cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Ortodooksii Tawaahidoon wangeela dhugaa fi Guutuu barsiistii

" Akkan seenaa qulqullootaa ragaa bahuuf Jaalalli na dirqamsiisa" ✍️ kitaaba Abbaa Giyoorgis isa gaasicha

Mostrar más
Finlandia2 486El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad82 923
Publicaciones publicitarias
265
Suscriptores
Sin datos24 horas
+27 días
+930 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Balbalichi Ana Dha ✍️ yommuu namicha qaroo hin qabne tokko Gooftaan fayyisetti , warri seeraa , amanuu dhiisuu isaanii qorannootiin deeggaruutiif namicha isa fayyes, maatii isaas waamanii qoratani. Maatiin isaa, mucaan isaanii kun akka jaamaa turee fi amma garuu akka argaa jiru yoo dubbatan , namichi fayye garuu kan isa fayyise Kiristoos akka ta'e dubbate. Namicha fayyetti deebi'anii, ati waa'ee isaa maal jettaree jennaan, inni "Inni raajii dha" jedhe. Isaan garuu , “Waaqayyo Museetti akka dubbate nuyi in beekna; namichi kun[Kiristoos] garuu eessaa akka inni dhufe iyyuu hin beeknu" jedhaniin.” Yoh. 9²⁹ Kanaaf, Gooftaan, waa'ee isa beekuu dhiisuu isaaniitii fi Museetti qabachuu isaaniitiif waa'ee ofiisaatii fakkeenya garaagaraan dubbate. Fakkeenyota sana keessaa isaan ijoon , inni Balbala ta'uu isaa fi Tiksee gaarii ta'uusaa dubbachuun isaa jalqaba irratti kan argamani dha. Waa'ee, "balbala" ta'uusaa balbala barreeffama kanaa godhanna. Gooftaan keenya , "mataa fayyina keenyaa"'dhaatii eeyyee inni balbala jireenyaa ti. Gooftaan ani balbalicha yommuu jedhu garuu , balbala isa kamiini dha? Jennee gaaffiin haa jalqabnu. Namoonni tokko tokko , balbala ta'uu Gooftaa keenyaadhaa akka waardiyyaa mootummaa Waaqayyoo tti hubachuu danda'u. Kanaafis , namoota, ergamoota qulqulloota fayyina keenyaaf nu gargaaru jedhaman achitti arguu hin barbaadani. Namoonni akkasii yoo jiraanneef, Gooftaan balbala haa jedhamu iyyuu malee , furtuun balbalichaa namoota qulqulloota kana harka akka jiru dagachuu akka hinqabne kitaabni qulqulluun nu qajeelcha. Akkas akkuma jedhame. “Banaa mootummaa waaqaa siifan kenna; waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa in ta'a; waanumti ati lafa irratti hiikte immoo waaqa irrattis hiikamaa in ta'a" jechuun. Mat 16¹⁹ Balbala ta'uu Gooftaa keenyaa , waa'eema Gooftaa qofa beekuu qofaa wajjin namni walqabsiisu hin dhibus ta'a. Kanaaf , waa'ee qulqulloota fayyinaaf gumaacha qabanii beekuun, isaaniif waan dabalataa dabalamuu hin qabne habaqii dha. Garuu , namni akkasitti hubatu kan inni dagachuu hin qabne , isa beekuu qofaan akka hin fayyamne dha. Akkas taanaan , daa'imman waa'ee isaa hinbeeknee fi warroonni akka namticha isa mirga isaatti fannifamee waa'ee isaa waama tokkoyyuu hinbeekne fayyina argachuu hindanda'aan ture gara jedhutti nu geessa. Gooftaanumtuu, ana qofa beekuun ga'aa miti jedha. Kan inni guyyaa xumura murtii , warra maqaa isaatiin tajaajilan narraa cala'aa isaaniin jedhu , maa ana qofaa beektan jechuutiini. Akkuma ana beektan, warra hidhaman , beela'aan, daaran . . . nis beekatnii gargaaruutu isinirra ture jechuutiin. "Seerichi hafuurawaa dha" akkuma jedhame, balbaluma beeknu qofaan waa'ee balbala jireenyaa ta'uu Gooftaa yaanna taanaan , balballi nuti beeknu balbala Fariisotaan, "Ofii itti hn galtani warri itti galuuf jiranis nii dhorkitu" isa jedhame beekna jechuu dha. Balballi jireenya kun, balbala dhaabatee amma dhaqnee itti ol-seennutti nu eegu utuu hin ta'in , balbala ofumasaatii dhufee balbala laphee keenyaa naaf bani nuun jedhu dha. “Kunoo, ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta; namni sagalee koo dhaga'ee balala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhi'aadha, innis anaa wajjin in nyaata.” Mul. 3:20 Gooftaan, balballi Hoolotaa ana dha jedhe. Balballi nuti amantoonni Hoolonni isaa ittiin jireenya tti ol-seennu Gooftaa keenya dha kan jennu qabna. Garuu, Yohaannis Cuuphaan kan isaan "Hoolicha Waaqayyoo isaa cubbuu addunyaatiif dhiifatama kennisiisu" jedheetiif balballi haati Hoolichaa, Giiftii keenya Durbee Maaramii dha. Kanas Raajaan Hisqi'eel dursee akkas isheef jedheera : - “Waaqayyo anaan, "Balballi kun cufamee haa taa'u malee, hin banamin! Waaqayyo gooftaan Israa'el achiin waan ol galeef, namni tokko illee achiin ol hin galin! Kanaaf inni cufamee haa taa'u!” His. 44² Balbala Gooftaa kana duratti kadhannaa lubbuu tokkoon kadhatame :-
Mostrar todo...
Yaa Gooftaa ko! Balbala kee , akka isa namni galgalli dhiinaan balbala cufatuu miti. Cubbuukootiin natti dhihus amman du'uutti balballi kee banaa ta'ee na eegaa jira. Akkan amma jiru kanatti garuu akkuma durboota shananii tasa dhuftee narra baatee natti cufuun kee waan hin oolle dha. Yaa Gooftaa koo! Gara kee dhufee hir'ina amantiitiin  balbalummaakeen olgaluu yoon dadhabes, ati kottuu balbala laphee koo rurrukuutii yaali. Yoon ol sigalcheefis ,  Qulqulluun Daawwit akkas  jedha : - "Isin gurguddoonni balbaloota banaa! Balbaloonni barabaraas haa banaman! Mootiin ulfinaa ol haa galu" Faar. 24⁹
Mostrar todo...
Kana qofaas miti. Harka du'a uumamaa isa eeggatu du'a saggoo hundumaarra jiruufis akka amantaa isaaf jecha wareegamee ittiin boqotu Hafuurri Qulqulluun isatti himaa tureera , “ afuurri qulqulluun garuu, hidhamuunii fi dhiphachuun akka ana eeggatu, mandara ani ga'e hundumaatti anatti mul'iseera.”Hoj Duuk bu 20²³ Erga Qulqulluun Phaawuloos du'uu Kiristoosiin fakkaachuu ani cuuphaatiin irraa hirmaadhe naga'a utuu hin jedhin gara fedha foonii isaan du'ee du'a isaa guddiseetii , cuuphaatiin duunee du'aa kaanee Kiristoosiin erga fakkaannee booda nu'i warra fedha fooniin jiraachuutiin duuneef Qulqulluumti Phaawuloos akkas nuun jedha : - “ Ati yaa isa raftuu, dammaqi! warra du'aan keessaa ka'i,” Efe. 5¹⁴ ❖ ❖ ❖ Galanni waaqayyoof uumaaf ††† ††† Deessuu Haadhaa Waaqayyoo kan taatee Dubroo Maariyaamiif, ††† Ulfaataa kan ta'ee Fannoo Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosiif ❖ Galanni haa ta'uu. ❖ Hanga bara baraatti Ameen. ❖ ❖ ❖ Qoph Fiqaaduu Moosisaa 📚 Yaa'aabelloo ❖ Sada 23/2016 ✍️ https://t.me/KAOO21
Mostrar todo...
Ortodooksii Tawaahidoon wangeela dhugaa fi Guutuu barsiistii

" Akkan seenaa qulqullootaa ragaa bahuuf Jaalalli na dirqamsiisa" ✍️ kitaaba Abbaa Giyoorgis isa gaasicha

👍 1 1
❖ ❖ ❖ Du'a Guddate ❖ ❖ ❖ ✍️ Waaqayyo yommuu Qulqulluu Phaawuloosiin daandii Damaasiqoo irratti gaaffiif isa dhaabee deebise ijisaa guddina carallaa isa mudateen arguu baatus, gurri isaa garuu banaa ture. Amma kan Phaawuloosiin barbaachisu arguu utuu hin ta'in, dhaga'uu dha. Sababnisaa, rakkoon Phaawuloos arguurra utuu hinta'in, dhaga'uurra ture waan ta'eef. Iccitii isa barsiisuu fi isaaf jedhees namoota ari'atu dhaga'uu waan hin barbaanneef, warra iccitii isa inni barsiisuu hubatan kiristaanota ari'achuu jalqabe. Kiristoosiin in ari'ata, seera Musee ni barsiisa; garuu, kan Kiristoos, "Museenumtuu waa’ee koo barreesseera" jedhe garuu dhaga'uu hinbarbaadu ture. Yoh 5⁴⁶ ✍️ Gurri ija bana' Hewaan , gurri ishee gorsa dalgaa bofichaan waan banameef , iji ishee banamee mukichi beekumsaaf gaarii akka ta'e tti yaadashee jijjiirtee tti. Kanaafi dha kan Gooftaan , "Waan dhageessan irratti akeekkadhaa" Maar 4²⁴ kan inni jedheef. Iji baallee qaba, arrabni ilkaan qaba , gurri garuu homaayyuu hin qabu banaa dha. ✍️ Kanaaf, Phaawuloos guddina carallaa isa mudateen arguu waan dhabeef, gurra isaan dhaga'ee Gooftaa wajjin haasa'u jalqabe. Kanaanis, sagalee Gooftaa isaatii akka nama dadhabee ari'atamuusaa amaneetti, "Saa'ool Saa'ool maaliif na ari'atta?" Jechuu isaatti dinqamus, humna ifaa hammaan olii isarra ga'eetiin garuu, Waaqummaa Gooftaa isaatii hubateetu kasoominni keessa isaa bule. Sagalee Gooftaa isaatii dhaga'uu irraas , amma samii sadaffaatti ol-ba'ee amma sagalee namni dhaga'uu hinqabneetti dhaga'e. Kan Phaawuloosiin gargaare Gooftaa arguusaa utuu hin ta'in , Gooftaa dhaga'uusaa ture. Utuu fedha fooniirraa adda hinba'in warra , "Gooftaa argine", "Gooftaan sitti agarsiisa", "Gooftaatu natti mul'ate" jedhaniif kun barumsa gaarii of keessaa qaba. ✍️ Qulqulluun Phaawuloos, erga deebi'ee booda , amantii dur hin dhaga'u jedhe erga sagalee Gooftaa isaatii dhaga'ee booda warra kaaniin dhageessisuutiif hidhatee ka'eera. Amantii durittiin nama ari'ataa tureef amma ari'atamuuf qophaa'eera. Ari'atamuurras darbee, du'uuf qophaa'eera. Du'uurras darbee , nama du'a isaas guddises ta'eera. ✍️ Qophii du'a isaa kanaanis , hawwii tokko qaba ture. Hawwiin isaas , akka Gooftaan isaa du'etti du'uu ture. "Isaa fi humna du'aa ka'uumsa isaa akkan beekuuf, gidiraa isaarraas akkan qooddadhuuf , gara du'aa ka'uumsa du'ootii ga'uuf du'a kootiin isa fakkaachuun utuu naaf ta'ee nan hawwa." Jechuun. Filiiph 3¹⁰-¹¹ ✍️ Qulqulluun Phaawuloos du'a isaatiin isa hawwe kana argateeraa? du'ee awaalameeraa ree? Yoo jenne, Kitaabni Qulqulluun eeyyee! nuun jedha. Kan Qulqulluun Phaawuloos akka Gooftaa isaatiitti du'e harka loltoota Roomaatti mormi isaa muramee utuu hin ta'in , harka Lubicha Haanaaniyaa harkatti , du'a Gooftaan du'e karaa cuuphaadhaa argatee ti. “Ammas maaliif lafa irra harkifta ree? Ka'ii, maqaa gooftaa waammadhuu cuuphami! Cubbuu kees of irraa dhiqsiisi!' anaan jedhe." Hoj duuk but 22¹⁶ Cuuphaan , du'uuf du'aa ka'uu Gooftaa wajjin tokko ta'uusaaf Qulqulluumti Phaawuloos akkas isaa jedhuu argina: - “Yookiis nuyi warri Kiristoos Iyyasuusitti dabalamuudhaaf cuuphamne, du'a isaattis isatti dabalamuudhaaf akka cuuphamne in wallaaltanii ree?” Rom. 6³ Kanaaf, Qulqulluun Phaawuloos hawwiisaa kana dursee argateera. ✍️ Namni biraa akkas jedhee bira darbuuf ka'uu danda'a, "Maal Phaawuloos qofaadhaa ree kunoo hunduma keenyaa!" Jechuun. Eeyyee kun kan hunduma keenya ilaallatu dha. Garaagarummaan nuuf Phaawuloos gidduu jiru garuu , du'a Kiristoosiin fakkaachuusaa kana guddisuusaa ture. Qulqulluun Phaawuloos , karaa cuuphaadhaa du'akoon fannifamuuf du'uu Kiristoosiin fakkaadheera , "naga'a", "naaf xumurameera", "foon cunqursuun na hin barbaachisu" jedhee hinteenye. Cuuphaatiin du'a argate kanaan fedha foonsaa fannisee ajjeesuun guddiseera. “Warri kan Kiristoos Iyyasuus ta'an immoo yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas fannisaniiru.”Gal. 5²⁴ “Egaa si'achi Kiristoos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti" Gal 2²⁰ Gara du'a kanaatti Qulqulluun Phaawuloos guddateera.
Mostrar todo...
Yeroo hedduu shakkitoonni, “ soomuun nu hin barbaachiisu” jechuudhaan sababa Gooftaan tsoomeef, “Gooftaan waan nuuf tsoomeef tsoomuun na hin barbaachisu” jedhu. Ihim! Yaa yaada kanaa! Utuu akkas ta’eetii yaada hedduu kaasuun akkas jechuun ni danda’ama ture. Isaanis kan akkas jedhaniif caqasa isa wangeela Maat 4² irra kan jiru soomuu gooftaa isa ibsu fudhataniidha. Kanaafuu, “naaf soomeera anaan tsoomiin na hin barbaachisu!” jetteetti jarri. Nuun kan nu ajaa’ibu gochaa inni raawwate keessaa tsoomuu isaa kana qofaa fi caqasa kana qofaatu isaaniitti mul’ate? Waan inni godhee akka isaan hin gooneef maaltu isaan daangesse? Akka isaan jedhan kana utuu dhuguma akkas ta’eetii; Fakkeenyaaf, achuma gad siqxee wangeela Maat 11¹⁹ irratti immoo, “Ilmi namaa (Iyyasuus Kiristoos) yommuu dhufe, ni nyaata, ni dhugas” kan jedhu hin arginee? Kanaafuu, isas fudhattanii, “naaf nyaateera, naaf dhugeera. Kanaaf anis hin nyaadhu, hin dhugu na hin barbaachisu!” maaliif hin jenneree erga inni soomnaan, “naaf tsoomeera ani hin tsoomu” jetteettii!? Ammas Maat 3¹³-¹⁷ irratti Iyyasuus cuuphamuu isaa ibsee jira. Isas fudhattee, “naaf cuuphameera. Kanaaf anaanis cuuphamuun na hin barbaachisu!” maaf hin jenneree? Dabalataanis wangeela Maatewoos kanuma keessaa Maat 27⁵⁰irratti, nuuf jedhee du’a foonii du’uu isaa ibsee jira. Egaa erga nuuf jedhee du’a foonii du’eera ta’ee, “naaf du’eera waan ta’eef du’a foonii du’uun na hin barbaachisu!” maaliif hin jenneree!? Lakk. ⁵⁹ fi ⁶⁰ irratti kafanamee awwaalamuu isaa ibsa. Atis egaa, “naaf kafanameera, naaf awwaalameera. Kanaaf anis kafanamuu fi awwaalamuun na hin barbaachisu!” maaliif hin jenneree? ... Waa’een yaada isaanii kanaa baay’ee nama ajaa’iba! Irra caalatti kan nama ajaa’ibu immoo yaada isaanii, “Gooftaan waan nuuf soomeef tsoomuun na hin barbaachisu” jedhu ofuma isaanii yeroo faallessan immoo, “‘Ati garuu yeroo soomtu, abbaa kee isa dhoksaatti jiruuf malee akka tsoomtu namootatti akka hin mul’anne; mataa kees dibadhu! fuula kees dhiqadhu! Abbaan kee inni dhoksaatti ilaalu ifatti siif kaffala’ Maat 6¹⁷-¹⁸ jedha. Kanaafuu, kana waan ta’eef soomni keessan gatii hin qabu dhoksaatti tsoomuu qabdu” jechuudhaan nu ceepha’aa, isaan isa soomiin hin barbaachisu jedhan faallessanii dhuunfaadhaan akka soomaan ragaa nuuf ba’u; ulaagaa tsoomii jedhamuu guutuu baatanis akka soomuu ta’u. Gooftaan keenya kana gochuun isaa, “hin tsoominaa!” nuun jechuuf kana hin goone, hin jennes. Gaara Taabor irratti bakka duuka bu’oonni isaa sadii jiranitti namoota lama Musee fi raajicha Eeliyaas waliin dubbachaa tureera. Isaan kana lamaanii fi Gooftaa keenya wantoonni wal isaan fakkeessu tokko akkuma beekamu sadan isaanii iyyuu guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf tsoomaniiru Maat 4²; seer Um 34²⁸; 1Moot 19⁸. Dhugumayyuu gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos lafa oonaatti (Gadaamiitti) deemee guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf tsoomeera. soomni isaa kunis sababoota armaan gadiifidha malee, “ani isiniif soomeera ammaan boodatti tsoomiin isin hin barbaachisu hin tsoominaa!” jechuu isaa miti. Sababni Gooftaan keenya tsoomii tsoomeef cubbuu qabaatee osoo hin taane, wantoota kanaa gadii nu barsiisuu fi hubachiisuuf jedheeti. ✍️ Jalqaba irratti fakkeenya nuuf ta’uuf jedhee tsoome. Gooftaan keenya gara addunyaa kanaatti kan dhufe inni guddaan jaalala dhala namaaf qabu hojiin argisiisuufidha. Akkasumas, waan gaarii hundumaafis fakkeenya ta’ee karaa agarsiisuuf argamee, soomee akka isa irraa waan gaarii barruufis, “ana irraas baraa!” Maat 11²⁹ akkuma jedhe; tsoomee akka tsoomnuuf fakkeenya nuuf ta’eera. Dabalataanis, dhalachuu isaa irraa kaasee, akkasumas waggaa sadii guutuu kan inni raawwachaa ture hunduu fakkeenya nuuf ta’uun akka nutis isa hordofnee deemnuuf ture. soomuu isaa kanaanis dhalli namaa yeroo tsoomutti isa fakkeenya godhachuudhaan hanga inni nuuf eeyyameetti tsoomuu akka qabu kan nutti agarsiisudha. 
Mostrar todo...
Kutaa 1ffaa ❖ ❖ ❖ Gaaffii mormitoota fi soomaa ❖ ❖❖ Nuti warreen Ortodooksii Tawaahidoo soomii yemmuu soomnutti mormitoonni gaaffii isaan soomaan wal qabatee nu gaafatanii fi yaada isaan soomaaf qaban irratti hundaa’uudhaan waa’ee soomiif deebii gaaffii isaanif laanna. ✍️ Jalqaba irraatii yemmuu kaanu, “ sooma” jechuun, “ wantoota jireenya afuuraa keenyatti gufuu nutti ta’an hunda lagachuu, jireenya afuuraaf kanneen gufuu ta’an hundarraa Of qusachuu, wantoota jireenya afuuraa keenyatti nu kuffisan hundarraa of-dhorkuu, wantoota jireenya afuuraa keenyatti gufuu nutti ta’anii nu dhanqan hunda dhiisuu fi nyaataaf dhugaatii irraallees yeroo (sa’aatii) murtaa’eef of dhorkuun hagabuu ta’uu” jechuudha. ✍️ Walumaagalatti, “soomii” jecha jedhuuf hiikni ta’u, “fedha foon keenyaa fedha lubbuu keenyaaf bichisiisuu” jechuudha. Kanaafis ogeessichi Solomoon, “Iji koo kan barbaadde arguu irraa hin dhorkine, lapheen koos hundumaan ni gammada ture” lalla 2¹⁰ jechuudhaan fedha qaama foon keenyaa bituun Waaqayyoon gaddisiisuu irraa nu eega. Qaama keenya wantoota fedha foon keenyaa irraa dhorkuu dhiisuun immoo Waaqayyoon gaddisiisuutti nu geessa. Qaama keenya cubbuu irraa dhorkuun, Waaqayyoon gammachiisuun amantiitti aanee inni lammataa tsoomii kananidha. Kitaaba qulqulluu keessatti waa’een tsoomaa waan hedduun barreeffameera. soomiin jalqaba ajaja Waaqayyoo ta’uudhaan Waaqayyo irraa namoota jalqabaa Addaamii fi Hewwaaniif, “muka Jannata keessa jiran hundumaa irraa nyaatta. Garuu muka ishee gaarii fi hamaa si barsiistu kana irraa hin nyaatin! ...” seer Um 2¹⁶-¹⁷ jechuudhaan kennamte. Waa’ee mukichaas yeroo dubbatu, “... Mukichis nyaachuudhaaf kan namatti toltuu fi ijaan ilaaluufis kan nama gojomaasistu (hawwisiistu) ...” seer Um 3⁶ jechuudhaan hangam nyaachuuf illee mitii ijaan ilaaluuf kan nama hawwisiisu; akkasumas, fooniif gaarii akka ta’e kan dubbatu kana akka inni hin nyaannee fi akka inni kana tsoomuuf ajaja “ soomi!” jedhu kenneefi. Kanaafuu, isa kana irraa of dhorkuun fedha qaama keenyaa daangessuu akka ta’u Waaqayyo yeroo dhala namaa uumuu tsoomas isaaniif kenneera. soomii fi uumamni dhala namaa kan walqabatu yoo ta’u, namni akkuma uumamee jiraachuu jalqabeen soomiinis kennamee jiraachuu jalqabe. Kanaaf uumamuu dhala namaa yemmuu yaadannu waa’een soomiis kan biraa hin hafnedha. Kun kan nu hubachiisu bu’uurri, hundeessaa fi burqaan tsoomaa Waaqayyodha malee dhalli namaa kan ofii isaa bu’uuressee fi hundeesse miti. 1. Nuti warreen Ortodoksii Tawaahidootiif, akkuma dura soomaan beekamnu kanatti akka soomnu, akka soomnuufis kitaabni qulqulluu keenya jalqaba uumamuu keenya irraa kaasee kan nu ajaju, gaaffii shakkitootni shakkummaa isaaniif jedhan maal akka ta’e barree tsoomii soomuu akka qabnuu fi tsoomuun barbaachisaa akka ta’e, akkasumas tsoomuu keenyaan eebba akka argannu kan nu hubachiisuu fi nu barsiisudha. 2. Shakkitootni immoo kaayyoo isaan waa’ee kanaaf gaaffii nu gaafataniif, itti yaadanii nu dogoggorsuuf, akka nuti tsoomii hin tsoomneefidha. Nuti immoo, jalqaba kan gubbaa samiitii gara lafatti gad kan nu fideeyyuu isa “soomi!” jedhame tsoomuu dadhabuudhaan waan ta’eef, waa’ee tsoomii dalga jallisuu dhiisanii, gaaffii isaaniifis deebii ga’aa argatanii itti amananii eebba nuti soomii irraa argannu argachuuf akka yaalaniif jedhameeti. Mee egaan erga hiikkaa soomii fi kayyoon barreeffamaa fi barumsa keenya kanaa hamma kana jennee gara gaaffii fi yaada shakkitoota kanaatti waliin haa dabarru! 1. Tokkoffaa irratti yaadni isaanii yemmuu waa’een tsoomii ka’u jarri jalqaba irratti kan isaan nuun jedhan, “Gooftaan nuuf soomeera. Kanaaf anaan har’a tsoomuun na hin barbaachisu” jechuudhaan waa’ee tsoomii yaada kanaan cufanii akka waa’een isaa hin dubbatanne godhanii darbuuf yaadu. Gooftaan keenya Tsoomuu isaa sababa godhachuudhaan akka amantaa isaaniitti soomuu dhiisaniiru.
Mostrar todo...
✍️ Inni kan biraan immoo akkuma inni ifaan ifatti hojii isaa osoo hin eegalin dursa tsoome, nutis immoo hojii afuuraa kam iyyuu eegallee hojjechuu keenyaan duratti soomaan Waaqa gaafachuu fi kadhachuu akka qabnu yeroo nu barsiisu soomee nutti agarsiiseera. Kana sababa godhachuudhaan duuka bu’oonni isaa illee tajaajila isaanii jalqabuun dura soomaniiru H.D.B.13²  √ Ammas sababni kan biraan kan inni tsoomeef, Gooftaan keenya Tsooma kana keessatti qormaata sadii bakka garaagaraatti, kan barumsa bal’aa of keessaa qabu hojiin agarsiisee, nutis qorumsa gosa kana fakkaatu akkaataa itti keessa darbuu fi injifachuu dandeenyu nu barsiisuuf jedhee tsoomee tsooma keessatti nutti agarsiise. Qorumsi isaa kunneenis: Tokkoffaan lafa Oonaatti qorumsa inni qorameen; “Qoraanis dhi’aatee ‘dhuguma ilma Waaqayyoo yoo taate dhagaan kun buddeena akka ta’aaniif ajaji!’ jedhe” Maat 4³. Yeroo kanattis gaaffii seexana kanaaf kan inni deebiseef, “‘Namni jecha (sagalee) Waaqayyoon jiraata malee buddeena qofaan hin jiraatu!’ jedhamee barreeffameera jedheen” Maat 4⁴, seer Kees deeb 8³ Gooftaan keenyas bakka kanatti kan inni ittiin qorame nyaataan yemmuu ta’u, kunis barumsa warreen Gadaamii fi lafa oonaa keessa jiraataniif; kan isaan yeroo hedduu ittiin qoraman nyaataan waan ta’eef, isaaniin barsiisuu fi fakkeenya isaanii ta’uutiif jedheedha. Kanaafuu, “isin warri akkasitti jiraattan buddeena beela’uun akka hin kufneef, buddeena caalaa kan isin quubsu sagalee Waaqayyoon jiraadhaa!” kan jedhuu barumsa kana dabarsuuf jedheeti. Akkuma beeknu akkas jechuun isaa Monoksootaan, “ani isa injifadheeraatii yeroo diyaabiloos beelaan isin qoruuf isinitti dhufu isin dhalli namaa buddeena qofaan akka hin jiraanne, sagaleen Waaqayyoo buddeena caala akka nama quubsu hubachuun isa mo’adhaa malee nyaata dhabuu fi beela’uun na irraa adda isin hin baasin!” jedhee yeroo isaaniif fakkeenya kana ta’udha. Egaa as irraatti wanti habachuu qabnu akkuma seexana kanaa shakkitoonni addunyaa kana irratti har’a baay’achaa kan jiran, “Yoo dhuguma kun akkas ta’e ...” jechuudhaan caqasa maalummaa isaa ofii isaanii hin hubanne nuuf kaasanii amantaa fi amantii keenyar irraa nu dogoggorsuu barbaadu. Akkuma Gooftaan caqasaan seexanicha mo’ate, nutis caqasaan isaan shakkitoota mo’achuu akka qabnuufis, Gooftaan keenya Seexana kana caqasa caqasee ittiin isa mo’ateera. Nutis soomii kana soomnee cubbuu irra kan hafe wantii yaadnufi hojjetnu maraa akka nu raawwatamu sugni Duuka buu’otaa, gargaarsi Ergamootaa, araarsummaan hadha keenya dubroo Maariyaam, kadhannaan Qulqullootaa, arjummaan Waaqayyoo nu waliin haa ta’u. Ameen. ❖ ❖ ❖ Galanni waaqayyoof uumaaf ††† ††† Deessuu Haadhaa Waaqayyoo kan taatee Dubroo Maariyaamiif, ††† Ulfaataa kan ta'ee Fannoo Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosiif ❖ Galanni haa ta'uu. ❖ Hanga bara baraatti Ameen. ❖ ❖ ❖ Qoph Fiqaaduu Moosisaa 📚 Yaa'aabelloo ❖ Sadasa 18/2016 ✍️ https://t.me/KAOO21
Mostrar todo...
Ortodooksii Tawaahidoon wangeela dhugaa fi Guutuu barsiistii

" Akkan seenaa qulqullootaa ragaa bahuuf Jaalalli na dirqamsiisa" ✍️ kitaaba Abbaa Giyoorgis isa gaasicha

✍️ Wareegamtoonni bartoonni isaa 'wareegamtoota' haa ta'aan iyyuu malee , gidiraa isarra ga'een isaan amma barsiisaa isaanii hinga'aani. "Inni waa'ee keenyaaf bullaa'e" Isaa. 53⁵ ✍️ Seenaa kee keessatti ati bartuun isaa bakkeetti dhalattee? Kan dursee nuuf jedhee bakkeetti dhalate barsiisaan tokko jira. Ati bartuun isaa mana dhabdee? Barsiisaan kanaan si caalu lafa mataa isaa itti hirkifatu hin qabnellee tokko tureera. Ati bartuun isaa taayitaakee irraa gad-buutee? Nuuf jedhee kan mirga abbaa isaa taa'uu dhabuu homaatti hin lakkoofne barsiisaan si caalu tokko jira. Ati bartuun isaa barsiistee tajaajiltee dadhabdee? Eeyyee! "Sangaa sirbisiisaa irra jiru afaan isaan hin hidhin" kan jedhuun gatii dadhabbiikee argachuu dandeessa. Barsiisaan kee si caalu garuu barsiisee , tajaajilee ka'ee gatiin dadhabbii isaatii ittuu dabalee gabaa shan nyaachisuusaa ture. Amman gidiraa kana argu , 'maal ta'a utuun du'ee obbaafadhee?' 'maalumaafan dhaladhe?' 'Utuun sokkee wayya' hin jedhu bartuun barsiisaa isa caalu arge. Iyyoob duukaas , "Guyyaan ani itti dhaladhe haa balleeffamu! Halkan itti, 'Ilmatu garaatti hafe' jedhame sunis haa balleeffamu! Guyyaan sun dukkana haa ta'u! Waaqayyo waaqa irraa gad isa hin ilaalin, ifnis isa irratti hin ifin! Halkanii fi dukkanni sodaachisaan, 'Ati kan keenya' isaan haa jedhan! Duumessi isa irra haa buufatu! Dukkanni guyyicha dukkaneessu, isa haa naasisu! "Halkanicha dukkanni limixiin haa qabatu! Guyyoota waggaa keessatti hin dabalamin! Lakkoobsa ji'aattis hin galin! … Innoo balbala gadameessa haadha kootii hin cufne, rakkinas ija koo duraa hin dhoksine. "Maaliifan gadameessa keessatti hin du'in! Gadameessa keessaa yommuun ba'es maaliifan badduu hin ba'in? Gudeedi haadha kootii maaliif na baate? Harma ishees maaliifan hodhe? Silaa yoona kana calluma jedhee nan ciisa, rafees nan boqodhan ture" hin jedhu. Iyo. 3³¯¹³ Sugniifi Eebbi Raajotaa hunduma keenyarra haa bulu. Nutis soomii kana soomnee cubbuu irra kan hafe wantii yaadnufi hojjetnu maraa akka nu raawwatamu sugni Duuka buu’otaa, gargaarsi Ergamootaa, araarsummaan hadha keenya dubroo Maariyaam, kadhannaan Qulqullootaa, arjummaan Waaqayyoo nu waliin haa ta’u. Ameen. ❖ ❖ ❖ Galanni waaqayyoof uumaaf ††† ††† Deessuu Haadhaa Waaqayyoo kan taatee Dubroo Maariyaamiif, ††† Ulfaataa kan ta'ee Fannoo Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosiif ❖ Galanni haa ta'uu. ❖ Hanga bara baraatti Ameen. ❖ ❖ ❖ Qoph Fiqaaduu Moosisaa 📚 Yaa'aabelloo ❖ Sada 16/2016 ✍️ https://t.me/KAOO21
Mostrar todo...
Ortodooksii Tawaahidoon wangeela dhugaa fi Guutuu barsiistii

" Akkan seenaa qulqullootaa ragaa bahuuf Jaalalli na dirqamsiisa" ✍️ kitaaba Abbaa Giyoorgis isa gaasicha

❖ ❖ ❖ Barataan Barsiisaa Isaarra Hin caalu ❖ ❖ ❖ ✍️ Jechi kun kan inni dubbatame Gooftaan yommuu bartoota mudee isaan aangesse dha " Barataan barsiisaa isaarra hin caalu." Maat. 10²⁴ Barataan barsiisaa isaarra hin caalu kan jedhu keessatti, caalmaan karaa garaagaraa ibsamuu mala. Nuti , hojjaatiin , humnaan , yaaduun Bookee ni caalla. Umuriitiin garuu hin caallu. Sababnisaas, dhalli namaa waan xumura uumamtootaa irratti uumameef. Namoonni gurguddaan, sirna jireenyaatiin daa'immaniin nii caalu; garuu, qulqullummaatiin daa'immantu caalu. 'Mootmmaan Waaqayyoo kan akka isaaniitiifi dha'akkuma jedhame. ✍️ Kitaaba Qulqulluu keessatti, barattoonni barsiisaa isaanii caalan jiru. Fknf Qulqulluun Phaawuloos barataa Gamaaliyaaliin ture. Garuu, Qulqulluun Phaawuloos waan hundumaanuu barsiisota isaa Gamaaliyaaliinis ta'e abbaa gaabbii isaa Haanaaniyaa caaleera. Qulqulluun Eelsaa'is bartuu Raajaa Qulqulluu Eeliyaasiin kan ture ta'us, ayyaana Qulqulluu Eeliyaas isarra buleetiin kan Qulqulluun Eeliyaas hojjete caalaa hojjeteera. ✍️ Maarree! Maaliif Gooftaan keenya , "Barataan barsiisaa isaarra hin caalu." Jedheree gaaffii jedhu nutti uumuun isaa hafa hin qabu. Kan Gooftaan akkas jedheef, dhimma sadarkaa barumsaa dubbachuu fi yeroo tibba baruuf barsiisuu qofa kan ilaallatu utuu hin ta'in , dhimma jajjabinaafi dha. Nama gaddi , dararamni, miidhamni itti hammaate tokko jajjabeessuuf yoo feene, miidhamni kun isarra caalaa nama biraa ta'e tokkorra akka ga'ee ture yoo itti himne, nii jajjabaata. Nama miidhame tokko sagalee, "si qofaa miti" jedhu isa dhageessisuun, ba'aa guddaa salphisuufii danda'a. Haadholiin Mootichi Heeroods daa'imman isaanii waggaa lamaa gadii duraa mancaase , "Raa'eel , isheen jajjabaachuu didde , bo'iichi ishees Raamaa tti dhaga'aame" isaaniif jajjabina guddaa turte. Maat 2¹⁷ Gooftaanis , waa'ee 'barataan barsiisaa isaarra hincaalu' kan inni dubbate waa'ee jajjabinaaf ta'uusaaf kan jecha kana nuuf hiiku , erga , ‛barataan barsiisaa isaarra hincaalu’ jedhee booda , waa'ee gidiraa , arrabsamuu bartoota isaanirra ga'uuf jiru dubbachuu isaa ti. "Bartuun barsiisaa isaarra hin caalu. Garbichis gooftaasaa hin caalu. Bartudhaaf akka barsiisaa isaa ta'uun, garbichaafis akka gooftaa isaatii ta'uun isa in ga'a; abbichaan 'Bi'el Zebul'(Waaqa-titiisaa) jedhanii erga waamanii, warra mana isaatii immoo hammam caalchisanii maqaa gadheedhaan haa waaman ree!" jechuutiin. Mat 10²⁴ Erga akkas waa'ee jajjabinaatiif waa'ee wal-caalmaatiif dubbachuu isaa beekneetii , barsiisaa kan jedhame Gooftaama keenya yoo ta'u , barataa kan jedhaman ammoo nu'i amantoota ta'uu keenyatu yaadarra nuuf dhufa. ✍️ Eeyyee! Nuti barsiisaa keenya irra hin caallu. Siin barataa isaa si dhukkubee? Eeyyee! Barsiisaan kee Gooftaan dhukkubakeen si caala. Akkuma akkas jedhame , "Nama dhukkubaa , inni dhibees kan beeku dha" jedhameeraa tii. Isaa. 53³ Ati barataan isaa namatu si ganee? Eeyyee! Barsiisaan kee Gooftaan ganamuukeen si caala. Akkuma akkas isaaf jedhame , “Namni garaa kootii, inni ani amanadhe, inni buddeena koo nyaate illee ana dhiituuf miilla ol fudhate.” Faar 41⁹ ✍️ Si'iin barataa isaa sobaan si himatanii? Eeyyee! Barsiisaan kee Gooftaan sobaan himatamuutiin si caala. "Qeesaariif gibirri hinbarbaachisu jedhe" , "Ani mootii dha ofiin jedhe" , "mana qulqullummaa guyyaa sadiittan diigaa nan ijaara jedhe" , "Sanbata cabse" . . . Jedhanii sobaan isa himataniiru. Anaaf ati garuu kan itti himatamne kana caalaa lakka'aachuu dandeenya ta'a. Ta'us , nuti warra , "Dubartii irraa dhalatee kan cubbuu hin hojjenne eenyu" warra jedhamne yoo sobaanuu himatamne nu'i ilaallachuun isaa oola hin qabu. Inni garuu , qulqullummaan isaa kan amalummaasaatii dha. Kan Philaaxoos , "ani isa irratti homaa hin argine" kan jedhe dha inni. Nuti yoo himatamne abbaa murtii duratti. Inni garuu , bulchaa biyyaa duratti dha kan inni murtii fudhate. Akka seeraatti kan reeabamu hin fannifamu kan fannifamu hin reebamu ture. Inni barsiisaa gidiraan bartoota isaa caaludhaatii adabbiin gosa hundumtuu isarra ga'eera.
Mostrar todo...
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.