es
Feedback
Creative Dev

Creative Dev

Ir al canal en Telegram

Let's build your digital future Connect with me on LinkedIn: https://www.linkedin.com/in/ararso-dev

Mostrar más
2 412
Suscriptores
-524 horas
-277 días
-9630 días
Archivo de publicaciones
Itti Aantuu Pirezidaantii Ameerikaa: "Nagaa, tasgabbii fi mirga hiree murteeffannaa Falasxiinotaaf ulfina kennuudhaaf tarkaan
Itti Aantuu Pirezidaantii Ameerikaa: "Nagaa, tasgabbii fi mirga hiree murteeffannaa Falasxiinotaaf ulfina kennuudhaaf tarkaanfiiwwan walqixaa fudhatamuu qabu!" jechuun ibsa sa'aatiiwwan muraasa dura kenniteen dubbattee jirti. Odeeffannoo saffisaaf toora Telegram keenya Join godhaa, Toora Telegram keenya Share gochuun waliif qooduu hin dagatinaa. https://t.me/JechotaGaggaarii

Dubbi himaa Waraana Israa'iil:- "Loltoota Waraanaa 341 fi kanneen Shin Bet 'n ajjeefaman 10 maatii isaanii beeksisne..!!" jec
Dubbi himaa Waraana Israa'iil:- "Loltoota Waraanaa 341 fi kanneen Shin Bet 'n ajjeefaman 10 maatii isaanii beeksisne..!!" jechuun ibsa guyyaa har'aa kenneen ifoomsee jira. Loltoota Waraanaa Israa'iil kanneen Hamaasiin ajjeefaman maqaa isaanii adda baasuun maatii isaanii qaqqabsiisanii jiru. Odeeffannoo saffisaaf toora Telegram keenya Join godhaa, Toora Telegram keenya Share gochuun waliif qooduu hin dagatinaa. https://t.me/JechotaGaggaarii

"Maaraadoonaan dhimma filisxeenotaaf dhimma keenyaaf akka inni nuuf dhimmamuu fi akka inni nuuf tattaafatu yeroo beeknu gammachuu nutti dhagahamu mee yaadaa? waltajjii gurguddoo idil addunyaa irratti deeggaraa qabsoo keenyaa fi dinqisiifataa qabsoo keenyaa tahee yeroo maqaa keenya olkaasu gammachuun keenya daangaa hin qabu ture! hanga xumura jireenya isaatti inni lammii filisxeen ture! inni onneen koo filisxeeni dha jedha koodeen keenya! lammummaa isaa jaalala keenyaaf Filisxeen jedhee of waame" jechuun gaazexeessaan Filisxeen Ramzii Barud jecha ittiin Maaraadoonaa ibsu dhabe. Gaazexeessaan beekamaa warra Filisxeen Ramziin yaadannoo isaa yeroo ijoollummaa yeroo yaadatu... "Filisxeen magaalaa keessatti waan guddanneef Maaraadoonaa haalaan jaallanna! ani kubbaa miillaa taphachuus tahe daawwachuu nan jaalladha sababa eenyuu! Maaraadoonaa keenyaaf jecha... yeroo Maaraadoonaan keenya biyya isaa Arjeentiinaaf tahe kilabii Naappooliif ykn kilaboota biroof taphatu waan mara dhiisnee hundi keenya TV keenya adii fi gurraacha irraan miira addaatiin mil'anna" jedha gaazexessaan kun. "Nuti Filisxeenonni akka idil addunyaatti cunqurfamtoota morkataa hin qabne dha! jaalala koodeen keenya Maaraadoonaa nu barsiise fudhachuun onnee guutuun akkana jenna onneen keenya guutuun arjentiinaa dha" jedha gaazexeessaan gameessi kun. Gaazexeessaan Ramzii xumura irrattis haasaa isaa yeroo guduunfu akkana jedha "Maaraadoonaa keenya hedduu si galatoomfanna! ati yeroo mara onnee keenya keessa bakka gaarii qubattee jirta!! si galatoomfanna!" jedha gaazexeessaan Ramzii ija immimmaan dhangalaasu haxaa'achaa. Eeyyeen addunyaan mootii kubbaa miillaa Maaraadoonaa du'aan dhabdee jirti! biyyi isaa Arjantiinaanis Maaraadoonaa dhabdee jirti! guddisi isaa Meesiinis Maaraadoonaa dhabee jira! garuu yoo dhugaa dubbanne namni akka Filisxeenotaa Maaraadoonaa dhabe hin jiru... qooddataa fi dinqisiifataa qabsoo isaanii, koodee isaanii, jaallee isaanii, oonnachiisaa isaanii dhabuun isaanii qoor-qalbii Filisxeenotaa miidhee jira. Egaan kabajamtoota dubbistoota barruu Maaraadoonaa fi Filisxeenota jedhu kana isinitti dheeressuu kiyyaaf na ofkolchaa jechaa, barruu kana irraa waan tokko akka hubattan abdiin qaba. Odeeffannoo saffisaaf toora Telegram keenya Join godhaa, Toora Telegram keenya Share gochuun waliif qooduu hin dagatinaa. https://t.me/JechotaGaggaarii

Maaraadoonaa Michuu Filisxeenotaa..!! Diyaagoo Maaraadoonaa 'n dachii qabsaa'ota Arjentinaa irraa kan biqile hortee gooticha Che Guevara qabsaa'a bilisummaa dha. Inni mootii kubbaa miillaa qofa osoo hin taane qabsaa'aa haqaa dha! inni beekamtii kubbaa miillaa isaatiin sagalee cunqurfamtootaa tahe! inni dandeettii kubbaa miillaa isaatiin weerartootaaf akeekkachiisa dabarse! inni kan biyyi isaa Arjentiinaa 'n dirree waraanaa irratti dadhabde Ingilizoota miira xiiqiin dirree kubbaa miillaa irratti jilbeenfachiisuu kan danda'e ilma gaafa xiiqii dha. Weerara Forkilaand eenyuutu dagata? dachii Arjentiinaa Forkilaandiin weerartee kan jalaa fudhatte biyya Ingilizii namni hanga Maaraadoonaa jibbu eessa jira? inni jibbiinsa weerartoota Ingiliziif qabu irraa ka'ee jecha Afaan Ingiliffaa tokko osoo du'ee kan hin dubanne Sabboonaa daangaa darbe ture. Kanuma irraa ka'uun hundaa ol garuu Maaraadoonaan biyya miskiina, cunqurfamtuu, weeraramtuu, addunyaan guutuu kan ishee gane, bahaaf gala dhabdee kan rakkattuuf michuu addaa nama tahe dha!! inni jaalala isaaniif haalaan booji'amee ture!! biyyattiinis Filisxeen jedhamti. Jaalala isaaniif qabu irraa ka'ee "Ani michuu Filisxeeni dha" kan jedhu osoo hin taane sadarkaa "Ani lammii Filisxeeni dha" jedhu irra nama gahe dha! ani jedha Maaraadoonaa 'n "Ani uummata Filisxeen caalaa naman jaalladhu hin qabu!" jechuun jaalala isaanii irra deddeebiin himata. "Ani isaaniin nan kabaja! ani isaan waliin gadda isaanii nan qooddadha!! ani isaaniin haalaaniin jaalladha!!! sodaa tokko malees isaan faana nan hiriira! onneen koo Filisxeeni dha!" jechuun mootiin kubbaa miillaa Diyaagoo Maaraadoonaa jalaala Filisxeenotaaf qabu addunyaatti ibsate. Bara 2018 dorgommii geeba addunyaa irratti pirezidaantii Filisxeen Mahmoud Abbas waliin yeroo wal argu onnee guutuun gaazexeessitootaan akkana jedhe "Namni kun nagaa Filisxeeniin barbaada, kabajamoon pirezidaantii Abbaas biyya qaba biyya isaa biyyoolessa godhuufis mirga guutuu qaba" jechuun dubbii ajaayibaa dubbate. Bara 2012 mootiin kubbaa miillaa Diyaagoo Maaraadoonaa "ani deeggartoota Filisxeenotaa keessaa warra sadarkaa 1ffaa dha" jedhee yeroo ibsu biyyi Israayil waggaa 2 booda Gaza irratti duula waraanaa hamaa bantee lammiilee Filisxeenotaa 2500 yeroo ajjeestu Diyaagoo Maaraadoonaa 'n rifachuun baayyee dallanee ture! gadda guddaa keessa kan seene Diyaagoon Maaraadoonaa "gochi gara-jabummaa Israayil filisxeen irratti geggeessite baayyee waan nama saalfachiisu dha" jechuun ture kan inni Israayiliin hadheeffatee balaaleffate. Osoo isaaf hin milkaa'in du'e malee Diyaagoon Maaraadoonaa gaaffii leenjisummaa kubbaa miillaa kilabootaa fi biyyoota hedduu irraa isaaf dhihaataa ture kuffisuun garee kubbaa miillaa warra cunqurfamtootaa garee biyyoolessa Filisxeeniin leenjisuuf walii galtee irra gahee ture. Maaraadoonaan jaalala daangaa hin qabne Filisxeenota jaallata kun immoo isaan dhiiga isaa, fira isaa, sanyii isaa ykn intala isaanii irraa fuudhee osoo hin taane jibbaa weerartoota irraa qabuufi jaalala qabsaa'otaa fi falmattoota biyya Filisxeeniif qabu irraa ka'eeti!! Gaazexeessaan beekamaa biyya Filisxeen Ramzii Barud waa'ee Maaraadoonaa irratti akkana jedha "biyya Filisxeenitti Maaraadoonaa jibbuu abadan hin dandeessu! isa jaallachuu fi dinqisiifachu malee filannoo biraa hin qabdu! Filisxeenota biratti qeeqaa fi jibbaa Maaraadoonaa kaastee dubbachuu hin dandeessu! inni onnee Filisxeenotaa keessa jira!" jedha. Gazexeessaan kun itti fufuun "Maaraadoonaan nu Filisxeenotaaf oonnachiistuu ture! akkuma keenya sadarkaa jireenya gad-aanaa keessa kan darbe! akkuma keenya waan jaallateef kan du'u! akkuma keenya dallanaa! kan kabajaa biyya isaa irratti filannoo hin qabne! inni fakkaataa keenya! oonnachiisaa keenya dha! jiruu gad-aanaa irraa kaa'anii akkamitti addunyaa irratti ol'aantummaa argachuu akka danda'an kan nutti agarsiise inni filatamaa keenya dha!" jedha gaazexeessaan Ramzii koodee qabsoo isaanii Diyaagoo Maaraadoonaa yeroo ibsu.

Maaraadoonaa michuu Falasxiinotaa koodee qabsoo Falasxiin isa "Onneen koo Falasxiin..!" jedhee dhaadate. Mudannoo ajaa'ibaa M
+3
Maaraadoonaa michuu Falasxiinotaa koodee qabsoo Falasxiin isa "Onneen koo Falasxiin..!" jedhee dhaadate. Mudannoo ajaa'ibaa Maaraadoonaa fi Falasxiin yeroo yaadannu. Bal'ina isaa dubbisaa. 👇👇👇👇👇👇👇

Qabxiin darbiinsaa sagantaa fooyya’iinsaa(Remedial Program) Ifoomeera. Haaluma kanaan 👉Barattoota Idileefi Halkanii Saayinsi
Qabxiin darbiinsaa sagantaa fooyya’iinsaa(Remedial Program) Ifoomeera. Haaluma kanaan 👉Barattoota Idileefi Halkanii Saayinsii Uumamaa Dhiira=255 Dhalaa=234 👉Barattoota Idileefi Halkanii Saayinsii Hawaasaa Dhiira=218 Dhalaa=200 👉Barattoota Idilee Saayinsii Uumamaa naannoowwwan guddataa jiranii Dhiira=224 Dhalaa=210 👉Barattoota Idilee Saayinsii Hawaasaa naannoowwwan guddataa jiranii Dhiira=192 Dhalaa=180 👉Barattoota Idilee Saayinsii Uumamaa naannoowwwan Horsiisee Bultootaa Dhiira=210 Dhalaa=210 👉Barattoota Idilee Saayinsii Hawaasaa naannoowwwan Horsiisee Bultootaa Dhiira=180 Dhalaa=180 👉Barattoota Idilee Saayinsii Hawaasaa naannoowwwan Qaro Dhabeeyyii Dhiira=150 Dhalaa=150 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://rb.gy/44rl4 https://rb.gy/44rl4 https://rb.gy/44rl4 🎯 https://rb.gy/44rl4 🎯 ABDIISABAA.ORG SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA 📡MIIDIYAA📡 @ABDII_SABAA ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/+YmiidH_1UV9kNGU0 https://t.me/+YmiidH_1UV9kNGU0

Repost from XAASOW ZABBUU
🅾𝐃𝐔𝐔  🅰𝐌𝐌𝐄𝐄 Caarraa Kanatti Namni Hin Fayyadamin Dafaa Ammuma Itti Dabalamaa Jabaadhaa Akka Isin Hin Dabarfannee Nama Tokko Qofa #999 Hanqatee Abbaa Caarraa Ta'uudhaaf Dafii Gadi Tuqii keessaa kan Barbaadde Abbaa Caarraa Ta'aa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

Repost from Islaamummaa 100%
#INBOX Akkam jirtu kabajamtootaafi jaallatamtoota maatii chaanaalii keenyaa hundi keessanuu hayyee maallaqa namaa na bira jiru osoon Abbaadhaaf galchuu jedhuu dogoggora Account biraa irratti darbee Abbaan account sanaa maallaqa guddaa 23694 birr malee siif hin deebisu jedhee kanaafuu Abbaan rabbi isiniif laaffise gargaarsa obbolummaan isinirraa barbaadaa Abbaan Maallaqa qabdan maallaqaan na gargaaraa abbaan maallaqa hin qabnes du'aa'iidhaan na gargaaraa Gargaarsa obbolummaa gargaarsa Islaamummaan isinirra barbaadaa!!! Abbaan rabbi isiniif laaffise. Namni 10 yoo 100 kenne 1000 waan ta'eef kanaafuu waan qabdanuun na bira dhaabbadhaa. BAANKII DALDALA ITOOPHIYAA Account: 10003 5786 4341 Name: Furkan Awel BAANKII HOJII GAMTAA OROMIYAA Account: 1000068366163 Name: Furkan Awel

Muummichi ministeeraa Ayerlaandi Liyoo Vaardaak “Israa’el ofirraa ittisuu fi Hamaas hordofuuf mirga qabdi, garuu wanti nuti a
Muummichi ministeeraa Ayerlaandi Liyoo Vaardaak “Israa’el ofirraa ittisuu fi Hamaas hordofuuf mirga qabdi, garuu wanti nuti argaa jirru ofirraa ittisuu qofa miti” jedhan. ┌˚❀̥──◌─♻️🔗──◌─❀̥˚┐ ...𝐉𝐎𝐈𝐍:☞ @islamic_way_1 ...

#Code_003 Maqaa: Rafiiqul Islaam Iddoo: Geeraa Obboleeyyan keenya warra #Filisxiin Rabbiin isaan haa nassaru. Tumsaa isaatiin cinaa dhaabbatee injifannoo muslimootaa dhihootti nuhaa agarsiisu!! Bilisummaa guutuu isaan haa gonfachiisu. @Alrisaalaa | Qoraasuma Qalbii Wal-dorgommii irratti hirmaachuuf @Alrisaalaa_bot iratti nuuf ergaa!! Warroota Sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaa bahan bifa asii gadii kanaan kan badhaasnu ta'a. إن شاء الله تعالى 🎁1ffaa kan bahe 300MB fi🥇🥇🥇 🎁2ffaa kan bahe 200MB🥈🥈🥈 🎁3ffaa kan bahe 100MB🥉🥉🥉    📗Hubachiisa: Badhaasa Kana argachuudhaaf yoo xiqqaate, namoonni 500 ol isiniif ilaaluun dirqama. @Alrisaalaa_bot @Alrisaalaa_bot @Alrisaalaa_bot @Alrisaalaa   @Alrisaalaa     @Alrisaalaa @Alrisaalaa   @Alrisaalaa     @Alrisaalaa #Qoraasuma_Qalbii

#Code_002 Maqaa: Mahammad sheeka Iddoo: Harar Yaa Rabbii ummata falisxiin nagaha busiif Yaa Rabbii obboleewwan keenya kan dhumaa jiraanis jannatul firdoosin nuuf qananisii Kan lubbuun jiraanifis Umrii dheertu kanniif Adawwii isaanitis dhabamsiisi Bilisummaa falisxiin Yaa Rabbii yeroo dhihootti kaniif Hidhamaa isaanitis hidhaa basii Dhukkubsataa isaanitis fayyisiif ammiiiiiiin. @Alrisaalaa | Qoraasuma Qalbii Wal-dorgommii irratti hirmaachuuf @Alrisaalaa_bot iratti nuuf ergaa!! Warroota Sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaa bahan bifa asii gadii kanaan kan badhaasnu ta'a. إن شاء الله تعالى 🎁1ffaa kan bahe 300MB fi🥇🥇🥇 🎁2ffaa kan bahe 200MB🥈🥈🥈 🎁3ffaa kan bahe 100MB🥉🥉🥉    📗Hubachiisa: Badhaasa Kana argachuudhaaf yoo xiqqaate, namoonni 500 ol isiniif ilaaluun dirqama. @Alrisaalaa_bot @Alrisaalaa_bot @Alrisaalaa_bot @Alrisaalaa   @Alrisaalaa     @Alrisaalaa @Alrisaalaa   @Alrisaalaa     @Alrisaalaa #Qoraasuma_Qalbii

#Code_001 Maqaa: Eeyman Mahaammad Iddoo: Harargee Bahaa Yaa Rabbi obboleeyyan keenya warra #Filisxiiniif tumsi. Adawwii isaanii irratti isaan injifachiisi. Yeroo dhihootti nasrii isaan gonfachuusi. Bilisummaa barbaadaniin walitti baasi. #Filisxiinota bilisaan akkuma ummata biroo jiraatan yeroo dhihootti ijaan nu agarsiisi. @Alrisaalaa | Qoraasuma Qalbii Wal-dorgommii irratti hirmaachuuf @Alrisaalaa_bot iratti nuuf ergaa!! Warroota Sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaa bahan bifa asii gadii kanaan kan badhaasnu ta'a. إن شاء الله تعالى 🎁1ffaa kan bahe 300MB fi🥇🥇🥇 🎁2ffaa kan bahe 200MB🥈🥈🥈 🎁3ffaa kan bahe 100MB🥉🥉🥉    📗Hubachiisa: Badhaasa Kana argachuudhaaf yoo xiqqaate, namoonni 500 ol isiniif ilaaluun dirqama. @Alrisaalaa @Alrisaalaa @Alrisaalaa @Alrisaalaa @Alrisaalaa @Alrisaalaa #Qoraasuma_Qalbii

Repost from Creative Dev
#Oduu_Gammachiisaa Ammuma hirmaannaa keessan eegalaa!! ○○○●●●○○○●●● 🎁🎁As wr wb 🎁🎁 📚Kabajamtootaa fi jaalatamtoota maatiiwwan chaanaala @Alrisaalaa  🕋Akkuma beekkamu chaanaalli kuni marsaa 1ffaaf sagantaa gaaffii fi deebii seenaa Nabiyyii keenyaa Sallallaahu Aleeyhi Wassallam irratti hundoofte bifa bareedaa taheen, isiniif qopheessuun isaa ni yaadatama. 📶Marsaa 2ffaa kana irrattiis bifa adda ta'een isiniif dhiheessuudhaaf qophii hunda xumuree jira. 📶Akkaataan wal-dorgommmiitis akka armaan gadii kanaan isiniif ibsama. 👎👎👎👎👎 Step1⃣ Jalqaba irratti warroonni wal-dorgommmii irratti hirmaachuu barbaaddan hundi keessanuu du'aa'ii bareedduu obboleeyyan keenya muslimootaa warra #Filisxiiniif gootanii, maqaa keessanii fi iddoo irraa nuuf ergitan waliin barreeffamaan gama @Alrisaalaa_bot tiin nuuf ergitu. 👉Step2⃣ Nuti maqaa, iddoo fi ergaa keessan haala miidhagaa taheen #Code dhuunfaa keessanii waliin chaanaala keenya @Alrisaalaa irratti isiniif maxxansina. 👉Step3⃣ Erga nuti isiniif maxxansinee booda maxxansa keessan kan nuti chaanaala @Alrisaalaa irratti isiniif maxxansine san akka namoonni heddun isiniif ilaalaniif gara Group fi chaanaalota birootti SHARE godhattu. Step4⃣ Sana booda torbee dhufu guyyaa kamisaa baay'ina nama ergaa keessan ilaalee {views} irratti hundaahuudhaan warroota Sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaa bahan bifa asii gadii kanaan kan badhaasnu ta'a. إن شاء الله تعالى 🎁1ffaa kan bahe 300MB fi🥇🥇🥇 🎁2ffaa kan bahe 200MB🥈🥈🥈 🎁3ffaa kan bahe 100MB🥉🥉🥉    📗Hubachiisa: Badhaasa Kana argachuudhaaf yoo xiqqaate, namoonni 500 ol isiniif ilaaluun dirqama. ⏯Kanaaf guyyaa har'aa irraa jalqabee, warreen hirmaachuu barbaaddan link asii gadii kana irratti nuuf ergaa❗️ 📶📶📶📶🆗📶📶📶📶👇👇 👉@Alrisaalaa_bot 👉@Alrisaalaa_bot السلام عليكم ورحمة الله وبركاته 👇👇 join our channel👇👇 @Alrisaalaa @Alrisaalaa Hubachiisa: Sagantaa bareeddduu obboleeyyan keenyaaf du'aa'ii godhuu kanaaf #Sponsor tahuu namoonni barbaaddan @alrisalasponsor_bot irratti nu dubbisaa!! @Alrisaalaa   @Alrisaalaa     @Alrisaalaa #Qoraasuma_Qalbii

Yeroo san kheessa Washington post haadha isaa interview yeroo godhan haati isaa akkana jechuun isaanitti dubbatte: Hoggan footoo isaa arge onneen tiyya bakka dhibatti addaan na facaati, garuu goota ja'amee yaamamuu isaati fi dhagaadhan taankii dura dhaabbatee loluu isaatiif ittiinin boona. Haa tahuu garuu yeron joollee inni wajjiin barataa ture ta mana baruumsaatii baatee deemtu arge booyuu malee waan biraa tanin godhu hin beekhu. Wannin an sodaadhu wanni hundi akkuma duraanitti deebitee duuti faaris du'a bilaash tahuudhan haalan sodaadha. Yoo lolli khun bu'aa takka malee kha asumatti dhaabbatu tehe anumaatu ilma khiyya dhabe malee faa'idaan argamte hin jirtu je'eetin amana" Jetteeti dubbatte haati gootaa.

Seenaa footon tun if duubaa qabdu ni beeytanii? Mucaan taankii waraanatti dhagaa darbaa jiru khun maqaan isaa "Faaris Odeh" ja'ama, lammii falasxiini, taankin waraanaa ta inni dhagaa itti darbaa jiru tun taankii waraana israa'ili Footon tun October 29 bara 2000 kheessa waggaa 23 dura gaazixeessaa Associated Press Laurent Rebours khaafamte. Faaris yeroo sanitti umriin isaa waggaa 14 turte Faaris yeroo hunda waraana Isreal guddaa khana dura dhaabbatee dhagaa itti darbuuf mana baruumsarraa hafuu ture. Akka inni mana baruumsarraa yeroo garii hafu barsiisonni maatii isatti himnaan maatin isaa akka inni gad hin baanef hidhanii manatti hulaa itti cufuu turan, garuu inni yeroo hunda dhokhateeti maskootan behee warra isarra gurguddaa wajjiin waraana israa'ilitti dhagaa darbaa ture Faaris maatin tiyya yoo na agarte nan dhiiftu je'ee waan sodaatuf cameran akka isa argu hin fedhu, yeroo hunda camera irraa maqeeti waraana gabroofataa biyya isaa kheessa jirutti dhagaa darba. Haati isaa hayyee yoo lola khanarraa hafuu hin feenellee namni sirra gurguddaatu taankii irraa fagaateti lolaa jiraa atis irraa fagaadhuu loli jennaanin an waraana gabroomfataa hin sodaadhu je'ee haadhatti hime faaris Haaluma khanaan osoo taankii waraana israa'il dura dhaabbatee dhagaa itti darbuu baruma san November 8tti waraanni israa'il morma kheessa xiyyitiin isa dhehe. Waan inni taankii waraana israa'iilitti dhihoo jiruuf saahibban isaa nutis yoo achi dhihaanne waraanni israa'il nu dhaha ja'anii waan sodaataniif isaa xiyyitiin dhahamee ciisu itti achi deemanii lafaa khaasuu sodaatan. Haala khanaan faaris bakkuma dhahamee ciisutti dhiiyni hedduun irraa yaa'ee achumatti du'e Yeroon tun yeroo ummanni falasxiin gabroomfataa ofirraa khuffisuuf fincila mormii gaggeessaa turan kheessa turte. Maqaan fincila khanaa Second Intifada ykn Al-Aqsa Intifada" ja'amuun beekkama Faarisis lola gabroomfataa biyya isarraa khaasuf eegale khanarratti dura bu'ummaan hirmaatuu ture. Osuma haala khanaan itti jiruu November 1 baruma san kheessa ilma adeera isaa kha maqaan isaa "Shaadii" ja'amu kha umriin waggaa 17 kha yeroo sanitti poolisa falasxiin ture waraanni israa'il dhehee ajjeese. Yeroo tana faaris akka hijaa bahu khakhatee haga duraanii caalaa meeshaa biraa dhabus dhagumaan qabsaahuu itti fufe" Jette obboleettin isaa Anam Odeh hoggaa waa'ee obboleessa isii dubbattu Faaris awwaalcha ilma adeera isaa dhaqeeti lahdii ilmi adeera isaa itti awwaalamuuf deemu kheessa ciisee laalee lahdin tun ta shaadii qofa osoo hin taane tiyya" je'ee achii deeme jette obboleettin isaa Torbaan takka booda Ghazzaa bakka karnii ja'amtutti faarisii fi saahibban isaa waraana israa'ilitti osoo dhagaa darbaa jiranii mul'atan, faaris nama hunda dura dhaabbateeti taankii waraana israa'ilitti dhagaa darbaa ture. Akka saahibban isaa himanitti akkuma faaris dhagaa lafaa fudhachuuf gad je'etti waraanni israa'il morma kheessa xiyyitiin dhehee ajjeese United Press International (UPI) akka himetti nama kumaatmaan lakkaayamuutu awwaalcha Faaris Odeh irratti hirmaate, Abbaan faaris ilmi khiyya shahiideedha, yeroo hunda wanni inni barbaadaa ture tana" gaafa hagana hin geenyerraa MASJID AL AQSAAF du'uuf hawwaa ture" jechuun (UPI)tti hime Ergasii badhaasni gaazixeessitoota ciccimaaf maqaa isaatin waggaraa khennamu uumame, Akkasuma dhaabbata mirga dhala namaatif falmu hedduu kheessatti seenan Faaris Odeh mallattoo qabsoo dhugaa taateeti barsiifamti. Akkasuma footon faaris tun ummata falasxiin biratti mallattoo dura dhaabbannaa diddaa gabrummaa ja'amteeti beekkamti Tana males footon tun "David and Goliath" moment ja'amteeti addunyaa biratti beekkamti. Akkana jechuun isaanii Nabi Dawuud yeroo jaaluutitti dhagaa darbu san osoo kha footon agarsiifamu tehee akkana fakkaata jechuu itti fedhaniiti sociologistoonni addunyaa yeroo fotoo faaris tana qoratanii laalan

photo content

#Oduu_Gammachiisaa Ammuma hirmaannaa keessan eegalaa!! ○○○●●●○○○●●● 🎁🎁As wr wb 🎁🎁 📚Kabajamtootaa fi jaalatamtoota maatiiwwan chaanaala @Alrisaalaa  🕋Akkuma beekkamu chaanaalli kuni marsaa 1ffaaf sagantaa gaaffii fi deebii seenaa Nabiyyii keenyaa Sallallaahu Aleeyhi Wassallam irratti hundoofte bifa bareedaa taheen, isiniif qopheessuun isaa ni yaadatama. 📶Marsaa 2ffaa kana irrattiis bifa adda ta'een isiniif dhiheessuudhaaf qophii hunda xumuree jira. 📶Akkaataan wal-dorgommmiitis akka armaan gadii kanaan isiniif ibsama. 👎👎👎👎👎 Step1⃣ Jalqaba irratti warroonni wal-dorgommmii irratti hirmaachuu barbaaddan hundi keessanuu du'aa'ii bareedduu obboleeyyan keenya muslimootaa warra #Filisxiiniif gootanii, maqaa keessanii fi iddoo irraa nuuf ergitan waliin barreeffamaan gama @Alrisaalaa_bot tiin nuuf ergitu. 👉Step2⃣ Nuti maqaa, iddoo fi ergaa keessan haala miidhagaa taheen #Code dhuunfaa keessanii waliin chaanaala keenya @Alrisaalaa irratti isiniif maxxansina. 👉Step3⃣ Erga nuti isiniif maxxansinee booda maxxansa keessan kan nuti chaanaala @Alrisaalaa irratti isiniif maxxansine san akka namoonni heddun isiniif ilaalaniif gara Group fi chaanaalota birootti SHARE godhattu. Step4⃣ Sana booda torbee dhufu guyyaa kamisaa baay'ina nama ergaa keessan ilaalee {views} irratti hundaahuudhaan warroota Sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaa bahan bifa asii gadii kanaan kan badhaasnu ta'a. إن شاء الله تعالى 🎁1ffaa kan bahe 300MB fi🥇🥇🥇 🎁2ffaa kan bahe 200MB🥈🥈🥈 🎁3ffaa kan bahe 100MB🥉🥉🥉    📗Hubachiisa: Badhaasa Kana argachuudhaaf yoo xiqqaate, namoonni 500 ol isiniif ilaaluun dirqama. ⏯Kanaaf guyyaa har'aa irraa jalqabee, warreen hirmaachuu barbaaddan link asii gadii kana irratti nuuf ergaa❗️ 📶📶📶📶🆗📶📶📶📶👇👇 👉@Alrisaalaa_bot 👉@Alrisaalaa_bot السلام عليكم ورحمة الله وبركاته 👇👇 join our channel👇👇 @Alrisaalaa @Alrisaalaa Hubachiisa: Sagantaa bareeddduu obboleeyyan keenyaaf du'aa'ii godhuu kanaaf #Sponsor tahuu namoonni barbaaddan @alrisalasponsor_bot irratti nu dubbisaa!! @Alrisaalaa   @Alrisaalaa     @Alrisaalaa #Qoraasuma_Qalbii