cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

QARA QALBII

Qarri Qalbii Qarooma Qaba. Dharri Qalbii Dognooma Qaba.! Anis, Atis, Nutuu,Qara Qalbii Haa Qabaannu.!

Mostrar más
Finlandia3 421El idioma no está especificadoHechos6 983
Publicaciones publicitarias
355
Suscriptores
+224 horas
+147 días
+2030 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

ABDII QABAACHUU !! ━━━━━━━━━━━━━━ ❏ Wantoota guddaa sodaachisoo ta'an keessaa tokko abdii kutachuudha. Utuu jiranii abdii kutachuun farra dhala namaati. Namni utuma lubbuun jiruu, utuu soorata nyaatee jiraatuu abdii kutata taanaan mataa isaattis, maatii isaattis, biyya isaattis, addunyaa irra jiraatuttis ba'aa sodaachiisaa ta'a. Kanaaf abdii kutuurra mormaa cituu wayya. Sababni isaa jiraa abdii dhaberra isa du'e wayya waan taheefi. Ariifattee na jalaatii hin aariin ragaan waan deeggaramen dubbadhaa jiraati. Inni du'e seenaa isaa, karoora isaa, waanuma isa ilaalu hundumaa fudhatee gara lafa jalaatti waan darbeef bu'aas miidhaas hin fidu. ❏ Jiraan abdii dhabe garuu bu'aa yoo dhabes miidhaa qabaafan, "jiraa abdii dhabe irra du'aa wayya" jedhe. Namni Nyaata Addunyaa Kanaa nyaatee, dhugaatii ishee dhugee, biyyoo addunyattii irra miilla isaatiin adeemee, oksiijinii tolaatiin jiraatee faayidaa guutuu argachaa  ofiisaatif faayidaa dhaba. Kanaaf addunyaan kun karaa nama kanaa kisaaraa olaanaa keessa jirti jechuudha. Adaraa kee obbolee koo hamma hafuura baafattutti abdii hin kutatin! Tolee? Waliif galleerra mitii? ❏ Goototni yeroo baay'ee karoora isaanii jijjiruu irra lubbuu isaanii kennu. Kana jechuun lubbuu isaanii caalaatti karoora isaanii jaallatu jechuudha. Karoorri kee qabeenya keeti, kanaaf karoora keef jiraachuutti abdii hin kutin. Wantoota abdii nama kutachiisan keessaa tokko KUFAATII dha. Yoo itti fayyadamteef kallattiin milkaa'inaas kufaatiidha. Sababni isaa namni kamiyyuu kufaatii irraa barachuu waan danda'uuf kufaatiin barsiisaa namaa isa hangafa. Fakkeenya Namoota Kufanii Milkaa'anii Keessaa: ❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha. ❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha. ❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe. Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne. ❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha. Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i! Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa karaa dhaabachuuf dhiisuun suma harka jira. Haala yeroon jijjiirutti hirkatta taanan utuu ija hin godhatin hafta, seenaa kees biddeen ati nyaattee balleessiteef boolla awwaalaa isa si abaaraa hafu qofatu yaadata. ❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!! Haalli har'aa hin amanamu: ➲ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta. ➲ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta. ➲ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam! ➲ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta! ➲ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta! ➲ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta! ➲ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta! ➲ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata. Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira. Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama. Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetii. Cr Dachaasaa Guddataa
Mostrar todo...
Maqaan Ganamaa Kutaalee Magaalaa Finfinnee fi kan biroo 130 Kunooti! (the original list names of Finfinnee Sub-city ) =============== 1. FINFINNEE ~ Addis Ababa 2. AGAMSA ~ Markaatoo 3. BADDAA EJERSAA ~Ras Kaasaa Sefer 4. BAAROO KORMAA ~ Xuqur Anbassaa 5. BIRBIRSA GOOROO ~ Piassa 6.Caffee Araaraa ~sidist kiiloo 7. CAFFEE aannanii ~ Meksiikoo 8. CALCALLI ~ Saar-bet 9. DAALATTII ~ 4-kiiloo 10. DILDILA ADURREE ~ Inxooxxoo 11. GARBII ~Senga-taraa 12. GOLBOO ~ Ceerqoos 13. GULALLEE BADHAASOO ~ Qeeraa 14. HURUFA BOOMBII ~ Jaan-Meedaa 15. QARSAA ~ Kaasaanchis 16. ADOOLAA ~ Kibre-Mengist 17. BULEE HORAA ~ Hagere Maariyaam 18. EJEREE ~ Addisaalem 19. ROOBAA ~ Nifaas Silk 20. ADAAMAA ~ Naaziret 21. CIROO~ Asebe Teferi 2.BISHOOFTUU~ Debre zeeyit 23.BOTEE~Maqii 24.BAATUU~Ziwaay 25.Amboo~Hagerehiwoot 26.Sabbataa~Alamganaa 27.Hoolotaa~Gannat 28.Walisoo~Gihoon 29.Tulluu eegduu~Menagesha 30.Haroo sabbuu~Alem teferi 31.Roobee~Goobbaa 32.Lammii~Lamii 33.Birbirsa~Georgis Church 34.Dhekkaa~Yeka 35.Dhooqa booraa~22 mazoria 36.Doobbii~Qacanee 37.Laga harree~Laga haar 39.Dabbassoo~mashalookiyaa 40.Haroo maayyaa~Alemaya 41.Bakkanniisaa~Mekanisa 42.Bookee~Bethel 43.Qarree Gowwaa~Gohatsion 44.Haxaaii~Axaayyee 45.Abbaa Guuguu~Aarbaa guuguu 46.Dirree Dhoaa~Dire dawa 47.Karaa Maraa-Kaarra Maarraa 48.Saa Gurree~Saaguree 49.Naqaa dallaa~Maqdela 50.Melka jaldu~Melka Jebdu 51.Naqamtee~Lekemte 52.Karaa Qoree~Karaa Qorree 53.Illuu Abbaa Booraa~illuubaaboor 54.Oboraa~Waabaraa 55.Dhedheertuu~Dertu 56.Yaaa baloo~Yabello 57.Qolan Koomii~Welenkomi 58.Hara Dambal~Zway 59.Cuqqaalaa~Ziqualla 60.Mataaharaa~Metehara 61.Arsii~Aruusii 62.Bishaan Diimaa-Bisdiimoo 64.Qoqaa~Koqa 65.Mandayyoo~Fasil Awuraja 66.Bishaan Dhinsaa~Yilman Dinsa 67.Haqaaqi~Akaki 68.Irreensaa~Gudeellaa 69.Shaamboo~Shaambuu 70.Ilaalibalaa~Lalibela 71.Fincaaaa~Finca 72.Abboomsaa~Tinsae birihan 73.Hora~Filwuha 74.Hawaas~Awash 75.Qaalluu~Kality 76.Laga Qamalee~H/Giorgis Dildiy 77.Wal-arga~Wellega 78.Tulluu Daalattii~Tiliku Betemengist 79.Addababaii~Adebabay 80.Qilee~Asko 81.Suluula Garbii~T/Haimanot 82.Awwaaroo~Aware 83.Adaamii~Rufael 84.Didiimtuu~Shegole 85.Waddeessa~Chercher Godana 86.Tulluu Ejersaa~Hanna Mariam 87.Lumee~St.Joseph 88.Labuu~Siga meda/Tatek 89.Laaftoo Tumtuu~Buna Board 90.Tulluu Dheertuu~Gofa Betemengist 91.Tulluu Heexoo~Buufata Poolisii Jahaffaa 92.Laalii~Intoto Mariam 93.Burqaa Ejersaa~Faransay Imbassy 94.Caffee Muudaa~Lideta 95.Dhakaa Araaraa~sherathon & Hilton area 96.Dolloo Buddeenaa~Gotera,Wello sefer 97.Dhummuugaa~Ginfille 98.Fiichee~Xalian mishig 99.Golbaa~Addis ketema 100.Hadaa~Tele,Garaj,Cerkos Betekiristan 101.Harawa~kaca Fabirika 102.Harbuu~Gurd Shola 103.Harbuu Irreessaa~Ras Hailu Sefer 104.Hulluuqa Kormaa~Istifanos 105.Jaajaa~Bihere Tsige 106.karaa Qorxii~Belay zeleke Qilxu straight 107.Burqaa Qorichaa~Yeka Michael,Around Kebena river 108.Hurufa Raaree-Around Bus Station/Autobus Tera 109.Keelloo Masqalaa~Around 4-Kilo Campus & Betekiristan area 110.Riqicha Alloo~Engliz & Russia Embassy 111.Caancoo/Arsii~Debre Selam 112.Bulikaa~Bulga 113.Collee~Debre Sina 114.Dheedheeraa~Dadar 114.Erar~Yarar 115.Gaara sibiiluu~Minilik Gibbii 116.Hankoober~Ankober 117.Goodaa Boombii~Tatek Defer 118.Bubbee~Yirga Dejen 119.Ganda Aliyyuu~Gandaliyyuu 120.Haadha Adii~Adaadii 121.Walda`a~Woldiya 122.Madaaroo~Ayertena 123.Kuukkuu~Hagere Marian 124.Jajjuu~Yejjuu 124.Tulluu Diimtuu~Bahita Gebriel 125.Tulluu Maraa~Tulluu Amaaraa 126. Wacaalii~Wucaalee 127. Waabee Shabal-Waabee Shebele 128. Malkaa Abbooshee~Baambiis 129. Mandooyyee-Baalee-Faasiil 130. Xarroo ~Atana Tera Maddi: Kan Dubbifne Irraa! Via; #Yowobsan_Abebe Walaloo fi jechoota jaalalaa, Barnoota, Seenaa, Haqa qabataa jaalalli qabu, akkasuma  utubaa jiruuf jireenyaa kan ta'e gorsa hayyootaa fi jechoota xiinsammuu adda addaa argachuuf karaa liinkii asii gadii #join gochuun nu hordofaa. Telegram👇 ╔════════════╗ ➡️Qaroo_Waamaraa💌 ╚════════════╝ ♻️#Join & 🔗#SHARE godhaa...! 👇👇👇👇👇👇 https://t.me/ForAllthingsEye And👆👇👆👇👆👇👆👇 https://t.me/Thinkgloablly
Mostrar todo...
Qaroo Waamaraa

Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa itti hirmaadhaa!

👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
🚶‍♂️🏃‍♂️ ✍️❤️ Obboroodhan ka'een Barbaada faanakee Asirraan dabartaan Dhagahe oduukee 💝💝 💝💝 Si bira naa wayya Olmaan guyyaa kankoo Otoosheen naa dhuftee Naan jetti onneenko...... Walaloo babbareedoof👇👇 https://t.me/Thinkgloablly
Mostrar todo...
Photo unavailableShow in Telegram
#Hace Hero💪 "Danda'uudhaan male sichituu maal godhu.............😣 #Gurracha_Afrika.
Mostrar todo...
3
With My Nice House! 🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏 ............Jabaadhu......... Kan qamadiif akeeku Ingirdaada hin biqilchu Namni waan guddaa beeku Waan xiqqoof hin ililchu. Miilla bitaa kaasanii Adeemuuf mirgas kaasu Yaada malee raasanii Dhamarraa maal baasu Eelaa malee horanii; Boriif waan horatani Kooraa malee koranii Farda maaf komatani Albee mormashee qale Lukkuun baasuuf haati Dooniin kompaasii qabne Galaa galaanaa taati Dhagaan tumameen cabne Ogeessa dadhabsiisa Namni mul'atan qabne Jireenya of dhabsiisa Mul'anni re'ee miti Hin bitatan gabaadhaa Namni qixa jirutti Dhiibbaa uume jabaadha Jabaadhu jabaa-dhuutii Waanuma yaadde argatta Abjuu keef hojjedhuutii Mul'ata keenis mul'atta #QARA_QALBII 💯💯💯💯💯💯💯💯💯 ╔════════════╗ ➡️#Qara_Qalbii💌 ╚════════════╝ ♻️Join & 🔗SHARE 👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Thinkgloablly
Mostrar todo...
👍 1 1
#HIRIYYOTAKON_BAAYEE_JAALADHU 💔Jaalala 😀Abdii 💪Amanamumma 🙏Garrummaa 🥰Gammachuu 🦾 Dandeetti 🫂Hariiroo 🧔Hubannaa 🤫Obsa 🤝Nagaa "Yoom iyyuu wabii kooti.❤️ ~~~ QAR QALBII ~~~ #Share/Like/Follow don't for get!
Mostrar todo...
👍 1 1
''''Yeroof,obsa nama barbaada malee wantii hin darbamne hin jiru..... imalakee hin dhaabin!......✍️✍️✍️✍️✍️ #Qaraqalbii #Qaraqalbii
Mostrar todo...
👍 3
Photo unavailableShow in Telegram
''Ever days........🎤🎤🎤❤️👌
Mostrar todo...
Callisi Haala lama keessatti callisi.    Yeroo namni tokko dubbii keetiin miira kee hubachuu dadhabee fi    Yeroo namni tokko jecha tokko malee waan hunda kee yoo hubachuu danda'u.                   📲 Share   Qaraqalbii Qaraqalbii
Mostrar todo...
👍 3
🪴 "Yeroo tokko tokko waan dandeessu hunda gochuun gaarii miti; waan barbaachisu gochuu qabda." 🪴 "Jireenya gammachiisaa jiraachuu yoo barbaadde namoota ykn wantootatti osoo hin taane galma tokkotti hidhadhu." 🪴 "Yeroo tarkaanfii tokko fuulduratti fudhattu hunda waan tokko jeequun kee hin oolu." 🪴"Yeroo wanti hundinuu faallaa sitti deemaa jira fakkaatu xiyyaarri qilleensa waliin osoo hin taane qilleensa irratti akka ka'u yaadadhu." 🪴"Shaampiyoonaa ta'uuf yeroo namni biraa hin amanne ofitti amanuu qabda." 💡 "Gammachuun eenyu akka taate ykn waan qabdu irratti akka hin hundoofne yaadadhu; waan ati yaaddu qofa irratti hundaa'a." 🎙"Gonkumaa hin gaabbinaa. Yoo gaarii ta'e ajaa'iba. Yoo hamaa ta'e muuxannoodha."   ━━━━━━━━━━━ @Qara Qalbii @Qara Qalbii ▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Mostrar todo...
3👍 1
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.