cookie

Utilizamos cookies para mejorar tu experiencia de navegación. Al hacer clic en "Aceptar todo", aceptas el uso de cookies.

avatar

Fezekir short dawa

Wal haayadachisnu

Mostrar más
Finlandia2 080El idioma no está especificadoReligión y espiritualidad85 339
Publicaciones publicitarias
314
Suscriptores
Sin datos24 horas
Sin datos7 días
-130 días

Carga de datos en curso...

Tasa de crecimiento de suscriptores

Carga de datos en curso...

#Jaarsi_kee_si_jibbaa____? ✍Abbaan manaa kee hanga fedhes si jaalatu, amaloota armaan gadii kana ati qabaannaan inuma sin jaalanne. Isaanis: 1) Komii fi himannaa heedumeysu 2) Shakkii heddummeessuu, 3) Dogoggora isaa yeroo hunda irra deddeebi'anii yaadachiisuu, 4) Dhiira biraatiin wal bira qabdee madaaluu, 5) kijiba irra heeduun isaani haala kana akka amalaati qaban haala kanaan abbaa mana jabbeeyfanna ja.anii yaadan garuu haalli kun yoo isirraa isa fageeyse malee gama isiitti hindhiyeesu hanga yeroo xiqqo takkaaf gochoota shanan asii olii kanaan kan waa sirreeysite sitti fakaata garuu adeemsa keeysa hundee jaalala teeysani buqisaa akka jirtu hindagatin tanaafu tesgabbiidhaan abbaa mana keeti illima jaalalatin akkaata itti qabdu atu nibeeyta gochoota kanarraa if fageeysi bultiinte utubaan isii siif jabaatis siif bareedis Hadiisaa fi gorsoota adda addaa link asiin gadii lamaan kana join godhudhaan irraa fayadama JZK                 👇page https://t.me/burqa7359                  👇group https://t.me/burqa735959
Mostrar todo...
WANTI SHAN WAA SHANIIN TOLTI !!! •••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1: Jireenyi Fayyaa Waliin Tola 2: Bareedinni Haala Gaariin Tola 3: Hirriibni Yaada Gaariin Tola 4: Imaltuu Deemuun Saahiba Gaarii Wajjiin Tolti 5: Halkan Zikrii Rabbiitiin Tola 1: Namni fayyaa hin qabne, hanga fedhe Qabeenya qabaatuus jireenya Gammachuu waa hin jiraatu, qabeenyuma Qabu saniinuu fayyaa bitachuu hin dandahu, fayyaan jireenya namaaf bareechiti. Rabbi fayyaa Nuuf Kannee umrii Nu Haa dheereessu. Dhukkubusataa keenya hunda rabbi nuuf haa fayyisu. 2: Hanga feete bareedduus amala gaarii yoo hin qabaanne bareedinni kee hin mullatu, bareeddee amala badaa qabaachuu irra fokkottee amala gaarii qabaachuutu caala, Kanaaf Rabbi haalaa fii amala akkasumaas akhlaaqaa fii khuluqa keenya nu haa tolchu. 3: Yoo yaada gaarii qabaatte qalbiin tee gammaddee hirriiba nagayaa rafti, yaadni sitti jiraannaan ammoo hirriibni hin jiru. Kanaaf Rabbi yaada nurraa Qabee hirriiba Nagaya Nu Haa raffisu. 4: Saahibni gaariin imaltuu yoo si wajjiin deeme karaa dheeraa sirraa gabaabsa, si buhaarsee dadhabbii si irraanfachiisa, nashaaxa siif kannee akka bakka tilmaamte geeysu si taasisa. Tanaafuu Rabbiin hiriyaa gaarii nuuf haa Kannu. 5: Halkan bareedinni isaa yoo zikrii Rabbiitiin dabarsite sitti Tola, zikriin halkanii iimaana kee bareechitee Guyyaa guutuu akka nashaaxaan ooltu si Taasisuu, Rabbii keetitti akkaan si dhiheeysiti, dhiirti jajjabduun Rabbiin iimaanaan isaan faaye Halkan keessa kahaniiti Rabbii isaanii wajjiin haasawaa bulan. Yaa Rabbi nutiis Warra Galgala kahee si zakkaree si shakkaru Nu taasisi. https://t.me/burqa7359
Mostrar todo...
nadhagay Hundi keenya ni dogoggorra. Dogoggora sanirraa ammoo dafnee toowbachuu qabna. Towbaa boruuf bulfachuun hin barbaachisu. Hagam akka turru wanti nutti himame hin jiru. Yoo waan akkanaa arkadheen toowbadha amma waan akkanaatin busy tahe jira ifiin jettee toowbaa boodaaf karoorfatte jirta taanaan, sheeyxanatu sitti hasaasaa jira jechuudha. Waswaasa isaatii bakka hin kenniniif. Yaadadhu: Sheeyxaanni yeroo lama nama miidha, Jalqaba qixaata irraanfachiisee badii nama daleeysiisa, eegas waan towbaan kee hin qeebalmnee abdii si kutachiise toowbaa sitti dheressa. Akka sheeyxaanni boolla keessaa bahuun nama dhibu keeysa sinaquuf carraa hin kennin. Badiin daleeyde hagamuu heedumaatu yeroo hunda Rabbi toowbaa sirraa qeebaluuf qophiidha. Yeroo hunda natti deebi’i ja.ee sitti hime jira Kanaafuu ulaagaa tarreessuu dhiisii, Towbaa kee dursi. Wanti ati yaadde hundi san booda sii guutti. Hadiisaa fi gorsoota adda addaa link asiin gadii lamaan kana join godhudhaan irraa fayadama JZK                 👇page https://t.me/burqa7359                  👇group https://t.me/burqa735959
Mostrar todo...
An kan hedduu na dhibe gaafa namni rafu Warra ka'ee salaatu, halkan guutuu dhaabbiin dabarsu ka guyyaa qiyaamaa Gaafa Mowlaan maaliif qaaxiraa bultan jedhee Isaan gaafatu deebii qaban kana Osoo hin taane. Warra halkan guutuu Walitti haasawee qaaxiraa bulaa oolu Sun guyyaa qiyaamaa Gaafa Mowlaan Isaan gaafatu maal jedhanii akka deebisantu baay'ee na dhibe. Yaa Obboleeyyan aakhiraadhaa Bakka Jirtaniif haala hunda keessatti Rabbiin Na quba qabaa jedhaatii Guyyaa Qiyaamaa akka gaafatamnu yaadadhaatii Waan gari garii firraa dhiisaa Hadiisaa fi gorsoota adda addaa link asiin gadii lamaan kana join godhudhaan irraa fayadama JZK                 👇page https://t.me/burqa7359                  👇group https://t.me/burqa735959
Mostrar todo...
➲Hanga feete of babbareechi Hamma feete uffata bareedaa uffadhu Hanga feete waan urgaawaa dibadhuutii if urgeessi Haalaafi Amallikee yoo hintollee gubbaa ke  if babbareechuunkee sibareechuu hindanda'u irra bareedaan wanni duniyaa kanarratti ilmi namaa ittiin bareeduu Akhlaaqa gaarii (haalaafi amala bareedaa qabaachuudha)✅ Rasuulliﷺ (irra hedduun wanni ilmi namaa ittiin jannata seenuu: Sodaa Rabbiitiifi Amala bareedaa qabaachuudha) ja.an Rabbi rahmata isaatin akhlaaqa nutolche warra jennata adunyaatifi jenata aakhiraa arkatu nuhaagodhu 🤲🤲🤲🤲🤲 Hadiisaa fi gorsoota adda addaa link asiin gadii lamaan kana join godhudhaan irraa fayadama JZK                 👇page https://t.me/burqa7359                  👇group https://t.me/burqa735959
Mostrar todo...
Beekhi Yaa Gabricha Rabbii Sheeyxaanni Sitti Dhufa Hoggaa Ati Waan kheeyrii dalaguu barbaadde Osoo Dhufeetuma Usee Khan Afaaniin Hin Dubbanne Wayyaadhaamii, Akkana Siin Jechuun Si Jeeqa. Bar Ati Wanni Dalagaa Kheeyrii Daleeyduuf Namni Haa Naaf Arkuuf Dalagu jirta Siin Ja'ee Yaada Khee Si Harkaa Laaquu Barbaada, Obboleeysa Khoo Dalagaa Kheeyrii Hoggaa Dalagu Jirtu Waswaasa Sheeyxaanaa Khana Hin Millatin (Laalin) Jechuun Siif Dhaama. Gurra khanniteefii Qaalii Isaa Gootee Kheeyriirraa If Duuba Hin Deebi'in Osoo Marraa Dhibba Siin Jechaa Oolellee. Ati Yaroo San If Gaafadhu An Haa Naaf Arkaniif (Haa Naaf Dhagayaniif) Hojjachuttiin Jiraa Ji'ii, Deebiis Ifumaaf Ifiif Deebisi Lakkii Hojjachutti Hin Jiru Ji'ii Deebisaa Ifiif Kanni Khun Waswaasa Sheeyxaanaa Tahuu Lubbuu Tee Hubachiisi. Ani Khaniin Hojjadhuuf Rabbii Khoo Itti Gammachiisuufiin Hojjachaa Jiraa Lubbuu Tee Hubachiisi. Dalaguma Fedheehuu Haa Tahuu. Hadiisaa fi gorsoota adda addaa link asiin gadii lamaan kana join godhudhaan irraa fayadama JZK                 👇page https://t.me/burqa7359                  👇group https://t.me/burqa735959
Mostrar todo...
_DHAAMSA SHAN "5" ERGAMAA*_ RABBIITIRRAA💞[ﷺ ]💞 Heddduuuu si fayadaati dubisii share godhi Gaaf tokko "Rasuulli "Rabbii {ﷺ}sahaabaa isaatiin wajjiin osoo taa'utti jiruu akkana ja'een_ mee eenyuutu isin keessaa jacha kana narraa fudhatee itti dalaga [hojitti hiika] takkaa jacha kiyya kana narraa fuudhee nama itti dalagu barsiisa_ Hugguu kana "Abuu hureeyraan [R.A] isaan keessaa anaatuu sirraa barachuu barbaada yaa ergamaa Rabbii ja'een_ Hugguu kana "Rasuulli Sallalahu Aleyhi wosallam harka [abuu hureeyraa] qabee waa shan👉 "5" lakkaawee itti hime_ 1~Daangaa RABBII eeggadhu tiiyfadhu nama haalaan RABBI gabbaru taata 2~waan RABBIIN siif qoodee [siif murteeyse] jaaladhu irra dureeysa namaa taataa_ 3~Ollaa keetiif tola oli [gaarii itti dalagi] nama dhugaan iimaana qabu [mu'umina] taata 4~Waan lubbuu teetiin jaalattu namaaniis jaaladhu nama qaalii RABBII jala butame [muslima] taata 5~Hedduu kofla hin baayyisin hedduu kofla baayyisuun qalbii ajjeeftii je'anin YAA RABBI WARRA DHAAMSA RASUULAA👉 ( ﷺ) 💝 HUJITTI HIIKEE ADDUNYAA FI AAKHIRATTI MILKII GAARII ARGATE NU TAASISUU amiiin amiin amiin Hadiisaa fi gorsoota adda addaa link asiin gadii lamaan kana join godhudhaan irraa fayadama JZK                 👇page https://t.me/burqa7359                  👇group https://t.me/burqa735959
Mostrar todo...
#Sahl Ibn Abdullah akkana jedha: "Wanta irraa dhoorkaman hojjachuu caalaa wanta itti ajajaman dhiisuun Rabbiin biratti badii guddaadha. Sababni isaas, Aadam muka nyaachu irraa ni dhoorkame, garuu ni nyaate. Egas Rabbiin akka tawbatu isa taasisee tawbaa isaa isarraa qeebale. Ibliis immoo Aadamiif akka sujuudu ni ajajame, garuu sujuudu ni dide, Rabbiin akka tawbatu isa hin taasisne." Kuni dhimma heedu xinxalamu qabaachu qabnu waan Rabbiin dhoorke dhiisu caalaa wanta Inni ajaje dhiisun Isa biratti badii guddaadha. Kunis karaa adda addaatin mirkaanaa'u danda'a: -Dhimma Aadamii fi Iblis ilaalchisee wanta Sahl dubbate -Yeroo heedu maddi wanta Rabbiin dhorke hojjachuu fedhii lubbuu fi haajaadha. Wanta Inni itti ajaje dhiisun yeroo heeduu maddi isaa of-tuulu fi of-guddisuudha Wanta itti ajajaman hojjachuun soora faaya, qananii fi gammachuu qalbiiti. Wanta itti ajajaman osoo hin hojjatin wanta irraa dhoorkaman dhiisu qofaan homaa hin arkamu Hadiisaa fi gorsoota adda addaa link asiin gadii lamaan kana join godhudhaan irraa fayadama JZK                 👇page https://t.me/burqa7359                  👇group https://t.me/burqa735959
Mostrar todo...
WAA AFUR RABBIIN NUUF HAA KENNU !!! ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• 1: iimaana Sabaata Qabu 2: Rizqii Barakhaa Qabdu 3: Umrii Barakhaa Qabdu 4: Saahiba Haala Gaarii Qabu • Nama Afur Garaa Itti Hin Jabaatin 1: Yatiima 2: Hiyyeessa 3: Dhukkubsataa 4: Daa’ima • Waa Afur Rabbiin Isiniif Haa Laaffisu 1: Ibaadaa Hojjachuu 2: Diliirraa Toowbachuu 3: Laaftutti Tujjaaruu 4: Rakkataa Gargaaruu Yaa Rabbi Wantoota asii olitti irraa dubbanne kana hunda isii nuuf laaffisi Hadiisaa fi gorsoota adda addaa link asiin gadii lamaan kana join godhudhaan irraa fayadama JZK                 👇page https://t.me/burqa7359                  👇group https://t.me/burqa735959
Mostrar todo...
Nama tokko jaalattee jaalattee ifitti himtee if amansiistee isa/isii malee jiraachuu hin dandahu jettee ofumaaf murteeyfatta. Rabbiin garuu waan ati murteeysiteen faallaa murteeysee si fattana. Nama saniin adda baatee akka jiraachuu dandeeysu si agarsiisa. Garuu hoggaa dura balaan sun sitti buutu abadan hin dandahamu jettee waywaatuu keetiitu mala. Akkaatuma amalaa fii sabrii namaa wal dhabduun waywaachi wal dhaba. Duniyaa tanarra abbaa fedhe san isa/isii malee jiraachuu hin dandahu jettee hin yaadin. Rabbiin qadara isaa qabaa abbaa fedhe saniin adda na baasa ja'ii if amansiisii jiraadhu gaafa musiibaan adda bahinsaa dhufte siif laafa. Namni ati adda baatuun jaartii/jaarsa tahuu dandaha, Ilmoo tee ykn haadhaa fii abbaa kee tahuu dandaha, waahila kee tahuu dandaha, hunda isaaniitiin gaafa tokko adda ni baata yoo jireenyaan adda hin baane du'aan adda baata. Jireenya dhugaa jiraadhu. Dhugaa ifitti himanii jiraachuun gadda adda bahinsaa namarraa salphisa Hadiisaa fi gorsoota adda addaa link asiin gadii lamaan kana join godhudhaan irraa fayadama JZK                 👇page https://t.me/burqa7359                  👇group https://t.me/burqa735959
Mostrar todo...
Elige un Plan Diferente

Tu plan actual sólo permite el análisis de 5 canales. Para obtener más, elige otro plan.