es
Feedback
The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus - EECMY

The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus - EECMY

Ir al canal en Telegram

The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus (EECMY) is a national Lutheran church with more than 10 million members.

Mostrar más
3 506
Suscriptores
-124 horas
+57 días
+7030 días
Archivo de publicaciones
#Day_2 #Ilubabur_Metu

Kiruuseediin istaadiyeemii Mattuutti adeemsifamaa jiru guyyaa har'aas itti fufee oolee jira * ** Kiruuseedii guddaan amantoonni waldoolee amantootaa fi pirisbeetarii naannoo magaalaa Mattuutti argaman irratti hirmaachaa jiran istaadiyeemii Mattuutti adeemsifamaa jira. Yaadni ka'umsaa kiruuseedichaas sochiin wangeelaa dachee Goree irratti bara 1920 A.L.Atti jalqabee qorumsaa fi gidiraa gurguddaa keessa darbuudhaan firiiwwan gurduddaa argamsiisuu danda'ee jira. Bu'aa sochii wangeelaa kanaa kan ta'e Sinoodoosiin Beeteel Iluu Abbaa Boor imala waggoota 100 duubatti deebi'ee ilaaluudhaan Waaqayyoon galateeffachuuf kiruuseedii kana qopheessee jira. Akkasumas, godina Iluu Abbaa Boor aanaa Hurrummuu Ganda Oogee jedhamtu dhalatee garbummaadhaan yeroo baayyeedhaaf dabarfamee Kan gurgurame Hiikaa Awaajii( Abbaa Gammachiis) bilisa baasanii kan barsiisan, deeggarsa warra misiyoonotaa fi dubartoota tajaajiltoota kuttattoo ta'an wajjiin ta'uudhaan Macaafa Qulqulluu gara afaan oromootti hiikanii erga xumuranii waggoonni 125 lakkaa'amanii jiru. Sagaleen Waaqayyoo kun gufuuwwan baayyee darbuudhaan hawaasa afaanichaa bira gahee namoota jijjiiree jira. Sochi Wangeelaa Itiyoophiyaatiifis bu'uura kaa'ee jira. Ayyaaneeffannaan sosochiiwwan seena qabeessa kanneen yaadatu guyyaa boriis itti fufee oola. _ _ _ _ _ _ በመቱ እስታዲየመም በመካሄድ ላይ የሚገኘው ክሩሴድ ዛሬም ቀጥሎ ውሏል * ** በመቱ ከተማ እና በአከባቢዋ ከሚገኙ ማኅበራነ ምዕመናን እና ፕሪስቢቴሪዎች የመጡ ምዕመናን የሚካፈሉበት ትልቅ ክሩሴድ በመቱ ከተማ እታዲየም እየተካሄደ ይገኛል። የክሩሴዱም መነሻ ሀሳብ እ.ኤ.አ በ1920 ዓ.ም በኢሊባቦር ምድር በጎሬ ከተማ የጀመረው የወንጌል እንቅስቃሴ በታላላቅ ፈተናዎች እና ተግዳሮቶች ውስጥ በማለፍ ታላላቅ ፍሬዎችን ማፍራት ችላሏል። የዚህም ወንጌል እንቅስቃሴ ፍሬ የሆነው የኢሉባቦር ቤቴል ሲኖዶስ ላፉት 100 ዓመታት የነበረው ጉዞ ወደ ኋላ ዞር ብሎ በመመልከት እግዚአብሔርን ለማመስገን ያለሙን ይህንን ክሩሴድ አሰናድቷል። እንዲሁም በኢሊባቦር ዞን ሁሩሙ ወረዳ ኦጌ በምትባል ቀበሌ ተወልደው በባርነት ለብዙ ጊዜ ተላልፎ የተሸጡት ሂካ አዋጂ (አባ ገመችስ) ነፃ አውጥተው ባስተማሯቸው ሚስዩናዊያን ድጋፍ እና ከእርሳቸው ጋር ከነበሩ ቆራጥ ሴት አገልጋዮች ጋር በመሆን የእግዚአብሔርን ቃል ወደ አፋን ኦሮሞ ቋንቋ ተርጉመው ከጨረሱ ድፍን 125 ዓመታት ተቆጥረዋል። ይህም የእግዚአብሔር ቃል ብዙ እንቅፋቶችን በማለፍ ተናጋሪ ህዝቡ ጋር በመድረስ የማህበረሰብን ሁለንታ ለውጧል። ለኢትዮጵያም የወንጌል እንቅስቃሴ መሠረት ጥሏል። እነኝህን ታታላቅ ታሪካዊና መለከኮታዊ እንቅስቃሴዎች የሚዘክረው ክብረ በዓል ነገ ቀጥሎ ይውላል።

#የኢሉባቦር_ቤቴል_ሲኖዶስ_ባለ_5ወለል_ህንፃ_አስመረቀ * * * * * * * በኢሉባቦር ዞን መቱ ከተማ ከ29 ሚሊየን ብር በላይ ወጪ የተደረገበት ባለ 5 ወለል ህንፃ የቤተክርስቲያኒቱ ፕሬዚዳንት ቄስ ዶ/ር ዩናስ ይገዙ፣ የቤተክርስቲያኒቱ መሪዎች፣ አገልጋዮችና ምዕመናን ፣ በኢትዮጵያ ኦርቶዶክስ ተዋህዶ ቤተክርስቲያን የኢሉባቦር ሀገረ ስብከት ተጠሪዎች፣ የሀገር ሽማግሌዎች እና የመንግሥት ተወካዮች በተገኙበት በታላቅ ድምቀት ተመርቋል። የሲኖዶሱም ፕሬዚዳንት ቄስ አመና ቡራዩ እንደገለፁት የህንፃው ግንባታ ዓላማ ለወንጌል አገልግሎት ገቢ ማስገኛ እንዲሆን ታስቦ መገንባቱን ገልፀዋው ህንፃው በአራት አመታት ውስጥ ብቻ ግባታው ተጠናቆ ለአገልግሎት መብቃቱን አክለዋል። የህንፃውም ምረቃ በሲኖዶሱ መሪነት እየተከበረ የሚገኘው መጽሐፍ ቅዱስ ወደ አፋን ኦሮሞ ቋንቋ በኦኔስሞስ ነሲብ(አባ ገመችስ) የተተረጎመበት 125ኛ ዓመት እና ወንጌል በኢሊባቦር ምድር መሰበክ የተጀመረበት 100ኛ ዓመት ድርብ ክብረ በዓል አካል በመሆን ነው። - - - - - - - Sinoodoosiin Beeteel Iluu Abbaa Boor gamoo abbaa darbii shanii eebbisiise. * * * * * * * Godina Iluu Abbaa Boor magaalaa Mattuutti gamoon abbaa darbii shanii kan baasii qarshii miliyoona 29 oliin ijaarame, iddoo prezdaantiin waldichaa Lubni Dr Yoonaas Yiggazuu, tajaajiltoonni waldichaa, tajaajiltoonni fi amantootni, bakka bu'oonni waldaa Tawaahidoo Ortodoksii, hagara sibkatii Iluu Abbaa Boor, jaarsoliin biyyaa fi hoggantootni mootummaa argamanitti sirna hoo'aadhan eebbifamee jira. Prezdaantiin Sinoodoosichaa Lubni Amanaa Buraayyuu, kaayyoon ijaarsa gamoo kanaa, tajaajila wangeelaatiif madda galii akka ta'uuf yaadamee akka ijaarame ibsanii jiru. Gamoon kun waggaa afur gidduutti ijaaramee xumuramee tajaajilaaf gahuu isaas dubbatanii jiru. Sirni eebba gamoo kanaas kan gaggeeffamaa jiru qaama kabaja ayyaaneffannaa waggaa 125ffaa Macaafni Qulqulluun afaan oromootti hiikamee fi waggaa 100ffaa wangeelli Iluu Abbaa Booritti lallabame kan sinoodoosichaan gaggeeffamaa jiruu ta'eeti.

Sagantaa Ayyaana Waggaa 125ffaa Macaafni Qulqulluun Afaan Oromootti hiikamee fi waggaa 100ffaa Wangeelli Iluu Abbaa Booritti lallabame. Magaala Mattuuii * * * * * * መጽሐፍ ቅዱስ ወደ አፋን ኦሮሞ ቋንቋ የተተረጎመበት 125ኛ ዓመት እና የእግዚአብሔር ቃል በኢሉባቦር የተሰበከበት 100ኛ ዓመት ክብረ በዓል። በመቱ ከተማ