cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Tajaajila ortodoksummaa

Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha. 14 Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.matew 7:13-14

Mostrar más
Finlandia2 008El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad55 803
Publicaciones publicitarias
682
Suscriptores
Sin datos24 horas
+127 días
+7730 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Iccitii Taklilii. MAALUMMAA TAKLILII. ✳️Takliliin:-sirna ga'eela waadaa misirrootaatif lubootatin gaggeeffamu yoo ta'u sirna fuudha fi heruumaa, seera qabeessaa fi diigamu kan hin dandeenyedha. ✳️Sirni kun gonkumaa dhugaa kan ta'u yeroo qurbaana qulqulluu foonii fi dhiigaa isaatiin guutamuu qofaadha. ✳️Waarren wal fuudhan lamaan tokkoo kan taasisu foonii fi dhiigaa gooftaa waan ta'ef dhumnii isaanii iccitii taaklilii sirna kadhaannatin kan gaggeefamuudha. ✳️Hallii jalqabaa ga'iilaa fuudhaa fi heruumaa kan jalqabamee abbaa fi haadha keenya addaami fi heewan irraayi. ✅Waaqayyoo qophummaa addaam ilaalee namni qofaa isaa ta'un gaarii miti jechuudhan gargaara mijaattu akkaa taatudhaf cinnaacha isaa irra lafee tokko fuudhe heewan uumee fi jira. Ser umama 2:18-22. WAAQAYYOO SIRNA GA'EELA KAN HUNDESSEE WAAN SADI'IFI. 1) Hawwii fi qajeela foonii jala akka oolanif 1qorx 7:1-9 2) Akkaa wal gargaaranif maccafa lallabaa 4:9-12 3)Sanyiin isaani akkaa bay'atuuf. BARA SEERA LAPHEE Yeroon kun addaami kaasee hangaa muuseetti kan jiruudha.bara kana keessa abbootin jiran yoo seerri kun kan hin kennne ta'e waaqa sodachuun abbootin isaanif kan ijjollee isaanitif ta'uu sanyii gaarii filaachuun amantii fi aadaan kan isaan fakkaatu filaachun wal fuusisa turan. S umam 24:1-4 ✳️BARA SEERA KAKUU MOOFAA ✅Yeroo kun muusee kaasee hangaa dhalootaa kiristoositti kannjiru waaqayyoo gooftaan yeroo kamuu kan seera ga'iilas ta'ee kan biroo barreefaman waaqaayyoo muuseetti kan kenneedha. ✳️Bara kakuu haaraa. Seerri gaa'ilaa bara kakuu moofaa keessatti waaqayyoon uuumame kakuu haara keessatti itti fuufe jira. ✅Gooftaan keenya qaana zagalilaatti mana dookimasitti sirna ga'eela eebbisuudham bishaan gara daadhii waayinitti jijiiruudhaan sirna gaa'eela isaa ebbiseef, Yoh 2:1. SIRNA TAKLILIIN ITTIIN GAAGEEFFAMU. ✅Manni kiristaana keenya akkaata abbootiin amantaa keenya duuraani jecha turan heeraa fi seera isaa barreeffame jiru irratti hordofuun sirna gaa'ela ijjollee ishee gaggeesse jira. ✅Namni tokkoo seera kanan osoo wal hin fuudhin duraa akkaata danbii waaqayyootin yoo xiqqatee waan afur beeku qaba . 1)waaqayyo kadhachuu, abbaa gaabbii bira dhaqaani qalbii jijiraachuu, hiriyaa jalataan waliin mari'achuu 2)wal ilaalachu wal jalaachu 3)innis ykn isheenis wal qorachuu 4)Dubrummaadhaan jiraachu. Sirni gaa'ela kun ergaa akaanatti rawwatamee addaan bahuun isaan hin barbaachisu. 1)yoo inni ykn isheen ejjitee 2)lamaan keessa tokkoo amantii yoo jijjiree 3)hannaan isaan keessa tokko yoo du'ee. FAAKKEENYA KAKUU MOOFAA KEESSATTI. ✳️ Firri wal hin fuudhu, Fakkeenya kakuu haara keessatti ✅Firuummaan foonii yoo addaan fagaate mal wal hin fuudha. ✅Namni tokkoo amantaa garagaraa irraa yoo tokkoo ta'e cuuphamee ni danda'a. ✅Sirna ga'eelatin alaatti wal fuudhun ykn walirra dhalchuun dhorkaadha. Mat 6:17.
Mostrar todo...
12👍 4
Deebin isaas isa caqasni seensa taasifanne kan ibsu fayyuu dhala namaa isa labsiin du'aa irra ture, isa dhaala /gaulummaa/ isaarraa ari'ame isa amalummaan isaa miidhame, isa surraan irraa fudhatame sanaafi jechudha. ✅ Fayyisuu Gooftaa keenya yemmuu jennu:- jireenyi bara baraa kan boqonnaan lubbuu ittiin argame, kan waanjoo seexanaa jalaa ittiin baane, kan karri gannataa ittiin baname, kan olaantummaa diina keenyarratti ittiin arganne, kan uumamni biraa fayyisuu dadhabee inni UUMAA waan ta'eef fannoorra oolee fayyise jechuudha. Addaam cubbuu hojjeteen du'a bara baraa duuti lubbuu fi foonii irratti labsame tureera, waggoota 5500 dhalli namaa aboo du'aa jala ture, kanaaf fayyinni tolaa gama gooftaa keenyan argame. Akkuma addaamif waadaa gale waggaa 5500 booda qulqulleetti dubree Maariyaam irraa dhalachuun lafa kanarra gidiraa hedduu arguun guyyaa jimaataa cubbuu tokko malee sanyii Addaamif jedhee fannoo irra oolee nu fayyise jechudha. Egaa walumaa galatti fayyinni maal akka ta'e, eenyu akka nu fayyisu, yoo maal goone akka fayyinu, eenyu akka nu fayyisu sirriitti beekuu qabna jechudha. Akkasumas Fayyina qulqulloonni, ergamoonni fi Gooftan keenya nu fayyisu garaagarummaa isaa adda baasnee beeku qabna. ᴋᴀᴀʏʏᴏᴏ ᴋᴏᴏʀsɪɪ ᴋᴀɴᴀᴀ ❗️❗️❗️⤵️ 👌Namni tokko jireenya isaa keessatti Maalummaa Amantaa ofii sirriitti akka beekuf, "Gooftaan tokko, amantiin tokko, Cuuphanis tokko" (𝙚𝙛𝙚𝙨 4፥5). Amantaan yoom akka jalqabe akka beekuf, garaagarummaa Amantaa fi Amantiin maal akka ta'e akka beekuf, eenyutti Amanuu akka qabu akka beekuf, Waaqayyootti gaafa Amanu Faayidaa Foonif Lubbuuf argatu akka beekuf, Waaqayyo jiraachuu isaa akkamitti beekuu akka qabu, Amantiin bara seerota sadan keessa akkam akka ture akka beekuf, Amantaa keessatti barbaachisaa kan ta'e waa'ee Doogmaa, Qanoonaa fi darbi-darboo maalummaa isaanii sirriitti akka beekuf, Amantaan hin haaroma moo hin haaromu isa jedhu akka baruuf, Amantaa keessatti Fayyinni maal akka ta'e akka baruuf, eenyu akka isa fayyisu, yoo maal godhe akka fayyu, Akkasumas Fayyisuu Ergamootaa, qulqulloota fi Gooftaa garaagarummaa isaa sirritti adda baasee akka beeku beekes Amantaa isaa cimsee akka ittiin jiraatuf hundi keenyaa akka ittiin jiraannuf Koorsiin Kun Qophaa'e jechudha. "Seera kee akkan yaadaan qabuuf, garaa koo guutudhaanis akkan isa eeguuf, hubannaa anaaf kenni! Daandii ati abboomte irra akkan adeemu godhi, innoo anatti in tolaa" (𝙛𝙖𝙖𝙧 𝙙𝙖𝙬𝙞𝙩 119:34-35) Galanni waaqayyo uumaa keenyaf Deessuu Haadha isaaf Ulfaataa Fannoo isaaf Ergamootaf wareegamtoota isaaf haa ta'u bara baraan Amen
Mostrar todo...
𝙠𝙪𝙩𝙖𝙖 9𝑓𝑓𝑎𝑎 isa dhumaa BARUMSA AMANTAA --------------------++-------------------- --------------------++-------------------- ✝️ 𝙛𝙖𝙮𝙮𝙪𝙪𝙣 𝙠𝙖𝙣 𝙗𝙞𝙧𝙖𝙖𝙣 𝙚𝙚𝙣𝙮𝙪𝙣𝙪𝙪 𝙝𝙞𝙣 𝙟𝙞𝙧𝙪 (HDB 4፥12) ✅ Ammas yaadrimee "𝙛𝙖𝙮𝙮𝙪𝙪" jedhu kana sirriitti caalchisnee hubachuuf walumaa galatti fayyuun raajonni raagan dubbataniif kan duuka bu'oonni dhugaa bahaniifis, kan gooftaa Iyyasuus Kiristoos dhiiga isaatiin dhala namaa isa du'a bara baraa irraa ilkee du'aa cabsee nu baraare sana ta'uu jala muramee beekamuu qaba. Sanaan alattis jechi 'Fayyuu' jedhu kitaaba qulqulluurra jiru kan hiikaa addaa laatan jiru ykn fayyina yeroo gabaabaa jechuudha. caqasa kanaa gadii haa ilaallu:- "Ergamaan waaqayyoo naannawa warra waaqayyo sadaatan ni buufata ni fayyisas" (𝙛𝙖𝙖𝙧 33፥7). jecha kana yemmuu ilaallu fayyina akka Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos raawwate sana akka hin taane namni kamuu hubachuu qaba. Kunis balaa addaa irraa tiksuu; eeguu jechuudha malee isa du'a bara baraa sana jalaa fayyisuu jechuu miti. Gara caqasa kaanitti deebinee yaadicha jiran waliin walqabsiifnee yeroo ilaallu mormitoonni amantaa keenya caqasa isaan ittiin namoota dogongorsiisan keessaa isa "Fayyinnis Iyyasuus kiristoos duwwaadhaan malee, kan biraatin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa ittin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" (HDB 412) kan jedhu fudhachuun kiristaanonni qulqulloota akka hin kabajneef waadaa isaaniitiinis akka hin fayyineef kunoo fayyinni 'yesuus' qofa, maaliif ergamootni, qulqullootni nu fayyisu jettu? Maaliif xaballis nu fayyisa jettu? Kunoo dogongortaniirtu jechuudhaan hiikkaa hiika jecha fayyina jedhu kana waljala faallessu ykn jechicha kitaaba qulqulluurra jiru guutuusaa hiikaa tokko qofa itti laachudhaan fayyadamu. Haa ta'u malee hiikkaan inni dhugaan 'fayyuu' jedhu kun kitaabni qulqulluun dhimmoota yaada lama qabaniif akka itti fayyadamee ifatti hubachu dandeenya. ✅ Namni tokko dhukkubsatee hospitaala ni gala yoo itti wayyaa'ee ba'e ammoo "fayyee" mana isaatti gale jenna. Kunis fayyuudhuma jedhama. Kitaabni ammoo waa'ee fayyisuu qulqullootaas ni dubbata; Fakkeenyaf "Ergamoonni waaqayyoo naannoo warra waaqayyoon sodaatanii ni buufatu ni oolchus" (𝙛𝙖𝙖𝙧 33፥7) jedha, kunis fayyuudhuma. Gooftaan ammoo Fayyisaadha, dhala namaa Fayyiseera; kunis fayyuudhuma. Garuu fakkeenyota sadan kana keessatti jechi '𝙛𝙖𝙮𝙮𝙪𝙪' jedhu kan ibsu gonkumaa wal hin argatu, baay'ee garaagarummaa qaba. Kanaaf mee hiikkaa fayyuu kana akka hubachuuf nuuf mijatutti bakka lamatti qoodnee haa ilaallu:- ➥ Fayyuu Addunyaa (dhala namaa):- fayyisuu gooftaan dhala namaaf raawwate; "fayyuun isaan malee hin jiru" (HDB 4፥12). Fayyina kanas namootaaf kan raawwatu waaqayyoon malee hin jiru. "Ani waaqayyoodha, ana malee kan fayyisu hin jiru" (𝙞𝙨𝙖𝙮 43፥11) ➥Kennaadhaan Fayyisuu Qulqullootaa:- yaadni kun fayyisuu akka gooftaa sana osoo hin taane yaada "baraaruu" ykn "mefewes" jedhu kana ibsuufi. Kan namoota waadaa qulqullootatti amananiif raawwatamu malee hundaaf kan hin taanedha. Fakkenyaf "waaqayyo inni karaa ergamaa isaa hamaa hundumaa na oolche, ijoollee kana haa eebbisu! isaan maqaa koo, maqaa Abrahaami fi maqaa yisihaaq abboota kootii haa waamsisan! Irra lafaattis wal horanii haa baay'atan" (𝙨/𝙪𝙢 48፥16) jedha. "Egaa ergamaan na fayyise" yemmuu jedhu wanta yeroo sanatti ture sana ibsuuf baraaramuusaati malee hanga bara baraa fayyina raawwatameef akka hin taane ni hubanna jechuudha. ✅ Kanaaf jechoota fi yaadota hubachuun barbaachisaadha. Israa'eloonni labsii du'a hamaa irraa fayyaniiru (kitaab Asteer), kunis fayyuudhuma; Iyyoob dhukkuba irraa fayyeera (Kitaaba Iyyoob), kunis fayyuudhuma; Loox ammoo warra abiddaan gubatan irraa osoo hin gubatin ooleera, kunis fayyuudhuma; Duuka bu'oonni danbalii hamaarraa fayyaniiru (Kitaaba Maatiwos) kunis fayyuudhuma; egaa seena kana hunda tarreessinus dubbiin inni ijoon fayyina gooftaa jedhame sun isa kam jedhanii adda baafachun barbaachisaa ta'a.
Mostrar todo...
Repost from Orthodox Promotion
Channel ’ootni mimmiidhagoo armaan gadii kunneen, barumsa mana Kiristiyaana Ortodoksii Tewaahidoo, Seeraa fi Dambii ishee haala eeggateen sagalee Waaayyoo lallabuu fi barsiisuu irratti argamu. Channel ’oota kanneen keessatti: Lallaba, Koorsii, Faarfannaa, Walaloo, Jechoota Abbootaa, Seena qulqullootaa guyyaa guyyaadhaan Mana Kiristiyaanaa keenya keessatti yaadatamanii, Gaaffilee mana kiristiyaanaa keenya irratti gaafataniif deebii, Gorsa Abbootaa, PDF ykn Kitaabota afuuraa kan Ortodoksii Tewaahidoo, kkf argattu. Channel ’oota kanneen keessa seennan mee maal dhabdu? Yoo akka barbaaddanitti dhabdanis waan barbaaddan kamillee gaafattanii argattu! Kanaafuu, itti goraatii Channel ’oota kanneen hundumaa tokko tokkoon “Join/Subscribe” taasifadhaa; irraas fayyadamaa; baradhaa!
Mostrar todo...
Godoliyaas
Pheeni’eel
Ulee Amantaa
Fayyisaa Addunyaa
Walaloo Ortodoksii
Walaloo Afuuraa
Faaruu Haaraa OT
Lallaba Ortodoksii
Daandii Jireenyaa
Qabsuura Qulqullootaa
Daandii Qulqullootaa
👥Daandii Qulqullootaa
Dn Misgaanuu Yaadasaa
F/taa Koo’eel  Shawaa
Caffee Mooraa Jimmaa
Sagalee Gammachuu
Gaaffii Shakkitootaaf Deebii
Gaaffii keessaniif deebii
Gaaffii Muslimootaaf Deebii
Xoofoo Qulq. Isxifaanos
Kadhannaa Qulqullootaa
Faaruu A/O Ortodoksii T
Barnoota Amantaa OT
Qulqulleettii Mana Amantaa
Firii Qulqullootaa
Tajaajila Ortodoksummaa
Dangu Studio Official
🎥 Dagnu Studio
🎥 Waltajjii Callisaa
🎥 Orto_TMedia
🎥 Amoo Tube
🎥 Ezra Tube
📽️ Kiyyaa Tube
Promotion’tti galmaa’uuf
Maqaa abba kan ilmaa kan afuura qulqulluu waaqa tokko ameen, Kabajamtoota fi jalatamtoota maatiwwaan waaqayyo waaqayyon kan jalattaan waaqayyoo immoo calchisee kan isin jalatu, nageenyi waaqayyoo bakka jirtan hundattuu isinf haa ta'u. Akkasumaas ararsummaan dubroo maariyaam bakka jirtan hundaatti isinf haa ta'u. yeroo darbee kan ilaallee waa'ee iccitii lubummaa ture. Har'a immoo akka fedha fi heyyamaa waaqayyootti kan waliin ilaaluu ✳️ ICCITII GAABBII ta'a. ICCITII GABBII ✳️ Waaqayyoo ilma namaatif dhukkubaa fooniitif qoricha akkumaa kenne, dhukkubaa lubbudhaafi qorichaa cubbu faggessuu fi dhukkuuba irra fayyisuu gabbiidhan kennef. HUNDEEFAMAA ICCITII GABBII ✳️Hiikaan isaas jecha afaan gi'izzi nasahoo kan jedhuurra kan dhufee yoo ta'u hiikaan isaas gaabbi galee deebi'e, amalaa isaa sana dhiise jechuudha. ✳️Gaabbi jechuun erga cuuphamee cubbuu hojjettanif lapheerra gadduun gara abbaa gaabbitti cubbuu ofii himaachu, cubbuutti akkaa hin deebinef murteessu jechuudha. ICCITII GAABBII BARA KAKUU MOOFA ✳️Gabbiin kan jalqabee abbaa keenya addaam irraayi.Baraa kakuu moofaa keessatti abbootii keenya qulqulloota fi rajjoonni gabbitti dhufaani fayyina foonii argachaa turan. Far 63:5, 105:23, isay 64:6. ICCITII GABBII BARAA KAKUU HAARAA ✳️Iccitii gaabbi kan hundeesse gooftaa keenya iyaasuus kiristoosi. Du'a isaatin du'a balleesse xalayaa gabrummaa keenya barbaaddesse bilisaa erga nu baase booda deebine cubbuun akkaa hin xuroofne gabbii nuuf keenna. Yoh20:21-23, mat 16:15-20, luq 15:4, HDB 19:18, 2qorx 7:11. ICCITIIN GAABBI KEENNA ARGAMSIISU. ✳️Kennaan inni argamsiisu wantoota gurguddoo 3tu jira. ✅Cubbuu nurraa haqsiisa Cubbuun keessan gabbiitti qofa akkumaa jedhame. Cubbuun keenya kan nurraa dhiiqamu gabbii gallee, gaafa gara waaqayyootti deebinedha.Isayas 1:18/38:18/3:23, erm 31:34. ✳️Kakuu haaraa keessatti namni tokko gabbii galuu isaatti gammaachuu samiirratti argamsiisa. ✅ Waqayyoodhan araarama ✳️Waaqayyoo cubbuu keenya ilaalee nuttii hin gadduu, deebitee cubbuu hin hojeetin nun jedha malee.luq 15:11-32 ✅Nageenya nuf keenna ✳️Addaam gaafa cubbuu hojjette nageenya hin argannee. Erm 12:12.Goiftaan cubbui addaam gaafa barbaadessee sana ilma namaatif keennan guddaan inni kenne nageenyadha.yoh 14:27 GAHEE ABBAS GAABBII HAALA RAWWII ISAA. ✳️Abbaan gaabbii ykn lubni ijjoollee gaabbii isaati abbaa lubbuuti. Mat 18:13, yoh 20:23. Lubni ijjollee isaa irraa gaafa rakkootifi gaafa gammaachi irra hin hafu. Ijjolleen isaas keenna adda addaa ni kennuuf. Kunis jalaala mul'isa. 🔼Gahee abbaa gabbii ✳️Lubni tikseedha ijjollen isaa akkaa jala hin bannee eega.Erm 23:1-3/48:10 ✅gahee ijjoolle isaanii ✳️Karaa abbaatti hiqaani jiraachu qaban.Gaafa hiiqani jiraatan mana isaanitti nageenyi ni guuta, foonii fi lubbuu isaanitin ebbaa argatu. Luq 10:5. ✳️Baraa kakuu moofaa namni cubbuu hojjatee gaabbiin kan kennamuuf ummataa fulduraatti amma garuu icciitiidhan ta'e. HDB 3:1-11. HBD jechuun hojii duuka bu'oota jechuudha gabajeedhan barresse. ✳️Lubnis iccitii ijjollee isaa eguun isa dirqamaa. HDB 8:20-22/13:8.
Mostrar todo...
6👍 4
Repost from Orthodox Promotion
Channel ’ootni mimmiidhagoo armaan gadii kunneen, barumsa mana Kiristiyaana Ortodoksii Tewaahidoo, Seeraa fi Dambii ishee haala eeggateen sagalee Waaayyoo lallabuu fi barsiisuu irratti argamu. Channel ’oota kanneen keessatti: Lallaba, Koorsii, Faarfannaa, Walaloo, Jechoota Abbootaa, Seena qulqullootaa guyyaa guyyaadhaan Mana Kiristiyaanaa keenya keessatti yaadatamanii, Gaaffilee mana kiristiyaanaa keenya irratti gaafataniif deebii, Gorsa Abbootaa, PDF ykn Kitaabota afuuraa kan Ortodoksii Tewaahidoo, kkf argattu. Channel ’oota kanneen keessa seennan mee maal dhabdu? Yoo akka barbaaddanitti dhabdanis waan barbaaddan kamillee gaafattanii argattu! Kanaafuu, itti goraatii Channel ’oota kanneen hundumaa tokko tokkoon “Join/Subscribe” taasifadhaa; irraas fayyadamaa; baradhaa!
Mostrar todo...
Godoliyaas
Pheeni’eel
Ulee Amantaa
Fayyisaa Addunyaa
Walaloo Ortodoksii
Walaloo Afuuraa
Faaruu Haaraa OT
Lallaba Ortodoksii
Daandii Jireenyaa
Qabsuura Qulqullootaa
Daandii Qulqullootaa
👥Daandii Qulqullootaa
Dn Misgaanuu Yaadasaa
F/taa Koo’eel  Shawaa
Caffee Mooraa Jimmaa
Sagalee Gammachuu
Gaaffii Shakkitootaaf Deebii
Gaaffii keessaniif deebii
Gaaffii Muslimootaaf Deebii
Xoofoo Qulq. Isxifaanos
Kadhannaa Qulqullootaa
Faaruu A/O Ortodoksii T
Barnoota Amantaa OT
Qulqulleettii Mana Amantaa
Firii Qulqullootaa
Tajaajila Ortodoksummaa
Dangu Studio Official
🎥 Dagnu Studio
🎥 Waltajjii Callisaa
🎥 Orto_TMedia
🎥 Amoo Tube
🎥 Ezra Tube
📽️ Kiyyaa Tube
Promotion’tti galmaa’uuf
Akkam jirtu jalatamtoota fi kabajamtoota maatiwwaan waaqayyo nageenyi waqayyoo bakkaa jirtan hundaatti isiinif haa ta'u jecha akkaa fedhaa fi heyyama waaqayyootti Samoona iccitii lubbummaa lallee turree hojidhaaf biizii wanan ta'ef na of kolchaa isinin jedha. Lubbonni gahee gurguddoo sadii qabu. 🔸 kadhaannan dhabbaachu fi barumsaa wangeela biyyaa lafaa hundaan waliin gahu marq 16:15, DB 1:8, 6:1-4. 🔸Cubbuu cubbamtoota haqsisuudhan karaa cubbamtoota irra baasudha. Yoh 20:23 🔸Amatoota ykn ummaata kiristiyaan eeguu fi eegsisuudha.yoh 21:15. LUBUMMAA KAKUU MOOFII HAARAA GIDDUU GARAGAARUMMAA JIRU LUBAA KAKUU MOOFAA 🔸Kan yeroon turee 🔸Saba israa'el keessa qomoo tokkoo duwwaadhaf kenname 🔸Tajaajila mana israa'el duwwaatti murteffamee ture 🔸Fayyinaa foonii duwwaa kenne turee. 🔸dhifaama cubbuu kan yeroodhaf kennamu 🔸Aarsaan isaa foonii fi dhiigaa horii turee 🔸Raawwii fi qaroomina bu'uura taasifate LUBAA KAKUU HAARAA 🔸Kan bara baraati 🔸Ga'eessa kan ta'an sanyii nama hundumaaf kan kennaameedha. 🔸Tajaajilli isaa kan nama hundumaati 🔸Fayyina foonii fi lubbuu kan kennudha. 🔸Dhiifama cubbuu kan bara baraa kan kennuudha. 🔸Aarsaan kun jireenya bara baraa kan ta'e foonii fi dhiigaa kiristoosi. Kiristoos inni waaqayyoo bu'uura nuuf ta'e. PHAPHAASII 🔸Luboota, dayqoonota,fi tajaajiloota biroo muuduuf. 🔸Iccitii mana kiristaana hundaasaa isaatu bulcha. 🔸Hiyyeesota fi kan rakkaatan hundaa ni ebbisuu 🔸Hidhuu fi hiikuu LUBAA ✓Barsiisuu ✓Cubbuu fuudhuu ✓Qurbaana fudhaachisuu ✓Hidhuu fi ✓Hiikuu ✓kiristaanoota eeguu ✓dhukkubsatoota eeguu fi gaafachuu jajabeessuu fa'adha. ✓kan wal loolan araarsu ✓kan addaa bahan tokkoo taasisu. DAAQOONII ✓Ergamuu fi gargaaru ✓dhukkubsaatota gaafaachu ✓Rakkinaa namoota phaaphaasi fi lubaatti dhiyyeessun kadhaachu ✓Amantoota hojii gaariif kaakasuu fi haalaa mijeessu ✓Yeroo qulqulleessu amantoota to'achuu fi hirmaachiisu ✓Dhiigaa kiristoos amantaaf kennu ✓Ergaa duuka bu'oota dubbisuu. TAJAAJILA MANA QULQULLUMMAA JALAATTI AANGOO XIXIQQAAN JIRU. 🔸Angansxistoota(dubbistoota) 🔸Farfattoota 🔸Nifqidiyaaqoni 🔸Atsumanoota hawaw(cuuftuu karraa ykn balbalaa) 🔸Qoomoosi 🔸Dursaa phaaphasii 🔸Phatirarikii (abbaa amantaa hundaa) SIRNA MUUDAMAA Phaaphaasin guyyaa sanbaata qofa muudama. Kan mudaamus kadhaannaa luboota fi phaaphaasidhani. Iphisqoiphoosota sadiin harkaa irra kaa'un muudama.
Mostrar todo...
👍 10 4
Amanuu jechuun:-Anonymous voting
  • ni ta'a ni rawwataama jedhaani lapheetti fudhachuu
  • Waaqayyoo ni jira, ni jiraata jedhaani lapheetti fudhaacu
  • Hundaa kan bituudha jedhani lapheetti fudhachuu
  • Afaanin ragaa bahuu
  • 4ffaa irra jiru malee hunduu deebiidha
  • Hunduu deebii ni ta'a
0 votes
8👏 7👍 2
Repost from Orthodox Promotion
Channel ’ootni mimmiidhagoo armaan gadii kunneen, barumsa mana Kiristiyaana Ortodoksii Tewaahidoo, Seeraa fi Dambii ishee haala eeggateen sagalee Waaayyoo lallabuu fi barsiisuu irratti argamu. Channel ’oota kanneen keessatti: Lallaba, Koorsii, Faarfannaa, Walaloo, Jechoota Abbootaa, Seena qulqullootaa guyyaa guyyaadhaan Mana Kiristiyaanaa keenya keessatti yaadatamanii, Gaaffilee mana kiristiyaanaa keenya irratti gaafataniif deebii, Gorsa Abbootaa, PDF ykn Kitaabota afuuraa kan Ortodoksii Tewaahidoo, kkf argattu. Channel ’oota kanneen keessa seennan mee maal dhabdu? Yoo akka barbaaddanitti dhabdanis waan barbaaddan kamillee gaafattanii argattu! Kanaafuu, itti goraatii Channel ’oota kanneen hundumaa tokko tokkoon “Join/Subscribe” taasifadhaa; irraas fayyadamaa; baradhaa!
Mostrar todo...
1
Godoliyaas
Pheeni’eel
Ulee Amantaa
Fayyisaa Addunyaa
Walaloo Ortodoksii
Walaloo Afuuraa
Faaruu Haaraa OT
Lallaba Ortodoksii
Daandii Jireenyaa
Qabsuura Qulqullootaa
Daandii Qulqullootaa
👥Daandii Qulqullootaa
Dn Misgaanuu Yaadasaa
F/taa Koo’eel  Shawaa
Caffee Mooraa Jimmaa
Sagalee Gammachuu
Gaaffii Shakkitootaaf Deebii
Gaaffii keessaniif deebii
Gaaffii Muslimootaaf Deebii
Xoofoo Qulq. Isxifaanos
Kadhannaa Qulqullootaa
Faaruu A/O Ortodoksii T
Barnoota Amantaa OT
Qulqulleettii Mana Amantaa
Firii Qulqullootaa
Tajaajila Ortodoksummaa
Dangu Studio Official
🎥 Dagnu Studio
🎥 Waltajjii Callisaa
🎥 Orto_TMedia
🎥 Amoo Tube
🎥 Ezra Tube
📽️ Kiyyaa Tube
Promotion’tti galmaa’uuf
Iccittiin qurbaana kennaan inni argamsiisu maali?Anonymous voting
  • Dhifaama cubbuu
  • Jireenya bara baraa
  • Kiristoos waliin tokko ta'u
  • Hunduu deebii ni ta'a
0 votes
6👏 3
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.