta Waa’ee hin baasne irraa gara Waaqatti akka deebitaniif wangeela lallabna. HDB 15:14

Mostrar más
Finlandia2 770El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad62 750
Publicaciones publicitarias
1 200
Suscriptores
+524 horas
+147 días
+2630 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Baga Geessan Waxabajjii Kudha Lama 1. Guyyaan kun guyyaa ayyaana Yaadannoo Waggaa Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel dha. Guyyaa kanatti samii fi lafa kan uume Waaqayyo, hiikaan maqaa isaa eenyu akka waaqayyoo jechuu kan ta’e Mikaa’eel samii sadaffaa irratti hoogganaa humnootaa taasisee, ol ol qabee guyyaa itti muudedha. Ergamichi ergamaa dhiifamaa gara golgituu Sillaasee seenuun uumama hundumaaf dhiifama kadhatuudha. Kun kitaabilee qulqullaa’oo keessatti bal’inaan ibsameera. Eebbi hangafa ergamootaa qulqulluu Mikaa’eel hunda keenya irra haa bultu. Ameen. ( Sinkisaara Wax. 12, Geessisa Mikaa’eel, Kitaaba Aksimaar) 2. Guyyaa sirni qulqulleessaa mana quqlullummaa hangafa ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel akka mana kiristaanatti itti raawwatameedha. (Sinkisaara Wax. 12) 3. Guyyaa Manni Kiristaanaa maqaa hangafa ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eeliin Baahiraan ijaarsise itti kabajamteedha. (Sink. Wax. 12, Galmee Seenaa Wax. 12) 4. Guyyaa Ergamaa Qulqulluu Mikaa’eel Qulqulleettii Afoomiyaa diina durii dhala namaa kan ta’e seexanaan hudhamuu jalaa labsuu ijaa keessatti qaqqabee itti oolcheedha. (Sink. Wax. 12,Geessisa Qulqulluu Mikaa’el Waxabajjii) 5. Guyyaan kun guyyaa boqonnaan Qulqulleettii Afoomiyaa itti yaadatamuudha. (Galmee Sernaa) 6. Guyyaa hangafni ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel bifa hoogganaa waraanatiin daandii irratti itti Mul’atee Baahiraan itti gargaaredha. (Galmee Seenaa) 7. Ayyaana Yaadannoo boqonnaa Qulqulluu fi Mooticha Laalibalaatisi. (Galmee Seenaa) Eebbi, gargaarsi fi araarsummaan hangafa ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eel hunduma keenya wajjiin bara baraaf haa taatu. Amiin! Mandara Ogummaa follow, like, share taasisuun maatii ta’aa! M12/10/2106 B.A
Mostrar todo...
19👍 2🥰 2👏 2
Photo unavailableShow in Telegram
3👍 1
05:00
Video unavailableShow in Telegram
IMG_9837.MOV59.38 MB
20🙏 5👏 2
Ayyaana Guyyaa Shantammaffaa keessa gaabbii galuun ni damda’amaa? Soomuu, Sagaduu fi Kadhannaan hoo? Deebii Gaafii Keessanii #2- Mandara Ogummaa irratti gabaabinaan kunooti! 🔑 Akka sirna mana kiristaanatti barteedhaan waan ayyaana Guyyaa 50ffaa jedhamee waamamuuf malee: guyyoonni du’aa ka’uumsa booda jiran afurtamii saglan (49) oolmaa du’aa ka’uumsaa, tibba ka’uumsaa jedhamu. Ayyaanni guyyaa 50ffaa du’aa ka’uumsa irraa lakkaa’uun guyyaa 50ffaa fi ol bahuu irraa immoo guyyaa 10ffaadha. HDB 2:1 “ guyyaan ayyaana 50ffaa jedhamu wayta gahetti…” jechuudhaan kan ibsame ayyaana guyyaa 50 kan jedhame guyyaa tokko qofa (guyyaa 50ffaa du’aa ka’uumsaa) akka ta’e ibsa. Ayyaanichis kan warra “ Iyyaruusaaleem keessa turanii abdii bu’uu afuura qulqulluu (the ptomise and outpouring of Holly Sprit) eeggachaa turaniiti. ( Luq. 24:49, 24:52 ) 🖌️ Akka barsiisa sirna mana kiristaanatti, ayyaanni Oolmaa tibba du’aa ka’uumsaa guyyoonni shantamman akka guyyaa tokkittii dilbata du’aa ka’uumsaa sanatti ilaalamtee kabajamti. Dabalataanis gammachuu fi boqonnaa bara baraa du’aa ka’uumsa booda mootummaa Waaqayyoo keessatti argamuun fakkeeffamtee kabajamti. #Gabbiin dhuunfaa balleessaa ofiif taasifamu kan adda hin cinne ta’us; luba bira deemanii gaabbii himachuun itti hin eeyyamamne. #Mihillaan gaddaa itti hin taaisfamu. Mootummaa Waaqayyootti erga galanii bahuun, erga argatanii dhabuun keessa hin jiruutii, erga tokko dhaalaniis cubbuu fi gaddi hin jiruutii. #Sagada ilaalchisuudhaan, sirna qiddaasee fi kadhannaawwan gamtaa mana kiristaanaa keessatti taasifaman irraan kan hafe itti hin sagadamu. Guyyichi shantammaan akka dilbata tokkottii guyyaa du’aa ka’uumsaatti lakkaawamu. Akka sirna mana kiristaanatti immoo dilbanni ayyanota dhoorkaa shanan keessaa tokkodha. Walumaagalatti sagadni qannoonaa itti hin sagadamu. #Soomnis hin eeyyamamne. Soomni gosa nyaataas haa ta’u kan sa’aatii itti hin eeyyamamne. #Kadhannaan walii galaa garuu goonka adda hin citu. Gosni kadhannaa dhoorkamus homtuu hin jiru. 🔑 Namni sirnawwan kana cabsee argame immoo haala qabatamaa barbaachisummaa isaatiin hamma kiristaanota amanan irraa adda bahee foo’amutti (qaacaramutti) adabama. Sababni isaa fayyina du’aa ka’uumsa gooftaatiin nuuf raawwatamee fi argame salphisee ilaaleerahoo. Sirna duuka bu’ootaas diigeerahoo. (Sirna Abboota 318) Xumurame! Iccitii Wangeelaa ifatti akkan beeksisuuf, afaan koo banee, sirreessee jecha isaa akka naaf kennuuf naaf kadhadhachaa (Efe.6:19) liinkiwwan armaan gadii fayyadamuun toora miidiyaa hawaasummaa koo hordofaa. Sagalee Aleetiyaa Telegram https://t.me/+MG1_hW1sOI1lNjZk Sagalee Aleetiyaa WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029Va8cTnL2UPBAdmbnBx3O Aleetiyaa Tube https://youtube.com/@Dn-mhr_Demalesh1?si=3P8yCDW_C6O5dECS Damee Aleetiyaa 10/10/2016 B.A
Mostrar todo...
SAGALEE ALEETIYAA (ድምፀ አሌቲያ)

Kun dirree hiikni dhugaa Wangeelaa barsiisa sirna Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tawaahidoo eeggatee karaa amala gaarii Kiristiyaanummaa eeggateen itti tamsa'uudha./ይህ በእ/ኦ/ተ/ቤ/ክ ሥርዓት መሰረት እዉነተኛዉ የወንጌል አስተምህሮ ዓዉድ ነዉ። Well Come✋

3👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
Mostrar todo...
11👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
“Samii Irraa Kan Bu’een Alatti, Gara Samii Kan Ol Bahe Hin Jiru. Innis Samii Irra Kan Jiraatu Ilma Namaati.” Yoh. 3:13 Baga ol bahuu Gooftaa Keenyaan Isin Gahe!
Mostrar todo...
30🙏 4
Photo unavailableShow in Telegram
👏 9 7
Namni tokko tokko “ Xinnoo dhumti na gaha. Baay’ateef miti. “ jechaa xabala fudhata. Tokko tokko immoo “ maal sassattaree? Muuuu… dhumeetu moo ilma koo? “ jechaa jeerikaanii baala ammistii sanatti guuttatu malee waan ta’uuf itti hin fakkaatu. Hubannoo dhumaaf amantiidha. Tokko tokko immoo garaatti dhugee waan fayyu itti hin fakkaatu. Harkarratti naqatee gadi nannaqaa fuulatti, mataatti, bakka barbaade hundumatti naqata. Amma amma keessumaa hiriirri sanbata sanbataa xabala fudhachuuf hiriiramu lafti isaa … waan namni hubboo cabaa bishaan yaasuun irra darbe fakkaata. Xaballi qiddaasee lafa miti, dhaqna irrayyuu bu’uu hin qabu keessatti dhugama malee! Otoo jennuu xaballi qiddaasee ulfinaan xabala isa kaan hunduma waan caaluuf ittiin cuuphamuun hin barbaachisu. Xiqqoo dhumti ni fayyisti. 🔑 Gara dubbii Koo jalqabaatti yoon deebi’u, dubartittiin fiixee uffata gooftaa qabattee fayyite. Nus ijaarsa mana qulqullummaa fi balbala qaqqabannee, ni diddibanna. Akkuma amannees nuuf ta’ee jiraachaa jirra. Achirra fiixee uffata gooftatu guutee jirakaa! “uffanni isaa mana qulqullummaa isaa guutee ture.” (Isa. 6:1) Dubbiin isaa dubbii sadarkaa amantaa lapheeti. 🔑🎤 Qamisiin Gooftaa humna qaba. Ni fayyisa. Guyyaa jimaataa garuu gurgurameera. Carraa itti buusaniiru. (Yoh. 19:24) Garuu kan nama dinqu, namoonni bitatan ittiin hin fayyine. Qamisichi otoo humna fayyisuu qabu maaliif gurgurame? Gooftaan humna isaa irraa kaasee ture. Ilaali! 🔊 Qamisichi warra amananii tuqaniif humna qaba. Ni fayyisa. Warra gananii hirataniif uffatuma akkasumaaniti. Taabonnis akkanuma. Qamisii Gooftaa Kabajamtuu sana warri amanes, warri hin amannees tuqeera. Lachaniifiyyuu qabamteetti. Taabotas kan amananii aangoo lubummaa qabanii fi kan hin amanne, amananii aangoo lubummaa kan hin qabnes ni tuqu. Akkuma gooftaan qamisii isaa yeroo warra gananii qooddatan bira geessu humna isaa irraa fudhatedha. 🔔 Taabonni taabota ta’ee hin tolfamu. Erga tolfamee booda, maqaan Waaqayyoo “Aalfaa fi Omergaa” jedhamu erga irratti barreeffamee, “ … samii fi lafa irra, lafa jalas kan jiran hundi Maqaa IYYASUUSiif akka Jilbeenffataniif. “ ( Fil. 2:10) kan jedhu erga irratti barreeffamee, Ephiisqoophoosiin kadhannaa “ Kadhannaa taabota irratti kadhatamu” mata duree jedhu kan qabu erga kadhatee, dibata Qulqulluu Meeroonii erga dibee eebbisee booda taabota ta’a. 👇 Warri hin qalbeeffanne tokko tokko, miidiyaa hawaasaa irratti bahanii, iccitii Ortodoksii baasne, ilaa taabonni waan fakkaatu, kunoo mukadha! … jedhanii wacaa oolu. Eenyutu sibiila jedheen garuu? Kkk Iccitii baasne jedhuum! Ugum. Mee, nama na dhaggeeffadhu iccitii guddaa tokkon sitti hima siin jedhee, “ aduun mee bahaan baatee dhihaan lixxi “ sin jedhu maraataa moo fayyaa jettaan? Keessatti maraate jetteema callista mitiiree? Kkk Kitaaba Qulqulluudhaan lafaa fi samii wal irraa ta’aniitu malee iccitii miti. TAABONNI MUKA. Kun dhugaa aduu addunyaa hoo’ifateedha. Akkaatan itti hojjatamus iccitii miti. S. Ba’u. 25:10-22 dubbisuu qofa. Taabota irratti iccitiin hin jiru. Yoo hatamee gales kallattii dhumaan tajaajila hin keennu. Akkuma jalqaba eebbifametti sirna guutuudhaan eebbifama malee. Taabota hatamee, booji’amees ture dubbisi. 1Sam. 4:17 - xum. Taabotumti hatame sun akkamitti Filisxeemota dha’ichaan akka rukute, Daagonii waaqa tolfamaas akka caccabsee fi moo’ates, jarreenis wawwaachisee, nurraa fudhadhaa akka jechisiisees dubbisi. 1Sam. 5:1-xum. Ulfina isaaf malu wajjiin akkamitti akka gara Israa’eel deebi’es dubbisi. 1Sam 6-7 guutuu Samiirras ulfina Waaqayyoof mana qulqullummaa Ishee moo’attuu keessa taa’ee akka jirus qalbeeffadhu. Mul. 11:19 Garuu mee? Warruma akkana jedhan kanatu, gatiin isaa mi’aa waan ta’eef taabota keenya lafa hanqise natti fakkaata. Warri kaleessa Kiristoos gurguran Yihuudaan fa’i har’a taabota Kiristoos gurgurachaa jiraatu. Kiristoos, Ifa, Taabota, qajeelummaa fi amantoonni gartuu tokko. Beelhoor (diyaabiloos), dukkana, Xaa’otiin, hammeenyi fi shakkitoonni gartuu tokko jedhee har’as Phaawuloos sitti dubbata. 2Qor. 6:14-16 Itti fufa. Sagalee Aleetiyaa Telegram https://t.
Mostrar todo...
11👍 2
me/+MG1_hW1sOI1lNjZk Sagalee Aleetiyaa WhatsApp https://whatsapp.com/channel/0029Va8cTnL2UPBAdmbnBx3O Aleetiyaa Tube https://youtube.com/@Dn-mhr_Demalesh1?si=3P8yCDW_C6O5dECS Damee Aleetiyaa 04/10/2016 B.A
Mostrar todo...

“Taabonni keessan maaliif gurgurama? Erga humna qabaatee maaliif hatama?” Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen! Gaafichi #Inbox gaafatame. Akkuman dubbiseen deebii salphaan tokko sammuu kootti dhufee ture. “ waan gatiin isaa mi’aa ta’eef ” Kan jedhu. Haala gaafichaa inuma madaala jedheen yaada. “ለራሱ ጠቢብ የሆነ እንዳይመስለው ለሰነፍ እንደ ስንፍናው መልስለት።” ( ምሳ 26:5 )… ofii isaatiif beekaa akka of hin seeneef, dhibaa’adhaaf akkuma dhibaa’ummaa isaatti deebisi. (Fakk. 26:5) kan jedhu na yaadachiise. Otoo aduun baatu maaliif rooba? Kkkk Kana booda garuu, Mandara Ogummaa gaafiwwan Inbox 41 ol tartiiba galfattee akka barbaachisummaa isaatti deebii laachaa itti fufti. #Follow_like_share taasisuudhaan maatii ta’aa! Gaafiwwan keessan #Inbox gochuudhaan dabaree qabsiifadhaa! #Dirree_Deebii_Gaaffii_Keessanii_Mandara_Ogummaa! ……………………………………… 🔑 Garuu “ atis isuma akka hin fakkaanneef dhibaa’adhaaf akka dhibaa’ina isaatti hin deebisin.” (Fakk. 26:4) kan jedhus kitaabuma waan ta’eef waa jechuuf dirqameera. Wanti na marare kan biraas namni kun taabonni hin barbaachisu! jechuu dhiisee ol guddachaa kan jiru waan ta’eef, kun gaafii xumuraa ta’uu isaati. Kanaaf kichuu citee hin hafin jedheen barreesse. 🖌️ Dursee garaagarummaa taabota kakuu durii fi haaraa, taabotaa fi tsillaatii… yoon itti hime daa’ima ilkaan hin baasnetti lafee kennuu ta’a. Lafichatu cabsa. … kanaaf hiikoo irra keessaa qofan hubachiisa. 🔑 Taabota jechuun bultoo jechuudha. Bultoo sagalee Waaqayyoo, humna Waaqayyoo fi maqaa Waaqayyoo. Bultoon waan keessa fi irra kaa’an baata. Sababni guddaan taabota kabajnuuf bultoo maqaa fi humna Waaqayyoo ta’ee ulfaataan foonii fi Qulqulluun dhiiga Kiristoos irratti waan kabajamuufi. Taabonni maaliif gurguramaree? Jetta mitii? Kiristoos Qr. 30 tti maaliif gurgurame? Humna dhabeetii? Goonkayyuu. Warra qabuuf dhufan achumatti fixuu dadhabee? Lakki! Kun yaada kakuu duriiti. Taabonni humna mataa isaa hin qabu. Humna Waaqayyo kennuufiin kabajama. Ulfinaa fi humna waaqummaa irra kan bulchu, kan irraa fudhatus Waaqayyo. Akkuma Kiristoos humna dhabee hin gurguramne, taabonnis akkasuma. Erga humna qabaatee hattuu achumatti maaliif dha’ichaan hin rukunneree? Kun yaada kakuu duriiti. Oozaa akka ajjeese hin dubbistuu? ( 1Sam. 14:10) Ummata lafa qonnaa Saamiis keessa jiran akka fixe hin dubbistuu? (1Sam. 6:29) Baranni garuu, kakuu haaraa bara dhiifamni baay’ateedha. 🖌️ Mee Fkn tokko haa fudhadhu. Qamisii Gooftaa yaadattaa? Fayyisaa turte. Garuu humna mataa ishee hin qabdu. Humna Gooftaan isheef laatuun fayyisti. Dubartittiin sana ilaali. Fiixee qamisii sanaa otoon tuqee nan fayya jettee amante. Akkuma amante tuqxees fayyite. Mar. 5:25-34 Mee Ilaali Sadarkaa Amantii namootaa! ✍️ Jarri lamxiidhaan rukutaman sun “ nu qaqqabadhu “ jedhanii itti boo’an. Isaanitti yoo isan qaqqabe qofa akka fayyantu itti mul’ata. Hoogganaan ayihuudotaa Iyyaa’iroos illee “ koottuu harka kee irra kaa’itii mucaa koo ishee du’uuf jirtu naaf fayyisi “ jedhee kadhate. (Mar. 5:22-23) ✍️ Kan isaan caaltu immoo dubartii waggaa 12 dhiigni ishee roobe sana ilaali. Dhukkuba waggaa Kudha lama warra abbaa qorichaa biratti qarshii qabdu itti fixxe irraa fayyuu dadhabde sana irraa fayyuuf; nan tuqinis, nan ilaalinis… fiixee dhuma uffatasaa yoon tuqe na fayyisa, nan fayya jettee turte. (Mar. 5:28) mee ilaali amantii! ✍️ Kan ishees caalu ammoo jira. Ajajaa dhibbaa Qifrinaahoomitti daa’ima koo naaf fayyisi jedhee Kiristoos kadhate sana. ( Mat. 8:5-8 ) Gooftaan “ Dhufeen siif fayyisa “ jennaaniin illee, hin tuqin, of duuba haa ta’u fuulduratti hin ilaaliin, uffata isaas tuquun hin barnaachisu, naannawa inni jiruttis dhiyeessuun hin barbaachisu, ara gara mana koo dhufuunis hin barbaachisu, baaxii mana koo gad jettee seenunis barbaachisaa miti jedhee ; “ Sagalee kee qofa dubbadhu mucaan koo ni fayya. “ jedheen. Yaa amantiisaa! Gooftaanis “ dhuguma isiniin jedha, Israa’eel keessatti amantii akkanaa hin arganne “ ( Mat. 8:10 ) hamma jedhutti dinqisiifate. 👉 Manuma keenyattis waatu nu rakkisa. Mee diyaaqonoonni xabala yoo Kennitan yaadadhaa.
Mostrar todo...
👍 6