cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Ergaa Barreeffamaa

I letter, Teach, Guide, Advise, Motivate, and Coach! Milkaa'ina hawwinuu fi qabaachuu barbaannu gonfachuuf➛ ➛ gorsa jireenya! Wal jajjabeessuu!➛ Wal gargaaruu 😇Seenaa Beektota Addunyaa 😃Affeerraa Keessummaa Kabajaa

Mostrar más
Finlandia240El idioma no está especificadoEducación7 405
Publicaciones publicitarias
20 164
Suscriptores
+4924 horas
+2587 días
+1 03130 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

Namni gatii ofii isaa hin beekne, gatii namoonni isaaf kennaniin gatii isaa ibsata. Namni gatii isaa hin beekne, namoonni ati dadhabaadha gaafa ittin jedhaan, gatii isaa waan hin beekneef sirridha eyyee an dadhabaadha jedhee fudhachuun jireenya dadhabaa jiraata. Namni gatii isaa beeku garuu, namni tokko dhufee ati dadhabaadha yoo ittin jedhe; akkas jechuun deebisaaf, amma yaadu dandeessuuf amma ittin of yaadduun ana yaaddee! ..Animmoo sammuu koon waanan yaaduuf, sammuu koo ammo gatii akkan ani qabutti waan amaneef..Jechii ati amma nan jette kun na ibsu jechuun deebisaf! Gatiin kee amma isaan si yaadaniin ol akka tahee dursi amani! Namni gatii isaa hin beekne Karoora ormi baase keessa, karaa namni tolcheef irra imala; ofii isaatii karooraf karaa kalaqee uumu akka hin dandeenyeetti waan of ilaaluuf; mata isaatiin yaadee haala jijjiruu hin danda'u! Jireenyi ammoo warra gatii ofii isaanii beekanii jiraataniif fuula ishee ibsiti. Warra sadarkaa ofii isaanii awwaara keessa kaa'aniif teessoo hin kennitu! Warraa bakki gaariin naaf mala jedhanii jireenyaan falmaniif garuu harka guuttee arjoomtiif! Gatii kee beeki, si beekuuf si caala kan dhiyoo sitti jiru hin jiru waan ta'eef! Namoonni gatii Kee akka kofoo gabaa irraa takka ol kaasanii takka gad buusanii akka ibsaniif carraa hin kenniniif! #Of ta'i Gita gatii keeti jiraadhu; qubaa keen seenaa jabaa katabi! Hojii dubbatu hojjaadhu, hojii dubbifamu bara keessatti boci! Akka Waan yaaddee hojjachuu dandeessutti of yaadi! Gatii ofii wallaluun eegaa balbala banamuu danda'uu gonkumaa akka banamuu hin dandeenye nutti fakkeessa! Sanyii hin maseennee maseenaa nutti fakkeessa, ilaalcha maseeneen sanyii hin maseennee gaafa ilaaltu immoo sanyii kee maseenaa ta’ee sitti mul’ata….Ammas irra deebi’een jedhee…Dureessa of keessatti baattee, galma guddaa of keessatti baattee, ogummaan guddaa of keessatti baattee…Mala dhabaa taatee hin jiraatiin…Gatii kee beeki….Santu sanyii hin maseennee akka baattee dhalattee raga siif baha kanan dubbisee irraa
Mostrar todo...
👍 40🔥 2👏 1
Repost from N/a
F░O░L░L░O░W S░E░L░E░C░T░E░D C░H░A░N░N░E░L░S ⠀⠀⠀⠀⠀⣰⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣦⡀ ⠀⠀⠀⢀⣾⣿⣿⣿⠿⠿⠟⠻⠿⢿⣿⣿⣿⡆ ⠀⠀⠀⢰⣿⣿⡿⠂⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠈⠉⢻⡇ ⠀⠀⠀⠈⠿⣿⣇⣠⠤⠤⠤⢤⣀⣤⠤⠤⣺⡏ ⠀⠀⠀⠀⠐⢉⣯⠹⣀⣀⣢⡸⠉⢏⡄⣀⣯ ⠀⠀⠀⠀⠡⠀⢹⣆⠀⠀⠀⣀⡀⡰⠀⢠⠖⠂ ⠀⠀⠀⠀⠀⠈⠙⣿⣿⠀⠠⠚⢋⡁⠀⡜ ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢸⠈⠙⠦⣤⣀⣤⣤⡼⠁ ⠀⠀⠀⠀⠀⢀⡌⠀⠀⠀⠀ ⠉⢏⡉ ⠀⠀⠀⣀⣴⣿⣷⣶⣤⣤⣤⣴⣾⣷⣶⣦⡀ ⢀⣴⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣄ ⠚⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛⠛​​​ ★  ˚ * ★  . * . ·   ˚ * ⋆ *    ·   ﹡      *   * ⋆   . ·    ⋆     ·   * ﹡ ˚ ˚  ˚ * ⋆ *    · * . * . ★    ⋆ ·   * ⋆ *    ⋆ ﹡    ·   ˚ *★  ˚ * ★      . * . ·   ˚ * ⋆ *    ·   ﹡   *   * ⋆   . ·    ⋆  ⋆    ·   * ﹡ ˚ ˚ ˚ * ⋆ *    · * . * . ★   ⋆ ·   * ⋆ *   ⋆ ﹡    ·   ˚ * ★    ˚ * ★    . * . ·   ˚ * ⋆ *    ·   ﹡      *   * ⋆   . ·    ⋆  ⋆    ·   * ﹡ ˚ ˚  ˚ * ⋆ *    · * . * . ★    ⋆ ·   * ⋆ * ⋆ ﹡    ·   ˚ *★    ˚ * ★      . * . ·   ˚ * ⋆ *    ·   ﹡      *   * ⋆   . ·    ⋆  ⋆    ·   * ﹡ ˚ ˚    ˚ * ⋆ *    · * . * . ★   ⋆ ·   * ⋆ *    ⋆ ﹡    ·   ˚ * ⣴⣿⣦⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢻⣿⣿⠂⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢀⣴⣿⣿⣀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀⢠⣾⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣦⠀ ⠀⠀⠀⣴⣿⢿⣷⠒⠲⣾⣾⣿⣿ ⠀ ⣴⣿⠟⠀⢿⣿⠁⣿⣿⣿⠻⣿⣄⠀⠀⠀⠀ ⡾⠟⠁ ⠀⠀⢸⣿⣸⣿⣿⣿⣆⠙⢿⣷⡀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀ ⠀⢸⣿⣿⣿⣿⣿⣿⠀ ⠻⣿⡀ ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⣾⣿⣿⣿⣿⣿⣿⣆⠂⠀ ⠀⠀⠀⠀⠀⣼⣿⣿⣿⡿⣿⣿⣿⣿⡄⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⠀⢠⣿⣿⠿⠟⠀⠀⠻⣿⣿⡇⠀⠀⠀⠀ ⠀⠀⠀⢀⣾⡿⠃⠀⠀⠀ ⠀⠀⠘⢿⣿⡀⠀⠀⠀ ⠀⠀⣰⣿⡟⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢸⣿⣷⡀⠀⠀ ⠀⢠⣿⠟⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠻⣿⣧⠀⠀ ⢀⣿⠃⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠘⣿⣆⠀ ⢾⠇⠀⠀⠀⠀   ⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⠀⢸⣿⣷⡤. 🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🔐🔐🔐🔐🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🔐🌐🌐🔐🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🔐🌐🌐🔐🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🔐🔐🔐🔐🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮 🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮🧮    ╭━━━━━━━╮     ┃   ● ══  ▪️           ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃███████┃     ┃        🔘               ╰━━━━━━━ 🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑 🌑🌒🌕🌕🌘🌑🌒🌕🌕🌘🌑 🌑🌔🌕🌕🌕🌑🌕🌕🌕🌖🌑 🌑🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌑 🌑🌔🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌖🌑 🌑🌒🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌘🌑 🌑🌑🌒🌕🌕🌕🌕🌕🌘🌑🌑 🌑🌑🌑🌒🌕🌕🌕🌘🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌒🌕🌘🌑🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑 🌑🌒🌕🌕🌘🌑🌒🌕🌕🌘🌑 🌑🌔🌕🌕🌕🌑🌕🌕🌕🌖🌑 🌑🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌑 🌑🌔🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌖🌑 🌑🌒🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌕🌘🌑 🌑🌑🌒🌕🌕🌕🌕🌕🌘🌑🌑 🌑🌑🌑🌒🌕🌕🌕🌘🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌒🌕🌘🌑🌑🌑🌑 🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑🌑 Goo Click the Heart 😱😱👆🏼l ⇣            🌺🌺          🌺🌺🌺        🌺🌺🌺🌺      🌺🌺🌺🌺🌺    🌺🌺🌺🌺🌺🌺    🌺🌺🌺🌺🌺🌺       🌺🌺🌺🌺🌺           ☘🌺🌺☘                ☘☘               🎋                   🍃                  🎋              🍃🍃                  🎋          🍃🍃🍃                  🎋      🍃🍃🍃🍃                 🎋    🍃🍃🍃🍃                🎋🍃🍃🍃🍃🍃                 🎋🍃🍃🍃🍃                 🎋                 🎋 🎋 ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️OPEN⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜⬜⬜️️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️OPEN⬜️⬜️⬜️⬜️ ⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜⬜⬜️️⬜️        ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥         █        J O I N          █                   ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢        ◤◢◤◢◤◢◣◥◣◥◣◥         █        J O I N          █                   ◣◥◣◥◣◥◤◢◤◢◤◢ 👇 Click ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ ❌❌❌❌❌❌ 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 🎞▓C L I C K & J O I N ▓🎞 ☆ ☆ ☆ ☆ 🌑.°.● .  ☆ ●★:.¸. ●. ☆ . * ●.°☆ ☆. ☆●●● ★ *°☆. ☆ ●* ● 🌚 ●°☆. ☆● *° .°●☆●°°☆. .°● ★ * °☆.   .●¸.★°●☆. .● ★ °☆ ●.   .●*●°° ☆●. . * ¸★°☆ ●. . *●¸. ★° °●.   . ★ ° °☆★●. .○: . * .° °☆★ ° °☆  ¸..★¸ ● ★. .○★ . . . ★  ° °☆★ °☆ ¸. ● ★. .○° °☆ ¸. ● . ★°°★°☆ ☆ ● ★.  .○ °☆ . * ● ¸ .★ ★°°☆°★● ★. .○° :.  * •○ °★¸ ●★°°☆ .★●★. 👀👇 ⚠️ DON'T DELETE THIS MESSAGE  ⚠️ Ads @Oromoo_inspire ♨️ @Jireenya_jaalalaa 📚 Affeerraa Gaarii 🌄 + Subscribers Free Promoter 🎆 𝗛𝗢𝗣𝗘 𝗣𝗥𝗢𝗠𝗢 𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦  𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬/𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩s @Oromoon_Oromoof_PostBot Ads    • @hope_promo
Mostrar todo...
👍 6 6🥰 1😱 1
Muslimni bahaaf dhihaa Kan kaabaa fi kibbaa Kan jirtan halaala Warri bitaaf mirgaa 🌹 Warri hireen jireenyaa Isin baase biyyarraa Homaa hin yaadda'inaa Rabbi sin faana jira 🌹 Eid Mubarak jechuu Dagadheetii mitii Waa'ee keenya kanatu Waa nama irraanfachiifti 🌹 Waan hundaafuu garuu Baga naaf geessaniii Hundumti keessanuu Eid-mubarak jedhe Ayyaana gammachuu Isiniif haa ta'u Bakkuma jirtanuu Share & Join Us•                  💧 @Ergaa_Barreeffamaa
Mostrar todo...
4🥰 3👍 2
Of ta'i (be your self) "Of taatee dhalatte akka of taate beekte jiraachuuf, waanjoo ormaa jalaa ba'ii mul'ata kee faana bu'i" Ati gaafa dhalatuu suma mataa kee taateeti maaf tarsiimoo fi imaammata nama biraa hordofta.? Ati dhaloota hordofaa miti dhaloonni hordofan nama biraaf mitii ofiifiyyuu furmaata ta'uu hin danda'u, ofiifiyyuu furmaata barabaada Dhaloonni of ta'e addunyaaf furmaata kaayyoo itti dhalatte beekte, naannoo kee waliin hariiroo gaarii uumtee, fulduratii yoo aggaamte of ta'uun kee ifa fi bilisa. Yaa ilmoo namaa..! Eenyummaa kee beekii of ta'ii Tokkichaa gita hin qabne! Kennaa addaa addunyaa kanaati . Namni tokkoyyuu bakka si hin bu'u. Ati bakka biroo hin buutu erga akkas ta'e of ta'i of ta'i......! Namoota addunyaa kanarratti milkaa'ani namoota kaayyoo isaan irratti hanga lubbuu ofii laatanitti ga'an Ati garuu haala mijataafi hin mijanne keessa dhaabatte obsa maliif dhabdaree.? Namni of ta'an of danda’oodha, namni of ta'an humna guutuu qabu..! Atis akka kee...! Share & Join Us•                  💧 @Ergaa_Barreeffamaa
Mostrar todo...
👍 19
Namni Beekaan: 👅 Arraba xiqqaa! 👁 Ija guddaa fi 🦻 Gurra bal'aa qaba! Kana beektaayii ati? ~ 𝐖𝐢𝐬𝐞 𝐌𝐚𝐧 𝐇𝐚𝐬: 👅 𝐒𝐦𝐚𝐥𝐥 𝐓𝐨𝐮𝐧𝐠 👁 𝐁𝐢𝐠 𝐄𝐲𝐞 and 🦻 𝐖𝐢𝐝𝐞 𝐄𝐚𝐫. 𝐃𝐨 𝐲𝐨𝐮 𝐤𝐧𝐨𝐰 𝐭𝐡𝐨𝐬𝐞? ~ ጥበበኛ ሰው: 👅 ትንሽ ምላስ 👁 ትልቅ አይንና 🦻 ሰፊ ጆሮ አለው። እነዚያን ያውቃሉ? Share & Join Us•                  💧 @Ergaa_Barreeffamaa
Mostrar todo...
7👍 2
2
20) Jireenyakee hunda naamusaan hooggani. Kennuufi fudhachuu/ Giving and receiving / bari, wanti si biratti gatii hin qabne isa kaaniin akkanni gammachiisu hubadhu, yammuu isa kaaniif hiixattu, waaqnis siif hiixata. Kanaaf kennuu, arjoomuu, nama dinqisiifachuu, jajjabeessuu, shaakali. 21) Keessookee dhaggeeffadhu, Follow your heart/ Nama kabajni maluuf kabaja kenni, /Give due honor /angafakee, maatiikee, dursaakeefi nama hunda kabaji, yeroo hunda waaqakee kadhu/ pray seriously / akka amantaakeetiitti yeroo hunda kadhadhu. Namoota waaqa hin kadhanne caalaa warri kadhatan jireenya gammachuufi milkaa'ina qabu akka jiraatan hin dagatiin. 22) seenaa gaarii hojjedhu,/ Make history leave legacy / biyya keetiif, maatii keetiif, dhaloota itti aanuuf seenaa hojjechuu yoo dadhabdellee dhalakeetiif seenaa gaarii kaa'i jedhu hayyoonni. Via Orooliyaanaa Margaa https://t.me/sooratasammuuargaachuuf @WABIISG
Mostrar todo...
👍 18 1
“Jireenya milkaa'aa jiraachuuf qajeeltoowwan jireenyaa sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha!”......jedhu hayyoonni. 1) Inni jalqabaa of simachuu /self acceptance / seenaafi muuxxannoo gaarii qofa osoo hin taane seenaafi mudannoo jireenyaa gaarii hin taanellee simachuun barbaachisaadha. Maatii sooressa yookiin hiyyeessa keessa dhalachuu dandeessa. Umamnikee adii yookiin gurraacha, dheeraa yookiin gabaabaa, bareedaa yookiin fokkisaa ta'uu mala. Eenyummaakee kana amanii fudhu. Namoonni tokko tokko eenyummaasanii simachuu yookiin fudhachuu hin barbaadanii jedhu hayyuun falaasamaafi xiinsammuu. Kanaaf eenyummaasanii waliin falmaa jiraatu. Eenyummaa ofii amananii fudhachuun ofitti amanamummaakee akka dabalu hin dagatin. 2) Inni biraan kaayyoo jireenyaaf jiraachuu dha/ Living for life purpose/ jedhu hayyoonni. Ilmi namaa kaayyoo itti jiraatuuf qaba. Waan keessikee barbaadu, waan si gammachiisu qabaachuu dandeessa. ammaaf argachuu dhabuu dandeessa. Haata'u malee waan hawwitu sana argachuuf, bira gahuuf carraaquu qabda. Kaayyoo jireenyaafi sababa itti jiraattu wallaaluu hin qabdu jedhu hayyoonni. 3) Dorgommii hin taaneerraa fagaachuun /Avoiding competition/ barbaachisaa ta'uu hayyoonni ni gorsu. Namni ofiin malee isa kaaniin dorgomuu hin qabu, Namoonni si caalaa qabeenya, beekumsa qabaachuu malu. Atimmoo waan namoonni kaan hin qabne qabaachuu dandeessa. Waan of harkaa qabdutti gammaduu, waan si hanqate argachuufimmoo hojjechuutu sirraa eegama. Yoo namaan dorgomte gammachuu argachuu hin dandeessu waan ta'eef. 4) Inni biraan ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuudha. Yeroo hunda hamaa yookiin jallina yaadda yoo ta'e gammachuu argachuu hin dandeessu. Guyyaan har'aa gaariidha jettee yaaduu dandeenyaan gaarii ta'a. Hammeenya namaa ilaaluu dhiistee, gaarummaa namaa yaadda taanaanis akkuma kana. Waa hunda jallinaan yaadda yookiin ija hammeenyaan ilaalta taanaan/ Negative thinking / qabaannaan waa hundi akkuma ati yaadde ta'a. Ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuu hin dandeessu. 5) Yeroo hunda barachuuf eeyyamamoo / Being Willing to learn / ta'uunis gaariidha jedhu hayyoonni. Yeroo hunda dubbisuu, gaafachuu, hubachuun sirraa eegama. Yerookee waan hin malleen dabrsuu hin qabdu. Guyyaa guyyaan waan haaraa baruuf yaalii cimaa ni taasifta taanaan jireenyakee fooyyessuufi guddisuu dandeessa. 6) Inni biraan qaroominaan fuula duratti imaluu / walking with Wisdom/ qabda jedhu hayyoonni. Qaroominni /wisdom/ beekumsarraa adda ta’uu hubadhu. Akkamitti akka jiraattu, akkamiin rakkoo akka furtu, hojii milkaa'aa akkamitti hojjechuu akka dandeessu si barsiisa. Qaroomina /wisdom/ qabda taanaan diinakee yookiin nama ilaalcha gaarii siif hin qabne, qajeelchuu, sirreessuufi amansiisuu dandeessa. Ittiin morkataa jiraachuurraa yaadasaa jijjiiruu dandeenyaan nagaan jiraachuu dandeessa. Qaroomina hin qabdu taanaan garuu waa hunda waliin morkataa jiraatta. 7) Dandeettii yookiin beekumsa addaa / Being intelligent / qabaachuunis gaariidha jedhu hayyoonni. Dandeettii yookiin beekumsi addaa barumsa idilee/ Conventional/ irraa argamuu danda’a. Dandeettii miira ofii to'achuu /emotional intelligent/ qabaachuun barbaachisaadha. namoota kaan waliin hariiroo gaarii/ Cultural intelligent qabaachuunis akkuma kana. 8) Beekmsa saayinsawaa, amantaafi aadaa qabaachuu dandeessa, miirakee hin to'attu taanaan beekumsa qabaachuunkee gatii hin qabu jedhu beektonni. Maatii firaafi hawaasa waliinis hariiroo gaarii qabaachuu qabda. Hin qabdu taanaan beekumsikee qofti bu'aa hin qabu. Namoonni beekumsa/ hubannoo/ saayinsawaa, amantaa fi aadaa qaban tokko tokko gocha hin malle wayita raawwataniifi jecha hin malle wayita dubbatan ni taajjabna. Namoonni kunneen hawaasaa waliin hariiroo gaarii hin qabani. 9) Namoota yakka hojjetanii, mana sirreessaa jiran ilaaluu dandeenya. Yeroo muraasaaf miira isaanii to'achuu dadhabaniitu harka gaabbiifi hidhaatti kufanii jiru. Kanaaf miira ofii to'achuun murteessaadha jedhu hayyoonni.
Mostrar todo...
👍 2 2🔥 1
10) Haala salphaan namatti qabamuufi aaruun /Taking no offence easily / barbaachisaa miti jedhu hayyoonni. Namoonni sababa garaa garaan si miidhuu, sitti darbuufi si arrabsuu danda'u. Haala salphaa ta'een dhimma sanatti qabamuun, gadduun, miira keessa galanii aaruufi of jeequun barbaachisaa miti. Namoonni si aarsan heddummaachuu danda'u, kanaafuu nama meeqatti aartee, gubattee dandeessa jedhu hayyoonni. Kanaafuu itti hin qabamiin, kolfii bira darbi. 11) Akka hayyoonni jedhanitti jireenya galateeffannaa qabu / Leading life with gratitude / jiraachuunis murteessaadha. Fayyaafi nageenya qabaannaan isaatti gammaddi, waan of harkaa qabdutti, ooltee buluukeetti galateeffadhu. gammadii jiraadhu jedhu. Waan si hanqatetti gaddaa, of dhiphisaa jiraachuurraa waan of harkaa qabdutti galateeffachaa jiraachuutu siif mala. 12) Jireenyakee keessatti waan gaarii /Going for the best/ barbaadi jedhu hayyoonni. Waaqa yoo kadhatu waanuma xiqqaa hin kadhatiin. Isa guddaa eenyuuf dhiista? Addunyaan kun waa hedduu of keessaa qabdi, fageessii yaadi, mul'ata fagoo, karoora hiixataa qabaadhu. 13) Jireenyakee keessatti yeroo eeggadhu /Understand the timing / jedhu hayyoonni. Dursuunis, boodatti hafuunis gaarii miti. Yeroodhumsaatti waa raawwachuun gaariidha. Waan hojjechuuf karoorsite tokko yeroonsaa ammaa? jedhiitii of gaafadhu, waa hundi ammuma raawwachuu qaba ejjennoo jedhu qabaachuunis gaarii miti jedhu hayyoonni. 14) Waan jijjiiruu yookiin sirreessuu hin dandeenye tokko ittiin hin falmiin, amanii fudhu/ accept what you can't change/ jedhu hayyoonni. Namoonni tokko tokko waan jijjiiruufi sirreessuu hin dandeenyeen waggaa dheeraa of dhiphisaa, gaddaa jiraatu. Waan dhabdetti, waan si harkaa ba'etti, waan deebi'ee hin argamnetti yeroo dheeraaf of dhiphisaa jiraachuun barbaachisaa miti. jijjiiruun akka hin danda'amne of amansiisanii jireenya ofii jiraachuun murteessaadha jedhu hayyoonni kunneen. Waan hin deebineef waan of harkaa dhaban dhabuun, fayyaafi nagaa of dhorkuun gaarii miti. 15) Iddoo itti loltu filadhu / Chose your wars/ jedhu hayyoonni. Jireenyakee keessatti, bakka hojiitti yookiin hawaasa waliin jiraattu keessatti yeroo hunda waldhabaa, walwaraanaa jiraachuu hin qabdu. Hanga yoomiitti namoota ittiin waldhabde waliin wal waraanaa jiraatta? Umuriikee guutuu waldhabaa jiraachuurraa mo'amiif jedhu hayyoonni. Kanaanis nagaafi gammachuu argatta. Namoonni yeroo hunda namaa biraa waliin waldhabaa, walwaraanaa oolani fayyaafi nageenya sammuu akka hin qabne hin dagatiin. Waan sin galchine keessa hin galiin. Yeroo hunda waan siin hin ilaallanne keessa galta taanaan nagaan jiraachuu hin dandeessu. Kanaaf waraanakee fildhu. 16) Dhiifama godhi, haaloo hin qabatiin/ Forgiving all and avoiding vengeance/jedhu hayyoonni. Haaloo qabdee jiraatta, dhiifama hin gootu taanaan carraa dhibeewwan garaa garaatiin qabamuu babal'ifataa akka jirtu hin dagatiin. Dhiphina cimaa keessa galtee umuriikee gabaabsaa akka jirtus. Haaloo qabatanii dhukubsataa jiraachuurraa, dhiifama godhanii nagaan jiraachuutu filatamaadha. 17) Jireenyi qormaataan waan guutamteef qormaata addaa addaa dandamadhu/ perserve in suffering /jiraadhu, gammachuufi boqonnaa qulqulluu/pure joy and rest/ filadhu, gammachuun argadha jettee araada garaa garaa hin fayyadamiin. 18) Miidhagina keessoof/ Value inner beauty / gatii olaanaa kenni, namoonni miidhagina keessoof osoo hin taane miidhagina alaa mul'atuuf maallaqa hedduu akka dhangalaasan hin dagatiin. Miidhaginni dhugaan keessoo namaa jira. Miidhaginni kunis naamusa gaarii qabaachuudha jedhu hayyoonni. 19) Nama hin tuffatiin, ofis hin tuuliin, amalaafi naamuusa gaarii qabaadhu, / being humble and not despising others/ nama kabaji, nama ifachuuf, xiqqeessuufi salphisuuf hin yaaliin. Jireenyakee keessatti naamusa gaarii/ being disciplined in life/ qabaadhu, namoonni milkaa'an harki caalaan naamusa gaarii akka qaban ragaaleen ni ibsu, kanaaf naamusaan jiraadhu.
Mostrar todo...
👍 8 1