cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Ergaa Barreeffamaa

I letter, Teach, Guide, Advise, Motivate, and Coach! Milkaa'ina hawwinuu fi qabaachuu barbaannu gonfachuuf➛ ➛ gorsa jireenya! Wal jajjabeessuu!➛ Wal gargaaruu 😇Seenaa Beektota Addunyaa 😃Affeerraa Keessummaa Kabajaa

Mostrar más
Finlandia257El idioma no está especificadoEducación7 378
Publicaciones publicitarias
21 466
Suscriptores
+1724 horas
+2827 días
+1 15630 días
Archivo de publicaciones
Eid Mubarek🤗!!! I wish u delicious ክትፎ😍, sweet ቃሪቦ😄, big ቆጮ😉, quality ዶሮ ወጥ🍗, amazing ጥብስ😘, good አይብ ❤, nice cookies 🍪,b peaceful &🐠 happy holiday 2 u & ur families Eid Mubarek🤗 🐂
Mostrar todo...
🥰 4👍 1
🍂🍀 Baga Rabbin ayyaana iidal adhaatin isin gahe 🌱🌵 እንኳን ለ ኢደል አደሃ በአል🌄 በሰላም አደረሰህ/ሽ🌳🌲🌾🍁 🍀I 🍀 🌷Just🌷 🍀Wish🍀 🍀Want🍀 🌷To🌷 🌷You🌷 🌿And🌿 🌷Your🌷 🌷family🌷 🍀Eid🍀 🌹Mubarak🌹
Mostrar todo...
3👍 2
Lola yaada koo! Isa qilleensa ta'ee na baatee fuudhee fiigu Isammoo buubbee ta'ee qaamaaf qalbii koo diigu Isa galaana ta'ee na fuudhee darbuuf kaatu Isammoo aduu ta'ee qaama koo baksee waadu Isa qiinqaanii ta'ee na nyaatee na hooksisu Isa kanniisa ta'ee na hiddee na boossisu Isa akka bokkaa ta'ee lola'ee na hunkuru Isa akka mukaa ta'ee narratti duufee jigu Isa gaaddidduu ta'ee na wajjiin taa'e riphu Isa akka cabbii ta'ee qorrisiisee na waadu Isa bineensa ta'ee na hujufee na nyaatu Isa hongeen na dhaane beela isaan na belbelchu Isa mootummaa ta'ee mana hidhaa na galchu Isa waraana ta'ee rukutee na madeessu Isa Saree maraate ta'ee dhukkuba natti tarsu ➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖ Gola yaada sammuu koo isa boqonnaan qabne Isa halkan na kaasu guyyaas aaran galfanne Imala karaa dheeraa dorgommii yaada kooti Lolli koo guyyaa guyyaa anaaf lola yaadaati Join 💧 @Ergaa_Barreeffamaa
Mostrar todo...
👍 15 2
➛ Ati nama guddachuuf of qopheessuu jaalatuu dhaa? Karaa kamiiniyyuu of jijjiiruuf kallattii barbaadaa jirtaa? ➛ Yeroo kamiyyuu kallattiin ittiin jireenya keenya jijjiiruu dandeenyu malli ni jira. Of Jijjiiruuf Kallattiilee Bu’uuraa ➓: ➛ Dandeettiin nama keessa jiru daangeffamaa miti. Kanaafuu dhuma milkaa’insaa irra gaheera kan jedhu hin jiru. Tuqaan milkaa’insa isa dhumaas hin jiru. Yommuu of xinxallu nuti nama gaariidha, gahoodhas. ➛ Kallattiin milkaa’inaa kennamu itti fufiinsaan of jijjiiruuf akka ta’uu fi yeroo hundumaa tarkaanfiin guddaan irratti dammaquu qabnu akka jirudha. Tarkaanfileen milkaa’insaa tokko tokko karaa salphaadhaan kan adeemsisu yoo ta’u, kan deeggarsa barbaachisus jiru. ➊. Yeroo Hundumaa Dubbisi! (Read Every Day): ⁃ Maddi ogummaa jireenyaa kitaaba dubbisuun ni argama. Hanguma baay’ina kitaaba dubbistu ogummaan horattus caalmaatti dabalamaa adeema. Guyyaa hundumaa kitaaba yommuu dubbistu sammuun kee beekumsa soorata. ➋. Afaan Haaraa Baradhu! (Learn New Language): ⁃ Afaan dabalataa baruun dandeettii fi beekumsa dabalataa akka argattu si gargaara. Sammuu banamaan afaanii fi aadaa kanneen biroo barachuun muuxannoo jireenyaa gabbisa. ➌. Fedha Haaraa of Keessatti Uumi! (Pick up a New Hobby): ⁃ Fedha kee cinaatti fedha kanneen biroo fakkeenyaaf jabeenya qaamaa, walaloo barreessuu, horachuun yommuu hojii xumurtu shaakaluun dandeettii kee alaan, keessaan, yaadaadhaan ni guddifatta. ➍. Barnoota Haaraa Fudhadhu! (Pick up a New Course): ⁃ Barnoonni karaa ittiin beekumsa haaraa argatanii fi dandeettii ittiin of jijjiiranii dha. ➎. Kutaa Dadammaqiinsaa Uumi! (Create an Ispirational Room): ⁃ Naannoon ati jirtu kaka’uumsa waan haaraa uumuf ati qabdu cimsuuf gahee qaba. Kan jirtu naannoo dadammaqiinsaaf si gargaaru yoo ta’e, yeroo hundumaa keessa kee haaressita. Kutaan mana kee keessa jiru duwwaa akkasumas toora kan hin qabne yoo ta’e, kutaa dadammaqiinsaa gochuuf wantoota dammaqiinsaf si gargaaran, jechoota barreessuun yookin fakkii kaasuun itti maxxansi! ➏. Sodaa Kee Moo’adhu! (Overcome Your Fears): ⁃ Dandeettii dubbii irratti, sagalee dhageessifachuu irratti sodaa qabda taanan, sodaan kee sadarkaa jijjiiramaa tokko irra akka turtuu fi of jijjiiruu irraa si dhoorka. Naannoo itti sodaa kee moo’achuu dandeessu uumuun irratti hojjedhu! ➐. Sadarkaa Kee Ol Guddisi! (Level up Your Skills): ⁃ Hojii kee irratti muuxannoo fudhachuun isa caalutti ol guddifachuu dha. ➑. Ganamaan Ka’i! (Wake up Early!): ⁃ Obboroon ka’uun bu’aa hojii fi of jijjiiruu irratti gahee olaanaa qaba. Ganamaan yoo kaatu yeroo gahaa itti of qopheessitu namoota kan biroo caalaa qabaatta. ➒. Sochii Qaamaa fi jabeenyaa Torbanii (Weekly Exercise): ⁃ Qindaa’insaa fi bareedina akkasumas fayyina qaamaaf sosochiin qaamaa murteessaa dha. ➓. Kitaaba Jireenya Kee Eegali! (Start Your Life Handbook): ⁃ Kitaabni jireenyaa of keessaa akkaataa jiruu fi jireenya kee itti jiraattu qaba. Fuula tokkoon tokkoon isaa irratti of qopheessuun, kaayyoo kee, bu’aa argattuu fi galma geessu madaalaa adeemta. Via Hunde Lalisa !!! @WABIISG @segnigudeta
Mostrar todo...
👍 37 9
Gorsa Gaarii !!! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ Yeroo hojjechuu qabdutti yoo hin hojjenne, yeroo kolfuu qabdutti boossa jechuudha. Kanaaf tattaaffadhu! Yeroo qabdutti ciminaan fayyadami! ➲ Har'a humna qabda, dandeettii guutuu qabda, yeroo qabda... qabeenya guddaa har'a qabdu kana sirnaan yoo itti hin fayyadamne milkaa'ina siif ta'uu malu hanqatta! ➲ Wantoota gaarii ta'e hojjechuu fi mul'ata kee boriitiif si qopheessan barbaaduu qofa irratti xiyyeeffadhu! Gaarummaan ati har'a hojjettu galaa kee borii siif ta'a. Kanaaf jal'ina lafa kaa'ii waan gaggaarii qofa facaafadhu! ➲ Nama gaarii yaaduuf gaarii hojjetu yoo taate namni ati dhabdu hin jiru. Garuu namni si dhabu immoo jira. ➲ Jireenya mataa kee oofuu yoo hin dandeenye jireenya namaa irratti imalaa taata. kanaaf kan ormaa dhiisi kan kee gaggeeffadhu! ➲ Maaliif sitti fakkaata ofilaalleen (Daaw'itiin) konkolaataa inni duuba agarsiisu xiqqaatee inni fuuldura agarsiisu kan guddaa ta'eef... Isa dudduubaa irra inni fuulduraa waan caalufi dha. Atis boriin kee har'aaf kaleessa kee caala waan ta'eef kaleessa kee xiqqoo xiqqoo yaadachaa borii kee fageessii ilaali! ➲ Kufuu kee caalaa shakkuu keetu abjuu kee borii dukkaneessa. Kanaaf abdii horadhuu tiradhuu ka'i! Karaa kee itti fufi! ➲ Amma hin dhaabbannetti tirachaa deemaa jirta taanan iddoo yaadde inuma geessa. Kanaaf dhaabbachuu irra tirachuun ni caala. ➲ Xiyya gaafa darbatan akka inni fagoo deemuf sirriitti duubatti harkisaniitu gadi dhiisu. Atis akkuma kana haalli keessa jirtu gaafa duubatti si harkisu fageessee fuulduratti si darbachuufi waan ta'eef jabaadhu kaayyoo kee irratti xiyyeeffadhu! ➲ Obboleessa koo, jireenyi Guyyaa 3 dha. Isaanis: Kaleessa, har'aa fi bori jedhamu. Kanaaf: ➛ Kaleessa kee irraa baradhu! ➛ Har'a kee jiraadhu! ➛ Borii kee karoorsi! Abrahaam Liinken Maal Jedhe: ⁃ Kaayyoo keetti cichi! ⁃ Har'a hin milkoofne jechuun bor hin milkooftu jechuu miti! ⁃ Har'a yoo hin taane bor ni ta'a! ⁃ Har'a yoo hin mijanne bor ni mijata! ⁃ Har'a yoo kufte bor ni mo'atta! ⁃ Har'a waan barbaaddu argachuu yoo baatte bor ni argatta. ⁃ Bor guyyaa birooti. ⁃ Waan inni qabatee siif dhufu hin beektu. Eeyyee eeyyee dhugaadha hin beektu bor guyyaa birooti. ➲ Waanuma tokkottillee lubbuu kee hin dhiphisin! Sababni isaas akka si darbuuf kan siif barreeffame sin argatu. Akka si argatuuf immoo kan siif barreeffame si hin dhabuutii. @Gaggeessummaa @Gaggeessummaa
Mostrar todo...
👍 55 9💯 4😱 3😢 3
Photo unavailableShow in Telegram
Namni gatii ofii isaa hin beekne, gatii namoonni isaaf kennaniin gatii isaa ibsata. Namni gatii isaa hin beekne, namoonni ati dadhabaadha gaafa ittin jedhaan, gatii isaa waan hin beekneef sirridha eyyee an dadhabaadha jedhee fudhachuun jireenya dadhabaa jiraata. Namni gatii isaa beeku garuu, namni tokko dhufee ati dadhabaadha yoo ittin jedhe; akkas jechuun deebisaaf, amma yaadu dandeessuuf amma ittin of yaadduun ana yaaddee! ..Animmoo sammuu koon waanan yaaduuf, sammuu koo ammo gatii akkan ani qabutti waan amaneef..Jechii ati amma nan jette kun na ibsu jechuun deebisaf! Gatiin kee amma isaan si yaadaniin ol akka tahee dursi amani! Namni gatii isaa hin beekne Karoora ormi baase keessa, karaa namni tolcheef irra imala; ofii isaatii karooraf karaa kalaqee uumu akka hin dandeenyeetti waan of ilaaluuf; mata isaatiin yaadee haala jijjiruu hin danda'u! Jireenyi ammoo warra gatii ofii isaanii beekanii jiraataniif fuula ishee ibsiti. Warra sadarkaa ofii isaanii awwaara keessa kaa'aniif teessoo hin kennitu! Warraa bakki gaariin naaf mala jedhanii jireenyaan falmaniif garuu harka guuttee arjoomtiif! Gatii kee beeki, si beekuuf si caala kan dhiyoo sitti jiru hin jiru waan ta'eef! Namoonni gatii Kee akka kofoo gabaa irraa takka ol kaasanii takka gad buusanii akka ibsaniif carraa hin kenniniif! #Of ta'i Gita gatii keeti jiraadhu; qubaa keen seenaa jabaa katabi! Hojii dubbatu hojjaadhu, hojii dubbifamu bara keessatti boci! Akka Waan yaaddee hojjachuu dandeessutti of yaadi! Gatii ofii wallaluun eegaa balbala banamuu danda'uu gonkumaa akka banamuu hin dandeenye nutti fakkeessa! Sanyii hin maseennee maseenaa nutti fakkeessa, ilaalcha maseeneen sanyii hin maseennee gaafa ilaaltu immoo sanyii kee maseenaa ta’ee sitti mul’ata….Ammas irra deebi’een jedhee…Dureessa of keessatti baattee, galma guddaa of keessatti baattee, ogummaan guddaa of keessatti baattee…Mala dhabaa taatee hin jiraatiin…Gatii kee beeki….Santu sanyii hin maseennee akka baattee dhalattee raga siif baha kanan dubbisee irraa
Mostrar todo...
👍 46🔥 5👏 4
Repost from N/a
F░O░L░L░O░W S░E░L░E░C░T░E░D C░H░A░N░N░E░L░S ⠀⠀⠀⠀⠀⣰⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣦⡀ ⠀⠀⠀⢀⣾⣿⣿⣿⠿⠿⠟⠻⠿⢿⣿⣿⣿⡆ ⠀⠀⠀⢰⣿⣿⡿⠂⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠈⠉⢻⡇ ⠀⠀⠀⠈⠿⣿⣇⣠⠤⠤⠤⢤⣀⣤⠤⠤⣺⡏ ⠀⠀⠀⠀⠐⢉⣯⠹⣀⣀⣢⡸⠉⢏⡄⣀⣯ ⠀⠀⠀⠀⠡⠀⢹⣆⠀⠀⠀⣀⡀⡰⠀⢠⠖⠂ ⠀⠀⠀⠀⠀⠈⠙⣿⣿⠀⠠⠚⢋⡁⠀⡜ ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢸⠈⠙⠦⣤⣀⣤⣤⡼⠁ ⠀⠀⠀⠀⠀⢀⡌⠀⠀⠀⠀ ⠉⢏⡉ ⠀⠀⠀⣀⣴⣿⣷⣶⣤⣤⣤⣴⣾⣷⣶⣦⡀ ⢀⣴⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣄ ⠚⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛​​​ ★  ˚ * ★  . * . ·   ˚ * ⋆ *    ·   ﹡      *   * ⋆   . ·    ⋆     ·   * ﹡ ˚ ˚  ˚ * ⋆ *    · * . * . ★    ⋆ ·   * ⋆ *    ⋆ ﹡    ·   ˚ *★  ˚ * ★      . * . ·   ˚ * ⋆ *    ·   ﹡   *   * ⋆   . ·    ⋆  ⋆    ·   * ﹡ ˚ ˚ ˚ * ⋆ *    · * . * . ★   ⋆ ·   * ⋆ *   ⋆ ﹡    ·   ˚ * ★    ˚ * ★    . * . ·   ˚ * ⋆ *    ·   ﹡      *   * ⋆   . ·    ⋆  ⋆    ·   * ﹡ ˚ ˚  ˚ * ⋆ *    · * . * . ★    ⋆ ·   * ⋆ * ⋆ ﹡    ·   ˚ *★    ˚ * ★      . * . ·   ˚ * ⋆ *    ·   ﹡      *   * ⋆   . ·    ⋆  ⋆    ·   * ﹡ ˚ ˚    ˚ * ⋆ *    · * . * . ★   ⋆ ·   * ⋆ *    ⋆ ﹡    ·   ˚ * ⣴⣿⣦⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢻⣿⣿⠂⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢀⣴⣿⣿⣀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀⢠⣾⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣦⠀ ⠀⠀⠀⣴⣿⢿⣷⠒⠲⣾⣾⣿⣿ ⠀ ⣴⣿⠟⠀⢿⣿⠁⣿⣿⣿⠻⣿⣄⠀⠀⠀⠀ ⡾⠟⠁ ⠀⠀⢸⣿⣸⣿⣿⣿⣆⠙⢿⣷⡀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀ ⠀⢸⣿⣿⣿⣿⣿⣿⠀ ⠻⣿⡀ ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⣾⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣆⠂⠀ ⠀⠀⠀⠀⠀⣼⣿⣿⣿⡿⣿⣿⣿⣿⡄⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀⢠⣿⣿⠿⠟⠀⠀⠻⣿⣿⡇⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⢀⣾⡿⠃⠀⠀⠀ ⠀⠀⠘⢿⣿⡀⠀⠀⠀ ⠀⠀⣰⣿⡟⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢸⣿⣷⡀⠀⠀ ⠀⢠⣿⠟⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠻⣿⣧⠀⠀ ⢀⣿⠃⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠘⣿⣆⠀ ⢾⠇⠀⠀⠀⠀   ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢸⣿⣷⡤. 🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🔐🔐🔐🔐🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🔐🌐🌐🔐🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🔐🌐🌐🔐🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🔐🔐🔐🔐🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮    ╭━━━━━━━╮     ┃   ● ══  ▪️           ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃        🔘               ╰━━━━━━━ 🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑 🌑🌒🌕🌕🌘🌑🌒🌕🌕🌘🌑 🌑🌔🌕🌕🌕🌑🌕🌕🌕🌖🌑 🌑🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌑 🌑🌔🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌖🌑 🌑🌒🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌘🌑 🌑🌑🌒🌕🌕🌕🌕🌕🌘🌑🌑 🌑🌑🌑🌒🌕🌕🌕🌘🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌒🌕🌘🌑🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑 🌑🌒🌕🌕🌘🌑🌒🌕🌕🌘🌑 🌑🌔🌕🌕🌕🌑🌕🌕🌕🌖🌑 🌑🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌑 🌑🌔🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌖🌑 🌑🌒🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌘🌑 🌑🌑🌒🌕🌕🌕🌕🌕🌘🌑🌑 🌑🌑🌑🌒🌕🌕🌕🌘🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌒🌕🌘🌑🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑 Goo Click the Heart 😱😱👆🏼l ⇣            🌺🌺          🌺🌺🌺        🌺🌺🌺🌺      🌺🌺🌺🌺🌺    🌺🌺🌺🌺🌺🌺    🌺🌺🌺🌺🌺🌺       🌺🌺🌺🌺🌺           ☘🌺🌺☘                ☘☘               🎋                   🍃                  🎋              🍃🍃                  🎋          🍃🍃🍃                  🎋      🍃🍃🍃🍃                 🎋    🍃🍃🍃🍃                🎋🍃🍃🍃🍃🍃                 🎋🍃🍃🍃🍃                 🎋                 🎋 🎋 ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️OPEN⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜⬜⬜️️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️OPEN⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜⬜⬜️️⬜️        ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥         █        J O I N          █                   ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢        ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥         █        J O I N          █                   ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ 👇 Click ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 ☆ ☆ ☆ ☆ 🌑.°.● .  ☆ ●★:.¸. ●. ☆ . * ●.°☆ ☆. ☆●●● ★ *°☆. ☆ ●* ● 🌚 ●°☆. ☆● *° .°●☆●°°☆. .°● ★ * °☆.   .●¸.★°●☆. .● ★ °☆ ●.   .●*●°° ☆●. . * ¸★°☆ ●. . *●¸. ★° °●.   . ★ ° °☆★●. .○: . * .° °☆★ ° °☆  ¸..★¸ ● ★. .○★ . . . ★  ° °☆★ °☆ ¸. ● ★. .○° °☆ ¸. ● . ★°°★°☆ ☆ ● ★.  .○ °☆ . * ● ¸ .★ ★°°☆°★● ★. .○° :.  * •○ °★¸ ●★°°☆ .★●★. 👀👇 ⚠️ DON'T DELETE THIS MESSAGE  ⚠️ Ads @Oromoo_inspire ♨️ @Jireenya_jaalalaa 📚 Affeerraa Gaarii 🌄 + Subscribers Free Promoter 🎆 𝗛𝗢𝗣𝗘 𝗣𝗥𝗢𝗠𝗢 𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦  𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬/𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩s @Oromoon_Oromoof_PostBot Ads    • @hope_promo
Mostrar todo...
👍 6 6🥰 1😱 1
Muslimni bahaaf dhihaa Kan kaabaa fi kibbaa Kan jirtan halaala Warri bitaaf mirgaa 🌹 Warri hireen jireenyaa Isin baase biyyarraa Homaa hin yaadda'inaa Rabbi sin faana jira 🌹 Eid Mubarak jechuu Dagadheetii mitii Waa'ee keenya kanatu Waa nama irraanfachiifti 🌹 Waan hundaafuu garuu Baga naaf geessaniii Hundumti keessanuu Eid-mubarak jedhe Ayyaana gammachuu Isiniif haa ta'u Bakkuma jirtanuu Share & Join Us•                  💧 @Ergaa_Barreeffamaa
Mostrar todo...
4🥰 3👍 2
Of ta'i (be your self) "Of taatee dhalatte akka of taate beekte jiraachuuf, waanjoo ormaa jalaa ba'ii mul'ata kee faana bu'i" Ati gaafa dhalatuu suma mataa kee taateeti maaf tarsiimoo fi imaammata nama biraa hordofta.? Ati dhaloota hordofaa miti dhaloonni hordofan nama biraaf mitii ofiifiyyuu furmaata ta'uu hin danda'u, ofiifiyyuu furmaata barabaada Dhaloonni of ta'e addunyaaf furmaata kaayyoo itti dhalatte beekte, naannoo kee waliin hariiroo gaarii uumtee, fulduratii yoo aggaamte of ta'uun kee ifa fi bilisa. Yaa ilmoo namaa..! Eenyummaa kee beekii of ta'ii Tokkichaa gita hin qabne! Kennaa addaa addunyaa kanaati . Namni tokkoyyuu bakka si hin bu'u. Ati bakka biroo hin buutu erga akkas ta'e of ta'i of ta'i......! Namoota addunyaa kanarratti milkaa'ani namoota kaayyoo isaan irratti hanga lubbuu ofii laatanitti ga'an Ati garuu haala mijataafi hin mijanne keessa dhaabatte obsa maliif dhabdaree.? Namni of ta'an of danda’oodha, namni of ta'an humna guutuu qabu..! Atis akka kee...! Share & Join Us•                  💧 @Ergaa_Barreeffamaa
Mostrar todo...
👍 19
Namni Beekaan: 👅 Arraba xiqqaa! 👁 Ija guddaa fi 🦻 Gurra bal'aa qaba! Kana beektaayii ati? ~ 𝐖𝐢𝐬𝐞 𝐌𝐚𝐧 𝐇𝐚𝐬: 👅 𝐒𝐦𝐚𝐥𝐥 𝐓𝐨𝐮𝐧𝐠 👁 𝐁𝐢𝐠 𝐄𝐲𝐞 and 🦻 𝐖𝐢𝐝𝐞 𝐄𝐚𝐫. 𝐃𝐨 𝐲𝐨𝐮 𝐤𝐧𝐨𝐰 𝐭𝐡𝐨𝐬𝐞? ~ ጥበበኛ ሰው: 👅 ትንሽ ምላስ 👁 ትልቅ አይንና 🦻 ሰፊ ጆሮ አለው። እነዚያን ያውቃሉ? Share & Join Us•                  💧 @Ergaa_Barreeffamaa
Mostrar todo...
7👍 2
“Jireenya milkaa'aa jiraachuuf qajeeltoowwan jireenyaa sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha!”......jedhu hayyoonni. 1) Inni jalqabaa of simachuu /self acceptance / seenaafi muuxxannoo gaarii qofa osoo hin taane seenaafi mudannoo jireenyaa gaarii hin taanellee simachuun barbaachisaadha. Maatii sooressa yookiin hiyyeessa keessa dhalachuu dandeessa. Umamnikee adii yookiin gurraacha, dheeraa yookiin gabaabaa, bareedaa yookiin fokkisaa ta'uu mala. Eenyummaakee kana amanii fudhu. Namoonni tokko tokko eenyummaasanii simachuu yookiin fudhachuu hin barbaadanii jedhu hayyuun falaasamaafi xiinsammuu. Kanaaf eenyummaasanii waliin falmaa jiraatu. Eenyummaa ofii amananii fudhachuun ofitti amanamummaakee akka dabalu hin dagatin. 2) Inni biraan kaayyoo jireenyaaf jiraachuu dha/ Living for life purpose/ jedhu hayyoonni. Ilmi namaa kaayyoo itti jiraatuuf qaba. Waan keessikee barbaadu, waan si gammachiisu qabaachuu dandeessa. ammaaf argachuu dhabuu dandeessa. Haata'u malee waan hawwitu sana argachuuf, bira gahuuf carraaquu qabda. Kaayyoo jireenyaafi sababa itti jiraattu wallaaluu hin qabdu jedhu hayyoonni. 3) Dorgommii hin taaneerraa fagaachuun /Avoiding competition/ barbaachisaa ta'uu hayyoonni ni gorsu. Namni ofiin malee isa kaaniin dorgomuu hin qabu, Namoonni si caalaa qabeenya, beekumsa qabaachuu malu. Atimmoo waan namoonni kaan hin qabne qabaachuu dandeessa. Waan of harkaa qabdutti gammaduu, waan si hanqate argachuufimmoo hojjechuutu sirraa eegama. Yoo namaan dorgomte gammachuu argachuu hin dandeessu waan ta'eef. 4) Inni biraan ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuudha. Yeroo hunda hamaa yookiin jallina yaadda yoo ta'e gammachuu argachuu hin dandeessu. Guyyaan har'aa gaariidha jettee yaaduu dandeenyaan gaarii ta'a. Hammeenya namaa ilaaluu dhiistee, gaarummaa namaa yaadda taanaanis akkuma kana. Waa hunda jallinaan yaadda yookiin ija hammeenyaan ilaalta taanaan/ Negative thinking / qabaannaan waa hundi akkuma ati yaadde ta'a. Ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuu hin dandeessu. 5) Yeroo hunda barachuuf eeyyamamoo / Being Willing to learn / ta'uunis gaariidha jedhu hayyoonni. Yeroo hunda dubbisuu, gaafachuu, hubachuun sirraa eegama. Yerookee waan hin malleen dabrsuu hin qabdu. Guyyaa guyyaan waan haaraa baruuf yaalii cimaa ni taasifta taanaan jireenyakee fooyyessuufi guddisuu dandeessa. 6) Inni biraan qaroominaan fuula duratti imaluu / walking with Wisdom/ qabda jedhu hayyoonni. Qaroominni /wisdom/ beekumsarraa adda ta’uu hubadhu. Akkamitti akka jiraattu, akkamiin rakkoo akka furtu, hojii milkaa'aa akkamitti hojjechuu akka dandeessu si barsiisa. Qaroomina /wisdom/ qabda taanaan diinakee yookiin nama ilaalcha gaarii siif hin qabne, qajeelchuu, sirreessuufi amansiisuu dandeessa. Ittiin morkataa jiraachuurraa yaadasaa jijjiiruu dandeenyaan nagaan jiraachuu dandeessa. Qaroomina hin qabdu taanaan garuu waa hunda waliin morkataa jiraatta. 7) Dandeettii yookiin beekumsa addaa / Being intelligent / qabaachuunis gaariidha jedhu hayyoonni. Dandeettii yookiin beekumsi addaa barumsa idilee/ Conventional/ irraa argamuu danda’a. Dandeettii miira ofii to'achuu /emotional intelligent/ qabaachuun barbaachisaadha. namoota kaan waliin hariiroo gaarii/ Cultural intelligent qabaachuunis akkuma kana. 8) Beekmsa saayinsawaa, amantaafi aadaa qabaachuu dandeessa, miirakee hin to'attu taanaan beekumsa qabaachuunkee gatii hin qabu jedhu beektonni. Maatii firaafi hawaasa waliinis hariiroo gaarii qabaachuu qabda. Hin qabdu taanaan beekumsikee qofti bu'aa hin qabu. Namoonni beekumsa/ hubannoo/ saayinsawaa, amantaa fi aadaa qaban tokko tokko gocha hin malle wayita raawwataniifi jecha hin malle wayita dubbatan ni taajjabna. Namoonni kunneen hawaasaa waliin hariiroo gaarii hin qabani. 9) Namoota yakka hojjetanii, mana sirreessaa jiran ilaaluu dandeenya. Yeroo muraasaaf miira isaanii to'achuu dadhabaniitu harka gaabbiifi hidhaatti kufanii jiru. Kanaaf miira ofii to'achuun murteessaadha jedhu hayyoonni.
Mostrar todo...
👍 2 2🔥 1
10) Haala salphaan namatti qabamuufi aaruun /Taking no offence easily / barbaachisaa miti jedhu hayyoonni. Namoonni sababa garaa garaan si miidhuu, sitti darbuufi si arrabsuu danda'u. Haala salphaa ta'een dhimma sanatti qabamuun, gadduun, miira keessa galanii aaruufi of jeequun barbaachisaa miti. Namoonni si aarsan heddummaachuu danda'u, kanaafuu nama meeqatti aartee, gubattee dandeessa jedhu hayyoonni. Kanaafuu itti hin qabamiin, kolfii bira darbi. 11) Akka hayyoonni jedhanitti jireenya galateeffannaa qabu / Leading life with gratitude / jiraachuunis murteessaadha. Fayyaafi nageenya qabaannaan isaatti gammaddi, waan of harkaa qabdutti, ooltee buluukeetti galateeffadhu. gammadii jiraadhu jedhu. Waan si hanqatetti gaddaa, of dhiphisaa jiraachuurraa waan of harkaa qabdutti galateeffachaa jiraachuutu siif mala. 12) Jireenyakee keessatti waan gaarii /Going for the best/ barbaadi jedhu hayyoonni. Waaqa yoo kadhatu waanuma xiqqaa hin kadhatiin. Isa guddaa eenyuuf dhiista? Addunyaan kun waa hedduu of keessaa qabdi, fageessii yaadi, mul'ata fagoo, karoora hiixataa qabaadhu. 13) Jireenyakee keessatti yeroo eeggadhu /Understand the timing / jedhu hayyoonni. Dursuunis, boodatti hafuunis gaarii miti. Yeroodhumsaatti waa raawwachuun gaariidha. Waan hojjechuuf karoorsite tokko yeroonsaa ammaa? jedhiitii of gaafadhu, waa hundi ammuma raawwachuu qaba ejjennoo jedhu qabaachuunis gaarii miti jedhu hayyoonni. 14) Waan jijjiiruu yookiin sirreessuu hin dandeenye tokko ittiin hin falmiin, amanii fudhu/ accept what you can't change/ jedhu hayyoonni. Namoonni tokko tokko waan jijjiiruufi sirreessuu hin dandeenyeen waggaa dheeraa of dhiphisaa, gaddaa jiraatu. Waan dhabdetti, waan si harkaa ba'etti, waan deebi'ee hin argamnetti yeroo dheeraaf of dhiphisaa jiraachuun barbaachisaa miti. jijjiiruun akka hin danda'amne of amansiisanii jireenya ofii jiraachuun murteessaadha jedhu hayyoonni kunneen. Waan hin deebineef waan of harkaa dhaban dhabuun, fayyaafi nagaa of dhorkuun gaarii miti. 15) Iddoo itti loltu filadhu / Chose your wars/ jedhu hayyoonni. Jireenyakee keessatti, bakka hojiitti yookiin hawaasa waliin jiraattu keessatti yeroo hunda waldhabaa, walwaraanaa jiraachuu hin qabdu. Hanga yoomiitti namoota ittiin waldhabde waliin wal waraanaa jiraatta? Umuriikee guutuu waldhabaa jiraachuurraa mo'amiif jedhu hayyoonni. Kanaanis nagaafi gammachuu argatta. Namoonni yeroo hunda namaa biraa waliin waldhabaa, walwaraanaa oolani fayyaafi nageenya sammuu akka hin qabne hin dagatiin. Waan sin galchine keessa hin galiin. Yeroo hunda waan siin hin ilaallanne keessa galta taanaan nagaan jiraachuu hin dandeessu. Kanaaf waraanakee fildhu. 16) Dhiifama godhi, haaloo hin qabatiin/ Forgiving all and avoiding vengeance/jedhu hayyoonni. Haaloo qabdee jiraatta, dhiifama hin gootu taanaan carraa dhibeewwan garaa garaatiin qabamuu babal'ifataa akka jirtu hin dagatiin. Dhiphina cimaa keessa galtee umuriikee gabaabsaa akka jirtus. Haaloo qabatanii dhukubsataa jiraachuurraa, dhiifama godhanii nagaan jiraachuutu filatamaadha. 17) Jireenyi qormaataan waan guutamteef qormaata addaa addaa dandamadhu/ perserve in suffering /jiraadhu, gammachuufi boqonnaa qulqulluu/pure joy and rest/ filadhu, gammachuun argadha jettee araada garaa garaa hin fayyadamiin. 18) Miidhagina keessoof/ Value inner beauty / gatii olaanaa kenni, namoonni miidhagina keessoof osoo hin taane miidhagina alaa mul'atuuf maallaqa hedduu akka dhangalaasan hin dagatiin. Miidhaginni dhugaan keessoo namaa jira. Miidhaginni kunis naamusa gaarii qabaachuudha jedhu hayyoonni. 19) Nama hin tuffatiin, ofis hin tuuliin, amalaafi naamuusa gaarii qabaadhu, / being humble and not despising others/ nama kabaji, nama ifachuuf, xiqqeessuufi salphisuuf hin yaaliin. Jireenyakee keessatti naamusa gaarii/ being disciplined in life/ qabaadhu, namoonni milkaa'an harki caalaan naamusa gaarii akka qaban ragaaleen ni ibsu, kanaaf naamusaan jiraadhu.
Mostrar todo...
👍 8 1
20) Jireenyakee hunda naamusaan hooggani. Kennuufi fudhachuu/ Giving and receiving / bari, wanti si biratti gatii hin qabne isa kaaniin akkanni gammachiisu hubadhu, yammuu isa kaaniif hiixattu, waaqnis siif hiixata. Kanaaf kennuu, arjoomuu, nama dinqisiifachuu, jajjabeessuu, shaakali. 21) Keessookee dhaggeeffadhu, Follow your heart/ Nama kabajni maluuf kabaja kenni, /Give due honor /angafakee, maatiikee, dursaakeefi nama hunda kabaji, yeroo hunda waaqakee kadhu/ pray seriously / akka amantaakeetiitti yeroo hunda kadhadhu. Namoota waaqa hin kadhanne caalaa warri kadhatan jireenya gammachuufi milkaa'ina qabu akka jiraatan hin dagatiin. 22) seenaa gaarii hojjedhu,/ Make history leave legacy / biyya keetiif, maatii keetiif, dhaloota itti aanuuf seenaa hojjechuu yoo dadhabdellee dhalakeetiif seenaa gaarii kaa'i jedhu hayyoonni. Via Orooliyaanaa Margaa https://t.me/sooratasammuuargaachuuf @WABIISG
Mostrar todo...
👍 18 1
Photo unavailableShow in Telegram
2
Photo unavailableShow in Telegram
"Anummaan Diinadha" Ego Is the Enemy: 1. Anummaan ("Ego") diina barachuuti. Yeroo anummaa keenya irratti garmalee xiyyeeffannu namoota biroo irraa barachuu hin dandeenyu.Anummaan akka waan hundumaa dursinee beekneetti akka yaadnu nu taasisa. 2. Anummaan diina kalaqaati. Yeroo waa'ee anummaa ofii keenyaa garmalee yaadnu yaada haaraadhaaf banaa hin taanu. Yaadni mataa keenyaa isa hundarra caalu jennee akka yaadnu nu taasisa. 3. Anummaan diina hojii gareeti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu namoota biroo wajjin akka gaariitti hojjechuu hin dandeenyu. Isaan waliin wal tumsuu dhiisnee isaan waliin dorgomuu irratti akka xiyyeeffannu nu taasisa. 4. Anummaan diina milkaa'inaati. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu kaayyoo keenya galmaan gahuu hin dandeenyu. Hojii mataa keenyaa irratti xiyyeeffachuu mannaa namoonni biroo waa'ee keenya irratti maal akka yaadan yaadda'uurratti xiyyeeffanna. 5. Anummaan diina gammachuuti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu gammachuu argachuu hin dandeenyu. Namoota biroo wajjin wal bira of qabuun ga'umsa akka waan hin qabneetti akka nutti dhaga'amu godha. 6. Anummaan diina hariirooti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu hariiroo fayyaalessa qabaachuu hin dandeenyu. Ofii keenyaaf dursa kennuu fi fedhii namoota biroo ilaaluu dhiisuu irratti garmalee qabamnee akka jiraannu godha. 7. Anummaan diina nagaa ti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu nagaa argachuu hin dandeenyu. Namoonni kaan maal akka nutti yaadaniifi namoota biroo biratti akkamitti akka nu ilaalan irratti garmalee yaaddofna. 8. Anummaan diina bilisummaati. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu bilisa ta'uu hin dandeenyu. Namoota biroof of mirkaneessuu akkasumas akka isaan nu irraa eeganitti jiraachuu akka qabnuutti garmalee nutti dhaga'ama. 9. Anummaan diina gara laafinaati. Yeroo garmalee anummaa ofii keenyaa irratti xiyyeeffannu namoota biroof gara laafina qabaachuu hin dandeenyu. Waa'ee ofii keenyaa fi rakkoo ofii keenyaa yaaduun garmalee qabamnee akka jiraannu nu taasisa. 10. Anummaan jireenya keessatti waan gaarii ta'e hundumaaf diinadha. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu, wantoota gaarii jireenya keessatti mul'atan argachuu hin dandeenyu. Waa'ee ofii keenyaa fi rakkoo ofii keenyaa yaadda'uudhaan garmalee qabamnee akka jiraannu nu taasisa.Via Tilahun gemechu Positive mind find opportunity in everything. @segnigudeta
Mostrar todo...
8👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
Karaalee gahumsa ofii Guddisuu dandeenyu Of-ga’oomsuuf wantoota keessaa fi alaa walitti makuu kan of keessaa qabu yoo ta’u, garuu mirkanaa’aadhaan hojjetamuu danda’a. Tooftaaleen ga'umsa kee ijaaruu fi cimsuuf si gargaaran tokko tokko kunooti: 1. Galmoota galma ga’uu danda’an kaa’uu Galmoota xixiqqoo galma ga’uu danda’an irraa jalqabi, akkuma ofitti amanamummaa horattutti suuta suutaan rakkina isaa dabali. 2. Hojiiwwan tarkaanfiiwwan xixiqqootti cabsuu Hojiin rakkisaan tokko yeroo si mudatu, tarkaanfiiwwan xixiqqoo fi toʼatamuu dandaʼanitti qoodi. Haalli kun hojiin sun akka sitti hin ulfaanne gochuu fi tarkaanfii tokkoon tokkoon yeroo xumurtu ofitti amanamummaa akka horattu si gargaaruu danda’a. 3. Milkaa’ina ijaan ilaali Hojii sana milkaa’inaan xumurtee suuraa sammuu ofii keetii uumi. Kun waan ajaa’ibaa ykn gowwummaa ta’ee sitti dhaga’amuu danda’us, ijaan arguun ofitti amanamummaa fi qormaata kana fudhachuuf qophii ta’uu kee guddisuu danda’a. Akkuma Opraan jettu, “Wanta yaaduu dandeessu kamiyyuu, uumuu dandeessa.” 4. Fakkeenya gaarii ta’e barbaaduu Namoota biroo bakka fooyya’uu barbaaddutti milkaa’an ilaaluu fi irraa baradhu. Namoonni kaan galma isaanii akka ga’an arguun si kakaasuu fi tooftaalee isaan itti fayyadaman irratti hubannoo gatii guddaa qabu kennuu danda’a. 5. Milkaa’ina darbe irratti xiinxali Yeroo waan sana hojjette ni yaadattaa? Bu’aa ba’ii fi qormaata darbite of yaadachiisi. Yeroo haala rakkisaa keessatti milkoofte duubatti deebi’uun dandeettii kee irratti amantaa qabdu ni cimsa. 6. Ofirratti wantoota gaarii dubbachuu Of shakkuu fi yaada gadhee haasa’uu, dubbii gaarii fi jajjabeessaan bakka buusi. Amantii of daangessu mormuun ibsa humna namaa kennu bakka buusi. 7. Kufaatii fudhachuu fi irraa barachuu Duubatti deebi’uu fi kufaatiin adeemsa barumsaa keessatti qaama uumamaa akka ta’e hubadhu. Akka mallattoo gahumsa dhabuutti ilaaluu mannaa akka carraa barachuu fi fooyya’uutti ilaali. 8. Yaada ijaarsaa barbaaduu Hiriyyoota amanamoo, gorsitoota ykn miiltoowwan hojii irraa yaada gaafadhu. Qeeqni ijaarsaa bakka fooyya’iinsa qabdu adda baasuu fi akkaataa fooyya’uu dandeessu irratti qajeelfama kennuu si gargaaruu danda’a. 9. Namoota deggeran of marsi Namoota dhuunfaan deeggaran kanneen dandeettii kee jajjabeessanii fi itti amanan networkii ijaari. Deeggarsi hawaasummaa gaariin ofitti amanamummaa fi kaka’umsa kee guddisuu danda’a. 10. Balaa xixiqqoo fudhachuu Hojiiwwan naannoo mijataa keetiin xiqqoo ala ta’aniin yoo qoramuu dandeessa. Balaa fi galmi adda adda ta’uu yaada keessa galchi. Rakkoowwan kana milkaaʼinaan yommuu adeemtu ofitti amanamummaan kee ni guddata. 11. Dandeettii dandamachuu shaakalu Duubatti deebi’uu fi rakkina irraa duubatti deebi’uudhaan dandamachuu horadhu. Dandamuun of danda’uu wajjin walitti dhufeenya guddaa kan qabu yoo ta’u, yeroo rakkisaa keessatti dandeettii kee irratti amantaa akka qabaattu si gargaaruu danda’a. Gahumsa ofii horachuun adeemsa itti fufiinsa qabu ta’uu yaadadhu. Obsi, karaa irrattis guddina kee kabaji. Carraaqqii wal irraa hin cinne fi yaada gaarii qabaachuun gahumsa ofii kee guddisuu fi cimsuu dandeessa, kunis jireenya kee keessatti kutaalee adda addaa irratti milkaa’ina guddaa argatta. Via Firaa'ol Guddataa Raggaasaa 🦅 Gurraachicha Kushitik! https://t.me/sooratasammuuargaachuuf
Mostrar todo...
👍 22🤩 2
Photo unavailableShow in Telegram
Namoonni baayyeen "Ni maraatte" naan jedhu. Ani maraataa kanan jedhameef saanduqa isaan keessatti daangefamanii yaadan keessaa waanan baheefi dha.Kofoo isaanii keessa seenee waanan yaaduu dideef 'Maraataa' naan jedhu. Akkuma jedhanis yoon maraadheen jira ta'e ejjannoo kootiin maraachuu kootiin nan boona. Kumni maraatte waan naan jedheef ani hin maraadhu, fayyadha waan naan jedhaniifis maraatummaa koo hin dhiisu. Maaliif akkan jiraadhu naman adda baasee beekuudha ani. Waanan uumameef maraachuun koo anaaf fayyina.
Mostrar todo...
4🔥 1
Falaasfonni waa'ee Lukkuu daandii qaxxaamuru maal jedhan ...? #Maarkis:- dirqama seena qabeessa waan taheef #Maakiyaaveelee:- Lukkuuwwan biroo irratti sodaa uumuuf #Niichee:- ol aantummaa isaa mirkaneessufi #Saatra:- Lukkiichi daandii akka qaxxaamuruuf ajajameeti #Boowvee :- maalumas tahu Lukkuu tahee hin dhalannee Lukkuummaa dhaale malee #Saamu'eelkaant:-dhaabbachuu waan dadhabeefi #Daarwiin:-Lukkuun tirannaa irra jiru sadarkaa daandii qaxxamuruu danda'u irra waan gaheefi #Eepikuras:-bashananuu barbaadeti #Kaant:-Seera safuun jiru eeguuf jedheeti #Zeenoo:- Daandii qaxxamuru danda'u dhabuu isaa argisiisufi #Kirkigaard:- Miira Lukkuu tahuu isaatif itti dhaga’amun abdii kuteeti #Sheekispiir:-Gaafichi kana #Istiwaartmiil:-Gammachuu dabaluufi #Galiiliyyoo:- kanas ta’e sanas ta’e daandii qaxxaamuree #Deekaart:-Qaxxamuru ni danda'a Kanaafuu ani jira #Heegeel:- Dirqama Lukkummaa bahuufi #Spiinoozaa:- Lukkichi bilisummaan qaxxaamuree jira;Garuu Maalif akka qaxxaamuree irraanfate #Ruusoo:-Sababnisaas Lukkuun uummamaan gaariidha #Paaskaal :-Sabanisaas lukkuun ulullee yaadudha #Hiwuum:-Anaaf lukkuun Yaada nuura (imagination) Keessatti uumamuudha #Koonfishiyees:-Wanta akka siif godhamu barbaaddu lukkuuf godhi #Leebiniz:-Kabaja isaa argisiisuudhaaf #Voolteerii:-Waldandayuu dhabuu hirdhisuufi #Aristootil:-Sababnisaas Lukkuun beeylada siyaasaati #Pilaatoo:-Gaarummaan maal akka ta’e hubachuufi Share & Join Us•                  💧 @Ergaa_Barreeffamaa
Mostrar todo...
👍 20
Repost from N/a
» Fakkicha Hubannoodhaan Ilaali! ☁️              ☁️                       🛰          ☁️              ☁️      ☁️             ☁️                                     ☁️ ☁️     ☁️ ☀️              ☁️             ✈️ ☁️              ☁️☁️  ☁️      ☁️           🚁      📡 ☁️ 🏡🏬🏥🏡🏭.    🏨🏣🏦                      / | \      _🚂🚃  /   |   \ 🚩___        👬🚦 /    |     \ 🚦🚶         🌳   /      |        \  🌳               /        |          \    🐐         🎡      🌳  /  🚔   |  🚔     \ ⛽️       🏟           /            |             \   🌵 /      🚖   |  🚘          🚴       /                |       🚔     \     /         🚍    |                   \   /                    |                     » Konkolaataa diimaa fakkicha irra jiru tuqii garam akka deemu ilaali! Itti Gammadda! Hope Just «JOIN» Now! Affeerraa Gaarii 🌄 + Subscribers Free Promoter 🎆 𝑺𝒑𝒐𝒏𝒔𝒐𝒓𝒆𝒅 𝒃𝒚: 𝗛𝗢𝗣𝗘 𝗣𝗥𝗢𝗠𝗢 𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦  𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬/𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩s @Oromoon_Oromoof_PostBot Ads    • @hope_promo
Mostrar todo...
👍 12 2👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
👍 1
“Humna Naamusaa: Akkaataa Of To'achuu fi Jabina Sammuu Fayyadamuun Kaayyoo Kee Galma Ga'uu Dandeessu" kan Daani'eel Waaltar barreesse milkaa'ina dhuunfaa fi ogummaa galmaan ga'uuf gahee murteessaa naamusni qabu cimsee ibsa. Walter yaad-rimee of to’achuu, jabina sammuu fi cimina qorachuudhaan dubbistootaaf tooftaalee gochaan hojjetamuu danda’an humna keessa isaaniitti fayyadamuu fi dandeettii isaanii guutuu akka ga’an ni kenna. Kitaabicha irraa barumsawwan ijoo tokko tokko kunooti 1. Naamusni Furtuu Ga’umsa Ti: Walter naamusni garaagarummaa bu’uuraa warra milkaa’ee fi hin milkoofne gidduu jiru akka ta’e kaa’a. Innis shaakala galma yeroo dheeraa filachuudha, battalumatti gammaduu irra. 2. Of To’achuu Guddisuu: Of to’achuun maashaa yeroon darbaa deemuun cimuu danda’uudha. Walter dandeettii qorumsa ofirraa ittisuu fi kaayyoo bal’aa irratti xiyyeeffachuu isaa fooyyessuuf shaakala fi amala qabatamaa yaada dhiheessa. 3. Barbaachisummaa Hojii idilee: Hojii idilee hundeessuun naamusa ijaaruuf waan murteessaadha. Hojiin wal irraa hin cinne amala gaarii ofumaan akka hojjetu gargaara, kunis galma kee irratti cichuu fi humna sammuu murtoo gochuuf barbaachisu hir’isuun salphaa ta’a. 4. Galma Ifa Ta’e Kaa’uu: Humna naamusaa kan guddatu galma ifa ta’ee fi haala gaariin ibsametti yeroo qajeelfamuudha. Walter barbaachisummaa galma addaa, safaramuu danda’u, galma ga’uu danda’u, barbaachisaa fi yeroon murtaa’e (SMART) kaa’uun akka mala carraaqqii naamusa qabu kee itti xiyyeeffattutti cimsee ibsa. 5. Mijachuu dhabuu Hammachuu: Yeroo baay’ee guddinni kan argamu naannoo mijataa kee keessaa ba’uu irraati. Walter dubbistoonni miira namaa hin tolle akka mallattoo guddinaatti akka ilaalanii fi qormaata akka carraa naamusa isaanii cimsuuf dammaqinaan akka barbaadan jajjabeessa. 6. Gahee Jabina Sammuu: Jabina sammuu namoota dhuunfaa duubatti deebi’iinsa, kufaatii fi qormaata keessa darbanii akka itti fufan taasisa. Walter tooftaalee dandamachuu sammuu ijaaruuf gargaaran kan akka mul’achuu, ofumaan dubbachuu gaarii fi kufaatii darbe irraa barachuu qooddata. 7. Sammuu fi Of-beekuu: Sammuu fi of-beekuu ta’uun hundee sababoota naamusa dhabuu, kan akka miira kakaasan ykn amala gadhee hubachuuf gargaara. Walter shaakala sammuu akka meeshaa of-dammaqiinsaa fi to’annoo guddisuuf gargaarutti leellisa. 8. Bu’aa Naamusa Wal-xaxaa: Gochoonni xixiqqoo naamusa qaban, yeroo wal irraa hin cinne shaakalamanii yeroon darbaa deemuun bu’aa guddaa argamsiisu. Walter akkamitti bu’aan naamusaa wal-xaxaa ta’e carraaqqii xiqqaa gara bu’aa guddaatti jijjiiruu akka danda’u agarsiisa. 9. Sirna Itti Gaafatamummaa: Sirna itti gaafatamummaa uumuun, karaa gorsaa, garee hiriyaa, ykn waadaa ummataa, dandeettii nama tokkoo naamusa qabaachuu isaa haalaan guddisuu danda’a. Sirnoonni kun kaka’umsaa fi yaada alaa kan kennan yoo ta’u, naamusa keessoo cimsu. 10. Guddina Kabajuu: Kaka’umsa eeguuf guddina beekuu fi kabajuun barbaachisaa dha. Walter galmoota gurguddoo keessatti milkaa’ina kaa’uu fi milkaa’ina kana irra ga’uu irratti of wal’aanuun gorsa, kunis loop amala gaarii cimsa. "The Power of Discipline" kan Daniel Walter barreesse qajeelfama bal'aa naamusa hubachuu fi jireenya ofii keessatti hojiirra oolchuuf gargaaru kenna. Dubbistoonni qajeeltoowwanii fi gochaalee kitaabicha keessatti ibsaman hammachuudhaan of to’achuu fi jabina sammuu kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf barbaachisu horachuu fi dandeettii isaanii guutuu dhugoomsuu danda’u. Waan dubbisee irraa😍
Mostrar todo...
👍 13
JECHOOTA MILKAA'INA 40: 1. "Milkaa'inni furtuu gammachuu miti. Gammachuun furtuu milkaa'inaati. Waan hojjettu yoo jaallatte milkaa'ina argatta." 2. "Milkaa'inni waan qabdu osoo hin taane, eenyu akka taate keessa jira." 3. "Milkaa'inni kan dhumaa miti, kufaatiin kan nama ajjeesu miti: Kan lakkaa'amu hamilee itti fufuudha." 4. "Milkaa'inni kufaatii dhabuu miti; kufaatii keessa darbuudha." 5. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti geessu osoo hin taane, waa'ee imalaati." 6. "Milkaa'inni maallaqaan osoo hin taane dhiibbaa ati namoota biroo irratti qabduun madaalama. 7. "Milkaa'inni nama hunda caalu ta'uu osoo hin taane, ofii kee isa hunda caalu ta'uudha. 8. "Milkaa'inni hammam akka galmaan ga'u osoo hin taane, akkamitti namoota biroo akka galmaan ga'an kakaastudha. 9. "Milkaa'inni carraa osoo hin taane hojii cimaa fi of kennuudha. 10. "Milkaa'inni harka rukutuu osoo hin taane, waan hunda kee akka kennite beekuun quufa. 11. "Milkaa'inni yeroo ati kufte osoo hin taane, yeroo ati deebitee kaatudha. 12. "Milkaa'inni mudaa kan hin qabne ta'uu osoo hin taane, mudaa kee hammachuudha. 13. "Milkaa'inni waan qabdu osoo hin taane, adeemsa keessa eenyu akka taatudha. 14. "Milkaa'inni guddina herrega baankii keetii osoo hin taane, guddina onnee keetii ti. 15. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti geessan osoo hin taane, barumsa karaa irratti argamudha. 16. "Milkaa'inni lola hunda injifachuu osoo hin taane, lola lolaaf malu filachuudha. 17. "Milkaa'inni waa'ee galata osoo hin taane, dhiibbaa ati namoota biroo irratti geessistudha. 18. "Milkaa'inni qabeenya ati kuufattu osoo hin taane, yaadannoo ati uumtudha. 19. "Milkaa'inni waa'ee mata duree osoo hin taane, dhiibbaa ati namoota biroo irratti qabdudha. 20. "Milkaa'inni baay'ina osoo hin taane, qulqullina hariiroo keessaniiti. 21. "Milkaa'inni waa'ee beekkamtii osoo hin taane, kaayyoo kee jiraachuu galmaan ga'uudha. 22. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti deemtu osoo hin taane, nama adeemsa keessa taatudha. 23. "Milkaa'inni waa'ee qabeenya qaamaa osoo hin taane, gatiiwwan hin qabamne ati jaallattudha. 24. "Milkaa'inni waa'ee mirkaneessuu alaa osoo hin taane, itti quufinsa keessooti. 25. "Milkaa'inni karaa gabaabaa osoo hin taane, waadaa yeroo dheeraa ti. 26. "Milkaa'inni dorgommii osoo hin taane, walta'iinsaati. 27. "Milkaa'inni baay'ina bu'aa ba'ii keetii osoo hin taane, qulqullina amala keetii ti. 28. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti deemtu osoo hin taane, guddina karaa irratti si mudatudha. 29. "Milkaa'inni guddina abjuu keetii osoo hin taane, kutannoo abjuu kee hordofuuf qabdudha. 30. "Milkaa'inni harka rukutuu osoo hin taane, waan hunda kee akka kennite beekuun raawwatamuudha. 31. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti geessu osoo hin taane, barumsa imala irraa argamudha. 32. "Milkaa'inni baay'ina hordoftootaa osoo hin taane, dhiibbaa ati jireenya isaanii irratti qabdudha. 33. "Milkaa'inni beekamtii argachuu osoo hin taane, jijjiirama akka fide beekuun quufa. 34. "Milkaa'inni waa'ee bakka itti deemtu osoo hin taane, nama ati isa hordoftu taate. 35. "Milkaa'inni waa'ee qabeenya osoo hin taane, muuxannoowwan jireenya kee badhaadhessan. 36. "Milkaa'inni waa'ee mirkaneessuu alaa osoo hin taane, raawwii keessooti. 37. "Milkaa'inni karaa gabaabaa osoo hin taane, qormaata keessa darbuudha. 38. "Milkaa'inni waa'ee dorgommii osoo hin taane, tumsa guddummaatti nama geessudha. 39. "Milkaa'inni baay'ina bu'aa ba'ii osoo hin taane, qulqullina amala keetii ti. 40. "Milkaa'inni waa'ee bakka deemtu osoo hin taane, guddinaa fi jijjiirama ati keessa darbitudha. Share & Join Us•                  💧 @Ergaa_Barreeffamaa
Mostrar todo...
👍 25🔥 2 1
Maalummaa namaaf jettee Kan kee hin dagatinii Karoora namaatiif At kee hin dhiisinii Dura ufii uffadhu Nama hin uffisinii Erga uffattee kaatee Garuu hin dagatinii Dura ofiif ta'i Mataa keef Abukaatoo Dura yoo of ta'an Namallee yaadatu Ofii keef yeroo kenni Taa'ii itii yaadi Maali mul'anni kee Qalbiidhaan barbaadi Yeros ni milkoofta Bakka yaadde geessa Of taatee jiraatta Nama hunda keessaa Kuni ergaa kooti Dhaamsa obbolummaa Ramadaan mubaarak Ummanni muslimaa ✍Ⓐⓑⓓⓤlaziz 🅙🅞🅘🅝 👇🌹 @Ergaa_Barreeffamaa
Mostrar todo...
👍 17🥰 2🙏 2
"Eenyu illee aaruu ni danda'a. Inni kun salphaa dha. Garuu nama sirriitti wanta sirriif hamma sirriin kaayyoo sirriif yeroo sirriitti karaa sirrii ta'een aaruun nama kamiifuu salphaa miti." Aristotle @Ergaa_Barreeffamaa
Mostrar todo...
👍 11
"Namoonni haasa'uutti waan amananiif yeroo calliftu hin beektu jedhanii kan yaadan baay'eedha. Garuu, immoo waan dubbatan hin qaban. Ati garuu haasa'uutti hin amantu,waan haasa'uu barbaaddeef jiraadhu.Sana booda jireenyi ati callisa kee keessa jiraatte cabee ba'ee namoonni yeroo ati callistu siif haasa'u."
Mostrar todo...
👍 3
Dargaggeessa ta'uun gaariidha. Yoo yoo qarshii dhabde fayyaa qabda. Bifa yoo dhabde sammuu qabda. Beekumsa dhabdus of tuuluu ni qabaatta. Jaalala yoo qabaachuu baatte abdii ni qabaatta. Gammachuu yoo dhabde aarii qabda. Yoo dhiphinni sitti baay'ate warraaqsa jalqabda. Namni si beeku yoo jiraatellee dargaggeessa waan taateef seenaa salphaa ni qabaatta.
Mostrar todo...
🔥 2
10) Haala salphaan namatti qabamuufi aaruun /Taking no offence easily / barbaachisaa miti jedhu hayyoonni. Namoonni sababa garaa garaan si miidhuu, sitti darbuufi si arrabsuu danda'u. Haala salphaa ta'een dhimma sanatti qabamuun, gadduun, miira keessa galanii aaruufi of jeequun barbaachisaa miti. Namoonni si aarsan heddummaachuu danda'u, kanaafuu nama meeqatti aartee, gubattee dandeessa jedhu hayyoonni. Kanaafuu itti hin qabamiin, kolfii bira darbi. 11) Akka hayyoonni jedhanitti jireenya galateeffannaa qabu / Leading life with gratitude / jiraachuunis murteessaadha. Fayyaafi nageenya qabaannaan isaatti gammaddi, waan of harkaa qabdutti, ooltee buluukeetti galateeffadhu. gammadii jiraadhu jedhu. Waan si hanqatetti gaddaa, of dhiphisaa jiraachuurraa waan of harkaa qabdutti galateeffachaa jiraachuutu siif mala. 12) Jireenyakee keessatti waan gaarii /Going for the best/ barbaadi jedhu hayyoonni. Waaqa yoo kadhatu waanuma xiqqaa hin kadhatiin. Isa guddaa eenyuuf dhiista? Addunyaan kun waa hedduu of keessaa qabdi, fageessii yaadi, mul'ata fagoo, karoora hiixataa qabaadhu. 13) Jireenyakee keessatti yeroo eeggadhu /Understand the timing / jedhu hayyoonni. Dursuunis, boodatti hafuunis gaarii miti. Yeroodhumsaatti waa raawwachuun gaariidha. Waan hojjechuuf karoorsite tokko yeroonsaa ammaa? jedhiitii of gaafadhu, waa hundi ammuma raawwachuu qaba ejjennoo jedhu qabaachuunis gaarii miti jedhu hayyoonni. 14) Waan jijjiiruu yookiin sirreessuu hin dandeenye tokko ittiin hin falmiin, amanii fudhu/ accept what you can't change/ jedhu hayyoonni. Namoonni tokko tokko waan jijjiiruufi sirreessuu hin dandeenyeen waggaa dheeraa of dhiphisaa, gaddaa jiraatu. Waan dhabdetti, waan si harkaa ba'etti, waan deebi'ee hin argamnetti yeroo dheeraaf of dhiphisaa jiraachuun barbaachisaa miti. jijjiiruun akka hin danda'amne of amansiisanii jireenya ofii jiraachuun murteessaadha jedhu hayyoonni kunneen. Waan hin deebineef waan of harkaa dhaban dhabuun, fayyaafi nagaa of dhorkuun gaarii miti. 15) Iddoo itti loltu filadhu / Chose your wars/ jedhu hayyoonni. Jireenyakee keessatti, bakka hojiitti yookiin hawaasa waliin jiraattu keessatti yeroo hunda waldhabaa, walwaraanaa jiraachuu hin qabdu. Hanga yoomiitti namoota ittiin waldhabde waliin wal waraanaa jiraatta? Umuriikee guutuu waldhabaa jiraachuurraa mo'amiif jedhu hayyoonni. Kanaanis nagaafi gammachuu argatta. Namoonni yeroo hunda namaa biraa waliin waldhabaa, walwaraanaa oolani fayyaafi nageenya sammuu akka hin qabne hin dagatiin. Waan sin galchine keessa hin galiin. Yeroo hunda waan siin hin ilaallanne keessa galta taanaan nagaan jiraachuu hin dandeessu. Kanaaf waraanakee fildhu. 16) Dhiifama godhi, haaloo hin qabatiin/ Forgiving all and avoiding vengeance/jedhu hayyoonni. Haaloo qabdee jiraatta, dhiifama hin gootu taanaan carraa dhibeewwan garaa garaatiin qabamuu babal'ifataa akka jirtu hin dagatiin. Dhiphina cimaa keessa galtee umuriikee gabaabsaa akka jirtus. Haaloo qabatanii dhukubsataa jiraachuurraa, dhiifama godhanii nagaan jiraachuutu filatamaadha. 17) Jireenyi qormaataan waan guutamteef qormaata addaa addaa dandamadhu/ perserve in suffering /jiraadhu, gammachuufi boqonnaa qulqulluu/pure joy and rest/ filadhu, gammachuun argadha jettee araada garaa garaa hin fayyadamiin. 18) Miidhagina keessoof/ Value inner beauty / gatii olaanaa kenni, namoonni miidhagina keessoof osoo hin taane miidhagina alaa mul'atuuf maallaqa hedduu akka dhangalaasan hin dagatiin. Miidhaginni dhugaan keessoo namaa jira. Miidhaginni kunis naamusa gaarii qabaachuudha jedhu hayyoonni. 19) Nama hin tuffatiin, ofis hin tuuliin, amalaafi naamuusa gaarii qabaadhu, / being humble and not despising others/ nama kabaji, nama ifachuuf, xiqqeessuufi salphisuuf hin yaaliin. Jireenyakee keessatti naamusa gaarii/ being disciplined in life/ qabaadhu, namoonni milkaa'an harki caalaan naamusa gaarii akka qaban ragaaleen ni ibsu, kanaaf naamusaan jiraadhu.
Mostrar todo...
👍 12 2
“Jireenya milkaa'aa jiraachuuf qajeeltoowwan jireenyaa sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha!”......jedhu hayyoonni. 1) Inni jalqabaa of simachuu /self acceptance / seenaafi muuxxannoo gaarii qofa osoo hin taane seenaafi mudannoo jireenyaa gaarii hin taanellee simachuun barbaachisaadha. Maatii sooressa yookiin hiyyeessa keessa dhalachuu dandeessa. Umamnikee adii yookiin gurraacha, dheeraa yookiin gabaabaa, bareedaa yookiin fokkisaa ta'uu mala. Eenyummaakee kana amanii fudhu. Namoonni tokko tokko eenyummaasanii simachuu yookiin fudhachuu hin barbaadanii jedhu hayyuun falaasamaafi xiinsammuu. Kanaaf eenyummaasanii waliin falmaa jiraatu. Eenyummaa ofii amananii fudhachuun ofitti amanamummaakee akka dabalu hin dagatin. 2) Inni biraan kaayyoo jireenyaaf jiraachuu dha/ Living for life purpose/ jedhu hayyoonni. Ilmi namaa kaayyoo itti jiraatuuf qaba. Waan keessikee barbaadu, waan si gammachiisu qabaachuu dandeessa. ammaaf argachuu dhabuu dandeessa. Haata'u malee waan hawwitu sana argachuuf, bira gahuuf carraaquu qabda. Kaayyoo jireenyaafi sababa itti jiraattu wallaaluu hin qabdu jedhu hayyoonni. 3) Dorgommii hin taaneerraa fagaachuun /Avoiding competition/ barbaachisaa ta'uu hayyoonni ni gorsu. Namni ofiin malee isa kaaniin dorgomuu hin qabu, Namoonni si caalaa qabeenya, beekumsa qabaachuu malu. Atimmoo waan namoonni kaan hin qabne qabaachuu dandeessa. Waan of harkaa qabdutti gammaduu, waan si hanqate argachuufimmoo hojjechuutu sirraa eegama. Yoo namaan dorgomte gammachuu argachuu hin dandeessu waan ta'eef. 4) Inni biraan ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuudha. Yeroo hunda hamaa yookiin jallina yaadda yoo ta'e gammachuu argachuu hin dandeessu. Guyyaan har'aa gaariidha jettee yaaduu dandeenyaan gaarii ta'a. Hammeenya namaa ilaaluu dhiistee, gaarummaa namaa yaadda taanaanis akkuma kana. Waa hunda jallinaan yaadda yookiin ija hammeenyaan ilaalta taanaan/ Negative thinking / qabaannaan waa hundi akkuma ati yaadde ta'a. Ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuu hin dandeessu. 5) Yeroo hunda barachuuf eeyyamamoo / Being Willing to learn / ta'uunis gaariidha jedhu hayyoonni. Yeroo hunda dubbisuu, gaafachuu, hubachuun sirraa eegama. Yerookee waan hin malleen dabrsuu hin qabdu. Guyyaa guyyaan waan haaraa baruuf yaalii cimaa ni taasifta taanaan jireenyakee fooyyessuufi guddisuu dandeessa. 6) Inni biraan qaroominaan fuula duratti imaluu / walking with Wisdom/ qabda jedhu hayyoonni. Qaroominni /wisdom/ beekumsarraa adda ta’uu hubadhu. Akkamitti akka jiraattu, akkamiin rakkoo akka furtu, hojii milkaa'aa akkamitti hojjechuu akka dandeessu si barsiisa. Qaroomina /wisdom/ qabda taanaan diinakee yookiin nama ilaalcha gaarii siif hin qabne, qajeelchuu, sirreessuufi amansiisuu dandeessa. Ittiin morkataa jiraachuurraa yaadasaa jijjiiruu dandeenyaan nagaan jiraachuu dandeessa. Qaroomina hin qabdu taanaan garuu waa hunda waliin morkataa jiraatta. 7) Dandeettii yookiin beekumsa addaa / Being intelligent / qabaachuunis gaariidha jedhu hayyoonni. Dandeettii yookiin beekumsi addaa barumsa idilee/ Conventional/ irraa argamuu danda’a. Dandeettii miira ofii to'achuu /emotional intelligent/ qabaachuun barbaachisaadha. namoota kaan waliin hariiroo gaarii/ Cultural intelligent qabaachuunis akkuma kana. 8) Beekmsa saayinsawaa, amantaafi aadaa qabaachuu dandeessa, miirakee hin to'attu taanaan beekumsa qabaachuunkee gatii hin qabu jedhu beektonni. Maatii firaafi hawaasa waliinis hariiroo gaarii qabaachuu qabda. Hin qabdu taanaan beekumsikee qofti bu'aa hin qabu. Namoonni beekumsa/ hubannoo/ saayinsawaa, amantaa fi aadaa qaban tokko tokko gocha hin malle wayita raawwataniifi jecha hin malle wayita dubbatan ni taajjabna. Namoonni kunneen hawaasaa waliin hariiroo gaarii hin qabani. 9) Namoota yakka hojjetanii, mana sirreessaa jiran ilaaluu dandeenya. Yeroo muraasaaf miira isaanii to'achuu dadhabaniitu harka gaabbiifi hidhaatti kufanii jiru. Kanaaf miira ofii to'achuun murteessaadha jedhu hayyoonni.
Mostrar todo...
👍 10 2
20) Jireenyakee hunda naamusaan hooggani. Kennuufi fudhachuu/ Giving and receiving / bari, wanti si biratti gatii hin qabne isa kaaniin akkanni gammachiisu hubadhu, yammuu isa kaaniif hiixattu, waaqnis siif hiixata. Kanaaf kennuu, arjoomuu, nama dinqisiifachuu, jajjabeessuu, shaakali. 21) Keessookee dhaggeeffadhu, Follow your heart/ Nama kabajni maluuf kabaja kenni, /Give due honor /angafakee, maatiikee, dursaakeefi nama hunda kabaji, yeroo hunda waaqakee kadhu/ pray seriously / akka amantaakeetiitti yeroo hunda kadhadhu. Namoota waaqa hin kadhanne caalaa warri kadhatan jireenya gammachuufi milkaa'ina qabu akka jiraatan hin dagatiin. 22) seenaa gaarii hojjedhu,/ Make history leave legacy / biyya keetiif, maatii keetiif, dhaloota itti aanuuf seenaa hojjechuu yoo dadhabdellee dhalakeetiif seenaa gaarii kaa'i jedhu hayyoonni. Via Orooliyaanaa Margaa
Mostrar todo...
👍 10 3
Photo unavailableShow in Telegram
👍 7
=>Jireenya kee keessatti namoota gosa sadiitu si mudachuu danda'a. THE 3 TYPES OF PEOPLE IN YOUR LIFE.. 1.Namoota akka baalaa 🌿 Leaf people 2.Namoota akka damee 🌵Branch people 3. Namoota akka hiddaa / Root people #Namoota akka baala;- warri Kun namoota yeroo tokkoof qofa jireenya kee keessa dhufanidha. Isaan irratti hirkachuuu hin dandeessu, sababni isaas isaan dadhaboo waan ta'aniif waan barbaadan qofa fudhachuuf garakee dhufu, garuu yoo qilleensi dhufu ni deemu. Namoota kana irraa of eeggachuu qabda! sababiin isaas yeroo itti tole si jaallatu. Garuu yeroo qilleensi dhufu si dhiisani deemu. #Namoota akka Damee.;- isan kun Cimoodha garuu, isaan irrattis of eeggannoo gochuu qabda. Jireenyi yeroo cimaa ta'u ulfaatina baay'ee dandamachuu hin danda'aan. sirraa adda ba'u. Yeroo tokko tokko si bira turuu danda'u garuu yeroo haalli itti ulfaatu ni deemu. #Namoota akka hiddaa;-Namoonni kun waan mul'atu waan hin hojjenneef baay'ee barbaachisoodha. Deeggarsa yeroo rakkisaa keessa ittiin darbitu bishaan si obaasu.raafamuu keetiin hin socho'an akkasitti si jaallatu. Ati jaallattes dhiistes ofumaan si jaallatu.garuu of hin agarsiisan! jireenya keessatti Namoota ati qunnamtu ykn waliin hariiroo qabdu hundi si dhiisanii deemu, Gosa namoota hiddaa qofaatu si biratti hafa. Isaniin jabeeffadhu!
Mostrar todo...
22👍 5
Photo unavailableShow in Telegram
👍 5
Barnoota 7 "Akkaataa Waan Jalqabdu Hunda Xumuruu dandeessan" kan Jan Yager 1: Maaliif Keessan Hiikkaa "Akkamitti Waan Jalqabdan Hunda Xumurtan" maaliif akka ta'e ibsuun barbaachisaa ta'uu isaa cimsee ibsa. Sababoota kaayyoo fi pirojektii kee duuba jiran akka hubattu si jajjabeessa. Maaliif waan tokko galmaan gahuu akka barbaaddu hubannoo ifa ta’e qabaachuudhaan adeemsa hunda keessatti kaka’umsaa fi kutannoo qabaachuu dandeessa. 2: Tarkaanfiiwwan Bulfamuu Danda’anitti Caccabsuu Kitaabni kun galmootaa fi pirojektoota kee tarkaanfiiwwan xixiqqoo fi bulfamuu danda’anitti caccabsuun barbaachisaa ta’uu isaa ibsa. Kaartaa daandii uumuu fi hojiiwwan dursa kennuudhaan guddina wal irraa hin cinne akka argattu si barsiisa. Wantoota diiguudhaan, miira humnaa ol ta’e sitti dhaga’amuu irraa of qusachuu fi carraa waan jalqabde xumuruu kee guddisuu dandeessa. 3: Galma Dhugaa fi Adda Ta'e Kaa'i "Akkaataa Waan Jalqabdu Hunda Xumuruu" galma qabatamaa fi adda ta'e kaa'uu cimsee ibsa. Tokkoon tokkoon hojii ykn pirojektiidhaaf kaayyoo ifa ta’ee fi bu’aa safaramuu danda’u akka ibsitu si jajjabeessa. Galma adda taʼe kaaʼuudhaan, guddina kee hordofuu fi buʼaa dhumaa irratti xiyyeeffachuu dandeessa. 4: Dandeettii Bulchiinsa Yeroo Bu’a qabeessa Ta’e Guddisuu Kitaabni kun barbaachisummaa dandeettiiwwan yeroo bu’a qabeessa ta’e ittiin bulchuu ibsa. Hojiiwwan kee dursa akka kennitu, wantoota yaada kee hihhiran akka dhabamsiiftuu fi yeroo kee akka gaariitti akka fayyadamtu si barsiisa. Yeroo kee gahumsaan bulchuudhaan, pirojektii tokkoon tokkoof bakka addaa ramaduu fi gara xumuraatti adeemsa walfakkaatu mirkaneessuu dandeessa. 5: Harkifannaa fi Diddaa Mo'achuu "Akkaataa Waan Jalqabdu Hunda Xumuruun Danda'amu" qormaata harkifannaa fi diddaa ilaala. Gufuuwwan kana irra aanuuf tooftaalee kanneen akka hojiiwwan kutaalee xixiqqoo, bulfamuu danda’anitti cabsuu fi tooftaalee akka Teeknika Pomodoro fayyadamuu ni kenna. Harkifachuu fi mormii mo’achuudhaan, humna eeguu fi waan jalqabde xumuruu dandeessa. 6: Itti Gaafatamummaa fi Deeggarsa Hammachuu Kitaabni kun barbaachisummaa itti gaafatamummaa fi deeggarsa cimsee ibsa. Michoota itti gaafatamummaa akka barbaaddu ykn gareewwan deeggarsaa fi jajjabina guddisan akka makamtu si jajjabeessa. Kaayyoo fi guddina kee namoota biroof qooduudhaan, of gaafachuu fi namoota dhuunfaa yaada walfakkaataa qaban irraa qajeelfamaa fi kaka’umsa argachuu dandeessa. 7: Milkaa'ina Kabajuu fi Bu'aa Ba'ii Irratti Yaadachuu "Akkaataa Waan Jalqabdu Hunda Xumuruun Danda'amu" jechuun barbaachisummaa milkaa'ina kabajuu fi bu'aa ba'ii irratti xiinxaluu ibsa. Guddina kee beeksisuu fi karaa irratti injifannoo xixiqqoo akka kabajju si barsiisa. Bu’aa ba’ii kee hubachuudhaan hojiiwwanii fi pirojektoota jalqabdu xumuruuf kaka’umsaa fi kaka’umsa qabaachuu dandeessa. @Ergaa_Barreeffamaa
Mostrar todo...
👍 12 2🔥 1
Repost from N/a
⇣ ⇣ ⇣  𝗚𝗔𝗠𝗠𝗔𝗖𝗛𝗜𝗜𝗦𝗔𝗔! 𝗡𝗮𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗼𝗻𝗹𝗶𝗻𝗲 𝗶𝗿𝗿𝗮 𝗷𝗶𝗿𝘁𝗮𝗻 𝗺𝗮𝗿𝗮𝗮𝗳: Congratulation🎊 all of you🎊🎉 We are bringing new possibilities to help you here. Trusted group which is giving money & package 👇👇 join it fastly add member 👇👇👇👇 Sponsor @Coop_Bank_Of_Oromia_Official ✨Group armaan gadii kana join gochuun hiriyoota kee yoo add goote badhaasa amanuuf nama rakkisu argatta. 𝗛𝘂𝗻𝗱𝗶 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗻 𝗰𝗮𝗿𝗿𝗮𝗮 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗻 𝘆𝗮𝗮𝗹𝗮𝗮!✨💸🎁 1. @Safaricom_Afaan_Oromoo_Official 👆👆👆👆👆👆100% real payer🎁 2 @Coop_Bank_Of_Oromia_Official 👆👆👆👆👆👆100% real payer🎁 3 @Oromia_Bank_Gift 👆👆👆👆👆👆100% real payer🎁 4 @USAfundforOromia 👆👆👆👆👆👆100% real payer🎁 5 @Oromo_Germany_Association 👆👆👆👆👆👆100% real payer🎁 6 @GADAA_BANK_BONUS 👆👆👆👆👆👆100% real payer🎁 7 @Commercial_Bank_Official 👆👆👆👆👆👆100% real payer🎁 𝗬𝗮𝗮𝗹𝗶𝗶𝘁𝗶𝗶 𝗱𝗮𝗱𝗵𝗮𝗯𝗶 𝗺𝗮𝗹𝗲𝗲 𝘆𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂 𝗵𝗶𝗻 𝗱𝗮𝗱𝗵𝗮𝗯𝗶𝗻𝗶" Hirmaadhaa badhaafamaa! Carraa Gaarii isiniif haa ta'u! Affeerraa Gaarii 🌄 Hubadhaa; chaanaalii kana irratti kan maxxanfamu odeeffannoo mirkanaa'e qofaadha👆👆👆👆 𝗛𝗢𝗣𝗘 𝗣𝗥𝗢𝗠𝗢𝗧𝗜𝗢𝗡 𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦    𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬/𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩s @Oromoon_Oromoof_PostBot Ads    • @hope_promo
Mostrar todo...
HUBADHUU SII FAYYADAA ▬▬▬▬▬▬▬ ➲ Yeroo namni haasa'u addaan hin kutin. ❏ Nama tokko bifa isaatiin hin madaalin. ❏ Yeroo hunda iddoo dhuunfaa nama tokkoo kabaju. ❏ Waa'ee nama tokkoo gonkumaa waan tokko hin tilmaamiin. ❏ Yeroo dogoggorte dhiifama gaafadhu. ❏ Waa'ee nama dugda duubaan hamaa hin dubbatin. ❏ Yoo ulfaataa ta'ellee amanamaa ta'i. ❏ Oduu hin odeessinaa, oduu hin facaasinaa. ❏ Ija hin taaneen ilaalin ykn yaada hin malle hin kenninaa. ❏ Akka namni si itti ilaaluu barbaaddutti namoota biroo ilaali. ❏ Yeroo dandeessutti gargaarsa dhiheessi. ❏ Aariin kee gocha kee akka to'atu hin heyyamiin.
Mostrar todo...
👍 18 12