Walaloof baacoowwan 😁
Walaloowwan jaalalaa fi baacoowwan hidhii walitti nama hin qabachiisne yoo barbaaddan ...... YouTubehttps://www.youtube.com/@milkiitubes Yaadaaf qeeqa qabdan karaa @wabiif na biraan gahuu dandessu
Mostrar más4 914
Suscriptores
Sin datos24 horas
+457 días
+16630 días
- Suscriptores
- Cobertura postal
- ER - ratio de compromiso
Carga de datos en curso...
Tasa de crecimiento de suscriptores
Carga de datos en curso...
https://t.me/hamstEr_kombat_bot/start?startapp=kentId5459452112
Seenaa hojjedhaa hin gowomiinaa
Hamster Kombat
Just for you, we have developed an unrealistically cool application in the clicker genre, and no hamster was harmed! Perform simple tasks that take very little time and get the opportunity to earn money!
❤ 1
Dabaaliimee. Dabaaliimee
Abbaa ko abbaa kan koo
Faacha gorroorra keessee
Yaaddoo garaa na keessee
Jaarsaa sarbaa liillanaa
Tookko hin oolu miilanaa
Yookan harrii filachuu
Yookaan aarii baafachuu
Goota koo baddaa horroo
Abbishee ilma garbaa
Jabaa lagaa mormorii
Eenyut ittiin mormatee
Abbishee ilma garbaa
Yaa isa goraadee biiluu
Situ hallayyaatti naqee
Roorroo qe'eetti duuluu
Gooticha baddaa horroo
Yaa isa daalee soorrate
Kokkeetti qabu roorro
Si nyaate malee boolloon
Si nyaate malee boolloon.
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
#DHUGAA_QABDA_BARSIISAA...
Guyyaa dhaabachaa ooltet
Halkan dubbifta hin raftu
Mindaan at argattummoo
Liqiirraayyuu hin haftu !
======
Coomanis wal hin beektu
Piizas ta'ee bargarii
Kaffaltiin at argattuuf
Dadhabbiin kee gargari
=====
Kaabinee xobbee miti
Tasa hin argattu durgoo
Kan ittiin bittu hin qabdu
Ibsaan yoo bade dungoo !
=====
Dhaloota meeqa soortet
Ofiif immoo, beelofte
Warra qubee barsiisten
Deebiteemmoo yeellofte
=====
Osoo ati beeloftuu
Hattuufi sobduun quufti
Abshir yaa barsiisaa koo
Siifis guyyaan ni dhufti
=====
Harki kee qulqulluudha
Dhiiga namaa hin laaqne
Dhabdus keetin jiraatta
Dafqa namaa hin nyaanne
=====
Lafas gurgurtee hin beektu
Sabbataaf Galaan keessaa
Boquu kee gadi buustee
Mana kiraayii teessaa
=====
Utuu waan gaarii gootuu
Jiraachuyyuu dadhabdee
Dhugaa qabda barsiisaa
Gatii dafqa kee dhabdee.......!!!
#Barsiisaa !!!
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
👍 9
💥 Halkan tokko abbaa manaafi haati manaa rafanii utuu jiranii halkan walakkaa hattoonni mana isaaniitti seenani Meeshaa isaanii guurrachuu eegalan
💥 Haati manaa abbaa mana hirribaa dammaqsitee rakkoo guddaan akka Uumame itti himte Ka'ee hattoota kana akka hari'uufis gaafatte
💥Inni garuu baay'ee sodaachuu irra kan ka'e ni callise
💥 Meeshaa guurratanii yommuu isaan ba'anii deemsa jalqaban firaashii irra ciisaa turan fudhatee booddeedhaan hordofe abbaan Mana sun
💥 Hattoonni kunis dheekkamanii Maal barbaacha dhufte? Si ajjeesna yokaan nu biraa deebi'i ittin jedhan
💥 Namichis deebiseefi "Maal mana jijjiirrachaa jirra mitii? Maaliif na ajjeeftu?" Jedheen 😃
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
👍 3😁 1
#DHIIFAMA
yuunivarsitii tokko keessatti guyyaa tokko barsiistuun saayikooloojii barattoota isheetiif assaayimentii kenniteef.assaayimentichis akkas jedha,dinnicha irratti maqaa nama jibbitanii barreessitanii fiddu.
HUB,baay'ina hamma nama jibbitu nama tokkoof dinnicha tokko jette itti himte.
barattoonnis guyyaa itti aanutti,warri kaan 1,warri kaan 3,warri kaan 6-10tti fidanii maqaa namootaas tokkoon tokkoon isaa irratti barreessan. barsiistuunis hunda isaa borsaa keessan keessa kaa'aa hanga torbee tokkootti keessa hin fuutani,yeroo ciistanis,mana fincaaniittis ofirra hin buuftan borsicha jettee ajajje.gaafa guyyaa sadii fi afur bulu dinnichichi tortoree foolii kennuu jalqabe.gaafa shanii fi ja'a ga'u garmalee ajaa'uu jalqabe. keessaayyuu abbaan dinnicha kudhanii baayee rakkate ulfaatinnis nijira.torban tokkoo booda fidanii barsiistuutti himan torban xumurrerra jedhan.
barsiistuunis akkam ture baachuun torbee jettee gaafatte,hundumtuu guungumanii baayee nurakkise barsiistuu keenya baayee rakkanne ba'aan isaas nu rakkise, fooliin isaas baayee numiidhe jedhan.
agartani mitii jibba borsaa keessan keessatti torban tokko baachuunuu isinitti cime,laphee keessan keessatti umurii keessan guutuu baachuun hammam haa cimuree? Kan torbee tokkotti hagana sinitti ajaa'e laphee keessan keessatti immoo hagam ajaa'aree???? jetteen.
(Maddi waanan dubbise irraa)
ilaamee obboleessa,obboleetti idaa qabdaayii? maaltu si rakkise of keessaa balleessi jibba of keessaa qabda taanaan.
amma bakkuma jirtu taa'iiti nama nan jibba jettee yaaddu yadadhuuti dubbisa amma dubbistes yaadadhuuti yoo dhiisteetta ta'e dhiiseera jedhi.
Maxxansakoo yoo dubbiftee xumurteetta ta'e pagekoo kana akkati jaallattee follow gootee darbitu hin shakku.
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
❤ 4👍 3
Lapheen Inni Durii
Inni Hin Qabne Xurii...
Dhiigarraa Hojjatame
Dhiiga Kennaa Waaqaa
Nama Kan Ta'e Hundaaf
Balbala Isaa Saaqa!
--
Lapheen inni ammaa
Gagaan irri dammaa...
Birrii irraa hojjetame
Birrii abbaa dhibbaa
kanaaf sooreessa jaallatee
Hiyyeessammoo Jibba!
--
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
👍 2
Sookkisaa gogaa duugaa
Shaggar nu yaafte sireen
Bookkisaa korma Dhugaa
Gargar nu baafte Hireen
Waraabuullee waraabeeraa
Bishaan Amboo taliila koo
Waa yaaduullee si yaadeeraa
Hacee Hundee Sibiila koo
Daangaa kaa'an daangaa shiraa
Kan daangessu dhaamsa firaa
Daanga'e kaa karaan Amboo
Naan ga'e kaa Garaan rakkoo
Awwaallamtee akka raqaa
Wallaallamtee murtiin haqaa
Dhabamte kaa murtee sirriin
Qabamte kaa turtee Birriin
Waggaa Afur eegnee dhabne
Guyyaa adii deegnee cabne
Eeboon qaraa gogaa waraanti
Yeroon dharaa dhugaa awwaalti
Kulkulfataa madaa miilaa
Maaltu baasa qoree malee
Dhukkubsataa garaa dhiiraa
Maaltu kaasa booree malee
Fixxee ree? Waddeessa koo
Waddeessa ji'a Onkololeessaa
Lixxee ree? Addeessa koo
Addeessa Urjiif Obboleessaa
Citte kaa sakaallaan Fardaa
Luugaman nyaachisa malee
Bitte kaa Askaalaan Sangaa
Tuulaman nyaachisa qalee
Godan bu'e Laga oofuu
Lagni guutee Dhagaa aarsa
Ergan du'ee Muka soofu
Erga duutee maal bu'aansaa?
Barri Baraan sokkee
Achis yoo fagaatu
Hacee koo yaa Tokkee
Seenaan sin dagatu
Barri Baraan darba
Baraan wal jijjiira
Kan jiru waa arga
Gootnis Lubbuun jira
Yoo ijaarsi Lafaa
Diigee burkutaa'ee
Yoo ijaarsi nafaa
Dhiigee hunkutaa'e
Yoo biqiltuun mukaa
Hundeedhaan buqqa'e
Yoo imaltuun Lukaa
Barruudhaa luqqa'ee
Yoo riqichi jabaan
Wal qixxeetti cite
Yoo dhaabatee gabaan
Gurguree wal bite
Yoo ijaarsi gamoo
Tureetoo dulloome
Yoo dureessi Namaa
Dhabeetoo hiyyoome
Turtiin yeroo darbee
Galmeen yoo haqame
Kalee gaarii argee
Har'a yoo laaqame
Kan kee hin haqamu
Kan Dhiigaan katabde
Buqqa'ee hin gatamu
Kan ati gad dhaabde
Si yaadanna yoomuu
Gola Onnee keessaa
Seenaan kee hin dulloomu
Hacee Ilma Hundeessaa
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430
👍 11
#NAMOOTA__WAJJINIIN
#NAGAADHAAN__JIRAADHU!
Haa tolus haa badus
Mijatus hammaatus
Waan gaarii siif godhus
Gaarii gochuu baatus
Hiixatee siif kennus
Didee si dhowwatus
Garaansaa siif laafus
Homaa sitti jabaatus
Dhala namaa wajjin
Jiraachuun dirqama
Qofaa kee hin jiraattu
Dandeessee matumaa.
Takkaa si madeessee
Booddee si fayyisa
Al tokko si aarsee
Simmoo gammachiisa.
#Kanaafuu lubbuukoo
Quuqama kee aadaa
Waraansa kee obsaa
Wajjiniin jiraatta
Suma barbaachisa.
Addunyaan qofaa kee
Deemtee irra jiraattu
Kanaan dura hin turre
Sichis hin argattu.
Hubadhu qalbii koo
Mee malan siif mala
Namaaf iddoo kenni
Waan hundumaa caalaa
Xinnaafis guddaafis
Qabaadhu jaalala.
#SOURCE____DIRECTON
@walaloo430
https://t.me/cexio_tap_bot?start=1716323293166792
CEXP tokens farming major upgrade! Two is better than one! Join my squad, and let's double the fun (and earnings 🤑)! CEX.IO Power Tap! 🚀
CEX.IO Power Tap
🤩 Farm CEXP tokens and earn rewards! CEX.IO App makes it simple and secure to buy, exchange, and store cryptocurrencies
Elige un Plan Diferente
Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.