#Dadhabina_Dhiiraa!
Seenaa jaalalaa dhugaa kana yoo dubbifte, dadhabbiin dhiiraa inni guddaan maal akka taheefi amanamaa tahuun maal akka tahe in hubatta. Amanamaa tahuun amantiidhaan kan argamu osoo hin taane, kudhaama Uumaan uumama hundaatti rarraasee uumedha. Seenaa kana nama jaarraa jiraate keessa darbee addunyaa hardhaa irrattuu dhiibbaa geessisaa jiru William Shakespeare tu barreesseera; inni nama dhaloota Kiristoos booda jaarraa 16ffaa keessa jiraatedha. Seenaan kun immoo seenaa dhaloota Kiristoos duraati. Yeroon isaa dhaloota Kiristoos dura naannoo bara afurtamaati. Intala hedduu bareeddu, kan beekumsaan faayamteefi kan afaanota sagalii ol sirnaan dubbattu tokkotu maatii mootota Gibxii keessatti argame. Isheen beekumsa herregaan, naamusa isheedhaan, ijoollummaa irraa kaaftee immoo moloksee tahuuf barnoota amantaa isheen argatteen kan hedduu dinqifamtuufi gama qulqulluummaan jiraachuu isheetiin intala hunduu hawwu turte.
Bareeddota lafa kana irra jiraatan keessaas miidhaginaan durbi akka intala kanaa akka hin mul'anne seenaan jala muree ol kaaheera! Maqaan ishee Cleopatra VII kan jedhamtuufi intala mootii fara'oon isa dhumaati. Yeroo du'uu Juuliyees Qeesaariin wal qabatee waamicha Mark Antony fahaa biraa isheef godhameen gara iddoo bulchiinsa isaanii deemtee turte. Isheen akkuma Marc Antony agarteen jaalala isaan qabamte; Innis jaalala ishee kanaan akka malee butame.
Jaalalli isaanii guddachuudhaan DH.K.D bara 36 isaan lameenuu magaalaa Anxookiyaatti wal fuudhani. Isaan lamaanuu gooftaafi giiftii yeroo sanaa jedhanii ofii isaanii labsuudhaan bulchiinsa isaanii Giriikiifi Ijiipti irratti labsatani. Isaan itti dabalanii biyya Roomaafi bulchiinsa ishee olaanaa qabachuuf yeroo isaan lola irra jiranitti, abbaan manaa ishee Antooniin dursaa lola kanaa ture. Lola kana keessatti jabina namicha kanaa kan beekaniifi dadhabinni isaa immoo kan isaanitti argamee hin beekne akkamiin akka isa mohan barbaaddachuutti ka'an!
Akkanni haadha manaa isaa kana akka malee jaalatu waan beekaniif oduu sobaa odeessisuu eegalan. Osoo isheen hin du'iin akka isheen waraana garee faallaatiin rukutamtee duuteetti odeessuudhaan Mark Antony abbaa duulaa jabaa sana bira geessisani. Inni immoo akkuma oduu kana dhagaheen waan akka malee ishee jaalatuuf, ishee malees duuniyaan kun isaaf akka hin malle waan beekuuf biillaa guddaa harka isaa irra jiruun of waraanee of ajjeese.
Dhugumaan yeroo inni du'etti immoo oduu kana ariifatanii ishee bira geessisani, isheenis Antoonii malee jireenyi isheef ittoo soogidda hin qabnedha. Yeroosuma ol seentee uffata warqee ishee uffattee, gonfoo warqee ishees keewwattee teessoo mootummaa ishee irra teesse. Bofoota summaahoo biyya sanatti adabaaf horsiifaman fidattee akkuma teessoo mootummaa ishee irra teesseen harma ishee keessa ciniinsifte. Akkuma xiqqoo turteen du'aan ishee teessoo ishee irratti argame. Akka kanaan dhiira jabaas galaafatanii, biyyaafi bulchiinsa isaas lafatti dabalani. Achumaan guutummaa addunyaa kanaa irratti Awugoosxoos Qeesaar bulchiinsa bal'aafi aangoo guddaa argachuudhaan bulchaa Roomaafi addunyaa yeroo sanaa tahe.
Seenaa kana irraa waan lama waanan hubadheefan isiniif katabe. Inni tokkoffaan, jaalalli dhugaan ammam akka inni humna qabu hubannaan argadhe yeroo tahu, inni lammaffaan immoo dadhabinni dhiiraa inni guddaan maal akka tahe hubadheera. Dhiira jabaa biyyaaf amansiisu, kan humni isaa hin laafne, kan diina biyyarraa tiksu, kan abdii dhalootaa tahee waldaa Kiristiyaanaa illee fuulduratti deemsisu, yoo qabachuun barbaadame karaa kam akka inni kufuu dandahun hubadhe! Dadhabinni dhiiraa inni guddaan durba inni jaalatudha!
Fayyaa hin dhabinaa isinan jaalladha
Maddi:- Kanan dubbiserraa
https://t.me/Imanakh